Friday, September 26, 2014

Ayyaana Masqalaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon!
Baga Ayyaana Masqalaa ykn Fannoo Gooftaatiin isin gahe!


“Fannoon humna keenyadha…warri Yihudootaa ni ganu nuti garuu itti amanna warri itti amannus ni fayyina fayyineerras.” Kadhata yeroo hundaa
Fannoon lolli Waaqayyoo fi nama gidduu ture kan ittiin diigame, nagaan dhala namarraa fudhatamee ture kan itti deebi’e, uumaa isaa wajjinis kan ittiin araaramedha. “Kiristoos nagaa keenya waan ta’eef; innis girgiddaa lolaa isa gargar nama baasu sana diigee jara lamaanuu tokko godheera. Innis ajaja seeraa sirna isaa waliin foon isaatiin cabseera; kaayyoon isaas jara lamaan keessaa ofuma isaatiin nama haaraa tokko uumee nagaa buusuufi. Qaama tokkicha kanaanis karaa fannoo inni lola isaanii ittiin ajjeese sanaan lamaan isaaniiyyuu Waaqayyotti araarse. Innis dhufee isin warra fagoo turtanitti nagaa, warra dhiyoo turanittis nagaa lallabe.” Efe 2:14-17.
Fannoon obsaa fi hanga dhumaatti keessa bahuu nama barsiisa. Gooftaan keenya deemsa gara fannootti godheen dhiphinaa fi gidiraa guddaa irra geessisaniiru, arrabsaniiru, hancufa isaanii isa xuraawaa itti tufaniiru, lafatti daddarbachaa kuffisaniiru, dhumarrattis gara laafina tokko malee fannisaniiru. Waan hunda caalaa kan nama gaddisiisu erga fannisanii booda nan dheebodhe yommuu jedhu, du’uun isaa hin oolu jedhanii xinnooseellee otoo hin gaddiifiin hadhooftuu akka dhuguuf kennaniif. Gidiraa fi dhiphina kana keessa ta’ee garuu homaa isaaniin hin jenne, isaanittis hin dheekkamne. Kunis nuuf barumsadha. “Kan waamamtan kanaaf waan ta’eef, Kiristoos immoo barbaachasaa akka duukaa buutan fakkeenya isinii dhiisee isiniif gidiraa fudhateerahoo. Innis cubbuu homaa hin dalagne, hammeenyis afaan isaa keessaa hin baane, yommuu isa arrabsan deebisee isaan hin arrabsine, yommuu gidiraa fudhatus hin dheekkamne.” 1Pheex 2:21-23.
Gooftaan keenya maaliif Fannoorratti fannifame?
1.        Du’a shaaruuf jecha – warra Yihudootaa biratti fannoorratti namni fannifamu kan abaarame ture (K.Deeb. 21:22, Gal. 3:13). Gooftaan keenyas Addaamii fi dhaloota isa booda dhufan hundarratti du’a dhufe (Uma 2:17) sana shaaruuf jedhee balleessaa Addaam balleessaa isaa godhee fannoorratti du’e, du’a moo’ee ka’uunis dhala namaa hunda birmaduu baase.
2.         Jaalala isaa ibsuuf – Waaqayyoon uumama hundarraa adda godhee kabajee sadarkaa aangoo uumaadhaa gaditti uumamaan olitti dhala namaaf kennee ture. Haa ta’u malee, dhalli namaa balleessaa hojjechuusaatiin uumamni iddoo hin seennetti si’ool keessatti kufe. Sababa kanaanis bineensota yaaduu fi dubbachuu hin dandeenyee gadillee ta’ee argame. Waaqayyoonis jaalala dhala namaaf qabu ibsuuf jedhee akka nama yakka guddaa hojjeteetti lakkaa’amee du’a warri abaarame du’an du’e. Kanaanis dhala namaa lafa itti kufeetii kaasuuf jedhee fannoorratti fannifamee hangam akka qaana’eefii nutti agarsiise.
3.        Ogummaa warra ogeessa ofiin jedhanii fashaleessuuf – Waaqayyoon hojii ajaa’ibsiisaa isaa kan raawwatu namoonni karaa hin eegnee fi hin yaadne, karaa tuffatanii fi xinnoo godhanii yaadaniitiini dha. Cimoota warri ofiin jedhan akkuma godhan du’a moo’uuf jecha eeboo fi gaachana, loltuu fi meeshaa waraanaa gurguddaan isa hin barbaachisne. Nuti ogeessota warri ofiin jedhan akkuma godhan ekeraa waamuun qaalluu faraduun isa hin barbaachisne. Humnaa fi ogummaa seexanaa shaaruuf jedhee karaa namni hin eegne du’a fannoo du’uu jaalate. “Waaqayyoon ogummaa biyya lafaa kana gowwummaa akka ta’u hin goonee? akkuma jedhe duuka bu’ichi Phaawuloos. 1Qor 1:21.
4.        Raajiin dubbatame akka raawwatamuuf – Sabni Israa’el gara Kana’aanitti otoo deemaa jiranii Waaqayyorratti gumgummii kaasaniin Waaqayyoon bofa ummata kanatti ergee isaan hiddisiise. Booda garuu gaabbanii gara Waaqayyootti yommuu deebi’an “Bofa meetii irraa hojjedhuutii mukarratti fannisi. Warri hiddame hunduu yommuu isa argan ni jiraatu.” jedhee Waaqayyoon Museedhaan ajaje. Bofni meetii sunis saba Israa’elirratti dheekkamsa dhufeef sababa fayyinaa ta’eef. Lakk. 21:1-9. Kuni raajii fakkeenyaati. Bofichi meetii sun yakka ofii hin hojjenneef yakka ummata sanaaf jedhee akkuma fannifame bara boodaas Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos inni qoricha addunyaa ta’e, balleessaa ofii otoo hin qabaatiin balleessaa dhala namaa hunda kansaa godhee mukarratti fannifamee dhala namaa du’a bara baraa jalaa fayyisee jireenya kenneef. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos bofichi meetii Museen lafa onaa sana keessatti fannise sun fakkeenya isaa akka ture yommuu ibsu “Museen lafa onaa keessatti boficha meetii sana akkuma fannise akkasuma namni isatti amanu hunduu jireenya bara baraa akka argatuuf malee akka hin badneef ilmi namaa fannifamuun isaaf ta’a.” Yoh 3:14.
5.        Araara buusuuf – warri samiirraa fi warri lafa kanarraa wallolanii amantootnii fi warri hin amanne adda bahanii jiraachaa turan. Warra samiirraa fi lafarraa walitti araarsuuf jedhe lafarraa xiqqoo olsiqee, samiirraa gadi bu’ee gidduutti fannifame. Kunis karaa isaatiin gara samiitti akka gallu karaa nuuf banuu isaa nu gammachiisuuf jedheetu. Warri dur saba Waaqayyoo jedhamanii fi hin jedhamnes wangeelaan tokko akka ta’aniif harka isaa gara mirgaa fi bitaatti diriirsee fannifame (Hayyicha Atinaatewoos).
6.        Ogummaa seexanaa diiguuf - seexanni Addaamii fi Hewaaniin mukaan firii mukaa nyaachisee akkuma Gannataa isaan baase, ogummaasaa kana diiguuf ilmi Abbaa ilmi Maariyaamii mukarratti fannifame. Ogummaan seexanaas diigame.
Manni kiristaanaa Ortodooksii Tawaahidoos kana sababeeffachuudhaan jaalala fannoo Gooftaa keenyaa irraa qabdu ibsuu fi amantootni eebba fannoo irraa akka hirmaataniif sirnoota adda adddaan fannoon akka kabajamu gooti.
1.        Dhungachuudhaan – fannoo dhungachuun ykn salaamfachuun eebba fannoo sanaarraa hirmaachuu fi fannoo sanaaf jaalala qabnu kan ittiin ibsinudha. Fannoo sana jaalachuunis fannicha irratti isa fannifame fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin jaalachuu jechuudha.
2.        Eebbisuudhaan - fannoon humna qaba. Seexanni kan ittiin moo’ame, karri si’ool cufaamee karri Gannataa kan ittiin baname, achirratti foonsaa cabsee dhiiga isaa dhangalaasee waan ta’eef wantoota hafan hunda ni eebbisa. Bara durii abbaan keenya qulqulluun Yaa’iqoob ijoollee Yooseef lamaan Efreemii fi Minaaseedhaan yommuu eebbisu harka isaa bifa fannootiin mallatteessee ture (Uma 48:12-14). Kunis bara boodaa immoo ifatti mul’atee namoota eebbisuu isaati. Kanaafis nuti warri kakuu haaraa keessa jiraannu fannoo Gooftaatiin waan hundumaa eebbifanna.
3.        Mallatteeffachuudhaan - quba harka keenyaatiin gubbaa adda keenyaa qabnee qaama keenya hundumaa mallattoo fannootiin ni mallatteeffanna. Fannoon humna akkuma qabu, humna keenyas akka ta’e nutis mallattoo fannootiin mallatteeffannee diina keenya isa ta’e seexana ni moona ni qaanessinas.
4.        Mormatti hidhachuutiin – fannoo Gooftaa mormatti hidhachuu jechuun amantaan amane kanatti jaalala Kiristoosiif jedheen morma koo nan kenna jechuu dha.  Karaa kan biraa hadaraa eeguu jechuudha. Ogeessichi Solomoon “Yaa mucaakoo ajaja abbaa kee eegi seera haadha kees hin dhiisiin yeroo hunda laphee keetti qabadhu mormakeettis hidhadhu.” Fakk. 6:20-21 jechuudhaan kan dubbates kanuma ibsuufidha.
5.        Dhugaa bahuudhaan – kiristaanotaaf akka mallattootti kan kennaman wantooti lama jiru isaanis fannoo Gooftaa fi haadha Gooftaa dubree Maariyaamiidha. Faar. 59:41, Isa 7:13. Kanaafuu, fannoon kan ittiin boonnu alaabaa bilisummaa keenyaa iddoo fi yeroon otoo nu hin murteessiin lallabna ibsina ormaafis beeksisna.
6.        Ayyaana isaa kabajuun - mana kirsitaanaa Itoophiyaatti sirna ho’aadhaan ayyaanota kabajaman keessaa ayyaanni Fannoo ykn Masqalaa isa tokkodha. Safartuu ykn qannoonaa mana kiristaanaa bu’uureffachuun ayyaanni Fannoo ykn Masqalaa waggaatti si’a lama kabajama. Inni jalqabaa mootittii Illeeniin (255-335 B.Ar) waggaa 300 oliif Yihudoonni awwaalanii kan turan fannoon gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos akka bahuuf qotuun kan itti jalqabame Fulbaana 17 yommuu ta’u, inni lammaffaan immoo qotamee guyyaa itti bahe fi erga Faarsootaan booji’amee booda mooticha Roomaa Hirqaaliin bara 628 B.Ar tti gara Iyyarusaalemitti guyyaa deebi’e Bitootessa 10 dha.
Ayyaanni Masqalaa yommuu kabajamu karaa aadaan bareedee fi ho’ee kabajamuu isaarra darbeeyyuu kabajni ayyaana kanaa akkamitti akka dhufe beekanii kabajuun eebba guddaa namaa argamsiisa. Akka qulqulluu Yohaannis lapheen ishee jaalala fannoo Gooftaatiin kan gubate mootittii Illeeniin Waaqni ishee fannoorratti akka fannifame ta’ee fakkii kaafamee akka dubartoota Iyyarusaalem haadha keenya durbee Maariyaamii wajjin turan kunoo haadha keessan akkuma jedhe hunda Illeeniinis waggoota 300 booda eebba fannosaa argachuuf bakka inni itti awwaalamee baasuuf kaate. Maalummaa fannoo isaa kan hubatte Illeeniin akkuma yaadde isheef ta’ee, fannoo Gooftaatiin ofjajuudhaan fannoon isaa biyya lafaa hundaaf ifa akka ta’uuf jecha bakka itti dhokateetii akka bahu gooteetti; kan fannoosaatiin of jaju hin qanaa’uutii. Qulqulluun Phaawuloos “Garuu biyyi lafaa anaaf kan fannifame anis biyya lafaa biraatti kanan irratti fannifame fannoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos irraa kan hafe kan biraan of jajuun narraa haa fagaatu.” Gal. 6:14 akkuma jedhee barreesse. Mootittii Illeeniin durumayyuu otoo hin argatiin laphee isheetti yaaddee otoo jirtuu ilmi ishee Qosxanxiinoos samiirratti mallattoon fannoo kan kaafame ta’ee “Mallattoo kanaan diina kee ni moota” jedhee eeyyama Waaqayyoon isatti mul’ate. Sababii isaan qulqullittiin Illeeniin umuriishee guutuu fannoon Gooftaa hammina warra Yihudootaatiin dhokatee jiraachuu isaatiif gaddaa waan jiraattee fi bakka dhokatees baasuuf hawwii guddaa ishee keessa tureen kadhannaa guddaadhaan Waaqayyoo ishee wajjin kan kakuu seente Waaqayyo mallattoo ittiin ilmi ishee diinota isaa ittiin moo’u godhee itti agarsiise. Moo’ichi kun biyya lafaa kana hundarra kiristaanota jiraniif moo’icha isaani waan tureefi.
Badee argamuu Fannoo Gooftaa keenyaa
Fannoon gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos itti fannifamee ture namoota du’aa kaasaa, dhukkubsattoota fayyisaa humna hamaa baasaa waan tureef Yihudootni hinaaffaa fi wallaalummaadhaan gaara Qaraaniyoo irra awwaaluun akka kosiin itti gatamu godhani. Israa’eelonni hunduu kosii achi geessani gatuu eegalan. Fannoosaatiin Waaqa keenyatti araaramnee, haguuggii isaa jalas gallee otoo jirruu, hamman yoo salphisanidha fannoo Waaqayyoon namaaf jedhee kabaja isaa dabarsee kenne kan awwaalan, kan Waaqayyo jaalala namaaf qabuuf jecha dhiiga isaa irratti lolaase kan dhoksan? Waaqayyo garuu akka hammeenya namaa osoo hin taane akka arjummaa fi jaalala isaan nama hin miine, in jiraachise malee. Bara 70 B.A ajajaan mootii Roomaa fi mucaan isaa Israa’eloota balleessuuf yommuu gahan, kiristaanotni magaala sana gadhiisanii waan bahaniif Yihudootni hafanis waan ajjeesamaniif barri sun bara gadadoo, bara wareegamtootaa, baqaan ummata kiristaanaas waan tureef fannoo dhokfamee kosii jala awwalame sana baasuun hin danda’amne. Bakka fannoo sanallee namni yaadatu dhabame.
Waggaa 300 booda Waaqayyo mootii Qosxanxiinoos kaase. Innis diina Maksimiyaanos jedhamu waliin lola irra ture. Osoo waraana kanaan gunnamaa jiruu samii irraa ifni fannoon fakkaate itti mul’ate “Kanaa booda mallattoo kanaan diina keen in moota” sagalee jedhu samii irraa dhagahe. Kunis kan ta’e mootichi yeroo yaadaan badee turetti dha. Yeroodhuma sana amantii kiristaanaa amanee fudhate. Fannoo mallattoo waraana isaa godhate. Meeshaa waraanaa isaa, meeshaalee mana isaa fi waanuma hundarratti fannoo mallatteeffate, diina isaa ni moo’ate kiristaanotaaf bilisummaa kenne, mootummaa kiristaanaas hundeesse. Kunis bara gadadoo fi wareegamummaa ture sana dhumni isaa akka dhufu godhe.
Maqaan haadha mootii kanaa Qulqulleetti Illeenii jedhamti. Ilmii ishee giiftii ishee godhee, kabajee, qabeenya mootummaa isaa irrattis aangoo kenneef. Isheenis gaarummaan qabeenya kanaan mana kiristaana hedduu ijaarsiste, warra rakkataniif gaarummaa oolte, yommuu deddeebi’aa turtes namoota rakkatan gargaaraa bilisa baasaa turte. Nama amantii ishee sirritti raawwattu turte. Yommuu mana amantaa deemaa turtes kadhaa osoo addaan hin kutiin kadhatti turte. Akka giiftiitti osoo hin taane akka amantuu kiristaana tokkoo ta’aa turte. Sirna hafuurawaa hunda otoo hin hambisiin in raawwatti, amantootas deemte jajjabeessiti turte.
Bara dulluma ishee Waaqayyo akka gara Israa’el deemtee fannoo gooftaa isa gataa kosii jala awwaalame baastu raajiidhaan itti hime. Gaafa deemtu garuu bakka inni awwaalame beekuu hin dandeenye. Booda Abbaa Maqaarsi kan jedhaman Phaaphaasiin Iyyarusaalem bakkeen fannoon itti awwaalame sun gaara Qaraaniyoo sana irra ta’ee bakkee olka’aa (guffii) akka ta’e itti himan. Dabalataanis manguddoo Kiraakos jedhamu waa’ee naannoo fannichaa kan dhagahe irraa isaan akeeke. Gaara sana irra garuu iddoon guffii ta’an hedduutu jiru turan. Ammas fannoon sun argamuu hin dandeenye. Mootittii Illeeniinis, “Yoo fannoon kun hin argamne uffata mootummaa koo kana hin uffadhu” jettee, sagalee guddaadhaanis Waaqayyotti iyyatte. Torbii (subaa’ee) galuun kadhaa jalqabde. Osoo torbii kana irra jirtuu ergamaan Waaqaa “Daamotii dhaabitiii ixaana itti dabalii gubi, aarri ixaanichaas bakkee fannoo sanaa sitti agarsiisa” jedhee itti hime.
Isheenis Fulbaana 16 daamotii hojjechiistee ixaanni itti dabalamee ibiddi itti qabsiifame. Aarri ixaanichaa samiitti ol bahee gad yommuu deebi’u bakkee fannoo sanaatti akeeke. Qulqulluu Yaareed “Ixaanichi iddoo fannoon jirutti akeeke, aarri isaas fannichaaf sagadee” jedhee barreesseera. Yeroodhuma kana fannicha baasuuf qotuun jalqabame. Ji’a jahaa booda akkuma kitaaba Sinkisaaraa irratti himame Bitootessa 10 fannoo namootni lamaan bitaa fi mirga Gooftaa itti fannifamanii fi kan Gooftaa keenyaa argaman. Fannoon Gooftaa keenyaa raajii hojjetuun adda baheera. Gonfoon qoraatti Gooftaaf godhames waliin awwaalamee ture, mismaaronni inni ittiin rukutames wajjuma argamaniiru jedha akka Sinkisaara irratti barreeffametti. Mootittii Illeeniinis gammaddee gaara Qaraaniyoo irratti mana kiristaana hojjechiiste. Manni amantichaas Fulbaana 16 eebbifamee Fulbaana 17tti sirni eebbaa (qiddaaseen) keessatti raawwate. Fannoon Gooftaas sanduuqa warqiin achi keessa kahame. Kanaaf manni amantaa keenyaa Fulbaana 16 damaraa jette kabajji yaadattis. Bitootessa 10 immoo guyyaa fannoon kun bahe waan ta’eef kanas ni yaadatti.
Egaa gubbaatti bal’inaan akkuma ilaalle jaalala fannoo warri hubatan warri akka mootittii Illeenii fannoo Gooftaa haala adda ta’een wareegama guddaa haala itti gaafatuunis ji’a jaha guutuu hinaaffaa guddaadhaan qochisiistee argachuun ishee har’a nuti akkaataa amma kabajnuu fi bareedina keenya godhannee akka jiraannu gooteetti. Yeroo ammaa kiristaanummaa fudhannee kiritaanotas taanee warri jiru hangam dhuguma jaalala kana hubannee kabajaa jirra? Yookiinis nama isa kaan fakkaachuufidha? Asirratti egaa wanti kirstaanummaan keenya nurraa eegdu kan gochuu qabnu. Qulqulluun Phaawuloos akkas jedha “Yaa namootaa ija keessan fuulduratti gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos akka fannifame ta’ee kaafamee ture, dhugaaf akka isin hin ajajamne kan isin jalaa haguuge eenyudha?” Gal.3:1. Duuka bu’ichi Phaawuloos dhugaaf akka ajajamtan jedhee jaalala fannoo Gooftaa dhugaa jedheera. Nutis dhugaa isa samiirraa kan ta’e jaalalli fannoo Gooftaa yeroo hundaa akka haadha keenya dubree Maariyaamii fi qulqulluu Yohaannis bara 300 boodas akka mootittii Illeenii fi qulqulloota hundumaa ija keenya fuula duratti kaafamee yaadachuu fi ajaja isaa eegnee jiraachuun nurraa eegama.
Jalallii fi sugni Fannoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos bara baraan nurra haa bulu!!! Ameen.

Wednesday, September 10, 2014

Bara Haaraa 2007



Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Baga bara haarayaan isin gahe!

Baga jabana Maarqoos irraa gara jabana Luqaasitti ceetan! Addaam haadha mana isaa dhagahee ajaja isaa kennameen alatti firii mukaa hin nyaatiin jedhamee nyaate waan argameef Waaqayyoon “Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukaa isa hin nyaatiin jedhee si abboomes waan nyaatteef , lafti sababii keetiif abaaramaa ni ta’a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Innis qoraattiidhaa fi baalaan waraantee sitti biqilcha, atis biqila lafaa ni nyaatta’’. (Uma 3:17-18). Haala kanaan dhalli namaa dhama’ee nyaachuun erga itti himamee sanaa kaasee hanga har’aatti lafa kana irratti dafqasaatiin nyaachaa jira. Birraan yookaan barri haaraan yeroo namni isa facaase sana gaheefi kan foon isaaf taatu sana itti argu dha. Nama keessatti abdii haaraa, gammachuu, rakkoo keessaa bahuuf kan itti yaadu dha. Nama taanees fedhii keenya dhuma hin qabne sana guutuufis kan itti karoorfannu dha. Manni barumsaa banamee kan tarkaanfii jireenya keenya irratti dabalamu dha. “Ati laficha ni ilaalta, waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf, guddistees isa ni badhaafta; lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba, namoota midhaan ni argachiifta; akkas gootee qopheessiteetta. Bo’oo lafichaa bishaan ni obaafta, bungulluu isaas ni balleessita, tiifuudhaan isa in laaffifta biqilaa isaas ni barakachiifta. Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati deemtutti faanni kee cooma rooba; lafti qordiin coomee margi isaa in labbeessa’a, gaaronnis akka waan mudhii isaanitti, sagaleen gammachuu naannoo isaanitti in dhaga’ama. Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera, hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu” (Far 65:9-13) jedhee qulqulluu Daawit gooftaa isaa faarfaata, kanaaf egaa Waaqayyoon illee kan itti gammadanii faarfatani jechuudha.

Yeroon isaas barri darbee kan baraan bakka buufamu dha. Kanaaf manni kiristaanaa keenyas akkuma faarsaa qulqulluu DaawitWaggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati deemtutti faanni kee cooma rooba” (Far 65:11) jedhe faarfate ni faarfatti.

Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo bara haaraatti cuuphaa  qulqulluu Yohaannisiin ittiin yaadachaa turte gara fulduraattis yaadachaa jiraatti. Kitaaba qulqulluu irratti akkas jedha “Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti dhalate keessaa, Yohaannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa Waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu isa irra ni caala” (Mat 11:11).  
Sababni isaas qulqulluu Yohaannis cuuphaan barumsa kakuu haaraa jireenya haaraa barumsa gaabbii kan barsiise dhala namaaf boqonnaa jireenyaa haaraa, walumaa galatti dhaldura deemee qajeelchaa kan ture isa dha. (Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu. Yoh 1:29) namaa gabrummaa bara dheeraa dhalli namaa adabamees kan itti irraan hin deebine waanjoo dabiloos jalaa akka bahu kan dura karaa gooftaa keenyaa haxaa’aa ture dha. Kanaaf jecha gooftaa keenyaa fudhachuun manni amantaa keenyaa isaaf kabaja kennitee kabajji ni yaadattis.

Haala Lakkoofsa Baraa

Abbaan keenya Addaam erga aabboommii Waaqa isaa cabsee aari’amee hanga bara dhaloota gooftaa keenyaatti kan jiru bara gadadoo (‘zemene fiddaa’) jedhama. Waadaa Waaqayyoon Addaamiif dhala dhala kee irraa dhaladhee sin fayyisa jedhe sana,  missiraachoo qulqulluu Gabri’eeliin giiftii keenyaa Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee, reebamee, fannifamee, du’ee, guyyaa sadii booda du’a moo’ee ka’ee  nun ijoollee isaaf arjummaadhaan dhiifama godhee fayyina nuuf kenneetii qabee anga dhufaatii  gooftaa keenyaatti kan jiru immoo bara araaraa jedhama. Walumaa galatti baroonni kun lamaan immoo bakka tokkotti bara addunyaa jedhamuun beekama. Haala kanaan inni darbe 2006+5500 = 7506 yommuu ta’u, barri addunyaa dhufu immoo 7507 ta’a jechuu dha.

Bara Lakkaa’u kan Jalqabe Eenyu?

Lakkoofsa amma bataskaanni keenya itti fayyadamtu hojii Afuura Qulqulluutiin dursamuun herregani kan kaa’an Phaaphaasii Iskindiriyaa 12ffaa kan turan Qulqulluu Dimeexiroosi dha. Isaanis seera guyyaa, ayyaanaa fi laguu (soomaa) argachuuf hawwanii ajaja ergama Waaqaan torbii (subaa’ee) galanii hawwii isaaniis Waaqayyo kenneefii. Gabaabumatti hiramni guyyootaas Wiixataa akka jalqabu, laguun gooftaa keenyaas kan hiramee taa’e ka’umsa abbaa qulqulluu kananii dha
Addunyaa kana irratti haalli lakkoofsa baraa hedduutu jiru. Fakkeenyaaf kan Yihudootaa, kan Gibxootaa, kan Qeesaarii Yiwuuloos, kan seera Seera’iyaanee, kan Fileekawun faa maqaa dhahuun ni danda’ama. Akkasumas Oromoonis seera lakkoofsaa fi dhaha mataa isaa dur irraayyuu akka qabu kitaabonni seenaa fi abbootiin ni himu. Ummatoonni biyya Itiyoophiyaa keessa jiran kan lakkoofsa baraa adda ta'e qabanis jiru.Akka mana amntaa Ortodooksiittis lakkoofsi bu'uura Qulqulluu Dimeexiros godhatee lakkawamus jira.

Egaa yaa maatiwwan Waaqayyoo barri baraan darba. Umrii keenya irrattis fedhii Waaqayyoo ta’ee arjummaa Gooftaa keenyaan, kadhaa qulqulleetti haadha keenyaan, kadhaannaa qulqullootaan har’a geenyeerra. Osoo akka hammeenya keenyaa fi cubbuu keenya baduun nurra ture. Garuu Waaqni keenya Waaqa jaalalaa waan ta’eef har’aan nu gaheera. Har’a gahuun keenya hiika maalii qaba laata? Gaaffii hunda keenya ilaallatu dha. Fedhiin keenya hedduu irri caalaan isaa kan foon keenyaaf ta’u dha. Waaqayyo gooftana “Lafti kun ni dabarti garuu mootummaan koo hin darbu” kan jedhe osoo bu’uureffannee lubbuu keenyaafis karoora itti qabannee waan hafuuraa hojjechuu qabna. Keessumaa warri abbaa gaabbii hin qabne abbaa gaabbii qabaannee, gaabbii seenne foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuuf nama waan hundaaf qophaaye ta’uu qabna. Akka kana goonuuf immoo Waaqayyo humna isaa nuuf ha kennu. Barri kun immoo kan gammachuu kan Waaqa keenya itti galateeffannu kan nagaa jaalalaa fi badhaadhinaa nuuf haa ta’u.

Kan jalqabsiisee nu xumursiiseef Waaqayyoof galanni haa ta’u Ameen!!!

Kitaabolee Wabii

1. Mezgebe Taarik Kutaa 1ffaa
2. BarsiisaH hiruuy ermiyaas bara 2002. 
 3. Kitaaba Qulqulluu Bara 1997

Monday, September 1, 2014

Artistoonni Diraamaa Afuurawaa Agarsiisuun Tajaajila Irratti Hirmaachaa Jiru


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Yaa’ii lallaba wangeelaa Waldaan Duuka Bu’ootaa(Nahimiyaa) Magaalaa Burraayyuu, Bataskaana Ts/Ts/A/Tekle Hayimaanot tti guyyaa 24/12/2006 A.L.I qopheesse irratti artistoonni beekkamoon kana dura televiziiniidhaan diraamaa nama barsiisu agarsiisaa turan hirmaataniiru.
Diraamichi waltajji bataskaanaa irratti Afaan Oromootiin kan dhiyaate yoo ta’u baay’ee kan nama barsiisuu  haala yeroo ammaa amanticha keessatti muldhatu tokko tokko hanga tokko  kan ibsu dha

Haala kanaan caalatti uummanni amantaa isaatti akka cimu fuula duraaf akka itti fufan ibsuudhaan kaayyoo waldichaa gargaaruuf gama isaaniitiin qophee ta’uu isaanii ibsaniiru.


Waldaan Duuka Bu’ootaa sadarkaa hawaasa kam-iyyuu keessatti tajaajilli Amantaa Ortodooksii waloomaa(Tawaahidoo) Afaan Oromootin akka babaldhatu kan dhama’aa jiru dha. Sagantaawwan marii gazeessitootaa, hooggantoota sadarkaa olaanoo, artistoota, atileetota, namoota beekkamo, fi namoota tajaajila akkasii deeggaran waliin hanga humna isaa wal ta’ee wal barsiisuuf kaayyoo kan qabu yoo ta’u,saganaatn  Buraayyutti ta’es calaqqisa kaayyoo kanaati .//