Saturday, July 11, 2015

Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Adoolessa 5,
Guyyaa kana duuka bu’oonni lamaan Qulqulluu Pheexiroosi fi Qulqulluu Phaawuloos guyyaa itti wareegaman kan itti yaadatamu dha. Qulqulluoonni kuni lamaan kitaaba qulqulluu irratti baldhinaan seenan isaanii fi hojiin isaanii ni beekama, kitaabotni akka ergaatti barreessanis baay’e dha.
Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaatti Galiilatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates Gosa Roobeel jedhama. Yeroo ijoollummaa isaattis seera Yihudootaa baratee guddate. Boodas mana ijaarratee haadha manaa horatee qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa taasise. “Kana booda qurxummii miti nama kiyyeesita” jedheen. Sana boodaas duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture. Gooftan ol ba’uu isaan durattis erga du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee gaafateera. Kanaanis “da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekakchiisee adaraa itti kennee jira.  

Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti,Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akasuma biyyoota biraa heddu keessa deemuun wangeela barsiisee kiristoosiin lallabeera. Boodas gara Roomatti ce’eera. Roomattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif innis qabamee wareegame. Yemmuu fannifamus “ ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi gara galee fannifame.   
Qulqulluu Phaawuloos    
Akkasumas guyyaa kana Qulqulluu Phaawulosis kan itti wareegame dha. Qulqullu Phawulos biyyi isaa Israa’el gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa qaba tures. Kunis Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa wan turteef. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu Tarseesii gara biyyatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyaruusalem waan tureef seera Yihudota fi Ooritiif hinaafa waan tureef kiristaanota ari’aa baqachiisaa,ajjeesas ture.
Kana boodaas hinaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuf kennameefis waggaa 32 isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo deemee uummata kiristaanaa ajjesuufis karoorfate karaa eegale. Gara Daamasqo deemee yemmuu magaalatti seenuuf dhiyaatutti garuu Gooftaan sagalee Isaa itti dhageessise. “Saawul saawul Maaf na baqachiifta(ari’atta)?” ” jedheen. Hojii duuka bu’ootaa 9:1.
Phawulosis “ ati eenyu” jedhee yoo gaafatu “ani Iyyasuus Isa Naazireet” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Sana booda ijji isaa arguu dadhabdee abbaan Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateef cuuphame kiristaana ta’e. Sana booda gocha isa duraa sanatti hin deebine. Gal 1:12 iratti erga cuuphamee booda Qulqulluu Phawulos gara biyyooya Arabaa deemuun isaa ofumaaf dubbateeyyu. Biyyoota gara garaatti barsiisee,hidhamee waa heddu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira.
Boodas bara 65 yemmuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana dukkana keessati erga hidhamee booda wareegame. Guyyaa kana Adoolessa 5 Qulqulluu Pheexiroos waliin wareegamummaa fudhataniiru.
Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Sugni qulqulloota kanaa nu waliin haa ta’u. Ameen.
Wabii
Barreeffama Dn. Melaaku Izzazaawu fi kan biros
Kitaaba Qulqulluu