Friday, November 27, 2015

“Abaaboo Hongee... Ilaalaa” Maat. 6:28

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Barsiisaa Hayile Mikaa’el Taaddasaatiin (zeh.michael@gmail.com)
Kutaa 1ffaa

Amma waqtiin waqtii birraa ykn abaabooti.Yeroon kuni dhugumatti qaamni dachee kamiyyuu hongeenillee otoo hin hafiin abaaboodhaan miidhagee yeroo itti magariisni dachee uwwisuu dha.  Yeroon kuni yeroo itti abdii adda ta’e horannuu fi jijjiirrama wayyuuf itti onnannuu dha.
Waqtiin abaaboo kuni akkataa dhahaata Mana Kiristaanaa keenyatti,  bu’uura Liqakaahinaat Kinfa Gabri’eel Altaayyee barruu  ayyaana Masqalaa sababbeeffaachuun teessoo Paatryaarkii Xaqlaay Beetakhinatiin qophaa’erratti ibsaniin, Onkoolooleessa bulti 26 hanga Sadaasa bultii 6 kan turuu dha[Bamasqaluu Gannatin kaffata:2003:fuula 15]. Otoo waqtii abaaboo kanatti hinseeniin xumuura gannaa fi seenasa Birraarratti ammoo durii eegalee, ayyana Abaaboo jedhamee fulbaana 25tti iddoo amantoonni, mootii fi Phaaphaasiin argamanitti qabeentaan Kitaaba Qulqulluu waqtii kana waliin roguummaa qaban dubbisuu fi hawwii gaariif abaaboo walii laachuudhaan ayyaanichi ni kabajama. [Bamasqaluu Gannatn Kaffata:2003:15]
Akka Mana Kiristaanaa keenyatti, waqtii kanatti Wangeelli Maateewoos qabeentaan isaa kan mata duree keenya hammatu, boqonnaa 6: 28-30 ni dubbifama. Faarfannoon Daawiit  “barri keenya akka margatti, akka abaaboo daggalaattis ni daraara, yemmuu bubbeen itti bubbisuus ni darba.” jedhuunis jireenyi adduunyaa kanarraa yeroof qofa akka ta’e yaadaachuun abdii fi jireenya wayyuuf of qopheessuun deemuuf Kiristoos waliin jiraachuuf hawwuu akka qabnu yeroo itti yaadachiifamuu dha.
Caqasni “Abaaboo Hongee Ilaalaa” jedhu kan argamu, kutaa Kitaaba Qulqulluu Lallaba Tulluu[The Sermon on the mount] jedhamee beekamu keessatti. Mooggaasni kuni Wangeela Maateewoos boqonnaa 5-7tti qabeentaa Kitaaba Qulqulluu jiran kan uwwisuudha. Kanaaf ka’uumsa kan nuuf ta’u, jecha  “uummata baay’ees yoo argu  gara tulluutti ol ba’e” jedhuu fi bu’uura jecha kanaatiin tulluurratti barnootni boqonnaawwan kanneen irratti safaran laatamuu isaanii dha. Tulluutti ol ba’ee, hanga dhuma boqonnaa 7tti kan barsiise jechoota bu’uuraalee kakuu haraa jedhamuun beekamanii dha. Poop Shinoodaa 3ffaan kitaaba isaanii, “Contemplations on The Sermon on the mount” jedhurratti,[1991: 11, 12 fi13] Gooftaan uummata baay’ee kana  yoo argu sababoota  tulluutti ol ba’eef, jedhanii kan ibsan ka’uumsa godahachuun qabxiiwwan muraasa tarreessineerra.

v Dhaggeeffattoonni hafuurawaan akka ol ba’uun dhageeffatan, jechoonni samii kanneen fixee tulluu ol jedherratti laatamuu qabu. Sababni isaas namni tulluurra taa’e, dhimma dacheerraa akka waan xiqqishuu fi yartuutti hubata waan ta’eef. Akkasuma ilaalchaanillee ol qaaari’anii qaariinee barnoota bu’uurawaa kana hubachuu akka qabanii fi akka qabnu yoo isaanii fi nutti agarsiisuu dha.
v Akkuma ajajoonni Kakuu Moofaa Tulluu Siinaatti kennaman[Ba’uu 19:3], ajajoonni bu’uurawaa Kakuu Haaraa , isa durii irratti kan hundaa’an, ajajoota Tulluu Siinaa yaadachiisuudhaan tulluurratti kennamuu waan qabaniif.[Ibr. 12:18-24]
v Iddoo qalbiin namaa fi yaadni namaa hin hatamnetti jechoonni kanneen himamuu qabu. Maar yishaaqa bu’uura jedhaniin, jireenyi gadaamii[gammoojjii, hongee]  fedha foonii onneen keenya deddeebisu ni haqa waan ta’eef [“a mere look at the wilderness can mortify the worldly desires in the heart.”] gara tulluu homtuu itti hin jirreetti ol ba’e.
Akkuma waliigalaatti Gooftaan yemmuu barsiisu, tulluu, laga qarqaraa fi haroowwanitti baasee sababni itti barsiisuuf, dhimma foonii adduunyaa kanarraa bilisoomsee bu’aa kanaatiin ammoo jaalala isaatiin kan ijaarraman akka ta’anii dha.[H.H.Pope ShenoudaIII :1991: 11] Kanaaf mitii ree Abirhaamiin biyya isaa, uummataa fi mana Abbaa isaa dhiiseee akka ba’u kan isa ajaje.[Uum.12:1]
Eegaa sababoota armaan oliif akkuma Gooftaan uummata baay’ee yoo argu, gara tulluutti ol ba’etti, uummata baay’ee of fulduratti yoo ilaallu, tajaajiltoonni Mana Kiristaanaa, uummatatti daandii dhugaa itti agarsiisuuf, ibsaa tulluu irraa ta’uun, hoggantuumma fakkeenya ta’een, socho’uu qabna[Maat.5:14] Warri beekuumsa adduunyaa kanaaf carroomne, beekuumsa keenyaan akka isa furru, warri waan uummanni kuni jiruuf hojjannee soroomuu dandeenye, qabeenya keenya dilbii kanarraa, maddee ishee qunxurree,  uummanni baay’een waan nyaatamuufi dhugamuuf akka hin waa’echine gochuun, warri angoo siyyaasaatiin uummata bulchaa jirru, uummata danuu kana yoo agarru, imaanaan nuuf laatame salphaa akka hin taane hubannee,  gaaruummaadhaan bulchuuf, haala uummaticha Mootuummaa Waaqayyootti akka qaari’u gochuu nu dandeessiisuun tulluutti ol ba’uu qabna. Keessattuu yeroo kanatti uummatni baay’een hongee hafurawaa keessa yemmuu jiruu fi,  yeroo dammaqiinsa hafurawaa barabaaduutti akkasumas namoonni yeroo ofittuummaan liqimfamanitti  waa hundaan ol ka’uu qabna.
Gooftaanis akkuma cuphameen hongee[gadaamii] Qorontoos keessa guyyaa afurtama soomanaan turee, tulluurrati diyaabiloosiin qoramee, tulluu qorumsaa kanarraa gara tulluu lallabaatti, tulluu lallabaarraa tulluu zayitaatti [namni hundi gara mana isaatti gale. Gooftaan iyyasuus garuu gara tulluu zayitaatti deeme][Yoh.7:53 fi 8:1] ce’aa ture.
Tulluurratti dhiigni Gooftaa gadi nammee jira. Tulluurratti fannifamee jira. Tulluudhuma kanarratti warra isa mormaniifillee dhifama laatee jira. Tulluurratti Gooftaan kabaja qabuu fi hariiroo Abbaa fi Hafuura Qulqulluu wajjiin qabu agarsiisee jira. Tulluurratii Gooftaan Iyyasuus gara Abbaa isaatti ol ba’ee jira. [Maar. 9:7 Hoj. 1:9,12]
Abaaboo akka ilaallu kan nu affeeru waa’ee nyaataa fi daaraa dhiphachuu akka hin qabnee fi kanaa dhiphachuu mannaa dhugoominaa fi mootuummaa isaa dursinee heeduu akka qabnu nu gorsuudhaaf.[Maat.6:33]
Abaaboo hongee gaafa ilaallu lafa homaa hin biqilchinee fi kunuunsi hin godhamneef irratti rooba taliila isaa fi qabbana aduu isaatiin biqilanii miidhaganii kan mul’ataniidha. Kunuunsa tokko malee, arjoomina Waaqayyootiin haala kanaan miidhaganii dacheerratii afamuu isaanii yoo ilaallu, waa’ee Waaqaa akkana nuun jedhu.
1.     Waaqayyoon Uumaa fi sirneessaa uumamaati
1.1.   Ilaalcha falaasootaan
Birraa kanatti dacheen jiidhaa fi ililliin miidhagdee yoo agarru, akka waliigalaatti gaafii kaasuun keenya hin oolu. Adduunyaan kuni eenyuun akkanatti miidhagdee hojjatamte? Eenyuutu waqtiilee jijjiira? Eenyuutu rooba roobsee, aduu baasee, midhaan bilcheessee ilma namaaf arjooma?gaafiiwaan jedhan sammuu keenya galoo gaafiitiin guutu isaanii hin oolu. Falaasoonni muraasni adduunyaan tuni akka abbaa hin qabne yoo dubbatan kaan ammoo adduunyaan tuni kaayyoo fi abbaa akkasumas galma uumaa ishee qabattee kan sochootu akka taate dubbatanii jiru.
v Warri adduunyaan uumaa malee dhuftee, kaayyoo malee sochooti jedhan
Garee qo’annaa Koosmooloojii[cosmology][Saayinsii waa’ee Yuunivarsii qo’atu] , keessatti warri yaad rimee Meekaanizimii hordofan, adduunyaa kanarratti wanti arginu hundi isaa sababaan kan ta’uu fi wantoonni hundi sababaa fi bu’aadhaan kan walitti hidhaman akka ta’an, wanti bu’aa ta’e sababa ta’ee, wanti sababa ta’u bu’aa ta’ee adeemsa itti fufu keessatti wantootni hundi  akka uumamanii fi  badan[Yaflsfinnaa Timhrt, Yamaana Gabramaaryaam:1954, fuula 219 fi 220]  adduunyaan kuni haala kanaan otoo addaan hin citiin akka cincalaatti wal qabatee walitti hidhamee walitti hirkatee akka itti fufu dubbatu[Yamaana:1954:220] Adduunyaan bal’aan haala kanaan itti fufu garuu, qo’atame, qoratamee kaayyoo tokkoof jedhamee wanta hojjatame otoo hin taane, wanti hunduu akkuma itti dhufeeti sababa adda addaatiin dirqamee kan raawwatamuu akka ta’e dubbatu. [Yamaana:1954: fuula 220]

Bara durii keessaa yaada kana warri deeggaran, Deemookraatasii fi Leefkippoos yoo ta’an, isaanis addunyan kuni wantoota xixiqqoo atamoota[atoms] jedhaman walitti qindaa’uun kan hojjatamee fi atoomoonni kanneenis kan uumaman ofiin, humna isaanii kan keessaatiin akka ta’ee fi kanneen hundi kaayyoodhaan otoo hin ta’in akkanumatti, dirqama uumamaa fi sababoota adda addaatiin kan raawwataman akka ta’e dubbatu.[Yamaana:1954:220 fi221]
Bara hammayyaa kanatti deeggartoonni yada kanaa Falaasaa Ingliz Fraansiis Beekan faan uumama adduunyaa keessatti,  kaayyoo wanti jedhamu soba akka ta’ee fi wanti hundi kan ta’u sababa duubaa isa dhiibuun akka ta’e ni dubbatu. Hiyum falaasaan jedhamus, yaadni isaa kanaan adda miti. [Yamaana :1954:fuula 221 fi22]
Laamaarkii fi Daarwiin Falaastoonni jedhamanis, ogummaa, bareedinni fi yaadni uumamaan mul’atu  uumamni dura ture isa dhufuuf muxannoo dabarsuu fi inni ammaas qabsoo jireenyaa, filannoo isaatiinii fi naanno isaa irratti hundaa’ee jijjiirama dhufuudha malee, kaayyoo kan jedhamu akka hin jirree fi uumamni waan goodhu sana otoo hin beekin akkanumatti qofa yaadaan akka waan hojjatamteetti wantoota adda addaa yoo raawwattu akka mul’attuutti himan[Yamaana:1954: fuula 222fi 223]
Eegaa falaasamni kuni Waaqayyoo uumaa ta’uu isaa dagatee, uumama kanas kan sirneesse bulchu akka isaa ta’e kan irraanfateedha. Armaan gaditti yaada kana madaaluun keenya akkuma eeggametti ta’ee, mee warra falaasama tilooloojiizim hordoofan haa ilaallu.

v Warri Adduunyaan tuni Abbaa qabdi, kaayyoon sochooti jedhan
Warri falaasama tiloloojiizim hordofan ammoo, warreen ilaalcha meekaanizimii adduunyaan tuni kaayyoo malee sababaan asii fi achi raafamti jedhanii falmaniif, yaadni kuni fudhatama akka hin qabnee fi adduunyaa kana sirriitti yoo qalbeeffanne galma tokkorra ga’uuf wanta tattaaffachaa jirtu akka taate falmu[Yamana:1954:fuula 224] Uumamni fi hojiin isaas akkuma tasaa ofiin kan raawwatame otoo hin ta’in ogummaa fi kaayyoodhaan wanta hojjatamee dha. Kanneen hojii namaarrattis ta’ee, wantoota uumamarratti mul’atanirraa mirkaneeffachuu akka dandeenyuus ni adeessu. Biqiltootaa fi bineensoota yoo ilaallu tokkoon tokkoon isaanii ilma namaa fi adduunyaa maraaf hojii ajaa’ibsiisaa fi faayidaa qabeesssa ta’aan akka hojjatan, qaamni isaanii hundi hojii malee kan taa’u akka hin jirree fi adduunyaan kaayyoo qabattee galma wayiitti akka imaltu godhee kan uume humni tokko akka jiru falmu.[Yamaana:1954:225]. Humni kunis sammuu kan qabuu fi mala qabeessa kan ta’e, adduunyaadhaan ala kan ta’e ta’uu akka qabu, isas Uumaa ykn Waaqa jennee waamuu akka dandeenyu; kana ta’uu baannaan wantoonni danuun ajaa’ibsiisaa ta’an kuni gatii akka hin qabaanne falmu[Yamaana:1954: 225]

Falaasoonni Anaaksgoraas, Soqraaxas, fi Plaatoon  wanta ajaa’ibaa akkana jiru kana sammuun uumuu danda’e jiraachuu akka qabu, akkuma waliigalaatti hojiin oguummaa fi yaadni adduunyaarratti agarru uumaan tokko akka jiu hubachuuf akka nu gargaaru; adduunyaa kanarratti ogummaa arginuuf kanaan ala deebiin qufsaa biroo deebi’uu akka hin dandeenye ibsu.[Yamaana:1954: 225] Kanneen keessaa Anaasgooraas fi Pilatoon garuu adduunyaan uumaa ykn hojjataa ni qabdi kan ishee jechisiise qindoomina of keessaa qabduun malee, atamoonni[atoms] adduunyaan ittiin hojjataman, wantoonni bu’uurawaa hojjataa tokkoyyuu akka hin qabne ni dubbatu.[Yamaana:1954:225 fi 226] Akka Aristootilitti ammoo, adduunyaa kanarratti wantoota agarru hundaaf, hojii oguummaa ol jedhanii mul’atanii fi hin hallamne arguu akka dandeenyu; hojiiwwan ogummaa kanas, akka tasaa, kaayyoo malee akka waan  galma ga’aanitti yaaduun gonkuma hin danda’amu. Hojii akkanaa raawwachuuf sammuun baay’ee dadhabe jiraachuu akka qabu dubbata. Kunis Kaayyoodhaan Waaqni adduunyaa kana uume akka jiru nutti agarsiisa. [Yamaana:1954: 227]
1.2.   Madaallii kitaaba Qulqulluutiin
Eegaa falastoonni kanneen akka Beergsan wanti tokko argamsiisaa malee yeroo baay’ee booda ofuma isaatiin uumamuu akka danda’u kan dubbatan,  kan nama hin amansiisnee dha. Sababni isaas, homtuu otoo hin jiraanne homtuu waan hin argamneef, homaa irraa kan argamu homaadhuma.[Out of nothing nothing could exist, Ex nihilo nihil.est.][Yamaana:1954:235] Kanaaf wantoota qajeeluu,[ keessattuu ilaalchi Anaasgooraasii fi Pilaatoo] qaban qabaachuun isaa akkuma eeggameetti ta’ee, ilaalcha teelooloojiizimitiin adduunyaan kuni uumaa akka qabuu fi kaayyoon kan sochoo’u akka ta’e falmiin ka’u amansiisaa dha. Argamuu waan tokkoof sababni ni jira warri jedhanis sababni ammaa sababa duraarratti hirkachuun cincala dheeraa booda, dhumarratti homaa kan isa sochoosu kan hin qabne, humna sochoosaa isa duraa [prima causa, prime cause]bira ga’uu dandeenya.[Timihirta Hayamaanoot Innaa Kiristiyaanawii hywat:Liqa Gubaa;ee Abbaa Abarraa Baqqala:25] Kanaaf sababni qufsaan duraa[first efficient cause] akka jiru yoo wal amanne, sababa qufsaa duraa kanaan Uumaa jenna jechu dha.[Timihirta Haymaanoot: Dn Birhaanuu Adimaas: 1996: 97]

Madaallii kitaaba Qulqulluutiin abaaboo dachee yoo ilaallu, jijjiirrama waqtiilee yoo qalbeeffannu, ba’uu fi seenuu aduu,  samiin faayaa addeechaa fi urjiin yoo miidhagdu, akka waliigalaatti taateewwaan keessa ilma namaa fi adduunyaa kanarratti raawwataman yoo agarru, adduunyaan tuni uumaas ta’ee, ammaan tana sirneessee kan ishee bulchu akka qabdu ni hubanna. Kitaabni Qulqulluun, “Bantiiwwan Samii kabaja Waaqayyoo ni dubbatu”[Faar.18:1] kan nunn jedhu kanaafi.  Kana jechuun uumama ykn ababaoo hongee qalbeeffannee yoo daawwannu, humni uumamaan ala ta’ee fi ofii kan hin sochoone, isa jijjiirarmni kan hin jijjiirre, ofii kan waan hunda jijjiirruu danda’u[the unmoved mover] akka jiru nutii himu. Dhugaadha Waaqayyoo yoo kana uumu kan waliin uume, kan waliin adduunya kana qajeelche hin jiru, inni amalummaa isaatiin kan hin mul’anneedha. Isa waliin kan uume jiraachuus baatu, “ inni amalummaa isaatiin kan hin mul’anne ta’us, uumaa adduunyaarraa eegalee kan hojjatamaniin ifa ta’ee mul’ata”. Garuu uumama isaatiin Uumaa  isaanii Waaqayyoon warri raajeeffachuu dadhaban, uumama isaa keessatti hojiin Waaqayyoo ajaa’iba akka ta’e arganiillee,  “Waaqayyoon akka Waaqummaa isaatti waan hin kabajnee fi hin galateeffanneef sababa dhaban...yaadni isaanis gatii dhabee, sammuun isaanii qalbeeffatuus dukkanaa’e[Rom.1:20-22]

Ilmi namaa waqtii kanatti abaaboo hongee ilaaluun isaa Waaqayyoon beekuu baachuu isaaf sababa isa dhabsiisa; haala uumamaa nama qalbeeffateef, barsiisaa tokko malee waa’ee Waaqaa afaan baasaniit ragaa ba’u waan ta’eef. Kaayyoon uumamani itti uumame keessaa inni tokko waa’ee isaa akka nutti himaniif akka ta’e, Luqaas, hojii dukaa bu’ootaa irratti “Kana hunda waliin waan gaarii hojjachaa samii irraa rooba, waqtiiwwan firii itti buusanis yoo nuuf kennu, onnee keenya gammachuudhaan yoo guutu, ofii isaa ragaa malee hin dhiisne” yoo jedhu  harki Waaqayyoo waan agarru kana hunda akka godhee fi lubbuun[jireenyi] namaallee harka Waaqaa akka jirtu nutti himaa jira. [Iyy.12:7-10]

Yoo abaaboo hongee ilaalu, Waaqayyoon adduunyaa kana uumuu fi sirneessuu isaa, ilmi namaa hundi keenya sababa sammuu keenyaa fayyadamuun irra ga’uu ni dandeenya. Sammuun keenya uumamaan seera barreeffame tokko malee gaarii fi yaraa addaan baasnee akka beeknu nu gargaara. Qulqulluun Phaawiloos warri seera barreeffamaa hin laataminiif alagoonni akkamiin sammuu isaaniin qofa qalbeeffatanii ajaja seera Muusee akka raawwatan,  yoo ibsu, “seera qabaachuu baatanillee, isaan ofii isaaniitii seera dha. Isaanis, sammuun isaanii yoo ragaa ba’uuf, yaadni isaanis yoo wal himatu, ykn ammoo yoo walitti qabatu seera sammuu isaanii keessatti barreeffame ni argu ;Waaqummaan isaa uummama adduunyyaarraa jalqabee warra hojjatamaniif beekamee ifatti mul’ata waan ta’eef”[Rom.1:19]. Bu’uuruuma kanaan yemmuu birraa kana,  uummanni Oromoo malkaatti ba’ee yoo Waaqaaf galata galchu, uummanni Itiyoophiyaa kakuu moofaarra eegalee ayyaana abaaboo jedhee yoo kabaju[fulbaana 25][Bamasqaluu gannatin kaffata, Alamaayyahu Hayilee Bagadaa sir’aat Yatulamaa Oromoo poolatikaa: 2000: 79 fi 80] abaaboo hongee kana ilaalaniitu seera keessa isaaniitti barreeffame qalbeeffachuun uumamaan uumaa raajeeffachuu isaaniiti.
Akka Kitaaba Qulqulluuttis, Bara abbootii[Bara Addaamii eegalee hanga Muusee abbootii jiran] abbootiin Waaqayyoon kan argachuu fi waaqeeffachuu danda’an seera sammutiin.[Rom 1:20] Tokkumaa fi Sadummaa isaa sirnaan beekuu baatanis[Dn. Birhaanuu Adimaas: 1996:67] warra isa barbaadaniif dhokataa kan hin taane Waaqayyoon Ilma namaa tokkicha Addaamirraa uumee baraaf iddoo jireenyaatiin addaan ba’anillee, hunda keenyafuu dhiyoo waan ta’eef, isa arganii jiru. [Uum. 5:22-24, Ib.11:5]. Abbootiidhaaf haalli itti mul’ate Kakuu Haaraa irratti mul’ata raawwatee fi Muuseetti kan mul’ateen tokko ta’uu baatuullee, amantiin isaanii garuu bara kamiyyuu abootii ka’anii gadii miti. [Dn. Birhaanuu Adimaas: 1996:68] Kuni qabatamaadhaan Waaqayyoon beekuudhaaf   uumama qalbeeffachuudhaan uumaa beekuun akka danda’aamu nuuf addeessa.

Eegaa ragaawwan kanneen hunda dhiisnee, jiraachuu Waaqayyoo shakki keessa yoo galchine, nuti jiraachuu isaa amanuu baannus, Innoo Ofii isaa waan hin ganneef,[2Xim.2:13] Ofii isaatiin amanamaa ta’ee bara baraaf kan itti fufuudha, akkuma ergamaan Phaawiloos “warri hin amnne yoo jiraatan, amanuu baachuun isaanii amanmuummaa Waaqayyoo ni hambisaayii?” jedhe.[ Rom. 3:3]
Qabxii kana jecha Qulqulluu Daaawiitiin haa goolabnu. Akkana jedha: “Dacheen cufti kan Waaqayyooti, adddunyaanis isheerra kan jiraatan hundi isaanii, inni garbootarratti hundeessee jira waan ta’eef, dhangala’aawwannirrattis cimsee jira waan ta’eef akksumas Samiiwwan ogummaadhaan hojjatee jira...qofaa isaa ifoota gurguuddaa kan hojjate. Aduuf guyyaa bitamsiisee jira, Ji’aa fi urjiiwwaniifis halkan bitamsiisee jira”[Faar.23:1 fi 135:5-9]

 Itti fufa..........
Galanni Waaqayyoof haa ta'u1