Monday, August 6, 2012

WN006.Sooma fi kadhaa akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiiin.Ameen!
 “Ammuma iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo’ichaan, gadduudhanis, gara kootti deebi’a”(Iyu’el 2:12).
Seensa
Amantaan dubbiin  qofa kan ibsamu miti. Gochi wanuma hundatti dabalamuu qaba malee. Duuka bu’aa Yaaqob “Amantiinis akkasuma hojii gaariidhaan hin agarsiifamu yoo ta’e, inni ofii isaatii du’aa dha.”(Yaq 2:17) akkuma jedhe amantaan gocharraa adda bahe kan du’e dha. Kanaaf immoo soomni fi kadhaan iddoo guddaa kan qabanii fi kan gargar ba’uu hin dandeenyee dha. Abbootni keenya inumaayyuu soomni fi kadhaan walii obboleewwani jedhu.

Abbootni soomni kan eegalame yookaan Waaqayyo akka soomnuuf kan ilma namaa abboome duruma yemmuu nama uumee jeennata Eden keessa Addaamiin teessisee  booda  ija mukicha hamaa fi gaarii ittin beekan sana  akka hin nyaanne yoo abboomu, iccitiin isaa soomi jechuu akka ta’e  ibsa, nyaanni cubbuu hojjechuuf  bu’uura akka ta’es nu hubachiisa (Uma 2:16). Kanaaf midhaan maal rakkina qaba yoo nyaanne namoota jedhaniif iji mukicha Addaam nyaate sunis maal rakkina qaba ree jedhamee deebi’uu ka dandeessisuu dha. Haa ta’u malee Waaqayyo abbommii uumaa fi uumamaa gidduu jiru ibsuuf nama jalqabaa kan ta’e Addaamiin abboome.

Soomni madaa lubbuus gogsiti, ni fayyistis jedhu. Isaanis mi’a lolaa diina keenya hamaa jinnii kan ittiin of irraa qolannuu dha. Kadhaan immoo haasawaa hafuura nu’ii fi Waaqayyo giddutti godhamuudha, Waaqayyotti kan garaa keenyaa itti himannuu fi kan ittin galateeffannuu dha. Hojiiwwan gurguddoo kana macaafni qulqulluun  yeroo baay’ee ibsee jira. Kunis jiruu fi jireenya kiristaanaa tokkoon gochawwan addaan hin bane dha. Soomni fi kadhaan seera ittiin raawwatamanis qabu. Maaliif akka raawwataman eessatti akka raawwatanii fi eenyu fa’aan akka raawwataman adda ba’ee sirriitti ibsuun barbaachisaa dha. Egaa barreeffama kana keessaatti, gaaffiiwwan hedduu sammuu keessan keessa deddeebi’aniif deebii ni argatu, ykn soomaa fi kadhaa ilaalchisee isuma beektan sana ni cimsattu jennee amanna.Akkuma mata duree irratti ibsuuf yaalletti mata duree lamatti adda baasuudhaan tokkoon tokkon isaanii hiikaaa fi yoom fa’a raawwatamuu akka qaban gabaabsinee isiniif dhiheessinee jirra. Waaqayyo laphee ittiin hubannu nuuf haa kennu. Ameen!
Soomaa.
Hiika jecha sooma jedhu kana yoo ilaallu dimshaashumatti waa  lama of keessatti qabatee argina. Inni tokkoo sa’aatii murtaawee nyaataa fi gosa nyaata adda ta’e irraa of qusachuu of dhoowwuu dha. kunis foon keenya dadhabsiisuudhaan hawwii foon keenyaa hawwii lubbuu keenyaaf akka jilbiiffatamu gochuu jechuu dha. Gosa nyaataa yeroo soomaa hin nyaatamne immoo gosa foonii, buuphaa  fi aannanii ti.Sababni isaas Faarsaa Daawiit “Jilboonni(humni) koo sooman dadhabe, foon kootiis dhadhaa dhabuudhaan qallate”(Far 10/109:24) jechi jedhu waan jiruu fi. Kunis gosa nyaataa qaaama Kenya haala gaaridhaan ijaaranii fi dallansanii gara cubbuuti harkisan waan ta’aniif isaan nyaachuu irraa akka of qusannu hayyootni (abbootni amantaa) 318 yaa’ii sadarkaa addunyaaratti ta’etti duruma irraa  iyyuu tumanii jiru. Sa’aatii soomaan alatti immoo baatii soomaa keessa nyaatuma foonii fi aannanii ykn buuphaa hin ta’in irrayyuu sa’aatii murtaa’eeef of dhoowwuun barbaachisaa dha.

Hiikni inni biraa ammo afaaniin badaa dubbachuurraa, ijaan badaa ilaalurraa, lukaan iddoo gadhee oolurraa, guutummaa qaama keenya cubbuu irraa eegudha. Haa ta’u malee yoo soomnu akka soomuun keenya nurratti beekamu taanee coolaguu hin qabnu. Bara araaraa keessatti, gooftaa Iyyasuus Kiristoos erga lafa kana irra deddeebi’ee barsiisee, deebi’ees gara mootummaa isaatti  ol ba’e booda, manni kiristaanaa Ortodokksii Tawaahidoo ishee jalqabaa dhiiga gooftaatiin  hundeeffamtee  akkuma taate duuka bu’ootni gooftaas hoogganaa kan turan waan taateef seera soomaa duuka bu’oota irraa argatte ni qabdi. Haaluma kanaanis amantaa Ortodoksii Keessatti sooma bakka lamatti hirtee barsiisfti. Isaaniis sooma dhuunfa fi sooma labsiiti.

Sooma Dhuunfaa: yoo jennu namni tokko fedhii isaatiin osoo namni irratti hin beekiin kan soomu, gaaffii qabus yookan immoo yaada adda ta’e kan sammuu isaa keessa jiru kadhaa wajjiin kan gooftaaf dhiheessu dha. Wangeela irrattis soomni dhuunfaa kun akkasitti ibsamee jira
“Soomuu  kee abbaa kee isa wanta dhoksaatti hojjetamu hunduma arguutti malee,namoota duratti akka hin muldhanne godhi!Abbaan kee inni wanta dhoksaatti hojjetamu hundumaa argu immoo gatii siif ni kenna”(Mat6:18)
Sooma Labsii: Sooma labsii yoo jennu kan kiristaanonni hundi irratti hirmaatan kan ifatti yoom akka seenu yoom akka hiikkatus beekkamu, kan abbootni keenya tuman jechuudha. kunis yeroo tokko gamtaan kan amantaa kiristaana Ortodoksii hordofu hundi kan irratti qooda fudhataniidha. Isaanis akka amantaa ortodoksiitti lakkoofsan torba(7). Tokkoon tokkoo isaanii maaliif akka soomaman akka armaan gadiitti gabaabbatee dhihaatee jira.
1. Sooma Guddicha Goofta Iyyasuus.
Soomni Kun sooma guddicha jedhamuunis ni beekama. Sooma kana gooftaa Iyyasuus gadaamii(lafa ona)  Qorontoositti guyyaa 40 waan soomeef  isa fakkeenya godhachuudhaan maatiin Waaqayyoo ni soomu.(Mat 4:1).Kan soomamus qamni keenya akka dadhabee hammeenya hin yaadnee fi hin hojjenne, sa’aatii murtaa’eef midhaan nyaachuu fi bishaan dhuguurraa yoo ta’u, hanga baatiin soomaa sun raawwatutti foonii fi bu’aa foonii, aannani fi buuphaa nyaachuun gonkuma dhoorkadha.
Gooftaa Iyyasuus guyyaa 40 soome, nuti immoo  mana amataa Ortodoksiitti guyyaa 55 ta’ee soomama, sababni isaas maal gaaffin jedhu jiraachuu danda’a. Sababni isaa waa lama:
1. Sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa  jiranitti  bu’aa foonii irrayi malee bishaanii fi midhaan irraa soomuun waan hin hin heeyyamaneef, sanbattan lamaan guyyaa 40 keessa jiru walitti 15 waan ta’aniif isaan kana bakka buusuuf jedhameeti.
2. Sababni inni biraa immoo sooma guyyaa 40 dura kan jiru torban jalqabaa ‘Hirqaal’ jedhamee kan itti ida’ameef seenaa fannoo Gooftaa Iyyasuusin wal qabata. Fannoon gooftaa Faarsotaan fudhatamee waan tureef mootiin Biizaantaayiin fannoo fudhatame sana deebisuuf Faarsitti waan duuleef kiristaanonni soomaan akka isa yaadataniif waan ta’eef kan ajajame yoo ta’u, torban guyyaa 40 booda jiru inni dhumaa ammoo Torban gadadoo (Himamaat) gooftaa Iyyasus irratti ga’ee ture, qabamuu isaa, olii fi gadi deddeebi’uu isaa dhumarrattis hanga guyyaa fannifamuu sanatti rakkoo irra ga’aa ture sana caalatti yaadachuuf itti dabalame. Kanaaf bakka tokkotti guyyaa 55 ta’a jechuudha. Soomaa xinneesutu rakkina qaba malee baay’isanii soomuun rakkoo hin qabu ni jaallatamas.
Wangeela sirritti hubachuuf immoo torban saddeettan sooma guddicha keessa jiran maqaa ofii kopha kophaatti qabu. Isaaniis seenaa Wangeela Keessatti hojjetame irraa kan fudhatamaniidha
Dilbata Jalqabaa: Hirqaal jedhama. Seena duratti kaasneen wal qabata.
Dilbata Lammataa: Qulqulleettii jedhama. Waa’ee qulqullinaat ibsa,ittis barsiifama  waan ta’eef.
Dilbata Sadaffaa: immoo Mukiraab jedhama, gooftaan mukraabitti barsiisuu isaa yaadachuufi.
Dilbata Afraffaan: Matsaaguu jedhama, faarfannaan nama dhibame fayyisuu isaa dubbatu waan itti dhagahamuufi dha. Gooftanis dhibamaa fayyisuu isaa ibsuufi.
Dilbata Shanaffaan: Tulluu Ejersaa jedhama, tullu Ejersaa (debreziyitii) irratti barsiisu isaa ibsuufi.
        Dilbata Jahaffaan: Immoo Gebreheer yookaan tajaajilaa (hojjetaa) amanamaa jedhama, waa’ee amanamummaa ibsa. Wangeela irrayis seenaa akkanaatau dubifama torban sanatti.
Dilbata Torbaffaan: Niiqoodimoos jedhama, namni Niqoodimoos jedhamu  halkan halkan gara gooftaa dhufeet barachuu isaa faarfannaan itti dhagahamu waan ta’eef,
Dilbata Saddettaffaan: Immoo Hosaa’inaa jedhama, gooftaan bukarrii harree irra taa’ee Hosa’inaa Ariyaamitti  jedhamee gara mana qulqullummaa kan itti galeedha.
Torban isa dhumaa kana keessaa kadhaa(Irbaata) kamisaa kan jedhu guyyaan kamisaaa ni jira, gooftaan guyyaa irbaata duuka bu’oota wajjin nyaate dha.(barreeffama iccitii utubaawwan shananii jedhu ilaali). Guyyaan Jimaataa ammo guyyaa gooftaan itti fannifameedha.
2. Sooma Duuka Bu’oota:
Kun immoo erga soomni gooftaa hiikkatee booda guyyaa 50 barii irraa eegalee hanga Adoolessa 5 tti soomama. Sooma Waxabajjii jedhamees beekama. Duuka bu’ootni gooftaa erga Hafuura Qulqulluun guutamanii booda gara wangeela lallabuu osoo hin deemin dura, gooftaan akka lallabbii wangeelaa isaanii eebisuuf fi isaan jajjabeessuuf kan soomaniidha. Qulqulluu Phawulosis  “hojjetoota waaqayyoo ta’uu keenyas agarsiisudhaaf baay’ee ni obsina,ni rakkanna,gidiratti,mudamattis ni galla,ni reebamna,ni hidhamna,hirriba ni dhabna ,ni soomna” (2Qor 6:4) jedheera.
3. Sooma Filchataa (Maariyaamii ): Soomni kun  giiftiin  teenya dubroo Maariyaamin akkuma ilma ishii du’aa kaatee Iyyeruusaalem ishee haaraa seente jennee amanna kanaaf soomna. Fakkeenya Iyyeruusaaleem ishee haaraa kan godhannus kanaafi.
 Kan soomamus yeroo mara Hagayya 1 hanga Hagayya 15 yoo ta’u Hagayya 16 immoo soomichi ni hiikkata. Dubroo maariyaamiin kan booqatte Amajjii 21 yoo ta’u duuka bu’ootni gara Geetesemaanii foon ishee awwaaluu yoo deeman Yihudoonni itti hinaafanii addan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala jennata jala teessisan. Baatii 8 booda duuka bu’ootni Waaqa kadhatanii akkamitti osoo foon ishii hin awwaaliin jedhanii baaayyee xiiqa’anii Waaqayyo kadhaatan.Yemmus gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbaala jeennataa (Genet) jala jiru sana kenneefii kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan.
Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu innii immoo wangeela lallabee gara Yeruusalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innnis yemmuu kana baay’ee gadde, ni na’es,sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreefame  duraa  du’aa ka’uu gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaaniis gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii ture(Yoh 20:24).Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu  haadha isaas natti agarsiisuu dide jedheet ture. Yeroo kana si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru jettee tasgabbeessite, hinumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii itiin kafanamte kenniteef.
Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii itti himani.
Toomasis lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge jedhee itti hime.Kafanichas itti agarsiise. Waaggaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis heeyyama waaqaa ta’ee du’aa ka’uu isaanii guyyaa 16 iratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii akka sooman ni ajajji.
4. Sooma Gannaa(Raajotaa): Soomni kun Sadaasa 15 kan eegalu yoo ta’u hanga Muddee 28/29 (hanga guyyaa Iyyasuus Kiristoos dhalatutti soomama). Sababni isaas raajootni gooftaa Iyyasuus ni dhalata jedhanii hawwii guddaadhaan kan eegaa turan waan ta’eef gooftaa Sooman ofitti fudhachuu qabna jechuudhaan kan soomamuudha.
5. Sooma Gaadii (Ifa ba’uu): Soomana kana jala bultii guyyaa cuuphaati soomna. kunis ifa ba’uu gooftaa ibsuuf yookan yaadachuuf. Guyyaa tokko qofa soomama. Namoonni sooma gannaa osoo hin soomin hafanis ammo guyyaa tokko jalabultii gannaa gaadi jedhanii ni soomu.
6. Sooma Nanawee:  Soomni kunis guyyaa sadi kan soomamu yoo ta’u, akka seenaan isaa kitaaba qulqulluu irratti barraa’etti biyya Nanawee jedhamtu cubbuun namootaa bay’achuu irraa kan ka’e ibiddi balleessuuf kaanaan Waaqayyoon raajii Yoonaas ergee akka guyyaa sadii fi halkan sadi mootii fi lowwan dabalate akka soomanii waaqayyo araara gaafatan kan itti godhame (Yonas 2:7) .Waaqa kadhatan godhee nutis isa yaadachuuf ni soomna.
 7. Sooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaataa): kun immoo guyyoota ayyaana 50 irraa kan hafe , ji’a hunda keessa guyyaa Jimaataa fi Roobii ni soomama, sababni isaas Roobiin guyyaa gooftaa Iyyasuus itti qabame yoo ta’u , Jimaatni ammo guyyaa inni itti fannifame waan ta’uuf  sana yaadachuuf soomna.
Egaa soomni amantaa ortodoksii Keessatti soomamu torban kan arman olitti ibsamaniidha. Soomni lubbuf qofa osoo hin taane, fooniifiis faayidaa guddaa akka qabu saayintistoonni yeroo ammaa baldhinaan himaa jiru. , fakkeenyaaf dhibeewwan yeroo amma baay’ee nama rakkisan, kan akka baay’achuu dhiigaa fi kan kaansariin, baay’ina nyaata irraa waan dhufaniif foon keenyas yoo soomne mardhimaan keenyas boqonna waan argatuuf dhibeedhaan hin hubamnu.Umurii dheeraa jiraachuufis soomni iddoo guddaa akka qabu ni himama. Manaa Ortodoksii warra bahaattis soomni kabajamaa fi jaallatamaadha.
Akkamitti soomama?
“Yeroo dhuma soomtanitti immoo akka warra of agarsiiftuu,nyaara keessan hin guurinaa,isaan soomuun isaanii namootatti akka muldhatuttu fuula isaanii ni boosomsu” (Mat 6:16)
Ati garuu yeroodhuma soomtutti,mataa kee dibadhu,fuula kees dhiqadhu”Mat (6;17)”
Baatii soomaa keessa kan hidhame gadhiisisuu , kan dhukkubsatee siree irra jiruufis gaafachuu ,Waaqa kadhachuufiin barbaachisaa dha .Ammas sooma yoo jennu, Afaan keenya badaa dubbachuu irraa, ijji keenya yaraa ilaaluu irraa, lukti keenya bakka gadhee ooluu irraa, harki keenya dhiiga dhangalaasuu irraa fi hojiiwwan jibbaman hunda irraa of qusachuu jechuudha.Akkuma barraa’e
“Soomiin ani foo’adhe, warra firdii jaldhaadhan hidhaman hiikuu, hudhaa wanjoo itti furuu, Warra cunqurfaman luba baasuu,   waanjoo hundumas isaan irraa caccabsuu mitii ree? Buddeena keessan warra beela’aniif,  hiyyeessa olii fi gadi jooruuf iddoo bultii kennuu, isa qullaa ta’e yemmuu argitan daara baasuu, warra aantii keessan ta’anitti dugda gatuu dhiisuu mitii ree? Yoo kana hunduma gootaniif ifni keessan akka biiftuu ganamaa ol ni ba’a.Madaan keessanis dafee deebi’ee ni fayya."(Macaafa Isaayyas Raajichaa 58:6)

kadhaa
kadhaa fi soomni oboleewwan waliiti jedhu abbootni keenya akkuma kanaa olitti ibsine. Kadhaan haasawaa nuti Waaqayyoon waliin taasifnuudha. Waan garaan keenya barbaadus kan Waaqatti himannee irraa argannuudha. Kadhaan akka Ortodoksii Tawaahidootti seeraa fi sa’aatii itti kadhatmus qaba. Kadhaan yeroo hunda dursee galataan jalqabamuuu qaba. Dursa kan hardhaan si ga’e galateeffattee Waaqayyoof galata dhiheessuu qabda. Sana booda araara kadhata, dabalataanis obboleewwaniif, biyyaaf akkasumas namoota kadhaa keessaniin nu yaadadhaa jedhan hunda yaadachuun barbaachisaa dha.
Kadhaa keenya yeroo hundaas akkuma gooftaa Iyyasuus nu barsiise kadhaa Abbaa keenya samiirra kan jiraattu isa jedhu sanaan jalqabmnee isaan xumurra. Isas yeroo hunda irra deddeebine kadhachuu qabna. (Mat 6:9),(Luq 11:2).
Sa’aatii kadhannaa.
Namni yeroo hunda sa’aatii 24 akka Waaqayyoon yadachuun barbaachisaadha. Haa ta’u malee kana gochuun namootaaf waan ulfaatuf, akkuma humna isaanitti galateeffatu. Fakkeenyaaf gadaamii keessatti sa’aatii 24 abbootni galateeffatan ni jiru, seerri abbootni barreessan immo akka jedhu: namni immoo danda’u guyyaa keesatti sa’aatii 24 ykn guyyatti yeroo torba ykn yeroo sadi yoo gamteef immoo guyyatti yeroo tokko dheeressee Waaqayyoon kadhachuu akka qabu seerri tumameera.
Mee kadhata sa’aatii baka torbatti adda qoodame haa ilaallu. Maaliif saa’aatii sanatti akka kadhatamus haa hubannu.
1. Barraaqa: Yoo hirriibaa kaanu, sa’aatii gooftaan himatamee Philaaxoos fuuldura dhaabbatee (Mat27:1) waan ta’eef, waan nagaan nu bulcheef fi kan biros jiru.
2. Sa’aatii 3itti: Gooftaan Philaaxos fuuldurat kan reebame(Yoh 19:1) waan ta’eef isa yaadachaa kadhachuu qabna
3. Sa’aatii Jahatti: Sa’aatii gooftaa Iyyasuus itti fannisanii waynii hadhaawaa obaasanii dha(Yoh 19:14)
4. Sa’aatii Sagalitti: Gooftan lubbuu isaa fooniin kan adda baasedha, sa’aatii itti fannoo irratti du’e dha(Mat 27:46)
5. Sa’aatii 11 itti: Kun sa’aatii foon gooftaa Iyyasuus gara boolla awwaalaa itti seene dha.(Mat 27:57)
6. Galagala sa’aatii hirribaa: (Gooftaa Iyyasuus Geetesemaniitii kan itti kadhatee dha, Yihudoonnis gara Yihuudaatiin qabaniiru (Mat 26:38)
7. Halkan qixxee: (Hojii duuka bu’ootaa (Mat 16:25) Kun sa’aatii gooftaan itti dhalate, du’aa sa’aatii itti ka’ee fi ardii fi samii dabarsuuf sa’aatii itti deebisee dhufu dha waan ta’eef sa’aatii kanatti kadhachuun barbaachisaa dha. Faarsaa Daawitis “Halkan maqaa kee nan yaadadha” jedha Far (119:55)
Namni kana godhuu dadhabe garuu guyyatti yeroo sadi: ganama yoo hirriibaa ka’u guyyaa sa’aatii jahattii fi galgala hirribarratti tti Waaqayyo yaadachuun barbaachisaadha
Amms namni kana gochuu dadhabe yoo dhoowwe guyyatti yeroo tokko galgala ykn ganama yeroo tokko bataskaana dhaqee kadhachuun bartbaachisaa akka ta’e seerri tumamee jira.
Gamtaadhaan immoo kadhaa qiddaasee irratti, kadhaa irratti ganama barraaqa kidaanii(Waadaa), kadhaa gara galgalaa irratti(serk), kadhaa halkan guutuu(Mahleet), kadhaa yeroowwanii(Se’ataat) hirmaachuun barbaachisaadha. Manni amantaa Ortodoksii kadhaa nama du’ee iratti godhamu, kadhaa namoota dhibamanii,kadhaa takliilii fi kan biros ni qabdi.
Yeroo maaddiin dhihaatees, eega maaddiin kaa’ees boodaa kiristaanni akka Waaqayyoof galata dhiheessu ajajameera. 
Kitaabota kadhaaf nu gargaaran keessaa faarfannaa Daawiit, galata Mariyaam Malkaa Iyysessu fi Malkaa Maariyaamitti akkasuma kan birootti fayyadamuu qabna.
Torbanitti dilbata ganama Qiddaase dhaquun dirqama dha.Mana keenya irras bataskaana dhaqnee kadhachuu qabna malee jecha dadhabdootaa qabannee  siree irrattis Waaqayyo nu dhagaha jechuudhaan hojii hafuuraa irratti dadhabaa ta’uu hin qabnu.
Guduunfaa
Barreefama kana Keessatti waa’ee soomaa fi kadhannaa baay’ee gabaabsineet dhiheessine malee waa baa’yee kaasuun ni danda’ama.Ka’uumsaaf garuu bu’uurri jiru kanuma.Fakkeenyaaf waa’ee sooma habaaboo(Tsiggee) hin kaafne,inni abboomamee osoo hin taane,fedhii ofiitiin kan soomamuu dha.Waa’ee akkanaa kana immoo baatii isaa eeggannee dhiheessina.Dubbisaa ,jechootni dogongora qaban yoo jiraatan nu hoofkalchaa, ergaadhaan dafnee akka sirreessinu nuti himaa.Hunduma ol immoo kadhaa keessaniin nu yaada dhaa.Kakaasee kan nu jalqabsiise,jalqabsiisee kan nu xumursiise,maqaan gooftaa Iyyasuus haa ulfaatu.Kadhaan haadha keenyaa fi qulqulloota hundaa nu faana haa ta’u.Ameen!
Hagayya, 2004A.l.I

Kitaabota Wabii
1. Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
2. Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot, Finfinne
3. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
4. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
5. Barreeffamoota gara, garaa fi barnoota abbootaa irraa, kan guyyaa ayyaanaa, barnoota  Awude-Mihretii irraa)




No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.