Monday, February 25, 2013

WNA007.Raaga Yoonas : Nanawee



Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen!

Soomana labsii mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo kan ta’an torbatu jiru. Isaanis Sooma guddicha gooftaa Iyyasuus soome, Sooma Nanawee, Sooma Filchataa, Sooma Duuka bu’ootaa, Sooma raajotaa, Sooma Gaadii(ifa ba’uu) fi Sooma fayyinaa(roobii fi Jimaataa)(Waa’ee sooma kanneenii baldhinaan argachuuf maaloo liinkii itti aanu kana irra ilaalaa (http://www.maaddiijaalalaa.blogspot.com/2012/08/wn006sooma-fi-kadhaa-akka-mana.html) Isaan keessaa soomni Nanawee kun isa tokko dha. Soomni kun labsiidhaan hordoftoota amantaa Ortodoksii Tawaahidoo hunda birratti guyyaa sadiif ni soomama. Eessaa dhufe, akkamiin soomuun eegalame kan jedhuuf immoo, maddi isaa kitaaba Qulqulluu dha. Seenaan isaas Raaga Yoonas irratti barreeffamee jira. Soomichi kun yoomii fi akkamiin akka soomamuun eegalame akka armaan gadiitti gabaabbinaan  dhihaate jira. Waaqayyo nu haa gargaaru.

Raajicha Yoonaas fi Magaalaa Nanawee
Sagaleen Waaqayyo cubbuun jiraattota magaalaa  Nananwee baay’achuu isaa agarraan gara raajicha Yoonas dhufe. Sagaleen Waaqayyon Yoonas Magaalaa Nanawee dhaqee akka lallabu itti hime. Yoonas garuu amala namoota biyya sanaa waan beekuuf magaalaa Nanawee dhaquu dhiisee gara Tarsees iddoo jedhamutti Waaqayyoo jalaa baqachuuf ka’e. Doonii gara Tarsees fudhatus yaabbate gara Tarseesitti qajeele.
Bishaaniti Darbamuu Yoonas
Yeroo kana Waaqayyo danbalii hamaa galaana irratti akka ka’u ni godhe. Dooniin raajichi Yoonas fa’a yaabbatanis gamanaa fi gamas raafamtee caccabuuf geese. Hundumti isaanii sodaatanii iyyan. Akkuma amantaa isaanittis Waaqa isaanii waaman. Ba’aan  akka isani irraa hirdhatuufis meeshaalee qaban hunda gara bishaanitti baasanii darban. Yemmuu kuni hundi ta’u Yoonaas gara keessa doonichaatti  hirribni  hamaan fudhatee of gatee rafaa ture. Dursaan doonichas gara Yoonas dhufe, “atihoo of gattee rafteetta! Ka’iiti akka hin banneef Waaqa kee waami”  jedheen. Isaanis wanti hamaan kun saababa eenyuun akka nu argate koottaa carraa(ixaa) haa buufnu jedhanii yemmuu carricha buusan Yoonas iratti bu’e. Isaanis yemmuu sana, Yoonaasin wanti hamaan kuna akkamiin nu argate? eessa dhuufte? maal hojjetas, biyyi kees eessa jedhanii jabeesanii gaafatan. Innis “ani nama biyya Hibruuti. Waaqa lafaa fi galaana kana uumen waaqeffadha” jedheen. kanaafis maal akka balleese gaafatn. Isaanis kunoo danbaliin nu balleessuf ta’a maal wayya jedhanii isa gaafatan. Innis deebisee “balleesan kuni hundi kan isin argate sababa koon waan ta’eef ana fuudhaati gara galaanatti na darbaa” jedhee. Isaan garuu jabeesani yabalanii ba’uuf yaalanille hin dandeenye Booda garuu Yaa Waaqayyo ati akka barbaadde godhi, situ beeka, cubbuu namicha kanarraa nu qullessi jedhanii fuudhanii bishanitti Yoonasin darban. Yemmuu kana danbaliin ka’aa ture sun ni dhaabate.
Yoonas Qurxummii guddaan Liqimfamuu Isaa
Waaqayyo ammo qurxummii guddaa Yoonasin akka liqimsuuf ni qopheese. Yoonasis guyyaa sadii fi halkan sadi garaacha qurxummii guddaa sana keessa lubbuun isaa osoo hin ba’in bule. Yoonasis garaacha qurxumichaa keessa taa’ee galata Waaqayyoof ni dhiheessa ture. Waaqayyo immoo kadhannaa isaa ni dhagahe gara dachee gogaatti baasee akka Yoonasin tufu Waaqayyo ni ajaje Yoonasis Qurxumicha keessaa tufamee gara lafa gogaatti ni ba’e.
Yoonas Gara lafa gogaatti erga bahee booda
Sagaleen Waaqayyoo ammas yeroo lammafaaf gara Yoonas akkas jedhee itti ni dhufe. Akkanas jedheen “Yoonas ka’iiti gara magaalaa guddittii Nanawee deemi waanan ani siin jedhus lallabiif “ jedheen. Yoonas akka Waaqayyon abboomame ka’ee gara Nananwee ni adeeme. Nanaweenis magaalaa guddoo keessi ishees guyyaa sadi deemsisa ture. Yoonasis ‘Nanaween guyyaa sadi booda ni baddi ni garagalti’ jedhee lallabuu eegale. Uummanni Nanawees Waaqayyotti ni amanan, soomas ni labsan, xiqqaa hanga guddaatti akka soomamau ni ta’e. Mootiin biyya isaanillee dubbii kana ni dhagahe. Innis teessoo isaa irraa gadi bu’ee uffata boo’ichaa uffatee daaraa irra taa’ee  ni gadde. Innis labsii ni baase. ‘Namni hundi loowwan illee osoo hin hafin bishaanillee akka hin dhugne, hundi isaa gara Waaqayyotti haa iyyu’ jedhe. Waaqayyo immoo deebi’uu fi gadduu isaanii ilaalee ni mararfateef, balaa fi balleessa jedhe sanas osoo itti hin fidin hafe.
Yoonas dhiifama Waaqayyoo Nanaweef godhetti aaruu(dallanuu) Isaa
Waaqayyo dhiifama warra Nanaweetiif kennuun isaa garuu Yoonas hin gammachiifne ture. Innis ‘raajaa sobaa naan jedhan badiin isinirra ni gaha jedhee lallabee ture, osoo homtu hin ta’in yoo hafu, raajaa sobaa naan jedhu namoonni’ jedhee  sodaate, lole, gara Waaqayyoottis ‘anas du’a naaf  wayya amma na ajjeesi’  jedhe. Yoonasis magaalatti keessaa gara  daangaatti(cinaatti) ba’ee waan ta’uuf  jiru mana godoo(kabaa) kabeeb fatee ilaala ture. Waaqayyos buqqee halkan tokkotti magarsee kabaa (godoo) Yoonas gaaddiddeesse, Yoonas ammo gammade. Yemmuu bari’u garuu buqqeen sun Waaqayyo raammoo ishee nyaatu qopheesse ni gogse. Yoonasis hoo’i aduu mataa isaa hadooche. Kanaanis Yoonas nyaatamuun buqqee sun baay’ee isa marare. Yoonasis yemmuu goguu buqqee sana argu ammalle du’a naaf wayya jedhe ofitti aare.
Waaqayyo Yoonasin akkamitti akka barsiise fi Iccitii buqqee gogdee
Egaa Waaqayyo Yoonas barsiisuudhaf halkan tokkotti buqqee daraarse, booda immoo barii ni gogse. Waaqayyos Yoonas akkas jedhee komate  ‘ati buqqee kanaaf na lolta?  jedheen. Innis eeyyee jedhe deebiseef.  Waaqayyos ‘atillee buqqee itti dadhabdee hin dhaabneef, buqqee halkan takkatti daraarte waan dhabdeef na  lolta, ani egaa uummata Nananawwee  kan bitaaf  mirga isaa  hin beekneef  baay’inni isaas uummata kuma  120 ol kan ta’an kanaaf yoo isaan na ka dhatan akkamittin hin naanee ree?’ jedhee deebiseefi.
Wangeela Irratti gochi Nananwee Gooftaa Iyyasuusin Yaadatamuu Isaa
Soomaa fi gaddi namoota Nanawee bara gooftaan fooniin lafa kana irra deddeebi'aa barsiisaa turetti illee yaadatameera, barsiisafis yaadannoo kabajaatiin ooleera.
"Namoonni Nanawwee guyyaa firdiitti dhaloota si'anaa wajjin ka'anii ni dhi'aatu, ittis ni murteessisiisu. Isaan lallaba Yoonaas dhaga'anii yaada garaa isaanii geddarataniiru; amma garuu, kunoo, inni Yoonaas irra caalu as jira."…………………………………………….
Mat 12:41
Yoonas Fakkeenya Gooftaa Keenyaa ta’uu Isaa
Kakuu haaraa keessatti Yoonass halkan sadii fi guyyaa sadi garaacha Qurxummii guddaa keessa buluun isaa  fakkeenya gooftaan keenya Iyyasuus Kirsistoos Ilmaa namaaf  jedhee foon uuffatee lafa kana irratti dhalatee fannifamee, lubuu isaa dabarsee kennee, halkan sadii fi guyyaa sadi awwaala keessa bulee booda du’a moo’atee ilma namaa hundaaf fayyina badhaasuu isaa kan ibsu dha.  kunis wangeela irratti,komiin ka’eera,uummani kun fakkenya barbaadu innis fakkeenya yoonas malee hin kennamuuf jedhameera.
Akkuma Yoonaas garaa qurxummii guddichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture, ilmi namaas akkasuma guyyaa sadii fi halkan sadii garaa lafaa keessa turuuf jira” Mat 12:40
Kitaaba Wabii
·        Kitaaba Qulqulluu
Waldaa Nahimiyaa,kan Ortodoksii Tawaahidoo Tajaajila Hafuuraa Afaan Oromootiin. Guraandhala 18, bara Araaraa, 2005.

Monday, February 11, 2013

WNA006.Yaa'ii Jalqabaa Biyyoolessaa Waldaa Nahimiyaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen!



Waldaan Nahimiyaa yeroo jalqabaaf  yaa’ii biyyoolessaa miseensota biyya keessatti argaman hirmaachise Guraandhala 3 bara 2005 adeemsisee jira. Yaa’ii kana irrattis guyyaa waldaan kun hundeeffamee eegalee hafuuraan malee qaaman obboloonni wal hin beekne yeroo jalqabaaf wal arganii waliin mari’ataniiru. Miseensonni waldicha magaalota gara garaa keessa jiraatanis argamaniiru.
Yaa’iin kun ajandaawwan qabaman torba irratti kan marii’ate yoo ta’u, moggaasa maqaa fi kaayyoo waldichaa, barbaachisummaa waldichaa, caasaa waldichaa, danbiiwwan waldaan kun qabaachuu qabuu fi karoorawwan akkasumas jalqabbii qaama seerummaa beetekihnetiitti galmeessissuuf godhamuu qabu  irrattis baldhinaan mari’ateera. Ulaagaalee miseensummaa hanga amma ture irrattis foyya’iinsa gochuun qabxiiwwan miseensummaa keessa nama haqsiisan irrattis mari’ateera.
Yeroo amma hirdhina gama Afaan Oromoon jiiru akka carraa gaaritti fudhachuudhaan shakkitoonni hordoftoota amantaa Ortodoksii gowwoomsuuf afaan Oromootti fayyadamuun baruumsa haaraa dabarsaa waan jiraniifi mana kiristiyaana Ortodoksii Tawaahidoo irratti waan duulaniif, gochawwan akka kanaa kans saaxiluufi Waldaan Nahimiyaa kan Ortodoksii Tawaahidoo rakkowwa gama kanaan jiran kana wareegama barbaachisa ta’e kaffalee karaa dhugaa uumataaf afaan Oromootiin beeksisuudhaaf Waaqayyoon qabatee akka ka’e  himameera. Dabalataanis seenaa shakkitoonni fi namoonni jibba mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatif qaban dabsanii dhiheessa turan  gadi fageenyaan qoratee sirreeesse uummata biraan akka gahuufis wal amantii irra gahameera.
Waldaan kun Onkoloolessa, 14, bara 2004 erga hundeeffamee eegalee barreeffamoota gaggaabaaboo Ortodoksii Tawaahidoo ilaalattan facebook  fi biloog saayitiidhaan akkasumas peejiidhaan dabarsaa jira. Dabalataanis namoota carraa interneetii hin qabneef fuula duraaf ergaawwan hanga ammatti barraa’a turan baldhise bifa kitaabotaatiin namoota biraan gahuuf  karoorfatee jira.
Odoo qaamaan wal hin argin amantiidhaan  hanga kana adeemamuun jajjabina fi dhugummaa waldichaa kan jajjabeesse waan ta’eef  miira gammachuu akka isaan keessatti uume hirmaatonnis ibsaniiru. Inumaayyuu wanti barreeffamaa ture sun hangam dhugaadha laataa? waldaan kun jiraachuun isaayyuu shakkii kan isaan keessaati uume ture kan ibsan  miseensonni walaadichaaa, amma rakkoowwan turaniifi kaayyoo waldicha akkasumas miseensota argaman hundaan waan wal baraniif, fuula duraan waan danda’an hundaa waldaa kana deeggaruuf waadaa galaniiru.
Fuuladuraafis muuxannowwan waldaaleee ortodoksii Tawaahido gara garaa keessa turan gara waldaa kanaatti fiduudhaan  caalatti akka tajaajilan ibsaniiru. Karaa biraatiin barsiisota, faarfattoota, barreessitoota,lallabdoota kan ta’an hunda hojiin isaanii uummata bira akka gahuu ni hojjetas jedhameera.  
Dabalataanis  sababa gara garaatiin miseensota yaa’icha irratti hin argamne tokko tokkoofis ergaa isaanii bilbilaan akka dhageessisan sagantan qabame ture.Haaluma sagantaa sanaanis miseensota iddoo gara garaa fi fageenya irratti argaman ergaadhaan wal jajjabeessanis jiru. Hordofaan amantii ortodoksii Tawaahidoo tokko yoo ulaagaalee waldaan Nahimiyaa teessise guutee argame waldicha keessa galuun hojjechuu fi wan danda’uun gumaachuun akka danada’amus ibsameera.
          Waldaan Nahimiyaa fuula duraaf  boordii qajeelchaan akka hoogganamus ibsameera. Koreen Hojii raawwachiiftuus filatamaniiru.Yaa’iin biyyoolessaa kun kan adeemsifame, bataskaana seena qabeettii Qulqulleettii Maariyaamii Ejereetti.