Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Waldaan
Duuka Bu’ootaa(Tajaajila Afaan Oromoo kan Ortodooksii Tawaahidoo ) kuni kallattiin ka’uumsa isaa maali? Maaliif
barbaachise? Kan jedhuuf deebiin ifatti
qabxiiwwan armaan gadiiti
A.
Wangeelli kan lallabamuu qabu, baruumsis
kan darbuu qabu afaan dhalli namaa hubatuun ta’uu qaba, hawaasni tokkos
wangeelaan qaroomuu qaba kallalttii jedhu qabachuudhani
B.
Lallabni kamiyyuu yeroo lallabamu hanga
wangeelan walitti hin buunetti safuu fi aadaan ummaticha giddu gala taasifamee
lallabamuu qaba kallattii jedhu qabachuun
C.
Aadaa fi seenaan hawaasicha wangeelli
lallabamuufii kabajamuu qaba kallatti jedhu qabachuun
D.
Seenawwan dogongoraa,gochiwwan mootota darban
tooftaan sirna isaanii jabeeffachuuf itti fayyadamaa turan mana kiristaanaa
keessatti leellifamuu hin qabu kallattii jedhu qabachuun
E.
Akka kana dura ture, waldaa qaama
biraatiin ijaarame osoo hin taane, yookiis qaama fedhii fi ergama addaa qabuun
dhiibbamee ijaarame osoo hin taane, yookiis deeggarsha qarshii biyya alaarraa
argamuun hojii shakkummaaf yookis hojii ergama addaa qabuuf kan ijaarame osoo
hin taane hawaasuma kana keessaa hordoftoota
amnticha keessa isaanitti hubataniin, ijoollee hinaaffaan fi quuqamni keessa
isaanii burqeen handhuuraa hawaasicha amantaa Kiristaanaa hordofanii ta’ee
waldaan tajaajilu jiraachuu qaba, hojiin duuka bu’ummaallee kana ta’uu qaba
kallattii jedhu qabachuun
F.
Hawaasa isaa kan barsiisuu qabu
barsiisaa, abbaa hawaasa sana keessa ba’u
ta’uu qaba,hayyuun amantaas achuma keessatti horatamuu qaba qaba kallattii
jedhu qabachuun
G.
Sababa Afaaniitiin, mufaatii gara
garataiin, dubbii hamaadhaan, arrabsaan fi tuffiitiin, beekumsa dhabuudhaan,
hotoksaa shakkitootaan amanticha kan gadi lakkisanii deeman waan jiraniif
isaanif karaa dhugaa agarsiisuun
yeroonsaa amma kallattii jedhu qabachuun
H.
Milkii gaarii shakkitootni itti
fayyadamanii hordoftoota amantichaa hatan hundi isaaniif bu’aa yeroo gabaabati
malee isa dhugaa miti,uummata keenya yoo
barsiifne,namni amanichatti deebi’uuf qophee ta’uun ni beekama qalbiin isaa
amantaa isa ishee jalqabaa kan taate Ortodooksii seera qabeetti waliin akka
jiru ni beekama,kana gochuun fedha Waaqayyooti ni danda’ama kallattii jedhu
qabachuudhaan
I.
Of ta’uun, biyya kanarratti wangeela lallabuun
ni danda’ama kallattii jedhu qabachuun.
J.
Sobaan hamatamuun dhugaadhanis
komatamuun hirdhachuu qaba kallatti jedhu qabachuun
K.
Seerri abbootni keenya afuurawaa tuman
hirdhachuu dhiisaati sheelachuu iyyuu hin qabu kallattii jedhu qabachuun
L.
Tajaajilli kuni biyya keessa qofatti
hafuu hin qabu kallatti namni afaan kana dhagahu hundi jirutti faca’uu qaba
kallattii jedhu qabachuun
M. Manneen
Kiristaanaa deeggarsaa fi gargaarsa argachuu qabu,galii dhaabbataas tooftan
ittiin argatan uumamuufi qaba kallattii jedhu qabachuun
N.
Heera fi seera biyyattiin teessifte
keessatti haala seera qabeessa ta’een,arrabsoo fi dhaadannoon osoo hin taane,
jaalalaa fi baruumsa wangeela ifatti afaan keenyaan babaldhisuun mirga, carraa gaaridhas malee akka coraa hamtuutti
fudhachuun miti kallattii jedhu qabachuun
O.
Guyyaan fayyinaa hardha,sanayyuu
amma,akka ergaan Waaqayyoo jedhu,osoo bor hin eegin hardha karaa saaqne
dhaloota boruuuf fayyina lubbuu isaaniif haala mijeessuu qabna,amma boqonnaa
haaraa tajaajilli kun itti finiinurra
gahuu qabna abdii jedhu qabachuudhani, kuni hundumti human Waaqayyoon fiixa ni
ba’a.
Biiroo Qindeessaa
Tajaajilawwan Waldaa Duuka Bu’ootaa
Amajjii 2008, Finfinnee