Monday, July 23, 2012

WN005. Jireenya Gaabbii


“koottaa gara Waaqayyoot deebinaa.” Hos 6:1
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin!Ameen.
Ibsa
Akka fedhii Waaqayyootiin barreeffamoota seeraa fi danbii amantaa ortodoksii keessatti beekuuf dursaan kennamuuf fi hordoftooota amantaa bira ga’uu qaban afaan Oromootiin qopheessudhaan toora interneetii irratti maxxansuudhaan namootni carraa interneetii irra dubbisuu qaban hundi akka sagalee Waaqayyoo dhagahaniif hanga tokkoon xinnaatuus qopheesssuu irratti argamna. Kunis kan barbaachiseef dharraa namootni baayyeen afaan Oromootiin wangeela barachuu qaban arguudhaan yoo ta’uu fi hirdhina gama kanaan jiru akka milkii gaaritti fudhachuudhaan shakkitoonni barnoota sobaa baay’ee dogongorsiisa ta’e dabarsaa waan jiraniifi dha. Kanumanis hanga ammaattii biloogii keenya irratti barreeffamoota afur qopheessinee biloogii irratti kan maxxansine yoo ta’u, kunoo ammas akka fedhii Waaqayyootti barreeffama shanaffaa kan ta’e  “Jireenya gaabbii” mata duree jedhuun qopheessuun dhiheessinee jirra. Fuulduraafis akka heeyyama Waaqayyootti kitaabota hedduu mataa duree gara garaa irratti afaan oromootti hiikuu fi qopheessudhaan maatii Waaqayyoo bira akka ga’aniifis carraaqii eegallee jirra.
Namoota hanga ammaatti tajaajilli akkanaa kun afaan oromootiin jiraacchuu isaatti gammaddanii yaadan nu deeggartanii duuboo nuuf kennitan isin galateeffachaa, ammas kunoo barreeffamni tokko si’uma tokkotti dogongora xixinnoo irraa bilisa waan hin taaneef , dogongora yoo jiraate akka sirreessinuuf  yaada fi kadhaadhaan nu faana ta’aa isiniin jenna. Yaada qabdanis teessoo email keenyaatiin nuuf barreessa.Namootni sagantaan akkanaa kun hanga dhumaatti osoo addaan hin ciccitin karaa hundumaanuu deeggaruu barbaaddaniifis karri banaadha. Dhaamsi keenyaas koottaati waliin umurii Waaaqayyo nuuf kenne gabaabduu kana keessatti, waliin tajaajila hafuuraa kenninee waliin eebbifamna, akka seera Ortodoksii Tawaahidoottis ni jiraanna kan jedhuudha.Waaqayyo nu haa gargaaru.
 Kiristanummaan amantaa araara fi jaalalaati. Wangeelli mana kirstaanaa keessatti lallabamus kan gara laafummaa Waaqayyoo ibsu,kan  araara waaqayyoo ibsuu fi kan  hojiin cubbuu namni hojjete akka irra haqamu himaniidha. Jireenyi gaabbii mana
Jireenya Gaabbii
Jireenya gaabbii jechuun namni tokko hojii yaraa Waaqayyoon  biratti  jibbamaa ta’e  hojjechaa yoo ture, booda  hojiin sun sirrii akka hin taane laphee isaa guutuudhaan hubatee lammata hojii sanatti akka hin deebineef yakka isa darbe sanatti gaddaa   balaaleffachaa, humna Waaqayyootiin waan badaa irraa of dhoowwanii jiraachuu jechuudha. kan hatu yoo hanna dhiise, kan hin soomne yoo  ta’e some,Kan weelisu weellii dhiisee yoo faarfate,kan machaa’us dhugaatii dhiisee yoo akka abboommii Waaqayyootti bule, kan namaaf hin naane yoo na maaf nahe, waluma galatti abboommii kurnan cabsee hojii yakka hojjechaa ture sana irraa deebi’uu fi seera ba’eef ,Waaqayyoof amanamaa ta’anii jiraachuu  jechuudha.
 Ilmi namaa jiruun isaa cubbuun kan guutameedha. Yaadni isaas, hojiin isaas kan Waaqayyoon mufachiisudha.Yeroo tokko tokko bakka Qulqullummaa dhaqee qaama saa ni qulquleessa,hojii gaariis hojjetee ni eebbifama.Battalumattis immoo deebi’ee cubbudhaan dhoqqaa’a,galaana cubbuutiis ni daaka.Kuni amaluma ilma namaati. Kanas nama isa jalqabaa kan ture Addaam irra hubachuun ni danda’ama.Innis amallli dhala namaa dadhabaa ta’uu isaa kan agarsiisudha. Haa t’u malee kaayyoon gooftaa kaayyoo jaalalaa waan ta’eef yeroo maraa “Isin kan ba’aan isinitti baay’ate koottaa gara koo anis haara galfiin isiniif kenna,isinin bayyanachiisa”  jechuudhaan yeroo hunda akka gara isaa deebinu nu waama.
cubbuu isaanii irraa yis ni dhiqa, namni Waaqayyo cubbuu irraa dhiqe immoo cabbii  irra addaata, qullaa’as. Namni gaabbe gara Waaqayyoo yoo deebi’e Waaqayyo immooo hojii isa darbee sana itti hin lakkaawu, ni irraanfataaf .Inni yeroo hunda ijoollee isaa ija jaalalaaln ilaala waan ta’eef. Waaqayyoo cubbuu jibba malee nama cubbuu isaatti gaddee ijaa isaa keessa ilaalu hin jibbu. Luqqisniwwanii fi seenawaan Wangeelaa irratti barraa’an hundinuu kanuma dhugaa ba’u. Mata duree kana keessatti kitaaba qulqulluu irraa fi kitaabota Ortodoksiin fudhattu irraa  barreeffamoota jireenya gaabbiitiifi fakkenya ta’anii nu barsiisuu danda’an  muraasa fudhannee isiinii dhiheessina. Waaqayyo nu haa gargaaru.
Gaabbiin kan eegalame nama isaa duraa abbaa hunda keenya kan ta’e Addaam irrayi. Waaqayyo erga jeennata?(Genet) keessatti isa galchee booda waan hunda irratti ol aantummaa kenneefii, akka bitus,akka bulchus  erga godhee booda,ija muka tokko kan badaa fi tolaa beeksiftu qofa hin nyaatin yoo isa nyaate du’a bara baraa ni duuta jedheen. Haa ta’u malee Addamii fi Hewaan abboommii sana dubbii sobaa bofaatiin gowwoomanii erga nyaatanii booda jeennata keessa ari’amaniiru. Lafa kana irrattis dafqanii haa nyaatan jedhamanii,akkuma Waaqayyo dura ittiin jedhe duuti du’aa irratti murtooftee turte.(Uma 3:1) Addaamii fi Hewaan garuu gaabbii wal irraa hin cinneen Waaqayyoon kadhatanii, dhalootaa isaanii hundaaf Waaqayyo akka araarameefi, waggaa 5500 booda dhalachuun ,akkasumas fannifamuun goofta Iyyasuusis sababni isaa gaabbii fi boo’icha Addaamii Hewaan  akka ta’e ni hubanna.
Isatti aansees raajotni Waaqayyon maqaa isaanii ol qabee ,filate illee dogongora irraa bilisa hin taane. Fakkeenyaaf ‘akka laphee Waaqayyoo’ nama ta’e kan jedhame Faarsaan Daawiit hojii cubbuu hojjetee, haadha mana Ooriyoon Bersaabeh jedhamtu akka saame, abbaan warra ishees iddoo lolaatti akka ajjesamu akka godhe barraa’era(2 Samu’eel boqonnaa 11). Haa ta’u malee booda Daawiit booyee hirqee araara Waaqayyo akka argates kakuu moofaa keessatti barraa’eera.Nutis barachuu kan qabnu,balleessaa isaanii irra booyanii,gaabbanii araara argachuu isaanii irraayi.
Qulqulluu Phaawuloosis, maqaan isaa duraa Saa’ool ture. Nama kiristaanota ajjeesuuf,godaansuufi gidiraa itti baay’isuuf  heeyyama baafate  baldhinaan socha’aa turee dha(Hojii duuka bu’ootaa boqonnaa 9). Gooftaan garuu seenaa isaa jijjiiree, booda ‘mi’a qulqulluu’ jedheeniira. Phaawuloos ergaa 14 ta’anis  barreessee jira.Cubbuu fi hojii abaaramaa yoo hojjetan battalumatti gaabbuus seenaa Pheexroos irraa ni baranna.(Mat 26:69). Innis yemmuu gooftaa Iyyasuus fannifamuuf  ta’u wajjiin ture,haa ta’u malee isas akka hin ajjeefne waan sodaateef sodaatee “beekta nama kana?” jedhanii gaafannaan “hin beeku”  jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee sa’aatii sanaaf qofa laphee isaatti osoo beeku ni gane.Gooftaa Iyyasuusis osoo handaaqqoon hin iyyin yeroo sadi na ganta jecha jedheen sana yaadatee gadi ba’ee  bo’icha baayyee hadhaawa ta’e booyee, sa’aatii sanatti gooftaa ganuu isaatti gaabbee deebisees araarameera. Pheexroos nama aangoo guddaa gooftaa Iyyasuus irraa argateedha. “Banaa mootummaa waaqaa siifan kenna,waanumti ati lafa irratti hiite, waaqa irratti hidhamaa ni ta’a, waanumti ati lafa irratti hiikte ammo waaqa irratttis hiikama ni ta’a”(Mat 16:19) jedhamee aangoo guddaan kennameefii jira. Aangoon isaaf kenname kun kunoo hardha luboota harkattis ni argama.
Seeenaawwan kana akka wabiitti fudhanne malee seenaan wal fakkaatan kan biros baay’ee dha.Nutis nama, abboota keenyaaniis addaan hin jirru, isaanirras jabina hin qabnu, yakki nu hojjennus kan  isanii olii yoo ta’e malee isaanii gadi ta’uu hin malu. Isaan illee araara Waaqayyo argataniiru.Nutis Waaqayyo akka namaa miti hojii keenya saaqee namootatti hin muldhisne malee silaa dhaabbannee deemuudha ni qaanofna ture. Kanaaf jireenyi gaabbii nu barbaachisa.
Yoo gaabbinus  cubbuu yoo hojjennu itti hin qaanofne sana lubatti himuu akka qabnus kitaaba qulqulluu irraa ni arganna. Faarfannaa 32:5 Yommuus ani cubbuu koo sitti nan himadhe, yakka koos ani hin dhoksine, ani irra daddarbaa koo Waaqayyotti nan himadha’ nan jedhe, ati immoo yakka cubbuu kootiif anatti murame anaaf dhiifte.”
Jireeny gaabbii fi seerri gaabbii fudhachuu amantaa Ortodoksii keessatti akkamitti raawwatama? Kan jedhuuf immo akka armaan gadiitti gabaabbatee dhihaateera.
Cubbuu ofii lubatti Himachuun Barbaachisaa dha.
Kan cubbuuf dhiifama argamsiisu Waaqayyo tokkicha akka ta’e hunduu ni beeka.Haa ta’u malee gooftaa Iyyasuus aangoo lubootaaf keenne sana ka’uumsa godhachuudhaan namni gaabbii seenu abbaa gaabbii isaatiin ni mari’ata.Ittis ni himata. Kunis Kitaaba Qulqulluu wabii godhachuudhaani. Phaaphasiin Iskindiriyaa Qulqulluu Atinaatiwoos lubootan “Yaa luboota, isin ija Waaqayyooti’ jedheenira. Kitaaba Qulqulluu irraa ,luqqisawwan aangoo lubaa ibsanii fi cubbuu lubatti himachuu ibsan akka armaan gadiitti fakkeenya xinnoo kaasnee ilaalla.
Lubatti cubbuu himachuun kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessattis barraa’eera (Seera lewwotaa 4:20). Wangeela Yohaannis irrattis akkana jedhamee barraa’ee jira “cubbuu isaanii kan isin dhiiftaniif, cubbuun isaanii isaaniif dhifameera, cubbu isaanitii kan isin hin hiiknes, cubbuu isaanitiin hidhamaniiru” (Yoh 20:22).
Lubni namni cubbuu hojjete dadhabaa ta’e tokko  akka abdii hin kutanneef kan jajjabeessu, seerri Waaqayyoo maal akka jedhu kan ijoollee gaabbii isaatti himu yoo ta’u,cubbuu namni itti himate sanaafis Waaqa kadhaa isaa keessaatti  ni yaadata, Waaqayyoofis ni beeksisa. Akka gaabbii isaattis hojii araarara argamsiisu  kenneefii yoo fixe boodaa akkkuma kitaabni qulqullun jedhu hidhaa isaanirra ni hiika, Waaqayyos ni araaramaafi.
Yemmuu gaabbinu dhugumaan laphee keenya irraa gadduu, mararamu, gaabbuu fi boo’uun barbaachisaaadha. Sagadaa fi imimmaaninis ,soomaaniis Waaqayyo akka nuuf araaramu gaafachuun  barbaachisaa dha. Kanas dubbii kitaaba qulqulluu irraa ni hubanna.
“Ani aaduu kootiin dadhabeera, halkanuma dhuftu boo’uu kootiin siree koo nan tortorsa, iddoo ciisicha koo irras imimmaan nan lolaasa.” (Far 6:6)
Gaabbiin  nama yakkee akka nama hin yakkinee,nama sagaagaltuus akka nama qeerroo(dubraas) ni gooti, jedhu abbootni keenya.
Ø Goofta Iyyasuus Wangeelarratti cubbuu lubatti himachuu ajajeera:
Iyyasuus namicha lamxaa’aa erga fayyisee booda Dhaqii luba of ilaalchisi, fayyuun kee, hundumatti haa muldhatuuf akka Muuseen abboometti kennaa kee dhi’eessi ittiin jedhe.(Mat 8:2, Mar1:42). Egaa as irratti fayyisaan goooftaa Iyyasuus ta’us, aangoo lubootaaf kenne sana hin diigne, inni waan dubbate hin oolchu (hin hanbisu) waan ta’eef. Kanaaf erga lamxii irraa fayyisee booda luba bira dhaqi kan jedheen malee,lakkii fayyitee jirtaa si ga’e hin jenne. Kanaaf dubbistoota! Dubbii kana qalbeeffadhaa.Namootni wangeelli hin galleef tokko tokko lubatti cubbuu himachuun hin barbaachisu,hojii Waaqaa keessa harka seensisuudha  waan jedhaniif, ibsa wangeelaa kana itti himuun barbaachisaa dha.
Laga Yoordaanositti Yemmuu Yohaannis cuuphu namootni  cuuphamanis cubbuu isaanii himachaati ture kan cuuphaman
Isaan kun cubbuu isaanii himachaa laga Yordaanositti isa of ni cuuphsisu turan” (Mat 3:6).
Wangeela Luqaas 17:14 namootni 10 kan lamxiin qabe erga maaree(fayyisee), lamxii irraa qulleessee  booda, dhaqaatii luba of illaalchisaa jedheenii jira. Kana immoo ‘anuu isin qulleesse  Luba bira dhaquu hin qabdan’hin jenne. Haa ta’u malee kadhaa isaaniitiin Waaqayyorraa waada galeef santu nu hiika malee isaantu nu hiika jechuu miti, kun kabaja lubootaa ibsuufi. Hiikuufi hidhuun hojii Waaqayyooti. Isaanis Waaqayyo isin haa hiiku jedhu malee ani isin hiikee hin jedhan. Mee waamicha Waaqayyoo akka gara isaatti deebinuuf  godhu haa ilaallu:
KOOTTAA GARA WAAQAYYOOT DEEBINAA
Kitaaba qulqulluu irratti Waaqayyoo gara isaa akka deebinuuf waamicha wal irraa hin cinne gara raajota isaatiin namootaaf ni dabarsa. Waaqayyo afaan raajicha Hooseetiin akkanatti nu waama.
“Koottaa gara Waaqayyootti ni deebinaa, isatu nu cabse, isatu nu fayyisa, isatu rukutee nu madeesse, isatus deebisee nu supha(nuuf hidha). Macaafa Hos’ee Raajichaa 6:1
Kitaaba Iyyu’el raajichaa irrattis Waaqayyo garuu garaa keessan guutuudhaan, soomaan, boo’ichaan, gadduudhaanis gara kootti deebi’aa jedha.
“Egaa laphee keessan tarsaasaa malee uffata keessan hin tarsaasinaa, gara Waaqayyoo  gooftaa keessaniitti deebi’aa, inni araara qabeessa fi oo’a qabeesssa waan ta’eef dheekkamsatti hin ariifatu, gaarummaan isaas baay’eedha,wanta hamaa namatti erguu irras of ni qusata.” Macaafa Iyyu’eel(Yoo’el) raajichaa 2:12
kitaaba Isaayyaasi irrattis waa’ee gaabbii akka arman gadiitti dubbatameera.
“Koottaa mee walii wajjin dhugaa ni baafnaa,cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu,akka cabbii ni addaattuu,diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jibrii iddamaa adii ni taatu.”(Isa 1:18).
Garuu yeroo hunda, hannaan, ejjuudhaan, waaqarkee(xaa’ot) amanuudhaan, obboleessa mufachiisudhaan umuri keenya guutuu fixna taanaan, osoo kana beeknuu akkasuman mana kiristaanaa(bataskaana) tti deddeebina taanaan Waaqayyo hin jaalatu , nu gaafata akkas jedhees nu komata:
“Isin mana qulqullummaa isa koo kana mana hattuu seetan moo?kunoo ani waan isin gootan argeera”.(Ermiyaas 7:11)
Namni cubbuu hojjetu,akkuma cubbuu hojjetu sanaan itti citee hafuu hin qabu.kan kufe deebi’uu qaba.Tolaan yeroo torba ni kufa,yerooo torbas ni ka’a jedhame akkuma barra’e.Waaqayyo gooftaan akkas jedha
“Namni yoo kufe hin ka’uuree? Yoo karaa irra ce’es dafee karaatti hin deebi’uu ree?” Ermiyaas 8:4
Jireenya gaabbii jiraachuuf maal gochuu qabna?
Namni hunduu osoo cubbuu irraa fagaatee qulqullaa’ee jiraatee kan jibbu hin jiru,haa ta’u malee fedhiin foonii waan baa’yatuuf hawiin kun yeroo baayyee yoo dhugaa ta’u hin agarru. Kanaafis cubbuu irratti cubbuun baayyachaa yoo deeme, booda irra abdii kutateet gonkuma hojii cubbuutti lixa. Kun akka hin taaneef immoo jireenya gaabbii jiraachuuf qabxiiwwan armaan gadiitti ka’an akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama.
1. Guyyaa du’a kee yaadadhu.
Abbootni keenya Kiristaanni sanbataa kabajuu fi guyyaa du’a isaa yaadachuu qabu jedhu.Namni yeroo mara du’a isaa yaadatu,cubbuu hojjechuu irraa of dhoowwa, foon ofii qofaaf hin ta’in lubbuu ofiitiifis yaaduu eegalu. Kitaaba irrattis akka armaan gadiitti barraa’ee jira.
“Guyyaa itti duutan yaadadhaa, lubbuun keessan foon keessan irraa yeroo adda baatu, horii keessan hundaa nama biraaf yeroo dhiiftan, gara isin hin beeknes yoo fudhatamtan, rakkoo fi gadaddoo isinitti dhufuuf jirtu yaadadhaa”. (3Maqabiyaan 6:1)
2. Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuu
Kitaaba qulqulluu baay’istee yoo dubbiste Waaqayyo araara qabeessa fi kan garaa laafu ta’uu isaa ni hubatta. Sagalee Waaqaatiinis ni jajjabaatta ,ni cimtas.Dabalataaniis seenaawwan namoota araara argatanii fi seenawwan namoota hammeenyaan itti fufanii dhumni isaanii maal akka ta’e  dubbisi. Namni cubbuu hojjetu akkuma hin eebbifamne, kan abboommii Waaqayyoo eegus akka horu ni hubatta.Dabalataanis seenawwan nama barsiisan kitaabota qulqullaa’oo ta’an irra dubbisi,yeroo sana jireenyi biyya lafaa baayyee gabaaba ta’uu isaa ni hubatta, jireenya bara baraas  yaadachuu eegalta.
“Namani akkuma bineensa hamaa irraa dheessu,akkasuma isinis cubbuu irraa dheessi” Macaafa Siraak 21:1
Qabeenya qofa barbaacha Waaqayyoon irraanfatanii dogongoruunis gaarii miti.
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyoo sanatti meetiin isaanii yookaan Warqeen isaanii isaan olchuu hin danda’u” Macaafa Soofoniyaas 1:18
3. Deebi’uuf of qopheessi,Warra ciman ilaali malee warra kufan hin ilaaliin
Gaabbiin fedhii foonii fedhii hafuuraatiin bakka buusuudha(Abuna Shinoodaa).Namni yeroo hunda gara gooftaatti deebi’uuf yoo of qopheesse Waaqayyo dadhabbii isaa sana  ni gargaara. Laphee lamaan okkoluu dhiisee namni deebi’uuf of qopheessuu qaba.
“Ani Waaqayyo gooftan maccaa, gara kootti deebi’aa anis gara keessanitti nan deebi’a isiniin jedheera.”  Milkiyaas 3:7
Faarsaa Daawitis
“Harki kee na tolcheera, cimsees na dhaabeera, abboommota kee akkan barutti hubannaa anaaf kenni .Far 119:73.Jedhee faarfatee jira.
 “Cubbuun nama cubbamtootaa si hin dharraasisin,Waaqayyotti amani” Siraak 11:21
4. Dargagummaa keetiin Waaqayyo yaadadhu.
Dargagummaan umurii itti hojjetu horattu, dubbattu amansiistu, qabdu cabsitu, dheessitu fiigdee baatu, Waaqayyoon humna keetiin fi beekumsa keetiin tajaajilu dandeessu dha.Waaqayyoo umurii dargagummaa kee akka abbommii isaa eegdu ni barbaada. Addunyaanis immoo umurii dargagummaa kana cimsitee barbaaddi.kanaaf, ilaali madaali, waan ati dargagummaa keetiin mana Waaqayyoof hojjete inni hin irranfatu waan ta’eefi.
  “Barri hamaan osoo hin dhufin,waggootni ati anatti hin tolan,ittiin jettus otoo hin dhi’aatiin,bara dargagummaa keetii uumaa kee yaadadhu.” Macaafa lallabaa 12:1
5. Namoota gara Waaqayyoo deebi’uun fakkeenya Ta’an beeki:
Kitaabota qulqulluu irraa seenaa seenaa keetiin wal fakkaatu baay’etu jira waan ta’eef namoota fakkeenya siif ta’an yaadadhu.Kitaabota irraa qulqullota armaan gadii akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Maariyaam haadha urgooftuu: dubaritiittii gooftaa Iyyasuus urgooftuu Naardoos jedhamu kan gatiin isaa mi’aawa ta’e dibde dha.Namootni hedduun cubbuu isheen hojjettuun waan ishee beekan waan tureef ni jibbu ni tuffatus ture.Haa ta’u malee Waaqayyoo gooftaan seenaa ishee jijjiiree du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus arguudhaan dursitu godheera.(Yoh 12:3, Luqaas 7:37).Gooftaa Iyyasuusis guutuummaaadhaan araaramuu isaa ibsuuf,cubbuu ishee irraa dhiqee dubbii kana dubbateef:
“Wanti isheen goote guutummaa biyya lafaa irratti iddoo dhuma wangeelli itti lallabametti wantii isheen goote immoo seenaa isheetif ni dubbatama.”Mat 26:13
Aaabbaa Ibilooy: Nama hoolota horsiisu ture. Cubbuun isa hafe hin turre. Wagga 40 maaf hojii kanaan jiraate.Cubbuu isa dhumaarra hoo ga’u immoo daa’imni akkamitti gadaamessa dubartii ulfaa keessa akka  teessu ilaaluun qaba jedhee gara jabummaan   dubartii ulfa qale.Yeroo dhiiga ishee argu garuu ni rifate,wanti tokkos niira isaatti dhaga’ame.Kana booda cubbuun isaa waggaa 40 hojjechaa ture sun itti muldhate,ni boo’e ni iyye,ni mankaraares.Mana koottis hin deebi’u jedhee cubbuu isaatti gaabbuu eegale.
Gadaamii Asxeqs jedhamu seenee gooftaan nama hin maarre, ajajamaan hin balleessine hin jiru naaf araarami jedhee yeroo baayyef kadhate.Booda Waaqayyo imimman isaa argee gara ni laafef. Manguddoo umurii 70 Waaqayyoo ergama isaatiin itti agarsiise. Manguddoo sanattis cubbuu isaa ni himate, manguddoon sunis jecha gaabii isaa irraa fuudhee, Waaqayyo siif araarama jabaadhu kadhadhu jedhee jajjabeesse.Araaras ni argate.Gadaamii sana keessayis hanga gaafa du’uutti ni jiraate.Guyyaa inni du’us leencatu awwale. (Kitaaba Sinkisaara)
Qulqulleettii Maariyaam biyya Gibxii: Seenaa fi qabsuura ishee beekuudhaaf barreeffama biloogii keenya irratti lakkofsa 4 irratti barra’e mata duree “Ilillii gammoojjii Yordaanos jedhu ilaalaa.
Guduunfaa
Waa’ee jireeenya gaabbii ilaalchisee barreffama kana gabaabumatti kaasne malee guutummaan kitaaba qulqulluu kan nu barsiisu jirenya gaabbiiti.Hojii yaraa dhiisanii hojii gaarii hojjechuu nu barsiisa.Jireenyi fi seenaan qulqullotaas baayyee kan nama barsiisudha. Nutis irraa baranna akka gara Waaqayyoo deebinuufis nu gargaara. Seenaawwan kana dubbisne, akka fedhii Waaqayyootiin, akka jireenyaa fi du’a gaabbiitiif geenyu fedhii isaa nuuf haa ta’u.Kadhaan haadha keeenya dubroo Maariyaamii nu waliin haa ta’u. Eegumsi fi gargaarsi ergamootaa fi sifni qulqullootaa nu waliin haa ta’u. Gaabbiin hiriyaa umurii guutuuti waan ta’eef.kan kakaase, nu jalqabsiise, jalqabsiises kan nu xumursiise, maqaan isaa baha biiftutii hanga lixa biiftutti haa ulfaatu.Ameen!




Kitaabota Wabii
1. Kinfe Gebri’eel Altaayyee (Luba)(1995). Seera mana kiristaanaa, kan afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 6ffaa. Mana maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
2. Maammoo kebedee (2004).Jechama Abbootaa. kan Afaan Amaariffaan qophaa’e
3. Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot,      Finfinne.
4. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA). Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootiin Qophaa’e.
Waldaa Nahimiyaa
E mail:waldaanahimiyaa@gmail.com
Site: www.maaddiijaalalaa.blogspot.com
Hubachiisa
Barreeffamoota kana biloogii irra fudhachuun ‘print’ godhanii baay’isanii gurguruun dhoowwadha. Barreeffamni kun oboleewwan jalala Waaqayyoo qabaniin tolaan kan qophaa’uu waan ta’eef gurgurtaaf dhiheesun dhoorkaadha.Haa ta’u malee tolaan namootaaf, kennuun ni danda’ama. Manni sanbataas itti fayyadamuu ni danda’u.Namni dhuunfaa tokko baayyisee yoo gurgure gonkuma akka heeyyamaa fi fedhii keenya hin taane ibsuu barbaanna.




Monday, July 2, 2012

WN004 Ilillii Gammoojjii Yoordaanoos!


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen
(Qabsuura Qulqulleettii Maariyaamii biyya Misraa)
Ibsa
Waaqayyo dhalli namaa cubbuu hojjetee deebe’ee yoo gaabbe dhiifama akka godhu harki isaas harka araaraa, kaayyoon isaas kaayoo jaalalaa  akka ta’e guutummaan Kitaaba qulqulluu nuuf ibsa. kakuu haaraa keessatti akka fakkeenyaatti  seenaa Saa’ool kan yeroo booda Phaawuloos jedhame ergaawwan 14 Kitaaba qulqulluu keessaati barreesse, nama kiristaanota ajjeesuuf,godaansuufi gidiraa itti baay’isuuf  heeyyama baafate  baldhinaan socha’aa turee dha(Hojii duuka bu’ootaa boqonnaa 9). Gooftaan garuu seenaa isaa jijjiiree, booda ‘mi’a qulqulluu’ jedheeniira. Kakuu moofaa keessattis nama akka akka laphee koo ta’u Daawiit argadhe, jedhee Waaqayyo gooftaan akkuma dubbate, booda garuu Daawiit hojii cubbuu hojjetee, haadha mana Ooriyoon Bersaabeh jedhamtu akka saame, abbaan warra ishees iddoo lolaatti akka ajjesamu akka godhe barraa’era(2 Samu’eel boqonnaa 11). Haa ta’u malee booda Daawiit booyee hirqee araara Waaqayyo akka argates kakuu moofaa keessatti barraa’eera. Seenaa wal fakkaatu kan biraas baayyee arganna.

kitaabni qulqulluun erga barraa’ee boodaas immoo seenawwan baay’een ta’aniiru.Araarri Waaqayyoo bakka tokkotti eegale kan dhaabbatu waan hin taanef garaa laafummaan isaas dhaloota maraaf  waan ta’eef, seenawwan ammas borus ni hojjetamu.  Isaan keessaa hardha seenaa fi qabsuura  Qulqulleettii tokkoo, kan baayyee nama dinqisiisu, nama mararu nama barsiisu isinitti himna. Waaqayyo nu haa gargaaru!Ameen!.
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen!
Namootni waan qaban hunda dhiisanii, addunyaa tuffatanii erga lafa ona(gadaamii) keessa jiraachuu eegalanii tureera. Lafa ona (gadaamii) keessa jiraachuudhaan  bara araaraa keessaati fakkeenya kan ta’e gooftaa Iyyasuus  Kiristoos akka ta’e innis gadaamii Qorontoositti guyyaa 40 akka soomee Wangeela irrati barraa’ee ni argama(Mat 4:1).Sana boodaas isa fakkeenya godhachuudhaan qulqulloonni baay’een lafa ona(gadaamii) keessa kophaa jiraachuun fedhii foonii gatanii Waaqayyo qofa tajaajilaa turaniiru. Qulqulluutni kunniin imoo dhiiraa qofa osoo hin taane dubartootaas ni dabalata. Barreeffama kana keessattis dubartoota keessaa bara araaraa keessaatii dursa jireenya gadamii eenyu akka eegalee fi akkamiin akka jalqabame ni ilaalla.Waaqayyo nu haa gargaaru.Ameen!

Qulqulleettii Maariyaamii jedhamti (Maariyaamii yoo jennu maqaatu wal fakkaate malee dubroo Maariyamii haadha gooftaa Iyyasuus jechuu keenya akka hin taane beekaa). Biyyi dhaloota ishee Misraa dha. Waggaa 12 yemmuu guuttutti, warra irraa addaan baatee magaalaa gudditti biyya Misraa kan turte Aleksaanderiyaatti galte. Alexaandariyaan yeroo sanas ta’e amma magaalaa guddinaan addunyaa irratti beekamtee dha. Maariyaam baayyee bareedduu,’ ijaa qalbii irraa si haa hanbisu’ kan hin jenneen hin jiru ture. Kan dhiira hunda hawwisiistu turte. Erga magaalaa Alexaanderiyaatti galtee booda hojiin ishee dhiira dogongorsuu dha, diina dhala namaa kan ta’e diyaabiloos ishee itti fayyadamuudhaan namoota hedduu qoraa, karaa irraas balleessaa ture. Magaala sana keessa namni ishee hin beekne hin turre. Dargagoonni hedduunis gocha yaraa kanaan ishee beeku ture.
Osoo hojii kanaan akkanatti jiraattu, guyya tokko qarqara galaanaa Meeditiraaniyaanitti yemmuu namootni walitti qabaman argite. Jarri kun eessa deemuu jettees gaafatte. Isaanis warra biyya Liibiyaa fi biyya Misraati gara Yeruusalemitti ayyaana Fannoo gooftaa Iyyasuus  kabajuuf imala hafuuraa godhan ta’uu isaanii nib arte. Isheeniis wajjiin deemuuf of qopheessite.

Haa ta’u malee  qarshii kaffaltu fi galaa ga’aa imalaaf ta’u hin qabdu ture. Isheeniis bareedina isheetti baayyee waan koortuuf, dhiira abbaa fedhee jilbiiffachiisuu nan danda’a jettee waan yaadduuf  qarshii fi galaa harkaa dhabuun ishee hin yaaddessine ture. Bareedina isheetiin akka hin kaffalchiisne, ykn immoo bakka gatii doonii foon ishee kennuudhaan akka dabartuuf abdattee  ture. Doonii kessattis  ta’ee erga doonii irraa  buutee booda hojii cubbuu sana hin dhiisne ture. Yeruusaaleem geesseyis immoo hanga guyyaan kabaja ayyaana ga’utti hojuma yartuu sana hojjechaa turte.

Gaafa guyyaa ayyaanaa sana ganama namoonnii hedduun Mana kiristaanaa awwaalaa gooftaa Iyyasuus Kiristoos irratti ijaarameetti namoonni salaamsachuuf yoo deeman argitee, namootatti makamtee wajjiin dallaa ol seenuuf  yoo barbaaddetti garuu , humni duubatti harkisu tokko itti dhagahame, seenuu ni dadhabde. Ammas irraa deddeebite yemmuu ol seenuuf yaaltu humni tokko duubatti harkisa ture. Dadhabnaan teesse. ‘Dubartii waan ta’eef moo?’ jettee keessa isheetti kofalte,waan dubartii taateef dadhabde itti fakkaate. Xinnoo haara galfattees yemmuu yaaltu gonkuma ol seenuu   ni dadhabde. Yeroo kana  dhiphattee yemmuu jirtutti, kan ishee ol seensisuu dhoowwee hojii isheen hojjetaa turte sana akka ta’e ni hubatte. Yeroo sana boo’uu fi mankaraaruu eegalte,cubbuun isheen hojjetaa turte sunis ifa ta’ee itti muldhate.

Yeroo sanatti fakkii dubroo Maariyaamii karra dallaa bataskaanichaa biratti argite, dhaqxtee jalatti kuftee boossee kadhatte,Waaqayyos akka araara buusuuf, ilma isheen akka araarsituuf giftii Maariyaamii ni kadhatte, gombifamtees boosse. Carraa tokko qofa akka argattuufi lammata akka cubbuu hojjetaa turte sanatti  akka hin deebines waadaa galte.Yemmuu kadhaa ishee fixxu kaatee nagaan olseente. Yeroo sanas olseentee fannoo gooftaa kirkiruudhaniifi soda guddaadhaan dhungatte.Badiinsa ijoollee isaa kan hin barbaanne Waaqayyo gaabbii isheet eega ture.

Erga fannoo gooftaa dhungattee boodaas  gadi baate gara fakkii dubroo Mariyaamii dallaa dura jiruu sanatti deebitee, iddoo waada galte sanatti ‘Ani cubbuu koo irraa kan ka’e waanan dubbadhu hin qabu,giiftii koo harka koo qabi karaan fayyina argadhutti na geessi,biyyan dhufetti deebi’uu hin barbaadu’ jettee kadhatte.Yemmuus sagaleen “Yoo laga Yordaanoos  ceete fayyina guddaa ni argatta” jedhu fakkii sanarraa dhageesse.Yeruma sana baatee laga Yoordaanos ceetee gammoojjii Yoordaanoos kan bishaan hin qabne ,kan qorri halkanii nama cabbeessu, kan ho’i  aduu guyyaa nama waxalu keessa seente. Achi keessaas hanga waggaa 47 jiraatutti nama ijaan hin argine ture.

Gammoojjii Yoordaanoos keessaati beelaa fi dheebuu akkasumas oo’a fi qorra irraa kan ka’e yeroo baay’ee du’aaf geessee fayyiti ture. Jireenya hadhaawaa fi dheebuun beelli, daarri, kophummaa fi qorumsa biros baayyee jaba ta’e ni dandeesse, fedhii foon isheetiifiis deebii osoo hin kenning, gattee jiratte. Namnis gammoojjii sana waan in dhaqneef kophaa jiraatte. Gammachuun yemmuu magaalaa keessa  jirtu dabarsaa turte sunis sammuu isheetti deddeebi’ee jeeqaa ture.Kana hundaa garuu qabsuuraa fi kadhaa wal irraa hin cinneen gargaarsa gooftaatiin dabarte.

Osoo akkanaan lafa gammoojjii kana keessa  kophaa jiraattuu,waggaa 47 booda  seenaan ishee akka irraanfatamee hin hafneef  fi namootaaf baruumsa akka  ta’uuf  Waaqayyo waan barbaaduf taateen tokko uumame. Innis akka itti aanutti gabaabbatee dhihaateera.

Gadaamii biyya Filisxeemii jiru tokkotu ture. Gadaamiin kun hin banamu ture, nama ergamee meeshaa monoksootaaf bituuf gadi ba’u malee monoksoonni achii keessa jiraataan  namaan wal arguun dhoowwadha ture . Akka danbii fi seera gadaamii sanaatti  monoksoonni jiraatan yemmuu soomni goofta Iyyasuus guddichi seenu hundi isaaniituu  gargar ba’anii  kophaa isaanii bakka wal hin agarretti dabarsu ture. Gammoojji keessatti kopha kophaatti dabarsu ture, kan gara gadaamitti deebi’anis  guyyaa ayyaana Hosaa’inaa faaruudhaan ture.

Isaan keessa fedhii Waaqayyootiin lubni Zosimaas jedhamu tokko gara gadaamii isheen jirtu kanatti soomana gooftaa kophaa isaa ta’ee gammoojjii yordaanos keessatti dabarsuuf dhufe(Seenaa Zosimaas yeroo biro dhiheessina, innis nama dachee eebbifamtoota jedhamtu dhaqeetoo argee seenaa isaanii baldhinaan barreesedha). Inniis gammoojjii sana keessa guyyoota digdamaaf(20 ) osoo wal irraa hin kutin lukaan deemee achi ga’e. Garuu fedhiin Waaqayyoo keessa jirti. Innis yeroo kadhaa sa’aatii jahaa dhiheessu turetti, tasa alaalaatti  waan nama arge itti fakkaate. Na’e itti fiige, namni inni arge sunis jalaa kaate, Maqaa Waaqayyootiin akka dhaabbatu deddeebisee gaafate.Kan inni arge sunis dhagaa jala jalaa seenee, “Abbaa koo Zosimaas maaloo ani dubartiidha, uffatas hin qabu akkuma agartu kunoo qullaan jiraa, kanaaf uffata mormatti maratte kana anaaf kenniitii anis isa maradheen dhufee eebba sirraa fudhadhaa”  ittiin jette. Yemmuu kana Zosimas uffata isaa ofirraa fuudhee itti darbee. Uffata Zosimaas itti darbe sana uffatte itti muldhatte, erga waggaa 47 ti uffata hin qabdu ture.Uffanni isheen uffattes kan yeroo Yeruusaaleem dhaqxu uffate sana malee isa booda uffata biroo hin uffanne. Uffaticha Zosimaas Uffatte itti fuuldura isaa dhufte.
Isheeniis qulqulleettii Maariyaamii kan biyya Misraa sana turte. ‘Zosimaas’ jettee maqaadhaan waan waamteef ni na’e. Na eebbisi ati luba waan taateef’  jetten. Luba ta’uu isaas osoo homtu itti hin himin beekte.Yeroo kana Zosimas ni na’e,ni rifates.Akkamittiin beekte jedhees dinqame.Waan Hafuura wayii wajjiin haasa’us itti fakkaate.Yeroo sanatti Maariyaam ‘Zosimaas hin na’in ani dubartii dadhabduu tokko dha’ jetten.

Zosimaas  seenaa kee hunda maaloo tokkollee na hin dhoksin jedhee gaafate. Akka kadhaadhaan isa yaadattus ni kadhate. Akkamitti kophaa ishee gammoojjjii kana keessaatti waggaa hamma kanaa akka dabarsites ni gaafate. Isheeniis,’maaloo qormaatni ani  keessa darbe sun deebi’e waan waan natti dhufee deebi’ee jilbiiffatamuuf nattyi fakkaata  na hin gaafatin, ani dubartii cubbamtuudha jetteen. Innis deddeebi’ee kadhannaan qabsuura keessa dabarsite qormaata hedduu ture itti himte. Isaan keessaas jiruun  yeroo isheen ijoollee turte gammachuun yeroo dargagumma sun akkamitti sammuu isheetti deddeebi’ee ishee jeeqaa akka ture hunda itti himte. Innis baayyee aja’ibsiifate. Ishee arguu isaatiifis ni gammade.Waaqayoonis ni galateeffate. Silaa  kan akkanaatiis ni jiraa jedhe dinqame. Inni duraan namni akka koo qabsuura gaggeesse  hin jiru ani hunduma nan beeka jedhee yaadaa ture. Waaqayyos yaadni isaa kun yaraa akka ta’e itti ibsuufii waan barbaadeefi seenaa Maariyaam itti agarsiise.

Kana booda Zosimaasiin akkas jetten  “Ani kunoo ergaan Yoordaanos cehee qurbaana goofta hin arganne maaloo bara dhufu yoo soomni gooftaa ga’u gadaamii keesssati hafi, guyyaa kamisaas  cinaa Yordaanositti qurbaana anaaf fidi” jetteen.Namni tokko yookaan lama tajaajilli gadaamichaa akka addaan hin cinneef gadaamii keessatti ni hafa ture. kanaan walii galanii hanga soomana gooftaa bara egeree wal arganitti addaan bahan. Isheenis hangan nagaan booqadhutti waan argite hunda nama tokotti akka hin himne jetteenii akeekkachiifte waan turteef Zosimaas yemmuu gara gadaamii isaatti deebi’u waan arge kana namittu hin himne ture.Dhoksee laphee isaa keessa kaa’e. Kana booda Zosimaas hanga soomni waggaa itti aanuu deebi’ee dhufutti baayye muddame, yeroonis itti dheerate. Ishees agruuf baayye hawwe.

Yemmuu waggaan guutuus akkuma waliin jedhan guyyaa kamisaa qiddasee kamisa(Tselote-Hamus) sana inni qurbaana fideefii qarqara Yoordaanoositti dhufe.Isheeniis Harka isheetiin mallattoo fannootiin mallatteessitee bishaan Yoordaanoos irra deeema gara Zoosimaas dhufte.Innis bishaan irra lukaan deemuu ishee yoo argu baayyee dinqisiifate.Qurbaana gooftaas ni kenneefi.Erga qurbaana fudhattes booda ija ishee gara samiitti ol qabdee galateeffatte.Ijji koo fayyisuu kee argeeraa,amma achis na booqachiisi jettee kadhatte. Ergasiis Zosimaas bara itti aanu bakka bara duraa itti arge sanatti akka dhufu gaafattee eebbiftee gara gammoojjiti deebite.

Hanga kanatti garuu maqaan kee eenyu jedhee ishee hin gaafanne ture.Kana gochuu dhabuusaatiinis ofitti aaree baay’ee gadde.Bara dhufun gaafadha jedhe gara gadaamii isaatti deebi’e.
Waggaa itti aanu akkuma barame yemmu baatiin  soomaa dhufu gara gadaamii isheen jirtuu sana ni dhaqe. Isheen garuu booqatte turte. Foon ishees osoo waa tokko hin ta’in arge.Innis baayyee gadde, ni boohe yeroo nahee jirutti,barreeffama tokko reeffa ishee cinaatti ni arge akkas kan jedhu, “Zosimaas ergan guyyaa qurbaana gooftaa fudhadheetii booqadheera,Foon Maariyaam asumatti awwaali” kan jedhu ture.Yemmus maqaan ishee Maariyaam akka jedhamu ni bare. Kan inni deemsaaf guyyaa 20 itti fudhate isheen guyyaa tokkoon ga’uun ishees isa dinqe.Foon ishee waggaa tokkoof osoo waa tokko hin ta’in turuun isaas ni dinqisiifate.Battalumatti  leenci bosinaa ba’ee  boolla  qote. Innis foon Mariyaam ni awwaale.

Erga sanii gara gadaamiitti deebi’ee seenaa ishee hunda  tokkoon tokkoon oboleewwan isaa monokosootatti ni hime isaaniss baayye tokko ni dinqisiifatan.Seenaa isheefii qabsuura ishees kabaja guddaa fi jaalala guddaadhaan eegan.

Maariyaam biyya Misraa  kan booqatte bitootessa 6 bara 522 Dhaloota kiristoos booda ture. Egaa Qabsuurri Maariyaam baayyee gabaabatte kana fakkaata, bareedina suni hundi akka hin fayyadne hubattee, Waaqayyoof jettee irraanfatte, cubbuu isheetiif araara argachuuf gammoojjii Yoordaanoos galte .Waaqayyos immoo kabaja guddaa fi humna guddaa ta’eefi,qormaata hunduma gammoojjii Yordaanositti mo’uudhaan xumurte .Kanaaf ‘Ilillii gammoojjii Yoordaanoos jenne Mata duree irratti. Ilillin gammoojjii baayyee nama hawwata. Jireenyi gadaamii kan Maariyaamiis baayye kan nama ajaa’ibu waan ta’eefi kan nama hawwatu waan ta’eef.

Jireenyi Maariyaam baayyee nu barsiisa, baayyes nu jajjabeessas. Araarri Waaqayyos guddaa akka ta’e nu hubachiisa. Cubbuu hojjennuun abdii kutannee akka gonkuma mana Waqayyootii hin irraanfanne nu gorsa .Kanaaf Waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa seenaa kana gabaabsee dhiheesse. Kadhaan Qulqulleettii Maariyaami, kadhaan luba Zosimaas Waldaa keenyaa fi namoota araarsummaa isheetti amanan hunda faanaa haa ta’u,Maatii Waaqayyoo hundaafis jabina haa ta’u. Nuti namootni baayyee cubbama taane kun qabsuura qulqulleettii kanaa akka dubbannuuf akka Afaan Oromootiin barreesinuuf kan nu kakaase, kakkaasees kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Bakka hir’ate gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos itti nuuf haa guutu.Bara baraaf Ameen!!

Qabsuura Maariyaamii biyya Misraa kan barreessee Phaaphaasii Yeeruusaaleem kan Safrooniyoos jedhamuudha.

Kitaabota Wabii
1. Kitaaba Qabsuura Aabbaa Zosimaasii fi kan Qulqulleetii Maariyaamii biyya Misraa(1999) kan afaan Gi’izii fi afaan Amaariffaan qophaa’e, Kan maxxansiise Gadaamii tokkummaa  qulqulluu Isxifaanoosii fi Iyyasuus Mo’aa, Mana Maxxansa Biraannaa.
2.  Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
3. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootiin qophaa’e  qubee laatiiniitin barreeffame.
Waldaa Nahimiyaa,
Baatii Waxabajjii,Bara Araaraa 2004 A.L.I
Yaada keessaniif  teessoo armaan gadii keessaa tokko fayyadamuu dandeessu:
Ø Biloogii:Maaddii Jaalalaa kan Ortodoksii Tawaahidoo Maaddiijaalalaa.blogspot.com
Ø Fuula: Orthodox Page in Afan Oromo
Ø Facebook: sagalee dhugaa Ortodoksii