Wednesday, May 8, 2013

WNA.020.Dhaloota Dubaroo Maariyaamii


“Aangoo fi humna guddaadhaan
Kiristoos du’aa ka’eera
Seexana hidhuudhaan
Addaam bilisoomsuun
Kanaan booda
Gammachuuni  fi nageenyi taheera”
 

“Yaa kaadhimaa koo Libaanonii ka’ii na bira koottu, Libaanonii ka’ii na bira gahi, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo boollii leencotaa jiru,Tulloota qeerransaa irraas gadi bu’i. Weedduu      Weedduu Caalu 4:8 
I.               Duubee Seenaa
Teektaa fi Batriqaa kan jedhaman haadha warraa fi abbaa warraattu ture. Abaabilee fi akaakilee Dubaroo Maariyaamiiti, warra baay’ee sooramaa kuni hafe hin jedhamnee dha.  Qabeenya guddaa haa qabaatan malee dhala dhabuudhaan yeroo dheeraadhaaf gaddaa fi Waaqayyotti booyaa  turan. Baay’ina qabeenya isaanii irraa kan kahe sa’aa fi qotiyyoo isaanii gaanfa irratti  warqii hidhaniif ture. Akkasumaan gaddanii osoo jiran guyyaa tokko abjuu nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Abjuun isaanis jabbii adiin yoo mooraa isaanitii baatu, jabbiin sunis jabbii wal fakkaatu dhalaa deemuudhaan jahaffaa irratti garuu yoo addeessa dhaltuu fi adeessi kuni ammo torbaffaa irratti  yoo biiftuu deessu argan . Iccitii abjuu kanaas baruudhaaf deemanii yoo nama abjuu hiikuu beeku deemuudhaan abjuu isaanii itti himatan.Namni abjuu hiiku sunis daa’ima ni deessu,dhaloota jahaffaa irratti kan adeessa agartan garuu  kan hanga ammaa olitti dhalatan irraa, daa’ima  namaa hunda kan caaltu ni deessu, iccitiin  biiftuu sana garuu anaaf hin ibsine, tarii raaja yookaan mootii tahinaa laata jedheen. Isaanis kan biiftuu sana yeroon haa hiiku jedhanii gara mana isaanitti galan. Kana booda dhala ni argatan, maqaa daa’ima dhalattes He’emaan jedhaniin, hiikni isaas wareega koo argadheera, naaf dhaqqabeera jechuudha. He’eman Derden, Derden immoo Toonaa, Toonan Siikaariin, Siikaar Heermeellaa, Heermeellaan ammo Hannaa deesse. Haannan ammo Iyyaaqeemiitti  heerumte. Garuu kan dhala dhabuun  abaabilee fi akaakile isaaniirra gahe sun deebi’e Haannaa fi Iyyaaqeem irraas gahe. Isaanis Dhala dhaban.
Daa’ima dhabuu isaaniitiinis gadda gudaatu itti dhagahamaa jiraachaa turan. Fakkeenyaaf gaafa tokko gara mana qulqullummaa kennaa kennuuf yoo deeman, lubni mana qulqullummaa sun ‘isin immoo Waaqayyo cubbuu keessaniin miti kan dhala isin dhoowwate’  jedhee harkaa fudhachuu dide. Kanaanis baay’ee gaddan.
Guyyaa tokko muka jala taahanii yoo bullaallan ijoollee isaanii wajjin taphatan Haannan agartee “yaa Waaq kan bullaallaa nama hin taane kanaaf dhala kennite naaf dhala na dhoowwate ani uumamni koo dhagarrayyii laata” jettee gadditee boossee,kadhatte. Achumaanis ‘maaloo yaa Waaq yoo ilmoo nuf kennite dhiira tahu qotee nuu haa laatuu hin jennu, dubaras yoo taate, bishaan waraabdee qoraan guurtee akka nuuf ergamtu hin barbaannu, mana kee keessatti kan guddattu siif kennina jedhanii Waaqayyotti dubbatan. Kanaanis Haannan ergamaa Waaqayyoon misiraachoon itti himamee ni ulfoofte.
Yeroo Haannan ulfa turtettis ajaa’ibni gara garaa raawwatameera. Haannan adaadaa Barseebaa jedhamtu qabdi turte, ija tokko qofa qabdi. ‘Yaa Hanna Waaqayyo si yaadateera natti fakkaata harmi keetis gurrachaa’eera, hidhiin kees goggogeera jettee garaa Haannaa yoo qaqabduttu ijji ishee ifeefii jira. Dabalataas mucaan eessuma ishee tokkotu du’ee. Ni jaalatti waan taheef yoo siree reeffi isaa irra jiru qabattee yoo  boossu, gaaddidduun ishees reeffa irra bu’u  mucichi ol ka’ee ‘ Nagaan siif haa tahu, haadha lafaa fi samii uumee’  jedhee dhugaa baheera.
Kanarraa kan kahe Yihudoonni itti hinaafutti ka’an, kuni kan gadaameessa keessa jirtu, akkana kan godhe gaafa dhalatte kanaan dura sanyiin isaanii Solomoon, Daawit waggaa 40 40 nu bitan kan dhalachuuf jiru kun immoo akkam nu godhinna laata jedhanii itti hinaafutti ka’an.
II.            Dhalachuu Maariyaamii
Yihudoonni waan itti hinaafaniif Haannan gara gaara(Tulluu) Libaanositti jalaa baqatte,a chumaanis Haannan gaara Libaanos irratti Dubaroo Maariyaamii deesse. Dhaloota ishee kanas Ogumma qabeessi Solomon ilmi Daawit akkas jedhee faarfateera
“Yaa kaadhimaa koo Libaanonii ka’ii na bira koottu, Libaanonii ka’ii na bira gahi, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo boollii leencotaa jiru,Tulloota qeerransaa irraas gadi bu’i. Weedduu Weedduu Caalu 4:8
Yemmuu Haannan  gaara Libaanositti deessus  namoonni Haannaa beekan gara Tulluu Libaanositti gaafachuuf waan qaban hidhatanii(qabatanii) deessuu bosona keessaa kana gaafachuuf deemanii jiru. Kanaaf hanga hardhaatti kunoo sana yadachuudhaanf Caamsaa tokkotti alatti bunni ni danfa, mulluun ni affeelama, Daaboonis ni caba ,sirni gara garaa kana ilaallatus ni adeemsifama.

Egaa dhalachuun ishee Addaammii fi sanyiin isaa fi fayyina fi abdii ture. Aabbaa Hiriyaaqos galateeffannaa Maariyaamii kan barreesse akkas jedhe, ‘Yaa Maariyaam Addaam yoo jeennata keessaa ari’ametti abdiin isaa sidha,’ jedhe, yoo abboommii  Waaqayyo diiganitti ,inni ilmoo ilmoo keerraa dhaladhee sin fayyisa jedhee waadaa galeefi waan tureef, waadaa kana Addaam eenyurraa dhalatee akka isa fi sanyii isaa fayyisu ni dharra’a ni abdatas ture. Kana qofa ossoo hin taanee Aabbaa Hiriyaaqos fakkeenya hedduun fakkeesse dubaroo Qulqulleettii Maariyaamii galateeffata. Kana keessayis doonii Nooh, eebba Seem, jaalalli keessummaa simachuu Abirahaam, riqaa Yaaqob, Tsillaata Muusee, Masanqoo Daawitii fi fakkeennota heddu iccitii isaanii waliin kennee jira
Biqiltuu Jaannata keessaatti alaaf keessan dalleenfamte, alaa fi keessan dhagaadhaan kan cufamtee burqaan boolla bishaanii si dha jedheen. Kunis cufamtee kan chaappeefamte jedhee Qulqulluu Efreem kan dubbateen wal tokko dha. Isheen haadha wareegamtootaati, duuka bu’ootaafis kabaja kan taate, ergamootaafis obboleetti dha, qulqulluummaa isaaniitiin fakkeefamti waan taheef.
III. Dubaroo Maariyaamiin namoota irraa wantoota adda ishee kan taasise keessaa Muraasni:
1.Haadha Waaqayyooti: dubartoonni biraa yoo dahan raaja, yookan guddate yoo jedhame mootii yookan duuka bu’aa yookan hayyuu tahuu dandaha, isheen garuu Waaqa,fayyisaa,Jaalala nuuf deesse, kanaaf haadha Iyyasuus, Haadha Waaqa, Haadha jaalalaa jedhamti, kana dubartiin kamiinuu aangoo akkanaa hin qabdu. Isheen Waaqayyoon gadi, uumamatoota hundaa oli.
2. Ergamaadhaan kan galateeffamte dha. Ergamaan Qulqulluu Gabri’eeliin ati dubartoota keessaa kan eebbifamteedha jedhee, misiraachoo itti himeera, dubbii galata heddus itti Dubbatee dha. (Wangeela Luqas 1:36)
3.Kennaa Fannoo Jalaati: gooftaan yemmuu barsiisaa turetti namoota hanga gabayaa shan gahantu isa duuka bu’aa harka isaatiis nyaataa ture, namoota hedduus dhukkuba isaanii irraa fayyisee jira, Yemmuu Inni fannifamu garuu duuka alaalatti duuka bu’oota fi dubartota hordofaa turaniin caalatti, kan fannoo jalatti hiiqee isaaf boo’aa ture Haadha isaa fi Yohaannis qofa dha. Kanaanis gama Yohaannisiin kunooti haati kee jedhamee nuuf kennamteetti(Yoh 19:27)
4. Gooftaa booda kan osoo namni tokkollee du’aa ka’uu hin argin du’aa kaate ishee dha. Kunis Iyyaruusalem ishee samii keessa jirti. Taabota Door kan Iyyeruusalem samii irra jirtu jedhee kan galateeffate Aabbaa Hiriyaaqos kanafi dha.
5. Haadhas dubras kan tahe ishee qofadha. Dubrummaan ishees kan bara abaraati. Yoosefitti kaadhimamuun ishee akka ishee eeguf malee akka dhirsa tahuuf miti. Isheen osoo gooftaa hin dahin dura dubra, erga deessee boodas durba, durba dubrummaan Hafuura Qulqulluun deesse, hanga dhumaattis durba taate dha. Dhagnaanis yaadanis dubra, kana yemmuu jennu namni tarii dubartiin fooniin  yoo dubra taate, deebite yaadan kan dubra tahu hin jiru, isheen garuu yaadanillee raawwattee dubra dha.Hisq 44:1
6. Nyaata biyya kanaa hinn nyaanne,Hibsistii Faanu’eel fiduun nyaattee guddatte malee mana qulqullummaa keessatti,hanga waggaa 15 geessuttis mana qulqullummaa keessa jiraatte.
7. Gooftaan ajaa’iba jalqabaa kan raawwate kadhannaa isheetinii: Mana dookimasitti yemmuu wayniin dhumutti isheetu kadhateef, Gooftaaniskan ati jette kana yoo siif hin goone maal naraa qabdaree(maal wal irraa qabnaree kan kana walii hin goone jechuudha) jedhee bishaanicha gara Wayniitti jijjiireera. Kanaan walii galan Isheenis  isa dhagahaa jette.(Yoh 2:1)

IV.          Dubaroo Maariyaamiin Araarsituu keenya
Araaarsumma ergamootaa fi qulqulloota kam iyyuu dursun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha gooftaa Iyyasuus, dubroo Maariyaami dha. Kunis kan ta’e mataan mana kiristaanaa Iyyasuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanas kan buufata taatee, gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefi. Egaa kun immoo dhama’iinsa fayyisuu Iyyaasuus kiristoos wajjiin wal qabata. Kiristaanni kana hin hubanne immoo kiristaana karaa fayyinaa dinqii ta’e kana qulleessee hin hubannee dha. Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamin iddoo guddaa qabdi.

Duruma foon gooftan uffate kan isheerra argame lubbuun inni qabaates kan isheerra argame malee eessaayyu kan dhufe miti. Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, laga ceetee, gammoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotee, wajjin beeloftee, wajjiin boossee, wajjin naatee waa hunda wajjin taatee haadha guddifte akka ta’es ibsuun waan barbaachisu miti. Kunis immoo Kitaaba Qulqulluun kakuu haaraa keessatti dursee ibseera (Wangeela Matewoos 2:13) dhumarrattis bal’inaan ibsameera. (Muldhata Yohaannis 12:14). Gadadoon kuni hundi fayyina ilma namaa keessaatti iddoo guddaa qabdi kan jedhu bu’uura godhata.
Kanaaf kiristaanonni haadha keenya jedhuun. Kanas immoo gaarummaa fi haadhumma ishee waan beekuuf warra isatti amanan hundaaf haadha akka taatuuf fannoo jalatti karaa Yohannisiin kan nuuf kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosidha.(Yoh 19:27). Isheen araaraaf akka ilma ishee maddii dhaabattu,Daawit akkas jedhee faarfateera:
“Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi .Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera, inni gooftaa keeti”(Farfannaa 44:9)
Egaa dubbiin kuni kan akkasuman dubbatamee hafu miti gooftaan dubbii raajota fi ooriitii keessa jechi tokko hafuuraa osoo ardii fi samiin darbanii wayya jedhan.
v. Guduunfaa
Waa’ee dubaroo Maariyaamii dubbatanii xumuruuf ni rakkisa. Dubbiiwwan raagaa hedduun akka soorgootti fi  sookoo waa’ee ishee of keessaa qabu. Addaam irraa eegalee hanga dhaloota isa dhumaatti kan ishee hin abdanne hin jiru. Namni cubbuun isaa baay’ee dha, waa hedduunis ni moo’ama, isheen garuu cubbuu moo’attee,qulqulluus taatee  ibidda gadaamessa isheetti  baatte, kanaaf gama isheetiin jabina arganna. Gooftaa Iyyasuusis gama isheetiin nutti firoome. Amma dhalachuu isheetiin haa gammadnu, kan fayyina barbaadu hundi yaa gammadu, kiristoos hubachuuf karaa inni ittiin nama tahe hubachuun dirqama, yoo sana immoo dubbii Maariyaamii  hubachuun dirqama taha.
Galatni Waaqayyoof kan ardii fi samii diriirseef, Galatni Maariyaamiif qulqullummaan Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos kan deessef, Galatni Fannoo Gooftaaf kan dhiigni Waaqumma irratti kan dhangala’eef ,baraa hanga baraatti. Ameen. Ayyaana gaarii
Kitaabota Wabii
Hiikkaa galata Maariyaamii fi Qiddaasee Maariyaamii,maxxansa jahaffaa,bara 1983,mana maxxansa Tinsaa’ee zegubaa’ee,Finfinnee
Kitaaba Qulqulluu Afaan Oromoo fi Afaan Amaariffaan Qophaahe.

Saturday, May 4, 2013

WNA.020. Du'aa Ka'uu Gooftaa




“Aangoo fi humna guddaadhaan
Kiristoos du’aa ka’ee jira
Seexana hidhuudhaan
Addamiin bilisa baasuudhaan
Nagaan
Hanga bara baraatti
Nageenyii fi gammachuun ta’e.”
                                                                   Dn.Guutaa Charuutiin
 Amma garuu warra mugaanif angaafa ta’ee Kiristoos du’aa irraa ka’eera. Hunduu Addamin akka du’aan , akkasumas kiristoos  dhaan immoo jiraatoo ta’aniru” 1ffaa Qoroonxos 15:20-21
Du’aa ka’umsa jechuun adda bahuun jiraacha kan turan fooni fi lubbuun lammata deebi’un tokkos ta’uun ka’uu fi du’a booda fooni fi lubbuun jireenya argachuu jechuudha. Du’aa ka’umsi bakka lamatti qoodama. Kunis dhali namaa yeroo foonin jiraatutti gaabbi galuun cubbuu fi xuraa’ummaa irraa qulqullaa’un gara Waaqayyootti kan deebi’u ka’umsa laphee jedhamuun kan beekamu fi dhuma irratti du’a booda jireenya baraa baraa jiraachuf kan ka’u (tinsa’ee zegubaa’e) jedhamuun kan beekamudha.
Ka’umsa jireenya bara baraa hiika isaa armaan olitti kan ilaalle yoo ta’u, innis bakka lamatti qoodama. Yeroo lubbuun dachee irratti jiraannu dhugaa hojennu irratti hundaa’un ka’umsa dhugaa ka’amu yoo ta’u, kunis ka’umsa kabajaa, ulfinaa, qulqullimmaa fi kan jireenyaaf ka’amu yoo ta’u inni lamaffaan immoo dachee/lafa irratti Waaqayyoon ganuun, balleessaa raawwachuun isa gaddaan ka’umsa salphinaaf ka’amudha. Ka’umsa kabajaa, ulfinaa, qulqullummaa fi jireenya ka’uuf lafa irratti hojii gaarii kan fayyinaa kan jireenya fi qulqullummaaf ta’u hojjetanii darbuun, gaabbii galuun iccitii qurbaanaa irratti hirmaachuun, adeemsa Kiristoos fi dhala namaa bal’inaan ilaaluf yaala.

Buu’ura barnoota du’aa ka’umsa namootaa kan ta’e du’aa ka’umsi Goofta keenya Iyyasuus Kirstoos kan ta’e eegalu uumamtoota irraa kaasee qooqa(afaan) raajotan kan dubatamaa ture dha. Raajichi Isaayaas “Duuni baraa baraaf ni jijjiirama” jedhee ture. Isaa 25:8. Jechi dubbii raajii kanaa ilaaluf bara Isaayyas irra dhaabachun gara fuulduratti ilaalu gaafata. Duuti akkamiin jijjiirame? Imimaan, boo’ichan, gaddi dhala namaa akkamiin haqame? Bara kakuu haaraa keessatti Waaqayyoo Ilmaa fooniin mul’ate booyicha fi imimmaan dhala namaa baroota(wagga)dheera irratti haqe.

Garboominis ni hafe. Duuni du’a isaan ni booji’ame yeroo sana ittiin beekama kan ture, ulee reebichaa si’oolin adabamuun ni hafe, ni jijjiirames. Qulqulluun Phaawuloos Raawwiin kun dhugaa ta’uu isaa yeroo ibsu “Yaa du’a waraanni(ilkeen)kee eessa jira? Yaa Si’ool moo’ichi kee eessa jira?” jechuun ibseera. 1Qor. 15:54-55

Kana irraas duuti moo’amu, jijjiiramu fi booji’amu isaa dhali namaa bilisummaa argachuu isaa hubanna. Kana malees dhala namaa booji’e moo’un kan isaan bita ture duuni ni jijjiirame, humna fi dandeettis ni dhabe, aangoon bittaa isaas ni dhabe jechuu raajichi Isaayyas “Du’oonni jiraattota ni ta’u, du’oonis ni ka’u” jechuun iccitii isaa ibseera. Isaa. 26:19 . kana malees Daawit “ Lubbuu koo Si’ool kessatti hin dhiiftu qulqulluun kees tortoruu akka arguf hin dhiistu” jechuun waa’ee iccitii du’aa ka’umsaa ibseera. Faar. 15(16):10
Qulqulluun Daawit qaaman dhugaadha du’eera. Kanaanis lubbuun isaa si’ool seenteti. Yeroo sana keessatti balballi Ganataa cufamuun ergamoonni qulqulluun seefii qabataniis ishee eega turan. S. Um. 3:24 . Sababa kanan qaamni isaa tortoruu saa argitetti. Du’a qofaas otoo hin ta’iin biyyees ta’uun lubbuun isaa humna du’aan dirqamntee jiraacha turte.
Kanaaf rakkina kana keessa kan isa boqochiisu ka’umsa guddaa hawwaa tureera. Lubbuun koo si’ool keessatti hin haftu jechuun dubachuun isaas kanaafidha. Qulqulluun yeroo jedha Waaqa dhugaa, tokko fi qulqulluu kan ta’e Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos humna fi aangoo du’aa akka arguf hin dhiistu. Cubbuu, baleessaa fi yakka tokko malee fannoo irratti kan waraaname Kiristoos gonkuma awaalame hin hafu ni ka’a; ka’umsi isaa lubbuu Daawit si’ool keessa bahuuf wabbii (mallattoo) guddaa akka ta’u dubachuu isaa mul’isa. Hoj. Du. 2:31, Luq. 13:36.
Fakkenyi kan hin kennamne otoo tahee namni akkamiin hubata?

“Fakkenyan afaan koon nan bana erga addunyaan uumame irraa eegale kan dhokaten nan dubbadha” Far. 77(78):2, Mat. 13:34. Uumama Addaam irraa eegale kitaaba Qulqulluu irratti ibsaman dubachuu dhiiga Abeel, fudhatamuu Heenok, ol bahuu Eeliyaas fi k.k. fakkatan du’aa ka’umsa kan ibsaanidha. Seera Uum. 4:10, 5:24, 2Mot2:11. Kakuu moofas ta’e haaraa keessatti qulqulloonni du’oota kaasun isaanii du’aa ka’umsa kan mirkanneessudha. 1Mot. 17:24, 2Mot. 4:18, Yoh. 1:43-47, Hoj. 9:36-43. Kakuu haaraa keessatti Kiristoos fakkenyan ibsa kan ture ka’umsi isaa raga tokkodha. Yoh. 2:18, 19:22.

 Kana immoo mee murasaa isaanii haa ilaalu. Ibr.11:17-19. (Abrihaam mucaa isaa arsaa gochuuf adeemu isaa). Abrihaam umurii bara dulluma isaa keessatti kennaa Waaqayyoon kan argate Yisihaaq Waaqayyoof kan bitamu, kan ajajamu, nama gaarii, qulqulluu fi qajeela waan ta’eef, mucaa abdiin argate aarsaa gochuuf gara tulluu Mooriya adeeme. Adeemsa guyyaa sadiin boodas bakka aarsaa yeroo gahe fi aarsaaf yeroo qophaa’etti qulqullummaa laphee fi qajeelummaa isaa arguun ajajamumaa isaaf qabu hubachuun bakka Yisihaaq hoola kennef. Abrihaam ilma isaa aarsa gochuu haa dhiisu malee, samuu fi yaada isaan kan ilma isaa aarsaa godhe guyyaa sadiin duradha.

Addaam sababa balleessaa fi cubbuu isaan kabaja, ulfina fi qulqullummaa isaa dhabuun irrayyuu teessoo kabaja isaa irraa arii’ame dhabuun yeroo godaanetti bakka Addaam bu’uun foon dhala namaas uffatee hoolan Waaqayyoo of aarsaa godhe dhiyeesera. Aarsan Yisihaaq ni hafe lubbuun isaas ni baraarte. Addaamis aarsaa isaan kabaja fi ulfina kanaan dura dhabe ni argate gara teessoo isaattis ni deebi’e. Mat. 12:39-40 (Yoonaas garaa Qurxumii keessa guyyaa fi halkan sadii buluu isaa)
Dhali namaa amaluumaasaatiin isaan mallatoo cimsee barbaada. Waaqummaa Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos fudhachuu irrattis fakkenya akka isaanif kennu isa rakkisaa turuun isanii illee kanuma mul’isa. Akana mallatoo barbaaduf garuu dura kan kennamef ture. Yeroo hundaa mallatoo haaraa kan barbaadu qofaa ta’e malee, “Isin mallatoo kan barbaadan akka beektanif kitaaba hundaa irratti mallatoon Yoonaas isiniif kenamee hin ture? Egaa mallatoo maaliif barbaadu?”

Yoonaas guyyaa fi halkan sadii garaa Qurxumuu keessa buluun isaa, guyyaa sadiin booda uumata Nanawee barsiisuf adeemu isaa, ni beektu. Uumani Nanawees dhufanii isinitti murteessu isinaan jedha hin amantaan ni shakkitu, isaanin jechaa barsiisa urtuun isaa waa’ee du’aa ka’umsaaf barnoota fi fakkeenya guddaadha. Yeroo du’aa ka’umsaa .Fakkenya hedduun kan fakkeefame fi raajonni hedduunis lallabaa kan turan du’aa ka’umsi Goofta keenya kana fakkataa ture.
Gammachuu guddaa-dhugaa guddaa Yoh. 19:35 “ Kan arge ragaa ba’eera, ragaan isaas dhugaadha”

Yerichi halkan bahee yeroo guyyaan bakka isaa itti fudhachuuf adeemu dhuma guyyaa sanbataa guyyaa sanbataa guyyaa hojii durati. Maariyaam Magdalaawit fi Maariyaam isheen lamaffaa barsiisaa isaanii du’aan kan isaan irraa adda bahe urgoorftuu dibuuf gara awwaala inni awaalametti halkan subiin(barii)gara awwaala Yoosef nama biyya lammii Armaatiyas ta’e, fi Gooftaan itti awwaalame kan isaan adeeman, barsiisaa isaanii foonin isaan irraa adda otoo hin bahiin jecha sagalee isaa dhaga’aa, raajii harka isaa jaalala isaaf qabaniin bitamuun jalaala isaanis jiraachaa turan .kanaafis halkan qixxee sodaa tokko malee gara awwaalicha isaa ilaala jaalala isaaf qabaniin bitamuun jaalala isaan jiraacha turan. Kanaafis halkan qixxee sodaa tokko malee gara awwaalcha isaaa deeman.

Jalqaba torbee yeroon isaas dukkana yeroo turetti ganama Maariyaam Magdalaawit fi Maariyaam isheen lammaffaa boolla awwaalchaa bakka inni itti awwalametti isa ilaaluf adeeman. Yeroo gara boolla awaalcha isatti seenan garuu ergamaan Waaqayyoo dhagaa awwalchaa boollaa irra turerra ta’uun isaanititi mul’ate. Ergamichis akkas isaanin jedhe
“Isin hin sodaatina Iyyasuus isa fannifame akka barbaaddan nan beeka” sa’aa kanatti yeroo namni tokko illee hin jirre fi soodachisaa ta’etti keessumaa immoo bakka awaalcha deemun dabalataaniis ergamaa arguun baay’ee sodachisa. Kanaafidha ergamaan hin soodatina kan ittin jedheef. Maalif sodaattu misiraacho an isinitti himuu kan isin aja’ibsiisu hin qabu, barsiisan keessa dursee isinitti himee ture, erga ittiin jedhee booda gammachuu guddaa itti hime; akka dubateen ka’eera, ittiin jechuun misiraacho fi gammachuu guddaa isaanitti hime.
Hangafoonni lubootaa garuu baratoonni isaa hataniiru; dubbii sobaa isaan ibsan fi akka dubbii Maariyaam Magdaalawit bakka biratti fudhataniiru kan jedhu utuu hin ta’iin dhugumaa inni du’a moo’ate du’aa ka’eera, kan jechudha. Misirachoon isaa ilmaa namaa harka namatti dabarfamee kenamee du’uuf guyyaa sadii boodas ka’uuf dirqamadha jecha jedhu. Galiila utuu jiruu awaan inni isinitti himee ture yaadadhaa!
 “Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf jira” jedhe” ittiin jedhan. Yommus isaan dubbii isaa yaadatan immoo, kana hundumaa ergamoota kudha tokko nuutti, warra kaan hundumaatti odeessan. Warra kana wajjin ergamootatti odeessan immoo, Maariyaam ishee Magadlaa, Yo’anaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota kan biraas turan. Garuu dubbiin kun kan hundee hin qabne, isaanitti fakkaate, kanaafis dubbii isaanii hin amanne. Haa ta’u iyyuu malee,Pheexroos ka’ee, gad jedhees awwaalicha keessatti kafana isaa duwwaa arge; kana booddee immoo wanta ta’e kana dinqifachas gara manaatti deebi’e. Luq. 24:1-12.

Gooftaan yeroo meeqaaf namoonni, duuka bu’onni isaan bira jirachuusaa isa hin beekin qaaman itti mul’ate? Sadiidha. Isaaniis.
I. Namoota lameen osoo gara Emaahusitti imalan. Luq. 24:13-32
II. Yeroo gara Iyyerusaalemitti deebii’an. Luq. 24:33-35
III. Osoo duuka bu’oonni mana cufaa keessa ta’anii, osoo balballi hin banamiin gidduu isaanitti argameera. Yoh. 20:19-23
Galatni Waaqayyoof haa tahu!Ameen.

Thursday, May 2, 2013

WNA.019.Tibba Dhukkubbii


        Fayyinni keenya Iyyasuus Du’uu Isaatiini! (Luq.12:49)    
          Dn. Tolawaaq Habtaamuutiin                               


                                     
“Inni waa’ee irra daddarbaa keenyaaf madaa’e,waa’ee balleessaa keenyaaf rukkutame/reebame dheekkamsi fayyina keenyaas isarra ture;madaa isaatiin nuti fayyine.” Isa.53:5



Tibba dhukkubbii Gooftaa jechuun maal jechuudha?
v Guyyoota sooma guddaa keessaa torban isa dhumaa ykn guyyaa hosaa’inaatii kaasee hanga jala bultii du’aa ka’uumsa Gooftaatti guyyootni jiran Tibba Dhukkubbii Gooftaa  jedhamanii waamamu.
v Torbee kana keessatti Gooftaan keenya nama ta’uu isaatiin gidiraa fi rakkoo inni argetu yaadatama.
v Jechuunis Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhala namaa gidiraa fi garbummaa seexanaa jalaa baasuuf fedhaa fi hayyema isaatiin jaalatee gidiraawwan kana kan simate malee uumamni ykn dhalli namaa dirqamaan abboomee kan irratti raawwatan miti.
    Guyyoota Tibba Dhukkubbii Gooftaa 
Wiixata:  Guyyaa gooftaan keenya Bitaaniyaadhaa gara Iyyerusaaleemitti deemuu muka balasii/harbuu/ firii hin qabne takka argee itti abaaree fi mana qulqullumaa keessatti namoota daldalanitti ol-seenee mi’a isaan daldalaa jiran waliin gadi-isaan yaaseedha. Kanaafuu,guyyaan kun guyyaa abaaramuu balasii fi qulqullaa’uu mana qulqullummaa jedhamee yaadatama. Mat.21:12, Mar.11:17,

Kiibxata:  barsisotni fariisotaa aangoo inni ittiin raajiiwwan (dinqii) kana ittiin hojjatu guyyaa itti gaafatan waan ta’eef  guyyaa gaaffii jadhama. Mar.11:7,Mat.21:13,Luq.21:23. Akkasumas Gooftaan keenya mana qulqullummaa keessatti waan barumsa dheeraa barsiisaa tureef guyyaa barumsaa jedhama. Mat.25:46,Mar.12:12.
Roobii: hangafoonni luboota Yihuudotaa fi barreesitoonni Fariisootaa guyyaa Gooftaa qabuuf itti mari’atan waan ta’eef guyyaa murtii/marii yihuudotaa jedhamee beekama. Mat.26:1,Mar.14:9,Yoh.12:8.
Kamisa: Kadhannaa Gooftaan keenya bakka biqiltoota lalisoo keessatti kadhate yaadachuun kadhannaa kamisaa/ kamisa magariisa jedhameera. Mat.26:36
Gooftaan keenya kasoominaan miila duuka-bu’ootaa gadi-jedhee dhiquun “isinis akkanumatti kanneen biroof raawwadhaa” jedhee waan ajajeef dhiqannaa kamisaa/ kamisa ajajaa jedhamti.
Gooftaan keenya icciitii qurbaanaa guyyaa itti hundeesse  waan ta’eef  guyyaa icciiitii jedhama. Mat.26:26,Yoh.13:1-dhu,Luq.22:20 .
Guyyaa kana Gooftaan waa’ee qurbaana isaa kan kakuu haaraa matuma isaa akka dhiheessu waan dubbateef  kamisa kakuu haaraa jedhamti.
Guyyaa kana waa’ee bilisummaa dhala namaa waan dubbateef  kamisa bilisummaa jedhamti.
Jimaata: Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamii fi Ijoollee isaaf beenyaa(furaa) ta’ee Fannoo irratti waan fannifameef guyyaa Fannoo jedhama. Meeshaa adabbii yakkamtootaa kan ture Fannoo guyya itti Gooftaan dhiiga isaatiin qulqulleessee mallattoo jireenyaa, mallattoo araaraa fi ittiin seexana injifannu taasisee nuuf kennedha. Gooftaan aarsaa kakuu haaraa ta’ee of dhiyeessuun dhala namaa garbummaa seexanaa jalaa guyyaa itti bilisa baase waan ta’eef guyyaa bilisummaa jedhama. Yoh.15:15, Gal.5:1. Gooftaan guyyaa itti lubbuuwwaniif fayyinaa fi boqonnaa kenne waan ta’eef guyyaa qulqulluu jedhama. Mat. 27:48-53
Sanbata xinnaa: sanbattan biro irraa kan adda ishee taasisu waa’ee gidirfamuu Gooftaa keenyaaf jecha guyyaa itti soomnu waan ta’ee fi duuti Addaam diigamuun gara jireenya itti jijjiirame jedhamee waan himamuuf sanbata diigame/jijjiirame (ቅዳሜ ስዑር) jennaan.
                                  Sirnoota tibba dhukkubbii Gooftaa
Sirna/heerota: “yaa obboloota koo obboleessa akka duudhaa nurraa fudhatee osoo hin taane seeraan/sirnaan ala kan adeemu irraa akka adda baatan maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ajajna. Nuyiin fakkaachuun akkamitti akka isin irraa eegamu ni beektu; isin biratti nutis seeraan ala hin deemne waan ta’eef.” 2 Tes. 3:6-7.
Wantoota tibba dhukkubbii Gooftaa keessa raawwataman
1.     jilbeeffannaa  tibba kana keessa si’a 41 kiraalaayisoon (maaloo yaa Gooftaa nuuf dhiisi), si’a 12 “yaa abbaa keenyaa hoo……”  yeedaleeffamaa baay’isee ni jilbeeffatama. Akkasumas maqaawwan Gooftaa keenyaatiin/Iyyesuus Kiristoos, Amaanu’eel, Abnoodii, Masiyaas, Tisbuuxaa/ jechaa waamudhaan jilbeeffachaa ni yaadatama.
2.     Kadhannaa: tibba kana keessa sa’aatii 24 keessaa sa’aatiin dubbisaa fi kadhannaa 10tu jira. Isaan kunis guyyaa keessaa sa’aatii 1, 3, 6, 9 fi 11 yammuu ta’u halkan keessaa sa’aatii 1, 3, 6,9 fi 11 dha. Sa’aatiiwwan kanneen keesssatti gidiraawwan gooftaa yaadachuuf faarsaa Daawitii fi raawwiin dhukkubbii (ግብረ ሕማማት) baay’inaan kadhatama.
3.     Sooma:  tibba kana keessa nyaatawwan hedduu irraa of qusanna. Warra danda’amuufis galgala keessaa hanga sa’aatii tokko akka sooman, nyaata akka qorsoo, daabboo, bishaanii fi ashaboodhaan akka nyaatamu kitaaba raawwii dhukkubbii Gooftaa irratti barraaheera.
4.     Wal hin dhungatamu: Gooftaa keenya fannisuuf  Yihuudotni “yaa fannisnu, yaa ajjeesnu” waan jedhanii fi Yihuudaan Gooftaa dhungatee dabarsee waan laateef wal dhungachuun harka wal fuudhuu fi walitti maramanii nagaa wal gaafachuun dhorkaadha. Fannoos bara Kakuu Durii(Moofaa)  keessa mi’a adabbii yakkamtootaa fi mallattoo abaarsaa waan tureef Gooftaaan keenya kabajamaa dhiiga isaaatiin qulqulleessee mallattoo injifannoo hanga nuuf godhuutti tibba kana keessa hin dhungannu. (Gal.3:13, Mat. 10:38, 26:29)
5.     Hirmaachuu(አክፍሎት)፡ Dubroo Maariyaamii, Yaa’iqoobii fi Yohaannis du’aa ka’uu Gooftaa osoo hin argiin midhaanii fi bishaan afaaniin hin qabnu jedhanii hanga du’aa ka’uu Gooftaa turuu isaani yaadachuuf kan soomamudha.
6.     Shuummoo(ጉልባን): Baaqela, Qamadii fi Boqqolloo irra qophaa’uun guyyaa Kamisaa kan nyaatamu yoo ta’u kanis gadda tibbasanii ibsuuf yaadannoo raawwatamudha.
7.     Baala Ejersaan rurrukutamuu: kun tibba kana keessa Kiristaanonni cubbuu raawwatan lubootatti himachuun baala Ejersaatiin rurrukutamanii jilbeeffannaa kan ittiin fudhatanidha. Kunis fakkeenya rukutamuu/reebamuu Gooftaati. Baalli ejersaas fakkeenya nageenyaa, kennaa fi Yihuudaadhaan gaabbii gali jettee kan dubbattedha.
8.     Caffee/allaaddu: Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa akka nuuf ibse kan ittiin ibsinu yoo ta’u, fakkeenya gonfoo qoree Gooftaan kaawwatee jechuun mataa keenyatti hidhanna.
Walumaagalatti  torbee kana akka kakuu moofaatti ilaalama/yaadatama waan ta’eef siritti gadduudhaan waa’ee gidiraa gooftaa yaadachaa keessa keenyatti fayyina Gooftaadhaan argachuu keenya hubachaa kan ittiin xiinxalluudha.
JECHOOTA GOOFTAAN KEENYA FANNOORRATTI DUBBATE    TORBAN
1.     Waaqa koo Waaqa koo  maaliif na dhiiste?/Eelohee(2x) eelmas laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa duu’aa) gara isaatti dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.
2.     Yaa Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif(Luq. 23:34)
Fannisuu isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa  jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa ta’uusaa ibsuudhaaf  jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.
3.        Har’a ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii  warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa  isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu” akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6) amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef  adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf raga bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh. 3:11).
4.     Yaa Abbaa  Lubbuu/Ruuhii/ koo harka keettan imaanaa sitti kennadha.(Luq. 23:46)
Jecha kana kan dubbateef foon dubbachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1. Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.
5.     Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee(Yoh. 19:26-27)
Jecha kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra  hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo  Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.

6.     Nan dheebodhe (Yoh. 19:28)
Kitaaba irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa, gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee qulqulluudhaan jaalachuu qabna.
7.     Ni raawwate (Yoh. 19:30)
Wanti kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni Raajota qaaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha. Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni. Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu.
                                       Faasikaa/Irra Darbaa/pass over
Faasikaan/Irra darbaan keenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi(1Qor.5:7). Kan irra darbe kun kakuu moofaa keeessatti ergamaa du’a baatee deemu ture.(Ba’u.12:3-16). Yeroo ammaa kana irra darbaan/faasikaan dhugaa ta’ee fi al-tokko du’a jalaa nu baase ilma Maariyaamii kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi,innis nuuf qalameera waan ta’eef(1Qor.5:7,Yoh.19:28,Mat.26:26).Hoolaa qulqulluun dhugumatti cubbuu addunyaa haquun du’a jalaa nama baasu Iyyasuus Kiristoos qofa wanti biraa tasumaa nu fayyisuu hin danda’u(Yoh.1:29). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti hoolaa qaluun baroota hedduuf ayyaana kana kabajaa turan. Har’a garuu nuti kabajuu kan qabnu foon hoolaa isa dhugaa ta’e kan gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nyaachuunii fi dhiiga isaa dhuguudhaan ta’uu qaba malee hoolaa ykn lukkuu ykn re’ee qaluun nyaachuun tasumaa nu hin fayyadu, nu hin fayyisu. Kanaaf isa nu fayyisu jireenya barabaraa nuuf kennutti yaa hoognu. Foon koo kan nyaate,dhiiga koos an dhuge jireenya barabaraa argata jedha waan ta’eef(Yoh.6:53). Kanaaf yaa obboloota koo hoolaa faasikaa (foonii fi dhiiga gooftaa) nyaachuuf of haa qopheesinu. Ayyana gaarii!!!
     Kennaan Abbaa jaalalli Ilmaa tokkummaan Afuura qulqulluu hunda keenya waliin haa ta’u! ameen!
Waaqayyo dhibee fi dhukkubbii tokko malee, dheebuu fi dadhabbii tokko malee akkuma har’aan nu gahe guyyaa du’aa ka’umsa isaatiif nagahaan nuun haa ga’u.  Ameen!!!

                                                 Waaqayyoof galanni haa ta’u!!!
Madda: Kitaaba qulqulluu
Ragaa tolummaa/ስማዐ ጽድቅ/ bara 2002
Kitaaba dhukkubbii Gooftaa/ግብረ ሕማማት