Faarfannaa


Faarfannaan Amantii Ortodooksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin kan qophaa’aan baay’ee muraasa fi kan jiranis baldhinaan hordoftoota amantaa bira ga’an jechuuf kan nama hin onnachiifnedha. Haa ta’u malee fuulduratti Faarfatoonni hedduun Afaan Oromootiin Waaqayyoon faarfatan ni argaman jennee amana. kanumaaf immoo faarfannaa danbii Ortodooksii eeggatan fuula kana jalatti walitti qabuun akka namootni dhaga’an ni godhama.

Faarfannaa nama tokkoo ‘biloogii’ irratti fe’uun (upload) gochuun seeraan kan nama gaafachiisudha. Haatu’u malee yoo abbaan ykn qaamni faarfannaa sana baase heyyame upload gochuun ni danda’ama.  Kanaaf yeroo ammaa kanatti faarfannaa Afaan Oromootiin qophaa’e baldhinaan as jalatti argachuun nama rakkisa. Gara fuulduraatti garuu faaruuwwan Waldaa keenya(Nahimiyaa) fi miseensonni waldaa keenyaa kan qopheessan yoo jiraate ni dhiyeessina.

Dabalataaniis faarfattoonni faaruu baasanii sababa garaa garaatiin (keessumaayyu hanqina qarshiitiin) maxxansiisuu hin dandeenye karaa itti ispoonsera argatan barbaaduudhan haala mijeessusf tattaaffiin ni godhama. 

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.