Wednesday, December 23, 2015

“Abaaboo Hongee Kutaa lammaffaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
Barsiisaa Hayile Mikaa’el Taaddasaatiin
Kutaa 2ffaa

2. Waaqayyoon Sooraa fi Tiksee Adduunyaa kanaati nuun jedhu
Raajichi Muuseen, “garuu burqaan bishaanii dacheerraa ni ba’a ture, fuula dachee hunda ni obaasti ture.” [Uu. 2:6] jechuun kan dubbate adduunyaan akkuma uumameen, Waaqayyoon adduunyaa kana sooraa akka jiru nu hubachisa. Qulqulluun Daawiitiis, tulluuwwan keessaa kan obaasu, dumeecha  bu’aaa hojii isaarraa dachii kan quufsu isa akka ta’e dubbata. [Faar. 103:13] “Hunduu abdii si godhatu, Yerootti nyaata isaanii akka kennituuf, yoo kennituufis ni sassaabbamu, harka keess hiikkatte, maartaa keerraayyis hunda qufsiite. Yemmuu fuula kees irraa deebiistu ni rifatu, lubbuu isaanis ni baasta, isaanis ni du’u.[Faar.103:29] jechuun adduunyaan tuni uumaa ishee kanaan ala abdii homaayyuu akka hin qabne inni hamtootaafis ta’ee, gaariiwwaniif aduu kan baasu gatii fi olmaa malee adduunyaa kan jaalatu ta’uu dubbata.[Maat.5:45]  Barruu eeguumsaa isaatirra yoo jirru wanti itti baay’atee dagatu, itti ulfaatee hoogganuu dadhabu, tokkooyyuu akka hin jire akkaataa nuuf mirkaneessuun, “kan keessan rifeensi mataa keessaniillee, lakkaaiwwamee jira.”[Maat. 10:29-30] nuun jedha.
Kanaaf, akka falaasoonni tokko tokko jedhanitti, Waaqayyoon adduunyaa kana uumee kan dhiisee miti.  Faarfataan, faruu isaa 104:10-24 irratti, “burqaawwan gara gammoojjiitti kan ergu, tulluuwwan gidduu bishaanoonni ni darbu, bineensi daggalaa hundas ni obaasu, harroota hongees kan obaasan, simbiroonni samiis achi ni bulu, baqaqaa dhakaa gidduutti ni iyyu, tulluuwwan samiidhaa kan obaastu bu’aa hojii keerraa dacheen ni qufti. Buddeena dacheedhaa baasuuf,  jiidha faayidaa ilma namaatiif, margas beeyiladootaaf ni biqilcha. Wayiniin onnee namaa gammachiisa. Zayitinis fuula ibsuuf.Midhaanis jilba namaa ni cimsa. Mukoonni Waaqayyoo innis kan dhaabe birbirsoonni Libaanoosis ni qufu. Kanaanis simbirroowwan wal hooru. Ji’a yeroowwaniif godhe. Aduunnis galma isaa ni beeka. Dukkanas ni taasiista. Halkanis ni ta’a. Isaanis bineensoonni daggalaa ni ba’u. Ilmooleen leencaa butuudhaaf ni iyyu. Waaqarraayyis nyaata isaanii ni barbaadu. Yaa Waaq hojiin kee baay’eedha. Hunda ogummaadhaan rawwatte” kan jedhu Waaqayyoon adduunyaa kana sooruuf wanta raawwatu hunda addeessa. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, lubbuu fi ofaa dooniitiin fakkeessuun “lubbuun nama keessatti akka hin mul’anne, garuu sochii nama sanaatiin akkuma beekamtu, Waaqayyoonis, ija fooniitiin hin mul’atu, garuu hayyamaa fi hojii isaatiin ni mul’ata, ni beekkamas. Garbarra danbali’aa doonii gara fulduuraatti deemtu, namni argu, keessa isheetti kan ishee oofu akka jiru beekuu qaba. Akkasumas, ija fooniitiin mul’achuu baatus, hunda kan hogganu Waaqa akka ta’e qalbeeffachuu qaba.”[Liqa Gubaa’ee Abbaa Abarraa: 29]  Kanaaf, wanti hundi kan argame Isarraa, Isaanii fi Isaaf. Tkiseen keenya nu eegu, bishaan taliilatti nu bobbaasu, dachee jiidhaattis nu bobbaasu Waaqayyoo dha.[Faar. 22:1-2] Kanaaf maalan nyaadha, maalan dhuga, maalan ufadhas? Jettanii hin cinqaminaa. Kanammaa warri hin amannees ni barbaadu. Abbaan keessan inni samiis, kan akka barbaaddan ni beeka[Mat.6:31fi 32]
Kana barbaaduun homaa adda akka nu hin goonee fi warra hin amanneen kan adda ta’uu dandeenyu Dhugoominaa fi Mootuummaa isaa barbaaduu gaafa dandeenyu akka ta’e[Maat.6:.31] nutti hima. Kana jechuun dhimmoonni adduunyaa kanaa kan nuti dhiphannuuf hundi kan darbanii fi irbaata otoo hin taane irra buusa irbaataati. Jechoota birootiin mataa isaaniitiin galma ykn dhimma muummee fi bu’uurawaa otoo hin taane, dhimma irra irraati.
Kanaaf maalan nyaadha, maalan dhuga, maalan ufadhas? jettanii hin cinqaminaa. Kanammaa warri alagootaatuu ni barbaadu. Abbaan keessan inni samiis, kan akka barbaaddan ni beeka[Maat.6:31 fi32] Soraa fi sirneessaa adduunyaa kanaa ta’uu isaa yoo hubannu, duraan dursa Mootuummaa fi dhugoomina isaa brbaaduun “Mootuummaan Waaqayyoo isin gidduu jira” kan jedhame Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon uuffatee akka nu fayyise ija banannee ilaaluu fi amanuu dandeenya.
3.     Ilmi Waaqaa dachee irratti mul’ateera
Kanneen hundi dhuma baraarratti kan mul’atu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif kan daandii mijeessanii dha. “Durii eegalee Waaqayyoon daandiiwwan baay’eedhaan goodaa baay’eedhaan abbootii keenyaaf Raajoootaan dubbate. Booda garuu, hunda kan ittiin uume Ilma isaatiin nutti dubbate”[Ib 1;1] Kanaaf  Ilmi Waaqaa ammoo namni uumamaan, fakkeenyaa fi ergaa Raajootaan isa hubachuuf carraaqii godhu mudoo malee dhugoomsuuf  foon Ilma namaa uffatee, ilma Namaa gidduutti mul’atee jira.  “Abaaboo Hongee ilaalaa” yoo nuun jedhu Ilma Waaqaa Gooftaa Iyasuus Kiristoos ilaalaa jechuu isaati. Sababni isaas ogeessi Salamoon “Abaaboon dachee irratti mul’ate”[Weed. 2:10] jechuun kan dubbate kuni foon uuffachuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoos kan agarsiisuu dha.[Is 9: 6, ] Dachee kan jedhame, ilmi namaa “dachii waan turteef dachiiti deebita” jechuun murtii Gooftaan laateerraayis ta’ee uumama isaarraa Ilmi namaa dachii akka ta’e hubanna.[Uum.3:23, Galata Maaryaam Wiixataa]. Abaaboon dachii ilaalaa ykn mul’ate jedhame kuni Gooftaadhaan fakkeeffama yoo jedhame, Dachiin harmeee Kenya dubroo Maaryaamiin fakkeeffamtu, [dachiin ilma namaa ykn Mana Kiristaanaa bakka bu’uun Gooftaan irratti mul’ate] dachii guyyaa kibxataa uumamtee sanyii malee yeroo duraaf, abaaboo ykn biqiltuu biqilchite, oyiruu kibxataati.[Uum.1:9] Dachiin fuudhaaf heeruuma Jechaa fi fooniif waltajjii taatee tajaajiluun sanyyii dhiiraa malee Mataa Mana kiristaanaa argamsiiste[Eef.5:23] Dubroon Maryaamis dubruummaa bara baraatiin Jechi irratti mul’atee jira.[Is.6:14, Hiz.44:1-3, Galata Maaryaam Kibxataa, Yaa’iqoob Siruug]
Waan kana ta’eef, abaaboon dachee irratti mul’ate yoo jedhu Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, foon ilma namaa uufatee, dachee irratti mul’atee, hunda tokko gochuun araaraa fi nageenya buusee jira [Yoh.1:14, Luq.2:14] jechuu isaati. Mul’achuun abaaboo kanaa fannoorratti yoo raawwatamu, bu’uura Qulquulluun Yaareedii fi Atinaateewoos jedhaniin uummanni fi alagaan akka wangeelaan tokko ta’an harka isaa mirgaa fi bitaatti bal’isee isa tokkoon uummata isa birootiin alagoota dhiyeessuudhaaf fannifame. Kanaaf abaaboo hongee yoo ilaallu, Waaqni foon uffachuun hojii fayyinsaa raawwateen, ilma namaa gidduuti araarri akka bu’e, alagaa fi fira qodiinsi jedhamu akka hin jirree fi mul’achuun Abaaboo kanaa ilma namaa lafarraa hojjatame[Uum 3:20] hunda isaa tokko akka godhe nutti hima. Hiikaan wangeela Maateewoos Mana Kiristaanaa keenyaas, Ilmuummaan Waaqayyoo waan nuti fooniin Abirhaamirraa hin dhalanneef raajiin nuuf hin himaminiif kan dhabamu otoo hin taane, inumaayyuu, Warri Ayihuud otoo Raajoota sana hunda dhagahanii jiranuu Ilmuummaa Waaqayyoo otoo hin arganne; isaanii mannaa algoonni dursanii ilmuummaa waan argataniif amantii Waaqni nama ta’uu waan qabnuuf kan gonfannuu dha. Gooftaanis kan nuun jedhu akka ijoolee abbaa hin qabnetti maal uuffanna jennee daara keenyaaf dhiphachuu akka hin qabnee fi nuti ijoollee Abbaa qabnu waan taaneef abdii keenya abaabboon fakkeeffamuutti jiruu lafa kanrraa miti kan samiitu isarratti gatuu akka qabnu nuuf hiika[Wangeela Qidduus, nibaabunnaa tirguwaamee:1988:136]
Bu’uura armaan olitti ibsameen, ayyaanni Abaaboo Mana Kiristaanaatiin kabajamaa turee fi yaadannoon godaansa haadha keenya dubroo Maaryaam[Ilama ishee waliin[Maat.2:14] kaayyoon isaa inni muummeenis, Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon uuffatee dacheerra dedeebi’ee haadha isaa Maariyaam waliin godaanee[Maat 2:13-15], gidiraa baay’ee keessa erga darbee booda, Ilma namaa hunda Fannoorra ooluun fayyisuu isaa yaadachuu fi dhugaa kana keessatti hammatamanii, jecha “kan na jaalatu yoo jiraate, fannoo koo baatee ana duukaa haa bu’u” [Mat.16:24] jedhu hojiirra olchuu dha. Kanaaf abaaboon keenya Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon keenya uuffatee, jaalala nuuf qabu Ilma naamaatiif bu’uura agarsiiseen, nuullee ayyaana abaaboo yoo kabajnu, hojii mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin, fayyuu keenya amanuun olitti hojii jaalalaa aarsaa ta’uu gaafatu kana abbaan warraa haadha warraatiif, abbaan taayitaa uummataaf, abbaan gaabbii, luboonni fi phaaphaasoonni hooloota hoogggananif,[Yooh 21:15-19] barsiisaan barattoota isaaf, warri ijoollee isaaniif, itti gaafatamaan hoojjatoota isaaf aarsaa kanfaluu qabnu ilaalchisee waadaa keenya haroomsuun ta’uu qaba.[Yooh 13:15 fi 14:15 Yooh 15:12]
Abaaboo hongee yoo ilaallu, midhaan firii buufachaa akka jiruufi isa booda ammoo yeroon jiru yeroo makaraa akka ta’e ni hubanna. Qulqulluun salamoonis, weeddu isaarratti [2:11] yemmuu abaaboon dachee irratti mul’atu kanatti, “Yeroon makaraas ga’eera” nuun jedha. Makarri qotee bulaan bu’aa dhamaatii isaa kan itti argatu, wanni nyaatan wanni dhugan guutuu yeroo itti ta’u, yeroo taphaa fi sirbaa, weedduu fi cidhaati. Yeroon makaraa waan birraan bari’ee aduutti baaneef miidhaan ga’e hundi sassaabbii yeroo itti barbaadu, yeroo itti gaafatamuummaa guddaas gammachuus qotee bulaadhaaf laatuu dha.
“Kitaaba Qulqulluurrattis gammachuun yeroon makaraa kuni gammachuu fayyuu isaatiin ilmi namaa gonfate waliin wal fakkata. Kanaaf Isaayiyyaas raajii isaarratti Waaqayyoon warra dagataman warra Alagootaa fi Galiilaa yaadachuun inaaffaan Isaa fayyiinsa ilma namaa dhugoomsee bittaa seexanaa seenaa gochuun “makaraan akka gamadanitti akkanumatti isaan gammachiifte” jechuun nuuf ibsa.[Is.9:3 fi 7] Waaqayyoon abaaboo hongee ilaalaa yoo jedhu, hongeen iddoo dagatamee fi jiijjiirrama ni fida jedhamee hin eeggaamne ta’ee otoo jiruu hayyama Waaqayyootiin abaaboon miidhagee yoo mul’atu, Gooftaaniis ogummaa adduunyaa kanaan karaa walitti hin dhufneen, kabaja isaa dhiisuun, mooraa hooriitti dhalachuun, akka yakkamaa fi keessuummaatti baqachuun, beela’uun, himatamuun, sobaan yakkamuun, fannoora oluu fi du’uudhaan seenaa Adduunyaa jijjiiree jira.. Daandiin kuni ilaalcha Ilma namaatiin jijjiirrama kan fiduu miti. Garuu Waaqayyoon oguummaa fi beekuumsa Ilma Namaa tuffatee karaa kasoominaa kanaan fayyinsa ilma namaa dhugoomsee jira. Ogummaan kuni “darbuun dirqama warra itti ta’e ogummaa muudamtoota adduunyaa kanaa miti”; foon uffachuu gooftaa, beektoonni adduunyaa kanaa cufti hin qalbeeffannee dha malee.[1Qor. 2:6-8] Gooftaan nutis ogummaa kasoominaa fi jaalalaa kana keessaa akka jiraannu, barbaacha isaa duukaa akka buunu fakeenya isaa nuuf dhiisee deemee jira.
4.     Jireenya keenya hafuurawaa akka ilaallu
Abaaboo, “ana fakkaadhaa” jecha jedhu irratti hundoofnee jireenya Hafurawaa keenya wajjiin yoo wal qabsiisnee ilaallu, abaaboon firii isaanii jalaa fi cinaa isaanitti dhokftanii fi warri fixee isaaniitti firii busan ni jiru. Warri firii isaanii dhokfatan, adduunyaa kanartti hojii gaarii qabaatanii of dhoksuun galata gati dhabeessarraa warra of baraaranii gatii isaanii mootuummaa Waaqayyootti eeganii dha.[Maat.5:3] Warri immoo fixee isaanirratti firii baasanii simbirroodhaan jalaa nayaatame, adduunyaa kanarratti jireenya hafuurawaan yoo jiraatan galataa fi weedduu namaa qofa dhagahuuf warra carraaqanii gatii isaanii dacheerraa sassabatanii dha.[Maat.6:1-19][Luba Sintaayyahuu Abaata fi, Dn. Birhaanuu Admaas: Sina Fixirat:1996 :44] Kunis ogummaan samii kasoominaa fi hiyyuummaa Afurawaa waan ta’eef mootuummaa Waaqayyoo dhaaluuf ogummaa Gooftaan keesa darbeetti jiraachuu akka qabnu[Maat.5:3] nu barsiisa.
Kallattii biraatiin abaaboo yoo ilaallu, dachiirraa akkuma abaaboon ykn biqiltuuwan adda addaa, dandahamaanis ta’ee faayidaa ilma namaaf kennaniin adda adda ta’an argaman, ilmi namaas Addaam tokkicharraa, argamanillee[Luba Sintaayyahu fi Dn Birhaanuu: 1996: 44] achi jalatti, sabni hunduu qaama Addaam tokkichaa ta’ee,  amantiidhaan, ilaalcha siyaasaan adda adda ta’uu danda’a. Kakuu haaraa keessattis Addaam isa lammaffaarraa warri dhalatan afaaniin, aadaa fi akka waliigalatti eenyuumaa ibsataniin adda adda ta’anis, tokkicha Gooftaa Iyyasuus Kiristoos jalatti waan gamtaa Mana Kiristaanaa jalatti hundoofneef tokkoo dha. “Baay’ee yoo taanu Kiristoosiin tokko waan taaneef” tokkuummaan keenya adda adduummaa abaaboowwan abaaboo hin gogne[Gooftaa Iyasuus Kiristoos jalatti, inni Waynii ta’uun nuti immoo birkii isaa ta’uun, Yooh.15:1-5] jalatti biqilan kan liqimsu otoo hin taane akkuma kutaalee qaama nama tokkootti hunduu of ta’ee garuu Mataa Mana Kiristaanaa Kiristoosiin tokko taana[Eef.5:23]
Biqiltoonni fi midhaan hanga dhuma adduunyaatti dhunfaa isaaniitiin dhandahamni isaanii akkuma tokko ta’e, Qulqulloonnis eenyuummaan isaan gadaameessa Yoordaanoosii fi Barruu Hafuurra Qulqulluurraa fudhatan otoo hin jijjjiiramiin kan itti fufanii dha.[ Luba sintaayyahu fi Dn Birhaanuu Admaas:1996:44]. Manni Kiristaanaa waldaa Qulqullootaati yoo jennuus, isheen “Qulqullootaaf si’a tokko amantii kennamerratti kan hundoofte” waan taateef[Yih.lakk.8] amantiin isheen Waaqayyoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoosirratti qabdu kan hin cabnee fi kan hin dhangalaane, tulluuwwan baroota heedduu kan qaxxaamuru jechuu keenya.[Eef 5:32, Maat.7:17, Luq. 6:43-45]]
Biqiltuuwwan ganna googanii boona lalisaan ni jiru. Kanneen adduunyaa kanarratti ganna gurraacha bu’aa ba’ii adduunyaa kanaan fakkeeffamuutti jaalala Kiristoosiif mankararuun, akka haadha keenya Dubroo Maaryaamii fi Gooftaatti adduunnyaa kanaaf keessuummaa ta’anii godaanuun[Maat.2:14, 5:10] boona yeroo makaraa, midhaan itti sassaabbamuun fakkeffamuun, yeroo dhufiinsa lammaffaa Gooftaa Iyyasuus Kirstoos[2Phex.3:10-13, Maat.25:34] gatii isaanii warra sassaabbatanii dha.[Luba Sintaayyahu fi Dn Birhaanuu, 1996:45]
Ganna lalisanii, bonarratti biqiltuuwwan goganii mul’atan ammoo adduunyaa kanarratti akka fedhanitti jiraatanii, hiyeessa abootuun rukutanii, haqa dabsanii waan jiraachaa turaniif[Is.58,3-5] adduunyaa isa dhufutti warra, “narraa deemaa” jedhamanii du’aa fi abiddaaf darbatamanii dha.[Maat.25,41] [Luba Sintaayyahu fi Dn. Birhaanuu:1996:45]
Gannas, bonas warri hin lalisne kan akka adaamii ni jiru. Kanneen ammoo, adduunyaa kanattis sababa yakka raawwataniif adabamuun, baqachuun, rifachuun warra jiraatanii dha. Adduunyaa dhufuttis cubbuu dachee kana irratti raawwataniin waa lama dhabduu kan ta’aanii dha. Gannas boonas warri lalisaanis ni jiru. Kanneen akka birbirsaa fi ejersaatti gannaa fi boona lalisan, adduunyaa kanatti waan gaarii hojjatanii isaanis gammadanii adduunyaa dhufuttiis gammadaa ta’anii warra jiraatanii dha[Luba Sintaayyahuu fi Dn. Birhaanuu:45] Keessattuu warri adduunyaa kanatti fuudhaa fi heeruuma rawwatanii, hariiroo kana cincala jaalala Waaqayyootiin chaappeessanii jiraatan kanaan fakkeeffamuu danda’u.
Biqiltuuwwanii fi midhaan abaaboo qofa qabanii fi firii hin qabne,  amantii qabaatanii garuu warra hojii gaarii itti hin idaanee dha. Warri abaaboo hin qabnee fi firii qaban, amantii otoo hin qabaatiin warra hojii gaariiqabanii dha.[Luba Sintaayyahu fi Dn. Birhaanuu,1996:46] Eegaa amantiiniis hojii malee hojiiniis amantii malee dhaabbachuu akka hin dandeenyee fi lamaanuu wal tumsu akka qaban hubachuun nu fayyada.[Yaa. 2:16fi20] Biqiltuuwwan lamaanuu dhaban, amantiis hojii gaariis namoota hin qabne, abaaboos, firiis warri qaban amantoota lamaanu qabaniif fakkeenya dha.
Biqiltuuwwan ganna dhaabbamanii ykn faca’aani roobaa fi dhoqqee gannaa keessa qaxxaamuranii firiif qaqqaaban amantoota qabsuura hadhaa’aa keessa darbanii gonfoo injifannoo gonfatan nutti agarsiisu[ Luba Sintaayyahuu fi Dn. Birhaanuu, 1996: 46, 2Xim.4:7] Dhuma gannaa irratti facaafamanii yoosuuma warri dhaqqaban dhumarratti dhufanii garuu yeroo gabaabaa keessatti firii argamsiisaniin yoosuuma Gannatatti Gooftaa waliin warren jiraachuu danda’aanii dha.[Luq.23:43]
5.                       Guduunfaa
Eegaa, abaaboo dachii ilaalaa yoo nuun jedhu Waaqayyoon uumma, sooraa fi sirneessaa Adduunyaa kanaa ta’uu fi Ilma Waaqaa  foon uuffattee qalbeeffanne akka itti bullu waamicha dhiyaateedha[  ] Bu’uura waamicha kanaatiin abaaboo keenya Gooftaa iyyasuus Kiristoos dammaqinsaan jireenya Hafurawaa keessatti hammatamuun eeguu akka qabnu hubachuu dandeenya.
Lallabichi abaaboo hongee akka ilaalluu fi waan uffanuuf akka dhiphachuu hin qabne, isaan otoo hin fo’iin otoo hin dadhabiin ogeessi salamoonnillee ogummaa isaatiin kanneen keessa akka isa tokkootti akka hin uffanne Waaqayyoon har’a kan mul’atu boru abiddatti kan gatamu marga dachii kanaa akkanatti kan uffisu  yoo ta’e,  isinimmaa akkamiin? Jedhee abdiin nu guuta. “Eegaa maal nyaanna? Maal dhugna? Maalis uuffannaa? Jettanii hin cinqamiinaa... dursa dhugoomina isaa fi Mootuummaa isaa barbaadaa nuun jedha.[Maat.6:28-33]
Kuni uummamni ilma namaa kabaja akka qabu agarsiisa.[Maat.6:31] Durumayyuu ilmi namaa yoo uumamu haala kaanirraa adda ta’een[warra yaadaa fi jecchaan uumaman] gochaan ykn hojiidhaan ta’uun olitti bifaa fi fakkeenya Waaqayyootiin lubbuu horatee jiraataa ta’ee uumamee jira[Uum.1:26, Faar. 108:73]. Eegaa Waaqayyoon maqaa isaa galateeffatanii, kabaja isaanii akka dhaalaniif uumamni uume,[Eef.2:10] jiraachuu Waaqayyoo akka ragaa nuuf ba’an[Faar.100:3,Ib.11:1-3, Rom.1:20, Hoj.14:17], nyaata foonii fi lubbuu akka ta’an, Kan ittiin barannuu fi kan ittiin barsiisnu akka ta’an[Faar.18,1, Iy.36,33, Faar. 67,6] kan uumamanii gaditti of lakkaa’uun, akkamiin dhimma dachii kanaatii siqiquun, gaafii Waaqayyooti.
Daaraa fi nyaataaf dhiphachuu fi isas Waaqarraa argachuun, warra Waaqa hin amanneerraa homaa adda akka nu hin goonee fi warra hin amanneen kan adda ta’uu dandeenyu, Dhugoominaa fi Mootuummaa isaa barbaaduu gaafa dandeenyu akka ta’e[Maat.6:31] nutti hima.Kana jechuun dhimmoonni adduunyaa kanaa kan nuti dhiphannuuf hundi kan darbanii fi irbaata otoo hin taane irra buusa irbaataati. Jechoota birootiin mataa isaaniitiin galma ykn dhimma muummee fi bu’uurawaa otoo hin taane, dhimma irra irraati.
Nuti kan dhalanne, “sanyii badurraayii miti, ....sanyii hin badneerraayi malee .Foon kan uffate hundi akka margaatti, kabajni isaas akka abaaboo margaatti, margichi ni goga, abaaboonis ni urgufama.” Mootuummaan Waaqayyoo garuu “bara baraaf ni jiraata. Wangeelaanis Jechi nuuf lallabame kana.”[1Pheex.1:22-dhumaa]
Galanni haa ta’u Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluuf!