3.ARAARSUMMAA QULQULLOOTAA
Ibsa
Ibsa
Afaan
Oromootiin barreeffamoota seeraa fi danbii amantaa ortodoksii gadi fageenyaan
ibsan irratti hanqinni guddaan waan jiruuf dhimma hunda irratti barreeffama argachuun
nama Afaan Oromoo qofa beeku fi nama hordofaa amantii Ortodoksii ta’e
tokkoof rakkoo guddaa dha. Kunis kan
ta’e akka barbaadametti fi yaada hafuuraa barbaade tokko irratti Afaan oromoon
dubbisee, gadi fageenyaan seeraa fi danbii amantiichaa beekee amantaa isaatti
akka cimu barreeffamootni godhan baayyee muraasa waan taaniifi. Waaqayyo
arjummaan isaa baay’ateeti malee dhugumaan afaan sirriitti hubachuun hin
danda’amne dhiisaatii afaanuma itti dhalataniinu hojii harka isaa ajaa’ibaa
ta’e kana ibsuun baayyee nama dhiba. Gooftaa Iyyasuus duuka bu’oota isaaf
Hafuura Qulqulluu akka buuseef afaan addunyaa kanarra jiru hunda beekanii
Wangeela akka lallabaniif, afaan namootni dhagahan hunda akka beekaan ta’uun
isaa hojii duuka bu’ootaa boqonnaa 2 keessattii sirriitti ibsameera.
Hanqinuma
kana akka carraa gaaritti fudhachuudhaan
yeeyyii buttuun Maatii Waaqayyoo hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti
duula cimaa eerga eegalanii bubbulaniiru. Fudhatamuu oboleewwan keenyaas
ragaawwan lakkoofsa biyyolessaa dhugaa bahu. Kuni egaa dadhabina gama kanaan
jiru ta’us raajnii dura himame sun ta’aa jiraachuu isaa nutti muldhisa.
Amantaan Orotodoksii kan Iyyasuus Kiristoos dhaabe, kan jalqabaa karaa sirrii
akka taate wanti mormisiisu tokko illee hin jiru. Haa ta’u malee laafina karaa
Afaan Oromootin jiru akka milkii gaarii godhachuudhaan shakkitoonni erga
Ortodoksii tawahidoo irratti duulanii turaniiru. Raajiin dubbatame irrattis
ta’uun isaa baayye kan nama mararuudha. Egaa kanumarraa ka’uudhaan hordoftoota
wangeela dhugaa fi barsiisa amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin
hordoftoota dhagahuu fedhaniif obboleewwaan muraasaa ta’an quuqama qabaniin kan
walitti qabame Waldaa Nahimiyaa hamma tokko carraaqaa jira.
Kanumaanis hanga ammaatti barreefamoota 2 wal duraa duubaan ICCITII UTUBAAWWAN
SHANANII FI WAA’EE UUMAMAA kan jedhu biloogii irratti baldhinaan barreessuun
isaa ni yaadatama. Guyyaa Waaqayyo jedhee fi nama nu gargaaru yoo arganne immoo
kan hir’ate guunnee bal’inaan barraa’ee maxxanfamanii akka hordoftoota bira
ga’an abdii qabna. Kunoo ammas barreeffama sadaffaa mata duree “Araarsummaa Qulqullootaa” jedhuun dhiyeessinee jirra. Isinis as keessatti
hubannaa kanan dura qabdan cimsachuu irratti dabalatee gaaffii shakitoonni
kaasaniifis ta’ee kan biroof deebii ga’aa argattu jenne abdanna. Dubbisaatii
waan hirdhate, jecha jallate nu sirreessaa, akkuma kanaan duraa kadhaa fi
yaadaan nu faana turtan ammas nu yaadadha isiniin jechaa dubbisa gaarii isiniif
hawwina. Kan hir’ate Gooftaan keenya, fayyisaan keenya Iyyasuus kirsitoos itti
nuuf haa guutu. Ameen!!
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura
Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen!
ARAARSUMMAA QULQULLOOTAA
“Ani
Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa” Lew.
19:2
“Inni
isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis adeemsa keessan hundumaan qulqulloota ta’aa” 1Phex. 1:13
Akkuma
hima ol aanu kanarraa hubannutti Waaqayyo kan isaa kan ta’an hundi akka
qulqulluu ta’an fedha. Namootaafiis ani qulqullu akkuman ta’e
isinis qulqulluu ta’aa jedha. kan Waaqayyoo kan ta’e hundi qulqulluudha
jechuudha. Jecha qulqulluu jedhu kun bakka lamatti qooduun ni danda’ama.
Isaanis:
1. Qulqulluummaa Waaqummaa: qulqullummaa Waaqayyoo qofaaf ta’e dha. Sababni isaas
Waaqayyo amaluma isaatu qulqulluu dha waan ta’eef;
2. Qulqullummaa kennaa: kan Waaqayyoon fedha isaatiin uumama biroof kennu
jechuudha.
Qulqullummaa kennaa kana immoo adda
adda baasne ilaaluun ni dandeenya. Isaaniis: Ergamoota qulqulluu, Meeshota
(Mi’oota) qulqulluu, guyyaa qulqulluu iddoowwan qulqulluu fi namoota qulqulluu
dha.
Egaa
jechaa qulqulluu jedhu kana gabaabsine hanga kana erga ilaalle, mee gara mata
duree kaasneetti haa deebinu. Qulqulloota kan jedhaman kana keessaa hojiin
araarsumma kan ilaallatu ergamoota qulqulluu fi namoota qulqulluu dha. Ergamoota
qulqulluu yemmuu jennu immoo kan ibiddaa fi bubbee irraa guyyaa jalqabaa
uumaman kan ijaan hin muldhanne, kan lakkoofsa isaanii Waaqayyo malee namni
lakkaawe bira hin geenye jechuudha (barreeffama Waa’ee Uumama jedhu ilaalaa).
Namoota
qulqulluu kan jedhamanis immoo wareegamtoota qulqulluu, toloota (dhugoomtota)
qulqulluu, hayyoota qulqulluu, raajota qulqulluu fi kan biros jennee ilaaluun
ni danda’ama. Amantaa Ortodoksii Tawahidoo keessatti waa’een araarsummaa
qululqullootaa fi kabajni isaanii bal’inan kan itti amanamuudha.
Akka
kabaja isaaniitiin araarsummaa Qulqulloota wal dura duubaan dhiheessina.
Araarsummaa Dubroo Maariyaamii
(Haadha Waaqa)
Waa’een
Qulqullummaa Giiftii keenya dubroo Maariyaamii gara fuula duraatti bal’inaan
kan ilaallu yoo ta’u mata dure kana jalatti waa’ee qulqullootaa kaasnee waa’ee
dubroo Maariyaam bira darbuun waan hin taaneef gaabaabumatti akka armaan
gadiitti dhiyaateera.
Araaarsumma
ergamootaa fi qulqulloota kam iyyuu dursun, kiristaanonni hundi kan abdatan
haadha gooftaa Iyyasuus, dubroo Maariyaami dha. Kunis kan ta’e mataan mana
kiristaanaa Iyyasuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanas kan
buufata taatee, gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan
taateefi. Egaa kun immoo dhama’iinsa fayyisuu Iyyaasuus kiristoos wajjiin wal
qabata. Kiristaanni kana hin hubanne immoo kiristaana karaa fayyinaa dinqii
ta’e kana qulleessee hin hubannee dha. Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti
dubroo Maariyaamin iddoo guddaa qabdi.
Duruma
foon gooftan uffate kan isheerra argame lubbuun inni qabaates kan isheerra
argame malee eessaayyu kan dhufe miti. Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin
godaantee, laga ceetee, gammoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin
dheebotee, wajjin beeloftee, wajjiin boossee, wajjin naatee waa hunda wajjin
taatee haadha guddifte akka ta’es ibsuun waan barbaachisu miti. Kunis immoo
Kitaaba Qulqulluun kakuu haaraa keessatti dursee ibseera (Wangeela Matewoos
2:13) dhumarrattis bal’inaan ibsameera. (Muldhata Yohaannis 12:14). Gadadoon
kuni hundi fayyina ilma namaa keessaatti iddoo guddaa qabdi kan jedhu bu’uura
godhata.
Kanaaf
kiristaanonni haadha keenya jedhuun. Kanas immoo gaarummaa fi haadhumma ishee
waan beekuuf warra isatti amanan hundaaf haadha akka taatuuf fannoo jalatti
karaa Yohannisiin kan nuuf kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosidha.(Yoh
19:27). Egaa dubroo Maariyaamiin kennaa keenya kennaa fannoo jalaa, kennaa
hundaa caalu kan Waaqayyo ilma namaa hundaaf laatedha. Waaqayyo dadhabina
Keenya ni beeka. Dadhabina qabnu kana
immoo haadha waan dhoksinu waan hin jirreef rakkoofi hanqina keenya hundaa akka
itti himanuuf yaadee haadha isaa haadha hunda keenya taasisee Dubroo
Maariyaamiitiin nuuf kenne.
Erga Kitaabni Qulqulluun barraa’ee boodaas abbootni duuka
bu’ootatti aananii barsiisaa turan Waa’ee dubroo Maariyaam bal’inaan
barreessaniiru. Isaan keessaa keessumattuu Waa’ee Iccitii sadummaa baldhinaan
kan ibsee fi Qiddaasee Mariyaamii kitaaba jedhu kan berreessee lammiin biyya Bihinsaa Aabbaa Hiriyaaqoos jedhamu gadi fageenyaan bareeseera.. Kitaaba sana
irratti akkas araarsummaa ishee ibsuudhaan jedhee barraa’eera.
“Yaa
Maariyaam bara Heerodsi (mooticha abaaramaa sanaa) ilma kee wajjiin
Beteleheemii baatii qorri itti hamatutti
foonaa horii keessatti dhalchuu isaa yaadachiisi, loonii fi harreen hafuura
isaaniitiin akka hoo’isanis yaadachiisi, gidiraa argite, beelaa fi dheebuu,ilma
kee fuulduratti imimmaan dhangalaste
sana yaadachiisi, qorraa fi dadhabbii, gidiraa sirra ga’e hunda yaadachiisi jedha. Ammaas Aabbaa Hiriyaaqoos deebisee,
“Yaa Maariyaam,warra tolotaaf miti, unu warra cubbamoo kanaaf nuf yaadachiisi,
yaa Maariyaam warra qulqullootaaf miti warra xuraa’e nuuf yaadachiisi nuuf
kadhu “jechuun barreesseerra (Kitaaba Qiddaasee).
Kana
qofas miti, kitaaba Dinqii Maariyaamii, kan Daaqsiyoos barreesse irrattis
seenaan garaa laafummaa ishee ilaalchisee barra’e, uumama hundaaf mararfattuu
ta’uu ishee agarsiisa. Bara umuriin xinnoo turtetti yemmuu hiriyoota ishee
wajji bishaan waraabdu, saree gar-malee dheebotee oliif gadi kaatu tokko
argite. Hiriyootni ishee yommu saricha ari’an isheen garuu mararfattee wanta
itti obaastu dhabnaan kophee ishee lukarraa baafattee akka saree sana dheebuu
baafte barraa’ee jira (Kitaaba Dinqii Maariyaam).
Egaa
akkasumaan miti Maariyaamiin nu araarsiti kan jennu. Hanga gaafa du’aatti,
hanga guyyaa ilmi ishee fannifamuutti fannoo jala wajjin turte. kanaaf adeemsa
fayyisuu gooftaa Iyyasuus kiristoos deeme keessa iddoo guddaa akka qabdu kan
barraa’e. Nutis jaalalli ilma ishee fi hadhummaan ishee laphee keenyarratti
akka barraa’uuf Waaqayyo nu haa gargaaru.
Dabalataaniis immoo Kitaaba Qulqulluu irratti luqqisawwan
kana dura kaafnee fi kan kanaa gadii ilaaluun ni danda’ama.
Kakuu
moofaa fi kakuu haaraa keessatti waa’ee ishee raajiidhaan waan heddutu
dubbatame. Haa ta’u malee kana ilaalcha foonii qofaan hubachuun nama dhiba. Ija
hafuuraatiin, namaaf gala malee akkanumaan miti. (Far 44:9) akkas jedhamee
barraa’ee jira.”Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni
dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi .Gosa kees mana
abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera, inni gooftaa keeti”
Raajii
kana keessatti mootitti kan jedhamte dubroo Maariyaamiidha.Ishee malee
Mootittiin biraa kan goofta mirga dhaabattu akka hin jirre kitaabni Qulqulluun
ni ni ibsa.Mootii kan jedhames gooftaa Iyyasuus Kiristoos dha.Mucaa koo dhaga’i
ilaalis jechuun isaa kan ibsus immoo iyyata na araarsi jedhee sitti iyyadhu,
rakkoo koo dhagahi, gooftaa kee kan mirga isaa dhaabattu saniin na araarsi
jechuu isaati.Kunis araarsummaa dubroo Maariyaamii sirritti kan ibsuudha.
Kakuu
haaraa keessattis haadha keenya dubroo Maaryaamii malee kan afaan ergamtootaan
kan galateeffatame akka hin jirre beekamaadha. “Ati kan eebbifamteedha,
Waaqayyo gooftaan si wajjin jira gammadi” jedhamee akkuma barraa’e. Luq 1:41.
Isheenis dubbii ergamaan itti hime kana tole jettee amantee fudhachuudhaan amma
achi dhaloonni dhufu hundi ati kan eebbifamte naan jedha jettee dubbateetti.
Kana qofa osoo hin taane namni sagalee ishee dhagahu akka hafuura qulqulluun
guutamus ibsamee jira.
Kunis
akka wangeelaa Luuqaas irratti barraa’etti akkas jedha ‘Yemmuu Elsaabeex
sagalee Maariyaam dhageessutti mucaan garaa ishee keessa ni burraaqe’ jedha.
Kun ajaa’iba guddaadha, uumama isa kamifillee ajaa’ibni akkanaa kun godhamee
hin beeku. Sabiyyiin ji’a jahaa kan waa hin beekne akkamiin burraaqe?
Eelsaabeexinis immoo hafuura qulqulluun guutamuun ishee kabajaa fi surraa
qabeetummaa dubroo Maaryaamii hangam akka Waaqayyo wajjin jiru agarsiisa.
kanaaf ishee abdanna dadhabina keenyaa, araarsituu teenya jennee cichinee
qabanne.
Manni
kiristaanaa Ortodoksiis araarsummaa dubroo Maariyaamii kan lallabdu dhugumaan
kitaaba qulqulluu hundee godhachuudhaan malee lafumaa kaatee miti. Dubroo
Maariyaamiin lammii namaa rakkini namaa illee kan dafee galuufi. Osoo hin itti
hin himatin kan beektu haadha haadha caaltu akka taate Wangeelli dhugaa baha.
Kanas seenaa armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.
Guyyaa
kutaa biyya Galiilaa cidhi mandara
Qaanaatti ta’etti Dookimaas ilma ishee fi duuka bu’oota ishee wajjin cidha
waamee ture. Haa ta’u malee daadhiin waynii dafee jalaa dhume.Rakkina kana
hubachuudhaan ilmi ishee waa tokko akka godhuuf ni gaafatte, ni kadhatte. Inni
hunda gochuu akka danda’u waan beektuuf. Innis haadhakoo erga kana hin goonee
maal walirraa qabna ree; yeroo kootu hin ga’in malee jedhee deebiseefi jira
(Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1997 ALA irratti garuu ‘haadhoo maaliif
hojii koo keessa lixxa’ jedhamee kan barraa’e sun hiika sirrii ta’e hin
muldhatu, falaasama amantaa biroo waan ta’eef, yeroo duraaf akka amantaa
Ortodoksiitti kan hiikame waan hin taaneef, hiika sirrii hin muldhisu. Hiikaan
kitaaba Gi’izii garuu yaada nu as irratti barreessine kana qabata.).Isheen
immoo waan inni isiniin jedhu hunda dhagahaa jetteen. Egaa battaluma sana
gooftaan gaanii dhagaa gurguddaatti bishaan akka guutan godhe gara wayniitti
jijjiireera. Gooftaa Iyyasuusis kan dinqii hojjechuu jalqabe guyyaa kana irraa
akka ta’e beekameera, barrfameeraas (Yoh 2:2).
Jechi
gooftaa Iyyasuus Kiristoos Fannoo irra ta’ee kunooti haate jedhus mana
kiristaanaaf haadhummaa ishee nutis ijoollummaa ishee kennuuf akka ta’e
hubachuun barbachisaadha. Kanaaf gara laafumman haadha keenya namaaf qofa osoo
hin taane bineeladaafillee akka ta’e hubanneerra .Nuti ijoolleen goofta
Iyyasuus, ijoolleen tawaahidoo ijoolle isheeti. kadhannaa isheetiin ilmi ishe
nuuf araarama jennee gara guutuudhaan amanna. Kunis Waaqayyoon kabajuudha.
Kabaja
Ergmootaa fi Araarsummaa Isaanii
Ergamtootni
uumamni isaanii waan kan ijaan hin muldhanneefi kan Waaqayyoof ergamaniidha.
Kanaafis immoo iccitii Waaqayyoo kan hirmaataniidha. Iccitii kanas hirmaachuu
isaanii kan beeknu gooftaa Iyyasuus ni dhalata, jedhee misiraachoo kan hime ergamaa
dha.( Luq 1:36). Gooftaa Iyyasuus erga Beteliheemitti dhalate booddees
Heeroodis, Iyyasuus ajjesuu waan barbaaduuf ka’aa ti biyya Misiraatti baqadhaa
kan jedhes ergamaadha (Mat 2:13). Gooftaa Iyyasuusifis diyaabilosiin yeroo
qoramutti ergamoonni dhufanii tajaajilaniiru (Mat 4:11)
Du’aa
ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf kan
ibsan akkasuma ergamootadha (Mat 24:5,Yoh 20:11).Mana hidhaas banuudhaan kan
duuka bu’oota gooftaa hiikan ergamtoota( Hojii duuka bu’ootaa 5:19).Kanuma hundaaf manni kiristaanaa keenya
ergamoota ni kabajjii araarsummaa isaanitiinis ni amanti.Faarsaa Daawitsi
gargaarsa qulqulloota ergamootaa
akkanatti ibseera
“Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra
Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
Phawuloosis
gooftaan ergamaa isaa ergee akka
harkaa Heeroodisii fi ummanni yihuudoota Phaawuloos irratti hamaan
irratti akka ta’uuf hawwan irraa akka baraare barreessee jira (Hojii duuka
bu’ootaa 12:11). Kitaaba Daani’eel
Raajichaa 3:49 irrattis
“Ergamaan Waaqayyoo ibidda labooba ni dhaamse” jedha.
Seera lakkoofsa 20:16 irrattis “Nutis ni
iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase” jedha. Raajii Dani’eel 6:22
irrattis “kunoo ergamoota keessaa Mikaa’el na gargaaruu dhufe” jedhee
ibsameera. Kitaaba Daani’eel Raajichaa 10:21 “Waan kana irratti Mikaa’el isa
guddicha malee kan na gargaaru homtuu hin jiru” jedhamees barraa’eera.
Ergamtootaaf
sagadni kennaa akka barbaachisu ibsameera. Iyyaasuun akka adda isaatiin gadi
gombifamee ergamaa Waaqayyoof sagades
ibsameera. Iyyasu 5:14
Araarsummaa
Qulqulloota Biroo
Qulqullootni
biroo kan gooftaaf hamma dhumaatti amanamanii, wareegaman, fi maqaa gooftaa
Iyyasuus kiristoosiif jedhanii gidiraa arganii fi maqaa isaatiin dinqii baayyee
godhan, jireenya isaanii guutuu Waqayyoon tajaajilanii kan darbaniidha.
kanarrayis kan hafe addunyaa kana tuffachuudhaan lafa ona(gadaamii) keessatti bineensaa fi
qorra diilalla danda’aanii, Waaqayyon galateeffachaa kan turan,oduuu fi jaalala
biyya lafaa kanarraa kan fagaataniidha. Akka baruumsa kiristaanaatti Waaqayyo
nama ta’ee, afaan namaatiin dubbate, cubbbuu malee wanta namni hojjete hunda
hojjetee darbe jenna. Kanaaf immoo namoota isaaf amanamaniif waada galeeraaf,
isas ni kennaaf jennee amanna.
Luqqisawwan
kanaa gadii kitaaba Qulqulluu irraa fudhatamanis kanuma dhugaa bahu:
v “Ijji
lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatiis gara kadhaa
isaaniti” Faar 34:15
v “Fedhiin qulqullootaa ni laatamtiif” Fakkeenya
10:24
v “Kadhaan nama
qulqulluu hojii isheetiin human cimaa gooti, dirqamas ni raawwatti”.(Yaq 5:16)
v “Waaqayyo
cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhaa qulqullootaa garuu ni dhagaha.” (Fak
15:29)
v “Kadhaan
qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaanaa jaalatamaadha”(Faar.140:2)
Araarsummaan Eeyyamaa fi ajaja
Waaqayyooti
Hojii
araarsummaa kan namootni fedhii isaaniitiin jalqaban osoo hin taane kan
Waaqayyo fedhii isaatiin akka jalqabamu godhee dha. Kanas immoo luqqisawwan
kanaa gadii hubachuu ni danda’ama.
Abrahaam
yemmoo mootii Geeraraa Abemelik jedhamuun haadha manaa isaa yemmuu saamamuuf
jedhu Waaqayyo Abameelikiin ni adabe. Akka dhiifama argatuuf garuu Abemelikiin
akkas jedheen “Abrahaam raajii waan ta’eef siif kadhata ni fayyitas “
jedheen(Uma 20:1) .Abemeliik osoo ofii isaatii kadhatee Waaqayyo akka hin
araaramneef,Abraham akka isaaf kadhatu isumatu itti hime. Egaa kanarraa raga
namni barbaaduun shakkuummaadha, abboommii fi fedha Waaqayyoos kabajuu
dhabuudha
Qulqulluu
Phaawuloos namaaf kadhachuun hojii Qulqullootaa akka ta’e yoo ibsu nuun waadaa
kadhachuu (araarsu) kaa’e. “Eegaa Waaqayyoo karaa keenyaan akk
araarfamu(kadhatamuuf) waa’ee kiristoosiif nuti ergamtoota dhaWaaqayyoon wajjin
araaramaa jennee kiristoosin isin kadhanna” 2Qor 5:19
Araarsummaa
qulqullootaa bakka lamatti qooduun ni danda’ama.
1. Araarsummaa
Qulqullootaa jireenya fooniin (Yemmuu lubbuun jiran)
Museen
yommuu Israa’eloonni waaqakaree (xaa’ot) waaqefachuu jalqaban, Waaqayyo akka
isaaniif araaramu akkana jechuun kadhate “dheekkamsa kee nuuf qabaneessi, uummata
hammeenya raawwatuufis dhiifama taasisi’’Waaqayyos dheekkamsa uummtarraan
ga’uuf jedhu ni dhiise. Seeraa uumaa 32:10
Abrahaam
akka Abemelik mootii geeraraaf kadhates dura kaasnee jirra
Israa’elooni
yeroo cubbuu isaanitiin gidiraan itti baay’ate, turetti uummanni hundi walitti
qabamuun raajii Eermiyaasiin akkas jedhan”akka argitu baayyee keessaa kan hafne
xiqqaa taaneerra, maaloo kadhaan keenya si haa qaqqabu, waaqni kee Waaqayyoonis
karaa irra deemnuu fi waan hojjennu akka nutti agarsiisuuf Waaqa nuuf kadhu”
jedhaniin. Eermiyaasis kadhateefii dubbii nama jajjabeessu
deebiseeraafi.Ermiyaas 42:2
Seenaa
walfakkaatu kan biros Kitaaba Qulqulluu irraa ni arganna
2. Araarsummaa Qulqullootaa Erga
Du’anii booda (Jireenya lubbuutiin)
Qulqulluuwwan taayitaa fi kennaan lafa kana irratti
araarsuuf kennameef du’a boodaas kan itti fufu malee kanuma biyya lafaa
kanarratti hafu miti.
v Seenaa Alazaarii fi Nawee: akkasumas cubbamaan Naween erga
du’ee booda akka Abrahaam kadhate. “Abrahaam
abbaa koo dhiifama naaf godhi, ibidda labooba kanaanan gadadoo argaa jiraatii,
maaloo quba isaatiin bishaan jiisee akka akka arraba koo naa qabaneessuuf,
Nawee naaf ergi” jedhee kadhateera. Luq 16:19
v Duuka
bu’aa Qulqulluu yihudaan ergaa isaatiin kan ibse (Yihuudaa 1:14), Heenook kitaaba
isaarratti akkas jedha”ijji koo bakka ergamootaa fi qulqulluuwwan wajjin
jiraatu arge, ilma namaafis cimsanii kadhatu” (Henook 9:2)2 jechuun ibseera.
v Qulqullootni erga du’anii booda ni
dubbatu. Fakkeenyaaf Gaara Taaboor irrattii Muusee fi Eeliyaas akka argaman
gooftaa Iyyasuus wajjin dubbatan dhagahee Pheexroos maaloo Daasii sadi haa
ijaarru,tokko Muuseef,tokko Eeliyaasiif Tokko si’iif akkuma jedhe.(Mat
17:1).(Muldhata Yohannis 6:9)
Seenaawwan
wal fakkaataan Kitaaba Qulqulluu keessaa baay’ee baasuun ni danda’ama.
Waadaa Qulqullootaa
Waaqayyo
qulqulloota hundaaf waadaa galeeraaf.
“Kanan
filadhe waliin waadaa seeneera” (Far 88:3), egaa Waaqayyo namoota isaaf
amanaman hundaaf waadaa galeera, jechuudha.”Waadaan seene hin diigu, waanan
dubbadhe hin jijjiiru, akkuman Dawititti hime yeroo tokko qulqullummaan
dubbadheera ( Far 88:34).
Waaqayyoo
kennaa fi waadaan qulqullootaaf seene yeroof osoo hin taane,kan bara baraa
ta’uusaa; “deemtanii firii akka horattan, firiin keessan kunis bara baraaf akka
jiraatu isin miudeera” jedha (Yoh 15:16) Egaa nutis Waadaa kanarra ni
fayyadamna akkuma wangeela irratti
“Namni
raajii tokko raajii ta’uu isatiif sime, gatii raajichaa sana ni argata, nama
tolaas (tsaadiiq) maqaa nama tolaatiin kan simu, gatii nama toliichaa sana ni argata,
dhuguman isinitti hima eenyu illee isaan xixinnaayyoo kana keessaa isa tokkoof,
maqaa duuka bu’aa kootiin bishaan qabbanaa’aa willee tokko illee yoo obaase,
gatiin isaa jala hin badu” (Mat 10:42).Gooftaan duuka bu’ootaaf gaafa ardii fi
samii dabarsuuf dhufu akka isaan namoota irratti faradan taa’itaa kenneefii
jira. (Mat 19:28)
Qulqullootni
waadaa gaafa lubbuun jiranii kennameef santu araarsummaaf gargaara malee erga
du’anii booda soomuun, bu’uun ka’uun ni jira jechuuf miti. Solomoonis tolaan (tsaadiq) erga du’ee booda namoota Waaqqayoon
irraanfatan irratti ni farada jedha (Kitaaba xibab 4:16)
Muuseenis
immoo Waaqayyoon yoo kadhatu abboota keenya Abrahaam, Yisihaaq Yaaqoob yaadadhu
jedhee kadhateera.( Seera Deebii 13:14)Luq 1:71 waadaa abboota keenya kan
Abrahaam fa’I yaadate jedha.Hojiin araarsummaa kan jiru garuu hanga ardii fi
samiin kun darbutti malee sana booda ni dhaabbata.His 14:20
Egaa
gabaabsineet kaasne malee seenaa baayyee fi luqqisa baayyee kitaaba qulqulluu
keesssaa baasuun ni danda’ama.Haa ta’u male nama amanuuf kun ga’aadha.Nama
shakkuuf garuu yoo Waaqayyo hin yaadatiin dubbiin amantaan ta’u hundi
shakkiidha.
Waaqni
Qulqullootaa nutti haa araaramu! Kadhaanii fi araarri haadha keenyaa
qulqulleettii dubroo Maariyaamii nu faana haa ta’u. Gargaarsi ergamtootaas nu
faana haa ta’u.Waaqni abboota keenyaa kan Abrahaam kan Yisihaaq kan Yaa’iqoob
nu haa tiksu.Kan kakaasee nu jalqabsiise,nu jalqabsiisees nu xumursiise,Maqaan
gooftaa fi Fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos haa ulfaatu.Bakka hirdhisne
Waaqayyoo itti nuuf haa guutu!Ameen
Kitaabota Wabii
1).Dajanee
Shiferawu (Luba) fi Isheetu Wandimmageeny (2001) Deessuun Waaqaa Kitaaba
Qulqulluun, kan Dn.Digaafe Daanyachew Afaan Oromootti hiike, Mana
Maxxansa Meegaa, Finfinnee
2).Gorgooriyoos
(Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3).
Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi Seeara Ba’uu,Afaan
Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e(1999).Mana Maxxansa Tinsaa’ee.
Finfinnee
4).
Merha-Tsidq Bahila Haimanot (1988) Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee
Finfinne
5)
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan
Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6)
Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan
Afaan Oromootiin qubee laatiiniitin kan barreeffame.
7)
Yaaregaal Abegaaz (Dn)(2002) Daandii Qulqullootaa kan Luba Misgaaanuu Agaasaa fi Dn.Digaafee
Danyaachew Afaan Oromootti hiikan,
Waldaa Qulqullootaa,Finfinnee.
Waldaa Nahimiyaa,
Baatii Waxabajjii, Bara Araaraa 2004
Yaada keessaniif waldaanahimiyaa@gmail.com
Magaalaa Finfinnee
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.