Friday, June 29, 2012

WN002 Iccitii Utubaawwan Shananii


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin Ameen!


“Afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuurra, warra kaan barsiisuudhaaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qaban shan duwwaa dubbachuu nan jaaladha”1Qor 14:19

Ergaa Phaawuloos kana hubattaniittuu? Jechi “sagalee shan’’ jedhu maal  akka ibsu hoo? Deebiin isaa akka abbootni amantaa Ortodooksii hoogganaa turan fi Qulqullootni Hafuuraan hiikaniin kunoo akka armaan gadiitti gabaabsinee Dhiyeessineerra. Waaqayyoo laphee ittiin hubannu nuuf yaa ibsu. Dogongorri jechootaa yoo uumame nu hoofkalchaa.

Jechi sagalee (Dubbiiwwan shan) jedhu kan ibsu bu’uura amantaa kan ta’an Iccitiiwwan shan akka jiran beeksisuufi.


2. Iccitii Utubaawwan Shananii


Kiristaanni tokko duraan dursee amantaa kiristaanumma keessatti wantoota sadarkaa duraatti beekuu qabu keessa amantichaaf bu’uura/utubaa kan ta’an iccitiiwwan shanan beekuun dirqama itti ta’a. Namni gara amantaa kiristaanaatti dhufu tokkos amanticha fudhatee cuuphamuun dura Iccitiiwwan kana shanan qulleessee beeku qaba. Akka ergaa Phaawuloos keessatti caqasameen, “Akka ayyaana Waaqayyoo biraa anaaf kennametti akka nama mana ijaaruu beekuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa’eera” 1Qor.3:10. Kunis manni hundeen isaa gadi hin fagaanne, weerartoota guyyaa fi hattuu halkanii jalaa hin ba’u waan ta’eef. Iccitiiwwan kunniin utubaa amantaati. Mana tokko utubaatu dhaaba. Manni Utubaa hin qabne akkuma bubbeetiin salphaatti fudhatamu, akkasumas , namni icitiiwwan kana shanan sirriitti qulqulleesse/adda baasee sirriitti hin beeknees, yoosuu barnoota sobaatiin lapheen isaa salphaatti fudhatama. Hundeen isaa waan hin jabannef  jechuudha. Icitiiwwan kunniin Kan Waaqayyoo namootni akka sirriitti waa’ee isaa hubataniif ibseedha. Isaaniis:

1. Iccitii Sadumma/Sillaasee

2. Iccitii Nama Ta’uu/Foon Uffachuu/Siggaawee/

3. Iccittii Cuuphaa

4. Iccitii Qurbaanaa

5. Iccitii Du’aa ka’uu ti

Maalummaa icitiiwwan kanaa gabaabsinee kunoo akka amantaan Ortodooksii barsiiftutti dhiyeesssineerra. Isinis lamaa sadi irra deddeebitanii dubbisuudhaan, baafata kitaaba qulqulluu keessa kanneen wal-qabatan luqisawwan(xiqs) yaada sanan wal qabatee ka’e akka Kitaaba Qulqulluu irraa dubbiftanii qo’attan isin adhanna.Wantootni isinii hin galle yoo jiraataan immoo abboota amantaa Ortodooksii dhiheenya keessanitti argaman akka gaafattan isin hubachiifna. Haaluma kanaan akka fedhiifi jaalala Waaqayyootti iccitiiwwan kana shanan tokko tokkon akka armaan gadiitti ilaalla.

1.     Iccitii Sadummaa/Sillasee


Icitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii Sadummaati. Akkuma qulqulluu Qeerloos “hunduma dura Jireenya sadummaa ibsina” jedhe. Waaqayyoo durumaan dursee yeruma nama uumu qaamni isaa tokko ol ta’uu isaa jalqabumarraa kakuu moofaa keessatti yeroo nama uumu ibseera.

“Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna” Uma. 1:26. Jechi ‘koottaa’,’ ni uumna’, ‘keenya’ jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta’uu isaa mul’isa.

Waaqayyo tokko dha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluudha. Nuttis Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni akkanaa kunis iccitii sadummaa (Sillaasee) jedhama.

Waaqa tokko yoo jennuu:

Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan, ‘malakootiidhaan’ (kan hin dune) ta’uudhaan tokko jechuudha. Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa keessa Abbaanis  Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?” jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10

Sadii yoo jennu ammo:

A)  Maqaadhaan:

Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.

B)   Qaamaan:

Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda’e guutummaa guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti. Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas; xinnaadhaas; kan tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qillensaa fi gad fageenya keessatti kan guute, bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati.

C)  Gochaan :  

Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa kanatti erge, Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe (Afaan Gi’iziitiin Seretsee jedha”) jenna. Kan erges, kan ergames immoo heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilammtiinis malee dirqamaan miti.

Kana yoo jennu Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis Abbaa Irraa bahe yoo jennu  wal hindursan. Akka Ilmi namaa Abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, Akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti. Kun yeruma tokkotti kan ta’ee dha.Yeroon kun itti ta’es hin safaramu, sammuun namaatiinis bira hin ga’amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta’eef.


Garuu qaamaan sadii ta’anis Waaqa tokko jenna malee Waaqa sadi gonkuma hin jennu. Abbootiin, namootni akka iccitii sadumma kana hubataniif fakkeenya kennuu yaalaniiru, fakeenyi kennamus guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya fakkeenyaa gadii ta’us. Fakkeenyaaf Aduun(biiftuun)  Waa sadi qabdi:qaama, ifaa fi o’a. Waa kana sadeen qabaattus garuu aduu sadii hin jennu.

Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waa sadi qaba. Qaama, ifa fi o’a. ‘Ibidda fidi’ yoo jennuu qaama isaa, ‘ibidda ibsi’ yoo jennuu ifa isaa, ‘ibidda o’ifanna’ yoo jennu immoo o’a isaa agarsiisa. Garuu Ibidda sadi hin jennu. Ibidda tokko jenna malee. Iccitiin sadummaatiis akkasi. Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa tokko. Kanaaf qaama ibiddaa Abbaadhaan, ifa Ilmaan, o’a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu.

 

Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, Ilmi sagalee dha, Hafuurri Qulqulluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu. Kanaaf Laphee Abbaatiin Yaadu, Sagalee Ilmaatiin Dubatu, Hafuura Qulqulluudhaan bara baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti. Mootummaan isaanis adda miti. Kanaaf Waaqa tokko jenna.

Hafuura Qulqulluun akkamitti Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma namaatii ol waan ta’eef. Akkasumatti “yaa gooftaa kankee Dinqiidha/ajaa’ibadha jechuudha malee” jedhu abbootni. Garuu waa’ee sadummaa qo’atanii bira gahuun hin danda’amu. Waa’ee sadummaa qo’adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqadheen fixa jechuuti.

Raajii Isaayyaasis yeroo sadi “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyoo gooftan maccaa”  jedhee faarfachuun isaa Qaamni Waaqa sadi ta’uu hubachiisa. Isa 6:3. Waaqa tokko ta’uusaa immoo  “Waaqayyoo tokkicha malee kan biraa akka hin jirre nuyi ni beekna” jedha 1qor 8:4. Waa’ee sadummaa hubachuuf dabalataan caqasa kana ilaalaa Uma3:22, Uma 16:7, Uma 18:1,Yoh 14:11,Yoh 14:23.

Tokkuummaa fi sadummaa isaa akka beeknu icitii isaa kan nuun gahe Waaqayyoo Maqaan isaa haa ulfaatu. Ameen!


2. Iccitii Nama ta’uu/Foon Uffachuu


Iccitii kana jalatti, qaamota sadan keessa qaamni inni tokko, Ilmi, Tawaahidoodhaan, dubroo Maariyaamirraa fooniin dhalachuu, Maariyaam irraa foonii fi lubbuu fudhachuun nama ta’ee dhalachuu, Iyyasuus, cuuphamuu Isaa fi Ilmaan nama waanjoo gabrummaa diyaabiloos jalaa baasuuf jabana Philaaxoos fannifamuu Isaa, du’uu Isaa, du’aa ka’uu Isaa, gara Abbaa isaatti deebi’uu isaa duuka bu’oota isaaf  Hafauura Qulqulluu erguu isaa fi boodaas immoo gara biyyaa lafaa kanarratti  nama gaarii hojjetee fi  badaa hojjete adda baasuuf akka dhufu iccitii ibsudha; gabaabumatti.

Egaa Dubroo Maariyaam irraa dhalate yoo jennuu dhaloota isa lammaffaadha. Dhaloonni inni duraa uumama dura haadha malee Abbaa irraa kan dhalate waan ta’eef. Qaama lamarraa qaama tokko, amala (Bahirii jedha Gi’iziin) lamarraa amala tokko qabaate jechuudha. Kunis Tawaahidoo(tokko ta'uu foonii fi Waaqummaa) jedhama  jechuudha.


Kana yoo jennu Malakootiin(Ibidda Waaqummaa kan hin dune, hin muldhanne, hin beelofne, hin uumamne, hin dadhabne, hin moofofne) sun foon dadhabaa Maariyaamii irraa fudhatee ni  beela’e, ni dadhabe, ni mul’ate, namoota wajjiniin ni  nyaate, namoota gidduus ni deddeebi’e) jechuudha. Foon dadhabaan sun malakootii wajjin tokko ta’e jechuudha. Kiristoos yommuu foon dadhabaa uffatu, foon dadhaban duuti irra jirtu sun, du’a moo’ee ni ka’e, Foon dadhabaan sun ni jabaate; Foon harkaan qabamee mul’atu sun akka hin mul’anne ni ta’es jechuudha. Kanaaf  amalli (bahiriy jedha afaan Gi’iziitiin) lamaan kun tokko ta’an (Tawaahidoodhaan).

Egaa iccitii kana beekuu dhabuudhaan yookaan immoo hiikaa gara garaa kennuudhaan amantaawwan kiristaanaa Kan gar gar ba’uu danda’an. Barsiisni dura ture garuu Iyyasuus foon uffatee, nama guutuu tokko ta’e; kan ta’ees tawaahidoodhaan malee karaa  biroon miti.


Mee kana Kitaaba Qulqulluu irraayis yaa ilaallu

“Barri murameef sun yeroo guutetti garuu Waaqayyo Ilma isaa erge” (Gal 4:4) akkuma jedhu waadaa Addamii fi Hewaaniif seene sanaaf ijoollee ijoollee keetirraa dhaladhee  guyyaa 5 fi walakkaa(Akisimaaroos) booda sin fayyisa akkkuma jedhe bara 5500 booda, Dubroo Maariyaam irraa  dubrummaadhaan  fooniin dhalate. Dubrummaadhaan dhalate yoo jennu chaappaa dubrummaa osoo hin diigiin osoo hin saaqiin akka ta’e hubadhaa. Kanaaf Maariyaamiin erga deessee boodaas dubra jennaan (Mat 1:18). Maariyaamiin Osoo hin da’in dura, yeroo ulfa turtes, erga deessee boodaas dubra. Kun ammoo fooniin qofa osoo hin taanee yaadaanis dubra(His 44:2).

Tawaahidoo yoo jennuu:

a.     Wal duraa-booda argaman jechuun miti:

Dura foon argamee booda malakootiin kan irrattti bu’e miti.

b.    Dub-dur deddeebiidhaan/Milset/ miti.

Fakkeenyaaf akka siiqqee Muusee, dura ulee turte, booda immoo bofa taate, ammas immoo deebitee ulee taate, haala kanaan jechuu miti. Nama Ta’uun Kristoos haala kanaan miti.

c.      Jijjiirramaan/Wullaaxee/ miti:

jijjiirrama jechuun akka haadha-warraa Loox, akka daadhii qaanaa Galiilaa, bishaan jijjiirame akka daadhii itii ta’e sana’Karaa sanaanis miti.

d.    Wal makuudhaan miti:

kana jechuun akka bishaanii fi ashaboo, akka dammaa fi bishaanii, akka aannanii fi bishaanii jechuudha.Iyyasuus kan nama ta’e kara kanaan miti. Gonkumaa kana miti. Saababni isaas warri kun hundi erga walitti makamanii deebi’anii adda ba’uu waan danda’aniif.

e.      Ida’amaan miti/tidmirt/:

ida’ama jechuun akka uffata lama walirraan uffachuuu, akka biddeena lama sadi walirraa kaa’uu jechuudha. Gooftaan garuu karaa kanaan miti kan nama ta’e.

f.      Tawaahidoodhaanii/tokko ta’uu foonii fi Waaqummaa)

  • Eeyyee Gooftaan Tawaahidoodhaan nama ta’e. Kanaaf Ortodooksii Tawaahidoo      jenna.Tawahidoodhaani/waliini/ jechuudha. Tawaahidoodhaan jechuun amala lamarra     amala tokko jechuudha, kan addaan hin baane, kan hin fottoqne, kan hin jijjiiramne, kan hin deddeebine jechuudha.  

Tawahidoo jechuu kana Qulqulluu Qeerloos akkanatti fakkeenyaan ibsa. Sibiila ibidda keessaa gootee yoo mukukkulu baasi. Sibiilichi ibidda uffata. Sibiilicha yoo rukuttu, ibidichas wajjiin rukutta. Wajjiin battaa’aa deema, Sibilichi osoo ibiddaan hin mukukulaa’in dura harkaan qabuu ni dandeessa. Amma garuu erga mukukkulee harkaan hin qabdu; si guba waan ta’eef. Sibiilli fi ibiddi waa lama turan booda immoo wal uffatanii tokko ta’an jechuudha. Egaa Tawaahidoonis/walummaan/ akkanuma.

Amala lamarra, amala tokko, qaama lamarra qaama tokko, akka lamaffaa addaan hin baaneetti tokko ta’uu jechuudha. Kanaaf Iyyasuus Tawahidoodhaan nama ta’e; Tawaahidoodhaan namnis Waaqa ta’e; kun iccitii guddaadha. kan hin qo’atamne, kan bira hin ga’amne, Waaqayyoo garuu unu (nuuyiif) ijoollee isaatiif akka iccitii kana beknuuf kan nu hirmaachisedha.

Yaa Waqayyoo iccitii nama ta’uu kee, unu namoota sammuun keenya dadhabaa fi cubbuu baay’snu kanaaf  karaa tawaahodootiin  ta’uu kan nuuf laatte galatni si haa ga’uu. Ameen!


3. Iccitii Qurbaanaa


Guyyaa  kamisaa galgala yommuu irbaata nyaatan gooftaan bixxillee/hibistii / fuudhee, cabsee bartoota isaatiif kenne, “fudhadhaa, nyaadhaa, kun dhagna kooti’’ jedhe, xoofoos fudhatee Waaqayyoof(Abbaadhaaf) galata galche, isaanifis kennee “hundumti keessan kanatti dhugaa, kun dhiiga kooti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuuf dhiifama cubbuu namoota baay’etiif dhangala’a” jedhe.Mat 26:26.  Yoh 6:54 “foon koo kan nyaatu, dhiiga koo kan dhugu jireenya bara baraa qaba.”

Kanaaf foon isaa fi dhiigini isaa har’a bataskaanatti yeroo hunda ni qophaa’a; jijjiramees nyaataa fi dhiiga Iyasuus Kristoos isa dhugaa sana ni ta’a. Lubootnis Maatii Waaqayyoof ni kennu. Yeroo hunda kan isa hin nyaannee jireenya bara baraa waan hin qabneef. Kan isarraa nyaatu immoo hin beela’us hin dheebotus.

Kana immoo namni tokko cubbuurraa fagaatee osoo hin shakkin fudhachuu qaba. Nama cubbuu isaatti gaabbe ta’uus qaba.

Qurbaana Fudhachuuf Wantooota guutamuu qaban:

1. Cubbuu ofiittti gaabbuu, qiimii irraa bilisa ta’uu;

2. Qurbaanan dura sa’aatii 18tiif midhaan nyaachuu dhaabuu;

3. Qaamaan qulqulluu ta’uu;

4. Wal-qunnamtii qaama saalaa irraa guyyoota muraasaaf fagaachuu dha.  

Waaqayyoo Icitii kee kan nuun geese galatni siif haa ta’u. Hunduma keenya Foon gooftaa nyaannee, Dhiiga gooftaa dhugnee akka jireenya bara baraa qooddannuuf, akka mootummaa Waaqayyoo dhaalluuf fedhiif jaalala Waaqayyo nuuf haa. Ameen!


4. Iccitii Cuuphaa


Iccitiin  cuuphaa gooftaa Iyyasuus umuriin Isaa waggaa 30 gaafa guutetti harka Yohaannis laga Yoordaanositti cuuphamuu isaa kan ibsuu fi kiristaanonni hundi akka cuuphamuu qaban kan ibsudha. Kunis iccitii nu  bishaanii fi Hafuura Quqlqulluu irraa lammata dhalannuudha. Sababni itti cuuphamnus ‘ijoollummaa Sillaasee irraa’ argachuufi.  

Sababni itti Gooftaan laga Yordanositti cuuphamef ammo akka armaan gadiitti ibsama.  Mat 3:13, 

1. Raajii Faarsaa Daawitiin himame xumuruuf

Faarfannaan Daawitis, “galaanni argee ni baqate, lagni Yoordaanosis gara boodaatti ni deebi’e.”  Far 114:3 raajiin jedhu waan jiruufi.

2. Xalayaa gabrummaa diyaabiloos Addaamii fi Hewaan mallateessise laga Yoordaanos jalatti awwaale ture sana cuuphaa isaatiin balleessuuf.1Phex3:19

Cuuphaarratti ammas Qaamni Waaqayyoo sadi ta’uun ni muldhate; Waaqni tokko ta’uus ni argine. Iccitiin Sadummaa sirritti namootaaf ifa ni ta’e. Akkas jedha “Iyyasus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een bantiiwwan samii hundinuu banaman, achumanis, Hafuurri Waqayyo akka gugetti gadi dhufee isa irra taa’uu  isaa ni arge; sagaleen immoo “kunoo inni kun, isaan kanan gammadu, Ilmi koo ani jaaladhu kanadha”  jedhee  samii irraa ni dubbate. Mat3:16

Amantaa ortodoksii birattis dubartiin dhalattee guyyaa 80 ffaatti, dhiirrii guyyaa 40 tti ni cuuphama. Lew 12:1 Maaliif ijoollumman cuuphamu kan jedhuuf Wangeelli joollen gara koo akka dhufan hin dhoowwinaa waan jedhuufi. Kan Cuuphamnus Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Hafuura Qullqulluutiin . “Dhuguman isiniin jedha eenyuyyuu bishaanii fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalachuu yoo baate, mootummaa Waqayyoo arguu iyyuu hin danda’u”  Yoh 3:5.

Yaa gooftaa keenya, Iccitii cuuphaa nuuf ibsite, nutis cuuphamnee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf waan ijoollee kee nu gooteef si galateeffanna. Ameen!


5. Iccitii Du’aa Ka’uu Namoota


Iyyasuus kiristoos erga fannoo irrattii lubbuu isaa dabarsee kennee booda ni awwaalame. kana booda garuu halkan sadii fi guyyaa sadiif  boolla awwaalaa keessa bulee, guyyaa sadaffaatti angoo isaatiin du’a  mo’atee ka’uudhaan boolla keessaa ni bahe.  Innis awwaala naaf  banaa, kafana narraa hiikaa osoo hin jedhin du’a moo’e ni ka’e.Far 77:65. Waaqayyoo akka nama hirriiba ka’uu ka’e  akkuma jedhu. Akkuma  gooftaan du’aa ka’e  nus immoo gaafa umuriin biyya lafaa kanaa kenname dhume ni kaana jennee amanna. Barsiifni kunis Iccitii du’aa ka’uu jedhama.

 

Yommuu du’aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjechaa turre nu waliin ni ka’a. Iyyasuusiis Qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa. Innii Yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan karaa mirga isaa, namoota yaraa hojjetan karaa bitaa isaa irra ni dhaaba.Warra gaarii hojjetanin isin ijoollee abbaa koo kan eebbifamtan gara koo koottaa, beela’ee na nyaachiftan; dheebodhee dheebuu na baaftan, hidhamee mana hidhaatii na baaftan, dhukkubsadhee na gaafattan  jedhaan. Isaaniinis mooutummaa waaqayoo kan uumama adunyaa dura isaaniif qopheesse ni dhaalchisa. Warra gara bitaatti argamaniin garuu isin beela’ee beela na hin baafne, dheebodhe  dheebuu nah in baasne, dhibamee na hin gaafanne, na dura badaa jedheet komata. Gara ibidda bara baraaf laboobutti gatamu. Waaqayyoo namoota gara mirgaa isaa dhaabatan wajjiin nu haa dhaabu.

Namni kan du’aa ka’u yeroo sadi Ergamootni Waaqaa yyoo erga Malakatii Afuufanii boodadha.

 

Yeroo duraa foon namootaa bakka tokotti bakkaa mataa namichaa jirutti walitti ni qabama. kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate, kan bineensi nyaate hundi bakka tokkotti walitti ni qabamu.

 

Malakatiin yeroo lammafaaf  yeroo afuufamu /labsiin himamu/ hiddii, foonii fi lafeen wal qabatu; reeffa o’aa ni fakkaata.

 

Yeroo sadaffaaf Malakatiin yoo afuufamu garuu hunduu du’aa ni ka’a. Dhiirri dargaggo waggaa 30, dubarri ammo shamarree waggaa 15 taatee hamma Addaamii fi Hewaan ga’anii ni ka’u. Kan gaarii hojjete aduu irra harka 7 addaatee ka’a, kan yaraa hojjete immoo arraagessa irra harka 7 gurraacha’ee ka’a. Mat 24:27.

Kana booda kan boo’an akka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebonne ni ta’u.1Qor.6:29.

Arjummaan isaa kan jalaa hin dhumne Waaqayyo iccitii kan barree akka itti gargaaramnu nu haataasisu. Ameen!


Kitaabota Wabii

1.     Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis (Liqe Mezemiraan) (1999). Hiikaa Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin, Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e, Mana maxxansaa Aksum, Gulaala 3ffaa.Finfinnee.

2.     Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee.

3.    Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999). Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaa fi Seera Ba’uu, Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee.

4.     Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Hayimanot, Finfinne

5.Sennaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos. Afaan Gi’izii fi Amaariffaan kan Qophaa’e. Bahirdar.

6.Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.

7.Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu, kan Onesmos Nasiib qubee Saabaan Afaan Oromootti hiikee,booda qubee laatiiniitti garagalchamee barreeffame.

 

 

Waldaa Nahimiyaa,

Baatii Waxabajjii, Bara Araaraa 2004 A.L.H

Teessoo

Yaadaa fi komii qabdaniif

Waldaanahimiyaa@gmail.com


No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.