Kabaja Taabotaa, Xabalaa
fi Fakkiiwwan Qulqullaa’oo akka Mana Kiristaana Ortodoksii Tawaahidootti
Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen.
Amantaa
danbii fi sirna Waaqeffannaa Mana kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo manneen amantaa
baay’ee irraa kan adda ishee godhan wantoota hedduutu jiru. Kunis dur jireettii
ta’uu ishee kan agarsiisaniidha. Isaan keessaa Taabota qabaachu ishee,
Fakkiiwwan Qulqullaa’oo qabaachuu ishee fi hordoftootnis Xabalatti fayyadamuu
isheeti. Namootni fi shakkitoonni iccitiin waa’ee kanaa hin galiniif baay’een
garuu gochi akkanaa kun gochoota Kitaaba Qulqulluu irraa adda ta’an jechuudhaan
kan morman heddu dha. Haa ta’u malee waa’een Taabotaas ta’e kan Fakkiwwan Qulqulluu
akkasumas kan xabalaa yeroo hedduu kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee jira. Bu’uurri
isaas kitaabuma Qulqulluu dha malee kan Ortodoksiin fedhii isheetiin itti
dabalte miti.
Dhimmuma
kana Kitaaba Qulqulluu irraa sirritti hubachuuf akkkasumas hubachiisuuf akka fedhii Waaqayyootti, torban kanaaf
dhimmoota kana, seenaa fi eessaa- dhufee isaanii ilaalchisnee gabaabumatti
isiniif dhiheessina. Isinis hanga dhumaatti akka dubbiftan isin affeeruudhaan
akkuma yeroo hundaa, yaada qabdan email keenyaan akka nuuf ergitan isin
gaafanna. Waaqni abboota keenya, nuuf
haa ibsu. Waaqayyo, kan Liidiyaadhaaf laphee ishee bane, laphee hunda keenyaatu
nuuf bane iccitii ittiin hubannu nuuf haa kennu. Waaqayyo nu haa gargaaru. Ameen!
1. Taabota
Tabbotni
buufata Waaqayyoo kan ulfinni Isaas ittiin ibsamuudha. Taabotni seenaa kakuu
moofaa fi walabummaa Israa’eloota waliin wal qabata. Israa’eloonni gabrummaa
biyya Misraa jalatti waggoota 430 ‘f haala suukaneessaadhaan bitamaa erga turanii
booda Waaqayyo, Dursaa-raajotaa Muusee
kaasuudhaan, karaa isaatiin akka
walabummaa argatan godhe. Yeroo gammoojjii
Siinaa qaxxamuruudhaan imala biyya Misraati gara Kana’aanitti godhan, gammoojjii
Siinaa Keessatti Waaqayyoo Muuseedhaaf, kan Maqaan Waaqayyo irratti barreeffamee,
gabataawwan(Tsillaat) lama kan abboommiin isaa iratti barreeffame ni
kenneef. Isaafis kan keessa taa’u Taabota
akka hojjetuu fi dunkaana keeessa bulu akka ijaaru Waaqayyo Muusee ni ajaje. Akkuma:
“Ammas Waaqayyo Muuseedhaan,”Tulluutti ol
ba’ii gara koo koottu, achi turi, ani gabatoota dhagaa, seeraa fi abboommii
akka sabni kun ittiin gorfamuuf, ani irratti caafee sitti nan kennaa”(Bau
24:12).”jedhu.
Muuseenis
guyyaa 40 fi halkan afurtamaaf Isra’eloota irra adda ba’ee Tulluu Siinaa irra
ture. Ulfinni Waaqayyoos tulluu Siinaa irra ni buufate, duumessis guyyaa ja’a
tullicha akka uffises barraa’ee jira.
“Waaqayyo Tulluu Siinaa
irratti Musee wajjin dubbatee erga fixee booddee, gabatoota dhuga-baatu lamaan gabatoota
dhagaa warra ofii isaatii quba isaatiin irratti caafe sana Muusetti ni
kenne”(Bau 31:18)(Keessaa deebii 9:9.)
Waaqayyo
tsillaatota sana irratti abboommiwwan kurnan irratti barreessee jira. Abboommmin
kurnan kunis:
1.
Waaqayyoolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatiin
2.
Bifa qirixame fakkeenya wanta ol samii irra jiru, gad lafa irra jiruu, yookiis
bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin.
3.
Maqaa Waaqayyo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in.
4.
Guyyaa Sanbataa qulqulleettii eeguudhaaf
yaadadhu.
5.
Biyyan ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiratuuf, abbaa
kee fi haadha keef ulfina kenni.
6.
Hin ajjeesiin
7.
Hin ejjin(sagaagalin)
8.
Hin hatin
9.
Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in.
10.
Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin.
Kakuu
Moofaa Keessatti Taabota kan jedhamu,
kan Tsillaatiin keessa taa’u dha. Kakuu haaraa keessatti garuu taabotnis, tsillaatiis
kan jedhamu kanuma aarsaan irratti dhihaatudha. Innis dhiigaa fi foon gooftaa
Iyyasuus Kiristoosi isa dhugaa fi kan jireenya bara baraa namaa kennudha. Kakuu
Haara Keessatti aarsaan Taabota malee hin godhamu. Egaa erga yeroo sanaatii
Israa’eloonni Taabota kabajuudhaan, bara ilma, Daawiit Mootii Solomoon, gatii guddaadhaan manni
qulqullummaas ijaarameefi jira. Waluma galatti Taabotni kakuu moofaa kessatti
kan Waaqayyo yeroo araaraaf ummataaf dhihooti itti muldhatuudha. Taabota
fuuldurattis gombifamanii Waaqayyoon kadhatu turan.(Iyyaasuu 7:6)
Gabatoota(Tsillaata)
gubbaatti jechootni maqaa gooftaa kan Alfaa, Wa’oo, Beexaa Yewuxaa jedhaman
irratti barraa’u. Kanaaf Taabotni, buufata Waaqayyoot jechuudha.Waaqayyo, yemmuu
abboomi kana karaa Muuseetiin uummataaf kennuuf,
kan bara baraa akka ta’es ibseeti malee kan yeroo muraasaan daangeffame miti. Kanaaf
gooftaa Iyyasuus kakuu haaraa Keessatti:
“Ani dhuguman isinitti hima, hamma samii fi
lafti badanitti seericha keessaa, fidalli xinnaan tokko, yookiis, gar tokkoon
fidala utuu fiixaan in ba’in hin badu. Kanaafuu nama abboommota hunduma irra
xinatan, keessaa tokko diige, diigamuu isaas namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa
keesatti hunduma irra xinnaa ni jedhama, namni abboommota kana eegee barsiisu
garuu moottummaa Waaqaa keessatti guddaa ni jedhama’’(Mat 5:17)
Namni
aangoo lubumma hin qabne Taabota tuquun dhoorkadha.(akka Uzaatti qurxama,
Seenaa isaas Macaafa Saamu’el irraa akka arman gadiitti ni hubanna.
“Uzaan Taabota kakuu
Waaqayyoo safeeffachuu waan dhiiseef Waaqayyo
baay’ee isatti aare isa ni dha’e, Kanaaf inni achuma Taabota kakuu Waaqayyoo biratti
ni du’e” (2Samuel 6:7)
Kanaaf
bataskaana kam keessa iyyuu Taabotni ni
jira. Bakka Taabotni jirutti fi aarsaan kakuu haaraa itti dhihaatutti immoo ni
sagadama. Kanaaf karra bataskaanaa bira yoo darban Waaqayyoof, kabaja Waaqayyof
sagadan. Akkuma Hisqi’eel:
“Guyyaa sanbataa fi
gaafa baatiin baatu, sabni biyya sanaa balbala karra kanaatti, Waaqayyo duratti
haa sagadan (His 46:3).
“Ulfina maqaa isaatiif
ta’u Waaqayyoof dhiheessaa, Kennaa fidaatii gara oobdii isaatti koottaa, Qulqullummaa
akka mi’a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa” (Farfannaa 96:8)
“Ka’ii oobdii mana qulqullummaa
keessa dhaabadhuu, wanta ani si abboomu hundumaa mandaroota Yihudaa keessaa
mana qulqullummaa kana Keessatti ana Waaqayyoof sagaduuf, warra dhufan
hundumati himi” (Ermiyaas 26:2)
“Kanaanis warri bantii
waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis, hundinuu ulfina
maqaa Iyyasuusiif, jilbiinfatanii akka sagadan godhe”( Fil 2:10)
Taabotni Gara gara Itiyoophiyaa yoom
akka Dhufe:
Akka
seenaa irraa hubannutti Taabotni kan
gara biyya keenyaa seene, Bara Mootii Minilik Duraati .Yeroo sanatti kaabatti magaala
guddittii kan turte Saabaa yoo taatu, magaalaan guddoon kan
lammataa immoo Tarsees jedhamti. Mootittiin Saabaa Afaan Suubaatiin Itiyaa
jedhamti, Maakiddaas jedhuun. Mootiittii Azeeb jedhuunis. Azeeb jechuun maqaa kallatiiti, Dhihatti kibba
dhihaat agarsiisa. Itiyaan mootitti Azeeb kan jedhamteef Iyyaruusaleemif Saabaan
(kutaaAffaar ammaa), fi Nubaanis Azeeb waan ta’eef.
Seenaan
biraa immoo Raayyaa Azaabootiinn Azeeb jedhame kan jedhus jira. Afaan Subaatiin Itiyaa jedhamti, kennaa Waaqaa
jechuudha. Gooftaani Iyyasuusis Waa’ee ishee
Mootitti Saabaa (Azeeb) kanaa dubbatee jira(Wangeela Maatewoos 12:42).
Mootiitiin Saabaa, ogummaa Motii Salamoon
dinqisiifachuu gara Yeruusaalem deemtee turte. Kunis Bara 4,514 Dhaloota
Kiristoos dura. Isheenis Solomooniif ulfooftee ilma Minilik jedhamu deesse
jedha akka seenaatti. Sanumaan Minilik yemmuu guddatu Solomoon Mootii godhee
muudee gara Itiyoophiyaatti yoo dhufu
Taabota Tsiyoon keenneefii jira. Minilik Israa’elii gara Itiyoophiyaatti yemmuu
dhufu, ijoollee Israa’el(namoota 12,000), warqii fi birrii kan baqsan Iyyabosoota(namoota
1000) , Gaazaa kan turan sanyiiwwan Yooqxaan
kan turan (namoota 24,000 ) Leewwota waliin fidee dhufe.
Luba Ilma Sadoq Azariyaasiis fi, raajii Akkiyaatiin
Solomoon Waaqa fuulduratti cubbuu waan hojjeteef mootumman Salomoon akka tarsa’u
itti himame. Yeroo sana Taabotnii gara biyya keenya dhufe.Haa ta’u malee yeroo
sanatti biyya keenya kan dhufe Taabota qofa miti. Kitaabotni kakuu moofaa kan
hanga yeroo sanaatti barraa’an hundi gara biyya keenyaa seenaniiru. Yeroo sana
irraa eegalee biyya keenyatti keessumattuu hagna hardhaatti falaashota (Beete
Israa’eel) kan jedhaman kan yeroo sana biyya keenya Solomoon wajjin dhufanidha.
Waaqayyo,
Taabota irra bulee, Israa’eloota laga Yoordaanoos malkaa gogduun ceesisee,
Waaqayyo Taabota irra bulees dallaa Iyyaarikoo akka jijigse ni beekama. Taabotaafis
sagadni kennaa ni sagadama (Iyyaasuu
7:6).
Kakuu
kaaraa keessattis waa’ee seerichaa fi waa’ee taabotaa ilaalchisee akkas jedha
“Egaa immoo amantii kanaan
seera diigna jechuudha moo ree? Waawuu kun raawwatee ta’uu hin danda’u, seera
jabeessinee dhaabna malee”(Rom3: 31)
2Qor
6:16 keessattis immoo, Kiristoos Beelhoor wajjin tokko kan godhu eenyu? Yookaan
immoo shakkitootaa fi warra amanan gosa tokko kan godhu eenyu, Taabota
Waaqayyoos kan mana waaqayyoolii tolfamanii keessa kaa’u eenyu” ? jedha. Kanaaf
kakuu Haaraa Keessatti Ortodoksoonni hundi taabota qabu,Kaatolikoonni immoo
bakka taabotaa ‘waan akka xarapheezaa’ qabu.
Museen Tsillaatota Waaqa harka
fudhate yemmuu fudhatee deebi’u Israa’eloonni immoo yemmuu Waaqa-namtolchee
bifa jabbii qabuuf yoo sirban argee aaree Gabatoota lamaan Waaqayyo kenneef
darbatee ni cabse(Bau 32:19) .Sana
boodas Waaqayyo akka duraa godhee dhakaa lamarraa gabatoota(Tsillaat) lama akka
akka deebisee tolchu itti himee jira.(34:1). Haaluma kanaan Taabotni biyya
keenyattis Maqaa Qulqullootaan tolfamanii ni moggaafamu. Akkuma Taabotni Muusee
Taabota –Xiyoon jedhamte jechuu dha. Waggaattis al-tokko cuuphaa gooftaa
Iyyasuus laga Yoordaanositti godhe
yaadachuuf teessoo isaanii irraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu. Taabotni hundi
guyyaa tokko qofa ala buluun guyyaa lammaffaatti gara teessoo isaanitti ni
deebi’u. Taabotni Mikaa’el guyyaa lammaffaatti kan Igzi Aab her-aabii immoo
guyyaa sadaffaatti galu .Kunis guyyaa
irra oolanirra bakkuma tokkotti kabajamanii akka galaniifi kan ta’edha. Kanaaf
kabaja Taabota Waaqayyoof haa kenninu.Wallalumaadhaanis badaa dubbannee,
Waaqayyoon akka hin mufachiifne ofis akka hin hubne, hanga du’a tasaattis akka
Uzaatti akka hin qurxamne of eeggachuun barbaachisaa dha.
2.
Fakkiiwwan Qulqullaa’oo
Mana
Ortodoksii Tawaahidootti fakkiiwwan Gooftaa
Iyyasuus, kan haadha keenya dubroo Maariyaamii,
kan ergamtootaa fi qulqullootaa biro bataskaanatti, mana kadhaattii fi mana keessatti
fannisuun baay’ee kan baramee dha. Fakkiiwwan
quqlqulluun barnootaaf, kadhannaaf, akkasumas qulqulluu abbaa fakkichaa sana yaadachuuf
gocha ta’aa ture sana akka waan ijaan ilaallutti caalatti seenaa akka yaadannu
kan nu gargaaraniidha. Dabalataanis
sugaa argachuufi kabaja gooftaa kan ibsan waan ta’eef itti fayyadamna. Kunis kitaaba Qulqulluu bu’uura godhachuudhaan malee akkanumaan kan ta’e miti. Kana jechuun garuu
fakkicha Waaqeffachuu jechuu miti.Mee Kitaaba Qulqulluu irraa luqqisa(caqasa)
armaan gadii kana haa ilaallu.
“Kiruubel lama warqee
tumamaa irraa tolchiitii, gar lamaan fiixee isaa teessoo araaratti kaa’i, Kiruub
isa tokko fiixe gar tokkoo irratti, kiruub isa kaan immoo fiixee gara kaanii
irratti tolchi” (Bau25:19)
Mootiin
Solomoon yemmuu mana qulqulummaa ijaarus:
“Keenyaan kutaawwan
mana qulqullummaa, warra keessa fii warra duuban itti ijaaramana hundumaa
irratti karaa keessaa, fakkeenya kiruubeel, fakkeenya mukeetii meexxii fi
daraaraa hojjechiisee ni miidhagse.” (1Mootota 6:29)
Egaa
as irrati wanti hubachuu qabnu, fakkeenyaaf Muuseen siiqqee isaatiin galaana Eertiraa gar
gar baaseera (Bau 14:26), Phaawuloos dhukkubsattoota uffata isaatiin fayyise(Hojii
Duuka Bu’ootaa9:11), gaaddidduun Pheexros jinnii gadhiisisiise(Duuka bu’oota
5:15). Egaa wantootni kunniin hundi ofii isaanitii human homaallee qabaachuu
baatan, ulfinnii fi qulqullummaan abbichaa kennaa argamsiisefi dha.
Kiristaanonni
duriis yemmuu lafa kana irraa dheessanii dhokatan, holqa keessatti fakkii kaasu
turan. Fakkeenyaaf dhalachuu gooftaa, godaanuu isaa, yemmuu kennaa kennaniif, haadha
gooftaa wajjiin, seenaa cidha Qaanaa, cuuphaa gooftaa Iyyasuus, qurxummii 2 fi
buddeena 5 baay’isu isaa, dubartii dhiigni rakkkisaa ture dhiiga ishee qoorsuu
isaa, dubartiin Samarawitii hubboo baattee yemmu bishaan na obaasi jedhee
kadhatu, fi kan kana fakkaatan kristaanota durii holqa Keessatti kasalaa fi daaraan kaasu ture.
Faayida
2 qaba.
1. Baruumsaaf
namoota dubbisuu hin dandeenyeef
2. Jaalala
qulqullicha sanaa ibsuuf
Mana kiristaanaa Ortodoksiitti fakkiin
qalamaan ka’a malee hin bocamu. Laatinoonni garuu ni bocus.
Amma
immoo kakuu haaraa Keessatti yoo seenaa fakkii kaasuu ilaallu dursa waa’ee
fakkii gooftaa ilaalla. Seena mana kiristaanaa keessatti kan dursee fakkii
gooftaa Iyyasuus kaase Yohannis isa wangeela barreessedha. Seenaan isaas akkana: Dhaloota Kiristoosin Booda
bara (18-37). Roomaa bitaa kan ture Xibaariyoos Qeesaari. Gooftaan bara inni
aangoo irra ture fannifame. Xibaariyoos ilmi jalaa duunaan, reeffa fuuudhee
deemee awwaala gooftaa Iyyasuus irra godhe, mucaanis du’aa ni ka’eef.Mootichis
baay’ee gammadee maaloo haadha Iyyasuus naaf fida, umurii koo guutuu ishee
tajaajilee, waan qabu kenneefii kabajeen jiraachisaa jedhe. Haa ta’u malee
kabajni Dubroo Maariyaamii kan lafa kanatti hafu qofa waan hin taanef, Yohaannis
mootichi akka abdii hin kutanneef, Gooftaa Iyyasuus akka yeroo fannoo irra
tureetti, mudhiitti qofa uffata xinnoo irra buusee kaasee ergeef, jedhu
abbootni. Seenaan biraas jira.isaan keessaa kun tokkodha.
Kan
dubroo Maariyaamii immoo fakkiin yeroo baay’ee nu arginu kan akkuma Iyyasuus Kiristoos
daa’imummaatti hammatteen ka’e sana immoo yeroo duraaf kan kaase kan kaase Qulqulluu
Luuqaasi. Kitaabotni mana kiristaana keenya Keessatti argamanis kana dhugaa ni
ba’u. Kanaaf mana keenyatti fakkii fannisuun, yeroo kadhannaa goonus of
fuuldura goonee Waaqa kadhachuun caalatti qalbii keenya sassabuuf nu gargaara.
Haa
ta’u malee yeroo ammaa kana fakkiin akkuma arge ka’aa jira.Kamtu kan seera isaa
eeggate akka ta’es, eenyuu fi yoom akka ka’e maaliif akka ka’e kan hin ibsine, kan
akkuma fakkiiwwan biro gabayaa irra oolan jiru.Wanti akkasii kun sirrii miti.Fakkiis
bakkuma arginee karaarra bituun. Karaarratti daaraa Keessatti gurguruunis
sirrii miti. Fakkii Qulqullootaa fi kan aakitaroota ykna namoota beekkamoo
biyya lafaa kana bakka tokko teessisuunis sirrii miti. Mana keessattis fakkiiwwan
qulqullootaa mana bareechuuf kan itti fayyadaman jiru, innis sirrii miti. Fakkiiwwan
akka hin xuroofne fi hin qaqoofne eegu qabna..
Fakkiin
Qulqulloota yoo ka’u nafti (qaamni isaanii) duwwaa muldhachiuu hin qabu. Sirriitti
haguugamuu qaba .Kanaaf fakkii tokkoo bituun duratti sirrii ta’e ka’uu isaa
mirkaneeffachuu qabna.
3.
Xabala
Xaballi
Waaqayyoo qulqulloota tokko tokkoof waadaa galeen kan dinqii isaa ittiin ibsu, maqaa
qulqullicha saanaatiin kan dhibaman cuuphamanii yookaan dhuganii bishaan ittin
fayyan jechuu dha. Akkasumas Maqaa Qulqullicha sanaan biyyen amananii dibatan
xabala jedhama, Afaan Gi’iziitiin ‘Tsebele’ jechuun biyyee jechuu dha.
Kiitaaba
Qulqulluu irrattis fakkeenyaaf osoo gooftaan laga Yoordaanositti hin
cuuphaniinin dura namootni hedduun itti cuuphamuudhaan fayyaa akka turan ni
ibsa. Iyyoob dhukkuba isaa irraa kan fayyee laga Yordaanositti cuuphamee ykn
dhiqateeti. Mootiin biyya Sooriyaa kan Ni’imaan jedhamus, akkuma raajichi Waaqayyoo
Eelsaan itti hime, Yordaanos dhaqee dhiqachuun dhibee lamxii irra akka fayye Kitaaba
Qulqulluu irratti barraa’ee jira (2Mot 5:9).
Akkasuma
waa’ee xabalaa Wangeela Yohaannis irrattis akkas jedha:
“Karra hoolaa isa
jedhamu isa mandara Yerusaaleemitti galchu bukkeedhaan bishaan kuufamaan Afaan
Ibraaysixiitti, Beetsayidaa jedhamu tokkotu ture. Bishaan sana bira godoo
babaldhaa shantu ture. Namootni dhukkubsataan baay’een, warri jaaman, warri
naafa tahan, warri dhiigni isaanii gar tokko du’es godoota sana keessa ciisanii
raafamuu bishaanicha ni eeggatu ture. Ergamaan Waaqayyoo yeroo yerootti golba
bishaanichaa keessa lixee isa ni raasa, raafamuu isaa booddee, namni dura
bishaanicha keessa lixe, dhukkuba isa kam iyyuu irraa ni fayya ture.”(Yoh
5:1-5)
Yeroo
ammaas biyya keenyatti iddoowwan xabalaa hedduutu argama. Namootnis fayyaa
jirachuu isaanii waan wabii barbaachisu hin fakkaatu. Dhukkuboota qoricha hin
qabne kan akka HIV AIDS dabalatee dhukkuboota biroo irraas fayyaa jiru. Keessumattu
Waaqayyo Waadaa qulqullootaaf seeneen, namoota badada dhaban yaadachaa jira. Xabala
akka Shankoora Yohaannis akka fakkeenyatti fudhachuu ni dandeenya. Waaqayyo
karaa ittiin fayyinu baay’isee jira. Kanaaf Amantiidhaan osoo hin shakkin yoo
goone wanti hin fayyineef hin jiru.Waaqayyo inni duraan ture, hardhas ni jira, waadaan
isas kan bara baraati .Kanaaf itti haa fayyadamnu.
Haa
ta’u malee of eeggannoon godhamuu qaba hundumti xabala miti, hundumtis namoota cuuban miti.Namootni sobanii maqaa
xabalaan dogongorsan jiru waan ta’eef. Akkuma aarsaan iddoo isaa malee hin
dhiyaanne, xaballis iddoo qaba.
“Egaa qalma kee isa gubamu sana iddoodhuma
arhitetti akka akka hin dhi’eesineef of eeggadhu”.(Keessa Deebii 12:13)
Guduunfaa
Qofa
dhiheessinedanda’ama.Nuti baay’ee gabaabsine wantoota ijoo ta’an qofa hubannoof
dhiheessine.Isinis dabalataan kitaabota waa’ee kana irratti barraa’aan gadi
fageenyaan dubbisuutu isin irraa eegama.Kakaasee kan nu jalqabsiise, nu
jalqabsiisee kan nu xumursiise, maqaan gooftaa keenyaa haa ulfaatu.Kan nu
sheelechinne, inni itti nuuf haa guutu.Ameen!
Kitaabota Wabii
1. Amaan Balaay (Marii Mariiras).1998. Kitaaba
Subaa’ee isa dhugaa Lammaffaa; Gooftaa Iyyasuus Itioophiyaatti: Afaan
Amaariffaan kan qophaa’e.
2. Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa
Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3. Kinfe Gebri’eel Altaayyee (Luba)(1995). Seera
mana kiristaanaa, kan afaan Amaaraatiin qophaa’e.Maxxansa 6ffaa. Mana
maxxansa Itiyoo-tikur Abbaay. Finfinnee
4. Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee
(1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot,
Finfinne romootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame2
5.Nigusuu Alamuu(Dn) .2000. Deebii kennuuf
kan qophooftan ta’aa:Afaan Amaariffaan kan Qophaa’e.Maxxansa sadaffaa,Mana
maxxansa Illeenii,Finfinnee.
6. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa
(2000). Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
7. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA).
Macaafa Qulqulluu, kan Afaan Oromootiin Qophaa’e.
Yaada
keessaniif:waldaanahimiyaa@gmail.com fayyadamaa
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.