Wednesday, September 5, 2012

WN008.Galaana Yaadaa:Abushaahir


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqaa tokkootti  amanuudhaann abboota keenya irraa dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufe, waa’ee Galaana Yaadaa(Bahire-Hassab jedha Gi’izin) gabaabsinee  haala salphaa ta’een  ni dhiheessina.
 Ibsa
Manni kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo haadha qabeenya baay’ee fi oguummaa hammaaramee hin dhumneeti. Oguummaawwanii fi qabeenyawwan kana keessaa  akka tokkoo lama, kaasuuf qo’annoo fi qorannoo saayinsiitiif kan karra saaqan fi ka’uumsa ta’an dameen barnoota hedduutu jiru. Fakkeenyaaf,waa’ee qorichaa funaananii dhukkuba badaduu, barreeffammaa dinqisiifamoo, ogummaa gamoo gurguddoo ijaaruu, riqicha tolchuu, holqa soofuu, biqilootaa fi bineensota  kunuunsuu, ciigoo, walaloo fi jeedaloo mimmi’aawoo, walumaa galatti wanti hin jirre hin jiru jennee dubbachuu ni dandeeenya.Kunaafis wabii dhaabbataa kumaataman lakkaawaman  dhiheessuun ni danda’ama.
Yeroo ammaatti ammo addunyaa irratti ogummaawwan gurguddo lubbuu namootaa hawwatan keessaa tokko qo’annoo hawaa ti. Ilmi namaa fedhii waa’ee naannoo isaattii fi isaa irraa fagootti argamu beekuudhaaf carraaqiin inni godhu kan dhuma hin qabne dha. Kanaanis waa’ee pilaanetoota biroo, waa’ee urjiilee, waa’ee addeessaa fi waa’ee haala qilleensa hawaa keessaa ni qo’ata. Qo’annoon kun immoo hawwii qofaan osoo hin taane lakkoofsatti fayyadamuudhaan herreega wal-xaxoo argamsiisuudhaan fi shallaggii gara garaa uumuudhaan kan hojjetamuudha .Herreeguma kana irraa ka’uudhaaniis lakkoofsa baraa (kaalendara) itti fayyadamanis ifa godhaniiru.
Gosti barumsa akkanaa kun kan hardha akka haaraatti eegalame osoo hin taane abbootni keenya mana kiristaaana Ortodoksii Keessatti iddoo guddaa kennuudhaan ni qo’atu ture. Osoo baruumsi qo’annoo hawaa haala jabanaatiin qophaa’ee hin dhi’aatin duras, sochiiwwan hawaa keessati godhaman kan beekanii fi keessumattuu lakkoofsa baraa sirrii ta’e argamsiisuudhaan itti fayyadamaa turaniiru, ittis fayyadamaas jiru. Dameen barnoota akkasii kunis Abushahir ykn Galaana Yaadaa jedhama. Abushaahir baruumsa lakkoofsaa irratti hundaa’e yoo ta’u kan naannawa adeessaa, haala urjiiwwanii fi waqtiilee, dheerina guyyaa fi halkanii shallaggii yeroo, seensa fi ba’a ayyaanotaa, soomaa fi taatewwan gara garaa herrega ittiin beekani dha
Maqaan Abushaahir jedhu kun eessaa dhufe yoo jennu jechi jecha Arabaa yoo ta’u, waa’ee barnootaa herreegaa fi shallaggii kana gadi fageenyaan hiikee kan barreesse Diyaaqonii biyya Misraa Yohaannis Abushahir nama jedhamu irayi. Innis Jaarraa 13 ffaa keessa waa’ee kana baay’inaan hiikee, kan dhokate ifa baasee, namoota hedduuf waan dinqisiifameef baruumsichi inumaayyuu maqaa diyaaqonicha sanaan Abushaahir jedhame.
Yoohannis Abushahir jaarraa 13ffaa keessa baldhinaan haa barreessu malee waa’ee galaana yaadaa Kan guyyaa ayyaanotaa fi soomni irra oolu ittiin beeknu jaarraa 3ffaa keessatti phaaphaasii Iskindiriyaa Dimeexroos jedhamuun argame.
Baruumsi Abushaahir yaadaa fi qo’annoo guddaa kann barbaadu yoo ta’u dhaawata itti seenaa ademaaniin baay’ee kan ulfaatu fi gosa saayisnii jabaanaa waa’eee hawaa qo’atuun kan wal fakaatudha. Baruumsa kana namni sirriitti barate, taatewwan dhufuuf ta’an akeekkachiisuu, raaguu ni danda’a. Fakkeenyaaf haala qilleensaa, danbalii galaanaa irraa, jijjiirama qilleensaa, fi wantoota hawaa Keessatti ta’an kanatu ta’a jedhee dubbachuu ni danda’a.
Kanaaf yaa oboleewwan keenya maatii Waaqayyoo waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa hawwii guddaa qabeenya kana maatiin Waaqayyoo hundi Afaan Oromootiin haa beekan jedhu  qabu irraa ka’uudhaan yeroo fudhatee kitaabota gara garaa irraa funaanee akka isiniif ta’utti baay’ee gabaabsee  dhiheessee jira. Haa ta’u malee barreeffama kana keessatti damee Abushaahir keessaa Marsaawwan guyyaa ayyaanaa, guyyaan akkamitti laakkawamu, waqtiileen akkamitti argamu, jabanni kan eenyuu akka ta’e akkamiin beekama,Dimeexroos eenyu,akkamiin shallaggii kana argate, yaadawwan jedhan kana irratti  xiyyeeffata malee barreeffama qofaan waan namaaf ifa hin taaneef dameewwan biroo keessaa hin seenu, waan gadi fageenya barbaaduu fi yeroo barbaadu waan ta’eef . Kanaaf dame waa’ee GALAANA YAADAA (Bahire-Hassab) jedhamu kana akkamitti akka argame seenaa isaa wajjiin dhiheessinee jirra. Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu, nutis laphee ittiin hubannu nuuf haa laatu. Ameen!!!
GALAANA YAADAA (Bahire-Hassab)
Galaana Yaadaa jechuun jabana (bara) lakkoofsa qabu jechuudha.Galaanni yaadaa kana keessumattu guyyaan fi jabanni akkamitti akka lakkaawamu, akkamittiin akka marafatanii dhufan kan ibsanii dha. Baruumsi kun akka masaktuutti ilaalama. Lubootni hundis beekuu qabu. Kanaaf lubootaaf masaktuu dha, lubni waa’ee galaana yaadaa hin beekne akka laga bishaan gogaa qabuuti jedhu abbootni. Lagni gogaan yoo alaala(fagootti) dhaababatanii ilaalanu, ni bareeda, yoo itti siqan garuu duwwaa dha dheebuus nama hin baasu. Akkasuma lubni waa’ee abushaahir kana hin beekne, yoo hordoftoonni uffata isaa qofa ilaaluun mataatti uffata xaxatee argan, luba ta’uu isaa baranii dhaqanii guyyaa ayyaanaa guyyaa soomni seenu yoo gaafaatana hin beeku waan ta’eef baayee ceemmanii, rifatanii deebi’u jedhuudha. Barreeffama guutuu kana Keessatti bara 2005 akka fakkeenyaatti fudhachuudhaan shallaggiiwwan ijoon galaana yaadaa kam kam akka ta’an ni ilaalla.Isinis shaakalliidhaan gabbifachuu ni dandeessu.
GALAANA YAADAA EENYUTU ARGAMSIISE?
Namni Waaqayyoo kan safara galaanaa yaadaa argate DIMEEXROOS jedhama. Diimeexroos dhaloonni isaa Misraa, Iskindiriyaa dha.  Warra amantaa isaanitti cimaa ta’an irraa dhalate nama qulqulluu fi fayyaalessa ture. Guddatee yeroo umurin isaa fuudhaf ga’utti warri isaa dubartii kiristaana taate kan itti fuudhan ni dhaban. Jabana sanatti Iskindiriyaatti Kiristaanonni xinnaatanii, namootni kiristaana hin taane baay’atanii waan turaniif. kanumarraan kan ka’e, danbiin amantaa  diigamuurra seerri  firummaa diigamuu wayya jechuudhaan kiristana kan taate intala eessuma isaa itti fuudhaan.
Haa ta’u malee inni warra isaa akka hin mufachiifneef tole jerdhee erga fuudhee booda intala eessuma isaa wajjiin mari’atanii wal amansiisanii akka quunnamtii qaama saalaa hin raawwanne waliif galan. Akka ishee namoota biraatti hin heerumsiifne garuu dhimma kana nama tokkotti osoo hin himin dhirsaa fii niitii ta’uudhaan, siree tokkorra ciisaa, osoo wal-quunnamtii qaama saalaa hin raawwatin  mana tokko jiraachuu jalqaban. Inni qote bulaa ture. Ergamaan Waaqayyoos isaan eega, jabinas ni kennaaf ture. Akkanaan osoo wajjiin jiraatan waggaa 48 guutan.
Dimeexroos qote bulaa waan tureef guyyaa gaafa tokko yemmuu maasii isaa waqtii bonaan dhaqee ilaalu firii waynii yeroo malee daraartee geesse tokko argee fuudhee galeenii haadha mana isaattti kenne. Isheenis kiristaana cimtuu waan taateef, maaloo waynii kana nuti nyaachuu hin qabnu, fuudhii deemiitii phaaphaasiitti geesiitii, eebba fudhadhuu koottu jetten.
Yeroo sanatti phaaphaasiin Iskindiriyaa Yuuliyaanos 11ffaan baay’ee dulloomee waan tureef  kiristaanonni  ‘maaloo si booda nama phaaphaasii nuuf ta’u nuutti himi’ jedhanii isa rakkisaa turan. Innis ‘soomaa, kadhadhaa anis nan soomaa Waaqayyo nama ana booda phaaphaasii ta’u anatti akka ibsuuf’ jedhe uummata ajaje.Yeroo sanatti Waaqayyo abjuudhaan Yuuliyaanoosiin “kan si booda phaaphaasii ta’u nama bona gogaa kanaan waynii fidee gara keetti dhufu jedheenii itti hime”. Yemmuus Diimeexroos waynichi harkatti baate ol seenee. Phaaphaasichis kunoo kan anatti aanee muudamu isa jedhee guyyuma sana booqate. Dimeexroosis uummatni itti wawwatnaan guyyuma sana phaaphaasii teessoo Maaarqoos 12 ffaa ta’ee muudame.
Booda garuu ga’uumsa fi cimina amantaa isaa irraa kan ka’e namoonnii osoo cubbuu irraa hin dhiqamin qurbaana gooftaa yoo fudhatan cubbuun isaanii itti muldhata waan ta’eef, namoota akkasii kanaan “ati hin geenye turi” “Ati geessee fudhadhu” jechuu qabe.  Kanumaan ummanis isa jibe. Akkamitti inni phaaphaasii niitii qabu osoo ta’uu nama fuulduratti nu saalfachisa jedhanii hamachuutti ka’an.
Yeroo kana Waaqayyoo iccitii namoota kan dhoksite itti himi  jedheen.Innis iccitii ture sana itti hime, haati warra isaas fira isaa  akka taate itti hime, wal quunnatii qaama saalaatis osoo hin raawatin jiraachuu isaanii itti hime.Namoonnis na’anii waan isarratti gungumaa turan sanaaf dhiifama gaafatan.Innis Waaqayyo isiniif haa dhiisu jedhee maqaa gooftaa Iyyasuusiin isaan hiike.Dimeexroosifis hafuurri qulqulluun kitaabota  81 ni ibseefi.. Kunis kan ta’e bara 180 dhaloota kiristoos boodatti ture.
Haa ta’u malee Dimeexroos wanti isa baay’ee yaachisu tokko ture. Innis yeroo sanatti guyyaan  ayyaanotaa fi guyyaan soomni itti seenu fi ba’u waggaa Keessatti yeroo gara garaa waan ta’eefii biyyootni gara garaas yeroo gara garaatti waan kabajaniif, maaloo osoo ayyannii addunyaa kanarratti yeroo tokko kabajamee jedhee hawwaa ture. Hawwiin isaas osoo guyyaan, soomni nanawee,soomni goofta Iyyasuusii fi soomni duuka bu’ootaa,wiixata seenee, Debre zayitii, Hosaa’inaa, du’aa ka’uu gooftaa, Pharaqlixoos, sanbata guddaa qofa ta’e, osoo guyyaan fannoo gooftaa Jimaata reoo hunda jimata irra oolee, osoo ol fudhatamuun gooftaa  guyyaa kamisaa , fi guyyaan sooma roobii fi jimaataa roobii irra qofa oole jedhee hawwa ture.
Kanuumaan Waaqayyo osoo kadhatu ergamaan Waaqayyoo Dimeexroos wanti hawwii qofaan ta’u waan hin jirreef subaa’ee (subaa’ee jechuun kadhannaa yeroo torba) seenii jedheen. Yeroo kana Diimexros subaa’ee seene guyyaa guyyaa subaa’ee torba halkan halkan immoo subaa’ee 23 ni galcha ture. Egaa  ka’uumsi lakkoofsaa lamaa baay’ee kan gargaarsa guddaa qabban abaqtee fi mexq jedhaman kana irraa argaman
Kadhannaan guyyaa (7 *7 = 49) ta’a. 30 yoo hirre 19 tu hafa. 19 kanaan hundee-mexq(xinte-mexq jedha Gi’iziin) jedheen. Mexq jechuun bilbila nama dammaqsu  akka  jechuuti.
Ammas kadhannaa halkanii (23*7 = 161) ta’a.30 yoo hirame yeroo 5 wal ga’ee hafteen 11 ta’a. 11 kana immoo xinte abaqtee(Hundee Abaqxee)  jedheen .Abaqtee jechuun halkan jechuudha. Abaqtee fi maxq bakka tokkotti yeroo hunda 30 hin caalan. Baay’nni guyyaa baatii tokkoo 30 wan ta’eef. kana hubachuuf immoo gatii  amma arganne walitti daballee ilaaluu dandeenya(19+11=30) jechuudha.
Ega kana lamaan argnnee safartuuwwan itti aanu immoo akka armaan gadiitti itti fufa.
1.     Bara Moofaa: Bara moofaa kan jedhamu dhaloota kiristoosiin dura kan jiran waggoota 5500 dha. Bara gadadoo jedhamees beekama.
2.     Bara Araaraa: Dhaloota kiristoos booda kan jiru dha. Innis waggaa 2005 akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti (bara haaraa kana)
3.     Umurii Addunyaa: jechuun bara araaraa dabaluu bara moofaa dha(5500+2005=7505) Egaa erga lafti umamtee barana waggaa 7505 ta’e jechuudha. Addunyaa kanaaf walumaa galatti umurii waggaa 8000 qofatu kenname.
Dimeexroos jabana safaruuf safartuuwwan (Awud) yeroo, torbatti fayyadama. Isaanis:
I. Marsaa Guyyaa (Awude-Ilet) : kun guyyaawwan sanbataa hanga sanbataa jiran 7’n dhuunfata
II. Marsaa Ji’aa (Awude-Werh): kun guyyaa 1-hanga guyyaa 1 ji’a itti aanuu yoo naannawee dhufu jechuudha
III. Marsaa Waggaa (Awude-Amet): Kun immoo waggaa hanga waggaatti guyyaa biiftuudhaan guyyaa 365, addeessaan immoo guyyaa 354 jechudha
Iv. Marsaa Abaqtee: Deddebii waggaa 19 ti. Wagga 19 keessattis al tokko gaaddiduun adeessaa ni uumama
V. Marsaa Biiftuu: Waggaa 28 ti: kana jechuun guyyaa fi Abbaan Wangeelaa kan deebi’anii wal argatan jechuudha.Abbaan Wangeelaa tokko guyyaa irra oole waggaa 28 booda deebi’e  guyyaa wal fakkaatu irra oola jechuudha.
VI. Marsaa Chaappaa(Maahtem):  kun waggaa 76 kunis 19*4 jechuu dha. Abaqtee fi abbaan Wangeelaa waggaa 76 booda wal argatu, deebi’anii wal fakkaatu jechuudha.
VII. Marsaa Guddicha (Awude abiy qemer): kun wagga 532  jechuudha.kun lakoofsa isa dhumaati.
Waggaa afur keesatti al tokko immoo seensa jabana Yohaanisitti guyyaan waggaa 366 ta’a. Guyyaan addeessaa immoo lakoofsa aduutiin guyyaa 11 hirdhata. kunis adeessi guyyaaa 30 keessttiu al tokko irra ceeti(segr jedha Gi’iziin).
4. Jabana Abbaa Wangeelichaa Beekuuf:
Abbootni wangeelaaa afurtu jiru: Isaanis Maatewos, Maarqos, Luqaasii fi Yohannis. Kunniin waggaa afur afuriin deddeebi’u. Barri tokko jabana abbaa wangeelicha kam irra akka oole beekuuf umurii addunyaa  4’f hirra. Bu’aan argannu kurmaana(mexene-raabi’iit)  jedhamti.Ga’een kurmaanaa irra hafu,  1 yoo ta’e jabanni kan  Maatewos. 2 yoo ta’e, kan  Maarqos, 3 yoo ta’e  kan Luqas, 0 yoo ta’e immo kan Yohannis ta’a.  Haaluma kanaan kan jabana 2005  
Umurii Adunyaa/4= 7505/4 =1876

kurmaanni  1876, hafteen isaa ammo  1. Kanaaf  barri 2005 jabanni Maatewos jechuudha.
5) Fulbanni tokko Guyyaa kam akka oolu beekuuf:
Fulbanni tokko guyyaa irra oolu beekuuf,
Umurii addunyaa +kurmaana(Mexene raabi’iit ) bara abbaa wangeelichaa /7 
                                                                                                   
Haala kanaan haften 1 yoo ta’e, Fulbaanni 1( kibxata), 2(Roobii) , 3(Kamisa) 4(Jimaata) ,5(Sanbata xinnaa) ,6(Dibata)  fi 0 (wiixata) oola jechuu dha. kibxatni hundee lakkoofsaa(Xinte-qemer) jedhamti, lakoofsi guyya sana eegale waan ta’eef. Haaluma kanaan Fulbanni 1 bara 2005:
7505+1876 =9381/7
Bu’aan isaas yeroo 1340 wal ga’ee hafteen tokko kanaaf guyaan ayyana fulbaanni tokko kibxata oola jechuudha.
6. Barcumaa (Wonber):
Kun immoo umurii addunyaa kudha sagalii hiruudhaan kan hafe irraaa 1 jabaanaaf kennuudhaan lakkoofsa hafeen barcumaa jennaan. Faayidaan isaas abaqtee fi maxqii baasuuf gargaara. Waggaa 19 keesatti aduu fi adessi akka namaafi gaddisdduu (perpendikular) waan ta’aniif barcumaa  jedhame.
Barcumaa=umurii addunyaa/19
Yeroo 395 wal ga’a.Haa ta’u malee 1 jabanaaf waan dhiifnuuf 394 wal ga’ee hafteen 18 ta’a kanaaf barcumaan bara 2005 18 jechuudha.
7. Abaqxee
Abaqxee jijjiirama guyyaa adessaa fi biiftuuti (365-354).  kunis 11. Xinte abaqtee kan jedhames kanuma. Abaqxee argacchuuf wanberii 11 baay’suun 30 yoo caale haftee isaa, 30 gadi yoo ta’e immoo akkuma jiruun fudhatma.
Abaqxee =(Barcumaa*30 )  Kanaaf bara 2005 Abaqxee =18*11/30 180 wal ga’ee haftuun 18 kanaaf abaqteen bara kanaa 18 ta’a.
8. Mexq: Mexq argachuuf
Barcumaa*19/30)

Kanaaf kan bara 2005: yeroo 11 wal ga’ee hafteen 12
Kanaaf mexqiin bara 2005, 12 jechuudha. Mexqiin halkaniif abaqxeen immoo guyyaaf gargaaru. Mexqiin 14 gadi yoo ta’e Onkoloolessa, 14 ol yoo ta’e ammo Fulbaana oola.
9. Hirdhina (Hitsets)
Kun immoo addeessaan baatii lama Keessatti hirdhina guyyaa tokkoo muldhatuudha .kunis kan ta’e addeessi baatii tokko keessa guyyaa 30, baatii biraa keessa immoo guyyaa 29 taati. Kanumaan kan ka’e waggatti hirdhina 6 tu jira jechuudha.Faayidaan hirdhinan dheerina halkanii argachuuf gargaara.
Halkan=abaqtee+hirdhina+guyyaa(Ilet)
10. Ida’amtuu Guyyootaa (Tewusaak):
Kun guyyaa ayyaanonni irra oolan beekuuf mexq waliin walitti ida’amuun lakkaawamu .Mexqiin ida’amtuu guyyaa waliin walitti dabalamee guyyaa soomni Nanawee irra oolu nuuf kenna. Ida’amtuun guyyaa 7 sanbata xinnaa irraa ka’a.
1. Ida’amtuun sanbata xinnaa= 8
2. Ida’amtuun Dibataa = 7
3. Ida’amtuun Wiixataa =6
4 Ida’amtuun Kibxataa =5
5. Ida’amtuun roobii =4
6. Ida’amtuun kanmisaa =3
7. Ida’amtuun Jimaataa =2
Mexqiin baranaa 12 waan ta’eef Onkoloolessa keessaoola.(be’ale mexq)
Kibxata 12 ta’a .Ida’amtuun isaa ammo 6 kanaaf 12+6 =Mebaajaa Hamerii kenna innis 18 jechuudha.
11. Ida’amtuu soomaa fi ayyaanaa
Bara araaraa Keessatti ayyaanotni kabajni guyyaa isaanii naanna’u lakkoofsaan 11 dha. Isaanis ida’amtuu isaanii waliin akka argmaan gadiiti dhiheesinee jirra.Bu’urri guyyaa kanaatiis sooma Nanaweeti. Nanawee dha hanga sooma guddichaatti guyyaa 14 tu jira. Sanatti aansudhaan guyyoota jiran 30, 30 hiruudhaan 30 gadi yoo ta’e akkuma jirutti,30 ol yoo ta;e immoo haftee isaanii akka ida’amtuutti akka armaan gadiitti table dhaan dhihaateera.
Ayyaana/Sooma
Ida’amtuu
Ayyaana/sooma
Ida’amtuu
Seensa Sooma guddichaa
14
Yaa’ii Lubootaa
3
Debre-zayitii
11
Olfudhatamuu(Irget)
18
Hosaa’inaa
2
Pharaqlixoos
28
Guyyaa Fannoo
7
Sooma Duuka bu’ootaa
29
Du’aa ka’uu
9
Sooma fayyinaa
1

12. Mebaajaa Hamer: Tursiiftuu akka jechuuti.
Faayidaan isaas sooma fi ayyyana Nanawee hanga Sooma fayyinaatti jirutti baassuuf gargaara. Mebaajaa Hameriin bara 2005= 18 ti.
Mabaajaa Hamer =Mexqii + ida’amtuu ayyaana( ba’aale)-mexqii


13. Sooma Nanawee:
 Ayyannaa fi sooma biroof ka’uumsa kan ta’u sooma Nanawee ti.Mexqiin Fulbaana  taanaan soomni nanawee  Amajjii seenti, Mexqiin Onkoloolessa taanaan Nanaween Gurandhala keesssa ta’a. Fakkeenyaaf bara kana mexqiin Onkoloolessa waan ta’eef Nanaween Gurandhala keessa ta’a.
Nanawee = Mexqii+ Ida’amtuu  Guyyaa
Kanaaf  kan bara 2005 12+6 = 18 kanaaf soomni Nanawee Guraandhala 18 seena  jechuudha
14. Guyyaa Ayyaanotni irra oolan Beekuuf
Nanawee+Ida’amtuu soomaa (ayyanichaa)

Fakkeenyaaf kan sooma guddichaa ( 18+14 =32)  ta’a 30 f yoo hirre lamatu hafa Haala kanaan soomni guddichii Bitootessa  2 seena jechuudha.haaluma kanaan bara 2005 itti kan ayyanota hafanii ida’amtuu isaanii waliin dabaluun hubachuu ni dandeessu.(Debrezit bitootessa 29, hosa’inaan Ebla 20,fannoon Ebla 25,du’aa ka’uun Ebla 27,yaa’iin lubootaa Caamsaa  21,ol fudhatamuun Waxabajjii 6, Pharaqlixos Waxabajjii 16,soomni duuka bu’ootaa Waxabajjii 17 fi Soomni fayyinaa Waxabajjii 19 ta’a jechuu dha.)
Gaaffiwwan lakkofsa baraa irratti ka’an
Lakkoofsi Itoophiyaa fi kan biyya biraa maaf adda adda ta’an?
1.Jiijjirama guyyaaf,Roomaanonni jabana Yuuliyoos Qeesar,wanti argan taatewwan waliin deemufii didnaan bara 1582 baatii Onkololessa keessa,Onkololessaa 4 bariittti,,barii Onkoloolessa  5 ta’uu osoo ta’u qabu Onkoloolessa 15 godhaniiru. Kanaaf kan Itiyoophiyaatiin guyyaan 10 gargar ta’e.
2. Garagarummaa baraa kan waggaa 7 yookna 8 immoo ka’uumsa lakoofsaati,bara lakkaawuuf ka’uumsi isaan itti fayyadaman kan gara gara waan ta’eef. Roomanonni ka’uumsa kan godhatan bara magaalaan Roomaa itti hundoofte .Isaan kan jedhan gooftan kan dhalate magaalaan Roomaa hundooftee waggaa 753tti jedhu. Kunis, dhaloota kiristoos irraa yoo ilaallamu gara garummaa waggaa 7  agarsiisee jira.
3. Namoonni tokko tokko immoo Addaam uumamee waggaa torbaaf jeennata keessa ture, Itoophiyaan Kan lakkaa’uu eegalte erga Addam Jeennata keessaa ba’e malee guyyaa inni uumamee irraa miti jedhu, kunis garaagarummaa fide, jedhu.Sababni kun garuu baayyee fudhatama hin qabu.
4. Sababni biro immoo beekatuma Yihuudonni guyyaa faallessuuf akkas godhan jedhu.Guyyyaa dhaloota Kiristoos akka hin beekmne waan barbaadaniif.Isaan Masihii isa biraa eega jiru waan ta’ef,beekaa kitaabota irraa balleessan.Kun garuu Itiyoophiyaa keessaa baduu hin dandeenye.Kanaaf haalli lakkoofsa Itoophiyaa kan hin tutuqamnee fi isa sirrii dha jenne amanna.
Guduunfaa
Akkuma seensa irratti ibsuuf yaalletti, baruumsi galaana yaadaa baay’ee baldhaa fi kan yeroo fudhatanii gadi fageenyan ilaalani.Akka heeyyama Waaqayyootti immo nu seensaaf  xinneessine dhiheesine, dhiheessine. Jechootni isaas haaraa wan ta’anif xinnoo nama mamsiisu.Baldhinaan immoo kitaabota nu akka wabiitti itti fayyadamne kan armaan gadii bittanii itti fayyadamuu dandeessu.Kakaase kan nu jalqabsiise,, jalqabsiisees  kan nu xumursiise,Maqaan gooftaa haa ulfaatu,Kan hirdhate inni itti nuuf haa guutu.Ameen
Kitaabota Wabii
1. Abrahaam Xeenaawu (Dn.Eng.).2000. Abushahir; Lakkoofsa baraa kan Itiyoophiyaa Afaana Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana Maxxansa Gondar.Gondar.
2. Fikremariyam Waagawu (Melake mihret). 2003.Galaana Yaadaa:Afaan Amaariffaatiin kan dhihaate.Mana Maxxansa Burtukaanaa,Finfinnee.
3. Mezgebu sibhat.Kitaaba gaalee fi seerlugaa, Afaan Gi’iziitiin kan qophaa’e, Mana Maxxansa Qiddus Giiyoorgiis, Bahirdar
4. Yared Fanta Wolde Yohannis (Aleqaaa).2004.Bahire Hassab.Iccitii Hawaa fi Herregaa.Faar Iist Treeding.finfinnee.
5. Yaadannoowwan gara garaa yaa’iiwwan gara garaa irraa fudhatame.(Gondar)
Hagayya, 30,2004.
Yaada keessaniif:Waldaanahimiyaa@gmail.com
.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.