Sunday, August 19, 2012

WN007.Ayyaanota fi Kabaja Ayyaanaota Gurguddoo :Akka Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidootti


  
“Guyyaan Waaqayyo dhaabe isa kana,koottaa isatti ni gammadnaa, itti gammaduu keenyas ni dhageessifnaa.”(Macaafa Faarfannaa 118:24)
Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin!
Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo, guyyaa yeroo kaan irraa haala adda ta’een dabarsinuu dha. Guyyaan ayyaana, guyyaa gammachuu guyyaa kabajaa guyyaa  boqonnaa, guyyaa yaadannootis.Ayyaanonni hojiiwwan hafuuraatin, sooman, sagadaan, kabajamanis jiru. Jireenya bara baraa caalatti kan  itti yaadnuu fi itti yaadannuu dha. Kakuu moofa irraa eegalee Israa’eloonni ayyana gara garaa kabajaa akka turan barreeffamootni kitaaba qulqulluu Keessatti argaman dhugaa bahu.
Ayyaana kabajuun kan eegalames fedhii Waaqayyootiin akka ta’e Seera Uumamaa irraa ni hubanna.Waaqayyo guyyaa torbaffaa (sanbataa) hojii isaa hunda irraa booqate (Uma 2:1). Guyyaawwan jiran keessaa guyyaa adda ta’an ayyaanaa godhanii kabajuunis yeruma sana eegale. Kanaaf ayyaana kan eegale Waaqayyoo jechuu dha. Haala kanaan kakuu moofaa Keessatti ayyaanni jalqabaa guyyaa sanbataa xinnaa ture. Abboommii Muuseef kennaame irrattis guyyaa sanbata yaadadhu kan jedhame isuma. Dabalataanis kakuu moofaa Keessatti Yihudoonni ayyaana Fasikaa, Seewiit, Metsellet, guyyaa Malakataa, guyyaa haaromsa mana qulqullummaa, ayyaana Furiim fi ayyaanota biros kabajaa turan,kabajuu irrattis argamu. Yihuudonni ayyaana kan kabajan: Hojii foonii hojjechuu dhiisuudhaan ( Lew 23:3), aarsaa dhiheessuun (Lakk 28:9), gara mana qulqullummaa dhaquudhaan  fi kan kana fakkaataniini.
Kakuu Haaraa keessattis gooftaa Iyyasuus ayyaanota gara garaa kabajuuf gara Iyyeruusaaleem ba’aa akka ture barraa’ee jira. Fakkeenyaaf ayyaana Faasikaa kabajuuf  maatii isaa  wajjiin gara Iyyeruusaleem dhaqee achumatti akka hafe ibsameera(Luq 2:41).Wangeela Yohannis 2:13 irrattis gooftaan gara Iyyeruusaleem akka dhaqe ni ibsa.
Barreeffama kana Keessatti dhimmuma kana baay’ee gabaabsuudhaan, ayyaanota gurguddoo fi qannoonaa mana kiristaanaa Ortodoksiitiin akka kabajaman murtaa’an irratti xiyyeeffannoo goona. Isaanis sanbattan lamaan, ayyaana gooftaa Iyyasuus, ayyaana haadha keenyaa dubroo Maariyaamii fi ayyaana ergamaa Qulqulluu Mikaa’elaati.
Ayyaanota kana irraa kan hafan garuu qannoonaadhaan (seera dhoowwaa, ajaja, abboommii abbootaan) kan tumaman osoo hin taane, namni akkuma naannoo itti jiratuuttii fi fedhuma isaatiin fi araarsumma fi suga qulqulluu sana irraa argachuuf kabaja, yookaan immoo maqaa qulqulluu bataskaana itti tajaajilamuun  naannoo isaaatti argamuun kan kabajatuudha. Lakkoofsi ayyaanota akkanaas baay’edha. Akka ayyanota gurguddootti fi qannoonaatti garuu hin  lakkaawwaman, hojii itti hojjeechuunis hin dhoowwamne. Isaanis ji’a Keessatti kan yaadataman fakkeenyaaf: Lidetaa, Ba’aataa, Abboo, Sillaasee, Egzi’abheer-Aab, Kidaanemihretii, Isxifaanos, Gabr’eelii, Giyoorgisii, Takle-Haimaanot, Madanalemii,Yohaannisii  fi kan biros qannoonaan kan ajajaman osoo hin taane, maqaa isaaniitiin bataskaanni moggaafamee naannuma sanatti yaadatamu(ayyaneeffatamu).
Dhimma kana dursa kennuun kan barbaachise  ilaalcha dogongoraa horodoftoonni namootni kabaja ayyaana keenya irratti qabanii fi hordoftootuma Ortodoksii baa’yee birattis  kan qannoonaa fi qannoona hin taane haaluma tokkoon kabajuun waan muldhatuufi. Namootni baay’eenis wallaalummaa irraa kan ka’e hiyyummaa nutti kan fide kana jechuudhaan quba mana bataskaanaa keenyatti qabuu erga eegalanii bubbulanii jiru. Ayyanotni hunduu, akka dirqiitti akka kabajaman godhanii mana kiristaanaa keenya maqaa xureessuu kan barbaadanis jiru, keessumattuu shakkitoonni. Dhugaan jiru garuu adda. Ayyaanota gurguddoo Kiritsaanni Ortodoksii tokko dirqiitti kabajuu qabu kana mata duree afur jalatti qoodnee akka armaan gadiitti dhiheessinee jirra.
I.                  Sanbattan Lamaanii
“Warra sanbattan koo osoo hin xureessin eegan, kakuu koottis jabaatan hunduma immoo, ani gara tulluu koo isa qulqullaa’aatti ol nan baasa,mana kadhaa isa kan koo keessattis isaan nan gammachiisa” (Isa 56:6)
Sanbata guddaa fi sanbata xinnaan torban torbaniin kan yaadaman yoo ta’u Itoophiyaa dabalaatee biyyoota addunyaa hedduu keessattis mootummaadhaafis guyyaa ayyaanaati. Guyyoota lamaan kana midhaan irraa  soomuunis sagaduunis  dhoorkadha. Sanbata xinnaan sooman yaadatamtu waggaa Keessatti sanbata xinnaa jala bultii ayyaana du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus duratti argamtu qofa dha.
Haa ta’u malee sanbata guddaan sanbata Kiristaanaa waan taateef  guyyaa itti bataskaana dhaqnu,Wangeela dhageenyu, guyyaa gooftaa Iyyasuus gadaamessa haadha isaa keessa bule, itti dhalate,  guyyaa itti cuuphamee fi du’aa ka’e waan taateef adda fi kabaja guddaa qabdi. Hojii dadhabsiisoos yookaan hojii foonii itti hin hojjenu, hojii hafuuraatu itti raawwatama.Wangeela keessattis duuka bu’ootni,
“Sanbatni erga darbee jalqaba torbaniitti barii (gaafa sanbata guddaa,Maariyaan isheen magdalaa fi maariyaam isheen kaan awwalicha ilaaluu dhaqan”(Mat 28:1).kan jedhu sanbata guddaa ibsa.
Deebisees  Phaawuloos “Sanbata guddaa torbee dhumaa tokkoon tokkoon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu” jedha (1Qor 16:2).Sanbata Kiristanaas kabajuun kan jalqabame mana hadha Maarqoos ayyaana Pharaqlixoos booda akka ta’e abbootni Ortodoksii ni ibsu.Hayyootni yaa’ii Niiqiyaa irratti  seera tuman( 318) akkas jedhan
“Guyyaa sanbata guddaa ganamaa barraaqaan ka’i gara bataskaanaa deemi,yeroo deemtuus laphee kee olii fi gadi hin raasiin sa’aatii qiddaasee ishee qulqulleettiis,dhukkubbii, du’a, du’aa ka’uu gooftaas yaadadhuutii sodaadhaan dhaabadhu.” (Amantaa Abbootaa kan 318, Boq. 20:22) .
Guyyaa kana qotuun, bocuun, haamuun, facaasuun, daldaluun,dhaddacha irra ooluun,dhoowwadha.Bataskaana dhaquun sagalee Waaqaa dhagahuun ,Waaqa kadhachuunis hordofaa amantaa Ortodoksii tokkoof dirqiidha.kan hidhame hiiksisuu kan dhukkubsatee gaafachuu,kadhachuufiis ,gargaarun  barbaachisaa dha. Sanabta xinnaan garuu hojiiwwan hafuuraa akkasumas hojiiwwan hafuura hin taane kan  sasalphaa ta’an itti ni hojjetema. Fakkeenyaaf  gabaa bahuu ,bituu gurguruu,dallaa cimsuu,maasii keessaa aramaa baasuun hin  dhoowwamne. Sababni isaas kiristaanni sanbata yoo kabaju akka Yihudoonni kabajanitti akka hin kabajne yaa’ii Loodoqiyaa irratti dhoowwamee jira waan ta’eefi.
“Sanbatatu namaaf umame malee namni sanbataaf hin uumamne egaa ilmi namaa sanbata irrtti iyyuu goofta dha” (Mar 2:27)
akkuma jedhe fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos  namni gooftaa sanbataati. Kanaaf namni beela’e guyyaa sanbata kanas ta’u midhaan daakame mana yoo hin qabaatne, guyyuma sanaaf daakkate nyaachu, kan ittiin bilcheeffatus yoo dhabe, muka guuree guyyuma sanatti nyaachuun cubbuu hin qabu,ilmi namaa kabajamaa dha waan ta’eef, sanbata diiguus miti, kunis kabaja ilmi namaa sanbata irrati qabu akka ibsu agarsiisa. Kanaaf lubootnis waan kana irratti hordoftoota irratti ba’aa adda ta’e fe’anii namni kiristaanummaa akka hin nuffine of eeggannoo gochuu akka qaban abbootni ni ibsu.
II. Ayyaana Gooftaa Iyyasuus Kiristoos
Dinqiiwwan gurguddoo, Adeemsa fayyisuu fi nama ta’uu gooftaa Iyyasuus kan sirritti ibsanii fi waggaa guutuu nu yaadachiisanii dha. Ayyaana kana manni Kiristaana Ortodoksii Tawaahidoo yeroo hunda osoo wal irraa hin citin waan kabajjuuf, barreeffamoota Wangeela Keessatti argaman gochaan agarsiifti. Waggaa Keessatti Ayyaannii gooftaa Iyyasuus gurguddoo kan jedhaman lakkoofsan sagal yoo ta’an, ayyaanota xixinoonis immoo sagal akka ta’an manni kirtaana Ortodoksii ni barsifti.Ayyaanota gurguddoo gooftaa Iyyasus gurguddoo Saglan akka arman gadiitti dhiheessinee jirra.
1. Guyyaa  gooftaan Foon Uffachuun gadaamessa Maariyaamii keessa bule: Kun guyyaa dhiira malee dubroo Maariyaamiin Hafuura Qulqulluun ulfoofte argamte, guyyaa  gooftaa Iyyasuus ulfa guyyaa jalqabaa ta’ee gadaamessa haadha isaa dubroo Maariyaamii keessa bule dha. Bitootessa 29 manni kirstaanaa Ortodoksii ni kabajji, ni ayyaaneffatti. Kunis akkuma ergamaan Gabr’eeliin ni ulfoofta, ilmas ni deessa jedheen battalluma jecha ergamaa booda kan ta’e dha. (Luq 1:31).
2. Guyyaa Dhaloota Iyyasuus Kiristoos (Gannaa): Kunis gooftaa Iyyasuus  Beeteliheem kutaa biyya Yihudaa keessaatii  iddoo bultii looniitti dhalate dha .(Luq 2:7;Mat 2:6) .Yeroo mara  Muddee 29 kabajama. Jabana Yohannis immoo Muddee 28 kabajama. Beetelehimeetti dhalachuu gooftaa ilaalchisee caaffatni:
“Ati yaa Beeteliheem ishee biyya Yihudaa keessaa,ati mandaroota Yihudaa hunduma irra hin xinnaattu,si keessa kan mo’u tokko,saba koo Israa’eliin kan bulchu ni ba’a”  kan jedhus ni raawwatame (Mik 5:2,Mat :6).
Guyyaa kana ergamootni Waaqayyoos
“Hooqubaan Waaqayyoof samii gubbaatti,nagaaniis namoota Waaqayyo itti gammadanuuf lafa irratti “ jedhanii galateeffatan.Tiksoonnis akkasuma  faarfatan(Luq 2:13)
Ogeeyyiin urjii lakkaa’an immoo ba’a biftuutii dhufanii ni sagadaniif, saanduqa isaanii bananiis harka fuudha, warqee ixaanaa fi qumbii kennaniif (Mat 2:11) Gooftaa Iyyasuus mooraa loonii Keessatti dhalachuun isaa gadi of qabuuf, isinis lafa kana irra yoo jiraattan gadi of qabaa jechuu barbaadeti. Yeroo inni dhalatutti wanta ergamootan ta’e kan tiksoonnis godhan, haatii isaa Maariyaamiin dubbii kana garaatti qabatte, itti yaaddi turte (Luq 2:19).
3. Ayyaana Cuuphaa: Ayyaannii cuuphaa, keessaattu haala adda ta’een mana kiristaanaa keenyatti kan kabajamu, guyyaa gooftaan Iyyasuus Kiristoos laga Yordanositti harka Yohannistti cuuphame yaadachuu fi.Yeroo gooftaa Iyyasuus cuuphamus
“Samiin banamee Hafuurri qulqulluun bifa guuggeetiin muldhatee irra bu’e,sagaleenis samii irraa akka dubbate,ati ilma koo isa jaalatamaa dha, gamachuun koos sitti ni raawwatama”  kan jedhu ni dhagahame(Luq 3:21).Gooftaan waggaa 30 tti(Luq 2:23)  cuuphame.(Mat 3:17)
Gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos raajiiwwan himamaa turan raawwachuuf, nuuf fakkeenya ta’uuf, bishaan eebbisuuf akkasuma cuuphaaf humna ta’uuf Yordaanositti cuuphame. Iyyasuus Kiristoos harka Yohaannisitti cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Yoordaanositti dhufuu isaa agarsiisuuf guyyaa ayyaana cuuphaa kana taabotni teessoo isaanirraa ka’anii lafa bishaan jiru bulu (Mat3:13). Ayyaannii cuuphaas yeroo hunda kan kabajamu Amajjii 11.Ayyaannii cuuphaa kun guyyaa Roobii ykn guyyaa Jimaataa irra yoo oole hin soomamu. Kunis kabaja gooftaa fi ayyanichi kabajni isaa hammam guddaa akka ta’e ibsuu fi.
4. Ayyaana Buhee (Dabra-Taabor): Ayyaannii kun Hagayya 13 yeroo mara kan kabajamu yoo ta’u sababni isaas gooftaa Iyyasuus gaara Taabor irratti duuka bu’oota keessaa Pheexros,Yaaqoobii fi Yohaannis akkasumas abboota kakuu moofa keessa turan kan yeroo sanatti du’aan addunya irraa booqate Muusee fi kan lafa kana irraa fooniin fudhatame Eeliyaas kaasuudhaan wajjin haasa’e. Waaqummaa isaas itti ibse dha. Gaara Taabor irratti qulqulloota kanaaf bifa ulfina isaatiin itti muldhate, fuulli isaas akka biiftuu ife, uffatni isaas akka cabbii addaate balaqqise. Tasa duumessis ni haaguuge, sagaleenis samii irraa ni dhagahame
“kun ilma koo isa ani jaaladhu,gammachuun koos isatti ni raawwatama,isa dhagahaa” (Mat 17:5)kan jedhu ni dhagahame iftis ni ta’e. Guyyaa kana gooftaa Iyyasuus Waaqummaa isaa ni ibse.
Akka manni Ortodoksii Tawaahidoo hiiktee barsiiftuttii, yeroo ifti ta’u dukkaanaa’uun isaa waan hin baramneef tiksoonni naannoo sana manatti galuu turan, yeroo kana warri isaanii ijoolleen keenya maal ta’an jedhanii daabboo tolchaniifii harkatti fudhatanii barbaada dhaqan,dhaqnaanis ijoollee isaanii nagaan argatan kan jedhu dha. Haaluma kanaan akka aadaatti guyyaa buhee ijoolledhaaf bixxilleen ni tolfama, bixxilletu nyaatama,sagalee dhagahame sana ibsuuf immoo ijoolleen qancee dhukaasu.
5. Ayyaana Hosaa’inaa: Hosaa’inaa jechuun qoricha jechuudha.
Iyyasuus harree fi ilmoo harree irra taa’ee gara Iyyeruusalemitti ulfinaan seene. Yeoo sana namootni  uffata ofii kuun immoo dame baala qabu lafa irra fifirsanii afaniif(zanbaabaa). Guyyaa kana gooftaa Iyyasuus gara mana qulqullummaa seenuudhaan namoota mana qulqullummaa Keessatti calla geggeeddaranii fi taa’umsa warra gugee gurguranii gadi gagagalche,
“Manni koo mana kadhataa ti jedhamee ni waammama, isin garuu mana hattuu isa godhattan isaanin jedhe. (Matat 21:13)
Ijoollen mana qulqullummaa keessa turanis sagalee isaanii ol fuudhanii “Hosaa’inaa ilma Daawitiif” jedhan. Mucoolii fi daa’imman akka si galateeffatan goote jedhamee kan bara’es ni raawwate(Far 8:2).Guyyaa kana namootnis akkuma faarsaa Daawitiin ni himame, “Hosaa’inaa ilma Daawitiif, inni maqaa Waaqayyoo gooftatiin dhufu galateeffamaa dha.hosaa’inaa ol waaqa gubbaatti” (Mat 21:9 akkasumas Far 118:26).  Kanaaf ayyaanni kun yoo kabajamu, baala muka zanbaaba mataatti godhatu, addatti hidhatu qubaarrati kaawwatu. Fafarafannan gara garaas itti dhagahama. Guyyaa kana torban ‘Himamaatii’  keessa nama du’e lubootaan hiikuun waan hin jirreef kadhaan torban sanaas guyyuma kanatti raawwata.
6. Guyyaa gooftaa Iyyasuus itti fannifame: Ayyaannii kun sagadaa fi kadhannaa guddaadhaan kan kabajamuu gooftaa Iyyasuus ilma namaatiif jedhee guyyaa fannoo irra oole yaadchuu fi guyyaa inni fannoo irratti lubbuu isaa jaalala dhala namaatiif jedhee dabarsee itti kenne waan ta’eef, haala guddaadhaan kabajama.Guyyaa gooftaan addunyaadhaaf aarsaa of godhee itti of qopheesse yaadachuuf kabajama.
Guyyaa kana guyyaa guutuu sa’aatii sa’aatiidhaan ni sagadama,dubbisniwwan dhagahamanis gadadoo rakkina, fi dadhabbii  gooftaa kan ibsan, dadhabbii fi reebamuu  isaa kan ibsani, dhiigni nuuf dhangala’uu isaa kan ibsaanii fi kan biros ni jiru.Kan kabajamus yeroo mara guyyaa Jimaataati. Dhuma irrattis hordoftoonni amantichaa cubbuu torban sana keessa hojjetan lubatti ni himatu.Lubootnis baala ejersaatiin dugda ni rukutu, akka sagadanis ni ajaju.kunis fakkeenya abboommii fi ajajamuu ti.
7. Ayyaana Du’aa ka’uu Goofta Iyyasuus: Ayyaanni kunis gooftaa Iyyasuus erga awwaalamee booda, awwaala naaf banaa kafanii naaf hiikaa osoo hin jedhin  du’a moo’atee ni ka’e, ilkee du’aas ni cabse. Du’a jalaa walaba nu baase waan ta’eef gammachuu guddaadhaan kabajama. “Homtuu lubbuu koo na duraa hin fudhatu anumatu ofii kootiin kenna malee” akkuma jedhe(Yoh 10:17). Ayyannii du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus Kiristaanota hundaaf akka guyyaa walabummaa fi injifannootti fudhamatma. Nagaa  walgaaffiin torban kana keessaas ‘Kiristoos du’aa k’e’, kan jedhu yoo t’u namootni deebisanis “Eeyyen dhugumaan ka’e” jedhanii deebisu.
Guyyaa kana soomnis ni hiikkata.Guyya kanarraa hanga guyyaa 50 ffaa soomni wayiituu guyyaa Roobii fi Jimaatas dabalatee hin jiru.Sagaduunis dhoowwadha, guyyoota gammachuu waan ta’aniif. Namootnis gammachuun waliin dabarsu malee kophaa nyaachun dhorkadha .Qiddaaseen halkan sa’aatii 6 eegalee sa’aatii 9 itti raawwatama.Gooftaan halkan qixxee sa’aatii 6 tti du’aa ka’e waan ta’eef.
8. Ayyaana ol fudhatamuu (ol ba’uu): Kun immoo gooftaa Iyyasuus guyyaa 40 booda bakka mootummaa isaatti akka fudhatame kan ibsu dha.Gara Abbaa isaatti ol fudhatame. Erga du’aa ka’ee booda hanga guyyaa 40 kana keessattis duuka buutota isaa barsiisa ture.kitaaba irrattis
“Dubbii kana dubbates otuma isaan ilaalanuu gara Waaqatti ol fudhatame, duumessi isa simate ija isaanii duras ni dhoksee” (Hojii duuka bu’ootaa 1:9)
Akkuma Isxiifaanos  “kunoo ani bantiiwwan waaqaa banamanii ilmi namaas gara mirga Waaqayyoo dhaabate nan arga” jedhe (Hojii duuka bu’ootaa 7:57) gara abbaa isaatti ol fudhatame. Guyaan kun kan kabajamu ayyana du’aa ka’uu gooftaa irraa guyyaa 40 irratti yoo ta’u yeroo mara guyyaa kamisaa irra oola. Ayaanni kun halkan guutuu kadhaadhan yaadatama, hordoftoota amantaa biratti garuu itti qophiin mana keessaa bay’ee hin muldhatu.
9. Ayyaana Pharaqlixoos: Pheenxeqostee jedhames beekkama. Guyyaa shantammaffaa jechuu dha afaan Giriikitiin. Guyyaan Kun guyyaa Hafuurri qulqulluun itti bu’e dha, duuka bu’ootni isaas kan jabina itti argataniidha, Afaan addunyaa heddus itti dubbatani dha. Pharaqlixoos jechuun immo cinaa kan dhaabatu, kan jajjabeessu, kan nama gargaaru jechaa dha, kitaaba Qulqulluu irrattis akanatti barraa’e
“Dingata huursan Waaqa irra akka bubbee bubbisutti dhagahamee, manicha isaan kessa jiranis guute” jedhameera.
Guyyaan kun guyyaa dhaloota mana kirsitaana ti jedhuun abbootni. Lallaba Pheexroos dhagahanii namootni kuma sadi guyyaa sanatti cuuphamaniiru (Hojii duuka bu’ootaa 2:14)
Egaa kuniin ayyanota gurguddoo akka kabajnuuf abboomame malee ayyaanonni xixinnoon biros ni jiru. Dabalataanis ji’a ji’aan guyyaa 29 ffaa dhaloota gooftaa Iyyasuus yaadachuudhaan akka kabajamu abbootni qannoonaadhaan abboomanii jiru. Ayyaanota gooftaa  keessa biyya keenyaatti haala guddadhaan kan kabajamu  ayyana Masqalaati. Ummata Oromoo birattis “Masqala mootii ayyaanaa”  jedhama. Waa’ee ayaana masqalaa naannoo ayyanichaatti mata duree guutuudhaan fannoon wal qabsiifne dhiheessina.
III.Ayyaana Dubro Maariyaamii
Ayyaanni dubroo Maariyaamii waluma galatti baay’inaan 33 ta’us guyyaan kun hundi akka qannoonaatti kabajama jechuu miti. Akka qannoonaatti ayyanni dubroo maariyaamii ji’a ji’aan osoo addaan hin citin guyyaa 21 irratti ni yaadatama. Haa ta’u malee ayyaanota waggaa gurgoddoo kan ta’an shantu jira .Isheenis namni yoo danda’e ayyana 33 akka yaadatu,yoo sanas kabajuu dadhabe immoo ayyaanota shanan akka kabajuuf  kitaaba Dinqii Maariyaamii irratti  barreeffameera. Isaanis
1. Guyyaa Dhaloota ishee:( Caamsaa 1.) Warri dhihaa garuu fulbaana 8 kabaju.
Kun immoo guyyaa giiftiin keenya dubroo Maariyaamiin haadha ishee Haannaa fi abba ishee Iyyaaqeem irraa gaara Libanonitti dhalattedha. Dinqii isheen gadaamessa Haannaa keessa yemmuu jirtutti gootuu irraa kan ka’e Yihudoonni itti hinaafanii akka manatti hin dhalanne godhan, haati ishees bosona gaara Libaanos Keessatti deesse.Solomoonis akkana jedhee faarfate,
“Yaa kaadhimaa koo libaanonii ka’ii na bira koottu,libaanonii ka’ii na bira ga’i,roggee tulluu Amaanaa irraa,roggee tulluu Siinaarii fii Heermoon irraa, iddoo boolli leencotaa jiru, tulloota qeerransaa irraas gadi bu’i” (Macaafa weedduu weedduu caalu 4:8)
Isaayyaasis “Hidda Iseey keessaa latiin ni ba’ee ija ni godhata, hafuurri Waaqayyoo isa irra ni buufata, innis hafuura ogummaatii fi hafuura ogummaati, akkuma galaanni bishaanin guutu, lafti beekumsa waaayyootin ni guuta” (Isa 11:1).
2. Ba’aataa : Guyyaa gara mana qulqullumaa itti galte dha. Muddee 3 kabajama.
3. Guyyaa Waadaa dhiifamaa itti fudhatte: Haatii gooftaa Iyyasuus adda waan taateef kakuu adda ta’etu kennameef .Guyaan kun guyyaa gooftaan haadha isaatiif Geetesemaanitti argamee waada galeefidha. Kunis Guraandhala 16 yaadatama. Nama maqaa ishee yaadatuuf, yadannoo ishees godhu, araarsummaa isheetti amanau Waaqayyo dhiifama akka godhuuf waada galeefi jira.
4. Guyyaa Itti Booqatte:  Amajjii 21, waggaa 64 itti addunya kana irraa booqatte. Duuka bu’ootni foon ishee awwaaluuf yemmuu deeman Yihudoonni ‘isheenis immoo akka ilma isheetti du’aa ni kaati jedhanii hinaafanii akka hin awwaalle dhoorkan. Sana booda  foon ishee ergamootni fuudhannii karra jeennata dura teessisan. Haa ta’u malee booda foon ishii argatanii kadhaadhan deebisanii awwaalanii jiru, isheenis du’aa akkuma ilma ishee kaate jirti. Duuti ishee Amajjii,awwaallii ishee immoo Hagayya.
5. Guyyaa Du’aa ka’uumsa ishee: Guyyaa dubroo Maariyaamiin du’aa kaate dha.Hgayya 16 kabajama. Barreeffama guutuu kanaa (WN006 Mata duree sooma filchataa jedhu jala ilaalaa)
“Yaa Waaqayyo ati gara iddoo boqonnaa keetti ka’i ,taabotni kakuu inni aangoo kee muldhisus si wajjin haa dhaqu”(Far 132:8)
Ayyaannii dubroo maariyaamii kaatolikoota roomaa birattis ni kabajama.
IV.Ayyaana Ergamootaa
Akkuma dhala namaa keessaa qannoonaadhaan ayyaannii Dubroo Maariyaamii qofti akka kabajamu ta’e,ergamoota keessaayis ayyaanni qannoonaadhaan kabajamu kan Quluqulluu Mikaa’eelqofa. Innis dursaa qulqulloota hundaa waan ta’eefi, kabaja qabu ibsuufi. Kan kabajamus ji’a ji’aan guyyaa 12ffaa  irratti. Kanneen ergamoota biro garuu akka qannoonaatti kan taa’e miti, haa ta’u malee namootni akkuma naannoo isaanitti maqaa bataskaanaa isaan ittiin waamamanii Keessatti ni kabaju, keessattu yemmuu ayyana waggaa isaanii.
Guduunfaa
Akkuma kana olitti ibsine barreeffama kana Keessatti ayyanota gurguddoo qannoonaadhaan abboomaman irrati xiyyeeffanne.Kunis kiristaanni tokko wagga keessatti kan dirqiidhaan yaadachuu fi kabajuu qabu dha. kan kana irraa hafan garuu akkuma naannootti, maqaa qulqulluu sanatiin kabajama malee abboommiin miti,fedhaan kabajama jechaa dha. Kanaaf namoota ilaalcha dogongoraa qabaniif deebi gaarii ni ta’a jenne amanna. Manni Ortodoksii ayyaanotuma hunda hojii dhiisaa kabajaa hin jettu.Guyyuma ayyaana qannoonaan kabajaniituu,namni hojii geeddara malee hojii dhiisa jjechuus miti. Hinumaayyuu namootni tokko tokko,wagga guutuu ayyaana itti fakkaata, kanaaf hiyyoomne jedhu, kun garuu soba.Qulqullootni lakkoofsaan kumaatama ta’anis kan hundaatu hojii dhiisuun kabajama jechuu miti,dirqiis miti, garuu waggaa hanga waggaatti ni yaadatamu. Kanaaf ayyanota waggaa kan gooftaa Iyyasuusii fi kan haadha isaa irraa kan hafe, fi sanbattan lamaan irraa kan hafe ji’a Keessatti guyyaa sadi qofatu dabalama. Isaanis Mikaa’ela( 12), Maariyaamii (21) fi Ayyaana dhaloota gooftaa Iyyasuus (29) tti. Kan kanarraa hafe garuu qannoonaa(ajaja dhoowwaa) miti. Kanaaf namoota guyyaa 365 ayyana kabajju jedhaniif lakki akkas miti jechuun barbachisaa dha.Seerri jirus kanuma.
Ayyaanonni gammchuun, batasaana dhaquun, dhiifama gochuun, cubbuu irraa dheessun kabajamu. Ayyaanonni soomaa fi kadhan kabajamnis jiru,fakkeenyaaf guyyaa gooftaan itti fannifame kabajnu. Hojii dadhabsiisoo dhiisuun kabajamus ,faayidaan ayyaana kabajuu  baay’ee dha. Suga fi sifa irraa argachuufi, Waaqa kadhachuuf, tokkumma cimsuuf, booqachuuf gargaaru. Ajaja Waaqayyoos kan ittin eegnu dha.Hunduma keenya ayyaanota kana kabajnee kan ittiin eebbifamnu nu haa godhu.Kakaasee kan nu jalqabsiise, jalqabsiisees kan nu xumursiise, Maqaan gooftaa fi fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos haa ulfaatu. Kadhaan Qulqullootaa nu waliin haa ta’u.Tikni ergamtoota Waaqayyoos nu bira hin dhabamin.Kan nu hirdhisne, Waaqayyo itti nuuf haa guutu.Kan jaldhates inni nuuf haa sirreessu.Ameen!
Kitaabota Wabii
1.Birhaanuu Admaas (Dn)(2002). Ayyaanota: Maal,Maaliif,Akkamitti, Afaan Amaariffatiin kan qophaa’e, Mana Maxxansa Meeggaa, Finfinnee.
2. Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3. Mana Maxxansa Tasfaa Gabresillaasee (1982):  Amantaa Abbootaa Afaan Gi’izii fi Amariffaan kan qophaa’e, Finfinnee
4. Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Haimanot, Finfinne
5.Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti barreeffamee, qubee laatiiniitin barreeffame.
7. Barreeffamoota gara, garaa fi barnoota abbootaa irraa, kan guyyaa ayyaanaa, barnoota Awude-Mihretii irraa)




No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.