Saturday, June 8, 2013

WN.012. Iccitii Torban Mana Kiristaanaa: Seensa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Dn. Tolawaaq Habtaamuutiin(Yuunivaristii Jimmaa irraa)
Seensa
Waaqayyoon  uummamtoota  yeroo uumerraa  jalqabee  ilma  namaatiif  haala   garagaraatiin mul’achaa  fi icciitii (kennaa) isaa  raabsaa  tureera  ammas  itti fufa. Kakuu  moofaatti  raajotarra  bulee uummata  isaa  eegaa, sooraa  ture. Kakuu  haaratti  tokkicha  ilmasaa erguun  jaalala  guddaa  nuuf  laate. Gooftaan  keenya  hanga dhuma  addunyaatti  sin  wajjiinan  ta’a  jedhee  erga  samiitti ol-bahee  booda gaafa  guyyaa 10ffaa  Hafuura  Qulqulluu  jajjabinaa  nuuf  ergeera.
Hafuurri  qulqulluunis  barabaraaf  bataskaanarra  bulee kennaa  garagaraa  ilma  namaaf  kennaa jiraata. Kanaaf, manni kiristiyaanaa mana  kuusaa  kenna  jedhamtee  beekamti. (1Qor 12:4-7,   Efe 4:5-7,   Rom 12:6-7)
Icciitiin  torbaan  mana  amantaa  kunis  karaalee  kennaa, suuga Waaqayyoo  garagaraa  ittiin argannuudha.
Isaaanis:
1. Icciitii  Cuuphaa                                             5.Icciitii  Takliilii
2. Icciitii  Meeroonii                                           6.Icciitii  Gaabbii
3. Icciitii  Qurbaanaa                                          7.Icciitii  Qandiiliii
4. Icciitii  Luubummaa
Icciitiitoota kan  jalqabee fi kan  laatu  Iyyasuus Kiristoosi. Kitaabni  Qulqulluun  kana  yoo  barsiisu, haala raawwii fi heerota  isaanii  kan  nutti  himu kitaaba heerotaati. Iccitiin  barbaachisummaan  isaanii dirqama  ta’anii fi  mootummaa  Waaqayyoo  nu  dhaalchisan  sadi.
1. Icciitii  Cuuphaa
2. Icciitii  Meeronii
3. Icciitii Qurbaanaa (foonii fi dhiiga Gooftaa)ti.
Kanneen,hafan akka barbaachisummaa  isaaniitti raawwatamu.
Kan  irra  dedeebi’amu
Kan  irra  hin  dedeebi’amne
Icciitii  Qurbaanaa
Icciitii  Cuuphaa
Icciitii  gaabbii(qalbii jijjiirannaa)
Icciitii  Meeroonii
Icciitii  Qandiilii
Icciitii  Lubummaa

Icciitii  Takliilii

Hub:- Meerooniin dibannaan ni deddeebi’a, garuu  tajaajilli  isaa waan  gara garaaf  waan  ta’eef  irra  hin deebi’amu. Meeshaalee  qulqullaa’oo  kabajuuf  ni deddeebi’ama.
Iccitiiwwan mana Kiristaanaa maaliif icciitii jedhaman?  Maaf torba ta’an?
Icciitii:-dhokataa, ifa kan hin taane, namoota muraasaan beekamu yoo ta’u:-
  •   Namoota hin amanneef dhokataa, namoota xiqqoo (muraasa) filatamaniif beekama.
  •   Daa’immaniif  kan  hin  himamne/kiristaanota  reefu  amananiif  kan hin himamne
  •   Sammmuudhaan ol-kan ta’ee fi qaamota miiraan  hubachuu kan hin danda’amne.
  •   Namoota  amananiif  kiristaanotaaf qofa  kan raawwatamu.
  • Namoota sammuuun daa’ima (ahizaabootaa ykn ormootaa) ta’aniif  hin raawwatamne.
  •  Tajaajila mul’atuun  kennaa  hin mul’anne  waan  laataniif.
Gabaabummatti  icciitii  kan  jedhamaniif.
a)     Kan amananiif  qofa  waan  raawwatamuuf  (laatamuuf)
b)    Kan ijaan mul’atu, kan harkaan  tuqamuu (rirriitamu), kan dhagahamuun, wanti  guddaan  yemmuu hojii hafuuraatiin  geeddaramu  waan  hin  mul’anneef,
c)     Tajaajila mul’atuun, dhagahamuun, tutuqamuun, kennaan (sugni) hafuurawaa yemmuu laatamu kan hin mul’anne ,kan hin dhagahamne fi hin tuttuqamne ta’uu isaati.
                                “Maaliif torba ta’an?”
Akka aadaa ibrootaatti lakkoofsi torba mallattoo gonkummaa waan ta’eefi. Aadaan kun bataskaana keenya keessatti ni mul’ata. Waaqayyoon kennaa (suga) gonkummaa (hir’ina hin qabne) siniif laadhe,r aabse yemmuu jedhu torba taasise. Kunis kitaaba qulqulluun ibsameera.
Fakkeenya wanta lakkoofsa Torban waamamanii Kitaaba Qulqulluu Irraa:
1) Samiiwwan torbaan
Guyyaa sanbataa- guddaa (Dilbataa) uumaman.Kitaaba Aksiimaaroos dubbisaa.
Isa 66:1”samiin teessoo kooti….”
Isaanis Iyyoor, Raamaa, Erer, Iyyaruusaalem ishe samiirraa, Galma Aariyaam,  Samii Wudud fi  fi Teessoo Mootummaa (waaqayyoo).
Angafoota (dura bu’oota) Ergamoota torban( Irb1:14)
Mikaa’ela, Gabreelii, Rufaa’eel, Faanu’eel, Raagu’eel, Saaqu’eel, fi Afniin
3) Guyyoota Torbanii: ( Uma1:4).  Waaqayyoon gaafa guyyaa torbaaffaa hojii Isaa hundarraa Booqate.
5) Yeroo kadhannaa torban:  (Fil 4:4-6, Far 118:164)
6) Ayyaana Ayihuudotaa torban:  (Lew 23:2-25, Asteer 9:16)
7). Soomii (laguu) torban: isaanis Sooma Guddicha,                                                                Sooma Raajotaa (qillee), Soooma Nanawee, Sooma Gaadii (jalabultii ayyaana cuuphaa),  Sooma Fayyinaa (Roobii fi Jimaataa)                                 Sooma Duuka bu’ootaa, Sooma Filchataa (du’aaka’uu Qulqulleettii Maariyaamii)

Waa’een icciitii torbanii jalqabumaa kakuu moofaa keessatti ibsameera.
Fak. 9:1 “Oogummaan(gamni) mana ishee ijaarratte,utubaa torbas dhaabbatte.”kan jedhu
Ogummaan: -fayyisaan Addunyaa Iyyasuus  Kiristoosiin.
Manni:- dhiigasaan kan bite bataskaanaan.
Utubaan torba:- icciitii torban mana kiristaanaan fakkeeffama.
Utubaan dhaaba fi darabaa (baaxii) utubee akkuma qabu, icciitiin torban ammo Doogmaa fi Qaannoonaa (madaallii)  (bu’uura mana amantaa) kan ta’an cimsanii jiraachisuu.
Hubachiisa. Akka hojii Waaqayyootti kennaan namaaf laatamu torba qofa jechuu osoo hin taane kunniin akka dureetti ta’anii kan biraaf kennaa hedduu nuuf laacha jiraatu jechuudha. (1Qor. 12:4-6, Efe.4:4, , Rom. 12:6,Yoh.3:8)  Afuurri Qulqulluun tokko kennaan garuu garagaraa.
Icciitiiwwaan torban kun mana kiristiyaanaa biroo keesatti hin argaman; jiraatanis guutuu miti.
Hojiin fayyisuu Waaqayyoo guyyaa jimaataa al tokko kan raawwate yoo ta’u kennaan fayyummaasaa yeroo yeroon dhaloota ka’uuf kan ga’u lallaba wangeelaa fi icciitii raawwachuuni (dadarbaan).
Itti fufa…………………………………