Friday, June 29, 2012

WN002 Iccitii Utubaawwan Shananii


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin Ameen!


“Afaan hin beekamneen sagalee kuma kudhan dubbachuurra, warra kaan barsiisuudhaaaf qalbii kootiin sagalee hiikaa qaban shan duwwaa dubbachuu nan jaaladha”1Qor 14:19

Ergaa Phaawuloos kana hubattaniittuu? Jechi “sagalee shan’’ jedhu maal  akka ibsu hoo? Deebiin isaa akka abbootni amantaa Ortodooksii hoogganaa turan fi Qulqullootni Hafuuraan hiikaniin kunoo akka armaan gadiitti gabaabsinee Dhiyeessineerra. Waaqayyoo laphee ittiin hubannu nuuf yaa ibsu. Dogongorri jechootaa yoo uumame nu hoofkalchaa.

Jechi sagalee (Dubbiiwwan shan) jedhu kan ibsu bu’uura amantaa kan ta’an Iccitiiwwan shan akka jiran beeksisuufi.


2. Iccitii Utubaawwan Shananii


Kiristaanni tokko duraan dursee amantaa kiristaanumma keessatti wantoota sadarkaa duraatti beekuu qabu keessa amantichaaf bu’uura/utubaa kan ta’an iccitiiwwan shanan beekuun dirqama itti ta’a. Namni gara amantaa kiristaanaatti dhufu tokkos amanticha fudhatee cuuphamuun dura Iccitiiwwan kana shanan qulleessee beeku qaba. Akka ergaa Phaawuloos keessatti caqasameen, “Akka ayyaana Waaqayyoo biraa anaaf kennametti akka nama mana ijaaruu beekuttis hundee manni irratti ijaaramu kaa’eera” 1Qor.3:10. Kunis manni hundeen isaa gadi hin fagaanne, weerartoota guyyaa fi hattuu halkanii jalaa hin ba’u waan ta’eef. Iccitiiwwan kunniin utubaa amantaati. Mana tokko utubaatu dhaaba. Manni Utubaa hin qabne akkuma bubbeetiin salphaatti fudhatamu, akkasumas , namni icitiiwwan kana shanan sirriitti qulqulleesse/adda baasee sirriitti hin beeknees, yoosuu barnoota sobaatiin lapheen isaa salphaatti fudhatama. Hundeen isaa waan hin jabannef  jechuudha. Icitiiwwan kunniin Kan Waaqayyoo namootni akka sirriitti waa’ee isaa hubataniif ibseedha. Isaaniis:

1. Iccitii Sadumma/Sillaasee

2. Iccitii Nama Ta’uu/Foon Uffachuu/Siggaawee/

3. Iccittii Cuuphaa

4. Iccitii Qurbaanaa

5. Iccitii Du’aa ka’uu ti

Maalummaa icitiiwwan kanaa gabaabsinee kunoo akka amantaan Ortodooksii barsiiftutti dhiyeesssineerra. Isinis lamaa sadi irra deddeebitanii dubbisuudhaan, baafata kitaaba qulqulluu keessa kanneen wal-qabatan luqisawwan(xiqs) yaada sanan wal qabatee ka’e akka Kitaaba Qulqulluu irraa dubbiftanii qo’attan isin adhanna.Wantootni isinii hin galle yoo jiraataan immoo abboota amantaa Ortodooksii dhiheenya keessanitti argaman akka gaafattan isin hubachiifna. Haaluma kanaan akka fedhiifi jaalala Waaqayyootti iccitiiwwan kana shanan tokko tokkon akka armaan gadiitti ilaalla.

1.     Iccitii Sadummaa/Sillasee


Icitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii Sadummaati. Akkuma qulqulluu Qeerloos “hunduma dura Jireenya sadummaa ibsina” jedhe. Waaqayyoo durumaan dursee yeruma nama uumu qaamni isaa tokko ol ta’uu isaa jalqabumarraa kakuu moofaa keessatti yeroo nama uumu ibseera.

“Koottaa akka bifa keenyaatti akka fakkeenya keenyaattis nama ni uumna” Uma. 1:26. Jechi ‘koottaa’,’ ni uumna’, ‘keenya’ jedhu qaamni Waaqayyoo tokko ol ta’uu isaa mul’isa.

Waaqayyo tokko dha; qamni isaa garuu sadii dha. Isaaniis Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluudha. Nuttis Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni akkanaa kunis iccitii sadummaa (Sillaasee) jedhama.

Waaqa tokko yoo jennuu:

Uumuudhaan, jireenyaan, taayitaadhaan, ‘malakootiidhaan’ (kan hin dune) ta’uudhaan tokko jechuudha. Sillaaseen kabajan wal hin caalaan; umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaa keessa Abbaanis  Ana keessa akka jiru hin amantuu ree?” jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko; Yoh 14:10

Sadii yoo jennu ammo:

A)  Maqaadhaan:

Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu dha (Mat 28:19 “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Hafuura Qualqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.

B)   Qaamaan:

Abbaa, Ilmii fi Hafuurri Qulqullun Qaama kophaatti of danda’e guutummaa guutuuti sadiidha malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti. Qaamaa sadii yoo jennu ammo akka qaama namaa miti.Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas; xinnaadhaas; kan tortorudhas. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti. Ardii fi samii irratti, qillensaa fi gad fageenya keessatti kan guute, bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati.

C)  Gochaan :  

Gochaan yoo jennu Abbaan ni dhalche, Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaa kanatti erge, Ilmi (Iyyasuus) immoo ni dhalate, ni ergame. Hafuurrii Qulqulluun Immoo Abbaa irraa bahe/argame. Ilmaan wal qixxee tahe; Abbaa irraa bahe (Afaan Gi’iziitiin Seretsee jedha”) jenna. Kan erges, kan ergames immoo heeyyamuma Abbaatiin, heeyyama Ilammtiinis malee dirqamaan miti.

Kana yoo jennu Ilmi Abbaarra dhalatee yoo jennuu, Hafuurri Qulqulluunis Abbaa Irraa bahe yoo jennu  wal hindursan. Akka Ilmi namaa Abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, Akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun sadummaa akkas miti. Kun yeruma tokkotti kan ta’ee dha.Yeroon kun itti ta’es hin safaramu, sammuun namaatiinis bira hin ga’amu. Waaqayyoo yeroo dursa Waan ta’eef.


Garuu qaamaan sadii ta’anis Waaqa tokko jenna malee Waaqa sadi gonkuma hin jennu. Abbootiin, namootni akka iccitii sadumma kana hubataniif fakkeenya kennuu yaalaniiru, fakeenyi kennamus guutumatti ibsuu baatuus, fakkeenya fakkeenyaa gadii ta’us. Fakkeenyaaf Aduun(biiftuun)  Waa sadi qabdi:qaama, ifaa fi o’a. Waa kana sadeen qabaattus garuu aduu sadii hin jennu.

Abbootni fakkeenya Ibiddaas ni kennu. Abidddi waa sadi qaba. Qaama, ifa fi o’a. ‘Ibidda fidi’ yoo jennuu qaama isaa, ‘ibidda ibsi’ yoo jennuu ifa isaa, ‘ibidda o’ifanna’ yoo jennu immoo o’a isaa agarsiisa. Garuu Ibidda sadi hin jennu. Ibidda tokko jenna malee. Iccitiin sadummaatiis akkasi. Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qlqulluu, garuu Waaqa tokko. Kanaaf qaama ibiddaa Abbaadhaan, ifa Ilmaan, o’a isaa ammo Hafuura Qulqulluun wal fakkeessu.

 

Ammas Abbootni fakeenya kennan, Abbaan Lapheedha jedhu, Ilmi sagalee dha, Hafuurri Qulqulluun immoo Hafuura jireenyaati jedhu. Kanaaf Laphee Abbaatiin Yaadu, Sagalee Ilmaatiin Dubatu, Hafuura Qulqulluudhaan bara baraaf jiraatu. Waliin jiraatu malee adda miti. Mootummaan isaanis adda miti. Kanaaf Waaqa tokko jenna.

Hafuura Qulqulluun akkamitti Abbaa irraa bahe/argame/ kan jedhuuf immoo namni beeku hin jiru; yaada sammuu ilma namaatii ol waan ta’eef. Akkasumatti “yaa gooftaa kankee Dinqiidha/ajaa’ibadha jechuudha malee” jedhu abbootni. Garuu waa’ee sadummaa qo’atanii bira gahuun hin danda’amu. Waa’ee sadummaa qo’adheen bira gaha jechuun akka bishaan galaanaa, habbuuqadheen fixa jechuuti.

Raajii Isaayyaasis yeroo sadi “Qulqulluu, Qulqulluu, Qulqulluu, Waaqayyoo gooftan maccaa”  jedhee faarfachuun isaa Qaamni Waaqa sadi ta’uu hubachiisa. Isa 6:3. Waaqa tokko ta’uusaa immoo  “Waaqayyoo tokkicha malee kan biraa akka hin jirre nuyi ni beekna” jedha 1qor 8:4. Waa’ee sadummaa hubachuuf dabalataan caqasa kana ilaalaa Uma3:22, Uma 16:7, Uma 18:1,Yoh 14:11,Yoh 14:23.

Tokkuummaa fi sadummaa isaa akka beeknu icitii isaa kan nuun gahe Waaqayyoo Maqaan isaa haa ulfaatu. Ameen!


2. Iccitii Nama ta’uu/Foon Uffachuu


Iccitii kana jalatti, qaamota sadan keessa qaamni inni tokko, Ilmi, Tawaahidoodhaan, dubroo Maariyaamirraa fooniin dhalachuu, Maariyaam irraa foonii fi lubbuu fudhachuun nama ta’ee dhalachuu, Iyyasuus, cuuphamuu Isaa fi Ilmaan nama waanjoo gabrummaa diyaabiloos jalaa baasuuf jabana Philaaxoos fannifamuu Isaa, du’uu Isaa, du’aa ka’uu Isaa, gara Abbaa isaatti deebi’uu isaa duuka bu’oota isaaf  Hafauura Qulqulluu erguu isaa fi boodaas immoo gara biyyaa lafaa kanarratti  nama gaarii hojjetee fi  badaa hojjete adda baasuuf akka dhufu iccitii ibsudha; gabaabumatti.

Egaa Dubroo Maariyaam irraa dhalate yoo jennuu dhaloota isa lammaffaadha. Dhaloonni inni duraa uumama dura haadha malee Abbaa irraa kan dhalate waan ta’eef. Qaama lamarraa qaama tokko, amala (Bahirii jedha Gi’iziin) lamarraa amala tokko qabaate jechuudha. Kunis Tawaahidoo(tokko ta'uu foonii fi Waaqummaa) jedhama  jechuudha.


Kana yoo jennu Malakootiin(Ibidda Waaqummaa kan hin dune, hin muldhanne, hin beelofne, hin uumamne, hin dadhabne, hin moofofne) sun foon dadhabaa Maariyaamii irraa fudhatee ni  beela’e, ni dadhabe, ni mul’ate, namoota wajjiniin ni  nyaate, namoota gidduus ni deddeebi’e) jechuudha. Foon dadhabaan sun malakootii wajjin tokko ta’e jechuudha. Kiristoos yommuu foon dadhabaa uffatu, foon dadhaban duuti irra jirtu sun, du’a moo’ee ni ka’e, Foon dadhabaan sun ni jabaate; Foon harkaan qabamee mul’atu sun akka hin mul’anne ni ta’es jechuudha. Kanaaf  amalli (bahiriy jedha afaan Gi’iziitiin) lamaan kun tokko ta’an (Tawaahidoodhaan).

Egaa iccitii kana beekuu dhabuudhaan yookaan immoo hiikaa gara garaa kennuudhaan amantaawwan kiristaanaa Kan gar gar ba’uu danda’an. Barsiisni dura ture garuu Iyyasuus foon uffatee, nama guutuu tokko ta’e; kan ta’ees tawaahidoodhaan malee karaa  biroon miti.


Mee kana Kitaaba Qulqulluu irraayis yaa ilaallu

“Barri murameef sun yeroo guutetti garuu Waaqayyo Ilma isaa erge” (Gal 4:4) akkuma jedhu waadaa Addamii fi Hewaaniif seene sanaaf ijoollee ijoollee keetirraa dhaladhee  guyyaa 5 fi walakkaa(Akisimaaroos) booda sin fayyisa akkkuma jedhe bara 5500 booda, Dubroo Maariyaam irraa  dubrummaadhaan  fooniin dhalate. Dubrummaadhaan dhalate yoo jennu chaappaa dubrummaa osoo hin diigiin osoo hin saaqiin akka ta’e hubadhaa. Kanaaf Maariyaamiin erga deessee boodaas dubra jennaan (Mat 1:18). Maariyaamiin Osoo hin da’in dura, yeroo ulfa turtes, erga deessee boodaas dubra. Kun ammoo fooniin qofa osoo hin taanee yaadaanis dubra(His 44:2).

Tawaahidoo yoo jennuu:

a.     Wal duraa-booda argaman jechuun miti:

Dura foon argamee booda malakootiin kan irrattti bu’e miti.

b.    Dub-dur deddeebiidhaan/Milset/ miti.

Fakkeenyaaf akka siiqqee Muusee, dura ulee turte, booda immoo bofa taate, ammas immoo deebitee ulee taate, haala kanaan jechuu miti. Nama Ta’uun Kristoos haala kanaan miti.

c.      Jijjiirramaan/Wullaaxee/ miti:

jijjiirrama jechuun akka haadha-warraa Loox, akka daadhii qaanaa Galiilaa, bishaan jijjiirame akka daadhii itii ta’e sana’Karaa sanaanis miti.

d.    Wal makuudhaan miti:

kana jechuun akka bishaanii fi ashaboo, akka dammaa fi bishaanii, akka aannanii fi bishaanii jechuudha.Iyyasuus kan nama ta’e kara kanaan miti. Gonkumaa kana miti. Saababni isaas warri kun hundi erga walitti makamanii deebi’anii adda ba’uu waan danda’aniif.

e.      Ida’amaan miti/tidmirt/:

ida’ama jechuun akka uffata lama walirraan uffachuuu, akka biddeena lama sadi walirraa kaa’uu jechuudha. Gooftaan garuu karaa kanaan miti kan nama ta’e.

f.      Tawaahidoodhaanii/tokko ta’uu foonii fi Waaqummaa)

  • Eeyyee Gooftaan Tawaahidoodhaan nama ta’e. Kanaaf Ortodooksii Tawaahidoo      jenna.Tawahidoodhaani/waliini/ jechuudha. Tawaahidoodhaan jechuun amala lamarra     amala tokko jechuudha, kan addaan hin baane, kan hin fottoqne, kan hin jijjiiramne, kan hin deddeebine jechuudha.  

Tawahidoo jechuu kana Qulqulluu Qeerloos akkanatti fakkeenyaan ibsa. Sibiila ibidda keessaa gootee yoo mukukkulu baasi. Sibiilichi ibidda uffata. Sibiilicha yoo rukuttu, ibidichas wajjiin rukutta. Wajjiin battaa’aa deema, Sibilichi osoo ibiddaan hin mukukulaa’in dura harkaan qabuu ni dandeessa. Amma garuu erga mukukkulee harkaan hin qabdu; si guba waan ta’eef. Sibiilli fi ibiddi waa lama turan booda immoo wal uffatanii tokko ta’an jechuudha. Egaa Tawaahidoonis/walummaan/ akkanuma.

Amala lamarra, amala tokko, qaama lamarra qaama tokko, akka lamaffaa addaan hin baaneetti tokko ta’uu jechuudha. Kanaaf Iyyasuus Tawahidoodhaan nama ta’e; Tawaahidoodhaan namnis Waaqa ta’e; kun iccitii guddaadha. kan hin qo’atamne, kan bira hin ga’amne, Waaqayyoo garuu unu (nuuyiif) ijoollee isaatiif akka iccitii kana beknuuf kan nu hirmaachisedha.

Yaa Waqayyoo iccitii nama ta’uu kee, unu namoota sammuun keenya dadhabaa fi cubbuu baay’snu kanaaf  karaa tawaahodootiin  ta’uu kan nuuf laatte galatni si haa ga’uu. Ameen!


3. Iccitii Qurbaanaa


Guyyaa  kamisaa galgala yommuu irbaata nyaatan gooftaan bixxillee/hibistii / fuudhee, cabsee bartoota isaatiif kenne, “fudhadhaa, nyaadhaa, kun dhagna kooti’’ jedhe, xoofoos fudhatee Waaqayyoof(Abbaadhaaf) galata galche, isaanifis kennee “hundumti keessan kanatti dhugaa, kun dhiiga kooti, dhiigni kun kakuu dhaabate sana cimsuuf dhiifama cubbuu namoota baay’etiif dhangala’a” jedhe.Mat 26:26.  Yoh 6:54 “foon koo kan nyaatu, dhiiga koo kan dhugu jireenya bara baraa qaba.”

Kanaaf foon isaa fi dhiigini isaa har’a bataskaanatti yeroo hunda ni qophaa’a; jijjiramees nyaataa fi dhiiga Iyasuus Kristoos isa dhugaa sana ni ta’a. Lubootnis Maatii Waaqayyoof ni kennu. Yeroo hunda kan isa hin nyaannee jireenya bara baraa waan hin qabneef. Kan isarraa nyaatu immoo hin beela’us hin dheebotus.

Kana immoo namni tokko cubbuurraa fagaatee osoo hin shakkin fudhachuu qaba. Nama cubbuu isaatti gaabbe ta’uus qaba.

Qurbaana Fudhachuuf Wantooota guutamuu qaban:

1. Cubbuu ofiittti gaabbuu, qiimii irraa bilisa ta’uu;

2. Qurbaanan dura sa’aatii 18tiif midhaan nyaachuu dhaabuu;

3. Qaamaan qulqulluu ta’uu;

4. Wal-qunnamtii qaama saalaa irraa guyyoota muraasaaf fagaachuu dha.  

Waaqayyoo Icitii kee kan nuun geese galatni siif haa ta’u. Hunduma keenya Foon gooftaa nyaannee, Dhiiga gooftaa dhugnee akka jireenya bara baraa qooddannuuf, akka mootummaa Waaqayyoo dhaalluuf fedhiif jaalala Waaqayyo nuuf haa. Ameen!


4. Iccitii Cuuphaa


Iccitiin  cuuphaa gooftaa Iyyasuus umuriin Isaa waggaa 30 gaafa guutetti harka Yohaannis laga Yoordaanositti cuuphamuu isaa kan ibsuu fi kiristaanonni hundi akka cuuphamuu qaban kan ibsudha. Kunis iccitii nu  bishaanii fi Hafuura Quqlqulluu irraa lammata dhalannuudha. Sababni itti cuuphamnus ‘ijoollummaa Sillaasee irraa’ argachuufi.  

Sababni itti Gooftaan laga Yordanositti cuuphamef ammo akka armaan gadiitti ibsama.  Mat 3:13, 

1. Raajii Faarsaa Daawitiin himame xumuruuf

Faarfannaan Daawitis, “galaanni argee ni baqate, lagni Yoordaanosis gara boodaatti ni deebi’e.”  Far 114:3 raajiin jedhu waan jiruufi.

2. Xalayaa gabrummaa diyaabiloos Addaamii fi Hewaan mallateessise laga Yoordaanos jalatti awwaale ture sana cuuphaa isaatiin balleessuuf.1Phex3:19

Cuuphaarratti ammas Qaamni Waaqayyoo sadi ta’uun ni muldhate; Waaqni tokko ta’uus ni argine. Iccitiin Sadummaa sirritti namootaaf ifa ni ta’e. Akkas jedha “Iyyasus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een bantiiwwan samii hundinuu banaman, achumanis, Hafuurri Waqayyo akka gugetti gadi dhufee isa irra taa’uu  isaa ni arge; sagaleen immoo “kunoo inni kun, isaan kanan gammadu, Ilmi koo ani jaaladhu kanadha”  jedhee  samii irraa ni dubbate. Mat3:16

Amantaa ortodoksii birattis dubartiin dhalattee guyyaa 80 ffaatti, dhiirrii guyyaa 40 tti ni cuuphama. Lew 12:1 Maaliif ijoollumman cuuphamu kan jedhuuf Wangeelli joollen gara koo akka dhufan hin dhoowwinaa waan jedhuufi. Kan Cuuphamnus Maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Hafuura Qullqulluutiin . “Dhuguman isiniin jedha eenyuyyuu bishaanii fi Hafuura Qulqulluu irraa dhalachuu yoo baate, mootummaa Waqayyoo arguu iyyuu hin danda’u”  Yoh 3:5.

Yaa gooftaa keenya, Iccitii cuuphaa nuuf ibsite, nutis cuuphamnee mootummaa Waaqayyoo akka dhaalluuf waan ijoollee kee nu gooteef si galateeffanna. Ameen!


5. Iccitii Du’aa Ka’uu Namoota


Iyyasuus kiristoos erga fannoo irrattii lubbuu isaa dabarsee kennee booda ni awwaalame. kana booda garuu halkan sadii fi guyyaa sadiif  boolla awwaalaa keessa bulee, guyyaa sadaffaatti angoo isaatiin du’a  mo’atee ka’uudhaan boolla keessaa ni bahe.  Innis awwaala naaf  banaa, kafana narraa hiikaa osoo hin jedhin du’a moo’e ni ka’e.Far 77:65. Waaqayyoo akka nama hirriiba ka’uu ka’e  akkuma jedhu. Akkuma  gooftaan du’aa ka’e  nus immoo gaafa umuriin biyya lafaa kanaa kenname dhume ni kaana jennee amanna. Barsiifni kunis Iccitii du’aa ka’uu jedhama.

 

Yommuu du’aa kaanu immoo hojiin nu yeroo biyyaa lafa kana irratti hojjechaa turre nu waliin ni ka’a. Iyyasuusiis Qulqulloota isaa wajjiin ni dhufa. Innii Yeroo sanatti namoota gaarii hojjetan karaa mirga isaa, namoota yaraa hojjetan karaa bitaa isaa irra ni dhaaba.Warra gaarii hojjetanin isin ijoollee abbaa koo kan eebbifamtan gara koo koottaa, beela’ee na nyaachiftan; dheebodhee dheebuu na baaftan, hidhamee mana hidhaatii na baaftan, dhukkubsadhee na gaafattan  jedhaan. Isaaniinis mooutummaa waaqayoo kan uumama adunyaa dura isaaniif qopheesse ni dhaalchisa. Warra gara bitaatti argamaniin garuu isin beela’ee beela na hin baafne, dheebodhe  dheebuu nah in baasne, dhibamee na hin gaafanne, na dura badaa jedheet komata. Gara ibidda bara baraaf laboobutti gatamu. Waaqayyoo namoota gara mirgaa isaa dhaabatan wajjiin nu haa dhaabu.

Namni kan du’aa ka’u yeroo sadi Ergamootni Waaqaa yyoo erga Malakatii Afuufanii boodadha.

 

Yeroo duraa foon namootaa bakka tokotti bakkaa mataa namichaa jirutti walitti ni qabama. kan tortore, kan bishaan nyaate, kan bubbeen fudhate, kan bineensi nyaate hundi bakka tokkotti walitti ni qabamu.

 

Malakatiin yeroo lammafaaf  yeroo afuufamu /labsiin himamu/ hiddii, foonii fi lafeen wal qabatu; reeffa o’aa ni fakkaata.

 

Yeroo sadaffaaf Malakatiin yoo afuufamu garuu hunduu du’aa ni ka’a. Dhiirri dargaggo waggaa 30, dubarri ammo shamarree waggaa 15 taatee hamma Addaamii fi Hewaan ga’anii ni ka’u. Kan gaarii hojjete aduu irra harka 7 addaatee ka’a, kan yaraa hojjete immoo arraagessa irra harka 7 gurraacha’ee ka’a. Mat 24:27.

Kana booda kan boo’an akka hin boonye, kan gammadan akka hin gammadne, kan quufan akka hin quufne, kan dheebotan akka hin dheebonne ni ta’u.1Qor.6:29.

Arjummaan isaa kan jalaa hin dhumne Waaqayyo iccitii kan barree akka itti gargaaramnu nu haataasisu. Ameen!


Kitaabota Wabii

1.     Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis (Liqe Mezemiraan) (1999). Hiikaa Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin, Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e, Mana maxxansaa Aksum, Gulaala 3ffaa.Finfinnee.

2.     Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee.

3.    Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999). Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaa fi Seera Ba’uu, Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee.

4.     Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee (1988). Merha-Tsidq Bahila Hayimanot, Finfinne

5.Sennaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos. Afaan Gi’izii fi Amaariffaan kan Qophaa’e. Bahirdar.

6.Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.

7.Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu, kan Onesmos Nasiib qubee Saabaan Afaan Oromootti hiikee,booda qubee laatiiniitti garagalchamee barreeffame.

 

 

Waldaa Nahimiyaa,

Baatii Waxabajjii, Bara Araaraa 2004 A.L.H

Teessoo

Yaadaa fi komii qabdaniif

Waldaanahimiyaa@gmail.com


Tuesday, June 26, 2012

WN003 Araarsummaa Qulqullootaa


3.ARAARSUMMAA QULQULLOOTAA
Ibsa
Afaan Oromootiin barreeffamoota seeraa fi danbii amantaa ortodoksii gadi fageenyaan ibsan irratti hanqinni guddaan waan jiruuf dhimma hunda irratti barreeffama argachuun nama Afaan Oromoo qofa beeku fi nama hordofaa amantii Ortodoksii ta’e tokkoof  rakkoo guddaa dha. Kunis kan ta’e akka barbaadametti fi yaada hafuuraa barbaade tokko irratti Afaan oromoon dubbisee, gadi fageenyaan seeraa fi danbii amantiichaa beekee amantaa isaatti akka cimu barreeffamootni godhan baayyee muraasa waan taaniifi. Waaqayyo arjummaan isaa baay’ateeti malee dhugumaan afaan sirriitti hubachuun hin danda’amne dhiisaatii afaanuma itti dhalataniinu hojii harka isaa ajaa’ibaa ta’e kana ibsuun baayyee nama dhiba. Gooftaa Iyyasuus duuka bu’oota isaaf Hafuura Qulqulluu akka buuseef afaan addunyaa kanarra jiru hunda beekanii Wangeela akka lallabaniif, afaan namootni dhagahan hunda akka beekaan ta’uun isaa hojii duuka bu’ootaa boqonnaa 2 keessattii sirriitti ibsameera.
Hanqinuma kana akka carraa gaaritti fudhachuudhaan  yeeyyii buttuun Maatii Waaqayyoo hordoftoota amantaa Ortodoksii irratti duula cimaa eerga eegalanii bubbulaniiru. Fudhatamuu oboleewwan keenyaas ragaawwan lakkoofsa biyyolessaa dhugaa bahu. Kuni egaa dadhabina gama kanaan jiru ta’us raajnii dura himame sun ta’aa jiraachuu isaa nutti muldhisa. Amantaan Orotodoksii kan Iyyasuus Kiristoos dhaabe, kan jalqabaa karaa sirrii akka taate wanti mormisiisu tokko illee hin jiru. Haa ta’u malee laafina karaa Afaan Oromootin jiru akka milkii gaarii godhachuudhaan shakkitoonni erga Ortodoksii tawahidoo irratti duulanii turaniiru. Raajiin dubbatame irrattis ta’uun isaa baayye kan nama mararuudha. Egaa kanumarraa ka’uudhaan hordoftoota wangeela dhugaa fi barsiisa amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin hordoftoota dhagahuu fedhaniif obboleewwaan muraasaa ta’an quuqama qabaniin kan walitti qabame Waldaa Nahimiyaa hamma tokko carraaqaa jira. Kanumaanis hanga ammaatti barreefamoota 2 wal duraa duubaan ICCITII UTUBAAWWAN SHANANII FI WAA’EE UUMAMAA kan jedhu biloogii irratti baldhinaan barreessuun isaa ni yaadatama. Guyyaa Waaqayyo jedhee fi nama nu gargaaru yoo arganne immoo kan hir’ate guunnee bal’inaan barraa’ee maxxanfamanii akka hordoftoota bira ga’an abdii qabna. Kunoo ammas barreeffama sadaffaa mata duree “Araarsummaa Qulqullootaa” jedhuun dhiyeessinee jirra. Isinis as keessatti hubannaa kanan dura qabdan cimsachuu irratti dabalatee gaaffii shakitoonni kaasaniifis ta’ee kan biroof deebii ga’aa argattu jenne abdanna. Dubbisaatii waan hirdhate, jecha jallate nu sirreessaa, akkuma kanaan duraa kadhaa fi yaadaan nu faana turtan ammas nu yaadadha isiniin jechaa dubbisa gaarii isiniif hawwina. Kan hir’ate Gooftaan keenya, fayyisaan keenya Iyyasuus kirsitoos itti nuuf haa guutu. Ameen!!

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko. Ameen!
ARAARSUMMAA QULQULLOOTAA
“Ani Waaqayyo gooftaan keessan qulqulluu akkuman ta’e isinis qulqulloota ta’aa” Lew. 19:2
“Inni isin waame qulqulluu akkuma ta’e isinis adeemsa keessan hundumaan  qulqulloota ta’aa” 1Phex. 1:13
Akkuma hima ol aanu kanarraa hubannutti Waaqayyo kan isaa kan ta’an hundi akka qulqulluu  ta’an  fedha. Namootaafiis ani qulqullu akkuman ta’e isinis qulqulluu ta’aa jedha. kan Waaqayyoo kan ta’e hundi qulqulluudha jechuudha. Jecha qulqulluu jedhu kun bakka lamatti qooduun ni danda’ama. Isaanis:
1.     Qulqulluummaa Waaqummaa: qulqullummaa Waaqayyoo qofaaf ta’e dha. Sababni isaas Waaqayyo amaluma isaatu qulqulluu dha waan ta’eef;
2.     Qulqullummaa kennaa: kan Waaqayyoon fedha isaatiin uumama biroof kennu jechuudha.
Qulqullummaa kennaa kana immoo adda adda baasne ilaaluun ni dandeenya. Isaaniis: Ergamoota qulqulluu, Meeshota (Mi’oota) qulqulluu, guyyaa qulqulluu iddoowwan qulqulluu fi namoota qulqulluu dha.
Egaa jechaa qulqulluu jedhu kana gabaabsine hanga kana erga ilaalle, mee gara mata duree kaasneetti haa deebinu. Qulqulloota kan jedhaman kana keessaa hojiin araarsumma kan ilaallatu ergamoota qulqulluu fi namoota qulqulluu dha. Ergamoota qulqulluu yemmuu jennu immoo kan ibiddaa fi bubbee irraa guyyaa jalqabaa uumaman kan ijaan hin muldhanne, kan lakkoofsa isaanii Waaqayyo malee namni lakkaawe bira hin geenye jechuudha (barreeffama Waa’ee Uumama jedhu ilaalaa).
Namoota qulqulluu kan jedhamanis immoo wareegamtoota qulqulluu, toloota (dhugoomtota) qulqulluu, hayyoota qulqulluu, raajota qulqulluu fi kan biros jennee ilaaluun ni danda’ama. Amantaa Ortodoksii Tawahidoo keessatti waa’een araarsummaa qululqullootaa fi kabajni isaanii bal’inan kan itti amanamuudha.
Akka kabaja isaaniitiin araarsummaa Qulqulloota wal dura duubaan dhiheessina.
Araarsummaa Dubroo Maariyaamii (Haadha Waaqa)
Waa’een Qulqullummaa Giiftii keenya dubroo Maariyaamii gara fuula duraatti bal’inaan kan ilaallu yoo ta’u mata dure kana jalatti waa’ee qulqullootaa kaasnee waa’ee dubroo Maariyaam bira darbuun waan hin taaneef gaabaabumatti akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Araaarsumma ergamootaa fi qulqulloota kam iyyuu dursun, kiristaanonni hundi kan abdatan haadha gooftaa Iyyasuus, dubroo Maariyaami dha. Kunis kan ta’e mataan mana kiristaanaa Iyyasuus kiristoos waan ta’eef; mataa mana kiristaanaa kanas kan buufata taatee, gadaamessaa isheetti ji’a sagal baattee kan deessee waan taateefi. Egaa kun immoo dhama’iinsa fayyisuu Iyyaasuus kiristoos wajjiin wal qabata. Kiristaanni kana hin hubanne immoo kiristaana karaa fayyinaa dinqii ta’e kana qulleessee hin hubannee dha. Adeemsa fayyuu ilma nama keessatti dubroo Maariyaamin iddoo guddaa qabdi.
Duruma foon gooftan uffate kan isheerra argame lubbuun inni qabaates kan isheerra argame malee eessaayyu kan dhufe miti. Guyyaa gooftaan godaanu wajjiin godaantee, laga ceetee, gammoojjii qaxxaamurtee, tulluu qaariitee wajjiin dheebotee, wajjin beeloftee, wajjiin boossee, wajjin naatee waa hunda wajjin taatee haadha guddifte akka ta’es ibsuun waan barbaachisu miti. Kunis immoo Kitaaba Qulqulluun kakuu haaraa keessatti dursee ibseera (Wangeela Matewoos 2:13) dhumarrattis bal’inaan ibsameera. (Muldhata Yohaannis 12:14). Gadadoon kuni hundi fayyina ilma namaa keessaatti iddoo guddaa qabdi kan jedhu bu’uura godhata.
Kanaaf kiristaanonni haadha keenya jedhuun. Kanas immoo gaarummaa fi haadhumma ishee waan beekuuf warra isatti amanan hundaaf haadha akka taatuuf fannoo jalatti karaa Yohannisiin kan nuuf kenne Gooftaa keenya Iyyasuus Kirstoosidha.(Yoh 19:27). Egaa dubroo Maariyaamiin kennaa keenya kennaa fannoo jalaa, kennaa hundaa caalu kan Waaqayyo ilma namaa hundaaf laatedha. Waaqayyo dadhabina Keenya ni beeka.  Dadhabina qabnu kana immoo haadha waan dhoksinu waan hin jirreef rakkoofi hanqina keenya hundaa akka itti himanuuf yaadee haadha isaa haadha hunda keenya taasisee Dubroo Maariyaamiitiin nuuf kenne.
Erga Kitaabni Qulqulluun barraa’ee boodaas abbootni duuka bu’ootatti aananii barsiisaa turan Waa’ee dubroo Maariyaam bal’inaan barreessaniiru. Isaan keessaa keessumattuu Waa’ee Iccitii sadummaa baldhinaan kan ibsee fi  Qiddaasee Mariyaamii kitaaba jedhu kan berreessee lammiin biyya Bihinsaa Aabbaa Hiriyaaqoos jedhamu gadi fageenyaan bareeseera.. Kitaaba sana irratti akkas araarsummaa ishee ibsuudhaan jedhee barraa’eera.
“Yaa Maariyaam bara Heerodsi (mooticha abaaramaa sanaa) ilma kee wajjiin Beteleheemii  baatii qorri itti hamatutti foonaa horii keessatti dhalchuu isaa yaadachiisi, loonii fi harreen hafuura isaaniitiin akka hoo’isanis yaadachiisi, gidiraa argite, beelaa fi dheebuu,ilma kee fuulduratti imimmaan  dhangalaste sana yaadachiisi, qorraa fi dadhabbii, gidiraa sirra ga’e hunda yaadachiisi  jedha. Ammaas Aabbaa Hiriyaaqoos deebisee, “Yaa Maariyaam,warra tolotaaf miti, unu warra cubbamoo kanaaf nuf yaadachiisi, yaa Maariyaam warra qulqullootaaf miti warra xuraa’e nuuf yaadachiisi nuuf kadhu “jechuun barreesseerra (Kitaaba Qiddaasee).
Kana qofas miti, kitaaba Dinqii Maariyaamii, kan Daaqsiyoos barreesse irrattis seenaan garaa laafummaa ishee ilaalchisee barra’e, uumama hundaaf mararfattuu ta’uu ishee agarsiisa. Bara umuriin xinnoo turtetti yemmuu hiriyoota ishee wajji bishaan waraabdu, saree gar-malee dheebotee oliif gadi kaatu tokko argite. Hiriyootni ishee yommu saricha ari’an isheen garuu mararfattee wanta itti obaastu dhabnaan kophee ishee lukarraa baafattee akka saree sana dheebuu baafte barraa’ee jira (Kitaaba Dinqii Maariyaam).
Egaa akkasumaan miti Maariyaamiin nu araarsiti kan jennu. Hanga gaafa du’aatti, hanga guyyaa ilmi ishee fannifamuutti fannoo jala wajjin turte. kanaaf adeemsa fayyisuu gooftaa Iyyasuus kiristoos deeme keessa iddoo guddaa akka qabdu kan barraa’e. Nutis jaalalli ilma ishee fi hadhummaan ishee laphee keenyarratti akka barraa’uuf Waaqayyo nu haa gargaaru.
Dabalataaniis   immoo Kitaaba Qulqulluu irratti luqqisawwan kana dura kaafnee fi kan kanaa gadii ilaaluun ni danda’ama.
Kakuu moofaa fi kakuu haaraa keessatti waa’ee ishee raajiidhaan waan heddutu dubbatame. Haa ta’u malee kana ilaalcha foonii qofaan hubachuun nama dhiba. Ija hafuuraatiin, namaaf gala malee akkanumaan miti. (Far 44:9) akkas jedhamee barraa’ee jira.”Uffata warqeen miidhagdee haguugamtee mootittiin mirga kee ni dhaabatti, mucaa koo dhaga’i ilaalis, gurra kees natti qabi .Gosa kees mana abbaa kees irraanfadhu; mootiin miidhagina kee jaalateera, inni gooftaa keeti”
Raajii kana keessatti mootitti kan jedhamte dubroo Maariyaamiidha.Ishee malee Mootittiin biraa kan goofta mirga dhaabattu akka hin jirre kitaabni Qulqulluun ni ni ibsa.Mootii kan jedhames gooftaa Iyyasuus Kiristoos dha.Mucaa koo dhaga’i ilaalis jechuun isaa kan ibsus immoo iyyata na araarsi jedhee sitti iyyadhu, rakkoo koo dhagahi, gooftaa kee kan mirga isaa dhaabattu saniin na araarsi jechuu isaati.Kunis araarsummaa dubroo Maariyaamii sirritti kan ibsuudha.
Kakuu haaraa keessattis haadha keenya dubroo Maaryaamii malee kan afaan ergamtootaan kan galateeffatame akka hin jirre beekamaadha. “Ati kan eebbifamteedha, Waaqayyo gooftaan si wajjin jira gammadi” jedhamee akkuma barraa’e. Luq 1:41. Isheenis dubbii ergamaan itti hime kana tole jettee amantee fudhachuudhaan amma achi dhaloonni dhufu hundi ati kan eebbifamte naan jedha jettee dubbateetti. Kana qofa osoo hin taane namni sagalee ishee dhagahu akka hafuura qulqulluun guutamus ibsamee jira.
Kunis akka wangeelaa Luuqaas irratti barraa’etti akkas jedha ‘Yemmuu Elsaabeex sagalee Maariyaam dhageessutti mucaan garaa ishee keessa ni burraaqe’ jedha. Kun ajaa’iba guddaadha, uumama isa kamifillee ajaa’ibni akkanaa kun godhamee hin beeku. Sabiyyiin ji’a jahaa kan waa hin beekne akkamiin burraaqe? Eelsaabeexinis immoo hafuura qulqulluun guutamuun ishee kabajaa fi surraa qabeetummaa dubroo Maaryaamii hangam akka Waaqayyo wajjin jiru agarsiisa. kanaaf ishee abdanna dadhabina keenyaa, araarsituu teenya jennee cichinee qabanne.
Manni kiristaanaa Ortodoksiis araarsummaa dubroo Maariyaamii kan lallabdu dhugumaan kitaaba qulqulluu hundee godhachuudhaan malee lafumaa kaatee miti. Dubroo Maariyaamiin lammii namaa rakkini namaa illee kan dafee galuufi. Osoo hin itti hin himatin kan beektu haadha haadha caaltu akka taate Wangeelli dhugaa baha. Kanas seenaa armaan gadii irraa hubachuun ni danda’ama.
Guyyaa kutaa biyya Galiilaa  cidhi mandara Qaanaatti ta’etti Dookimaas ilma ishee fi duuka bu’oota ishee wajjin cidha waamee ture. Haa ta’u malee daadhiin waynii dafee jalaa dhume.Rakkina kana hubachuudhaan ilmi ishee waa tokko akka godhuuf ni gaafatte, ni kadhatte. Inni hunda gochuu akka danda’u waan beektuuf. Innis haadhakoo erga kana hin goonee maal walirraa qabna ree; yeroo kootu hin ga’in malee jedhee deebiseefi jira (Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo bara 1997 ALA irratti garuu ‘haadhoo maaliif hojii koo keessa lixxa’ jedhamee kan barraa’e sun hiika sirrii ta’e hin muldhatu, falaasama amantaa biroo waan ta’eef, yeroo duraaf akka amantaa Ortodoksiitti kan hiikame waan hin taaneef, hiika sirrii hin muldhisu. Hiikaan kitaaba Gi’izii garuu yaada nu as irratti barreessine kana qabata.).Isheen immoo waan inni isiniin jedhu hunda dhagahaa jetteen. Egaa battaluma sana gooftaan gaanii dhagaa gurguddaatti bishaan akka guutan godhe gara wayniitti jijjiireera. Gooftaa Iyyasuusis kan dinqii hojjechuu jalqabe guyyaa kana irraa akka ta’e beekameera, barrfameeraas (Yoh 2:2).
Jechi gooftaa Iyyasuus Kiristoos Fannoo irra ta’ee kunooti haate jedhus mana kiristaanaaf haadhummaa ishee nutis ijoollummaa ishee kennuuf akka ta’e hubachuun barbachisaadha. Kanaaf gara laafumman haadha keenya namaaf qofa osoo hin taane bineeladaafillee akka ta’e hubanneerra .Nuti ijoolleen goofta Iyyasuus, ijoolleen tawaahidoo ijoolle isheeti. kadhannaa isheetiin ilmi ishe nuuf araarama jennee gara guutuudhaan amanna. Kunis Waaqayyoon kabajuudha.

Kabaja Ergmootaa fi Araarsummaa Isaanii
Ergamtootni uumamni isaanii waan kan ijaan hin muldhanneefi kan Waaqayyoof ergamaniidha. Kanaafis immoo iccitii Waaqayyoo kan hirmaataniidha. Iccitii kanas hirmaachuu isaanii kan beeknu gooftaa Iyyasuus ni dhalata, jedhee misiraachoo kan hime ergamaa dha.( Luq 1:36). Gooftaa Iyyasuus erga Beteliheemitti dhalate booddees Heeroodis, Iyyasuus ajjesuu waan barbaaduuf ka’aa ti biyya Misiraatti baqadhaa kan jedhes ergamaadha (Mat 2:13). Gooftaa Iyyasuusifis diyaabilosiin yeroo qoramutti ergamoonni dhufanii tajaajilaniiru (Mat 4:11)
Du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus namootaaf  kan ibsan akkasuma ergamootadha (Mat 24:5,Yoh 20:11).Mana hidhaas banuudhaan kan duuka bu’oota gooftaa hiikan ergamtoota( Hojii duuka bu’ootaa  5:19).Kanuma hundaaf manni kiristaanaa keenya ergamoota ni kabajjii araarsummaa isaanitiinis ni amanti.Faarsaa Daawitsi gargaarsa qulqulloota ergamootaa  akkanatti ibseera
“Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqayyoon sodaatanii ni buufata, inni isaan ni oolchas” Far 34:7. Jedha.
 Phawuloosis  gooftaan ergamaa isaa ergee akka  harkaa Heeroodisii fi ummanni yihuudoota Phaawuloos irratti hamaan irratti akka ta’uuf hawwan irraa akka baraare barreessee jira (Hojii duuka bu’ootaa  12:11). Kitaaba Daani’eel Raajichaa 3:49 irrattis
“Ergamaan Waaqayyoo ibidda labooba ni dhaamse” jedha.
 Seera lakkoofsa 20:16 irrattis “Nutis ni iyyine, Waaqayyos ergamaa isaa ergee nu baase” jedha. Raajii Dani’eel 6:22 irrattis “kunoo ergamoota keessaa Mikaa’el na gargaaruu dhufe” jedhee ibsameera. Kitaaba Daani’eel Raajichaa 10:21 “Waan kana irratti Mikaa’el isa guddicha malee kan na gargaaru homtuu hin jiru” jedhamees barraa’eera.
Ergamtootaaf sagadni kennaa akka barbaachisu ibsameera. Iyyaasuun akka adda isaatiin gadi gombifamee ergamaa Waaqayyoof  sagades ibsameera. Iyyasu 5:14
Araarsummaa Qulqulloota Biroo
Qulqullootni biroo kan gooftaaf hamma dhumaatti amanamanii, wareegaman, fi maqaa gooftaa Iyyasuus kiristoosiif jedhanii gidiraa arganii fi maqaa isaatiin dinqii baayyee godhan, jireenya isaanii guutuu Waqayyoon tajaajilanii kan darbaniidha. kanarrayis kan hafe addunyaa kana tuffachuudhaan  lafa ona(gadaamii) keessatti bineensaa fi qorra diilalla danda’aanii, Waaqayyon galateeffachaa kan turan,oduuu fi jaalala biyya lafaa kanarraa kan fagaataniidha. Akka baruumsa kiristaanaatti Waaqayyo nama ta’ee, afaan namaatiin dubbate, cubbbuu malee wanta namni hojjete hunda hojjetee darbe jenna. Kanaaf immoo namoota isaaf amanamaniif waada galeeraaf, isas ni kennaaf jennee amanna.
Luqqisawwan kanaa gadii kitaaba Qulqulluu irraa fudhatamanis kanuma dhugaa bahu:
v “Ijji lamaan Waaqayyoo gara qulqullootaati, gurri lamaan isaatiis gara kadhaa isaaniti” Faar 34:15
v “Fedhiin       qulqullootaa ni laatamtiif” Fakkeenya 10:24
v “Kadhaan nama qulqulluu hojii isheetiin human cimaa gooti, dirqamas ni raawwatti”.(Yaq 5:16)
v “Waaqayyo cubbamtoota irraa ni fagaata, kadhaa qulqullootaa garuu ni dhagaha.” (Fak 15:29)
v “Kadhaan qulqullootaa Waaqa biratti akka Ixaanaa jaalatamaadha”(Faar.140:2)
Araarsummaan Eeyyamaa fi ajaja Waaqayyooti
Hojii araarsummaa kan namootni fedhii isaaniitiin jalqaban osoo hin taane kan Waaqayyo fedhii isaatiin akka jalqabamu godhee dha. Kanas immoo luqqisawwan kanaa gadii hubachuu ni danda’ama.
Abrahaam yemmoo mootii Geeraraa Abemelik jedhamuun haadha manaa isaa yemmuu saamamuuf jedhu Waaqayyo Abameelikiin ni adabe. Akka dhiifama argatuuf garuu Abemelikiin akkas jedheen “Abrahaam raajii waan ta’eef siif kadhata ni fayyitas “ jedheen(Uma 20:1) .Abemeliik osoo ofii isaatii kadhatee Waaqayyo akka hin araaramneef,Abraham akka isaaf kadhatu isumatu itti hime. Egaa kanarraa raga namni barbaaduun shakkuummaadha, abboommii fi fedha Waaqayyoos kabajuu dhabuudha
Qulqulluu Phaawuloos namaaf kadhachuun hojii Qulqullootaa akka ta’e yoo ibsu nuun waadaa kadhachuu (araarsu) kaa’e. “Eegaa Waaqayyoo karaa keenyaan akk araarfamu(kadhatamuuf) waa’ee kiristoosiif nuti ergamtoota dhaWaaqayyoon wajjin araaramaa jennee kiristoosin isin kadhanna” 2Qor 5:19
Araarsummaa qulqullootaa bakka lamatti qooduun ni danda’ama.
1.     Araarsummaa Qulqullootaa jireenya fooniin (Yemmuu lubbuun jiran)
Museen yommuu Israa’eloonni waaqakaree (xaa’ot) waaqefachuu jalqaban, Waaqayyo akka isaaniif araaramu akkana jechuun kadhate “dheekkamsa kee nuuf qabaneessi, uummata hammeenya raawwatuufis dhiifama taasisi’’Waaqayyos dheekkamsa uummtarraan ga’uuf jedhu ni dhiise. Seeraa uumaa 32:10
Abrahaam akka Abemelik mootii geeraraaf kadhates dura kaasnee jirra
Israa’elooni yeroo cubbuu isaanitiin gidiraan itti baay’ate, turetti uummanni hundi walitti qabamuun raajii Eermiyaasiin akkas jedhan”akka argitu baayyee keessaa kan hafne xiqqaa taaneerra, maaloo kadhaan keenya si haa qaqqabu, waaqni kee Waaqayyoonis karaa irra deemnuu fi waan hojjennu akka nutti agarsiisuuf Waaqa nuuf kadhu” jedhaniin. Eermiyaasis kadhateefii dubbii nama jajjabeessu deebiseeraafi.Ermiyaas 42:2
Seenaa walfakkaatu kan biros Kitaaba Qulqulluu irraa ni arganna
2. Araarsummaa Qulqullootaa Erga Du’anii booda (Jireenya lubbuutiin)
Qulqulluuwwan taayitaa fi kennaan lafa kana irratti araarsuuf kennameef du’a boodaas kan itti fufu malee kanuma biyya lafaa kanarratti hafu miti.

v Seenaa Alazaarii fi Nawee: akkasumas cubbamaan Naween erga du’ee booda akka Abrahaam kadhate. “Abrahaam abbaa koo dhiifama naaf godhi, ibidda labooba kanaanan gadadoo argaa jiraatii, maaloo quba isaatiin bishaan jiisee akka akka arraba koo naa qabaneessuuf, Nawee naaf ergi” jedhee kadhateera. Luq 16:19

v Duuka bu’aa Qulqulluu yihudaan ergaa isaatiin kan ibse (Yihuudaa 1:14), Heenook kitaaba isaarratti akkas jedha”ijji koo bakka ergamootaa fi qulqulluuwwan wajjin jiraatu arge, ilma namaafis cimsanii kadhatu” (Henook 9:2)2 jechuun ibseera.

v Qulqullootni erga du’anii booda ni dubbatu. Fakkeenyaaf Gaara Taaboor irrattii Muusee fi Eeliyaas akka argaman gooftaa Iyyasuus wajjin dubbatan dhagahee Pheexroos maaloo Daasii sadi haa ijaarru,tokko Muuseef,tokko Eeliyaasiif Tokko si’iif akkuma jedhe.(Mat 17:1).(Muldhata Yohannis 6:9)
Seenaawwan wal fakkaataan Kitaaba Qulqulluu keessaa baay’ee baasuun ni danda’ama.
Waadaa Qulqullootaa
Waaqayyo qulqulloota hundaaf waadaa galeeraaf.
“Kanan filadhe waliin waadaa seeneera” (Far 88:3), egaa Waaqayyo namoota isaaf amanaman hundaaf waadaa galeera, jechuudha.”Waadaan seene hin diigu, waanan dubbadhe hin jijjiiru, akkuman Dawititti hime yeroo tokko qulqullummaan dubbadheera ( Far 88:34).
Waaqayyoo kennaa fi waadaan qulqullootaaf seene yeroof osoo hin taane,kan bara baraa ta’uusaa; “deemtanii firii akka horattan, firiin keessan kunis bara baraaf akka jiraatu isin miudeera” jedha (Yoh 15:16) Egaa nutis Waadaa kanarra ni fayyadamna akkuma wangeela irratti
“Namni raajii tokko raajii ta’uu isatiif sime, gatii raajichaa sana ni argata, nama tolaas (tsaadiiq) maqaa nama tolaatiin kan simu, gatii nama toliichaa sana ni argata, dhuguman isinitti hima eenyu illee isaan xixinnaayyoo kana keessaa isa tokkoof, maqaa duuka bu’aa kootiin bishaan qabbanaa’aa willee tokko illee yoo obaase, gatiin isaa jala hin badu” (Mat 10:42).Gooftaan duuka bu’ootaaf gaafa ardii fi samii dabarsuuf dhufu akka isaan namoota irratti faradan taa’itaa kenneefii jira. (Mat 19:28)
Qulqullootni waadaa gaafa lubbuun jiranii kennameef santu araarsummaaf gargaara malee erga du’anii booda soomuun, bu’uun ka’uun ni jira jechuuf miti. Solomoonis tolaan (tsaadiq) erga du’ee booda namoota Waaqqayoon irraanfatan irratti ni farada jedha (Kitaaba xibab 4:16)
Muuseenis immoo Waaqayyoon yoo kadhatu abboota keenya Abrahaam, Yisihaaq Yaaqoob yaadadhu jedhee kadhateera.( Seera Deebii 13:14)Luq 1:71 waadaa abboota keenya kan Abrahaam fa’I yaadate jedha.Hojiin araarsummaa kan jiru garuu hanga ardii fi samiin kun darbutti malee sana booda ni dhaabbata.His 14:20
Egaa gabaabsineet kaasne malee seenaa baayyee fi luqqisa baayyee kitaaba qulqulluu keesssaa baasuun ni danda’ama.Haa ta’u male nama amanuuf kun ga’aadha.Nama shakkuuf garuu yoo Waaqayyo hin yaadatiin dubbiin amantaan ta’u hundi shakkiidha.
Waaqni Qulqullootaa nutti haa araaramu! Kadhaanii fi araarri haadha keenyaa qulqulleettii dubroo Maariyaamii nu faana haa ta’u. Gargaarsi ergamtootaas nu faana haa ta’u.Waaqni abboota keenyaa kan Abrahaam kan Yisihaaq kan Yaa’iqoob nu haa tiksu.Kan kakaasee nu jalqabsiise,nu jalqabsiisees nu xumursiise,Maqaan gooftaa fi Fayyisaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos haa ulfaatu.Bakka hirdhisne Waaqayyoo  itti nuuf haa guutu!Ameen
Kitaabota Wabii
1).Dajanee Shiferawu (Luba) fi Isheetu Wandimmageeny (2001) Deessuun Waaqaa Kitaaba Qulqulluun, kan Dn.Digaafe Daanyachew Afaan Oromootti hiike, Mana Maxxansa Meegaa, Finfinnee
2).Gorgooriyoos (Phaaphaasii) (1991). Seenaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Finfinnee
3). Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e(1999).Mana Maxxansa Tinsaa’ee. Finfinnee
4). Merha-Tsidq Bahila Haimanot (1988) Mana Maxxansa Tinsaa’ee ze gubaa’ee Finfinne
5) Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
6) Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootiin qubee laatiiniitin kan barreeffame.
7) Yaaregaal Abegaaz (Dn)(2002) Daandii Qulqullootaa  kan Luba Misgaaanuu Agaasaa fi Dn.Digaafee Danyaachew  Afaan Oromootti hiikan, Waldaa Qulqullootaa,Finfinnee.
Waldaa Nahimiyaa,
Baatii Waxabajjii, Bara Araaraa 2004
Yaada keessaniif waldaanahimiyaa@gmail.com
Magaalaa Finfinnee