Friday, July 25, 2014

Qulqulluu Gabri'eel


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!

Maqaa Waaqayyo isa hunda danda’uun, Gamoo dheera isa rakkataan itti hirkatuun, Isa dhalli namaa hundi itti watwaatu waammannee, waa’ee  hangafa ergamootaa Qulqulluu Gabri’eelii waa siniin geenya! Wanta dubbifnu haa qalbifannu, kan qalbifannu haa amannu!
Gabri’eelii jechuun “Ilma Waaqayyoo kan fakkaatu gooftaa fi tajaajilaa” hiikkaa jedhu qaba.Iccitii waloomaa “Waaqni nama taa’e namnis Waaqa ta’e” jedhus qaba. Ergamaa Gabri’eeliin inni Raamaaa dur yemmu qorumsa saaxinaa’eeliin ergamoonni raasaman kan tasgabbeesse, “Waaqa nu uume hanga beeknutti tokkoon tokkon keenya cimnee haa dhaabannu” jedhee samii ergamoota irratti seexanaaf akka hin saganne kan tasgabbeesse dha. Ergamaan kuni kakuu moofaa keessatti Baabiloonitti ijoollee sadan ibidda laboobatti darbaman kan baase dha(Dan.3:1)  Kakuu haaraa keessattis “nagaan siif haa ta’u” jedhee missiraachoo haadha keenya dubroo Maariyaamitti kan hime dha(Luq 1:28). Ergamaan kuni missiraachoo nama ta’uu Gooftaa keenyaa kan gara biyya lafaa kanaa fide dha. Ergamaan kuni  kuni luba Zakkaariayaas dubbii  isa amanuu didnaan kan afaan cufuun adabe dha(Luq 1:20 ). Ergamaan kuni dinqii gargaarsi isaas namoota faana yeroo hunda kan jiru dha. Ergamaan kuni fuula Waaqayyo dura kan dhaabatu dha.(Luq 1:19). Dhaabachuu jechuun ergamuuf nuuf kadhachuuf ija Waaqayyo keessa kan ilaalu dha. Qulqulluu fi Daa’ima kan ta’e Qiirqoosii fi Iyyaluuxaa Ibidda boba’u keessaa baasee kan bishaan qabbanaa’aa akka daakan taasise dha(Dirsaana Gabri’eelii).
Ergamaan kuni hardhas ajaa’iba hojjechaa jira. Kanaaf kitaaba banuun hin baarbachifne, ragaa lakkaa’un hin barbaachifne. Dirree Harargee Qullubbiitti ajaa’iba akkamii raawwachaa akka jiru kan quba hin qabne jiramoo? Kiristaanota haa gammadnu! “Fayyiinni Gooftaa malee hin jiru ;akka ittiin fayyinuufis samii gaditti maqaan nuuf kenname inni bira hin jiru’(Ho.Du. 412)  jedhameera. Fayyisanis dhala namaa hundi Gooftaa Iyyasuus malee akka hin milkoofne caffatni qulqullaa’oon barreessaniiru. Caaffata kana namootni hiikkaa isaa wallaaluun ittiin dogongoranis  fayyisuun isaa kan bara baraa, kan dhala dhalaa, ta’uun isaa beekamaa dha. Fayyina lubbu isa dheeraa isa bara baraaf dubbatametu kana. Gooftaan ammoo akka namoota gargaaraniif waadaa ergamootaa fi qulqullootaaf galeera, waada sanaan ammayyuu fayyina foonii argannee, fayyina lubbuuf karaa saaqne. Fayyisuun qulqullootaas ergamootaas fedha ‘Maqaa tokkicha ittiin fayyuuf dhala namaaf kenname’ sana akka ta’e beekaa!
Maqaa ergamaa kanaatiin dhabduun kadhattee argatteetti akka Haannaa Haadha Saamu’el dhabduun torba deesse jettee ililchiteetti,(1Sam 2:1) jaamaan ilaaleera, dhukkubsataan fayyeera, naafni diriireera… burraaqeera, kuni hundi fayyina akka ta’ee beekaa..Gooftaan naafa diriirsaa, jaamaa fayyisaa,isa sireerratti waggaa 38 goggoges “siree kee baadhuu deemii(Yoh 58) jechaa akka ture hubadhaa..fayyina fooniis kennaa ture,isa inni raawwachaa ture sana qulqulloota isaa hin dhoowwanne,…Kunoo ree akka itti namoonni fayyaa jiran ajaa’iba ergamaa kanaa irraa hin hubannuu?, Fayyinni fooniis fayyina lubbuu qulqullina laphee keenyaas agarsiisa. Kanaaf karaa ittiin  fayyinu maqaa tokkicha dhalli namaa ittiin fayyu jalatti qabaannee akkuma amantii keenyatti fedhi keenya nuuf raawwatama.
Yaa kiristiyaanota, Ortodooksota warra ganamaa, warra dubbiin hin boora’in warra ammayyummaan hin injifatin, wara dameen hin citin, warra guyyaa keessa hin dhufin, warra seerri itti hin qaldhatin, warra safuun jalaa hin dabin isin gammachuun daangaa hin qabne isiniif haa ta’u! Qulqulloonni akka isin tiksan, ergamootnis akka isin waliin bobba’an amanaa beekaa! Waadaan Waaqayyos qulqulloota isaatti, fedhi isaas isaaniin raawwatamuun hammanuma hoo! Isin yaa warra hubattoota, kan kadhattan akka argattan kan beektan fedhi keessanis akka isiniif raawwatamu ka abdattan, isin yaa warra naatoo qabeessota, yaa safu eegdota, yaa qulqulloota jaallatoota, isiniif gammachuun haa ta’u! Ija Afuuraa keessan banadhaa, warra ija fooniitiin ilaaltan qofa baay’ina isaanii irraa kan ka’e hin sodaatinaa kan nu eegan warra diinota keenya kan caalan waan ta’aniif raayyan nu waliin jiranis kan hin lakkaawwamne waan ta’eef, tokkoon tokkoon keenyas ergamaa nu eegu qabna waan taaneef(Mat 18;10) hin sodaatinaa. Dubbii kitaaba Qulqulluu “Ani gaachana keeti”(Uma 15:1) akka jedhe Waaqayyo isin soda tokko malee ililchaa. Araarri fi sugni ergamaa Qulqulluu Gabri’elii nu waliin haa ta’u, da’aa daa’ima alaa mana,Sa’aa nama keenya haa tiksu. Ibidda boba’e, gufuu dukkanaa’e jalaa, addunyaa gubachuuf kaattu kana jalaa Waaqa nu haa tiksu, eramoota isaatinis nu haa masaku Ameen!

Saturday, July 12, 2014

Qulqulluu Pheexiroos fi Qulqulluu Phaawuloos

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Adoolessa 5,
Guyyaa kana duuka bu’oonni lamaan Qulqulluu Pheexiroosi fi Qulqulluu Phaawuloos guyyaa itti wareegaman kan itti yaadatamu dha. Qulqulluoonni kuni lamaan kitaaba qulqulluu irratti baldhinaan seenan isaanii fi hojiin isaanii ni beekama, kitaabotni akka ergaatti barreessanis baay’e dha.
Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaatti Galiilatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates Gosa Roobeel jedhama. Yeroo ijoollummaa isaattis seera Yihudootaa baratee guddate. Boodas mana ijaarratee haadha manaa horatee qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa taasise. “Kana booda qurxummii miti nama kiyyeesita” jedheen. Sana boodaas duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture. Gooftan ol ba’uu isaan durattis erga du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee gaafateera. Kanaanis “da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekakchiisee adaraa itti kennee jira.  

Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti,Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akasuma biyyoota biraa heddu keessa deemuun wangeela barsiisee kiristoosiin lallabeera. Boodas gara Roomatti ce’eera. Roomattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif innis qabamee wareegame. Yemmuu fannifamus “ ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi gara galee fannifame.   
Qulqulluu Phaawuloos    
Akkasumas guyyaa kana Qulqulluu Phaawulosis kan itti wareegame dha. Qulqullu Phawulos biyyi isaa Israa’el gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa qaba tures. Kunis Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa wan turteef. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu Tarseesii gara biyyatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyaruusalem waan tureef seera Yihudota fi Ooritiif hinaafa waan tureef kiristaanota ari’aa baqachiisaa,ajjeesas ture.
Kana boodaas hinaaffaa isaa kana cimsuun waraqaa eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuf kennameefis waggaa 32 isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo deemee uummata kiristaanaa ajjesuufis karoorfate karaa eegale. Gara Daamasqo deemee yemmuu magaalatti seenuuf dhiyaatutti garuu Gooftaan sagalee Isaa itti dhageessise. “Saawul saawul Maaf na baqachiifta(ari’atta)?” ” jedheen. Hojii duuka bu’ootaa 9:1.
Phawulosis “ ati eenyu” jedhee yoo gaafatu “ani Iyyasuus Isa Naazireet” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu jedhee kadhate. Sana booda ijji isaa arguu dadhabdee abbaan Hanaaniyaa jedhamu tokko kadhateef cuuphame kiristaana ta’e. Sana booda gocha isa duraa sanatti hin deebine. Gal 1:12 iratti erga cuuphamee booda Qulqulluu Phawulos gara biyyooya Arabaa deemuun isaa ofumaaf dubbateeyyu. Biyyoota gara garaatti barsiisee,hidhamee waa heddu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees jira.
Boodas bara 65 yemmuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana dukkana keessati erga hidhamee booda wareegame. Guyyaa kana Adoolessa 5 Qulqulluu Pheexiroos waliin wareegamummaa fudhataniiru.
Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Sugni qulqulloota kanaa nu waliin haa ta’u. Ameen.

Wabii
Barreeffama Dn. Melaaku Izzazaawu fi kan biros
Kitaaba Qulqulluu