Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura
Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Adoolessa 5,
Adoolessa 5,
Guyyaa kana duuka bu’oonni lamaan
Qulqulluu Pheexiroosi fi Qulqulluu Phaawuloos guyyaa itti wareegaman kan itti
yaadatamu dha. Qulqulluoonni kuni lamaan kitaaba qulqulluu irratti baldhinaan
seenan isaanii fi hojiin isaanii ni beekama, kitaabotni akka ergaatti
barreessanis baay’e dha.
Qulqulluu Pheexiroos
Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaatti
Galiilatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates Gosa Roobeel jedhama.
Yeroo ijoollummaa isaattis seera Yihudootaa baratee guddate. Boodas mana
ijaarratee haadha manaa horatee qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan
keenya Iyyasuus Kiristoos garuu qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa
isaa taasise. “Kana booda qurxummii miti nama kiyyeesita” jedheen. Sana boodaas
duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis
biraa hin dhabamne ture. Gooftan ol ba’uu isaan durattis erga du’aa ka’ee
booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee “Pheexiroos ilma
Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee gaafateera. Kanaanis
“da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekakchiisee adaraa itti kennee
jira.
Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti,Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akasuma biyyoota biraa heddu keessa deemuun wangeela barsiisee kiristoosiin lallabeera. Boodas gara Roomatti ce’eera. Roomattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif innis qabamee wareegame. Yemmuu fannifamus “ ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi gara galee fannifame.
Qulqulluu Phaawuloos
Akkasumas guyyaa kana Qulqulluu Phaawulosis kan itti wareegame dha. Qulqullu Phawulos biyyi isaa Israa’el gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa qaba tures. Kunis Room dur bulchiinsa ishee jala jiraniif lammummaa kennaa wan turteef. Qulqulluu Phaawulos waggaa 15 yemmuu guutu Tarseesii gara biyyatti deebi’ee Gamaaliyaal irraa seera Yihudootaa hanga waggaa 30tti barate. Innis jalqaba yemmuu Gooftaan barsiisu Iyyaruusalem waan tureef seera Yihudota fi Ooritiif hinaafa waan tureef kiristaanota ari’aa baqachiisaa,ajjeesas ture.

Kana boodaas hinaaffaa isaa kana
cimsuun waraqaa eeyyamaa kan kiristaanota hunda akka ajjeesuf kennameefis
waggaa 32 isaatti argatee Iyyaruusalemii gara Damaasqoo deemee uummata
kiristaanaa ajjesuufis karoorfate karaa eegale. Gara Daamasqo deemee yemmuu
magaalatti seenuuf dhiyaatutti garuu Gooftaan sagalee Isaa itti dhageessise.
“Saawul saawul Maaf na baqachiifta(ari’atta)?” ” jedheen. Hojii duuka bu’ootaa
9:1.
Phawulosis “ ati eenyu” jedhee yoo
gaafatu “ani Iyyasuus Isa Naazireet” jedheen. Yeroo kanas kufee maal godhu
jedhee kadhate. Sana booda ijji isaa arguu dadhabdee abbaan Hanaaniyaa jedhamu
tokko kadhateef cuuphame kiristaana ta’e. Sana booda gocha isa duraa sanatti
hin deebine. Gal 1:12 iratti erga cuuphamee booda Qulqulluu Phawulos gara
biyyooya Arabaa deemuun isaa ofumaaf dubbateeyyu. Biyyoota gara garaatti
barsiisee,hidhamee waa heddu argee ergaawwan kitaaba qulqulluu 14 barreessees
jira.
Boodas bara 65 yemmuu sababa gubachuu magaalaa Roomaatiin Neeroon Qeesaar kiristaanota ajjeesaa turetti magaalaa Niqoophiliyoon jedhamtutti yemmuu barsiisu qabamee mana hidhaa gale. Waggaa lamaa fi baatii jaha mana dukkana keessati erga hidhamee booda wareegame. Guyyaa kana Adoolessa 5 Qulqulluu Pheexiroos waliin wareegamummaa fudhataniiru.
Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Sugni qulqulloota kanaa nu waliin haa ta’u. Ameen.

Wabii
Barreeffama Dn. Melaaku
Izzazaawu fi kan biros
Kitaaba Qulqulluu
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.