Thursday, September 26, 2013

Ayyaana Masqalaa(Fannoo)


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

 

Waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra karaa badiisaa irra jiraniif gowwummaa dha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyooti” (1Qor 1:18).

Akka barsiisa mana amantaa keenyaatti Fulbaana 17 guyyaa ayyaana Fannoo yookaan Masqalaa jechuudhaan ni kabajama. Ayyaanni masqalaa kun biyya keenyatti haala miidhagaanii fi iddoo adda addaatti kan kabajamu dha. Ayyaanni kun aadaanis amantiidhaanis ni kabajama. Sababni kabaja ayyaana kanaa akkuma beekamu sababa badee argamuu fannoo gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi dha. Mee seenaa isaa fi dubbii fannoo haa ilaallu.

Dubbii Fayyinaa

Dubbiin fayyinaa Waaqayyo samii samii irraa bu’ee giiftii keenya qulqulleetti Maariyaamii irraa dhalatee nu fayyisuu isaa kan ibsu dha. Kun of jalatti qabxilee ijoo afur qaba;
1.                 Waaqayyo arjummaan isaan Addaamii fi Hewaan uumama hunda caalaa fakkii mataa isaatiin isaan uumee bakka jireenyaa Jannata fakkaatu qopheessee gammachuu fi jaalalaan uumama hunda abboomaa akka jiraatan aangoo kenneef ture (Uma 1:25). Addaamii fi Hewaan bara Jannata keessa jiraachaa turan sana Waaqayyo faana dubbachaa; uumama hunda irratti mo’anii jiraachaa turan.
2.                  Addaamii fi Hewaan firii mukaa hin nyaatina jedhamanii abboomaman waan nyaatanii, seera Waaqayyo isaanii kenne cabsan. Fedhii dhala namaa isa ammallee dhuma hin qabne. Isaaniis waan hundi guuteefii osoo jiruu waaqa ta’uu barbaadan. Waaqayyoo dubartittiidhaan “Yeroo ati ulfooftu rakkina kee guddaa nan baay’isa; ciniinsuudhaanis mucaa ni deessa; kana keessaa abbaa manaa keen in hawwita, innis aboo sirratti ni qabaata” jedhe. Waaqayyo namichaan “Ati dubbii haadha manaa kee waan dhageesseef ija mukaa isan ‘hin nyaatin’ jedhee si abboomes waan nyaatteef, lafti sababii keetiif abaaramaa in ta’a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Inni qoraattiidhaa fi baalaan waraanee (kosorruu) siif biqilcha, atis biqilaa lafaa in nyaatta. Ati biyyoo dha, deebitees biyyoo in taata; ati biyyoo lafaatii waan kutamteef gara isaatti hamma deebituttis, dhamaatee, dafqitee buddeena in yaatta jedhe (Uma 3:16-19). Waaqayyo balleessaa isaaniin haala kanaan isaan adabee, Jannataas isaan baase. Waaqayyo faana wal dhabee du’aanis adabame. Isaanis waan Waaqayyo wajjin wal dhabaniif dhaloonni isaanii illee akkasuma Waaqayyotti hin araaramne. 

3.                 Addaamii fi dhaloonni isaa kufaatii fi cubbuu hojjetanirraa of fayyisuu hin dandeenye. Sababni isaas namni tokko du’ee fayyisuu qaba waan ta’eef. Waaqayyo murtii sirrii dabarsee waan tureef beenyaan ni barbaachisa ture. Dhangala’uun dhiiga Abeelii fi wareegamtootaa beenyaa ta’uu hin dandeenye; sababni isaas namni mataansaa yeroo sana kabaja waan dhabeef, beenyaaf ta’uu hin danda’u ture.
4.                 Waaqayyo jaalala waan ta’eef, uumamni isaa yookaan dhalli namaa waan isa gaddisiseef karaa ittiin ofitti deebisu qopheesse. Waaqayyo hafuura dha, garuu kanaaf foon uffatee akka dhalatee isaan fayyisu waadaa galeef. Qaama sadeen keessaa tokko, Ilmi, gadameessa haadha keenya qulqulleetti dubroo Maariyaamii keessa bule. Nama ta’ees dhalate. Raajii Isaayyaas akkas jedha “Namoonni isa tuffatanii isa irraa in goran, inni nama muddamni itti baay’ate ture; inni nama akka tuffatanii, achi ilaalanii bira darbanii in ta’e; nuti homaattuu isa hin lakkoofne. Inni garuu dhugumaan dhiphina keenya of irra in kaa’e, muddama keenyas in baate; nuyi garuu akka Waaqayyo dha’icha itti fidee, gad isa deebiseettis in lakkoofne.”(Isa 53:3-4). Akkuma inni jedhe guyyaa dhaloota isaa hanga fannoo isaatti gidiraa meeqa keessa darbee wareegama dhiigan dhala namaa ofitti araarse. Fannoo irratti fannifamuun nama, Abbaa fi Afuura Qulqulluuttis araarse. 

Dubbii Fannoo

Gidiraa fi rakkina dhalli namaa baachuu hin dandeenye fudhatee erga fannoodhaan nu fayyisee fannoon nuuf; “Fannoonsaa humna keenya, humni keenya fannoosaati, kan nu jajjabeessu fannoosaati, fannoonsaa furaa keenya dha. Fannoonsaa fayyisaa lubbuu keenyaati, warri Yihudootaa isa ganu nuti garuu itti amanna, warri itti amannus fannichaan in fayyina, fayyineerras.” (Kadhannaa yeroo hundaa lakk. 7). Haala kanaan akka kadhannuufis Abbootiin qulqulloonni Afuura Qulqulluun dursamanii nuuf barreessaniiru.
Fannoo akka Mallattoo Fayyinaatti - Jalqabarratti hojii fayyisuu ilma namaa kan ta’e mallattoo gidiraa gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosii ti. Qulqulluun Yaareed “… Fannoon mallattoo dhukkubbiiti…” akkuma jedhe fannoon mallaattoo gadadoo, gidiraa fi mallattoo fayyisuu gooftaa keenyaati. Yommuu fannoo arginu, yommuu mallatteeffannu, maqaa isaa yommuu dhageenyu gidiraa gooftaa keenyaa kan nu yaadachiisuu, waan fannoo irratti raawwatame hundaa fi akkataa ittiin fayyina arganne mallattoo nu yaadachisu dha.
Mallattoon kun kan barbaachiseef namootni waaqa isaanii akka yaadataniif. Waaqayyo yeroo adda addaa mallattoo addaan yaadatama. Fakkeenyaaf, bara kakuu moofaa keessa Waaqayyo teessoo isaa Taaboota godhee isaaniif kenne. Bara kakuu haaraas immoo meeshaalee qulqulluun mana amantaa keenyaa fi sirnoonni mana amantaa keenya keessatti raawwataman Waaqa keenya kan nu yaadachiisanii dha. Bu’uurri isaanii hunduu Kitaaba Qulqulluuti, sababa Kitaaba Qulqulluun ala wanti ta’e hin jiru. Hiikaan fannoon qabus akkasuma. Nuti kiristaanotni yeroo hundaa gidiraa gooftaa keenyaa fi du’a isaa yeroo mara yaadachuu qabna. Fannoon immoo yeroo arginu dafee nu yaadachiisa mallattoo fayyina keenyaa, mallattoo kiristaanummaa keenyaa, sodaachisaa diina keenyaa, FANNOO!
Gooftaan keenya “Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannicha baate na duukaa haa bu'u" (Marq 8:31-34) jedheera. Egaa asirratti wanti hubachuu qabnu ergaa guddaatu nuuf kaa'ame salphaatti kan ilaalamu miti. Yoo jiraachuu feene, yoo mootummaa Waaqayyoo feene, yoo waanjoo seexana jalaa bahuu barbaadne, yoo abidda bara baraa jalaa galuu barbaadne ifaaf ifatti gooftaa keenya jireenya keenya lafa irratti daandii isaarra akka deemnuuf nu barsiiseera.
Qulqulluu Phaawuloos Fannoo irratti du’uudhaan gosa lamaanuu akka dhaqna tokkootti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse” (Efe 2:16).
Qulqulluu Yaareedis akkas jedheera,
v    “Fannoon addunyaa maraaf ifa dha, bu’uura mana kiristaanaatis.” 
v    “Qaraaniyyootti qullaa safuu malee oole, yeroo fannifame qullaa isaa taasisan, Eeboodhaan fannoorratti cinaachaa isaa waraanan, fannoonsaa hoolota isaa haaromse.” 

v     “Fannoosaatiin Jannata seenne, duunis ni moo’ame.
Fannoo yommuu arginu, yaadannu, dhageenyu qabxiilee armaan gadii hubanna:
Jaalala Waaqayyo nuuf qabu yaadanna
Nuyi hundumti keenya akka hoolotaa karaa irraa badnee turre, adduma addaanis kara-karaa in gorre; Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa Isa irra in kaa’e” (Isa 53:6). Nuyi dhalli namaa akkam Isaayyaas raajichi jedhe cubbuu keenyaan Waaqayyorraa adda baane, dibaabee du’aa jala jiraachaa turre.
Waaqayyo akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuutti biyya lafaa jaalate; Kun immoo isatti Kan amanu hundinuu jireenya Bara baraa haa qabaatuuf malee, haa baduufi miti” (Yoh 3:16). Akkuma jedhame Waaqayyo ilma isaa jaalatamaa nuuf erge du’aan waaregamuudhaan nu fayyiseera.
“Waaqayyo garuu, utuma cubbamoota taanee jirruu, Kiristoos nuuf du’uu isaatiin hammam akka nu jaallate in agarsiisa.” (Rom 5:8)
“Namni tokko firoota isaatiif jireenya isaa dabarsee kennuu irra kan caalu, jaalala guddaa qabaachuu hin danda’u.”(Yoh 15:13)
Kanaafuu fannoon nuuf jedhee waaqayyoo fannifamee nu faayisuu isaa kan nu yaadachiisuu fi jaalala hammam akka namaaf qabu kan agarsiisudha.
Cubbuu keenya nu yaadachiisa
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan fannifameef nuyi cubbamoota waan taaneef fayyinni waan nu barbaachisufi dha. Kanaafuu, fannoon kan cubbuu keenya itti yaadannee akka gaabbinu nu godhudha.
Qulqulluu Phaawuloos “Waaqayyo gatiidhaan isin bitate, guutummaa dhaqna keessaniin waan inni ittiin galateffamu hojjedhaa.” (1Qor 6:20)
Kanaafuu, yommuu fannoo arginu bilisa kan taane gatiin nuuf kaffalamee ta’uu isaa yaadachuu qabna. Yaadachuu qofas miti Waaqa keenya galateffachuun nurra jiraata.

Haqummaa murtee Waaqayyoo nu yaadachisa
Fannoon mallattoo jaalala Waaqayyoo fi murtee isaa, gaarummaa fi arjummaa Waaqa keenyaa mul’isa. Addaam kufee murtiin sirriin kennameefi, garuu, murtee sirrii Waaqayyo kenne jijjiiruuf garuu wareegama barbaachisa ture, gooftaan arjaa garuu namarraa hin eegne ofii isaa bakka hoolota isaa bu’ee gidiramee dhala namaa waanjoo seexanaa jalaa baasee barruu isaa gubbaa nu kaawwate. Kun immoo kan ta’e fannooni dha.
Fannoon gidiraa fi du’a Gooftaa nu yaadachiisa
Gidiraan gooftaa keenyarra gahe kan jechaan ibsuun danda’amu miti, salphifameera, reebameera, baqaaf saaxilameera, cubbamtootaan itti tufameera, fannoo baatee gaara baheera. Miilli isaa fi harkisaa mismaaraan rukutameera, fannoo irratti fooniin du’eera sababa cubbuu dhala namaan. Kanaaf fannoon mallattoo gidiraa gooftaa keenyaa akka yaadannu kan nu godhudha.
Dhiifama walii godhuu fi fayyuu keenya nu yaadachiisa
Fannoo yommuu arginu cubbuu keenya irraa akkamiin akka fayyinee jireenya gaabbii akka arganne nu yaadachiisa. Akkasumas, akkamitti dhiifamni akka nuuf godhame yaadanna. “Yaa abbaa waan godhan hin beekani’oo isaaniif dhiisi” (Luq 23:34).
Dabalataanis fannoo yommuu ilaallu lubbuutiin Sii’ol seenee lubbuu namoota seexanaan qabamanii bilisa baasuu fi nuuf immoo cubbuun dhalootaa dhalootatti akka hin darbine nuuf gochuu isaati. Ammas namichi cubbamaan gooftaa keenya cinaa fannifamee fi gooftaan keenya fedhii, jaalalaa fi arjummaa isaan dhiifama gochuufiisaa ni hubanna, nuyis abdiidhaan guutamne yoo itti amanne, kadhanne, abboomamne, namootaafis dhiifama goone akkasuma mootummaa Waaqayyoo akka argannu nu yaadachiisa. Fannoon abdii gara fulduraa keenyaati. 

Fannoon miindaa du’aa ta’uu nu yaadachiisa
Nuyi irra daddarba keenyaan karaa hafuuraa du’aa taanee utuma jirruu, inni warra Kiristoos wajjin jiraatan nu godhe.” (Efe 2:5)
Akkuma armaan olitti jedhame Waaqayyo nu fayyisuuf gooftaan keenya fannoo irratti fannifamuun isaa cubbuu dhala namaaf jedhee yommuu ta’u, miindaan cubbuu kanaa immoo du’a ta’uu isaati. Gooftaan fannoodhaan gatii cubbuu dhala namaa kaffalee gaafa guyyaa sadaffaa du’a moo’ee ka’uun bilisa nu baase. Kanaaf fannoon gatii cubbuu keenya balleessuuf du’aaf kaffalamee ture jechuudha.
Fannoon Du’aa ka’uufii abdii dhufaatii Gooftaa nu yaadachiisa.
Yommuu fannoo yaadannu gooftaan keenya du’uu isaa, du’a gooftaa keenyaa yommuu yaadannu immoo ka’uu isaas wajjin yaadanna. Ka’uu isaatiin nutis duunee akka kaanu nu abdachiisa. Akkasumas erga duune kan kaanu yommuu lammata dhufaatii isaa waan ta’eef, fannoon dhufaatii gooftaas nu yaadachiisa.
“Yommus mallattoon ilma namaa (fannoon) samii keessatti in mul’ata; yeroo sanatti sabni biyya lafaa hundinuu boo’uuf jiru; ilmi namaa immoo duumessoota samii irraa humnaa fi ulfina guddaadhaan dhufuu isaa arguuf jiru” (Maat 24:30). Dhufaatii gooftaa yommuu yaadannu immoo murtiif akka ta’es yaadannee of qopheessinee jiraanna jechuudha.
Yommuu fannoo arginu “Fannoo baadhaa na duukaa bu’aa” jedhamuu keenyas ni yaadanna
Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannicha baate na duuka haa bu'u.” (Maarq 8:31-34). “Fannoo isaa anaaf jedhee baatee na duukaa kan hin buune, bartuu koo ta’uu hin danda’u”
Egaa waa’ee fannoo gooftaa yaadannee yommuu kabajnu wantoota baay’ee kan nu yaadachiisu yoo ta’u isaan keessaas muraasa ilaalleerra.

Fannoo Gooftaan Qaraaniyoo irratti fannifame isa jalqabaa

Addunyaa kana irratti wantootni seenaan adda addaa irratti raawwatame; fakkeenyaaf, dirree waraanaa, meeshaaleen namootni/moototni durii fayyadamaa turan, uffatni moototaa, siidaaleen adda addaa, meeshaalee teeknooloojii akka addaatti ilaalaman fi kkf Kuus-hambaan hojjetameefii eeggannoo fi kabajaan dhalootaa dhalootatti darbaa jiru.

Fannoon gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhala namaa kan itti fayyise, lubbuu isaas irratti dabarsee kan nuuf kenne, jaalala dhala namaaf jedhee dhiiga isaa irratti kan lolaase, dhiiga isaan kan eebbise, dhiiga isaan kabajee meeshaa gatii tilmaama hin qabne godheera. Erga hambaaleen biyya lafaa kun hangas kabajamanii fannoon Ilmi Waaqayyoo irratti dhiiga isaa kaffale gatii hammamiin haa tilmaamamuree, kabaja akkamiinis haa kabajamuree?
Fannoon mallattoo fayyina keenyaa waan ta’eef ni mallatteeffanna maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko jennee yeroo kadhannaa jalqabnu, yoo xumurru, yoo gammadnu, yoo gaddinus, walumaa galatti yeroo mara gooftaa keenya yaadachaa fannoo isaa ni kabajna, ni dhunganna.

Fannoolee har’a Warqii, Muka, Meetii, Sibiilaa fi Albuudota adda addaa irraa hojjetaman

Taabotni Museef kennamee tokko ture garuu dhalli namaa bakka gara garaatti baay’atee waan jiruuf yoo inni kan biraa hojjete illee akka eebbisuufii fi akkata itti hojjetu Waaqayyo raajicha Museef ibseefiira. Sababa kanaan manni kiristaanaa keenya Taabota baay’ee garuu hiikaa fi tajaajila kennaniin kan tokko ta’an qabdi.
Fannoonis kanaan adda miti amantootni hunduu sugaa fannoo irraa akka argataniif wantoota adda addaa irraa hojjetamee tajaajila barbaadameef oola. Fannoon gooftaa tokko dha, namooni biyya lafaa kanarra faffaca’anii jiran fannoo tokkocha kanatti fayyadamuu waan hin dadeenyeef baay’inaan hojjettama garuu hiiknii fi tajaajilli isaa tokko, akkasumas eebba tokko argamsiisa.
Fannoon gooftaan keenyi itti fannifame dhiiga isaatiin kan eebbifamee fi kabajame dha. Warri ammaa immoo kadhaa dubbii fannoo faarsanii fi kabajaniin eebbifamanii uummatni ittiin tajaajilama. Kana jechuun yaadannoo fannoon gooftaa ooluuf oolu jechuudha. Tokkos madda sugaa ta’u, hafuura hamaa baasu, dhukkuboota irraa nama fayyisu.

Kabaja Fannoo

Nuti hordoftootni mana amantaa kiristaanaa Ortodoksii hiika hafuuraa hubachuun laphee keenyatti qabannee jaalala fannoof qabnu ibsuuf sirnoota raawwannu qabna. Mee muraasa isaanii haa ilaallu.
1.                 Fannoo mana amantaa kiristaanaa, meeshaalee mana amantaa fi qaama namaa irra gochuu
Eebbifamoo Abuuna Shinoodaan barsiisa isaanii keessatti waa’ee ayyaana fannoo akkas jedhanii turan “Nuyi kiristaanotni hiikaa hafuuraa fi barumsa hafuura qabnuun fannoo itti duune qabanna. Mataa manneen amantaa keenyaa gubbaa goona, haala adda addaan bocanna, laphee keenya irratti godhanna, mallattoo isaan mallatteeffanna, kadhaa keenya ittiin jalqabanna, lubootni harka isaaniitti qabatu, namootni ittiin eebbifamu, suga kakuu haaraa hunda akka irraa argannu amanuun sirnoota amantaa keenyaa irratti itti fayyadamna, lubootni uffata isaanii irratti ni godhatu kun immoo bareedinaaf qofa miti humna fannoon qabuufi eebba isaafi malee”. Jecha isaaniif Waaqayyo sagalee jireenyaa isaan haa dhageessisu, mootummaa isaa irrattis isaan haa yaadatu, eebbi isaaniis nu haa qaqqabu.
2.                 Fannoo dhungachuun eebbifamuu
Dur dur fannoon mallattoo abaarsaati malee hiika har’aa hin qabu ture. Namootni kan ittiin adabamaa turani dha. Waaqni keenyaa waaqni jaalalaa garuu cubbuu keenya fi abaarsa keenya fannoodhaan nuuf balleessera. Wantootni hedduun kakuu haaraa fannoo irraa argaman.  Kanaaf lubootni eebba kennuuf fannoo fayyadamu, kunis eebbi kan burqu isaan irraa osoo hin taane eebba akka kennaniif kan kennameefii fannoo gooftaan irratti fannifame fi madda sugaa kennaa kakuu haaraa ta’uu isaa hubachiisuufi.
3.                 Mallatteeffachuu
Mallatteeffachuu jechuun mul’isuu jechuu dha. Kunis quba harka keenya warra duraa sadaniin mallattoo fannoo uumuun gubbaa gara gadii fi bitaa irraa gara mirgaa gochuun mallatteeffanna akkas jechuun “Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa tokko Ameen”. Harka keenya adda keenyarraa gara laphee keenyaatti fiduun keenya gooftaan keenya sami samii irraa bu’ee gadameessa qulqulleetti dubroo Maariyaamii keessa bulee dhalachuu isaa ibsuufi. Bitaa irraa gara mirgaa gochuun immoo rakkina fi gadadoo keessaatii gara jireenyaatti nu fiduu isa yaadachuufi.
4.                 Fannoof sagaduu fi bitamuu
Nuyi Ortodoksootni fannoof in sagadna. Kan sagadnuuf hiikkaa fannoon qabu lamaafi.
i.                   Fannoon mallattoo yaadannoo gidiraa gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos waan ta’eefi. Sagadni goonu garuu fannoon sun Waaqa jennee osoo hin taane Waaqa keenyaaf rakkoo fi gidiraa isarra gahaa ture yaadachuun, fannoo isaa jalatti kufnee sagadna.
ii.                 Fannoon meeshaalee sirna waaqeffannaa amantii keenyaa keessaa kabajamaa fi qulqullaa’aa waan ta’eef sagada kabajaa ni goonaaf.

Humna Fannoo

Waa’ee fannifamuu Kiristoos dubbachuun warra karaa badisaa irra jiraniif gowwumaa dha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu, inni humna Waaqayyooti.”(1Qor 1:18)
Fannoon hiikaa qabu keessaa karaa lamaan humni isaa ibsamuu ni danda’a;
i.                   Fannoon cubbuu keenyaa fi rakkoo cubbuu keenyaaf du’a nutti dhufeef, gidiraa gooftaa keenyaaf, fannifamuu fi du’uu gooftaa keenyaa akkasumas du’aa fi dhufaatii isaa, abdii du’aa kaanee murtiif dhiyaachuu keenyaa fi wantoota kana waliin wal qabatan mallattoo bakka bu’u dha. Yoo kana yaadannu immoo yeroo hundaa waan addunyaa kana irra jiran hunda caalaa kan akka jaalala gooftaa keenyaa akka hin jirre akka yaadnu nu taasisa. Yommuu qoramnu illee fannoosaa yaadachuu keenyaan qofa abdiin guutamna. Kanaaf fannoon humna keenya dha.

ii.                 Eebbifamoo Abuuna Shinoodaan barsiisa isaanii keessatti waa’ee ayyaana fannoo akkas jedhanii turan, “Mallattoo fannootiin hafuuronni hamaan hundi akka sodaatan ni argina; dhalli namaa gidiraa seexanaa jalaa kan bahe sirna bilisa baasaa fannoon fannifamuu gooftaatiini. Kanaaf seexanni mallattoo fannoo ni sodaata, kanaaf yoo amantiin raawwanne fannoon hafuura hamaa ni baasa, ni fageessas.” Nuyis ijoolleen Waaqayyoo mallattoo injifannoo godhannee qabannee ni deemna; humna hamaas ittiin moo’uuf ni fayyadamna. Kanaafi egaa kadhaa keenya yeroo hundaa keessatti fannoon kan yaadatamuuf.

Badee argamuu Fannoo Gooftaa Keenyaa

Fannoon gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos itti fannifamee ture namoota du’aa kaasaa, dhukkubsattoota fayyisaa humna hamaa baasaa waan tureef Yihudootni hinaaffaa fi wallaalummaadhaan gaara Qaraaniyoo irra aawwaluun akka kosiin itti gatamu godhani. Israa’eelonni hunduu kosii achi geessani gatuu eegalan.
Dhala nama haa ilaallu osoo iji isaanii arguu yoo hamaa yaadani, fannoosaatiin Waaqa keenyatti araaramnee, haguuggii isaa jalas gallee otoo jirruu, hamman yoo salphisanidha fannoo Waaqayyo namaaf jedhee kabaja isaa dabarsee kenne kan awwaalan, kan Waaqayyo jaalala namaaf qabuuf jecha dhiiga isaa irratti lolaase kan dhoksan? Kana jechaan ibsuun nama dhiba, Waaqayyo garuu akka hammeenya namaa osoo hin taane akka arjummaa fi jaalala isaan nama hin mine, in jiraachise malee.
Bara 70 B.A ajajaan mootii Roomaa fi mucaan isaa Israa’eeloota balleessuuf yommuu gahan, kiristaanotni magaala sana gadhiisanii waan bahaniif Yihudootni hafanis waan ajjeesamaniif barri sun bara gadadoo, bara wareegamtootaa, baqaan uummata kiristaanaas waan tureef fannoo dhokfamee kosii jala awwalame sana baasuun hin danda’amne. Bakka fannoo sanallee namni yaadatu dhabame.
Waggaa 300 booda Waaqayyo mootii Qosxanxinoos kaase. Innis diina Maksimiyaanos jedhamu waliin lola irra ture. Osoo waraana kanaan gunnamaa jiruu samii irraa ifni fannoon fakkaate itti mul’ate “Kanaa booda mallattoo kanaan diina keen in moota” sagalee jedhu samii irraa dhagahe. Kunis kan ta’e mootichi yeroo yaadaan badee turetti dha. Yeroodhuma sana amantii kiristaanaa amanee fudhate. Fannoo mallattoo waraana isaa godhate. Meeshaa waraanaa isaa, meeshaalee mana isaa fi waanuma hundarratti fannoo mallatteeffate, diina isaa ni moo’ate kiristaanotaaf bilisummaa kenne, mootummaa kiristaana hundeesse. Kunis bara gadadoo fi wareegummaa ture sana dhumni isaas akka dhufu godhe.
Maqaan haadha mootii kanaa Qulqulleetti Illeenii jedhamti. Ilmii ishee giiftii ishee godhee, kabajee, qabeenya mootummaa isaa irrattis aangoo kenneef. Isheenis gaarummaan qabeenya kanaan mana kiristaana hedduu ijaarsiste, warra rakkataniif gaarummaa oolte, yommuu deddeebi’aa turtes namoota rakkatan gargaaraa bilisa baasaa turte. Nama amantii ishee sirritti raawwattu turte. Yommuu mana amantaa deemaa turtes kadhaa osoo addaan hin kutiin kadhatti turte. Akka giiftiitti osoo hin taane akka amantuu kiristaana tokkoo ta’aa turte. Sirna hafuurawaa hunda otoo hin hambisiin in raawwatti, amantootas deemte jajjabeessiti turte.
Bara dulluma ishee Waaqayyo akka gara Israa’eel deemtee fannoo gooftaa isa gataa kosii jala awwaalame baastu raajiidhaan itti hime. Gaafa deemtu garuu bakka inni awwaalame beekuu hin dandeenye.
Turtii ishee qulqulluu Yaareed kitaaba Duggaa irratti akkasitti barreesseera;
Giiftittii Illeeniin fannicha barbaacha nagaan deemte, Ibroota keessaas amantoota argattee bakkee gooftaan fannifame eessa jette gaafatte isaanis Qaraaniyoo jedhaniin.” Namoota gaafatte keessa namichi Kiraakos fi Amiinoos jedhaman turan. “Isheenis Kiraakosii fi Amiinoosin Yihuudootni gooftaa eessatti akka fannisan natti himaa jette. Kiraakosis akkas jedheen, barri isaa dheeraa waan ta’eef akka hin beekne himee garuu bakki isaa Qaraaniyoo ta’uusaa akka abbaan isaa itti himeture isheetti hime.”
Garuu gaara Qaraaniyoo qotamnaanis bakka inni awwaalame beekuun hin danda’amne. Booda Abbaa Maqaarsi kan jedhaman Phaaphaasiin Iyyarusaalem bakkeen fannoon itti awwaalame sun gaara Qaraaniyoo sana irra ta’ee bakkee olka’aa (guffii) akka ta’e itti himan. Gaara sana irra garuu iddoon guffii ta’an hedduutu jiru turan. Ammas fannoon sun argamuu hin dandeenye.
Giiftittii Illeeniinis, “Yoo fannoon kun hin argamne uffata mootummaa koo kana hin uffadhu jettee, sagalee guddaadhaanis Waaqayyotti iyyatte”. Torbii (subaa’ee) galuun kadhaa jalqabde. Osoo torbii kana irra jirtuu ergamaan Waaqaa “Damaraa damarii ixaana itti dabalii gubi, aarri ixaanichaas bakkee fannoo sanaa sitti agarsiisa” jedhee itti hime.
Isheenis Fulbaana 16 damaraa hojjechiistee ixaanni itti dabalamee ibiddi itti qabsiifame. Aarri ixaanichaa samitti ol bahee gad yommuu deebi’u bakkee fannoo sanaatti akeeke. Qulqulluu Yaareed “Ixaanichi iddoo fannoon jirutti akeeke, aarri isaas fannichaaf sagadee” jedhee barreessera.
Yeroodhuma kana fannicha baasuuf qotuun jalqabame. Ji’a jahaa booda akkuma kitaaba Sinkisaaraa irratti himame Bitootessa 10 fannoo namootni lamaan bitaa fi mirga gooftaa itti fannifamanii fi kan gooftaa keenyaa argaman. Walumaa galatti, sadii jechuu dha. Fannoon gooftaa keenyaa raajii hojjetuun adda baheera. Gonfoon qoraatti gooftaaf godhames waliin awwaalamee ture, mismaaronni inni ittiin rukutames wajjuma argamaniiru jedha akka Sinkisaara irratti barreefametti.
Giiftittii Illeeniinis gammaddee gaara Qaraaniyoo irratti mana kiristaana hojjechiiste. Manni amantichaas Fulbaana 16 eebbifamee Fulbaana 17tti sirni eebbaa (qiddaaseen) keessatti raawwate. Fannoon gooftaas sanduuqa warqiin achi keessa kahame. Kanaaf manni amantaa keenyaa Fulbaana 16 damaraa jette kabajji yaadattis. Bitootessa 10 immoo guyyaa fannoon kun bahe waan ta’eef kanas ni yaadatti.
Sugni Fannoo gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos nurra haa bulu Ameen!

Kitaabota Wabii
1.                 Macaafa Qulqulluu, Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa, Finfinnee, 1997 B.A.
2.                 Galata Maariyaamii, Waldaa Qulqulloota, 2004 B.A.
3.                 www.eoch.org

Wednesday, September 25, 2013

Ayyaana Irreechaa Ilaalchisee Gaaffii fi Deebii Luba Balaay Makonnin Waliin Godhame

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura  Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!


Gaaffiiwwan waqtii kana keessa namoonni baldhinan nu gaafatan keessa tokko waa’ee ayyaana irreechati. Yeroo hunda birraan bari’ee masqala barii Oromoon malkaatti yookaan iddoo bishaan jirutti ba’ee ni irreeffata. Keessumattuu Oromiyaa keessatti magaalaa Bishooftuu Hora Arsadiitti sagantaan irreechaa adeemsifamu akka Oromiyaatti kan kabajamu waan taheef uummata miiliyoonotaan lakkahamantu irratti hirmaatas jedhamee amanama. Kanumaan walqabatee hordoftoonni amantaa Ortodoksii dhalata Oromoo tahan gaaffiwwan heddu kaasu. Ni yaadattan yoo tahe bara dheengaddaa waa’ee ayyaana irreecha ilaalchisee gaafffiwwan nu gahaniif yaada abboota amantaa Ortodooksii waa’ee aadaa fi duudha Oromoo beekan dubbisnee dhihaachuuf waadaa isinii gallus hin milkoofne ture. Kunoo akka fedha Waaqayyotti hardha, carraaqqii yeroo dheeraa booda waa’ee ayyaanichaa ilaalchisee gaaffiwwan kiristaanonni gaafataniif yaada isaanii akka nuuf  kennaniif  abboota mana kiristaanaa Ortodoksii Twaahidoo hooganan keessaa keessummaa dubbisnee jirra.

Keessummaan keenyas Luba Balaay Makonnin jedhamu. Mana kiristaana Ortodooksii Tawaahidoo Itiyoophiyaatti hoogganaa kutaa qajeelcha seerati. Luba Balaay koolleejjii hafuurawaa Ortodooksii dabalatee yeroo dheeraadhaaf hooggnsa gara garaa irra kan turanii fi lallaba Wangeelaas kennaa kan jiran irra darbuudhaniiyyuu  abboota hooggansa mana kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa keessa jiran muraasa keessaa  waa’ee aadaa uummata Oromoo hubachiisuuf carraaqaas kan jiranii fi uummanni Afaan Oromootiin akka tajaajilamuu fi baratu gumaacha mataa isaanii kan buusaa jirani dha. Akka Oromoo tokkoottis yeroo isaan ayyaana irreecha irratti argamanii Teeleviziiniidhaanis dabalatee haasawa taasisan irra deddeebinee waan agarreef nutis gaaffiwwan uummanni  gara keenya erguuf deebii fi hubannoo nu laatu jennee gaaffiwwan keenya dabalataas  kaasuudhaan Luba Balaay waliin gaaffi fi deebii gabaabaa goonee  jirra, yaa hordofnu.
Hubachiisa: Kaayyoon qophii kanaa, baay’ina gaaffii waa’ee kana ilaallatan irraa kan ka’e baay’ee waqtaawaa waan taheef  namoonni hubannoo ayyaana irreechaa irratti akka argatan kan qophaahe qofa fi ayyaana irreechaa lallabuuf yookaan ammoo balaaleffachuuf  kan qophaahe miti.

MJ: Eebbi keessan nu haa gahu! Beellama keenya kabajjanii waan argamtaniif gammadneerra. Hardha waa’ee ayyaana irreecha irratti gaaffiwwan ka’aniif deebii akka nuuf laattaniif  isin dubbisuu  barbaanne. Kallattiidhaan gara waa’ee Irreechatti seenuun dura, waa’ee Waaqeffannaa yaada isin qabdan osoo xinnoo nuuf qooddanii.

Luba Balaay: Egaa Waaqeffataa jechuun nama Waqaayyo tokkichatu jira jedhee isatti bulu, isa amanus jechuu dha. Kana yoo jennu, barreeffamaan hin taa’in malee dur irraayyuu dhaloota irraa dhalootatti kan darbu seerri laphee jira, abbootnis Waqaayyo tokkicha tahu isaa ilmaan isaanitti himu turan. Kanaaf  Oromoon dur bara kakuu moofa irra eegalee Waaq Tokkichatti waan buluuf. Tokkicha maqaa dhibbaa gurraacha gara garbaa jedhee amanaa ture.Waaqa utubaa malee,lafas dhisaa malee kan diriirsite jedhee dubbata
Oromoon Waaqa samii uumte Waaqa ardii uumte, Waaqa hallayyaa uumte, kan dukkana uumte kan ifa uumte jedhee Waaqayyoon barreeffama tokko malee amanaa fi ibsaa tureera. Oromoon Waaqa sanyii sadii jedhee amana. Waaqa sanyii sadii kan jedhmanis: sanyii namaa, sanyii bineensotaa fi sanyii biqiltuuti. Kana alatti sanyiin addunyaa kana irra hin jiru waan taheef. Oromoon kabaja isaatiif Waqaayyo samiirra kan jiraattu jedhee Waqayyo irra keessa ol ilaala. Akkuma wangeela irratti ‘Yaa Abbaa keenya samiirra kan jiraattu”  jedhu jechuu dha.

Kitaaba qulqulluu irra gochawwan jiran fakkeenyaaf ‘ganama wal loltan galgala, galgalas wal loltan ganama araaramaa jecha jedhu kan kabaju Oromoo dha. Maaliif yoo jenne addunyaa kana irra nama nama jalaa ajjeese waliin kan araaramu kan gumaas baasu Oromoo qofa waan taheef. Kanaaf waaqeffannaa jechuun Waaqa tokkotti amanuu dha. Anis Waqeffataa dha. Namni Waaqayyo tokkicha jira jedhe amanu hundi anaaf  Waaqeffataa dha.Haala kanaan yoo hiikne Kiristaannis Waaqeffataa dha. Anis abbaa amantaa akkuman ta’e waaqeffattoota heddun gaggeessas.

MJ: Amantaan keenya ‘Waaqeffataa dha, Islaams Kiristaanas kan hin taane namoonni akka amantaatti amantaa Waaqeffataa hordofan jiru, akka dhaaba amantaa tokkottis socha’aa jiru. Kanaaf kana akkamitti ilaaltu, isin ani yoo Waaqeffataadha  jettan  hiikaa  akkasii qaba moo hiikaa akkamii  qaba?

Luba Balaay: Ani Waaqeffataadha yoon jedhu amantaa adda tahen hordofa jechuu koo miti. Ani kiristaana. Kiristaanni waaqa tokkotti bula. Kanaaf Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Toko jenna. Kanaaf haala kanaan anis waaqa tokkotti waanan buluuf waaqeffataadha jechuu kooti malee amantaa adda tahe hordofa jechuu koo miti. Namoonni kana hubachuu qabu. Gama birataiin namoota amantaa keenya Waaqeffataadha jedhanii akka amantaa mataa ofii dandahetti ilaalan ceepha’uun hin eegalu. Oromoon amantaa biraa ceephahuun hin eegalu. Kan namaa hin tuqu. Oromoon kiristaananis barsiisa  fi jireenya Waaqaa tokkicha irratti hin mormu. ‘Qaama sadi Waaqa tokkos maaf jettan’ hin jedhu. Kanaaf ani akka kootti waaqeffataadha jechuun koo, Waaqa tokkottan amanaa jechuu koo malee amantaa ‘ waaqeffataa bifa amma ka’e kanaan hordofa  jechuu koo miti.

MJ:  Kitaabota waa’ee waaqeffannaa ibsu jedhamanii barraa’a akka carraa ta’e muraasa ilaaleerra. Wantoota tokko tokko akka haaratti kan dhagahaman fakkatan jiru. Fakkeenyaaf  seexanni hin jiru, kan jedhanii fi kan karaa kiristaanummaa waliin wal hin fakkaanne kana hoo akkamiin ilaaltu?

Luba Balaay: Egaa namoonni waa’ee waaqeffannaa Oromoo maal jechaa akka turan abboolee fi haadholeen keenya maal jechaa akka turan sirriitti beekuu qabna. Kitaaba barreessuun duratti. Ani kanan beeku, duruma waan itti hin tolle gocha yaraa ‘jinni seexana’ jedha Oromoon. Kanaaf duruma wanti akkasi jira jechuu dha, garuu hafuura waan taheef harkaan qabanii hin agarsiisan malee. Fakkeenyaaf akkuma Ergamoota Qulqulluu Mikaa’el Yookan Gabree’el harkaan qabamanii hin muldhanne seexannis hin muldhatu malee jira, seexanni hin jiru kan jedhu kana hin dhageenye. Dogongorri mataa isaatiin seexana. Kan nama ajjeesu seexana. Kan nama irra bulee akka namni nama ajjeesu godhu  seexana. Wanti faallaa gaarii tahe hundi seexana.

MJ: Mee ega hamma kana ilaallee, gaaffii dabalataa waliin yeroo biraa baldhinaan itti deebinaa, amma waa’ee ayyaana irreechatti haa deebinu. Irreechi maalinni? Kiristaanni irreeffachuu danda’aa? Yoo irreeffate ammo akka nama Waaaqa(Kiristoos) ganeetti ni ilaallama? akka xaa’otaa (ba’id amlikootti) ni ilaallamaa?

 Luba Balaay: Irreecha jechuun irreeffachuu, araara buusuu, wal arguu jechuu dha. Irreeffannan galateeffannadhas. Garuu irreechi gaafa tokko qofa kan raawwatamu miti. Ganni halkani. Nama Waaqayyo hayyameefitu ganna baha. Dur namoonni holqa keessa muka jala faa jiraatu akka ammaa kana mana sirriitti qophaahee kan ijaarratee miti. Kanaaf lolaan dhufee tasa nama fudhatafaa waan taheef. Ganna Lagnis ni guuta, lolaatu waa fudhata, bakkakkaatu jira. Yoo birraan bar’ee kan boora’e taliile, ‘baga isin baase’ jedhee walitti bahee gamaa gamanaa irreeffata. Baga baatan baga baane waliin jedhee deebi’a kana jechuun ammoo cubbuu wayiitu hin qabu. Booqa birra nama hundi hin gahu waan taheef. Iddoon bishaan jirutti irreeffachuunis ammoo, uumamni lafa kanarraa bishaan malee hin jiraatu waan taheef, isa ibsuuf achitti bahu. Yoo irreffatu ammoo waliin irreefata. Akkuma yeroo masqalaa bakka tokkotti gubaa guban jechuu dha. Bishaanitti bahuun isaa ammas bishaan Waaqa jechuu miti hikan duratti jedhe qaba malee. Oromoon bishaani fi Waaqa adda baaseet beeka.

MJ: Namoonni muka waa diban, dalagan , horii qalanii dhiiga dhangalaasan jiru kuni hoo dhoowwaa miti? Namoonni kana ilaaluun kuni waaqolii tolfaman itti buluu hin fakkeessuu?

Luba Balaay: Oromoon ayyaanni narra bu’e jedhee mukatti of hin buusu, lafaan of hin dhawu. Kuni kan Oromootii miti. Ani ayyaantudha jedhees kanan amanu, hafuura adda tahe tokko malee warra waa beeku, kan bitaa fi mirga taa’ee, ilaalee ‘ati kana godhi ati sana godhi’ jedhu malee kan itti gabbaranii fi jalatti kufan miti. Afuura qulqulluun dhukkubsataa kan fayyisu malee kan fayyaa afaan qabee lafaan dhahuu miti, kan kufe kan kaasu malee kan kuffisu miti. Fakkeenyaaf ani kanan beeku yoo qotiyyoon wal loltee tokko jalaa miidhame, ayyaantuun ni araarsa, nama kabajamaa jechi isaa dhagamu fi dhugaa dubbatu malee nama dalagee kana fi san naaf fida jedhu miti, ani akkanattan amana. Gama biratiin horii bishaanitti gatuun, dhadhaa muka fi dhagaa dibuunis  Kiristaanummaadhanis ta'ee irreechaan fudhatama hin qabu. Tokko tokko ammo aadaa boodatti hafanis jiru,isaan akaksii sirrii miti. Kan fuulduratti ni deemsisan qofa haa fudhannu. Amantaa biraa agr malee ceephuun wal diddaa uuma, nageenya booressa.

 MJ: Marga(allaaduu) lalisaa qabachuun kuni hoo?

Luba Balaay: Margi mallattoo lalisaati.Isa bishaanin tuqee ofitti facaasa. Inumaayyuu namatu baay’ate malee hundumtu of cuubee dhiqachuu qabaayyu, akkasi seerri. Oromoon muka gogaa qabatee hin irreeffatu, hiika qaba waan taheef. Marga lalisaan magariisa bar, akkuma kakuu moofaa kakuu haara keessatti Israa’eloonni muka meexxii qabatan jechuu dha. Kana qeequun gochuun gaarii miti. Wanta hin beekne irratti dhagaa darbachuun ulee cabaadhaan lola seenee bu’uu dha. Fakkeenyaaf namoonni Taabota qeeqan jiru, wallalullaadha malee maalii wanti kuni akkamitti dhufe,eessa dhufe jedhanii dura seenaa isaa baruu qabu. Bara kakuu moofaa abbaan gadaa ni eebbisa, abbaan amantitis mootoinis isuma hojii qonna fi siyaasaa , diinagdee hunda kan dura bu’umman hoogganus isuma ture.

Bara Kakuu haaraa kanatti garuu irreeffannaa akka aadattan yaadadha. Waa’ee amantaa kootii garuu  mana kiristaanattan hordofa. Bara kanatti waa’ee siyaasas kan hojjetu mootummaadha malee abbaa gadaa miti. Hojii akkasii keessa baldhinana hin seenu. Kanaaf aadicha haala kanaan waliin dagaagsanii kunuunsanii tursiisun ni dada’ama malee namni kiristaana yookan Islaama tahe aadaa kana guddisuuf gahee hin qabu jechuun gowwummaadha. Abbaan gadaa amma abbaa amantiiti miti. Abbaa gadaati. Abbaan gadaa ammo nagaa buusuu eebbisuu, aadaa kana itti fufsiisuu, araarsu dha malee hojii amantaa yookan motummaa keessa of hin galchu.Garuu lamaan keessa iyyuu jechuun amantaas,siyaasa keessas nan gala yoo jedhe,aadaa kanatti diina itti horuu ta’a natty fakkaata. kanaaf anaaf irreechi aadaa abboota keenya kabajuu dha malee amantaa miti. Aadaa kiyya nan kabaja. Kanaaf kiristaanni yoo irreeffate namni xaa’otiitti bule jedhee itti dubbatu sirrii miti, aadaa abboota isaa yaadate(celebrate) godhe malee waan biraa hin qabu. Kanaaf Oromoos namni Oromoo hin taanes yoo irreeffate xaa’otii wayiituu hin qabu.

 MJ: Yaada nuuf kennitaniif galatooma, ulfaadhaa, yaada dabalataan akka wal agarru abdii qabna.

Luba Balaay: Tole isinis galatoomaa eebbifamaa!
Fulbaana,15 bara 2006