Tuesday, April 30, 2013

WNA.017.Torban Dhukkubbii




Torbaan dhukkubbbii kutaa soomii guddaa(Gooftaa) keessa isa tokko dha. Kunis kan ibsu rakkina Gooftaan keenya  irra gahee kan itti yaadannuu fi itti sagadnuu dha. 1ffa Qor 11:26- “Isinis hanga Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo  kana dhuddan mara du'a isaa ni labsitu.”Soomii guddaa keessatti galgalaa gaafa guyyaa Hosaa’inaa eegalee hangaa halkaan gaafa du’aa ka’umsaatti torbaan jiruu torbaan boo’icha, dhukkubaa rakkinaa, dhiphinaa jedhama. Guyyooleen kunis barootni gadadoo(miidhama), fiddaa(cunqursa) kan itti yaadatamuu dha.  Baraa gadadoo, fiddaa jechuun ilmaan namoota garbummaa si’ool, hidhaa seexana jalaatti qabamani bara jiraachaa turan jechuu dha.
 Dhukkubaa yemmuu jennuu mataa bowwoo, garaa dhukkubbii, dhukkubbii harkaa fi miilaa osoo hin taane, fayyisaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos sanyii ilmaan namoota hundaa hidhaa , cunqursa seexanaa jalaa baasuu dhaaf , bilisa baasuu dhaaf jaalatee eeyyama isaatiin raakkina fannoo nuuf  fudhate kan ibsuu dha.  Waa’ee Goofta keenya Iyyasuus Kiristoos rakkina isaa fi du’a isaani kan ibsaan (kan yaadachisaan) kitaaba Qulqulluu keessaa dubbifama ni oolama. Karaalee adda addaatiin waa’een raakkina Isaa irra gahee ni yaadatama. Ayihuudotni Kan galgalaa dilbataa marii isaanii eegalan, guyyaa Roobii mirkana’eef.
Dhukkubbii Gooftaa Keenya Iyyasus Kiristoos 13’n

Torbaan rakkinaa(gadadoo) walumaagalatti kan yaadannuu dhukkubbii Gooftaa keenyaa Iyyaasuus Kiristoos 13 dha. Kunis akka armaan gaditti ilaalla.
1. Mataa rukutamuu(Takori’oota ri’is) Bulchaa biyyatti kan ture yeroo sanatti Philaaxoos “ ani dhiiga nama qulqullicha kanarraa bilisa” erga jedhee booda reebichaan (garafuu) dhaan dabarsee dursoota luubotaa fi abboota Ayihuudotatti dabarsee kennee ture. Akka seeraa warra Ayihuudootattii namni garafame(reebame) hin fannifamu ture; kan hin fannifamnees hin garrafamu ture. Philaaxoos garuu erga garrafee boodaa, miidhaa miidhaarratti godhee akka fannnifamuf dabarsee kennef. Maatiyoos 27:24, maariqoos 15:15, luqaas 23:25, yoohannis 18:39.

Fayyisaan keenyaa Iyysuus Kiristoos erga dabarfamee kennamee, gonfoo qoree(qoraattii) mataa isaatti ka’ani. Mataa Isaas sibilan ni rukutan. Maariqoos 15:19. Ilmi namaa Addaam irraa kaasee diina isaani seexanan qoraattin cubbuu mataa ilmaan namoota marsee kan ture, dabaa Ayihuudotaatin kan qoraatti qopha’ee akka ‘zawudditti’ mataa isaatti kawwameef. ‘maqa’ dhaanis ni rukutan. Mataa issarras dhiigni bu’ee fuula isaa dhokse.

2. Kaballaa (Tatsafi’oo maltaahit): Harkaa Ayihuudootatin kabalamuu kan ibsuu dha. Gooftaan keenyaa Dursaa lubootaatti dhugaa dubbachuun akka abarsaatti lakka’ameef deebisani deebisani kaballa dhaan rukutani. Fuula isaas huccuu dhaan haguugani “Kiristoos koo kan kaballan si rukute eenyuu dha? Raajii nuuf dubbadhuu kaa “jedhani itti qoosa turani. Harkaa seexanatti kufee luubbuu isaatti qoosaa fi rakkisa kan ture , ilmaan nama fayyisuu dhaaf jedhee harka diina isaatti , Ayihoodotatti kufee, kabalamee,rakkina cima arge. Maatiyoos27:27.

Philaaxoos dabarsee ergaa kenne booda, gonfoo qoree mataa isaa irra godhee, huccuu diima uffisee “ yaa mootii Ayihuudii nageenyi siif haa ta’uu” jechaa itti kolfaa kabalan. Yohaannis 19:2-4.

Isaan hin beekne malee inni du’a diguu mootiif, amalummaa isatin du’a kan hin qabne Waaqayyoo barabaraati.

3. Hancufa itti tufuu(Wariqa miraaq). Ayihuudotni gororaa isaani itti tufuu agarsisaa. Maatiyoos 27:29-30. Maarqoos 15:19 sababa cubbuutin jireenya namaa xuraa’ee, qulqulleessuf jecha itti tufame. Ilmaan namatti itti tufamee, salphatee kan ture inni ijaa cubbuu keenyaaf itti tufame, tuffatame. Waaqa fulduraatti miti nama durattu gororatufuun akkam akka nama salphisuu, inni garuu salphina cubbu keenya nurra balleessuu dhaaf gororri salfii itti tufame.

4. Satiye hamoot(Dhangaggaa’aa dhuguu)- Gooftaan keenya faannorra yemmuu jiruutti yemmuu dheebodhe jedhutti, hamooti hadhawaa kennuu isaani kan ibsuu dha. Faarfanna 68:21; nyaataf haamotii naaf kennani ; dheebuu kootiif hadhooftuu na hobasani”. Jedhee raajimessi Dawwit akkuma dubbate” jechi dubbatame kun akka raawwatuuf dubbate. Isaanis yemmuu dhiyeesanifitti dhamdhamee hin dhise(hindhugne), hindhugne.Maatiyoos 27:34.

Gooftaan keenyaas erga hadhooftuu fudhatee booda, raawwate jedhe. Heeyyama isaanitis lubbuu isaa darsee kenne. Maatiwoos 27:48, Maariqoos 15:36’ Luqaas23:36, Yohaannis 19:29 . Yoo dhugan hangaa baraa baraatti kan nama hin dheebosinne kan namaaf kennu Waaqayyo ta’ee osoo jiruu, bishaan jireenya baraa baraaf ta’uu kan kenneefi burqisuusu yeroo dheebodhe jedhetti namni obaasu hin argamne. Isaayyaas 55:1, seera keessa deebi 16:1-20, 1 qor 10:3.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristooosis ho’i si’ool keessa keessatti kufani bishaan jireenya dheebochawarra jiran , luubbotaa kana dheebuu baasuu dhaaf inni dheeebote.

5. Dugda reebamu(garafamuu)(Taqasifo zabaan): dugdaa isaa keessaa gara laafina malee garafamu ibsa. Akka kanan olitti ilaalettii , namni garafamee hin fannifamu ture. Philaaxoos harka isaa dhiqaatee deebi’eeet, harkaa isaa xureesse. Maatiyoos 27:26, Maariqoos 15:14. Yohaannis 19:1. Ayihuudotaf philaaxoos filannoo dhiyeessef enyuu haa hikaamuu yemmuu jedhutti kashalabbee “ Barbaan” (hattuu) jedhani deebisanif. Akkuma Isaayyas 50:6 “ dugda koos kan na reebaniif,…’ jedhamee akka dubbatamee, Gooftanis dabarsee of kenne.

6. Qullaa ta’uu(Ta’arqoota libsi) Philaaxoos dabarsee Iyyasuus Kiristtoos yeroo itti kenne eegalamee huccuun isaa irraa mulqame. Maatiyoos 27:27 ilmaan namootas harkaa isaani ibidda keessa kayyatani.

7. Cinaacha eboon waraanamuu(Rigzata gaboo): Gooftaan lubbuu isaa du’aaf dabarsee erga kenne booda cinaa isaa eeboon waranani. Kashalabboota lamatu bitaa fi mirgaa Gooftatti fannamani turani. Foon isaanii guyyaa sambataan( sanbata xinnaa) faannoorra akka hin turreef jilbaa isaanitti isaan caccabsina jedhani Philaaxoos gaafatani. Kashalboota laman ergaa caccabsani yemmuu garaa Iyyyasusitti dhufan akka boqote argaani osoo hin cabsiin dhisani. Isaan(Ayihuudota) keessa ijji isaa tokko jaamaa kan ture Langinoos kan jedhamuu yemmuu dhufee cinaacha isaa waaranutti cinaa isaatii dhiigni fi bishaan dhangala’e. Yohaannis 19:33. Duutni dunee turre, Waaqayyoorra gargar baanee turree du’a isaatin du’a keenya irra bilisa nu baase, duu’a nuuf moye. Duti laphee namaa keessatti hundee (dhaabbatee) ture, hundee ishee waliin barbadeessuf , balleessuf , buqqesee wantaa gateef, “du’aa waraannan kees eessa jira? jedhame. 1Qor 15:54-55, Isaayyas 25:8, Hose’i 13:14. Cinachi isaa waraname bishaani fi dhiigni dhangala’uun, ilmuummaa Waaqayyoo fi jireenya barabaraa dhabnee kan turree akka nuuf deebi’ee kan dhugoomsuu dha. Sababni isaas bishaan lolaa’een cuuphamnee mucummaa, dhiigaa dhugnee jireenya barabaraa nuuf keenna ykn argamsiisa. Yoohannis 3:5, Yohaannis 6:54.

8. Harka duubatti hidhuu ( Ta’asirota dihaarit):- Erga Gooftaan dabarsee of kennee boodatti, harkaa isaa duubatti hidhaani lafarraa harkisani. Yohaannis 18:12. Hidhaa cubbuutiin duubatti hidhamee, daabiloossin kan miidhama jiruu, ilmaa nama fayyisuuf jecha namoota hidhaa cubbuuu irra basuu dhaaf jecha, fayyisaan Addunyaa Kiristoos diina isaa Ayihuudotaa harkatti duubatti hidhame.

Waraansa Fannoorraa 5’n(Amistu qiniwaata masqal):- Mismarooota ciccimoo shananin ittiin faannifame jechuu dha. Mismarootni Gooftaa ittin fannisan shananis, 9. Saadoor,
10. Alaadoor,
11. Daanaat,
12. Adeeraa,
13. Roodaas jedhamuu. Isaan kun fakkenya iccitii utubaa mana amantaa ta’uu isaanii abbotni ni barsisuu. Duuka bu’aan Toomas, duu’a ka’umsaa boodaa, waa’ee isaa yemmuu itti himan amanuu didee ture, cinaa isaa waraname amman harkaan tuqee argutti jedhe ture. Yohaannis 20 :25. Gooftan keenya ilmaan namoota sababa cubbuutin mismaraa seexanatin waranamani turan fayyisuuf jecha ofif ittin waraname. Egaa himaata fannoo warren jedhaman isaan kanaadha.
Ega kunnniin bakka tokkotti 13 tahu,kanaaf dhukkubbii fannoo 13’n jedhamu
Torbaan Dhukkubbii wantoota hin eeyyamamne

Waldhungachuu dhiisuu:- yeroo torbaan rakkinaa amantiin Ortodoksii Tawahidoon hordoftoonni fannoo hin dhungatan, wal dhungachuus ta’ee, nageenya gaatetti hin taasifamu, harkaas wal qabachuun hin raawwatamu. Yihuudanis dabarsee gooftaa kan kennee dhungoo dhaani. Fannoos hin dhungannuu sababni isaas torbaan sun walii galteen yaraa kan itti waliif galamee ykn mari’aatamee malee torbaan jaalalaa, gammachuu kannitti mul’ate waan hin taaneef kana yaadachuu dhaan nageenyaa akkasii wal hin jijjirru.

Yihuudaan Gooftaan dabarsee  birri 30tti kan kenne  “ani kanin dhungaadhu isaa dha isas qabaa” jedhee dabarsee  mallattoo nageenyaatiin dabarsee kenne. Nageenyi kun nageenya qulqullina osoo  hin taane, kan dabaati. Nageenya dabiloos waliin kan walfakkatuu dha. Akkuma diyaabiloos Hewaanin “Hewaan nageenyi siif haa ta’uu”  jedhee gowwomsee.
*    Kadhaa kamisaa irraan kahafee sirni galateeffannaa (qiddaseen) hin gaggeeffamu
*     Yeroo hundaa seera mana amantaa kan ta’ee , seerri cuuphaa(kiristinnaa daa’imaa), seeraa kadhaa yemmuu namni du’e (fitihaat) , seera maahileet, seeraa Taklilii, fi kkf hin raawwataman.
*    Gaabbii keennuu fi galuun, Waaqayyoo si haa hikuu jechuun hin jiru. Walumaagalatti waggaa hangaa waggatti taajajilli Afuura uummataf  kennamu dhaabbatteet, kan yeroo jechuun  rakkina Gooftaa  ni yaadataman raawwatamu.
*    Torbaan kana keessa nyaatni baay’ee quufamee hin nyaataman, dhugaatinis baay’een baayifamee hin dhugamu. Sagadni ni sagadama.

Dimshaashumatti, Gooftaan duuka bu’oota ergaa miila isaani dhiqee dhiigaa isaa foon isaa kenneef. Nutis erga gaabbii gallee dhiiga isaa fi foon isaa nyaachuun akka nurra jiraatu ibsuufi.  Guyyaa jimaata Gooftaan fannifamuu isaa  yaadannoo fannifamuu diriiramee waa’ee fannoo kan ilaallatan dubbisaa fi sagadaama oolama. Yemmuu galgala ta’uus ummatni hunduu garaa luubotaatti dhiyaatani cuubbuu torbaan dhiphinaa keessa raawwatan itti himatu, lubnis kan guyyaa sagadaa oolan irrattti sagadaa biraa kennefi. Naannoo sa’ati 12-1.00 gaaggeessan uummatas ni taasifama. Akka mana amantaa keenyaatti Yaa’iqoob, Yoohaannis fi Dubree Maariyaamin osoo du’aa ka’umsaa Gooftaa Iyyasuus hin argin miidhaan ,bishaan afaan keenya keessa hin galchinu jedhani hangaa du’aa ka’umsaatti turuun isaanii ni dubbatama.
Torbaan dhukkuubbii Kiristooos fuula keenya dura akka wantaa fannifametti ta’ee ni ilaalla. Galatiyaa 3:1.
Ilmaan Waaqayyoo gurra isaanitiin kan dhaga’an amantaa, ija laphee isaaniitin ni argu, wanti guddaanis kanaa dha, ija Afuuraatiin arguu dha. Raajni  Waaqayyoo Daawwitis “Waaqayyo yeroo hundaa fuula duraatti nan arga kan jedheef kanafi” dha.  Nutis yeroo hunda rakkina fannoo yaadachaa, Kiristoos amantaa dhan argaa, kan nuuf taasise hundaa yaadacha ijaa cubbuu keenyaaf isaa fulduratti of xiqqeessina. Soomii dhaan, kadhaadhaan, qaama keenya Waaqa keenya fulduratti  gadi of  xiqqeesinee ni gaabbina,  biyyoos, daaraas uffatne ni boonya.
1.     Rakkina fannoo isaa
2.     Qulqullootni mormitoota biraatin raakkina argaan
3.     Akkaa Daawwit, Addaam, fi Pheexiroos cubbuu keenya yaadacha ni boonya.
Itti fufa…………………………………………….

Monday, April 29, 2013

WNA.016. Dubbii Fayyinaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.
Akka barumsaa mana amantaa keenyaattii fayyina jechuun cubbuu irraa qulqullaa’ani dhaaltuu mootummaa isaa ta’uu jechuu dha. Waa’ee dubbii fayyinaaf jalqabni waa’ee kufiinsa Addaamii dha,  (seera uumama 3:6). Akkasumas waa’ee fayyina isaa kan nu barsisuu dha. Maatiyoos 1:21 “Uummatas cubbuu isaanirraa kan fayyisu maqaa isaas Iyyasuus jechuun ni moggaafta akkuma jedhu Wangeelli..”

Kufaatii Addaam
Addaam kan Uumame bilusummaa dhaan bitaa wantoota lafa kanarra jiran fi ajajaa isaanii ta’ee akka jiraatufi ture. Akkasumas fakkeenya fi akka bifa Waaqayyootiin kan uumamee dha. Seera uumamaa 1:26  “Nama akka fakkeenya fi bifa keenyaatti haa uumnu; qurxummiilee bishaan keessaas, shinbirroota samii fi waantoota lafa kanarra jiran hundaa akka bituuf”
Waaqayyooon Addaamiif jaalala qabuu kan beekamuu:-
©     Seera uumamatiin
©     Kabajee akka bifa fi fakkeenya isaatti uumuu dhaan
©     Uumaamtoota isaa gadi jiraan hundarratti angoo bituu kennuufi dhaan

 Muka balasii(itsebelesii)  maaf uumamtee?
i.          Addaam jaalalaa Waaqayyoo dhaaf qabuu akka ibsuufi: - Waaqayyoon Addaamiif jaalala qabu uumuu isaarraa hanga sooruu isaatti ibsameera. Kan addaam waaqayyoo dhaaf qabuu akkamitti beekama? Jaalalli Addaam Waaqayyoo dhaaf qabuu kan ittin beekamu seera fi ajaaja Uuma isaa kabajuu dhaan ture. Yohaannis 14:12 “kan na jaalatu ajaajni  koo isa bira kan jiruu fi kan eeguu dha”
Itsabalisinis  seera mukaa taatee kan yaraa fi gaarii kan barsiftu taatee Addaamiif kennamte. Seera uumamaa 2:16-17.  Akkumaa 1Yohaannis 3:24 “ajaaja isaa kan eeguu isaan jiraata ; Innis ittiin jiraata” akkuma jedhamee barreefame,  Addaamis  ajaaja kana eeguudhaan waggaa torbaaf  jannata keessa jiraateera.
ii.     Uumamaa ta’uun isaa akka beekamuuf
iii.  Eeyyamni bilisummaa qabachuun isaa akka beekamuuf jecha
Eeyyamni nama tokkoo kan beekamu filannoo yoo qabaatee dha.  Seera Uumamaa 2:17 irratti akka argannuutti Addaamiif  filaannoo lamatuu kennameefi ture.
a.     Mukkeewwan nyaataman – kan jireenya kennan
b.     Muka balasii(Itsabalasii) kan hin nyaatamne- kan du’a fidu
* Sababoolee kana oliif uumamte malee du’a fiduuf miti.

Addaam doggoogoruu isaaf itti gaafataman eenyuu dhaa?
1.     Mukti Balasii(Itsabalas)  jiraachuu isaatii?  Miti.  Sababni isaas gara Addaam fi Hewaan deemee na nyaadha hin jenneen. Itsabalasiin garuu kan mallattoo ajajamuu fi ajajamuu dhisuu kan barsiftuu dha. Addaamiis filannoo jireenya fi du’a keessaa du’a filatee muka balasii  ishee yaaraa fi gaarii barsifuuu kutee nyaate. Duutis itti murta’e. Kanaaf mukti balasii  itti gaafatamtuu miti.
2.     Daabiloosiidhaa?  Mul’ata 12:7-10 “……….”
Seexannii oftulummaa fi soba of irraa  maddisiseera. Ulfina inni dhabe nutis (Addaami fi sanyiin isaa) akka dhabnu ni barbaada. Gara Hewaanis deemee, gorsaa sirri hin taanees (dogoggoras) ni gorse. Waaqayyoos sobaa godhee dhiyeesseef. Kanas (itsabalasi) yoo nyaattan akka Waaqayyoo taatu jedheen. Kun Hewanif barumsa lammaaffa ture. Isaanis:-
§  1ffaan yoo muka balasii  nyaattan ni dutuu – kan Waaqayyoo fi
§  2ffaan muka balasii  yoo nyaattan akka Waaqayyoo taatan(taatu)- kan seexanaa.
Gorsa seexana dhaga’an malee seexanni harkaa isaanii qabee hin kuchiifne ykn kutee afaan isaan hin keenye. Seexanni gorsa yaraa gorsuu dhaaf angoo qaba malee doggoggora akka hojjannuuf nu dirqimsisuu dhaaf angoo hin qabu waan ta’eef. Ergaa Yaa’iiqoob 4:8 “Waaqatti dhiyaadhaa; innis isinitti ni dhiyaataa. Warri Cubbamtoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis yaada keessan qulqulleeffadhaa.……” kanaaf Addaam diduu dhaaf mirga guutuu qaba ture. Seexannis itti gaafatama miti. Kanaaf yemmuu Hewaaan isaatu na dogoggorsisee jettun Waaqayyoon dhaga’uu dideef.

Kufaati Addaam jechuun keenya maal jechuu keenyaa dha?

Kennaan isaa irraa fudhatame: Qullaa isaa ta’e, humna hafuuraa dhabe, keessummaa ta’e. Nageenya dhabe, bilisummaa isaa dhabe, jiraatummaa ni dhabe, Waaqayyoo fakkachuu ni dhabe, abbaa gatii ta’e, jannata dhabe, ilmummaa Waaqayyoo dhabe.
 Fayyina Addaamiif eenyutuu barbaachisaa?

1.     Raajotaa?
Raajootni gara uummatatti wantoota gurgudda lamaf ergamu.
i.                   Barsiisuu fi gorsuuf
ii.                 Dallansuu Waaqayyoo namootaf gara gaarummaatti (dhifaamatti) akka deebisuuf, barsisuuf, gorsaaf, akkasumas kadhaa isaaniitin uummata fayyisa turan (namooota du’arraa, dallansuu Waaqayyoorra) fayyisaa turan. Faarfannaa 105:23
Gumaachi isaani kun hundi Addaam cubbuu isaarra bilisa basuu hin dandeenye isaanis hirmaata cubbichaa waan  ta’anif. Faarfannaa 63:5

2.     Ergaama dhaa?
ª     Ergamootni( manafist) namootaa walakkaa (gidduu) kan ergamani dha. Luqaas 1:18-19
ª     Kutaa galata mataa isaani kan qabani dha
ª     Kadhaa namoota kan gara Waaqayyootti ol baasani dha Muldhata 8:1-5
ª     Waa’ee cubbuu namootaaf kan kadhatani dha Raaj. Zakkaariyaas 1:12-17
ª     Daa’imman irraa kaasani hanga beektoota kan sooranidha seera uumamaa 48:15
ª     Namoota badii hamaarraa kan fayyisani dha. Seera Uumama48:16
ª     Namootni yemmuu gaabbii galan kan gammadani dha. Luqaas 15:7

Ergamootni isaani kana hundaa keessaatti ilmaan namoota osoo jannaata keessa jiranuu akkasumas erga hari’atamanii booda, gargaaraa, kadhaata fi karaa itti agarsisaa turaniru. Garuu Addaamin adabbii  irraa hambisuu hin dandeenye. Sababni isaas:
i.                   Addunyaan yemmuu Waaqayyoo waliin wal loluu, kan Waaqayyoo ta’an waliinis wal loleera. Ergamootatuu gara isaa dhaqaa turan malee Addaam gara isaanii dhaquu hin dandeenye.
ii.         Murtee kana kan murteesse Waaqayyoo waan ta’eef , ergaamootni diiguu hin danada’an
iii.              Kan jannata keessaa baasee akka ergamootni seefiidhaan eegan  Waaqayyoo waan ta’eef, kan waaqayyoo baasee (ari’ate) deebisuu hin danda’an.
Kanaaf fayyina Addaamiif kan ergaamoota ol (caaluutu) barbaachisa.

 3. Aarsaa Kakuu Moofaati (Kakuu duriititti)?
Aarsaan baroota abbootii irraa hanga bara luubotaatti, gaarreen(tulluu) fi mana amantaa keessaatti aarsaan abbootii fi ooritii haarfaamaa tureera. Aarsaan hoolaa, re’ee,sa’aa fi kkf Addaam fayyisuu hin dandeenye. Sababni isaas:-
i.                   Haarsaa warreen ta’an uumamtoota waan ta’anif uumamtootni uumamtoota fayyisuu hin danda’an. Osoo uumamtoota fayyisuu danda’an turee uumamtoota uumuu danda’u turan. Ibroota 10:1-5
ii.                 Hoolaas ta’ee re’een du’ani achuman tortorani badu waan ta’eef, jechuun ofiifu wanta badanif nama fayyisuu hin danda’an.
Dimshaashumattii, fayyina Addamif ta’uu hin danda’an!!!.
4. Waaqayyoo dhaa?
Addaam biyyoorraa kan uume Waaqayyo Gooftaa dha. Addaam ‘ati biyyoo dha gara biyyeetti deebita’ jedhee kan murtesse Waaqayyo Gooftaa dha.
Namaf jireenya kennee kan du’a itti murteesse, deebisees jireenya kennuufi kan danda’u Waaqayyo qofaa dha. Waaqayyoon yemmuu Addaam uumus ta’ee itti murteessu eenyun iyyuu hin mari’anne akkasumas hin dubbatne. Akkamitti Addaam akka uume akkasumas itti murteesse iccitii kana kan beekuu Waaqayyo Gooftaa qofaa dha.kanaaf fayyisuu dhaaf gara ulfinaa isaa isa duraatti deebisuu dhaaf beekumsa, angoo kan qabu Waaqayyo Goofta qofa dha.
Addaamif ajaja jalqabaa kan kenne Waaqayyoo dha. Addaamis erga ajaja cabsee kan itti murteesse Waaqayyoo dha. Ajaja  lammaffas kennuu dhaaf angoo kan qabu isa qofa dha.
Egaa walumaagalatti, Addaam gara kennaa isaa jalqabaatti deebisuu dhaaf , fayyisuu dhaaf kan dhufe, Waaqa ilmaa fayyisaa addunyaa Iyyasuus Kiristoosii dha, innis ergamaa miti,raajimeessas miti, uumamas miti.

Waaqayyo maaf nama ta’ee?
Uumamtoota keessa guutummaa dhuman iccitii kana qoratee kan irra gahee hin jiru. Garuu Afuurri Qulqulluun abbootaf  kan ibse akka armaan gaditti haa ilaallu:
1.     Waaqayyoon yemmuu nama uumu laphee Abbaatiin yaadee, jecha Ilmaatiin dubbatee, Afuura Qulqulluutiin nama kan uuman kun yemmuu Addaam kufuu jechi dubbate gara Addaam dhufe.
2.     Addaam biyyoorraa dhuftee gara biyyootti deebita jedhee, Sillaaseen laphee Abbaatiin yaadee, jecha Ilmaatiin murteessee, jireenyummaa Hafuura qulqulluutiin  jaabeessa murteen jiraachise ,  irraa kasuufi dhaaf (dhifaama taasisuufi dhaaf), fayyisuu dhaaf “ jechi” gara Addaam dhufe.
3.     Addunyaan sababa cubbuutiin sagalee Waaqayyoo sodaattee jiraacha turte.  Seera Ba’uu 20:18 “Ati nutti dubbadhu; nutis ni dhageenya; akka hin duuneefis Waaqayyoon nutti hin dubbatin”.  Sodaa kana namootarraa fageessuu dhaaf Waaaqayyo ilma namaa ta’ee nu waaliin deddebi’e. Fayyisaan Addunyaas sagalee yemmuu Addaam waamuu muka balasii(itsabalasi) jala dhaabe, afaan ilmaan namootan dubbaatee barabadee arguf, arges.

Itti fufa......................................
Galatni Waaqayyoof haa tahu!

Saturday, April 27, 2013

WNA.015. Hosaa'inaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.

Mabree Maammeetiin

“Baatii ji’aatti, goobana ji’aatti, guyyaa ayyaana keenyaattis fiinoo afuufaa. Inni kun Israa’eliif seerrata, Waaqayyo isa kan Yaaqoob birattis, wanta qajeelaa ta’ee fudhatamee dha.” Faarfannaa 80(81):3




Torban darbe keessa waa’ee, ‘Niqoodimos’  ilaaluun keenya ni yaadatama. Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti ammo Sanbatni kun Hosaa’inaa jedhama. Hosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan gara Iyyaruusalemitti yoo galus faarfannaan  “Hoosaa’inaa Ilma Daawit maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha jedhu, Hoosaa’inaa Ilma Daawit iif,  Hoosaa’inaa Aariyaamitti jechuun faarfataa turan.Hayyuun amantaa Yaaredis faarfannaa kana gadii kana qopheessee faarfateera:
“Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyaruusalemittis  manguddoonni fi ijoollen baay’een baala mexii qabatanii Hosaa’inaa Ariyaamitti jedhanii simatan. Buukarrii harree irra taa’es gammachuu guddaadhaan gara Iyyaruusalem seene.Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.”
Egaa galateeffannaa ijoollee kana Faarsaa Daawit akkasitti duruma irraa raagee ture
“Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin irraa faarfannaa qopheeffateerta.” Far fannaa(8:2)

Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon harrees hidhamtee agartu hiikaatii natti fidaa yoo namni  isin gaafate Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe godhan.
 “Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Iyyasuus Yerusaalem akka dhufu dhaga'an.  Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simuudhaaf ba'an; sagalee guddaadhaanis, "Hosaa'inaa, mootiin Israa'el inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha" jedhan.Iyyasuus yommus ilmoo harree tokko argatee irra taa'e; kunis macaafa keessatti caafameera; "Yaa ijoollee Xiyoon hin sodaatinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo harree irra taa'ee in dhufa" jedhame.  Bartoonni isaa si'a duraa kana hin hubanne; Iyyasuus ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa'ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan.(Wangeela Yohaannis 12:12)

Egaa ‘dubbiin dubbii keessa’ akkuma jedhamu ilmoon harree hiikamte dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akka fayyan hubachiisuuf  kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis harreen kan tuffatamtedha, kun immoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummatni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya qulqulluu Uumaa hundaa siin miti harreen ati irra teesse illee buufatni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan godhanidha.“Hoosaa’inaa Ilma Daawit Hoosaa’inaa Aariyaamitti” jechuudhaan faarfachuu jalqaban. Dubbii baay’isuuf osoo hin ta’iin dhugaa dubbachuuf nus abbootii keenya jalqabaa duukaa bu’uudhaan amantaa qulqulleetti taate Ortodooksii jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna. Gara mata duree kootti yommuun deebi’u walumaa galatti hiikni jechootaa:

Hosaa'inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf  laadhu jechuudha. Kunis immoo faarfannaa Daawit irratti barreeffameera, “Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.”  Jedhamee barreeffameera (Faarsaa 117(118) :25).
Aariyaam:- jechuun immoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan ijoo ta’e immoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalamee Ilma Daawit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummatni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatiwoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.
Kunis egaa walumaa galatti Daawitiif kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’el mootummaa Waaqayyoo turte.Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’ee kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummatni Israa’el akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatani. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafuu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef  Waaqayyo akka mootii ta’u uummatni hin jaalanne kanaafuu eegduu harreetu mootii ta’eef.

Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos  Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawitis mootummaa Waaqayyoo turte. Daawitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.

Oduu gammachiisaa qulqulluu Gabri’eeliin akka harmee keenya Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf  abbootiin keenya mootummaa  Daawit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyaruusaalem  yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummatni gaafatan.kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyasuus jedhani.  Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turanii fi dhaabiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.
Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaaman jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollotni faarfannaa jalqban barattonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutame waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyasuusis yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawit irratti’ ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite’kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate (Faarsaa 8:12). Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.

Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guututti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu. Waan tokko of  eeggadhu du’a gaabbii malee, waan tokkos gammadi sanyii Daawit ta’uu kee, qophaa’anii jiraachuun abshaalummaadha jedhan; gaabbii fi eegeen immoo booda dhufti jechuun hin oolu.
Ani garuu akkasan jedha mee guyyaa tokko keessa sa’a 24 tu jira. Yeroo kana keessa Waaqakee bara baraan kan jiraatu yeroo ati raftullee kan hin rafne yeroo ati deemtu kan si duukaa deemee si eegu nyaata kee fi uffannaakee kan siif qopheessu yeroo  kee ykn sa’a hangam kennitaaf? Akkas jedha dura ija kee keessa kan  jiru xurii osoo hin baasiin kan obboleessa keetti quba hin qabiin, dhuguma dura of gaafachuun gaariidha haalli amantaa fi jireenya koo akkami jechuun gara jaalala Waaqayyoo ibsa waan hedduudhaan kan qabamnee jiraaannu hedduudha, kanammoo of beekna haa ta’u garuu hunda hin dubbatani dugda hin dhungatani jedhu abbootiin keenya, afaaniin qofa osoo hin ta’iin hojiidhaanis jaalala Waaqa keenyaa agarsiisuu qabna jechuudhaan yaada koo asirrattan gabaabsa.

Galatni Waaqayyoof,Harmee Keenya Qulqulleettii Maariyaamifis Haa tahu. Ameen.

Kitaabota Wabii
Ø Kitaaba Tokkoffaa barsiisaa Li’ule Qaal Akaaluu haala Amantaa Ortodooksii
Ø Macaafa Qulqulluu







Friday, April 19, 2013

WNA.014 Niqodimoos


Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
                                                                    Eng. Taaddelee Mekonninin

“Garaa koo keessa qortee halkanis dhuftee yoo na ilaalte, keessa koos garagalchitee yoo fonqolchite, hamaa yaaduu koo hin argitu; dubbii afaan kootii keessaas irra-daddarbaan hin argamu." 
                  Faarfannaa 16(17):3


  Maatiin Waaqayyoo Ijoolleen Haadha teenya Qulqulleettii Dubree Maariyaamii jaalatamtoonni Ergamtootaa, Wareegamtootaa fi Toltootaa Hundi Maqaa Waaqayyootiin iddoo jirtanitti akkam jirtu? Ameen Maqaan Waaqayyoo uumamtoota Isaa hunda biratti bara baraan kan eebbifamee fi kan qulqullaa’e nuuf haata’u!
  Yaa maatii Waaqayyoo, torbeewwaan darban keessa moggaasa torbeewwaan sooma guddaa hanga jahaffaatti ilaaluun keenya ni yaadatama. Torbeen kuni ammo Niqodimoos jedhama. Qulqulluu Yaaredis torbee kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera
“Namni Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyasuus ni adeeme, yaa barrsiisaa, barsiisuudhaaf Abbaa kee bira akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo du’aa ka’uutti ana kaasi”

  Niqoodimoos (Torban 7ffaa Sooma Guddichaa)
 Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufaa barachaa ture-barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa mukuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniniif (hin fudhatiniif) guyyaa guyyaa barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee (amanee) fi duuka bu’e mukuraaba isaanitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu dhabuuf jecha halkan barachaa ture.
    Niqoodimoos Gooftaadhaan,”Yaa Barsiisaa hoo, Waaqayyo yoo isa wajjiin ta’e malee mallattoolee ati raawwachaa jirtu kana kan raawwatu hin jiruutii Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taatee akka dhufte ni beekna” jechuudhaan ragaa ba’eef. Gooftaanis deebisee, ”Dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata yoo dhalate malee Mootummaa Waaqayyoo arguu (dhaaluu) hin danda’u”  jedheen. Niqoodimoosis waan isaaf hin galiniif, “Namni erga dulloomeen booda akkamiin dhalachuu danda’a? Lammata gara gadaamessa haadha isaa seenee dhalachuu ni danda’aa?” jedheen. Gooftaa Iyyasuusis deebisee akkas jedheen,”Dhugaa dhugaan siin jedha, namni bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa yoo dhalate malee gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u. Kan foonirraa dhalate foon kan Afuurarraa dhalates afuura ‘(jechuunis kan namarraa dhalate ilma namaati ilma Waaqayyoo ta’uuf Afuurarraa dhalachuu qaba jechuudha).’ Lammata dhalachuu qabdu waanan siin jedheef hin ajaa’ibsiifatin. Qilleensi gara barbaadetti bubbisa (qilleensa’a); sagalees ni dhageessisa; garuu garamii akka dhufe garamis akka deemu hin beektu; kan Afuura irraa dhalate hundi akkuma kana” jechuudhaan Waaqayyoorraa dhalachuun hangam akka iccitii cimaa ta’e hubachiise. Niqoodimoosis deebisee akkas jedheen, ”Kun akkamiin ta’uu danda’a?” Gooftaa Iyyasuusiis deebisee akkas jedheen,”Ati barsiisaa warra Israa’elii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan siin jedha waan beeknu ni dubbanna; kan argines ragaa ni baana; ragaa ba’iinsa keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne waa’ee isa samiidhaa yoon sitti hime akkamiin amantu? Samiirraa kan bu’een alatti gara samii kan ba’e eenyumtiiyyuu hin jiru; Innis samiirraa kan bu’e Ilma Namaa qofaadha” jedheen. Niqoodimoosis gaaffii isaa achumarratti dhaabe. [Wangeela Yohaannis 3:1-15]

Nuti kanarraa maal baranna?
1ffaa Yeroo boqonnaa keenyaa eessatti dabarsuu akka qabnu nu barsiisa.
  Niqoodimoos gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufee barachuun isaa gocha barbaachisuudha (deeggaramuudha). Sanyiisaa kanneen ta’an warra Yihuudotaa osoo Isa hin hordofin Niqoodimoos Gooftaa jaallachuun waan nama dinqisiisuudha.
  Niqoodimoos kan galgaleeffatu Gooftaa bira; sa’aa muraasa boqonnaaf qabu Uumaasaa biratti dabarsa. Kun immoo carraa guddaadha. Guyyaa guyyaa barsiisaa fi dadhabaa waan ooluuf galgala boqochuu qaba ture. Niqoodimoos garuu mana koottan galee boqadha hin jenne; sooressaa fi abbaa aangoo ture. Uummanni dhimmaaf karrasaa dura marmaaru turan. Haata’u malee isaan wajjiin hin halkaneessine.
 Egaa abbaa kanarraa barumsa guddaa barachuu qabna. Nuti har’a kan halkaneessinu eessaa? Eenyu waliin halkaneessina? Maal hojjachaatii? Niqoodimoos garuu kan halkaneessu Barsiisaa dhugaa bira. Niqoodimoos tolummaa fi sukaa baatee gara manasaa gala ture. Nuti hoo yommuu gara mana keenyatti gallu kabajamneeti moo? Ulfaanneeti moo salphanneeti laata?
   Namni si’anaa machaa’atii, dhiichisaatii, madaa’atii, dhiigatii, maraachatiidha kan gara mana isaatti deebi’u. kanneen mana jiraatanis hirriba argatuu laata? Ni du’aa laata? Jechuun dhiphachaa isa eegu. Kanneen du’anis jiru. Halkaneessuun akka Niqoodimoos Gooftaa wajjiin malee.

2ffaa Faayidaa Cuuphaati baranna.
v Cuuphaan Qulqulleettii Sillaasee irraa Ilmummaa ija fooniitiin hin  muldhanne argachuuf.
   Niqoodimoos Gooftaa wajjiin halkaneessuun Uumaa isaa bare. Gooftaa baruu qofti immoo gahaa miti. Beekuu seexannis ni beeka. Afuura Qulqulluurraa dhalachuu barbaachisa. Addaam baala hin nyaatiin jedhame battala nyaatetti Ilmummaan Waaqayyoo irraa mulqamee (fudhatamee) ture-Gooftaan dhufee lammata hanga nama nutaasisuutti ilmaan seexanaa taanee isaan dhiitamaa garbicha isaas taanee turre. Sanaan booda garuu galatni Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif yaa ta’uutii dhiirri guyyaa afurtamatti dubarri guyyaa saddeettamatti gudeeda Afuura Qulqulluu fi gadaamessa Yoordaanosiitii dhalanneerra. Abbaa keenya kan Isaan jennuufis kanarraa kan ka’eeniidha. Isarraa erga dhalannee fi Ilmummaa Isaa erga arganneen booda garuu waanjoo cubbuu fi garbummaa seexanaatiin lammata akka hin qabamne kabajnee fi cimsinee qabachuu qabna. Addaam jalqaba Gannataa waan ari’amu hin seene ture; seexanni isa dogongorsiiseera. Nutis lammata waanjoo seexanaatiin qabamnee Ilmummaa Sillaasee akka hin haqne (hin dhabne) of yaa eeggannu.
    Ilmummaan baay’ee keenyaa akka Eesaawu ittoo missiraatiin nurraa mulqamaa (fudhatamaa) jira. Baay’een keenya har’a moofomneerra. Niqoodimoosis moofa’ee ture garuu Cuuphaa fi Gaabbiidhaan jireenya haarawa gonfateera. Jireenyi isaa inni moofa’e laliseefii jira. Nutis jireenya keenya isa moofa’e (xuraa’e) gaabbiin, Foonii fi Dhiiga Gooftaa keenya Iyyasuusiin yaa haaromsinu. Yoo kun ta’eedha Mootummaa Waaqayyoo kan dhaallu.

v Maqaa Kiristoosiitiin kiristaana Maqaa Ilmaan Ijoollee Waaqayyoo kan nu jechisiisus cuuphaadha. Cuuphaan tunis ishee takkittii Kiristoos tokkichi ittiin waaqeffatamu kan amantaa takkittii (mana amantaa takkaan) kan raawwatamu malee waldaalee amantoota garagaraa keessatti kan argamtu miti [Efeesoon 4:5].
v Kiristaana jedhamuuf guyyaa Jimaataa cinaacha mirgaa Gooftaa keenya fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos irraa bishaan dhangala’e “Bishaan Jireenyaatiin” cuuphamuun ijoollee Waaqayyoo jedhamuutu nurraa eeggama. Bishaan kana eessaa argattu? Kan jedhu yoo jiraate, lubni bishaan saayiniitti (gabateetti) qicee (naqee) kitaaba kiristinnaa jedhamu irratti kadhata (dubbisa); sirna qulqulleessuus (qiddaasee) irratti raawwata. Dhumarratti Abbaan tokkichi Qulqulluudha, Ilmi tokkichi Qulqulluudha; Afuurri Qulqulluun tokkichi Qulqulluudha jechuun bishaanicha ni eebbisa. Battala sanatti bishaanichi gara bishaan guyyaa Jimaataa cinaacha Gooftaa Iyyesuus Kiristoos irraa dhangala’eetti geeddarama. Isaanis cuuphamnee gidiraarraa ni qulqulloofna; bittaa fi hidhaa seexanaarraayis ni bilisoomna.

  Waaqni abbootii keenyaa akka ajajaa fi jecha Isaatti deddeebinee dhumarrattis dhaaltuu mootummaa Isaa waamtuu maqaa Isaa akka nu taasisuuf arjummaan Isaa gargaarsi, kadhannaanii fi waadaan Toltootaa, Qulqullootaa fi kan haadha teenya Dubaroo Maariyaamii nu wajjiin haata’u bara baraan ameen!
Wabii:-
Ø Macaafa Qulqulluu Afaan Amaaraatiin Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itiyoophiyaa, bara 2000 A.L.I.
Ø Utubaa amantaa maxxansaa 9ffaa barsiisaa Birhaanuu Goobanaa, bara 1997 A.L.I.