Maqaa Abbaa
Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
Eng. Taaddelee Mekonninin
“Garaa koo keessa qortee
halkanis dhuftee yoo na ilaalte, keessa koos garagalchitee yoo fonqolchite,
hamaa yaaduu koo hin argitu; dubbii afaan kootii keessaas irra-daddarbaan hin
argamu."
Faarfannaa 16(17):3
Maatiin Waaqayyoo Ijoolleen Haadha teenya
Qulqulleettii Dubree Maariyaamii jaalatamtoonni Ergamtootaa, Wareegamtootaa fi
Toltootaa Hundi Maqaa Waaqayyootiin iddoo jirtanitti akkam jirtu? Ameen Maqaan
Waaqayyoo uumamtoota Isaa hunda biratti bara baraan kan eebbifamee fi kan
qulqullaa’e nuuf haata’u!
Yaa maatii Waaqayyoo, torbeewwaan darban
keessa moggaasa torbeewwaan sooma guddaa hanga jahaffaatti ilaaluun keenya ni
yaadatama. Torbeen kuni ammo Niqodimoos jedhama. Qulqulluu Yaaredis torbee
kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera
“Namni
Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyasuus ni adeeme, yaa barrsiisaa, barsiisuudhaaf
Abbaa kee bira akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo
du’aa ka’uutti ana kaasi”
Niqoodimoos (Torban 7ffaa Sooma Guddichaa)
Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee
barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee
waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa
olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufaa barachaa
ture-barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa
mukuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos
barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniniif (hin fudhatiniif) guyyaa guyyaa
barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee
(amanee) fi duuka bu’e mukuraaba isaanitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu
dhabuuf jecha halkan barachaa ture.
Niqoodimoos Gooftaadhaan,”Yaa
Barsiisaa hoo, Waaqayyo yoo isa wajjiin ta’e malee mallattoolee ati raawwachaa
jirtu kana kan raawwatu hin jiruutii Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taatee akka
dhufte ni beekna” jechuudhaan
ragaa ba’eef. Gooftaanis deebisee, ”Dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata yoo
dhalate malee Mootummaa Waaqayyoo arguu (dhaaluu) hin danda’u” jedheen. Niqoodimoosis waan isaaf hin
galiniif, “Namni erga dulloomeen booda akkamiin dhalachuu danda’a? Lammata gara gadaamessa
haadha isaa seenee dhalachuu ni danda’aa?” jedheen. Gooftaa Iyyasuusis
deebisee akkas jedheen,”Dhugaa dhugaan siin jedha, namni bishaanii
fi Afuura Qulqulluu irraa yoo dhalate malee gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin
danda’u. Kan foonirraa dhalate foon kan Afuurarraa dhalates afuura
‘(jechuunis kan namarraa dhalate ilma namaati ilma Waaqayyoo ta’uuf Afuurarraa
dhalachuu qaba jechuudha).’ Lammata dhalachuu qabdu waanan siin jedheef
hin ajaa’ibsiifatin. Qilleensi gara barbaadetti bubbisa (qilleensa’a); sagalees
ni dhageessisa; garuu garamii akka dhufe garamis akka deemu hin beektu; kan
Afuura irraa dhalate hundi akkuma kana” jechuudhaan Waaqayyoorraa
dhalachuun hangam akka iccitii cimaa ta’e hubachiise. Niqoodimoosis deebisee
akkas jedheen, ”Kun akkamiin ta’uu danda’a?” Gooftaa Iyyasuusiis deebisee
akkas jedheen,”Ati barsiisaa warra Israa’elii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan
siin jedha waan beeknu ni dubbanna; kan argines ragaa ni baana; ragaa ba’iinsa
keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne
waa’ee isa samiidhaa yoon sitti hime akkamiin amantu? Samiirraa kan bu’een
alatti gara samii kan ba’e eenyumtiiyyuu hin jiru; Innis samiirraa kan bu’e
Ilma Namaa qofaadha” jedheen. Niqoodimoosis gaaffii isaa achumarratti
dhaabe. [Wangeela Yohaannis 3:1-15]
Nuti kanarraa maal baranna?
1ffaa Yeroo
boqonnaa keenyaa eessatti dabarsuu akka qabnu nu barsiisa.
Niqoodimoos gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos
dhufee barachuun isaa gocha barbaachisuudha (deeggaramuudha). Sanyiisaa kanneen
ta’an warra Yihuudotaa osoo Isa hin hordofin Niqoodimoos Gooftaa jaallachuun
waan nama dinqisiisuudha.
Niqoodimoos kan galgaleeffatu Gooftaa bira;
sa’aa muraasa boqonnaaf qabu Uumaasaa biratti dabarsa. Kun immoo carraa
guddaadha. Guyyaa guyyaa barsiisaa fi dadhabaa waan ooluuf galgala boqochuu
qaba ture. Niqoodimoos garuu mana koottan galee boqadha hin jenne; sooressaa fi
abbaa aangoo ture. Uummanni dhimmaaf karrasaa dura marmaaru turan. Haata’u
malee isaan wajjiin hin halkaneessine.
Egaa abbaa kanarraa barumsa guddaa barachuu
qabna. Nuti har’a kan halkaneessinu eessaa? Eenyu waliin halkaneessina? Maal
hojjachaatii? Niqoodimoos garuu kan halkaneessu Barsiisaa dhugaa bira.
Niqoodimoos tolummaa fi sukaa baatee gara manasaa gala ture. Nuti hoo yommuu gara
mana keenyatti gallu kabajamneeti moo? Ulfaanneeti moo salphanneeti laata?
Namni si’anaa machaa’atii, dhiichisaatii,
madaa’atii, dhiigatii, maraachatiidha kan gara mana isaatti deebi’u. kanneen
mana jiraatanis hirriba argatuu laata? Ni du’aa laata? Jechuun dhiphachaa isa
eegu. Kanneen du’anis jiru. Halkaneessuun akka Niqoodimoos Gooftaa wajjiin
malee.
2ffaa Faayidaa
Cuuphaati baranna.
v Cuuphaan Qulqulleettii
Sillaasee irraa Ilmummaa ija fooniitiin hin muldhanne argachuuf.
Niqoodimoos Gooftaa wajjiin halkaneessuun
Uumaa isaa bare. Gooftaa baruu qofti immoo gahaa miti. Beekuu seexannis ni
beeka. Afuura Qulqulluurraa dhalachuu barbaachisa. Addaam baala hin nyaatiin
jedhame battala nyaatetti Ilmummaan Waaqayyoo irraa mulqamee (fudhatamee)
ture-Gooftaan dhufee lammata hanga nama nutaasisuutti ilmaan seexanaa taanee
isaan dhiitamaa garbicha isaas taanee turre. Sanaan booda garuu galatni Gooftaa
Iyyasuus Kiristoosiif yaa ta’uutii dhiirri guyyaa afurtamatti dubarri guyyaa
saddeettamatti gudeeda Afuura Qulqulluu fi gadaamessa Yoordaanosiitii
dhalanneerra. Abbaa keenya kan Isaan jennuufis kanarraa kan ka’eeniidha.
Isarraa erga dhalannee fi Ilmummaa Isaa erga arganneen booda garuu waanjoo
cubbuu fi garbummaa seexanaatiin lammata akka hin qabamne kabajnee fi cimsinee
qabachuu qabna. Addaam jalqaba Gannataa waan ari’amu hin seene ture; seexanni
isa dogongorsiiseera. Nutis lammata waanjoo seexanaatiin qabamnee Ilmummaa
Sillaasee akka hin haqne (hin dhabne) of yaa eeggannu.
Ilmummaan baay’ee keenyaa akka Eesaawu
ittoo missiraatiin nurraa mulqamaa (fudhatamaa) jira. Baay’een keenya har’a
moofomneerra. Niqoodimoosis moofa’ee ture garuu Cuuphaa fi Gaabbiidhaan
jireenya haarawa gonfateera. Jireenyi isaa inni moofa’e laliseefii jira. Nutis
jireenya keenya isa moofa’e (xuraa’e) gaabbiin, Foonii fi Dhiiga Gooftaa keenya
Iyyasuusiin yaa haaromsinu. Yoo kun ta’eedha Mootummaa Waaqayyoo kan dhaallu.
v Maqaa Kiristoosiitiin
kiristaana Maqaa Ilmaan Ijoollee Waaqayyoo kan nu jechisiisus cuuphaadha.
Cuuphaan tunis ishee takkittii Kiristoos tokkichi ittiin waaqeffatamu kan
amantaa takkittii (mana amantaa takkaan) kan raawwatamu malee waldaalee
amantoota garagaraa keessatti kan argamtu miti [Efeesoon 4:5].
v Kiristaana jedhamuuf
guyyaa Jimaataa cinaacha mirgaa Gooftaa keenya fi Fayyisaa keenya Iyyasuus
Kiristoos irraa bishaan dhangala’e “Bishaan Jireenyaatiin” cuuphamuun
ijoollee Waaqayyoo jedhamuutu nurraa eeggama. Bishaan kana eessaa argattu? Kan
jedhu yoo jiraate, lubni bishaan saayiniitti (gabateetti) qicee (naqee) kitaaba
kiristinnaa jedhamu irratti kadhata (dubbisa); sirna qulqulleessuus (qiddaasee)
irratti raawwata. Dhumarratti Abbaan tokkichi Qulqulluudha, Ilmi tokkichi
Qulqulluudha; Afuurri Qulqulluun tokkichi Qulqulluudha jechuun bishaanicha ni
eebbisa. Battala sanatti bishaanichi gara bishaan guyyaa Jimaataa cinaacha
Gooftaa Iyyesuus Kiristoos irraa dhangala’eetti geeddarama. Isaanis cuuphamnee
gidiraarraa ni qulqulloofna; bittaa fi hidhaa seexanaarraayis ni bilisoomna.
Waaqni abbootii keenyaa
akka ajajaa fi jecha Isaatti deddeebinee dhumarrattis dhaaltuu mootummaa Isaa
waamtuu maqaa Isaa akka nu taasisuuf arjummaan Isaa gargaarsi, kadhannaanii fi
waadaan Toltootaa, Qulqullootaa fi kan haadha teenya Dubaroo Maariyaamii nu
wajjiin haata’u bara baraan ameen!
Wabii:-
Ø Macaafa Qulqulluu Afaan Amaaraatiin
Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itiyoophiyaa, bara 2000 A.L.I.
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.