Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura
Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.
Mabree Maammeetiin
“Baatii
ji’aatti, goobana ji’aatti, guyyaa ayyaana keenyaattis fiinoo afuufaa. Inni kun
Israa’eliif seerrata, Waaqayyo isa kan Yaaqoob birattis, wanta qajeelaa ta’ee
fudhatamee dha.” Faarfannaa 80(81):3
Torban
darbe keessa waa’ee, ‘Niqoodimos’ ilaaluun keenya ni yaadatama. Akka moggaasa
Qulqulluu Yaareditti ammo Sanbatni kun Hosaa’inaa jedhama. Hosaa’inaa jechuun
fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan gara Iyyaruusalemitti yoo galus
faarfannaan “Hoosaa’inaa Ilma Daawit
maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha jedhu, Hoosaa’inaa Ilma Daawit iif, Hoosaa’inaa Aariyaamitti jechuun faarfataa
turan.Hayyuun amantaa Yaaredis faarfannaa kana gadii kana qopheessee
faarfateera:
“Naannoo
Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti
dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyaruusalemittis manguddoonni fi ijoollen baay’een baala mexii
qabatanii Hosaa’inaa Ariyaamitti jedhanii simatan. Buukarrii harree irra taa’es
gammachuu guddaadhaan gara Iyyaruusalem seene.Warra kanaafis humnaa fi aangoo
ni kennaaf.”
Egaa
galateeffannaa ijoollee kana Faarsaa Daawit akkasitti duruma irraa raagee ture
“Warra si irratti ka’an
deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi
daa’imootaatiin irraa faarfannaa qopheeffateerta.” Far fannaa(8:2)
Gooftaan
keenya duuka buutota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana
deemaa ilmoon harrees hidhamtee agartu hiikaatii natti fidaa yoo namni isin gaafate Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti
jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe godhan.
Egaa
‘dubbiin dubbii keessa’ akkuma jedhamu ilmoon harree hiikamte dhufuun ishee kan
hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka
fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akka fayyan
hubachiisuuf kan raawwatamee dha. Itti
fufuudhaanis harreen kan tuffatamtedha, kun immoo kan nu hubachiisu yeroo
gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan
kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummatni uffata (huccuu)
isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya qulqulluu Uumaa hundaa siin
miti harreen ati irra teesse illee buufatni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin
qabu jechuudhaan kan godhanidha.“Hoosaa’inaa Ilma Daawit Hoosaa’inaa
Aariyaamitti” jechuudhaan faarfachuu jalqaban. Dubbii baay’isuuf osoo hin
ta’iin dhugaa dubbachuuf nus abbootii keenya jalqabaa duukaa bu’uudhaan amantaa
qulqulleetti taate Ortodooksii jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een
karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii
akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna. Gara mata duree kootti yommuun
deebi’u walumaa galatti hiikni jechootaa:
Hosaa'inaa:-
Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf
laadhu jechuudha. Kunis immoo faarfannaa
Daawit irratti barreeffameera, “Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.” Jedhamee barreeffameera (Faarsaa 117(118) :25).
Aariyaam:-
jechuun immoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma
kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi
jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama.
Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni
lammaffaan ijoo ta’e immoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha.
Faarfannaa kana keessattis kan dabalamee Ilma Daawit kan jedhu ture, kuni Ilma
Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummatni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela
Maatiwoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.
Kunis
egaa walumaa galatti Daawitiif kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa
ibsa. Mootummaan Israa’el mootummaa Waaqayyoo turte.Ajaja uumaa hundaa kan ta’e
Gooftaan keenya Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo
Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’ee kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii
keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja
ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummatni Israa’el akka jara
Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya
ta’i jechuun gaafatani. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin
ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya
Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafuu jedhus uummatni jalaa qabuu hin
dandeenye. Eegduu harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef Waaqayyo akka mootii ta’u uummatni hin
jaalanne kanaafuu eegduu harreetu mootii ta’eef.
Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata
kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawitiif akka
kennamu godhe. Mootummaan Daawitis mootummaa Waaqayyoo turte. Daawitidhaan
sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf
Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii
isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.
Oduu
gammachiisaa qulqulluu Gabri’eeliin akka harmee keenya Maariyaamiitti himetti
Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan
ture mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan dhalachuudhaan ifa ba’uu
isaa ibsuudhaaf abbootiin keenya
mootummaa Daawit jechuudhaan faarfatan.
Haala kanaan Masihiin gara Iyyaruusaalem yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummatni
gaafatan.kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe
Iyyasuus jedhani. Kana boodas bakka mana
amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa
kan turanii fi dhaabiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana
kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.
Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise,
dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee
mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun
jaaman jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin
sirreessiin darbe.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos achuma osoo
jiruu ijoollotni faarfannaa jalqban barattonnis jara wajjin Hoosaa’inaa
jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga
uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutame waan jarri jedhan dhaga’aa jirta
mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyasuusis yoo jarri callisan
illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa
Daawit irratti’ ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite’kan
jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate (Faarsaa 8:12). Sammuu qabeessa warra
jedhan lapheen jaraa daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu
faarfannaa gadi yaasaa ture.
Egaa
nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa
guututti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni
keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu
nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu. Waan tokko of eeggadhu du’a gaabbii malee, waan tokkos
gammadi sanyii Daawit ta’uu kee, qophaa’anii jiraachuun abshaalummaadha jedhan;
gaabbii fi eegeen immoo booda dhufti jechuun hin oolu.
Ani
garuu akkasan jedha mee guyyaa tokko keessa sa’a 24 tu jira. Yeroo kana keessa
Waaqakee bara baraan kan jiraatu yeroo ati raftullee kan hin rafne yeroo ati
deemtu kan si duukaa deemee si eegu nyaata kee fi uffannaakee kan siif
qopheessu yeroo kee ykn sa’a hangam
kennitaaf? Akkas jedha dura ija kee keessa kan
jiru xurii osoo hin baasiin kan obboleessa keetti quba hin qabiin,
dhuguma dura of gaafachuun gaariidha haalli amantaa fi jireenya koo akkami
jechuun gara jaalala Waaqayyoo ibsa waan hedduudhaan kan qabamnee jiraaannu
hedduudha, kanammoo of beekna haa ta’u garuu hunda hin dubbatani dugda hin
dhungatani jedhu abbootiin keenya, afaaniin qofa osoo hin ta’iin hojiidhaanis
jaalala Waaqa keenyaa agarsiisuu qabna jechuudhaan yaada koo asirrattan
gabaabsa.
Galatni Waaqayyoof,Harmee Keenya Qulqulleettii Maariyaamifis Haa tahu. Ameen.
Kitaabota Wabii
Ø Kitaaba
Tokkoffaa barsiisaa Li’ule Qaal Akaaluu haala Amantaa Ortodooksii
Ø Macaafa
Qulqulluu
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.