Friday, October 2, 2015

“Daraaraan Dachee irratti Mul’ate” (Weedduu 2:12)

 Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!

Barsiisaa Hayile Mikaa’el Taaddasaatiin (zeh.michael@gmail.com)
Weedduun akka mataduree barreeffama kanaatti taa'e kun daraaraan mul’achuu isaa yoo ibsu mul’achuu daraaraa dura dukkana darbe hin daganne. Siriittuu, lakk. 11 irraa eegalee yemmuu dubbisnu, “ganni darbee jira , roobnis darbee deemee jira.” jechuun daraaraa kanatti ba’uudhaaf dukkana keessa darbame nutti hima. Mul’ata daraaraa kana waliin, yeroon makaraa ga’uu isaa, sagaleen guugee dhagahaamuu isaa, akkasumas wayiniin latuu fi urgaa gaarii kennuu isaa,[Weedduu 2,12 hanga 13] ibsuudhaan mul’ata abaaboo kana duraa fi bu’aa mul’ata kanaatiin taateewwan galma ga’an nuu seeneessa.   Dhaamsi himoota kanaa, sorgoon isaa ganni gurraachi darbee birraa booqaatti ce’uu fi sababa kanaan abaaboon dacheerratti mul’achuu isaati. Sookoon ykn iccitiin isaa garuu, kallattiidhaan fayyiinsa ilma namaa waliin walitti dhufeenya kan qabuu dha.

Abaaboon daraaruu fi asheetni asheetuu, lafti magariisaan miidhaguu fi lagni hir’achuu, dhooqqeen qooruu fi roobni qaqqabachuu  isaa sababbeeffaachuudhaan uummanni durii seera uumamaatti[natural law] bulan uumaa isaanii uumamaan ni raajeeffatu ture.[Liqakaahinaat, Kinfa Gabri’eel Altaayye,bara 20003tti ayyaana Masqalaa sabababeeffachuun baruullee Mana Kiristaanaa Ortodooks Tawaahidoo Itiyoophiyaatti Manbara Paatiriyarkiidhaan qophaa’e, Bamasqaluu Gannatin Kaffata, fuula 12]  Jijjiirama waqtiilee sababa godhachuudhaan Waaqa biirraa booqaatiin isaan ga’e galateeffachuun ammas biyyootaa fi uummata adduunyaa gidduutti kan calaqqisiifamuu dha.[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003 , fuula 12, Dirribi Damissee, 2012 Ilaalcha Oromoo, fuula 74, Almaayyahu Hayilee, Bagadaa siri’aat Ya Tuulamaa Oromoo poolatikaa, bara 2000/2008 fuula 82]  

Bara kakuu moofaattis ta’ee, erga kakuu haaraatti ce’amee booda, akka Mana Kiristaanaa Ortodooksii Itiyoophiyaatti, biyya keenyatti ayyaana abaaboo jedhamee waggaa waggaadhaan Fulbaana 25tti kan kabajamaa turee dha. [Fulbaanni 25 akka Mana Kiristaanaa teenyatti, guyaa ganni itti ba’ee, birraan itti seenuu dha].[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003, fuula 15] Yeroo booda garuu[bara mootii Daawiit], fulbaana 10tti ayyaana Fannoo wajjiin kabajamuu eegaluus, otoo itti hin fufiin, ammas iddoo duraatti deebi’ee gaafa fulbaana 25ni ayyaana abaaboo jedhamee kabajama.[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003, fuula 15] Ayyaanni kuni ayyaana addababayii yoo ta’u, haalli kabaja isaas, luboonni kitaaba qulquluu kakuu moofaa fi kakuu haaraa irraa abaaboodhaan qabeentaa rooguummaa qaban dubbisuun, uummanni Zanbaabaa, baalaafi firii Tamirii fi Zayitaa qabatanii, gammachuudhaan yoo kabajamu, dhuma ayyaanaa irratti abaaboon raramaan uummataaf, mootichaaf, abbootii taayitaa fi phaaphaasichaaf kennuudhaan sirnichi golabama. [Bamasqaluu Gannatin Kaffata, fuula 15 fi 17]

Ayyaana kana waliin ayyaanni haadha keenya dubroo Maariyaamii fi Pheexiroosii fi Phaawiloos ni kabajama. Sababni guyyaa kanatti ayyaanni Dubroo Maariyaam kabajamuuf, harmeen keenya dubroon Maaryaam haadha ifa dhugaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos[Yoh.8,12, Yoh.2,1] waan taateefi ifni kuni ilma namaa gidduutti akka mul’atu sababa waan taateefi[Is.1,9][Bamasqaluu Gannatn kaffata, fuula15] ayyaanichis ayyaana ifa birraatti ba’uu fi mul’achuu daraaraa isa dhugaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin wal qabatee kan kabajamu waan ta’eefii dha. Ayyaanni Qulquulloota Pheexirosii fi Phaawiloos ayyaana kanaan walirra bu’uun isaa, lamaanuu ifa adduunyaa ta’uun[Maat.5,14] adduunyaa dukkanaatti ifa Wangeelaa waan agarsiisaniif dukkana gannaa fi ifa birraatiif daangaa ta’aanii[fulbaanni 25 daangaa lamaaniit] ayyaaneeffatamu.[Bamasqaluu Gannatin kaffata,2003, fuula 15]

Fulbaana 26 irraa eegalee ammoo, hanga sadaasa bultii shaniitti yeroo daraaraa[abaaboo[waqtii tsigee]] jedhameetu kabajama.[Bamasqaluu Gannat, 2003, fuula 17] Ayyaanni kuni kan kabajamu, sanbata guddaa halkan galatatsigee[Maahileetatsigee] baqannaa haadha keenya dubroo Maariyaamirra ilma ishee wajjiin irra ga’e yaadachuudhaan yoo galateeffatamu, Sanbataa duraa fi guyyoota kaanitii kadhannaa deemsiisuu fi Waaqaaf galata galchuudhaan kan kabajamuu dha [Bamasqaluu Ganntin Kaffata, 2003, fuula 17] Waqtii kanatti “abaaboon dachee akkamiin akka guddatan ilaalaa, hin dadhaban, hin foo’an Salamoonirree kabaja isaa sana hundaan kannen keessaa akka isa tokkootti hin uuffane ...”[Mat.6,28-30] jechuun Gooftaan Iyyasuus Kiristoos barnoota barsiisee fi “barri keenya akka margaatti, akka abaaboo daggalaattis ni daraara, yemmuu buubbeen itti bubbisu ni darba”[Faar. 52,14-16] faarfannoon jedhu ni dubbiifama, ni weeddiifama.[Bamasqaluu Gannatin kaffata, 2003, fuula 17]

Uummanni Israa’eelis, ganni darbee, yemmuu birraan bari’u, abaaboon yoo daraaru,  midhaan yoo asheetu,  ayyaana asheetaa baala Zanbaabaa, firii Tamirii, firii fi baala Ejarsaa biqiltoota keessaa kan ijatti bareeduu fi fuunyaaniif hawwatu hunda qabatanii ayyaana asheetaa kabaju.[Bamasqaluu Gannatin Kaffata, 2003, fuula 13] Midhaan keessaas, asheetaa fi nadoo qabatanii gara Mana Qulquullinaatti fudhatanii, dursaa lubootaaf kennuudhaan dursaan lubootaas, kadhannaa dhimmichaaf rooguummaa qabu deemsiisee aarsaa isaanis dhiyeessee uummaticha ni gaggeeessa.[Seera Leewootaa 23,15-22]  
Uummanni Oromoo yeroo abaaboo kana ayyaana Qaammee, Masqalaa fi Irreecha jedheetu sadanuu bakka tokkootti birraatti ce’uu isaa haala agarsiisuun fulbaana 1 irraa egalee hanga ji’a sadaasaatti kabaja.[Alamaayyahu Hayilee, eeksipartii Biiroo Addaa fi Turizimii oromiyaa waliin bar-gaafii deemsiifameeerraa] Qaammeerratti durboonni buqqisaa ykn qunnii qabatanii baga ittiin isin ga’e jechuun namoota naanna’a isaanii bira ga’u. Yeroon isaas yeroo abaaboo, abdii birraa ta’uu isaa ibsuun kan weeddisanii fi hawwii gaarii hawaasichaaf kan itti hawwanii dha.
Qaammee booda ayyaanni jiru ayyaana Masqalaati. Ayyaanni Masqalaa kuni gubaa jedhamuunis ni beekkama. Dukkana Gannaatii ifa Birraatti ce’uu keenyaaf Waaqaa galata galchuudhaan kan ayyaaneeffamuu dha.

Masqalli kabajamee guyyya 5ffatti ykn walakkeessaa Fulbaanaa boodaa sanabta guddaa jiruti Fulbaanaa 23-25tti guyyoota jiran keessatti kan kabajamu ayyana Irreechaati. Irreechi kan kabajamu malkaa fi tulluutti yoo ta’u, irreechi tulluu rooba kadhachuudhaaf boonni ba’ee yeroo roobni arfaasaa itti eeggaamu walakkeessa Bitooteessaa keessa roobni maartaa isaa akka cobuuf kadhachuudhaaf kan ayyaneeffamuudha. Birraa kanatti irreechi deemsiifamu immoo ireecha malkaatti deemsiifamuudha.[Alamaayyahu Hayilee, bar gaafii isaan waliin deemsiisee fi Alamaayyahu Hayilee, 2000, fuula 79]] Ayyaanni Irreecha malkaas itti fufiinsa kabaja ayyaana Birraa yoo ta’u, kaayyoon isaas, Waaqa booruu gannaa oofkalchee birraa booqaatiin nu gaheef galata galchuu dha. Galata kana galchuun kan raawwatamu uummanni hundi walitti yaa’ee weedduudhaan “Mareewoo” jechuudhaan Waaqa isaa farsaa fi Waaqni rooba isaa, nageenyaa fi dhala akka isaaniif kennuu kadhachuudhaan  margaa fi daraaraa harkatti qabachuun malkaa iddoo jiidhaa fi madda uumamaa[walaabuu] jedhamee amanamutti lalisaa fi daraaraa Waaqni kenneef Waaqaa deebisanii dhiyeessuun uumamaan uumaa kan itti raajeeffataniidha.[Obbo Alamaayyoo Hayilee waliin marii deemsiifameen kan argame, Alamaayyahu hayilee, bara 2000, fuula 82]

Kan armaan olitti ibsame, uummanni adduunyaa,uummanni Israa’eel akkasumas Manni Kirstaanaa fi Sabni Oromoo aadaa isaa irratti hunda’ee, ayyaana daraaraa kana akkamitti akka kabajanii dha. Keessattuu kabajni ayyaana irreecha Oromoo fi Kabajni ayyaana abaaboo Mana Kiristaanaa akkasumas, kabajni ayyaanaa asheetaa[ayyaana sawiit] waan walitti dhiyaatu qabaachuu isaanii hubachuun ni dnada’ama. Sadanuu uumamaan uumaa raajeeffachaa jiru. Uumamni uumaa ittiin raajeeffannu garuu iccitii isaa yoo ilaallu ilmi namaa abdi qabeessa akka ta’ee fi wantoonni dukkana nutti ta’an akka darban nutti agarsiisa. Kuni ammoo ilaalcha keenya eegeree hawwataa kanatti akka qajeelchinuu fi dachee kana irratti mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin duuni bara baraa akka injifatamee fi jireenya bara baraa akka gonfanne nuuf balaqqessa. Jalqaba irratti akka mata dureetti kan kaasne daraaraan mul’achuu isaati. Daraaraan mul’achuu isaa immoo akka aadaa Oromootttis, akka seera oritiittis ta’ee, mana kiristaanaa teenyaatti hawwii gaarii, abdii amansiisaa kan of duraa qabnu waan ta’eef Waaqaaf galata kan itti galchinuu dha. Keessattuu abdiin keenya bara baraa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos jaalalaan mul’achuu isaa wajiin wal qabsiisnee, icciitii mul’achuu daraaraa kanaa weedduu weedduu caalu boqonnaa 2 lakk. 10-14. Irrati hundoofnee ilaalla. Lakkoofsi 10, michuu Waaqaa kan ta’an jireenya bara baraa kanaaf akka onnatan waamicha dhiyeessa.

Michuu too ka’i, guugee gaarii too ka’i[lakk.10]
Akka ibsa hayyoota Mana Kiristaanaatti michuu too ka’i kan jedhamte missiroo Gooftaa kan taate Mana Kiristaanaati. Manni Kiristaanaa hariiroon isheen Waaqa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos waliin qabdu kan hin cabne kan hin dhangalaane ta’uun olitti hariiroo bara baraaf itti fufu kan addaan hin cinne waan ta’eef, hariiroon lamaanii hariiroo jaalaleewwanii, hariiroo missirroo fi missirriittiin ykn hariiroo dhirsaa fi niitiitiin fakkeeffama. [Eef 5,32 fi Maat 9,15 fi Mat 25,1]]
Waamichi kuni Mana kiristaanaaf godhame yoo jennu, qaama Mana KIristaanaa kan taane hunda keenyayyuu kan ilaallattuudaha. Waamichi nuuf godhame, bu’uura ibsa hayyootaan du’aa gara jireenyaatti, jireenyi kuni ammoo jireenya haarawa ta’etti akka ceenu[2Qor. 4,16] waamicha nuuf godhamee dha. [Rom8,9] Michuu Waaqayyoo jedhamuufii hirmaataa waamicha kanaa ta’uuf ulaagaan barbaachiisu namuummaa qofa waan ta’eef har’a birraa kanaan wal qabsiisee gara isaatti akka dhufnu Waaqayyoon waamicha nuuf dhiyeessaa jiru kanaaf,  na  hin iiaallatuu jennee waamicha fayyiinsaa, kana irraa qoolleeffachuu hin qabnu. [1Qor. 1,10 hanga 13]

 Amma ganni darbeera , bokkaan caameera sookkeeras[lakk.11]
Kaayyoon waamicha michuu keenyaas darbuu gannaa nuuf dhugoomsee hooloota isaa bittinaa’an sassaabachuu dha. [Yooh.10,11] Ganni dukkana, ganni rooba cimaa qaba, lagni ni guuta, firrii fi  firri sababa guuttuu lagaatiin yeroo itti wal hin qunnamneedha. Keessattuu qoteebulaa waqtii kana irratti hundaa’ee midhaan isaa facaafatuuf, yeroo dadhabbii cimaa keessa itti darbuu dha. Darbuun gannaa, caamuun bookkaa ilmi namaa hundi akka abdii horatu, uumamni hundi miidhagee akka mul’atu affeera. Kanaaf yeroon kuni yaadatamuun isaa waqtiileen hayyamaa fi fedha Waaqatiin akka jijjiiraman amanuu fi galata galchuurraa madda.
Iccitiin darbuu gannaa inni lammataa, Ganni darbee jira jedhame, bara duukkanaa ilmi nama sababa cubbuu isaatiin waggoota 5,500n mankararaan waanjoo gabruummaa diyaabiloos jalatti  turee dha. Akkuma Waqtiin gannaa waqtii roobaa, dukkanaa, aduun itti dharra’aamu ta’etti  haala kanaa ol ta’een waqtiin kakuu moofaa ilmi namaa hundi hanga feedhe dhugoomina qabaatu, “dhugoominni keenya uufata laguu nutii ta’e” bu’uura jedhameen,[ Qulqulloonni turan] cufti garba abiddaa kana jalaa miliquu hin dandeenye.[Is.53,6]

Garuu, amma seenaan kuni hundi darbee,  bara kakuu haaraa kanatti Manni Kiristaanaa teenya bakka hundumatti, Mootuummaa Goofta Iyyasuus Kiristoos lallabuudhaan, [hojii 1,8] michuu ishee kan ta’an ilma namaa hunda, warra amanuu fedhan cufa isaaniin ganni ilma namaa addaan baasu darbeera, lagni addaan nu kuute hir’atee jira, Golee dhakaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin alagaanis Ayihudis, gurraachis adiinis, dhirris dubartiiniis hunduu qodiinsa afaanii, aadaa fi eenyuummaa akkasumas ilaalchaa tokkooyyuu otoo hin godhin tokko ta’ee jira[Eef.2,20 hanga 21,1Qor. 1, 24] jettee missiraachoo himti[Luq.2,10]. Waaqayyoon, foon isaa waan uuffateef michuu Waaqaa kan ta’e ilmi namaa cufti, amma yeroon, yeroo ganna cubbuu fi waanjoo diyaabiloosiin ibsamuurraa bilisa itti baanee, eenyuumaa Kiristoosiin haaroomeetti bara itti ceene waan ta’eef, hundi keenya harka wal qabannee hirmaattoota fayyinsa kanaa ta’uuf ka’uu qabna. Ka’uumsi kuni amanuurraa kan jalqabu yoo ta’u, ilaacha keenya jijjiirrannee warri amanne ammoo ragaa isaa ta’uuf, hunda otoo lagaan, afaaniin adaadhaan hin qodiin tarsiimoo ergamuummaa dirisiinuu fi isaaf gatii kanfalluun mirkanaa’a.[Mat.28,19] Yoo kuni ta’e gammachuu darbuu gannaarraa lammiin hundi hirmaataa ta’uu ni danda’a jechuu dha. Birraa kanaan walqabatee ayyaani Masqalaa kabajnuus, Fannoo Gooftaa Iyyasuus Kiristoos hunda gidduutti nagaa uume ka’uumsa godhachuudhaan akkuma hojiin fannoo kanaa garba bara baraa nu ceesise,[luq 23,43 fi Qol1,20] lola ajeesse,[Eef, 5,14 hanga 18] nuus galma ga’iinsa kaayyoo fannichaaf akka tattaaffannu imaanaa nuuf laata.

Daraaraan dachee irratti mul’ateera, yeroon Makaraas ga’eera[lakk.12]

Darbuu gannaa immoo, abaaboon dachee irratti mul’achuu fi yeroon makaraa ga’uu isaatiin mirkaneefanna waan ta’eef, erga ganni darbuu isaa nutti dhaamee booda, abaaboon akka mul’atee fi makarri akka ga’e qabatamaan nuuf mirkaneessa. Gara iccitii isaatti yoo dhufnu, abaaboon dachee irratti mul’ate Gooftaa Iyyasuus Kiristoosii dha.[Is 9, 6, ] Dachee kan jedhame, ilmi namaa biyyoorraa waan hojjatameef ilma namaa hundadha[Uum.3,23]. Kanaaf abaaboon dachee irratti mul’ate yoo jedhu Ilmi Waaqaa Gooftaan Iyyasuus Kiristoos, foon ilma namaa uuffatee dachee irratti mul’atee, hunda tokko gochuun araaraa fi nageenya buusee jira [Yoh.1,14, Luq.2,14] jechuu isaati. Mul’achuun abaaboo kanaa fannoorratti yoo golabamu, bu’uura Qulquulluun Yaareedii fi Atinaateewoos jedhaniin uummanni fi alagaan akka wangeelaan tokko ta’an harka isaa mirgaa fi bitaatti bal’isee isa tokkoon uummataa isa birootiin alagoota dhiyeessuudhaaf fannifame.
Akka Mana Kiristaanaatti Kaayyoon kabaja abaaboo inni muummeenis, Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon uuffatee dacheerra dedeebi’ee haadha isaa Maariyaam waliin godaanee[Maat2,13-15], gidiraa baay’ee keessa erga darbee booda, Ilma namaa hunda Fannoorra ooluun fayyisuu isaa yaadachuu fi dhugaa kana keessatti hammatamanii, jecha “kan na jaalatu yoo jiraate, fannoo koo baatee ana duukaa haa bu’u” [Mat.16,24] jedhu hojiirra olchuu dha. Kanaaf abaaboon keenya Gooftaan Iyyasuus Kiristoos foon keenya uuffatee, jaalala nuuf qabu Ilma naamaatiif bu’uura agarsiiseen nuullee ayyaana daraaraa yoo kabajnu, hojii mul’achuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin, fayyuu keeenya amanuun olitti hojii jaalalaa aarsaa ta’uu gaafatu kana abbaan warraa haadha warraatiif, abbaan taayitaa uummataaf, abbaan gaabbii, luboonni fi phaaphaasoonni hooloota hoogggananif,[Yooh 21, 15 hanga 19] barsiisaan barattoota isaaf, warri ijoollee isaaniif, itti gaafatamaan hoojjatoota isaaf aarsaa kanfaluu qabnu ilaalchisee waadaa keenya haroomsuun ta’uu qaba.[Yooh 13,15 fi 14,15 Yooh 15,12]

Yeroon makaraa ga’e kan jedhus yoo ilaallu, makarri qotee bulaan bu’aa dhamaatii isaa kan itti argatu, wanni nyaatan wanni dhugan guutuu yeroo itti ta’u, yeroo taphaa fi sirbaa, weedduu fi cidhaati. Yeroon makaraa waan birraan bari’ee aduutti baaneef miidhaan ga’e hundi sassaabbii yeroo itti barbaadu, yeroo itti gaafatamuummaa guddaas gammachuus qotee bulaadhaaf laatuu dha.
Kitaaba Qulqulluurrattis gammachuun yeroon makaraa kuni gammachuu fayyuu isaatiin ilmi namaa gonfate waliin wal fakkata. Kanaaf Isaayiyyaas raajii isaarratti Waaqayyoon warra dagataman warra Alagootaa fi Galiilaa yaadachuun inaaffaan Isaa fayyiinsa ilma namaa dhugoomsee bittaa seexanaa seenaa gochuun “makaraan akka gamadanitti akkanumatti isaan gammachiifte” jechuu nuuf ibsa. [Is.9,3 fi 7]
Yeroon yeroo makaraa ta’uun isaa makara Manni Kiristaanaa sassaabuu qabdus ni agarsiisa. Makarri kuni Waaqayyoon akka ilma namaa barsiiftee maqaa sadaniitiin cuubdu imaanaa Mana Kiristaanaaf laatamee dha.[Maat.28,18] Haala nama gaddisiisuun dadhabina Mana Kiristaanaa kan barbaadan baay’ee ta’anis, kallattii sirrii qabatee dhugumatti kaayyoo dachee kanarraa bilisaa ta’ee, kaayyoo jireenya bara baraaf kutatee kan hojjatu xiqqoodha. ,[Makarri baay’eedha, warri haaman garuu muraasa akkuma jedhu, Luq 10,2] Ammas Gooftaan waan makarri baay’atee, kan haamu xiqqaateef, “eenyuun ergadha, eenyuutu gara uummata sanaatti nuu deema?” Is.6,8 nuun jedha. Dhaamsa kanaaf waan gurra hin laatiniif, aamas wangeelli hin lallabmne, warra wallalanii Mana Kiristaanaatii ba’an deebisuun hin danda’aamne, manneen kiristaanaa cufaman hin bansiisne, sababa afaanii fi aadaatiin dhaqqabuummaan keenya gaafii keessa galaat jira. Waggoota heedduu manni kiristaanaa teenya dachee kanarratti jiraattee fi tajaajiltee otoo jirtuu, sababa hanqina warra darbaniifii dhalataa ammaatiin manni kiristaanaa akka kessuummaatti hubatamaa jirti. Kanaaf, Manni Kiristaanaa yeroon amma irra jirtu, hirmaannaa hunda keenyaa kan barbaadu ta’uun olitti, hirmaannaan kuni ammoo faayidaadhuma afurawaa keenyaaf waan ta’eef, dhimmi tajaajila Mana Kiristaanaa dhimma namoonni muraasni qofti itti quqaman ta’uun hafee, hundi keenya fayyuu ilma namaatiif gamtaan yaadda’uu qabna.
Yeroon abaaboon itti mul’atus ta’ee yeroon makaraa yeroo aduun itti ba’uu dha. Akkuma aduun qorrarraa bilisoomsee nama hoo’isu, waamichi aduu dhugoominaa, Miisirroo keenyaa fi mul’achuun isaa [abaaboos] akkasumas makarri ga’uun isaa qorra cubbuurraa, abdii dhabuurraa nu bilisoomsee ho’a Hafuurawaatti nu ceesiisuun firii Hafuurawaa jireenya bara baraatiin nama geessiisu[Gal 5,22-26] akka buufanu nu garagaara.

Yeroon wedduus ga’eera, Sagaleen guuggees biyya keenya keessatti dhgahaameera[lakk.12]

Birraan yoo bari’u bu’uura armaan olitti ibsineen, keessattuu akka aadaa Oromootti yeroon isaa yeroo taphaa fi weedduuti. Weedduun kuni ammoo dubartoota qunnii qabtanii Waaqa galateeffatanii fi dargaggeessa dooyee sirbuun,  akkasumas adda adduummaan saalaa fi umrii otoo hin jiraatin hundi “Marewwoo” jechuun daraaraa fi lataa qabatee hanga Waaqa galateeffattuutti kan jiruu fi isa boodallee ji’a sadaasaa keesa walitti ba’uun horin qalamee ayyaana ho’aa kabajamuun ibsama. Kanaaf dhugumatti akka aadaa Oromoottis birraan yeroo weedduuti.  Haaluuma wal fakkaatuun,  birraan Kakuu haaraatin fakkeeffamu kan itti bara du’aarraa jireenyatti ceene waan ta’eef gammachuudhaan kan itti Waaqa galateeffanuu dha.

Nama qofa miti mallattoo nagaa kan taate guggeen sagalee ishee dhabneeyyuu dachee keenyarratti yeroo sagalee itti dhageessiistuu dha. Guugeen tuni Afuura Qulquulluudhaan fakkeeffamti.[Yooh1,32] Afuurri Qulqulluu mul’achuu abaaboo booda, bu’uura Gooftaan “ Afuura koo isiniifan erga” jedhee Waadaa nuuf galeen Mana Kiristaanaatiif ergamee umrii ishee guutuun haala itti fufiinsa qabuun ishee haroomsa.[Hoj 2,4] Akkuma adduunyaan otoo hin uumamiin dura Afuurri bishaan lubbuuwwan irraa argamanirraa golboobee, adduunyaan kanarraa uumamte,[Uum.1,2] kakuu haaraattis ganni gurraachi kakuu moofaa drabees, Kiristoosin uumama haaraa taanees, [Eef. 4,23-24] Gadaameessa Cuphaa fi Barruu Afuura Qulqulluurraa dhalachuun warra miseensa Mana Kiristaana taaneef ammoo, ammas sagaleen Hafuura Qulquulluu abdii nutti horaa, haroomina hafuurawaatiif akka dammaqanu[Eef4,23] waamicha nuuf gochaa jira.
Kanaan alas bara Nooh bishaan daffaan ilmi namaa sababa cubbuu isaatiin fixe gadi hir’achuu isaa gugee Nooh ergeetu baala ejarsaa qabattee Noohitti deebitee dhufuun mirkaneesse.[Uum 8,11 ] Akkuma guugeen Nooh bishaan badiinsaa hir’achuu isaa ibsuun Nooh aga dhgeessiifte,ammas sagaleen gugee kanaa biraan bari’uu, uummanni mirgaan ba’uu fi nageenyi badhaadha ta’uu isaa agarsiisa. Kaayyoon kabaja ayyaana abaaboos icciituudhuuma kana kan agarsiisuu dha. Sababni isaas,bu’uura armaan oliti ibsineen gidiraa isarra ga’een[fakkeenyaaf baqannaa Misiraa] loolli burkutaa’ee nageenyi dhugoomee jira waan ta’eef.[1Pheex 2,21 hanga 23]

Haati Kenya dubroon Maariyaamis foon ishee waan uuffateef  guugee gaarii[gugee toltuu] garba abiddaa keessaa ba’uu nuuf mirkaneessite. [Galata Maariyaam kibxataa fi Sanbata Guddaa] Keessa darbee isheen  ilmi namaa fi Waaqni waltajjii waliigaltee kakuu haaraa irratti mallatteeffataniidha. Sababni isaas, gadaameessi ishee Waaqni nama, namni ammoo Waaqa ta’uu isaa kan itti mirkaneeffanne waan ta’eef fayyuu keenya kan nutti dhaame foon isheerraa foon lubbuu isheeraaa lubbuu fudhatee nama ta’uu isaati.[Is 9,7]
Qabatamaanis, harmeen keenya dubroo Mariyaam akkuma missiraachoo Qulqulluu Gabri’eel dhageesseen gara biyya tulluuwwanii Eelsaabeexitti deemtee nama ta’uu Gooftaa ragaa baatee jirti.[Luq.2,39-45] Inuumaayyuu hayyoonni daawwannaa ishee kana daawwannaa Manni Kiristaanaa tulluu amantiidhaan ol jedhe irra dhaabbattee, nageenya dhaamtuun, missiraachoo gaarii dubbattuun, Waaqni ishee Diyaabiloosirratti injifannoo gonfachuu isaa ilaalchisee ragaa baatuun waliin waliiti fidu. [Is.52,7]
Haadhi keenya dubroon Maariyaam sababa Heeroodisiin ilma ishee waliin dachee Itiyoophiyaatti godaanuu ishee yeroon itti yaadanuus waqtiidhuma birraa, yeroo abaaboo kana dha. Yeroon abaaboo kuni armaan olitti bu’uura ibsineen, galataa fi kadhannaa raawwataman ida’aatee kan danda’e ammoo dabalataan dhunfaa isaan soomuudhaan godaansa haadha keenya dubroo Maariyaam yaadachuudhaan afuurawaan waqtii itti jireenya afurawaatti ol qaariinuu dha. Dhugumatti nama hubateef abaaboon dacheerratti mul’ate Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dachee keenyarra yeroo abaabootti godaansaan qubachuun isaa, mankararri Gooftaa irra ga’e cufti isaa fayyina keenya waan dhugoomsee fi “madaa isaatiin”[Is.53,5] nuti waan fayyineef,  oguummaa Diyaabiloos buusheessuuf Waaqayyoon waan bushaa’aa[mooraa hooriitti dhalachu, godaansa, yakkamuu, fannifamuu fi K.K.F. ][Luq.2,7, Maat 2,14-15, Yoh.18,28-40 fi 19,18] adduunyaa kanaa filachuudhaan kanaanis diyaabiloos injifachuu isaati. Kunis, injifachuudhaaf dirqama harki nuuf rukutamuu akka hin qabnee fi madaalli Waaqayyoo, kan akka jaalalaa fi kasoominaan[1Qor. 13,1, Luq.1,48] akka abaaboo biirraatti miidhaguun gahaa akka ta’eefi adduunyaan injiifataa tokkoof ulaagaan isheeen keesse Waaqa biratti iddoo akka hin qabnee dha.

Kanaaf digguuwaan Tsigee, “kana booda ganni darbe, barakatni bakka bu’e. Roomaaniniins firii buuse” jechuun godaansi kuni godaansa gara firii jireenya bara baraa fi injiifannootti taasiifamaa jiru akka ta’e kan nutti himu. Kanaaf, harka qalleeyyuummaan hafuurawaa, abbaa qabeenyaa Mootuummaa Waaqayyoo  nu taasiisa. Gaddi cubbuu keenyaaf taasiisnu, jajjabina bara baraatiin nu ga’a. Garraamuummaan keenya, dachii nu dhaalchiisa. Dhugoominaaf beela’uun keenya [soomuun keenya] quufatti nu ceesiisa., Gara laafuummaan keenya dudduba isaatii maartaa qaba., Qulquullinni garaa keenyaa Waaqayyoon nu agarsiisa. Dhugoominaaf baqachuun Mootuummaa Waaqayyootti nu fida.[Maat 5, 3-10] Akka waliigalatti mootuummaa Waaqayyoof gatiin kanfalaman cufti irra irra isaanii yoo laallu nama quqaniis, qoola irraa quncisnee dandhama firii isaa yoo laallu, bareeda abaaboo birraa, dachii lalisaa  taliila birraatii olii dha.
Gama biraatinis, sagaleen guugee dhagahaameera kan jedhame, sagalee Qulqulluu Yoohaannis, “cubbuu adduunyaa kan burkuteessuu, hoolaan Waaqayyoo kunoo” jechuun waa’ee ilma Waaqaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos ragaa ba’e nutti agarsiisa.[Yoh 1,36]  Sagalee cuphaa Yoohaannis qofa otoo hin taane, sagaleen raajootaas, “ilmi dhiiraa”[Is.9,6] dhalachuu isaa fi fayyuun ilma namaa mirkana ta’uu isaa addeessu daangaadhaa hanga daangaatti dhgahaamee jira.

 Mukti Wayiniis daraaree urgaa’eera

Mukti Wayiniis daraaruun isaa kan agarsiisu, Ergamooni [duukaa bu’oonni] dhalachuu isaanii fi sagalee Waaqayyoo kan raabsan, waa’ee isaa kan ragaa ba’an baay’achuu isaaniit nuuf addeessa[Hoj.2,41 fi 6,1, Maat. 20,1-8] Sababni isaas Gooftaan ofii isaan “Mukti Wayinii inni dhugaan ana”[Yoh. 15,1 fi lakk.5] nuun jedha. Mukti immoo daraaruu isaa kan beeknu jirmaan[dameedhaan]. Dameenis qofaa isaa firii buusuu hin danda’u.[Yoh. 15,4] Dameen muka Wayinii kanarrati daraaran duukaa bu’oota Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiiti. Amantii warraa duukaa bu’oota kana irratti kan hundoofte Mana Kiristaanaatiif [Eef.2,19] miseensoota kan taane cufti damee muka wayinii keenya Gooftaa Iyyasuus Kiristoositti maxxanneedha. Isatti hirkachuun fooniiniis lubbuudhaanis nu daraarsa. Isatti hin maxxanne taanaan jirra of seena malee homaa gatii hin qabnu[Yoh. 15, 4] Inumaayyuu, Yoohaannis, 15 lakk.5 irratti “anaan malee homaa gochuu hin dandeessan” nuun jedha waan ta’eef, daraaruuf, seera uumaa kana ka’uumsa godhannee, abbaa isaa irraa otoo jalqaba hin qabaanne[Faar.109,3] haadha malee dhalatee, bara dhuma barichaatti ammoo harmee isaa dubroo Maariyaamirraa aangoo Waaqauummaa isaarraa waa takka otoo hin hir’atiin dhalchuu isaa amannee fudhacuu qabna.  
Wayiniin kuni urgaa laachuun isaa, duukaa bu’oonni amanoota baay’ee horachuu isaanii agarsiisa. Nuyiif ammoo kan nu barsiisu, kaayyoon gaariin nuti qabanne, muummeedhaan jireenyi Kiristaanuummaa dadhabbii keenyaan awwaallamuu akka hin qabnee fi lammiin dukkana keessati akka hin gufanne akka ibsaa tulluutti hundaaf ibsuusdhaan dukkanaa gara ifaatti uumata qajeelchuu  akka qabnuu dha. [Mat5,15]

Guduunfaa

Bu’uura armaan olitti ibsameen akka seera oritiittiis ta’ee akka Mana Kiristaanaa keenyaatti akkaasumas akka aadaa Oromoo fi aadaa uummata Kuushitti ayyaanni abaaboo kabajamu, kallattiin jijjiirama uumama irratti dhufuun kan wal qabatuu dha. Jijjiiramni uumma irratti dhufu kuni ammoo hayyama Waaqa uumama wal simsiisee, waqtiilee dabareedhaan hoogganuun kan galma ga’uu dha. Kanaanis Waaqayyoon sooraa adduuyaa kanaa,[Faar 104,9 hanga 24, Maat.25,1], uumamni wal simee dabareen akka bulu kan sirneessuu fi uumama isaatiirraa kaanee inni uumaa akka ta’e, uumamni isaa fakkeenya irra deebi’ee uumamuu ykn dhalachuu ilma namaa akka ta’e ni hubanna. Qulqulluun Iyyoob akkana nuun jedha, “Amma garuu bineensoota gaafadu sitti himu, Simbiroowwan samiis gaafadhu si barsiisuus, ykn dacheetti dubbadhu si barsiistis, qurxuummiiwwan garba keessaa gaafadhu,  sitti himus, Harki Waaqayyoo akka kana godhe.” [Iyyoob 12,6 hanga 12] Uumamaan uumaa raajeeffachuunis kanuma.

Eegaa akkuma uumamni ganni bari’uun isaa nutti agarsiisu hojiin fayyiinsa Waaqayyoos halkan gurraachi bittaa seexanaa jala itti turre akkuma birraa kanaatti bari’ee,  halkan darbuudhaan guyyaan akka dhiyaate nutti hima.
Akkuma halkan gurraachi darbee, birraan bari’eetti, halkan kakuu moofaa darbee guyyaan kakuu haaraa yoo nutti dhiyaate maaltu nurraa eegama warra jedhaniif, hojii dukkanaa ofirraa fageessinee meeshaa gaachanaa fi waraana ifaa akka uuffannu nu goorsa. Akka guyyaatti hojii dhugoominaatiin haa deedeebinu, machiidhaan, sagaagaluummaan hin ta’in, loolaa fi inaaffaadhaanis hin ta’in, garuu Gooftaa Iyyasuus Kiristoos uffachuu fi, hawwii foonii keenyas yaaduu dhiisuun. Room. 13, 12 -14