Monday, July 29, 2013

WN.013 Cidha Qaanaa Isa Galiilaa


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!

(Kitaaba Bu’uurawwan Amantaa Ortodoksii Tawaahido jedhu, Kan Waldaa Nahimiyaa  Afaan Oromootiin qopheesse  irraa kan fudhatame)

Manni kiristaanaa keenya waa’ee haadha keenyaa kan lallabduu fi kan barsiiftu daandii duuka bu’ootni irra adeeman bu’uura godhachuudhaani. Giiftiin keenya, Dubroo  Maariyam sanyii namaa irraa kan argamte waan taatef rakkinni, namaa dafee kan isheedhaf galu, dafee kan isheetti mul’atu, garaa laafettii dha.
Wangeela Yohaannis boqonnaa 2:1 irraa eegalee dubbisni jirus kanuma dhugaa baha. Dookimas cidha qopheessee, affeeramtoonni waamamanii, affeerranis dhihaatee osoo jiruu daadhiin waynii waan dhumeef qopheesitoonni cidhichaa, waan namaaf dhiheessan dhabanii dhiphachaa turan. Dhiphina namaa kan hubattu, gara laafettii waan taateef,haati keenya dubroo Maariyaam rakkina isaanii osoo isaan itti hin himatin barte. Isheenis rakkina isaanii kanaaf furmaata tokko akka kennuuf Ilma isheetiin “Daadhi waynii bar hin qabani’ jechuudhaan kadhatteef. Ilmi ishees Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos wanta isheen kadhattee rawwateefi jira. Gooftaanis  bishaan gara daadhii wayniitti jijiiree ajaa’iba isa jalqabaa kanaan eegaleera.
As irratti jechoota (dubbiiwwan) isaan gidduutti godhame hubachuun barbaachisaa dha.
 
“Dubartii nana sirraa maalan qaba” (Yoha 2:4) 
Giiftiin keenya daadhi waynii hin qaban yemmuu jettee kadhatetti Gooftaan keenya, deebii isheedhaaf deebisee keessaa dubbii “dubartii nana sirraa maalan qaba’ jedhu dha. Hiikni dubbii kanaas isaas ‘Kadhannaa kee kana akkan siif hin raawwanne anaaf si gidduu lola fi falmii maaltu jira ree?’ jechuudha. Fakkeenyaaf akkuma warri keenya yemmuu nu ajajan, wal irraa firooma (aantee) qabaachuu isaanii osuma beekamu, ajajicha isaanis raawachuuf akka hin didne (hin turre) kana yoo hin goone ta’e maal wal irraa qabna ree jedhan, Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoosis haadha isaa Dubroo Maariyaamiitiin akkan kana siif hin raawwanne maaltu na dhowwaree, lola maalan sirraa qabaree jedhee deebiseeraaf.  
Shakkitoonni garuu dubartii nana maalan sirraa qaba kan jedhe kana akka waan Gooftaan haadha iIsaa salphisetti fudhachuudhaan barumsa dogongoraa fi hubanno gadu fagoo osoo hin qabaatin barsiisu, kanaanis araarsummaa ishee ni ganu.Haa ta’u malee Gooftaan Inni abboommii abba fi haadha keessan kabajaa jedhee barsiisu haadha haala isaan hiikan kanaan haadha isaa adabab’aba’ii irratti akka hin salphisne hubachuun barbaachisaa dha. Keessumattu kitaabota gahuumsa malee hubannoo foonii dhiigaatiin yeroo dhihoo keessa hiikkamaa fi barreeffamaa jiran irratti ilaalchi dogongora tahe kuni akka baldhinaan tamsa’ee nama raatessu carraa guddaa uumee jira. 

Akka fakkeenyaatti kitaaba qulqulluu Afaan Oromootiin bara 1997 maxxanfame irratti  “Haadhoo maaliif hojii koo keessa lixxa” jedhamee kan barraa’e gonkuma sirrii kan hin taanee fi kan gareen ortodoksii hin taane olaantumma raabsa kitaaba qulqulluu keessatti qaban fayyadamuudhaan barreessan malee hiikni inni dhugaan kan ibsu garuu, haadha koo kan kana siif hin goone maalan sirraa qabaree hiikkaa jedhu laata. Kanas ammo wanta isheen kadhattee, bishaan gara daadhii wayniitti jijjiiruudhaan agarsiiseera. Haatii fi Ilmi irratti  walii galaniiru, addunyaan garuu hanga ammaatti irratti yoo walmormu agarra.
Dabalataan dubbii kana hubachuuf fakkeenya wal fakkaataa kakuu moofaa keessaa haa ilaallu. Fakkeenyaaf Eliyaasiin tajaajilaa kan turte, dubartiin Saaraptaa ilmi ishee yemmuu jalaa du’etti, ‘Eeliyaas nama Waaqayyoo maal na irraa qabda, jettee gaafatteeti. Dubbiin kuni wal diddaa hin ibsu. Inumaayyuu raajaa Eliyaasis gadda ishee hubatee Waaqayyoon kadhachuun ilma ishee du’aa kaaseefi jira (1Mot 17:18).
“Yeroon koo ammallee hin geenye.”(Yoh.2:4)
“Yeroon koo ammallee hin geenye” jechuun Isaa ammo daadhiin waynii gonkuma waan raawwatee  gaanii keessaa hin dhumneef, hamma duguugamee dhumutti na eegaa jechuu barbaadeti. Kan jiru baay’ise osoo tahee, isuma sana baay’ise jedhama, ajaa’ibsama (dinqii)  jedhamuu hin dandahu ta’a jedhani akka hin sababeeffanneef gochuu waan barbaadef ture.
Hiikkan biraas Yihudaan gadi bahee waan tureef ajaa’iba yoo hojjetu irraa addaan na fo’eef, akka duuka bu’aa isaatti ana hin ilaalle akka hin jenneefi. Kanaafis dabarsee Yihuudootaf qarshii 30 tti gurguruu isaatiif sababa akka hin teessifneefi (Hiikkaa wangeelaa). Garuu iccitiin dubbii kanaa inni guddan yeroon ilma namaaf fannoo irra oolee foon koo kutee, dhiiga koos itti dhangalaasu hin geenye jechuu isaati. Gooftaa Iyyasuus “yeroon koo hin geenye” bakki itti jedhe kan biras jira ture.
Ayihidooni isa qabuuf yemmuu barbaadanitti, yeroon isaa waan hin geenyeef harka isaanii itti buusanii Isa qabu hin dandeenye (Yoh 7:6,8:20). Yeroonsaa yemmuu gahetti garuu Gooftaan keenya, “sa’aatiinsaa gaheera, yeroon koo dhihaate” jedhee dubatteera (Yoh 17:1, Mat 26:18).
Mana cidhaattis giiftiin keenya kan kadhatte isheedhaaf raawwachuuf yeroonsaa yemmuu gahetti hojjettoota ajajee, gaaniwwan bishaanii erga guuchisee booda, bishaanicha gara daadhii wayniitti (bookatti) jijireera.
Shakkitoota dabalatee, namoonni muraasni hubannaa gadi fagoo dhabuu irraa kan ka’e, ilma ishee malee Dubroo Maariyaamiin kitaaba qulqulluu keessatti bakka akka hin qabnetti yaadu. Haata’u malee maaqaan Giiftii keenya Dubroo Maariyaamii erga Gooftaa deessee jalqabee hanga fannoo jalatti haadha hunda keenyaa taatee nuu kennamteetti (Yoh. 19:27) kitaaba qulqulluu keessatti bakka hedduutti barreefamee jira. Akkuma abbootiin yeroo mammaakan “Nama guyyaa rafetti guyyaan dukkana” jedhan ta’eeti malee iddoo guddaa qabaachun ishee waan wal nama mormisiisu miti.
Hubannoo isa sirrii qabaachuuf, kitaaba qulqulluu Qulqulluu laphee dhugaa barbaadun tasgabbiidhaan dubbisuu biratti hiikaa iccitii dhokatee ammoo abboota gaafatanii baruun barbaachisaa dha.Waaqayyo iccitii dhokate akka namaaf ibsu, kadhannaadhaan heeyyama Waaqayyoo gaafachuunis barbaachisaa dha. 
Giiftiin keenya dubroo Maariyaamiin:
·        Haadha Gooftati (Luq. 1:43):  Dubroo Maariyaamiin kan deesse Iyyasuus kiristos Gooftaa tahuu isaa kan fudhatte Eelsaabeex “haadha Gooftaa koo” jettee Afuura Qulqulluudhaan guutamtee galateeffattee jirti.
Haadha Waaqati (Luq. 1:36):  Ergamaan Waaqayyoo “Kan si irraa dhalatu qulqulluu Ilma Waaqayyoo jedhama.” Jechuutiin dubbateera. Kanaaf kan Ergamaan akkas jedhe namni Dubroo Maariyaam haadha Waaqaa jedhee waamu sodaatu, kan ishee irraa dhalate Iyyasuus kiristos uumaa tahuu isaa nama amanuu hin dandeenye qofa dha. Maalif yoo jeenne kan samii fi lafa kana uume ishee irraa argame waan taheef.
Haadha Fayyisaati (Luq 2:11):  Iyyasuus kiristoos gara biyya lafaatti kan dhufe ilma namaa fayyisuufi. Kanaafuu Innis Dubroo Maariyaamii irrraa foon uffatee erga muldhatee booda addunyaa kanaaf cubbuu isaanii haquuf fannifamuun, addunyaa kana bilisa baasee jira. “Hardha magaalaa Daawititti Fayyisaan isiniif dhalatee jira” (Luq. 2:11) akkuma jedhu, kan fayyina argate addunyaan kuni Dubroo Maariyaam irraa kan dhalateeni. Kanaafuu haadha fayyisaa jennee ishee waamna
Haadha Ifaati (Yoha 8:12): Ifti ilmaan nama Waaqa dha. Waaqayyoo ammoo baleessaa Addaami fi Hewaaniin namaan adda bahe. Namni cubbuu raawachuu isaatiin  du’aan moo’amee dukkana keessatti kufee ture (Rome 5:12). Sababa nama tokkootiin duuti gara biyya lafaatti dhufe. Du’a Iyyasuus Kiristoosin addunyaan hundi jireenya argateera. Kanaaf Inni ifa erga erga ta’ee isheen ammo haadha ifaati jechuu dha.
Waaqayyo laphee ittiin iccitii kana hubannu nuuf haa kennu. Araarsummaan haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam nu waliin haa ta’u.