Wednesday, August 21, 2013

Ayyaana Filichataa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon Ameen!


Ayyaanni kuni Giiftiin keenya   qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkuma Ilma ishee du’aa kaatee Iyyaruusaalem ishee haaraa seenuu ishee fi  duuka bu’ootaafis yeroo lammafaaf  yeroo olbaatu mul’achuu ishee itti yaadannu dha. Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin akkuma dhala namaa waggaa 64 itti addunyaa kana irraa Amajjii 21 boqatte. Duuka bu’oonnis gaddanii awwaluuf yemmuu foon ishee gara idoo awwaala Geetesemaanii  geessan Yihudoonni itti hinaafanii addaan isaan bittinsan. Yeroo kana ergamoonni foon Maariyaamii fuudhanii gara balbala Jannataa  jala teessisan. Baatii 8 booda duuka bu’ootni Gooftaa Waaqayyoon kadhatanii “akkamitti osoo foon ishii hin kabajaan awwaaliin hafna?” jedhanii baaayyee xiiqa’anii Waaqayyon kadhachuutti ka’an. Yemmus Gooftaan kadhaa isaanii dhagahee, foon ishee balbaala Jannataa (Genet) jala jiru sana kenneefii gara lafa kanaatti fiduudhaan kabajaanii fi kadhaadhaan awwaalan.

Sirna awwaala sana irratti duuka bu’oota 12 keessaa Toomaas wangeela lallabuu waan deemeef hin turre. Toomaas Wangeela lallabee yommuu deebi’u, isheen immoo akkuma ilma ishii erga awwaalamtee, guyyaa sadi booda du’aa kaatee yoo ol baatu Toomaas immoo wangeela lallabee gara Iyyaruusaalemitti duumessa yaabbatee yoo dhufu karaatti walitti dhufan. Ol ba’uu ishee duuka bu’ootni biroo quba hin qaban ture. Innis yemmuu kana baay’ee gaddee, ni na’es, sababni isaas akkuma Wangeela irratti barreeffame  dura  du’aa ka’uu Gooftaa fi akka duuka bu’ootatti muldhate hin agarre, isaaniis Gooftaa Iyyasuus agarree jedhanii itti himnaan, harka isa sibiilli ure, qaama isaas argu malee mamee isin hin amanu jedheenii ture (Yoh 20:24).I

Innis ammas akkanuma mamiinsa koo sana Waaqayyo natti lakkaa’ee kan du’aa ka’uu  haadha isaas natti agarsiisuu dide jedhee gaddee ture. Yemmus Dubroo Maariyaamiin “Si malee du’aa ka’uu koo kana namni arge hin jiru” jettee tasgabbeessite, inumaayyuu, wabiif akka ta’uuf immoo kafanii ittiin kafanamte(maramte) kenniteef.

Innis yeroo duuka bu’oota bira ga’u qulqulleettii dubroo Maariyaamiin akkam taate jedhee  beekatuma isaan gaafannaan “Bar awwaalle” jedhanii deebisaniif.
Toomasis “lakki anis waanuma keessan dhagahuuf malee du’aa kaatee yeroo ol baatu arge” jedhee itti hime. Kafanichas itti agarsiise. Waggaa isaatti immoo isaanis du’aa ka’uu ishee Toomas argee nu qofa hin argin hafne jechuudhaan soomaa torban lamaa qabatan. Isaanis heeyyama Waaqayyoo ta’ee du’aa ka’uu ishee guyyaa 16ffaa iratti, yeroo lammataaf akka haaraatti ni argan, sanarraa kan ka’e hanga ammaatti manni kiristaanaa keenya hordoftoonni amantaa Ortodoksii soomana filchataa kana ni soomu, guyyaa 16 ffaa kana irrattis ayyaanicha ni kabajji.
Ayyaanni kuni ayyaanota gurguddoo 5’nan Dubaroo Maariyaamii keessaa isa tokko dha. Kadhannaan haadha qulqullettii keenyaa Dubroo Maariyaam, baay’es gara laafettii kan taate, sugni haadha Gooftaa Iyasuus, nu faana haa tahu. Ameen.







Monday, August 19, 2013

Ayyaana Buhee( Tulluu Taabor)


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
"YAA BARSIISAA OSOO AS JIRAANNEE AKKAM GAARII DHA!''(Mat 17:1)

Gaara Tabor yookaan Afaan Gi’iiziin “Debre Taabor” jedhama. Argamni isaa Israa'el, kibba baha Galiilaatti argama. Bakki kun Gooftaan keenya Fayyisaan Addunyaa fooniin lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa fi iddoo raajii baay’ee itti hojjetedha. Jireenya yookaan seena mana kiristaanaa keenyaa keessattis bakka guddaa kan qabu dha.

Yeroo Gooftaan keenya lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa turetti uummata yeroo sana jiraniif beekkamtii tokkoon hin beekamu ture. Eenyummaa isaa irratti shakkii adda adda qabu ture. Kanaaf gooftaan keenya duuka buutota isaan "Namootni eenyu nan jedhu?" (Marq 8:27) jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yohaannis cuuphaa, Eeliyaas, kan hafan immoo raajota keessaa tokko jedhu" (Mat 16:14) jedhanii Gooftaa keenyaaf deebisan. Gooftaan keenyas duuka buutota isaan, "Isin hoo eenyu naan jettuu?" (Mat 16:15) jedhee isaan gaafate. Duuka buutota keessaa Qulqulluu Pheexiroos, " Ati Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bara baraati." (Mat 16:16) jedhee deebiseef.
Achumaanis akka gidirfamu, du'uu fi guyyaa sadii booda akka ka'u isaanitti hime. Pheexiroosiin gorsee hafuura hamaa isa faana tures ari'eefi. Bartoota isaa fi uummataanis "Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannoosaa baate na duuka haa bu'u" (Marq 8:31-34) jedhe.
Egaa asitti wanti hubachuu qabnu ergaa guddaatu nuuf kaa'ame salphaatti kan ilaalamu miti. Yoo jiraachuu feene, yoo mootummaa Waaqayyoo feene, yoo waanjoo seexanaa jalaa bahuu barbaadne , yoo abidda bara baraa jalaa galuu barbaadne ifaaf ifatti gooftaan keenya jireenya keenya biyya lafaa irratti daandii isaarra akka deemnu nuuf dhaamera.
Erga kana barsiisee guyya jahaa booda Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa Pheexroos, Yaa'iqoob fi Yohaannisiin fudhatee gara Gaara Ejersaatti kadhannaaf ol-bahe. Isaaniin dhiisee gara fiixee gaarichaatti bahee osoo kadhachaa jiruu; fuulli isaa geeddarame, uffatni isaa addaatee, akka bakakkaatti calaqqise, asumaan namootni lama dhufanii isa faana (waliin) osoo jiranii argan. Isaanis Musee fi Eeliyaas turani. 
Yeroo kana Pheexiroos "Yaa barsiisaa osoo as jiraannee akkam gaarii dha; daasii (godoo) sadii tokko siif, tokko Eeliyaasiif, tokkommoo Museef haa ijaarru" (Mat 17:1) jedheen. Garuu baay'ee sodaatee waan tureef waan dubbachaa ture hin beeku.
Yeruma sana duumessi Afuura Qulqulluu fakkeeffamuun isaan uffise, sagaleen "Kuni ilma koo isaa jaalatamaadha isa dhagahaa" (Marq 9:7) jedhu dhufe.  Isaa booda Gooftaan qofaa isaa hafe.
Yeroos dadhabinni, shakkiin, xuriin laphee duuka buutota isaa ni qulqullaa'e. Gooftaan Beeteliheemitti moofaatiin marame horii waliin bule, foon namaa isa cubbuun itti raawwatamu uffatee tuffatamaa ture ifa isaan kabaja isaa mul'ise.
Duuka buutotni isa waliin bahan sodaan waan hundaa hordofaa turan. Gooftaan kadhannaa namaa kan hin irraanfanne kadhaa Musee fi Eeliyaas yaadatee isaaniif kabajaan mul'ateef; Museen awwaala keessaa yommuu waamamu Eeliyaas immoo iddoo Sabni Jiraattotaa (Biheere Heyawaan) warri hin duune jiraatanii tii waamame.
Egaa waan Gaara Ejersaa kana irratti raawwatame kun Waaqayyo namoota du'anii fi fooniin jiran kan walitti fide dha. Namootni isaan Musee ykn Eeliyaasi jechaa waan turaniif gooftaa isaanii uumaa isaanii ta'uusaa mul'ise.
Kana sababeeffachuun manni amantaa keenya gaafa Hagayya 13 ayyaanota wagga waggaan ayyaana Gaara Ejersaa jechuun, guca yookaan ibsaa gubuun ni yaadatti.
Yeroo ammaa kanas raajii nama dhibuu fi kiristaanota qormaata keessa galchuuf namootni yaada sobaa fi barsiisa mana amantaa keenyaan ala ta'een, ergamoota Daabiloos ta'uun mana kiristaana keenya qoraa jiraachuun isaanii waan dhokate miti. ‘Ani Dubree Maariyaamii dha ani ergamaa dha’ yeroo jedhanii namaan dogoggorsan argaa jirra.
Qulqulluu Pheexiroosis osoo as taane gaarii dha kan jedhes yommuu hiikamu mana kiristaanaa yookaan mana amantaa keessa jechuusaati. Kanaafi dha yeroo baay'ee manni kiristaanaa keenyaa sababiin gaaran fakkeeffamtuuf.
Eeyyeen mana Waaqayyoo keessa ta'uun gaarii dha. Mana Waaqayyoo deemuun ni barbaachisa. Hojii foon keenyaaf ta'u yeroo kenninee akkuma hojjennu jireenya keenya isa boruuf fayyina lubbuu fi foonii argachuuf galaa kaawwachuun nu barbaachisa.
Gaarri Ejersaa kun akka barsiisa mana amantaa keenyaatti bataskaanan bakka buufamti. Yaa maatiiwwan Waaqayyoo egaa maaltu akka mana Waaqa haa ta'u! Kan akka Waaqayyoon eebbisaa, faarfachaa, kadhachaa, galateeffachaa, jaalalaa fi haguuggii Waaqayyoo jala jiraachuu caalu jiraaree.
Nuyis egaa akkuma jiruu keenyaaf yeroo kenninee, mana amantaa keenyaa deemnee Waaqa jaalalaa keenya eebbisnee, kabajnee, faarfannee, barannee galuun nurra jiraata.
Gooftaan keenya akkuma Gaara Ejersaa irratti Musee fi duuka buutota isaaf Waaqummaa isaa dhugaa baheef nufis iccitii isaa nuuf haa ibsu! Kadhaan haadha keenyaa Dubree Maariyaamii fi Qulqullootaa nu waalin haa haa ta'u! Ameen!!!