Monday, August 19, 2013

Ayyaana Buhee( Tulluu Taabor)


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
"YAA BARSIISAA OSOO AS JIRAANNEE AKKAM GAARII DHA!''(Mat 17:1)

Gaara Tabor yookaan Afaan Gi’iiziin “Debre Taabor” jedhama. Argamni isaa Israa'el, kibba baha Galiilaatti argama. Bakki kun Gooftaan keenya Fayyisaan Addunyaa fooniin lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa fi iddoo raajii baay’ee itti hojjetedha. Jireenya yookaan seena mana kiristaanaa keenyaa keessattis bakka guddaa kan qabu dha.

Yeroo Gooftaan keenya lafa kana irra deddeebi'ee barsiisaa turetti uummata yeroo sana jiraniif beekkamtii tokkoon hin beekamu ture. Eenyummaa isaa irratti shakkii adda adda qabu ture. Kanaaf gooftaan keenya duuka buutota isaan "Namootni eenyu nan jedhu?" (Marq 8:27) jedhee isaan gaafate. Isaanis, "Yohaannis cuuphaa, Eeliyaas, kan hafan immoo raajota keessaa tokko jedhu" (Mat 16:14) jedhanii Gooftaa keenyaaf deebisan. Gooftaan keenyas duuka buutota isaan, "Isin hoo eenyu naan jettuu?" (Mat 16:15) jedhee isaan gaafate. Duuka buutota keessaa Qulqulluu Pheexiroos, " Ati Kiristoos ilma Waaqayyoo isa bara baraati." (Mat 16:16) jedhee deebiseef.
Achumaanis akka gidirfamu, du'uu fi guyyaa sadii booda akka ka'u isaanitti hime. Pheexiroosiin gorsee hafuura hamaa isa faana tures ari'eefi. Bartoota isaa fi uummataanis "Kan lubbuun isaa akka fayyu barbaadu of ganee fannoosaa baate na duuka haa bu'u" (Marq 8:31-34) jedhe.
Egaa asitti wanti hubachuu qabnu ergaa guddaatu nuuf kaa'ame salphaatti kan ilaalamu miti. Yoo jiraachuu feene, yoo mootummaa Waaqayyoo feene, yoo waanjoo seexanaa jalaa bahuu barbaadne , yoo abidda bara baraa jalaa galuu barbaadne ifaaf ifatti gooftaan keenya jireenya keenya biyya lafaa irratti daandii isaarra akka deemnu nuuf dhaamera.
Erga kana barsiisee guyya jahaa booda Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa Pheexroos, Yaa'iqoob fi Yohaannisiin fudhatee gara Gaara Ejersaatti kadhannaaf ol-bahe. Isaaniin dhiisee gara fiixee gaarichaatti bahee osoo kadhachaa jiruu; fuulli isaa geeddarame, uffatni isaa addaatee, akka bakakkaatti calaqqise, asumaan namootni lama dhufanii isa faana (waliin) osoo jiranii argan. Isaanis Musee fi Eeliyaas turani. 
Yeroo kana Pheexiroos "Yaa barsiisaa osoo as jiraannee akkam gaarii dha; daasii (godoo) sadii tokko siif, tokko Eeliyaasiif, tokkommoo Museef haa ijaarru" (Mat 17:1) jedheen. Garuu baay'ee sodaatee waan tureef waan dubbachaa ture hin beeku.
Yeruma sana duumessi Afuura Qulqulluu fakkeeffamuun isaan uffise, sagaleen "Kuni ilma koo isaa jaalatamaadha isa dhagahaa" (Marq 9:7) jedhu dhufe.  Isaa booda Gooftaan qofaa isaa hafe.
Yeroos dadhabinni, shakkiin, xuriin laphee duuka buutota isaa ni qulqullaa'e. Gooftaan Beeteliheemitti moofaatiin marame horii waliin bule, foon namaa isa cubbuun itti raawwatamu uffatee tuffatamaa ture ifa isaan kabaja isaa mul'ise.
Duuka buutotni isa waliin bahan sodaan waan hundaa hordofaa turan. Gooftaan kadhannaa namaa kan hin irraanfanne kadhaa Musee fi Eeliyaas yaadatee isaaniif kabajaan mul'ateef; Museen awwaala keessaa yommuu waamamu Eeliyaas immoo iddoo Sabni Jiraattotaa (Biheere Heyawaan) warri hin duune jiraatanii tii waamame.
Egaa waan Gaara Ejersaa kana irratti raawwatame kun Waaqayyo namoota du'anii fi fooniin jiran kan walitti fide dha. Namootni isaan Musee ykn Eeliyaasi jechaa waan turaniif gooftaa isaanii uumaa isaanii ta'uusaa mul'ise.
Kana sababeeffachuun manni amantaa keenya gaafa Hagayya 13 ayyaanota wagga waggaan ayyaana Gaara Ejersaa jechuun, guca yookaan ibsaa gubuun ni yaadatti.
Yeroo ammaa kanas raajii nama dhibuu fi kiristaanota qormaata keessa galchuuf namootni yaada sobaa fi barsiisa mana amantaa keenyaan ala ta'een, ergamoota Daabiloos ta'uun mana kiristaana keenya qoraa jiraachuun isaanii waan dhokate miti. ‘Ani Dubree Maariyaamii dha ani ergamaa dha’ yeroo jedhanii namaan dogoggorsan argaa jirra.
Qulqulluu Pheexiroosis osoo as taane gaarii dha kan jedhes yommuu hiikamu mana kiristaanaa yookaan mana amantaa keessa jechuusaati. Kanaafi dha yeroo baay'ee manni kiristaanaa keenyaa sababiin gaaran fakkeeffamtuuf.
Eeyyeen mana Waaqayyoo keessa ta'uun gaarii dha. Mana Waaqayyoo deemuun ni barbaachisa. Hojii foon keenyaaf ta'u yeroo kenninee akkuma hojjennu jireenya keenya isa boruuf fayyina lubbuu fi foonii argachuuf galaa kaawwachuun nu barbaachisa.
Gaarri Ejersaa kun akka barsiisa mana amantaa keenyaatti bataskaanan bakka buufamti. Yaa maatiiwwan Waaqayyoo egaa maaltu akka mana Waaqa haa ta'u! Kan akka Waaqayyoon eebbisaa, faarfachaa, kadhachaa, galateeffachaa, jaalalaa fi haguuggii Waaqayyoo jala jiraachuu caalu jiraaree.
Nuyis egaa akkuma jiruu keenyaaf yeroo kenninee, mana amantaa keenyaa deemnee Waaqa jaalalaa keenya eebbisnee, kabajnee, faarfannee, barannee galuun nurra jiraata.
Gooftaan keenya akkuma Gaara Ejersaa irratti Musee fi duuka buutota isaaf Waaqummaa isaa dhugaa baheef nufis iccitii isaa nuuf haa ibsu! Kadhaan haadha keenyaa Dubree Maariyaamii fi Qulqullootaa nu waalin haa haa ta'u! Ameen!!!

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.