Monday, July 2, 2012

WN004 Ilillii Gammoojjii Yoordaanoos!


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen
(Qabsuura Qulqulleettii Maariyaamii biyya Misraa)
Ibsa
Waaqayyo dhalli namaa cubbuu hojjetee deebe’ee yoo gaabbe dhiifama akka godhu harki isaas harka araaraa, kaayyoon isaas kaayoo jaalalaa  akka ta’e guutummaan Kitaaba qulqulluu nuuf ibsa. kakuu haaraa keessatti akka fakkeenyaatti  seenaa Saa’ool kan yeroo booda Phaawuloos jedhame ergaawwan 14 Kitaaba qulqulluu keessaati barreesse, nama kiristaanota ajjeesuuf,godaansuufi gidiraa itti baay’isuuf  heeyyama baafate  baldhinaan socha’aa turee dha(Hojii duuka bu’ootaa boqonnaa 9). Gooftaan garuu seenaa isaa jijjiiree, booda ‘mi’a qulqulluu’ jedheeniira. Kakuu moofaa keessattis nama akka akka laphee koo ta’u Daawiit argadhe, jedhee Waaqayyo gooftaan akkuma dubbate, booda garuu Daawiit hojii cubbuu hojjetee, haadha mana Ooriyoon Bersaabeh jedhamtu akka saame, abbaan warra ishees iddoo lolaatti akka ajjesamu akka godhe barraa’era(2 Samu’eel boqonnaa 11). Haa ta’u malee booda Daawiit booyee hirqee araara Waaqayyo akka argates kakuu moofaa keessatti barraa’eera. Seenaa wal fakkaatu kan biraas baayyee arganna.

kitaabni qulqulluun erga barraa’ee boodaas immoo seenawwan baay’een ta’aniiru.Araarri Waaqayyoo bakka tokkotti eegale kan dhaabbatu waan hin taanef garaa laafummaan isaas dhaloota maraaf  waan ta’eef, seenawwan ammas borus ni hojjetamu.  Isaan keessaa hardha seenaa fi qabsuura  Qulqulleettii tokkoo, kan baayyee nama dinqisiisu, nama mararu nama barsiisu isinitti himna. Waaqayyo nu haa gargaaru!Ameen!.
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin! Ameen!
Namootni waan qaban hunda dhiisanii, addunyaa tuffatanii erga lafa ona(gadaamii) keessa jiraachuu eegalanii tureera. Lafa ona (gadaamii) keessa jiraachuudhaan  bara araaraa keessaati fakkeenya kan ta’e gooftaa Iyyasuus  Kiristoos akka ta’e innis gadaamii Qorontoositti guyyaa 40 akka soomee Wangeela irrati barraa’ee ni argama(Mat 4:1).Sana boodaas isa fakkeenya godhachuudhaan qulqulloonni baay’een lafa ona(gadaamii) keessa kophaa jiraachuun fedhii foonii gatanii Waaqayyo qofa tajaajilaa turaniiru. Qulqulluutni kunniin imoo dhiiraa qofa osoo hin taane dubartootaas ni dabalata. Barreeffama kana keessattis dubartoota keessaa bara araaraa keessaatii dursa jireenya gadamii eenyu akka eegalee fi akkamiin akka jalqabame ni ilaalla.Waaqayyo nu haa gargaaru.Ameen!

Qulqulleettii Maariyaamii jedhamti (Maariyaamii yoo jennu maqaatu wal fakkaate malee dubroo Maariyamii haadha gooftaa Iyyasuus jechuu keenya akka hin taane beekaa). Biyyi dhaloota ishee Misraa dha. Waggaa 12 yemmuu guuttutti, warra irraa addaan baatee magaalaa gudditti biyya Misraa kan turte Aleksaanderiyaatti galte. Alexaandariyaan yeroo sanas ta’e amma magaalaa guddinaan addunyaa irratti beekamtee dha. Maariyaam baayyee bareedduu,’ ijaa qalbii irraa si haa hanbisu’ kan hin jenneen hin jiru ture. Kan dhiira hunda hawwisiistu turte. Erga magaalaa Alexaanderiyaatti galtee booda hojiin ishee dhiira dogongorsuu dha, diina dhala namaa kan ta’e diyaabiloos ishee itti fayyadamuudhaan namoota hedduu qoraa, karaa irraas balleessaa ture. Magaala sana keessa namni ishee hin beekne hin turre. Dargagoonni hedduunis gocha yaraa kanaan ishee beeku ture.
Osoo hojii kanaan akkanatti jiraattu, guyya tokko qarqara galaanaa Meeditiraaniyaanitti yemmuu namootni walitti qabaman argite. Jarri kun eessa deemuu jettees gaafatte. Isaanis warra biyya Liibiyaa fi biyya Misraati gara Yeruusalemitti ayyaana Fannoo gooftaa Iyyasuus  kabajuuf imala hafuuraa godhan ta’uu isaanii nib arte. Isheeniis wajjiin deemuuf of qopheessite.

Haa ta’u malee  qarshii kaffaltu fi galaa ga’aa imalaaf ta’u hin qabdu ture. Isheeniis bareedina isheetti baayyee waan koortuuf, dhiira abbaa fedhee jilbiiffachiisuu nan danda’a jettee waan yaadduuf  qarshii fi galaa harkaa dhabuun ishee hin yaaddessine ture. Bareedina isheetiin akka hin kaffalchiisne, ykn immoo bakka gatii doonii foon ishee kennuudhaan akka dabartuuf abdattee  ture. Doonii kessattis  ta’ee erga doonii irraa  buutee booda hojii cubbuu sana hin dhiisne ture. Yeruusaaleem geesseyis immoo hanga guyyaan kabaja ayyaana ga’utti hojuma yartuu sana hojjechaa turte.

Gaafa guyyaa ayyaanaa sana ganama namoonnii hedduun Mana kiristaanaa awwaalaa gooftaa Iyyasuus Kiristoos irratti ijaarameetti namoonni salaamsachuuf yoo deeman argitee, namootatti makamtee wajjiin dallaa ol seenuuf  yoo barbaaddetti garuu , humni duubatti harkisu tokko itti dhagahame, seenuu ni dadhabde. Ammas irraa deddeebite yemmuu ol seenuuf yaaltu humni tokko duubatti harkisa ture. Dadhabnaan teesse. ‘Dubartii waan ta’eef moo?’ jettee keessa isheetti kofalte,waan dubartii taateef dadhabde itti fakkaate. Xinnoo haara galfattees yemmuu yaaltu gonkuma ol seenuu   ni dadhabde. Yeroo kana  dhiphattee yemmuu jirtutti, kan ishee ol seensisuu dhoowwee hojii isheen hojjetaa turte sana akka ta’e ni hubatte. Yeroo sana boo’uu fi mankaraaruu eegalte,cubbuun isheen hojjetaa turte sunis ifa ta’ee itti muldhate.

Yeroo sanatti fakkii dubroo Maariyaamii karra dallaa bataskaanichaa biratti argite, dhaqxtee jalatti kuftee boossee kadhatte,Waaqayyos akka araara buusuuf, ilma isheen akka araarsituuf giftii Maariyaamii ni kadhatte, gombifamtees boosse. Carraa tokko qofa akka argattuufi lammata akka cubbuu hojjetaa turte sanatti  akka hin deebines waadaa galte.Yemmuu kadhaa ishee fixxu kaatee nagaan olseente. Yeroo sanas olseentee fannoo gooftaa kirkiruudhaniifi soda guddaadhaan dhungatte.Badiinsa ijoollee isaa kan hin barbaanne Waaqayyo gaabbii isheet eega ture.

Erga fannoo gooftaa dhungattee boodaas  gadi baate gara fakkii dubroo Mariyaamii dallaa dura jiruu sanatti deebitee, iddoo waada galte sanatti ‘Ani cubbuu koo irraa kan ka’e waanan dubbadhu hin qabu,giiftii koo harka koo qabi karaan fayyina argadhutti na geessi,biyyan dhufetti deebi’uu hin barbaadu’ jettee kadhatte.Yemmuus sagaleen “Yoo laga Yordaanoos  ceete fayyina guddaa ni argatta” jedhu fakkii sanarraa dhageesse.Yeruma sana baatee laga Yoordaanos ceetee gammoojjii Yoordaanoos kan bishaan hin qabne ,kan qorri halkanii nama cabbeessu, kan ho’i  aduu guyyaa nama waxalu keessa seente. Achi keessaas hanga waggaa 47 jiraatutti nama ijaan hin argine ture.

Gammoojjii Yoordaanoos keessaati beelaa fi dheebuu akkasumas oo’a fi qorra irraa kan ka’e yeroo baay’ee du’aaf geessee fayyiti ture. Jireenya hadhaawaa fi dheebuun beelli, daarri, kophummaa fi qorumsa biros baayyee jaba ta’e ni dandeesse, fedhii foon isheetiifiis deebii osoo hin kenning, gattee jiratte. Namnis gammoojjii sana waan in dhaqneef kophaa jiraatte. Gammachuun yemmuu magaalaa keessa  jirtu dabarsaa turte sunis sammuu isheetti deddeebi’ee jeeqaa ture.Kana hundaa garuu qabsuuraa fi kadhaa wal irraa hin cinneen gargaarsa gooftaatiin dabarte.

Osoo akkanaan lafa gammoojjii kana keessa  kophaa jiraattuu,waggaa 47 booda  seenaan ishee akka irraanfatamee hin hafneef  fi namootaaf baruumsa akka  ta’uuf  Waaqayyo waan barbaaduf taateen tokko uumame. Innis akka itti aanutti gabaabbatee dhihaateera.

Gadaamii biyya Filisxeemii jiru tokkotu ture. Gadaamiin kun hin banamu ture, nama ergamee meeshaa monoksootaaf bituuf gadi ba’u malee monoksoonni achii keessa jiraataan  namaan wal arguun dhoowwadha ture . Akka danbii fi seera gadaamii sanaatti  monoksoonni jiraatan yemmuu soomni goofta Iyyasuus guddichi seenu hundi isaaniituu  gargar ba’anii  kophaa isaanii bakka wal hin agarretti dabarsu ture. Gammoojji keessatti kopha kophaatti dabarsu ture, kan gara gadaamitti deebi’anis  guyyaa ayyaana Hosaa’inaa faaruudhaan ture.

Isaan keessa fedhii Waaqayyootiin lubni Zosimaas jedhamu tokko gara gadaamii isheen jirtu kanatti soomana gooftaa kophaa isaa ta’ee gammoojjii yordaanos keessatti dabarsuuf dhufe(Seenaa Zosimaas yeroo biro dhiheessina, innis nama dachee eebbifamtoota jedhamtu dhaqeetoo argee seenaa isaanii baldhinaan barreesedha). Inniis gammoojjii sana keessa guyyoota digdamaaf(20 ) osoo wal irraa hin kutin lukaan deemee achi ga’e. Garuu fedhiin Waaqayyoo keessa jirti. Innis yeroo kadhaa sa’aatii jahaa dhiheessu turetti, tasa alaalaatti  waan nama arge itti fakkaate. Na’e itti fiige, namni inni arge sunis jalaa kaate, Maqaa Waaqayyootiin akka dhaabbatu deddeebisee gaafate.Kan inni arge sunis dhagaa jala jalaa seenee, “Abbaa koo Zosimaas maaloo ani dubartiidha, uffatas hin qabu akkuma agartu kunoo qullaan jiraa, kanaaf uffata mormatti maratte kana anaaf kenniitii anis isa maradheen dhufee eebba sirraa fudhadhaa”  ittiin jette. Yemmuu kana Zosimas uffata isaa ofirraa fuudhee itti darbee. Uffata Zosimaas itti darbe sana uffatte itti muldhatte, erga waggaa 47 ti uffata hin qabdu ture.Uffanni isheen uffattes kan yeroo Yeruusaaleem dhaqxu uffate sana malee isa booda uffata biroo hin uffanne. Uffaticha Zosimaas Uffatte itti fuuldura isaa dhufte.
Isheeniis qulqulleettii Maariyaamii kan biyya Misraa sana turte. ‘Zosimaas’ jettee maqaadhaan waan waamteef ni na’e. Na eebbisi ati luba waan taateef’  jetten. Luba ta’uu isaas osoo homtu itti hin himin beekte.Yeroo kana Zosimas ni na’e,ni rifates.Akkamittiin beekte jedhees dinqame.Waan Hafuura wayii wajjiin haasa’us itti fakkaate.Yeroo sanatti Maariyaam ‘Zosimaas hin na’in ani dubartii dadhabduu tokko dha’ jetten.

Zosimaas  seenaa kee hunda maaloo tokkollee na hin dhoksin jedhee gaafate. Akka kadhaadhaan isa yaadattus ni kadhate. Akkamitti kophaa ishee gammoojjjii kana keessaatti waggaa hamma kanaa akka dabarsites ni gaafate. Isheeniis,’maaloo qormaatni ani  keessa darbe sun deebi’e waan waan natti dhufee deebi’ee jilbiiffatamuuf nattyi fakkaata  na hin gaafatin, ani dubartii cubbamtuudha jetteen. Innis deddeebi’ee kadhannaan qabsuura keessa dabarsite qormaata hedduu ture itti himte. Isaan keessaas jiruun  yeroo isheen ijoollee turte gammachuun yeroo dargagumma sun akkamitti sammuu isheetti deddeebi’ee ishee jeeqaa akka ture hunda itti himte. Innis baayyee aja’ibsiifate. Ishee arguu isaatiifis ni gammade.Waaqayoonis ni galateeffate. Silaa  kan akkanaatiis ni jiraa jedhe dinqame. Inni duraan namni akka koo qabsuura gaggeesse  hin jiru ani hunduma nan beeka jedhee yaadaa ture. Waaqayyos yaadni isaa kun yaraa akka ta’e itti ibsuufii waan barbaadeefi seenaa Maariyaam itti agarsiise.

Kana booda Zosimaasiin akkas jetten  “Ani kunoo ergaan Yoordaanos cehee qurbaana goofta hin arganne maaloo bara dhufu yoo soomni gooftaa ga’u gadaamii keesssati hafi, guyyaa kamisaas  cinaa Yordaanositti qurbaana anaaf fidi” jetteen.Namni tokko yookaan lama tajaajilli gadaamichaa akka addaan hin cinneef gadaamii keessatti ni hafa ture. kanaan walii galanii hanga soomana gooftaa bara egeree wal arganitti addaan bahan. Isheenis hangan nagaan booqadhutti waan argite hunda nama tokotti akka hin himne jetteenii akeekkachiifte waan turteef Zosimaas yemmuu gara gadaamii isaatti deebi’u waan arge kana namittu hin himne ture.Dhoksee laphee isaa keessa kaa’e. Kana booda Zosimaas hanga soomni waggaa itti aanuu deebi’ee dhufutti baayye muddame, yeroonis itti dheerate. Ishees agruuf baayye hawwe.

Yemmuu waggaan guutuus akkuma waliin jedhan guyyaa kamisaa qiddasee kamisa(Tselote-Hamus) sana inni qurbaana fideefii qarqara Yoordaanoositti dhufe.Isheeniis Harka isheetiin mallattoo fannootiin mallatteessitee bishaan Yoordaanoos irra deeema gara Zoosimaas dhufte.Innis bishaan irra lukaan deemuu ishee yoo argu baayyee dinqisiifate.Qurbaana gooftaas ni kenneefi.Erga qurbaana fudhattes booda ija ishee gara samiitti ol qabdee galateeffatte.Ijji koo fayyisuu kee argeeraa,amma achis na booqachiisi jettee kadhatte. Ergasiis Zosimaas bara itti aanu bakka bara duraa itti arge sanatti akka dhufu gaafattee eebbiftee gara gammoojjiti deebite.

Hanga kanatti garuu maqaan kee eenyu jedhee ishee hin gaafanne ture.Kana gochuu dhabuusaatiinis ofitti aaree baay’ee gadde.Bara dhufun gaafadha jedhe gara gadaamii isaatti deebi’e.
Waggaa itti aanu akkuma barame yemmu baatiin  soomaa dhufu gara gadaamii isheen jirtuu sana ni dhaqe. Isheen garuu booqatte turte. Foon ishees osoo waa tokko hin ta’in arge.Innis baayyee gadde, ni boohe yeroo nahee jirutti,barreeffama tokko reeffa ishee cinaatti ni arge akkas kan jedhu, “Zosimaas ergan guyyaa qurbaana gooftaa fudhadheetii booqadheera,Foon Maariyaam asumatti awwaali” kan jedhu ture.Yemmus maqaan ishee Maariyaam akka jedhamu ni bare. Kan inni deemsaaf guyyaa 20 itti fudhate isheen guyyaa tokkoon ga’uun ishees isa dinqe.Foon ishee waggaa tokkoof osoo waa tokko hin ta’in turuun isaas ni dinqisiifate.Battalumatti  leenci bosinaa ba’ee  boolla  qote. Innis foon Mariyaam ni awwaale.

Erga sanii gara gadaamiitti deebi’ee seenaa ishee hunda  tokkoon tokkoon oboleewwan isaa monokosootatti ni hime isaaniss baayye tokko ni dinqisiifatan.Seenaa isheefii qabsuura ishees kabaja guddaa fi jaalala guddaadhaan eegan.

Maariyaam biyya Misraa  kan booqatte bitootessa 6 bara 522 Dhaloota kiristoos booda ture. Egaa Qabsuurri Maariyaam baayyee gabaabatte kana fakkaata, bareedina suni hundi akka hin fayyadne hubattee, Waaqayyoof jettee irraanfatte, cubbuu isheetiif araara argachuuf gammoojjii Yoordaanoos galte .Waaqayyos immoo kabaja guddaa fi humna guddaa ta’eefi,qormaata hunduma gammoojjii Yordaanositti mo’uudhaan xumurte .Kanaaf ‘Ilillii gammoojjii Yoordaanoos jenne Mata duree irratti. Ilillin gammoojjii baayyee nama hawwata. Jireenyi gadaamii kan Maariyaamiis baayye kan nama ajaa’ibu waan ta’eefi kan nama hawwatu waan ta’eef.

Jireenyi Maariyaam baayyee nu barsiisa, baayyes nu jajjabeessas. Araarri Waaqayyos guddaa akka ta’e nu hubachiisa. Cubbuu hojjennuun abdii kutannee akka gonkuma mana Waqayyootii hin irraanfanne nu gorsa .Kanaaf Waldaan keenya Waldaan Nahimiyaa seenaa kana gabaabsee dhiheesse. Kadhaan Qulqulleettii Maariyaami, kadhaan luba Zosimaas Waldaa keenyaa fi namoota araarsummaa isheetti amanan hunda faanaa haa ta’u,Maatii Waaqayyoo hundaafis jabina haa ta’u. Nuti namootni baayyee cubbama taane kun qabsuura qulqulleettii kanaa akka dubbannuuf akka Afaan Oromootiin barreesinuuf kan nu kakaase, kakkaasees kan nu xumursiise maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu. Bakka hir’ate gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos itti nuuf haa guutu.Bara baraaf Ameen!!

Qabsuura Maariyaamii biyya Misraa kan barreessee Phaaphaasii Yeeruusaaleem kan Safrooniyoos jedhamuudha.

Kitaabota Wabii
1. Kitaaba Qabsuura Aabbaa Zosimaasii fi kan Qulqulleetii Maariyaamii biyya Misraa(1999) kan afaan Gi’izii fi afaan Amaariffaan qophaa’e, Kan maxxansiise Gadaamii tokkummaa  qulqulluu Isxifaanoosii fi Iyyasuus Mo’aa, Mana Maxxansa Biraannaa.
2.  Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
3. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootiin qophaa’e  qubee laatiiniitin barreeffame.
Waldaa Nahimiyaa,
Baatii Waxabajjii,Bara Araaraa 2004 A.L.I
Yaada keessaniif  teessoo armaan gadii keessaa tokko fayyadamuu dandeessu:
Ø Biloogii:Maaddii Jaalalaa kan Ortodoksii Tawaahidoo Maaddiijaalalaa.blogspot.com
Ø Fuula: Orthodox Page in Afan Oromo
Ø Facebook: sagalee dhugaa Ortodoksii



No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.