Wednesday, January 6, 2016

Dhaloota Gooftaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon!Ameen.

"Daa’imni(Mucaan)  nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama” (Isa 9:6)


Gooftaa Iyyasuus Kiristos Dhalota lama qaba. Innis jalqabaa Abbaa irraa haadha malee kan dhaletee fi bara booda ammo Abbaa malee hadha irra kan dhalatedha.
A.      Dhaloota Isa Jalqabaa: Abbaa Irraa Haadha malee
Dhaloonni gooftaa Iyyasuus inni duraa kun uumama dura kan Abbaa isaa irraa os wal hin dursin dhalateedha. Kanaaf  Ilma Waaqaa  jennan. Gocha kana qoratanii bira gahuuf kan baa’yee sammuu ilma namaatii ol ta’edha. Maalif yoo jenne dhaloota isaa duraatin Abbaa irraa dhalachuu isatiif,  Abbaa isaa booda kan argame miti, kuni kan yeroo tokkotti ta’e malee umuriin isaanii wal qixxeedha. Yeroon kun ta’es yeroo dursa ture. Waaqayyo yeroo dursa waan ta’eef. Egaa kun baay’ee waan dinqii ta’ee dha. Namni addunya kanarratti yoo ilma dhalchu waanuma fe’es ta’u abbaan umuriidhaan ilma isaa ni caala. Dhalachuun gooftaa Iyyasuus kan uumama duraa ta’e kun garu akkas miti. Yeroo tokkotti ta’e malee, yeroo dhaloota isaa duras yeroon hin jiru, jalqabas  hin qabu, dhumas hin qabu. Kuni sammu keenyaf ni ulfaata. Ugum yaa gooftaa kan kee!  jenne ajaa’ibsiifannee dabarra malee. Kanaaf uumama dura haadha malee Abbaa irraa dhalate, uumama booda ammo abbaa malee haadha irraa dhalate, Kanaaf dhaloota lama qaba dhaloota lamaan ulfaate, kabajames jenna.
Kanaaf  kitaaba Fakkeenya irratti Solomon ,ilmi Daawit akkas jedhee dubbate:
“Ani jalqaba durii duriitii otoo biyyi lafaa hin uumamin aboo irra kaa’ame, Callabboo duran dhaladhe ,yemmus burqituun bishaan guddaan keessa yaa’u iyyuu hin turre,tulloonni gaaronnis utuu hin uumaminan dhaladhe,”(Fakkeenya 8:23)
Kanaaf  Yihudoonni gooftaa Iyyasuusin “ Ati egaa abbaa keenya Abrahaam isa du’e irra ni caaltaa ree? Raajonnis du’aniiru, ati eenyu of seeta?”  jedhanii yemmuu gaafatanitti gooftaan deebisee akkas jedhe “Dhuguma dhuguman isinitti hima, Abrahaam otoo hin dhalatin dura  iyyuu ani jiran ture” (Yoh 8:53) jedhee deebiseefii jira.
 Dhaloota Boodaa( Isa lammattaa):Fooniin Maariyaamirraa Abbaa malee
Namoonni jalqabaa, abbaa fi haati ilma namaa kan jalqabaa, Addamii fi Hewaan Jeennata(Genet)  keessaa yemmuu jiran abbommii Waaqayyoo cabsuudhaan  ija mukaa hin nyaatina jedhaman sana dhiigsani nyaachuudhan waan balleessaa raawataniif, sababa kanaan Waaqayyo isaan ni adabe. Isaan qofas osoo hin taane sababa Addaamii fi Hewaaninin Ilmaan isaanii hundi ni adabaman. Duuti du’aas irratti murtaa’e. Hanga gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhalatee lubbuu hunda bilisa baasutti, hundi isaanii yoo foonin du’an lubbun isaanii gara mana hidhaa, ibiddatti darbamti ture. 
Addaamii fi Hewan erga balleessaa sana raawatanii booda araara argachuudhaaf halkan guyyaa Waaqayyon ni kadhatu ture, iddoo dura keessaa bahan sanatti akka duraa sanatti akka deebi’aniif, Waaqayyoon immimman harcaasaa ija isaa keessa ilaalu ture. Waaqayyos gaabbii isaanii kana ni arge, ni marafateefis. Isaanifis akkas jedhee dubbii abdii kenneefi, “Fooniin akka durii sana gara jeennata hin seentaanu, lubbuudhaan garuu ni seentu, Ilma llma keetii irraa dhaladhee guyyaa 5 fi walakkaa booda sin fayyisa jedhee waada galeefi. Guyyaa 5 fi walakka kan jedhames akka lakkoofsa Waaqayyotti waggoota 5500 ture.(Aksimaaros)
 Egaa hanga waggaan 5500 xumuramutti namni waan gaaris hojjetu badaas hojjetu jennatni  cufaa waan ta’eef,Surafeelinis waan eegamtuuf, gara abiddaatti darbamu ture. Kanaaf raaja Isaayyas gaarumman keenya hundi akka uffata laguutti lakkaa’ame jedhee kan dubbate. Gooftaan waan dubbate hunda kan hin hambifne waan ta’eef raajotni hedduun dubbii raagaa  dhalachuu gooftaa keenyaa dubbataniiru,  si’aaina guddaadhaanis dhalachuu  isaa halaalatti ni ilaalu ni hawwus ture.  Kana keessaa gooftaa Iyyasus osoo hin dhalatin Isaayyas kana dubbate:
“Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif ni kenna, kunoo durbi ni ulfoofti, ilmas ni deessi, maqaa isaas Amanu’el jettee ni moggaafti, Amanu’el jechuunis Waaqayyo nu waliin jira jechuudha” (Isa 7:14)
Dabalates akkas jedha
“Daa’imni(mucaan) nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra jira, maqaan isaa  “Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa ni jedhama (Isa 9:6)
Akkasuma raaga Mikiyaas keessattis gooftaa Iyyasuus Beteliheem magaala Dawwititti dhalachuu isaa kana akkanatti kaa’ee jira:
“Ati immoo yaa mandara Betelihem Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoo keessaa, ati ishee xinnoo dha, Isra’elin kan moo’u tokko si keessaa anaaf  ni ba’a, hundeen isa si keessaa ba’uuf jirus, kan bara durii durii bara baraati.(Miikiyaas 5:2)
Egaa Dubaroo Maariyaamiin dubrumman Hafuura Qulqullun akka ulfooftu,ulfooftes ilma akka deessu qulqulluu Gabri’eelin akka itti himamae barraa’ee jira (Luq 1:36). Gooftaan waan dubbate hunda kan hambisu waan hin taaneef, akkuma waadaa galeef, akkuma raajota isaa hafuuraan dubbachiise, yeroo barrii 5500 kun raawatamutti, osoo sa’aatii, baraa fi yeroo jedhame hin sheelechin fooniin Qulqulleettii dubaroo Maariyaamirraa dhalate. Yeroo foon uffatus,amala lamarraa amala tokko ta’e malee akka shakkitoonni jedhan hafuuraan foon irra buleetii miti. Gonkuma tokko ta’ee dhalate, nama ta’ee dhalate. Kanaaf Tawaahidoo jennaan. Waaqa foon dubaroo uffatee nama ta’e jechuunis kanuma.
Dhalachuu Gooftaa Iyyasuus
 Bara Maariyaam  ulfooftee da’uumsa jala geessetti galmeen lakkoofsa namootaatu adeemsifama ture.  Kaadhimaan ishee kan ishee tiksu Manguddoo Yoosef ammo Maariyaamiin galmeessisuuf manaa  ba’e, wangeela irrattis akka armaan gadii kanatti barraa’ee jira
  “Yeroo sanatti mootummaa warra Roomaa keessa kan jiraatan hundinuu akka caafamaniif  Awugisxos mooticha biraa abboommin ba’e. Caaffamuun namaa kun isa jalqabaa ture; innis bara Qereniyos Sooriyaatti abbaa biyyaa turetti ta’e. kanaaf namni hundinuu adduma addan of caafsisuudhaaf gara mandara kutaa biyya itti dhalatee dhaqe. Yoseef sanyii mootichaa Daawit keessaa waan tureef Galiiladhaa mandara Naaziret ba’ee Yihudaa keesaa Betelihem mandara Dawit ga’e. Kaadhimaa isaa Maariyaamii wajjiin caaffamuudhaaf  dhaqe;isheen immoo ulfa turte.(Mat 2:1)
Egaa haala kanaan osuma jiranuu Maariyaamii Yeroon itti deessu gahe. Wanti nama ajaa’ibu ammo gooftaa Iyyasuus mooraa loonii keessatti dhalachuu isaati. Mee dubbii wangeelaa kanaa gadii irraa haa ilaallu,
“Betelihem Otuu jiranis yeroon Maariyaamin itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deesse, lafa bultii karaa deemtutti iddoo hin arganne waan turaniif wayyaa itti martee siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luqas 2:7).
Egaa yaa namoota of gadi qabii isaa kana yaa hubannu inni waan hunda danda’aa ta’ee humnaa fi aangoo qabeesas ta’ee akka hiyyeessaa, akka hiyyeessaa gadiittis mooraa loonii keessatti dhalate. Kana qofa osoo hin taane kan nama dinqu ammo dhalachuu isaa kan ibseef dursa Tiksootaafi. Hawaasa Keessatti iddoo gadi aanaa kan qabaniif Waaqayyo tiksootaaf dhalachuu isaa dursa kan ibse. Innis akka armaan gadiitti barreefaameera.
“Tiksoonni tokko tokko ammoo naanna’a sana bakkeetti halkan darabee dammaqanii hoolota isaanii ni eegu turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee ifni surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse; kana irratti isaan na’anii guddaa sodaatan. Ergamichi garuu ‘hin sodaatinaa kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa isinitti hima’oo kunis saba hundumaaf kan ta’uudha. Hardha Mandara Daawititti fayyisaan isiniif dhalareera, inni immoo kiristos goofticha. Milikkinii isaa ammo kana, mucaa wayyaan iti marame siree horiin keessa nyaatu irra ciisu ni argitu” isaanin jedhe.(Luq 2:8)
Yeroo kanatti Tiksoonni koottaa Betliheem dhaqnee dubbii achitti ta’e Waaqayyo nutti beeksise kana ilaalla jedhanii yemmuu dhaqan  Maariyaamii fi Yooseef, mucicha(daa’ima dhalates) siree horiin keessaa nyaatu keesa ciisee ni argan.
Ergamoonis ammo “Galatni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyotti gammadaniif lafa irratti”  jedhanii Waaqayyon ni faarfatu ture. Akkuma ergamaan Waaqayyoo innin osoo hin dhalatin maqaa isaa moggaase, guyyaa sadeettafaatti Iyyasuus jedhamee mogga’e.
Harka fuudha(Kennaa) Warra Ba’a Biiftuu
Yemmuu gooftaa Iyyasuus dhalatus kennaan kennamefi jira. Kunoo akkuma faarsaa Daawit dura Hafuura Qulqulluun faarfate:
“Mootonni Trashish(Tarsees), kan biyya galaana keessas kennaa isaaf haa fidan mootonni sheebaa, kan saabaas isaaf gibira haa dhiheessan, mootonni hundinuu isa duratti haa gombifaman sabni lafa irras isaaf haa hojjetan”  Far 71(72);10 kan jedhame raawwachuuf ta’e
Akkuma dubbiin kun himame, namoonni ogeeyyiin urjii lakka’an tokko ba’a biiftutii ni dhufan. Isaanis inni mootii Yihuudotaa ta’ee kan dhalate eessa jira?  jedhanii iyyaffachaa turan. Dhufuu jara ogeeyyii  kana ammo Heerodisin ni rifachiise, innii mootiin biyya lafaa biraa anarratti ka’uuf ta’a jedhee yaaddoo keessa waan galeef, inaaffaa hamaan laphee isaa keessa ture.       Haa ta’u malee akka irratti hin beekamneef, dhaqaati yemmuu isin sagaddanii fi deebitan anis akkan sagaduuf  karaa kanaan deebi’aa jedheenii ture, nama gabaaba isaan hordofu(basaastuu)  tokkos, hoomaa isaanii kana keessa galchee waliin ergee ture.
Hamma iddoo mucichi dhalate jiruu sana ga’aniti urjiin sun isaan dura deema ture(Mat 2:1 ). Jarri sunis mucicha ni argatan baay’ee ni gammadanis akkuma kanaa gadiiti barra’e kennas ni kennaniif
“Manatti lixanis mucicha haadha isaa Maariyaamii wajjin argatanii lafatti gadi gombifamanii isaaf sagadan, qorxii isaanis bananii warqee ixaabaa fi qumbii harka fuudha kennaniif ,gara Heerodisiti akka hin deebineef abjutti waan ajajamaniif karaa biraatin gara biyya isaanitti deebi’udhaaf sokkan.(Mat 2;11)
Eyye kennan isaanii kuni hiikkaa qabaWarqee kennun isaanii ati mootii bara baraati, amalli kees qulqulludha jechuu isaaniti. Ixaana kennun isaanis ati luba bara baraati jechuu  isaaniti. Lubumman kee akka        Melkesediq  jedhemee barrraa’e, Sadaffaa ‘qumbii’ kennun isaanii ati ilmaan namaaf jettee du’a ni duuta ishenis fakkeenya  hadheenyaati jechuu isaaniti.
Qilleen Ittiin Taphatan kun Eessaa Dhufte?
Akkuma beekamu Waaqti kanatti taphni qillee ni jira. Haa ta’u malee qilleen kun akkamiin dhaloota Gooftaa Iyyasuusin wal qabate gaaffin jedhu ka’uu danda’a. Kanaan wal qabatee qilleen eessaa dhufe kan jedhuuf abbootni akkas jedhanii kaa’aniiru. Akkuma kana olitti ibsine, Heerodisi dhalachuu gooftatti hinaafee ajjeesuu waan barbaaduuf nama isaan keessa seenee basaase nama gabaabaa jara ogeeyyii kana waliin ergee ture.  Haa ta’u malee akkuma xinnoo deemaniin, urjiin isaan dura  deemee masaku sun jalaa bade. Isaanis wanii wallalanii maal ta’ee urjiin kun nu dura bade jedhanii qoruutti yemmuu ka’an, nama gabaabaa Heerodisii basaasu sana of  keessatti argan. Kanaanis itti aaranii morma isaa irraa kutanii akka kubbaa qilleetti dhaniiru, kanaan wal qabata jedhu abbootni.
Manguddoo Simi’oon: Ijji koo fayyisuu kee argiteetti
Seenaawwan waqtii ayyaana Qillee kana himaman keessaa tokko wanti nama ajaa’ibu immoo  ammo waa’ee manguddoo Simi’on. Baxilimos mootiin jedhamu tokkoutu ture, yemmuu kitaaba hiiksisu, kitaabni Isaayyas akka hiikuuf carraan  Simi’onif gahe. Bakka dubri dubrmman ulfooftee ni deessi jedhu kana amanuu waan dideef, Simi’on dubartiin ulfooftee ni deessi jedhee, fedha isaatiin barreesse. Yemmuu hirribaa dammaqu kan inni barreesse sun bade ‘dubri dubrummaan ni deessi’ kan jedhu barraa’ee arge, ammas isa barraa’e sana irraa haqee deebi’ee ‘dubartiin ni deessi’ jedhee barreessee rafe. Yemmuu yeroo lammataa dammaqus  kan inni barreesse bade ‘dubri dubrumman’ ni deessi kan jedhu arge, yeroo sadaffafis, irraa balleesse kan sammuu isaa keessaa jiru yemmuu barreessuu ta’utti “dhiisi, hanga kana ijaan agartutti hin duutu” jedhee ergamaan Waaqayyo isa ni dhoowwe,.
Akkuma jedhame waggoota hedduuf simi’oon hanga gooftaan dubaroo Maariyaamii irraa dhalatutti osoo hin du’in, dulloomee siree irratti maxxanee jiraata ture. Yeroo gooftaan keenya dhalatee gara Iyyaruusaleemitti akka seera Muusetti gara mana qulqullumaatti fudhatamu ammoo, Simi’oon fayyisuu isaa eegachaa ture waan ta’eef  gammadee, Iyyasuus haadha harkaa fuudhee hammate, raajiin jedhames raawwatamuu isaa ni bare. (Luq 2:23). Innis akkas jedhee Waqayyoon galateeffate
“Egaa yaa gooftaa akkuma dubbatee turte garbicha kee nagaadhaan jireenya kanatti hiiki, Fayyisuu kee ija kootiin argeera, sabni hundinu akka arguuf kan qopheessite innis ifa, warra saba Waaqayyoo hin ta’initti akka muldhatuuf, sabakee Isra’elifi ulfina akka ta’uu jedhe’
Egaa abbaa Kiristannaa kan jedhamu mana kiristiyaanaa keenya Keessatti seenaa kanaan wal qabata,malee kan akkanuman ta’es miti.
Guduunfaa
Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu,jaalala ilmaan namaaf qabu kunoo agarreerra, barreerras, nutis wal haa jaalannu, walii haa mararfannu. Ayyaana kana hoo kabajnu, harka qalleeyyii haa yaadannu, waan qopheeffanne irraa qoodne kennuudhaan haa kabajnu. Iyyasuus Kiristoouu, Innii samii fi ardii uume inni Ergamootni isaa lakkaawamee hin dhumne, Dubaroo Qulqulleettii irraa fooniin dhalate, sanuu mooraa loonii Keessatti, kana haa yaadannu.
Akka daa’ima harma ishee hodhee guddate, kunis laphee keenya keessaa hin badin, Simi’on  Maariyaamiidhaan waa’ee mucaa ishee yoo dubbatu “gaddi akka billaa si waraanu sababa mucaa kanaan si argata”  jedhee akka Maariyamitti hime(Luq 2:35), umurii sihee guutuu hanga dirree Qarani’ootti, haati keenya dubaroo Maariyaamiin ilmaa ishee wajjin gaddii namarratti hin taane akka ishee dhaqqabes  haa yaadannu.Waaqayyo imimmaan ishee kana ilaalee nutti haa araaramu, araarsumman ishee nu irraa hin fagaatiin, Ilma ishee harma hoosiftee, dugdatti baattee guddifte irraa araara nuuf haa kennisiiftu. Ergamoonni Waaqayyo kan tiksootatti misraachoo himan nuttis misraachoo naga maatii keenyaaf, biyya keenyaaf, dhala namaa maraaf  haa dhageessisan.
Maqaa Abbaa haa ulfaatu, Maqaan Ilmaa Haa ulfaatu. Maqaan Hafuura Qulqulluu Haa ulfaatu, Maqaan Waaqayyoo haa ulfaatu.Galannis bara baraaf Ameen. Ayyaana Gaarii!!!!
Kitaabota Wabii
1. Beeta Maariyaamii (Aabbaa) fi Mogas Eqube Giyoorgiis( Liqe Mezemiraan)(1999). Hiikaa Icitiiwwan shananii waa’ee uumamaa wajjiin,Afaan Gi’izii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e,Mana maxxansaa Aksum,Maxxansa 3ffaa.Finfinnee.
2. Mana Maxxansa Tinsaa’ee (1999).Kitaabota Kakuu Moofaa, Hiikaa Seera Uumaaa fi Seeara Ba’uu,Afaan Gi’iizii fi Afaan Amaaraatiin kan qophaa’e. Finfinnee
3. Sanaay Misikkir (Aabbaa) (1999) Kitaaba Aksimaaroos.Afaan Gi’izii fi Amaariffaan kan Qophaa’e .Bahirdar.
4. Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (2000) Kitaaba Qulqulluu (81), Afaan Amaaraatiin kan Qophaa’e.
5. Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan Oromootti qophaa’e, qubee laatiiniitin barreeffame

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.