Maqaa
Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon! Ameen!
"Daa’imni(Mucaan) nuuf
dhalateera, ilmis nuuf kennameera, humni mootummaa isaa gateettii isaa irra
jira, maqaan isaa ‘Gorsaa dinqii, Waaqayyo jabaa, abba bara baraa, angafa nagaa
ni jedhama” (Isa 9:6)
D/n Tolaa Asfawuu fi Sisaay Taarikuu
Diina keenya kan ta’e seexanni kan
jireenya keenya hin jaalanne Addaamii fi Hewaaniin daandiirraa kaachisuuf
kutatee ka’e. Kanaaf uumamtoota kanneen jiran keessaa baay’ee abshaala kan
taate bofa keessa bulee Addaamiin doggoggorsuuf yaale. Akkasis jedhe “ati
maaliif gowwaa taata Waaqayyo kan akka ati muka kana hin nyaanne si dhowweef
gaarii fi hamaa beektee akka ati akkasaa hin taaneefi dha” jedhee gowwomsuu
yaale. Addaam yeroo sanatti cimaa waan tureef keessumsiisuu hin dandeenye.
Maqaa Waaqayyootiin ofirraa ari’e. Bofichis isa dhiisee gara Hewaanitti deemee
“Waaqayyo muka Gannata keessa jiru hin nyaatiinaa isiniin jedheera mitii?”
jedheen. Isheenis akkas jette “firii mukeen Gannata keessaa ni nyaanna garuu
kan muka Gannata walakkaa akka hin nyaanne Waaqayyo nu akeekkachiiseera” jetteen.
Yoo nyaattanis ni duutu nuun jedheera jette. Bofnis du’a hin duutan garuu yoo
nyaattan ijji keessan banamee akka Waaqayyoo hamaa fi gaarii arguu keessan waan
beekuuf isin dhowwe malee jedheen.
Hewaan mukicharraa nyaachuun gaarii akka
ta’ee fi ogummaafis gaarii akka ta’e argitee mukicharraa kutattee nyaatte.
Addaamiifis laatte. Innis ishee waliin nyaate. Ijji lamaan isaanii baname.
Qullaa ta’uu isaaniis of argani. Walis baqatani. Baala mukaa walitti hodhanii
uffatani. Isaanis erga dhihee booda sagalee Waaqayyoo yemmuu inni Gannata
keessa deddeebi’u dhagahani. Lamaan isaaniiyyuu mukoota Gannata keessaa jala
dhokatani. Waaqayyos Addaamiin waamee eessa jirtaa? jedheen. Addaamis Gannata
keessatti sagaleekee dhagahee qullaakoo waanan ta’eefan si dhokadhe jedhe.
Waaqayyos qullaakee akka taate eenyutu sitti hime? jedheen. Isan ani irraa hin
nyaatiinaa jedhe irraa nyaattani mitii? jedheen. Addaamis Hewaantu na nyaachise
jedhee sababa dhiheesse.
Waaqayyos lamaan isaanii abaare. Kana booda Addaam Gannata
keessaa ari’ame. Addaamis badiisaa hubatee gaabbiidhaan, qalbii
jijjiirannaadhaan, boo’ichaan Waaqayyoon kadhate. Waaqayyos gaabbiisaa fi
kadhannaasaa dhagahee Addaamiif waadaa gale. Waadichis akkas kan jedhu ture “Guyyaa
shanii fi walakkaa booda dhala dhalakeerraa dhaladheen dhufee si fayyisa” jedheen.
Guyyaa shanii fi walakkaan akka keenyatti waggaa 5500 ta’a. Waggaan 1000 Waaqayyoo
biratti guyyaa tokko waan ta’eef. Guyyaan gahuu hin ooluutii gaafa guyyaansaa
dhihaatu yaadaanis, fooniinis durbummaan kan jabaatte durboo Maariyaamiin haadhashee
Haannaa fi abbaa ishee Iyyaaqeem irraa dhalatte. Isa booda waggaa sadiitti mana
qulqullummaa galtee achumatti guddatte. Akkuma Isaayyaas 7:14 irratti “kunoo durbi ni
ulfoofti, ilmas ni deessi maqaasaas Amaanu’eel jettee ni moggaafti. Hiikaan isaas
“Waaqayyo nu wajjin jira jechuudha” jedhee akkuma barreeffame yeroonsaa gaafa
gahu Waaqayyo ergamaa isaa gara isheetti erge.
Ergamichis akkas jedheen
“Gammachuun siif ta’a, Waaqayyo foon keerraa foon , lubbuu keerraa lubbuu,
fudhatee sirraa nama ta’eera” jedheen. Maariyaamis “ani dhiira waan hin
beekneef akkamitti naaf ta’a” jetteen. Ergamichis jedheen “Afuurri qulqulluun
si eega, humni jabaanis sirra bula, kan sirraa dhalatus qulqulluu sadan keessaa
qulqulluu isa tokkodha” jedheen. (Wangeela Luqaas 1:36)Maariyaamis akkuma
ergamichi jedhe afuura qulqulluudhaan ulfoofte. Guyyaan fayyina Addaam gaafa
gahu, osoo sekeendiin irra hin darbiin kutaa magaala Daawwit kan ta’e
Beeteliheem dallaa horii keessatti qoricha addunyaa kan ta'e GOOFTAA KEENYA IYYASUUS KIRISTOOS deesse.
“Betelihem
Otuu jiranis yeroon Maariyaamin itti deessu ga’e; angafa ilma ishee deesse,
lafa bultii karaa deemtutti iddoo hin arganne waan turaniif wayyaa itti martee
siree horiin keessaa nyaatu irra ciibsite” (Luqas 2:7).
“Tiksoonni
tokko tokko ammoo naanna’a sana bakkeetti halkan darabee dammaqanii hoolota
isaanii ni eegu turan. Ergamaan Waaqayyoo dingata isaan dura dhaabatee ifni
surraa gooftichaas naannoo isaanitti ibse; kana irratti isaan na’anii guddaa
sodaatan. Ergamichi garuu ‘hin sodaatinaa kunoo ani misraachoo gammachuu guddaa
isinitti hima’oo kunis saba hundumaaf kan ta’uudha. Hardha Mandara Daawititti
fayyisaan isiniif dhalareera, inni immoo kiristos goofticha. Milikkinii isaa
ammo kana, mucaa wayyaan iti marame siree horiin keessa nyaatu irra ciisu ni
argitu” isaanin jedhe.(Luq 2:8)
Ergamoonis
ammoo “Galatni Waaqayyoof samii gubbaatti, nagaanis namoota Waaqayyotti
gammadaniif lafa irratti” jedhanii Waaqayyon ni faarfatu ture.
Akkuma ergamaan Waaqayyoo innin osoo hin dhalatin maqaa isaa moggaase, guyyaa
sadeettafaatti Iyyasuus jedhamee mogga’e.
Yohaannisis
waa’ee dhaloota gooftaa akkas jedhee “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura
ture, sagalichis Waaqayyo bira ture, sagalichis Waaqayyo ture………………sagalichis
foon ta’e” (Yohaannis 1:1-14). Kanaaf manni A/O/T/ Itoophiyaa waggaa waggaan
mudde 29 haala ho’aa ta’een dhaloota gooftaa yaadachuun kabajji.
Maqaan Waaqayyoo
haa ulfaatu,jaalala ilmaan namaaf qabu kunoo agarreerra, barreerras, nutis wal
haa jaalannu, walii haa mararfannu. Ayyaana kana hoo kabajnu, harka qalleeyyii
haa yaadannu, waan qopheeffanne irraa qoodne kennuudhaan haa kabajnu. Iyyasuus
Kiristoouu, Innii samii fi ardii uume inni Ergamootni isaa lakkaawamee hin
dhumne, Dubaroo Qulqulleettii irraa fooniin dhalate, sanuu mooraa loonii
Keessatti, kana haa yaadannu.
Galanni
Waaqayyoof, kan isa deesse Haadhasaaf, ulfaataa Fannoosaaf haa ta’u. Bara
baraan ameen.
Madda:-
Kitaaba Qulqulluu 1997
-Galmee Seenaa (Mezgebe Tarik, 2002)
-Bu’uura Amantaa (Waldaa Duuka Bu’ootaa
)
Bara Araaraa 2007
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.