Monday, February 16, 2015

Torbee Jalqabaa Sooma Guddichaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
                                                             Dn.Dr Tolawaaqiin
Soomni kun sooma guddicha jedhamuun isaa fayyisaan keenya Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan soomeefi. kana jechuun Gooftaan gooftotaa kan ta’e Uumaan keenya Iyyasuus Kiristoos waan bu’uureef akkasumas inni waan hundaa ol waan ta’eef Sooma Guddicha jedhame. Maat.4:1-16 → Iyyasuusis Jinniidhaan qoramuuf Hafuuraan gara lafa onaatti/gammoojjii/kaawulaatti fudhatame. Guyyoota 40f halkanii guyyaa ni soome akkuma jedhu. Haaluma kanaan sooma Hudaadees jedhamee ni waamama. Kun immoo ooyruun/lafti qonnaa bal’aan bara durii keessatti fayyadaman bal’ina isaa ibsuuf maqaa kana fayyadamu ture. Sababa kanaaf sooma Hudaadees jedhame. Tibbi soomaa kuni yoo gadi hiiqe Gurraandhala 2, yoo ol hiiqe immo Eebla 6 irraa eegalee hanga Ayyaana Faasikaatti/Irra darbuutti/ guyyootni 55n  jiran Sooma Guddicha jedhamanii waamamu.
Zewerede /Bara Addaam/Gadi-b’iinsa.
Torbeen jalqabaa sooma Guddichaa zewerede/Gadi-bu’iinsa jedhamti. Guyyattii kana waa’ee Gadi-bu’iinsa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos (Samiirraa/Waaqarraa) taasisee, waa’ee dhalli namaa kasoominaanii fi sodaa Waaqayyootiin jiraachuu akka qabutu faarfatama. Moggaasni guyyaa kanaas kan fudhatame faarfannaa Q/Yaareed guyyaa kana farfaatamurraayi. Innis wangeela gooftaa irraa fudhachuun faarfate ture.  Zewerede yemmuu jennu olii kan dhufe, kan bu’e jechuudha. Kun immoo Waaqni keenya nama ta’uu/foon uffachuu isaa mul’isa. Samiirraa kan bu’e malee gara samiitti kan ol bahe hin jiru jecha/sagalee Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos wangeela Yoh.3:12-13 irratti dubbate “samiirraa kan gadi bu’e malee eenyullee gara samiitti kan bahe hin jiru; innis samiirra kan jiraatu Ilma namaati (Iyyasuusi)” jedha Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos. Isa Iyyasuus dubbaterraa ka’uun abbaan keenya Q/Yaareed misbaakii (lallaba Yeedaloodhaanii) guyyaa kana dhihaatu irratti “Addaamiin fayyisuuf isa samiirra bu’e Ayhuudotni ni fannisan, aangoo samii/hundaa olii/ akka qabuu fi gooftaa gooftotaa akka ta’es homaa hin beekan ture” jechuudhaan dubbateera. 

Barreeffamni kun mana amantaa keenya keessatti jala-bultii Dilbata torbee jalqabaa Sooma Guddichaa irratti yeroo hundumaa waggaa waggaan faarfannaan kun ni dhihaata. Isa kanas kitaaba isaa Tsome Diguwaa irratti ibseera. Guyyaan Dilbataa guyyoota sooma guddichaa keessa jiran keessa Dilbatni jalqabarratti argamu guyyoota torbee jalqabaa jiran sana cuunfee qabachuudhaan Zewerede (Gadi-bu’iinsa) jedhamtee waamamti jechuudha. Barnootni torbee kana keessa kennamus waa’ee namni soomaaf laphee isaa qopheessuu akka qabu, jireenya soomana keessatti nurraa eegamu jechuun jireenya hafuurawaa haala akkamiitiin jiraachuu akka qabnu torbee itti barsiifamuudha.
Kanaaf moggaasni torbee jalqabaa kun isa kanarraa kan fudhatameedha. Akkasumas fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos hojii fayyisuu isaa kan jalqabe: samii samiirraa bu’ee nama ta’uun/foon uffachuun/, laga Yoordaanoositti cuuphamee barsiisuun akkuma ture hunda,  torbeen jalqabaa Sooma Guddichaa kunis Gadi-bu’iinsa jedhamti. Torbee jalqabaa kana keessatti, keessattuu guyyaa Dilbataa fi Wiixataa kadhannaa fi galatni dubbataman baay’een isaanii kitaabota Seeraa/ Ooritii irraa waan maddaniif moggaasa Muusummaa(ሙሴኒ) jedhus ni kennuuf. Kuni immoo kan ta’eef kakuu moofaa keessatti Muuseen bofa fannoorratti fannisuun ajJeesee ture. Inni kun akka fakkeenyatti fi raagatti,  dhufaatii fi fannifamuu Iyyasuusiif ni tajaajila waan ta’eefi.
Dabalataanis soomni torbee jalqabaa kun Sooma Hirqaal jedhamees ni waamama. Kun immoo bara 714 ALI mootiin Beezantaaniyaa Hirqaal (Eraqiliyoos) jedhamutu ture. Torbeen jalqabaa kunis sababni maqaa mootii kanaatiin waamameef bara mootummaa isaa kana Faarisootni Iyyerusaaleemiin weeraranii booji’uun fannoo Gooftaa keenyaa uummata Iyyerusaaleemirraa fudhatanii turan. Yemmuu kana mootiin kun raayyaa loltuu isaa qabatee gara Faariisootaatti duuluun isaan waraanee Fannoo Gooftaan keenya irratti fannifame sana deebisee irraa fudhatee gara Iyyerusaaleemitti deebisee ture. Osoo mootiin kun uummata Faariisootaa wajiin wal-hin waraanin dura Duuka Bu’ootni Gooftaa namni lubbuu balleesse/ajjeese/ umrii isaa guutuu haa soomu jedhanii yaa’ii hafuuraa/sinoodoosii/ irratti murteessanii turan. Mootiin kunis sooma kana sodaatee ture. Haa ta’u malee uummanni Iyyerusaaleem mootii kanaan atumti diinota keenyarraa Fannoo gooftaa nuuf deebisi malee isa soomaa kana hin sodaatiin jedhaniin. Umriin namaa yoo baay’ate torbaatama saddeettama jechuudhaan soomicha nuti guyyaa shan shan hirannee siif soomna jechuun soomaniifiru.

Isa kana bu’uura godhachuun warreen hin beekne al tokko qofa soomanii dhiisaniira. Warri sirritti galeef immoo Duuka Bu’ootnuu soomaniira jechuun waggaa waggaan sooma guddaarratti torbee jalqabaa kana dabaluun soomaniira, soomaa jirras. Kana waan ta’eef Manni Amantaa keenya sooma kana fudhachuun sooma guddicha irratti torbee jalqabaa gootee ida’uun Sooma Hirqaal jettee waamuun akka soomamu taasifteetti. K/Sinkisaarii Bitootessa 10 ilaalaa.
Q/Yaareedillee kitaaba isaa Tsome Diguwaa irratti waa’ee torbee kanaaa ilaalchisee guyyattiin kun ilma namaaf qofa osoo hin taane lubbu qabeeyyii hundaaf guyyaa tasgabbii fi nageenyi itti bu’e, guyyaa boqonnaa ta’uu ishee yemmmuu ibsu “Waaqayyo Muuseedhaan guyyaan sanbataa uummannii fi horiin kee hundi guyyaa itti dadhabbii isaanii irraa boqotaniidha” jedhee ajajeeniira. Sababa kanaafis torbee kana yeroo tokko tokko Sooma Muusee jedhamees ni waamama.

Kitaaba Sooma diguwaa Gadi-bu’iinsaa jedhamee kutaan waamamu kun yeroo hundumaa torbee jalqabaa kana keessatti guyyaaa sanbataa ganama, sa’aatii saditti, sa’aatii jahatti, gara galgalaa fi halkan dilbataa waa’een Gadi-bu’iinsa gooftaa waan faarfatamuufi. Qabiyyeen faarfannaa kanaas faayidaa sooma, kadhannaa, arjoomina, jaalala, fi kasoominaa bal’inaan kan barsiisuudha.
Tibba Sooma Guddichaa kana kutaa faarfannaa Yaareed keessaa baaay’inaan kan faarfatamu kutaa Mi’iraaf (Boqonnaa) jedhamuudha. Inni kun immo Mi’iraaf (Boqonnaa) kan jedhameef gidduu gidduutti ceesisa waan qabuufi. Kutumti kun immoo bakka lamatti hirama.  Boqonnaa yeroo hunda faarfatamuu fi Boqonnaa yeroo Sooma guddaa qofa faarfatamu jedhamuun.
Soomana soomuun fedha ofiitiin qofa osoo hin taane ajaja Waaqayyootisi. Kakuu moofaa keessatti raagaan Iyyu’eel “Soomana qulqulleessaa, kadhannaas labsaa, jaarsota mana Waaqayyootti walitti qabuun tokkummaan gara Waaqayyootti iyyaa kadhadhaa.” Iyyu.1:11,2, 12,:15-16. Q/Phaawuloosis “soomaan of qulqulleessuun Waaqayyoo laphee qulqulluudhaan tajaajilaa”jedha. 2Qor.6:4-6.

Soomni osoo hin barabaachisu ta’ee Gooftan keenya maaaliif yemmuu soomtan akka warraa of mul’isaniitti hin soominaa; tolummaaf warren beela’anii dheebotan ulfaatoo fi kabajamoodha maaliif jedheree? Mat.5,6,16. Raajichi Daawitis qaamni koo koo soomaan dadhabde maaf jedhe? Faar.34:68, Daan.9:34, 14:5. Raajichi Mikiyaas akkuma dubbate, Duuka Bu’ootni azuuraan/misirroon/ yeroon isaan biraa fudhatamu ni dhufa yemmuu sana ni soomu akkuma jedhe Iyyasuus Kiristoos; duuka bu’ootni akkuma Gooftaan isaan biraa du’ee ka’ee gara samiitti deemeen soomaniiru. Akka soomnuufis heera nuuf tumaniira. Duuk.13:3. Hayyootni dhibba sadan illee sooma kana ittiin bulmaata mana amantaa keenyaa keessatti sooma isa ajajaa keessaa isa tokko godhanii qannoonaa nuuf barreesaniira. Sababni isaas akka duuka-buutotni sooman kan dubbate/ajaje Gooftaa waan ta’eef kan ajajaa taasisan. Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos kan seera tumuu fi abboommii kennu,  guyyaa 40f soomee soomaa nuun jedhe malee osoo hin soomin miti. Maat.4:2. Walumaa galatti gooftaan abbaan jaalalaa aangoo isaatiin abboommi isaa akka eegnuu fi sooma akka kabjnu nu haa taasisu.

Mata dureen faarfannaa Q/Yaareed guyyaa kana faarfatamuus, “Waaqayyoodhaaf Sodaadhaan Bitamaa” kan jedhuudha. Faarfannaa Daawiit wangeela wajjiin wal simsiisee haala nuuf galuuni fi ifa ta’uun abbaan keenya Yaareed faarfateera.
Kitaaba Qulqulluu keessaa kutaawwan Sirna Galataa/Qulqulleessaa irratti dubbifaman
Lakk.
Kutaa kitaaba Dubbifamuu
Kan Dubbisu
1
Ibroot.13:6 – 17 
Diyaaqonii 1ffaa
2
Yaa’i. 4:6 – hanga dhumaa
Diyaaqonii 2ffaa  (gargaaraa)
3
Duuk. 25:13 – hanga dhumaa
Luba 2ffaa (gargaaraa)
4
Yoh. 3:10 – 25
Luba 1ffaa
5
Sirna Galataa/Qulqulleessaa
Kan gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos
6
Misbaakii/Lallaba yeedaloodhaanii
Waaqayyoodhaaf sodaadhaan, hollannaan bitamaafi, isaaf bitamuu keessaniif gammadaa, gorsa isaas simadhaa dheekkamsi isaa akka hin dhufneef.  Far. 2:11.

Hiikkaa Lallaba Yeedaloodhaan guyyaa dilbata jalqaa dhihaatuu
Far 2 11
Waaqayyoof sodaadhaan, hollannaan bitamaafi; isaaf bitamuu keessaniifis gammadaa; gatii guddaa qabaatii. Sodaa jaalalarraa maddeen gammadaa. Waaqayyoof bitamaa, oogummaa Ilma Waaqayyoottis amanaa, wangeela isiniif lallabee isin hin simanne jedhee akka isitti hin murteesineef Ilma Waaqayyootti amanaa. Waaqayyo Ilma kan qabu Waaqayyoo Abbaa ni qaba, jireenyas ni qaba, Waaqayyo Ilma kan hin qabne jireenya hin qabu jedhamee akkuma barraa’e. (1ffaa Yoh.2:23)
Lallaba/Barnootni guyyaa kana kennamu:
Sodaa Waaqayyoo Qabaachuuu
Dhalli naamaa  jalqabumaa yemmuu uumamu Uumaa isaa galateeffachuufi. Inni kun immo ta’uu kan danda’u sodaa Waaqayyoo yoo qabaate qofaadha. Sodaan nu keessa jiru haala garagaraatiin ibsama. Isaanis sababa inni ittiin uumamerratti hundaa’uun:-
A)     Sodaan foonii erga cubbuun jalqabameen booda dhufe. Jibbiinsaa fi hurgufamuun sodaan uumamu sababa dhalli namaa heera Waaqayyoo cabseefi. Sodaan fi hurgufamuun/hoollannaan cimaan kun cubbuudhaan(kufaatii Addaamiin) booda gara adunyaa kanaatti akka dhufe kitaaba Qulqulluu irratti barraa’ee ni arganna. (Uum.3:10, Fak. 28:1). Kiristiyaanni garuu jaalala Waaqayyoo waan beekuuf sodaa akkanaa kanarraa Iyyasuus kiristoosiin bilisa baheera. ( Room.8:15, Yoh.4:18)

B)      Sodaa kabaja Waaqayyoo fi jaalala irratti hundoofte immoo sodaa Waaqayyoo jedhmti. Isheen kun ishee cubbuudhaan uumamte sana irraa konkumaa addaa dha. Sodaan kun jaalalarraa, kabajarraa, kan maddite waan taateef; waaqeffachuuf, galateeffachuuf, hooqubaa galchuuf kan nama geessistu/cimsitu ta’uu isheetiin jalqabumaa nama Gannata keessa jiraachaa keessa ture (Addaamii fi Hewaan) wajjiin ni jirti ture. Namni kennaa guddaa kana sababa gorsa diinaatiin (Jinniitiin) yemmuu gatetti gara jabeenyaan cubbuu raawwate. Ni kufe, du’a lubbuus ni du’e. Bakka kabajaatiis ni ari’ame, ni gidirfames. Dhalli namaa bara jiruu isaa sodaa fi dhiphuudhan jiraachuu eegale. Sodaan Waaqayoo garuu jalqaba Oogummaa hundaati. Fak. 1:7, 9:10. Kana waan t’eef Q/Daawit yemmuu nu barsiisu, “Koottaa sodaa Waaqayyoon isin barsiisaa” jedha Far.33:1 irratti.

Sababni jalqaba oogummaa hundaati jedhamteef namni sodaa Waaqayyoo yoo qabaate akka abbaa keenya Q/Abrahaam wanta ajajame hundaa sodaa fi mamii tokko malee ni raawwata. Uum.22:12-23. Waaqayyoon sodaatanii hojiin raawwatan hunduu siimboo namaaf ta’u. Uum.31:42. Abbaan keenya Q/Daawit ijoollee isaa sodaa Waaqayyoo yemmuu barsiisu, “Naannawa namoota Waaqayyoon sodaatanii ergamoonni Waaqayyoo ni buufatu/ni qubatu/, ni fayyisuunis” jechuudhaan sodaa Waaqayyoo namoonni qaban Ergamoota isaatiin akka eegaman tahu. Far.33:7.

Sodaan Waaqayyoo nama jiraachuu barbaaduu fi bara jireenyaa gaarii arguu barbaaduuf  akka fayyaddu yemmuu barsiisu: Waaqayyoon ni sodaatta yoo ta’e,bara gariis arguu ni feeta yoo ta’e arraba kee waan gadheerraa dhoorki, hidhiin kee dubbii gadheef akka hin ariifanne waan gadhee irraa baqadhu. Waan gaarii hojjedhu. Nageenyas hawwi, ishee faanas bu’i, hordofiin ni eebbifamtaati. Jedha Far.33:14. Sodaan Waaqayyoon kan guuttame Daawit, “Waaqayyoon kan sodaata waan tokkollee hin dhaban, qulqullootni hundi keessanuu Waaqayyoon sodaadhaa.” jedha lakkoofsa 9 irratti. Faarfannaa isaa 11ffaa irrattis, “Waaqayyoon kan sodaatu abboommii isaa baay’isee kan jaalatu, inni eebbifamaadha; sanyiin isaa addunyaa kanarratti olaanaa fi goota taati” jedha lakkoofsa tokkorratti. Sodaa Waaqayyoo warri qaban kanneen gara jabeessoo caalaa kan kabajaman tahuu isaanii fi isaanis kan kabajan kabajamoo akka ta’an yemmuu ibsu, “Waaqayyoon kan sodaatan namni kabaju ni kabajama.”  Dukkaan/gaaddisa Waaqayyoo keessas ni bula jedhe. Faar.14:4
Ilma isaa Solomooniinis Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi jedheen. Fak.8:7. Waaqayyoon kan sodaatu ajajaan abbaa dhibbaa sun kadhannaan isaa ni dhagahameef, Kiristoositis ni amane. Duuk.10:2
Egaa yaa uummata Waaqayyoo nuti sodaa akka warra wangeellatti hin amannee fi Iyyasuus Kiristoos hin fudhaneetti sababa cubbuutiin, dhiphachuu fi rifachuun uumamu ofirraa fageessinee ; Gooftaan keenya sodaa akkanaa kanarraa bilisa akka nu baase hubachuun sodaa Waaqayyoo jaalala, qulqullummaa fi ol-aantummaa isaa ibsuun akka dhaabbachuu akka qabnu maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin gorsina.(Duuk.6:29, Ibroo.10:26 – 27, Mul:21:8)

Qulqulluu Phaawuloosis, “Sodaa fi hoollannan fayyina keessan raawwadhaa.” jedha. Fil. 2:12. Qulqulluun Pheexroosis, “Bara jireenyaa keessan keessatti sodaa Waaqayyoo fi jaalalaan jiraadhaa.”jedha. 1Pheex .1:17. Ibroo.13:7-17 irratti ammoo, “Mootummaa hin warraaqnee fi hin raafamne arganna waan ta’eef bara jireenyaa keenya hunda kennaa Waaqayyoo keenya ittiin kabajnee waaqessuun gammachiisnu sodaa fi jaalala isaa qalbii qulqulluun haa qabaannu. Inni dhugumatti ibidda nama barbadeessuudhaatii.”jedha.

Waaqummaa isaatiin cubbuu hojechuurraa akka nu oolchuuf jabaannee haa kadhannu,itti haa boonyu inni dhugumatti nudhagahaatii. Faar.18:13. “… Anarraayis akka hin fagaanne,  sodaatamuu/ulfina koo laphee isaanii keessa nan olkaa’a; isaanifis gaarii raawwachuudhaan nan gammada.”jedhee abdii itti hime akka dhaaluuf (Erm.32:40), jaalala irraa kan madde isa haa sodaannu, haa kabajnu, haa galateeffannu,haa waaqessinu. Sodaa akka jinni osoo hin taane kabaja, mootii, jireenya, lubbuu, jaalala, abbaa dhugaa keenya waan ta’eef laphee qulqulluun Waaqa keenya sodaachaa haa bitamnuuf.
“Ilmi abbaa isaa ni kabaja, garbichi gooftaa isaa ni sodaata; ani hoo abbaa ergan ta’ee kabjni koo meerre ree? Gooftaas ergan tahee sodaatamuun koo eessa ree?”akkuma jedhu. Milk.187
                          
Galanni Guddaan Waaqayyoof Haa Tahu!!! Ameen.
Maddi:  -  kitaaba baafataa(gitsaawee),
               - Kitaaba hiikkaa wangeelaa/ Andimtaa/, K/Sinkisaarii
  - Kitaa B/Saa Li’uul Qaal Akaaluu sirna waaqeffannaa fi ittiin bulmaata mana amantaa Ortodoksii Waloomaa maxxansa 1ffaa





.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.