Saturday, February 21, 2015

Torban Lammaffaa Sooma Guddichaa – Qulqulleettii

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!
                                   Tajaajilaa Iyyasuusiin
Sanbatootni sooma guddicha keessatti deddeebi’anii dhufan hundi isaanii akka barsiisa mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti moggaasa mataa isaanii qabu. Moggaasa kanas kan kenneef hayyicha yeedaloo qulqulluu Yaared dha. Akka moggaasa kanaatti Qulqulleettiin (“Qiddist”) moggaasa Sanbata lammaffaa sooma guddichaati. Jala bultii Sanbata kanaatii qabee waa’een qulqullummaa Sanbataa ni faarfatama. Qulqulleettii kan taate bataskaannis amantoota ijoolleeshee waa’ee qulqullummaa gadi fageenyaan yeroo kaan caalaa guyyaa kana ni barsiifti. Yeroo galateeffannaa (“qiddaasee”) lallabni lallabamu, ergaawwan dubbifaman, hojiin ergamootaa fi wangeelli dubbifamanis waa’ee qulqullummaa kan barsiisani dha.

Qulqulluu jechuun kabajamaa, filatamaa, ulfaataa, kan galateeffatame ykn kan adda ta’e jechuu yommuu tahu; qulqulluu jedhamee kan galateeffatamu, burqaan qulqullummaa, uumama hundaaf qulqullummaa kan kennu malee qulqullummaan kan isaaf hin kennamne, qulqullummaadhaan bara baraan kan jiraatu, qulqullummaan amala isaa kan tahe, qulqulloota kan qulqulleessu garuu qulqullummaan isaa kan irraa hin hir’anne ykn hin dabalamne, qulqulluun qulqullootaa Waaqayyoo dha. Macaafni qulqulluunis waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo bal’inaan barreesseera. Raajichi Isaayyaas Waaqayyoon qulqulluu qulqulluu qulqulluu jedhamee boqonnaa malee guyyaa fi halkan akka galateeffatamu fi kan isaan dirgomu akka hin jirre dubbateera (Isaa 6:3, 40:25). Akkasumas waa’een qulqullummaa Waaqayyoo kutaawwan macaafa qulqulluu kaan keessattis sirriitti ibsameera (Leew 19:2, 1Saam 2:2, 1Pheex 1:16, Mul 15:4).

Kutaa kadhannaa hunda caalu isa Gooftaan fi Fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos barsiise keessatti “Yaa abbaa keenyaa hoo samiirra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u...” (Maat 6:9) kan jedhu maqaan isaas qulqulluu akka ta’e nutti hima. Raajichi Isaayyaas dabalee maqaan isaa qulqulluu kan ta’e mootii moototaa jechuun dubbateera (Isaa 57:15). Maqaan isaa qulqulluu akka ta’e kutaaleen macaafa qulqulluu kan biroonis dabalataan ni ibsu (Hiis 36:20-21, Luq 1:50, Isaa 6:3, Mul 4:8). Egaa maqaan isaa qulqulluu inni ta’e uumaan uumamtoota hundaa inni qulqulluummaa isaatiin warra kan isaa ta’an warra isatti amananii isaaf abboomamanii jiraatanis akka qulqulleessu barreeffameera, fakkeenyaaf, foon isaa fi dhiiga isaa fudhachuutiin akka qulqulloofnu, inni Sanbata akka qulqulleesse, aarsaa gara mana Waaqayyootti amantootni galchan hundumaas kan qulqulleessu Waaqayyo isa qulqulluu dha. (Ba’uu 28:41, 3:5, Uuma 2:3, Iyya 6:9).

Kanaafuu, qulqullummaa Waaqayyootti amananii warri karaa isaarra duukaa bu’an amantootni hundumtuu isaan warra qulqullaa’ani dha. Namni kamiyyuu Kiristoosiin kan jiraatu inni qulqulluu ni ta’a jedhamee akkuma barreeffame (1Qor 1:2, Yoh 17:17-19) hubachuudhaan kiristaanonni hundumtuu karaa Kiristoos inni amalummaa isaatiin qulqulluu sadan keessaa qulqulluu isa tokko ta’e nu barsiisee fi nutti agarsiiserra deemnee qulqullummaa kana argachuu qabna. Yommuu kana warra qulqullaa’oo taanee mootummaa isaa bara baraan warra dhaalus taana, bara baraanis Waaqayyo qulqulluu wajjin jiraanna.

Egaa guyyaa kana waa’ee qulqullummaa Waaqayyoo, dhiifamaa fi arjummaa Waaqayyoo, qulqullummaa Sanbataa fi kiristaanonnis qulqullaa’uu akka qaban barsiisuuf mana amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti yeroo galateeffannaa (“qiddaasee”) lallabnii (“misbaak”) fi kutaawwan macaafa qulqulluu dubbifaman akka asiin gadiitti dhiyaataniiru.

Lallaba guyyichaa: Faar 95 (96):5

     Waaqayyoon garuu sammiwwan ni hojjete
     Galatnii fi bareedinnis fuula isaa dura dha
     Qulqullummaa fi ciminnis mana qulqullummaa isaa keessa dha      

Daaqonii Tokkoffaan kan dubbisu: 1Tasal 4:1-12

Dhumarrattis, yaa obboleeyyani, Waaqa gammachiisuuf akkamitti akka jiraachuu qabdan isin barsiifneerra; isinis dhugumaan akkuma sanatti jiraachaa jirtu; ammas akka ittuma caalchiftanii waan kana gootan maqaa Gooftaa Iyyasuusiitiin isin kadhanna; isin gorsinas. Nuti aangoo Gooftaa Iyyasuusiitiin ajaja maalii akka isinii kennine beektuutii. Fedhiin Waaqayyoo akka isin hundi qulqullooftani dha; kunis akka isin halalummaa lagattaniif. Isin keessaas tokkoon tokkoon namaa akkamitti akka karaa qulqulluu fi ulfina-qabeessa ta'een nafa isaa eeggatu haa beeku. Kunis akka namoota ormaa kanneen Waaqa hin beekneetti hawwii fooniitiin hin ta'iin. Kanaanis namni tokkoyyuu obboleessa isaa hin yakkiin; hin gowwomsinis. Akkuma nu kanaan dura isinitti himnee isin akeekkachiifne Gooftaan cubbuu akkasii maraaf namoota ni adaba.

Waaqayyo akka nu jireenya qulqulluu jiraannuuf nu waame malee akka xuroofnuuf miti. Kanaaf namni gorsa kana tuffatu Waaqa hafuura isaa qulqulluu isinii kennu sana tuffata malee nama hin tuffatu. Egaa waan Waaqayyo akka isin wal jaalattan isin barsiiseef waayee jaalala obbolummaa isinii barreessuu nu hin barbaachisu. Dhugumaan isin obboleeyyan Maqedooniyaa mara keessa jiran hunda ni jaalattu; Yaa obboleeyyani, nu garuu akka kana caalaa isaan jaalattan isin gorsina. Akkuma nu kanaan dura isin ajajnetti jireenya nagayaa jiraadhaa; hojii keessan irratti xiyyeeffadhaa; harkuma keessaniin hojii keessan hojjatadhaa. Kunis akka isin warra hin amanne biratti ulfina argattanii fi akka harka nama tokkollee hin eegganneefi.

Daaqonii Lammaffaan kan dubbisu: 1Pheex 1:13-Dhumaa

Kanaaf yaada keessan hojiif qopheessaa; warra of qaban ta'aa; abdii keessanis guutummaan guutuutti ayyaana yeroo Iyyasuus Kiristoos muldhatutti isinii kennamu sana irra keewwadhaa. Isin waan ijoollee ajajamtuu taataniif hawwii hamaa bara wallaalummaa keessanii qabaattan sana hin hordofinaa; Qooda kanaa akkuma inni isin waame sun qulqulluu ta'e, isinis waan hojjatan cufa keessatti qulqulloota ta'aa. "Waan ani qulqulluu ta'eef isinis qulqulloota ta'aa" jedhamee barreeffameeraatii. Isin sababii Abbaa tokkicha isa otoo nama wal hincaalchisin nama cufa akkuma hojii isaatti itti muru sana waammattaniif hanga addunyaa kana irra jirtanitti isa sodaachaa jiraadhaa. Isin akka jireenya faayidaa hin qabne kan abbootii keessan irraa dhaaltan irraa waan baduu danda'u kan akka meetii fi warqiitiin hin furamin beektuutii.

Garuu dhiiga gatii guddaa qabu, dhiiga Kiristoos jechuunis hoolicha madaa’e yookiin hanqina hin qabne sanaatiin furamtaniittu. Inni otoo addunyaan hin uumamin dura filatame; garuu isiniif jedhee bara dhumaa kana keessa muldhifame. Isinis karaa isaatiin Waaqa warra du'an keessaa isa kaasee ulfina isaaf kenne sanatti amantu; kunis akka amantii fi abdiin keessan Waaqatti jabaatuuf. Isin obboleeyyan keessaniif jaalala dhugaa qabaachuuf jettanii waan dhugaaf ajajamuudhaan of qulqulleessitaniif, garaa guutuun jaalala dhugaa walii qabaadhaa. Isin sanyii badu irraa hin dhalanne; garuu karaa dubbii Waaqayyoo jechuunis karaa dubbii jiraataa fi dubbii jabaatee dhaabatu sanaatiin sanyii hin banne irraa lammata dhalattan. Kitaabni akkana jedhaatii; "Namni foonii hundi akkuma margaati; ulfinni isaa cufti akkuma daraaraa margaa ti; margi ni goga; daraaraanis ni harca'a: Dubbiin Gooftaa garuu bara baraan jiraata." Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.

Luba Lammaffaan kan dubbisu: H.Duk Bu 10:7-30

Qorneelewoosis yommuu ergamaan Waaqayyoo isatti dubbate sana deemee tajaajiltoota isaa keessaa nama lama, warra isa eegan keessaa immoo loltuu Waaqayyoof bule tokko waamee, waan kana hunda isaanitti himee Yoopheetti isaan erge. Guyyaa itti aanuttis otoo warri ergaman sun karaa jiranii, yeroo isaan magaalattiitti dhiyaatanitti Pheexiroos gara sa'aatii jahaatti Waaqa kadhachuuf gubbaa manaatti ol-ba'e. Innis beela'ee waan nyaatu barbaade; otoo isaan qopheessaafii jiranuus akka waan fajajee ta'e; Samii banamee fi waan akka wayyaa baldhaa tokkos isaa roga isaa afraniin qabamee lafatti gadi buufamu arge. Wayyaan sunis bineensota miila afurii, uumamtoota lafa irra loo'anii fi Simbirroota samii kanneen gosa cufaa of keessaa qaba ture. Qooqni tokkos, "Yaa Pheexiroos ka'iitii qalii nyaadhu" jedheen.

Pheexiroos garuu deebisee, "Yaa Gooftaa, hinta'u! ani takkumaa waan xuraawaa hin nyaanne!" jedhe. Qooqni sunis yeroo lammaffaa deebisee, "Ati waan Waaqayyo qulqulleesseen xuraawaa hin jedhin" jedheen. Wanni kunis yeroo sadii ta'e; wayyaan sunis yeruma sana deebi'ee samiitti ol fudhatame. Otoo Pheexiroos, waayee hiikkaa mul’ata sanaa dhiphataa jiruus namoonni Qorneelewoos erge sun mana Simoon iyyaafachaa dhufanii balbala dura dhaabatan. Isaanis lallabanii, “Simoon inni Pheexiroos jedhamu tokko as jiraa?" jedhanii gaafatan. Ammas otoo Pheexiroos waayee mul’ata sanaa yaadaa jiruu, hafuurri Qulqulluun akkana isaan jedhe;" Yaa Simoon, kunoo namoonni sadii si barbaaduutti jiru; Ka'iitii gadi bu'i; isaan waliin deemuus hin shakkin; anattu isaan ergeetii." Pheexiroosis gara namoota sanaatti gadi bu'ee," namni isin barbaadaa jirtan ana; maaliif dhuftani?" jedheen. Jarri sunis akkana jedhanii deebisani; "Nu ajajaa dhibbaa kan Qorneelewoos jedhamu tokko biraa dhufne; inni nama qajeelaa fi nama Waaqa sodaatu kan Yihuudota hunda birattis kabajamu dha; ergamaan Waaqayyoo qulqulluun tokko akka inni mana isaatti si waamsisee waan ati jettu dhagawuuf isatti dubbate. Pheexiroosis namoota sana manatti ol galchee keessumsiise.

Luba Tokkoffaan kan dubbisu:  Maat 6:16-24

Isin yommuu soomtanitti akka fakkeessitootaa fuula hin dukkaneeffatinaa; Isaan akka soomuutti jiran agarsiifachuuf jedhanii fuula isaanii hammeessu. Dhuguman isinitti hima; Isaan gatii isaanii argataniiru. Ati garuu yeroo soomtu mataa kee dibadhu; Fuula kees dhiqadhu. Kunis akka soomuu kee sana Abbaa kee isa namatti hin muldhanne malee namni hin beekneefiidha. Abbaan kee inni waan dhoksaadhaan hojjatamu argu gatii kee sii baasa. "Isin bakka itti daanawoo fi biliin balleessituu fi bakka itti hattuun cabsitee saamtu lafa irratti badhaadhummaa ofii keessaniif hin kuufatinaa. Garuu bakka itti daanoon nyaattee hin balleessinee fi bakka itti hattuun cabsitee hin hanne samii irratti badhaadhummaa ofii keessaniif kuufadhaa. Bakkuma badhaadhummaan kee jiru sana garaan kee jiraatii. "Ibsaan nafaa Ija; Iji kee fayyaa taanaan, nafni kee guutuun ifa qaba. Yoo Iji kee fayyaa hin ta'iin garuu, nafni kee guutuun ni dukkanaa'a; Erga ifni si keessa jiru sun dukkanaa'ee, dukkanni sun hagam haa jabaatuu ree! "Namni gooftaa lama tajaajiluu danda'u tokkollee hin jiru; Gooftaa isa tokko jibbee isa kaan jaalataatii; yookaan isa tokko kabajee isa kaan immoo tuffata. Isinis akkasuma Waaqaa fi maallaqa tajaajiluu hin dandeessan.

Sagalee Isaa akka walii qoodnuuf  kan nuuf eeyyame,Galatni Waaqayyoof haa ta'u// 
Madda





No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.