Sunday, March 1, 2015

Torbee Sadaffaa: Mikuraaba

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen! 
                                                  Maasrashaa Geetachoon
Gaafa guyyaa sanbataa gara Mikuraabiitti seene.” Luq. 19:47.

Torbee sadaffaan sooma guddicha gooftaa fi fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos Mikuraab jedhamuun beekama. Osoo sababa moggaasa torbee kanaa hin ilaaliin dura Mikuraab jechuun maal jechuu akka ta’ee fi faayidaan isaas maal akka ta’e akka armaan gadiitti ilaalla.
Mikuraab jechuun lafa ol ka’aa, gamaa hanga gaaraa gahu jechuu yoo ta’u innis mana kadhannaa (Mana Qulqullummaa) Yihuudotaati. Bara kakuu moofaatti sirni waaqeffannaa Yihuudotaa kan gaggeeffamu manaa Qulqullummaa isa Iyyerusaalem turee fi isa seeraan hundeeffametti ture.  Nabukadanatsoor garuu Mana Qulqullummaa isa Yihuudinni sirna Waaqeffannaa isaanii itti gaggeeffatan diigee uummata kanas gara Baabiloonittis isaan booji’e. Yeroo kana irraa eegalee Yihuudonni bakka argaman hundaatti mana addaa tajaajila kadhannaa fi hawwaasummaaf oolu ijaaruu akka eegalan ni tilmaama. Yis.11:16.
Bara gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos biyya lafaa Naanna’ee barsiisaa turetti, bakka kanattis ta’e bakka biraatti Mikuraabonni baay’een turaniru. Dukaa bu’oonnis gara bakka Yihuudonni bibittinaa’anii jiran hundaatti yeroo deeman gara Mikuraabii isaaniitti deddeebi’uun Wangeela uummata kanaaf labsaa turan. Maat. 4:23, Duuk. 6:9; 9:2, 13:5-14; 14:1; 17:1:10:17; 18:4; 19:8. Dargaggoonni kudhan yoo argaman Mikuraabii hojjechuun isaaniif eeyyamama ture. Manni isaas guddaa fi xiqqaa ta’uu  ni danda’a.
Mikuraabii kan ta’e hunda keessa, seeronnii fi barreeffamoonni rajotaan barreeffaman saanduqa tokko keessa kaa’amu. Yeroo sagaleen Waaqayyoo dubbifamu, dubbisaan sagalee isaa fi ergaan inni dubbisaa jiru akka dhagahamuuf bakka ol ka’aa qophaa’e irra dhaabbata. “Yeroo nyaata nyaatan/gabataa nyaattaa irratti/ bakka kabajaa, Mikuraabiittis teessoo kabajaa,” (Maat.23:6) akkuma jedhu, teessoowwan kabajaas bakka kana fuuldura jiru. Dhiironnii fi dubartoonni walitti makamanii hin taa’an; akkuma amma mana Kiristaanaa keessatti dubartoonni karaa bitaa dhiironni immoo karaa mirgaa taa’an qofaa qofaa isaanii taa’u. Mikuraabiin tajaajila waaqeffaannaa fi barumsaaf akkasumas hawaasummaaf ni oola. Qulqulluu Maarqoos, “… museewwan Mikuraabii keessaa inni tokko dhufe,” (Maar.5:22) jechuun akkuma barreesse, Mikuraabiin kan dursamu museewwaniidha. Duuk. 13:15, 18:8. Museewwan kun warra balleessan rukkutuun/garafuun/ ykn Mikuraabii keessaa ari’uun isaan adabuuf aangoo qabu ture. “… Gara alaattis isa baasani.”Yoh. 9:34; “Yihuudonni … rukkuttaa liicoon/garaffii 40 yeroo shan na garafanii.” 2Qor. 11:24. Tajaajilaan Mikuraabii ijoollee ni barsiisa; barreeffamoota dubbifaman ni dhiyeessa, “Kitaabicha maruudhaan tajajilaatti kennee taa’a.”  (Luq. 4:20) kan balleessan ni adaba/garafa akkasumas ajaja musootaa ni raawwata ture. “Muuseenis … kan isa lallaban qaba.” Duuk.15:21. Waaqeffannaa isaanii yeroo sanaa keessatti, kadhannaan seeraa fi dubbisa raajotaa keessaa, faarfannaa Daawit faarfachuun lallabnii fi raawwiin eebbaa ni gaggeeffama ture.
Akka seera kakuu moofaatti/ooritiitti, gara mana qulqullummaa deemuun Yihuudotaaf seeraa fi heera isaanii ture. Yeroo garaa garaa wantoota garaa garaaf kan deemanirrayyuu waggaatti yeroo tokko aarsaa fi baalcha kennuuf gara mana qulqullummaa ni deemu ture. Gooftaan keenyas akkuma kana gara Mikuraabii deemuun seera ni raawwata ture. “Yeroo waggaa kudha lama guute turetti akkuma isa barsiisan(amaleeffachiisan) gara Iyyerusaalemitti ayyaanaaf dhufan.” Luq. 2:42. Gooftaa fi fayyisaan keenya seera kana erga cuuphamee Wangeela barsiisuu eegaleen boodas sirriitti ni raawwata ture. Kitaabnis yeroo kana jabeessee dubbatu, “Guyyaa guyyaan mana qulqulluummaatti (Mikuraabiitti) ni barsiisa ture,” jedha. Luq. 19:47.
Ega waa’ee maalummaa fi hundeeffama akkasumas taajila Mikuraabii hanga kana jennee kanatti aansuun immoo sababa torbeen sadaffaa sooma kanaa Mikuraabii jedhamee fi wantoota torbee kana keessatti raawwataman ilaalla.
Torbeen kun kan inni Mikuraabii jedhameef Kitaaba sooma digguwaa irraa gaafa sanbata sadaffaa faarfatamu, “Iyyasuus gara Mikuraabii Yihuudiitti deeme,” (Luq. 4:14-23) jechuun farfatammufidha. Yaad-rimeen isaa gooftaan keenyaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos, warreen fooniin dhukkubsatan barumsa isaatiin, kan lubbuun dhukkubsatan immoo hojii ajaa’ibaa isaatiin Mikuraabiitti argamuun hojii fayyisuu isaa akka isaaniif raawwate yaadachiisaa barsiisuudha.
Hojiiwwan gooftaan keenya Mikuraabiitti argamuun raawate keessaa kanneen armaan gadii mee haa ilaallu.
a.     Sirna qulqulleessaa Mikuraabii(Mana kadhannaa)
Mikuraabiin kun, bakka seeronni bara kakuu moofaa/Ooritii raawwataman itti gaggeeffamu ta’uu isaatiin, wantoonni aarsaaf dhiyaataan kanneen akka horii, meeshaa aarsaan itti dhiyaatu, gabateewwan, … asitti gurgurtaaf dhiyaatu ture. Yihuudonni seera Waaqeffannaa gaggeessuurra darbanii bakka kanatti bakka: saamichi, haaloo fi wal goyyomsuun itti gaggeeffamu taasisanii turani. Akkuma abbaan keenya Daawit “Inaaffaan mana kee naa nyaate,” jedhe gooftaan keenyas inaaffaan mana isaa, gara lafa gabayaa kan fedhi foonii itti gaggeeffamu ta’uu isaa yeroo argetti, gara isaanii deemuun, “ ‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’ jedhamee barraa’eera; isin garuu holqa saamichaa fi hattootaa taasistani,” Maat. 21:13. (Isaa. 56:7, Eer. 6:11,Luq.19:46, Maar. 11:17) jechuudhaan gurgurtootaa fi bittoota mana Qulqullummaa isaa keessatti walitti qabaman qacceen rukkutee/garafee isaan ari’eera. Maat. 21:12. Akkasumas, “Eenyuyyuu meeshaa baatee akka karaa mana qulqullummaa darbu hin eeyyamne,” Maar.11:16. Kan jedhan hojii sirna qulqulleessuu isaa kan ibsanidha.
b.    Wangeela mootummaa isaa barsiise.
 “Gaafa Dilbataa gara Mikuraabiitti seenee isaan barsiisuu eegale. Akka barreessitoota isaanii osoo hin taane akka abbaa taayitaatti isaan barsiisaa waan tureef barumsaa isa ni ajaa’ibsiifatani,” akkuma jedhu. Maar.1:21, Luq.4:14-23 Hojiin gooftaan keenya Mikuraabiitti argamee raawachaa ture keessaa inni lammaffaan barsiisu ture. Innis akka abbaa taayitaatti isaan barsiisa ture. Kunis maaliidha yoo jennu, isaan kaan kan barsiisan kan dubbisanii fi kan barsiisota isaanii irraa dhagahanidha; inni garuu dandeettii isaa isa addunyaa kana uumeen barsiisa.  Akkuam, “Ani addunyaaf ifattin dubbadhe; Yihuudonni yeroo hundaa kan itti wal gahan mana qulqullummaa Mikuraabiitti yeroo hundaan barsiise. Dhoksaattis kanan dubbadhe wanti tokkollee hin jiru,” Yoh. 18:20. jedhe, gooftaa fi fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos yeroo barsisaa turettis kan inni barsiisu ifaan ifatti malee dhoksaatti hin turre. Gooftaan keenya maaliif ifatti barsiisee? Akka armaan gadiitti ilaalla.
Haala armaan olitti ibsameen Mikuraabiitti argamee ifaan ifatti barsiisuun lubbuuwwan badanis gara hoolota isaatti ni dabala ture. Kan inni ifaan ifatti barsiisus barreessitoonni Yihuudotaa sababa isarratti barbaadaa waan turaniif isaanin sababa dhorkachuuf ykn dhabsiisuufidha. Kanas osoo dhoksaatti barsiiseera ta’ee Galiilaa irraa eegalee hanga guutummaa Yihuudaatti ummata barsiisuun isaan akka mootummaa irratti ka’an taasisa jedhanii, akka isa himataniif /yakkaniif sababa ga’aa hin ta’u ture.
Akkasumas, uummata isa irratti kakaasuun adda duree kan turan hangafoonni lubootaa fi barreessitoonni, “Angafoonni lubootaa fi barreessitoonni dhaabbatanii baay’ee isa rakkisu ture,” jedha. Luuq. 23:5:10. Yihuudonni gooftaa keenya irratti sababa barbaadu waan tureef kun isaaniif gufuu akka hin taaneef ifatti barsiise.
Sababni biraan immoo, quqlulluu Yohaannis Wangeela isaa irratti, “Ilmi hammannaa abbaa isaa keessa jiru inni nuuf ibse,” (Yoh.1:18) akkuma jedhu, rajootaa fi fakkeenyota hiikaa, isa dhokate ifa baasaa barsiisaa gara addunyaa kanaa dhufeerati barumsa isaa ifatti taasise. 
Akkasumas, yeroo mana Qulqullummaa qulqulleessaa raawwatetti ergaawwan dabarse keessaa tokko haalli aarsaa ittiin dhiyeessa turan inni duraa darbuu isaa labse. Kanaafis, hoolota aarsaadhaaf dhiyaatan akka baasan ajaje. Aarsaan kakuu haaraas matuma isaa ta’uu isaa ibse. Yohaannis cuuphaannis kanaas, “Kunoo hoolaa Waaqayyoo isa cubbuu addunyaa haqu/balleessu,” jedhee kan yeroo garaa garaatti dubbate. Yoh.1:29 fi 1:36.
c.      Dhukkubsattoota ni fayyisa ture.
Akkuma “Mana Qulqullummaattis kan hin arginee (jaamaa kan ta’an) fi kan deemuu hin dandeenye gara isaattis ni dhiyaatan; ni fayyiseeniis.”(Maat.21:14)  jedhu, gooftaan keenya Mikuraabiitti yeroo argamaa ture namoota hedduu fayyisaa ture.
Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu Mikuraabii keessa dubbifamanii fi faarfataman.
Faarfannaa Daawit  faarfatamu(Misbaakii)
Faar. 88:9. “Inaaffaan mana kee na nyaate. Arrabsoon si arrabsanis anarratti kufe; lubbuu koos soomaanan adabe.”
Hiika. Inaaffaan yeroo Mana Qulqullummaa kee gabaa taasisanii arge inaafe, akka ibiddaa na gube. Mana qulqullummaa kee gabaa taasisanii yeroo si morman gabaa isaanii yeroon diigu, “Eenyutu akka kana raawwattuuf aangoo sii kenne?” naan jedhan. Yoh. 2:8. Yeroo ati Mannaa/nyaata samii irraa buustee isaan nyaachistu, “Mannaa dhamdhama hin qabne,” jechuun akka si arrabsan, anaanis. “Foon dhala/ima namaa yoo hin nyaanne fi dhiiga isaas yoo hin dhugne jireenya barbaraa hin qabdan.” Isaaniin jennaan, “Akka nyaannuuf akkamitti foon isaa nuuf kennuu danda’a?” jedhanii na qoran. (Ba’u. 16:15, Yoh. 6:52). Qaama koo soomanan dhadhabse. Gooftaan halkan afurtama fi guyyaa afurtama soomeera. (Ba’u. 34:28-dhumaatti, Maat.4:2-6)
v Wangeela. Yoh. 2:12-dhumaatti.
v Sirna Galatoo = kan gooftaa keenyaati
Kutaa kitaaba Qulqulluu dubbifaman.
v Qol. 2:16-dhumaatti ………. Diyaaqonii tokkoffaatu dubbisa
v Yaa’i. 2:14-dhumaatti …….. Diyaaqonii lammaaffaatu dubbisa
v Duk. 10:1-9 ……………….. luba gargaaratu dubbisa.

Hubbachiisa dubbistootaaf
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Manni isaa isa dhagaa bara sana jiru lafa gabayaa kan bittaa fi gurgurtaan itti gaggeeffamu ta’ee yeroo argetti, “Inaaffaan mana kee na nyaate,” (Faar.88:9) akkuma jedhamee raajiin dubbatameef, hedduu inaafee manni isaa bakka cubbuun itti raawwatamu waan jalaa ta’eef, “Manni koo mana kadhannaa jedhamti,” (Isa. 56:7) jedhee warreen achi keessa jiran hundaa gadi baasee ari’e. Ammas hubadhu! Kan Waaqni mana isaa isa dhagaaf akkas inaafe isa jiraataaf immoo hagam haa inaafu? Jechuun lubbuu tokkoon tokkoo keenyaaf jechuudha.
“Mana Qulqullummaa Waaqayyoo akka taatan, afuurri Waaqayyoos akka isin keessa jiraatu hin beektanii? Eenyuyyuu Mana Qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige, Waaqayyo immoo isa diiga. Manni Qulqullummaa Waaqayyoo qulqulluudha; innis isinidha.” 1Qor. 3:16:17. Yaa maatii Waaqayyoo dhuguma manni Waaqayyoo har’a meeqatu mana ejjaa, mana daldalaa, mana machii fi araadaa, mana sobaa fi hamii, mana seeronni Waaqayyoo itti diigamanii fi kabaja dhaban ta’ee jiraa? Nuti hoo maal fakkaanna? Meeqan keenyatus Qaamni keenya Mana Qulqullummaa Waaqayyoo, kan Waaqayyo itti galateeffamuu fi kan Waaqayyo itti kabajamu ta’uu isaa beeknee isaaf eegaa jirra? Qaamni keenya mana qulqullummaa isa dhagaa kanarraa Waaqayyoon hedduu isa inaafsisa. Kunis, nuti hojii harka isaa waan taaneef. Kanaaf, mana isa dhagaa osoo hin taane mana isaa laphee keenya haa ijaarruuf. Yaa obboloota koo, manni qulqullummaa jireenya kee lafa gabayaa akka hin taane of eeggadhu! “Egaa yaa obboloota koo, qaama keessan aarsaa Waaqayyoon gammachiisuu fi qulqulluu jiraataa taasisuun akka dhiyeessitaniif gara-laafummaa Waaqayyootiinan isin kadhadha.” Room.12:1
Kitaabota Wabii.
1.     Kitaaba Qulqulluu, afaan Oromoo fi Afaan Amaariffaa
2.     Bu’uurraan Amantaa Ortoodoksi Tewaahidoo
3.     Yematsahaf Qiddus Mezgebe Qaalaat/gamee jechoota kitaaba qulqulluu
4.     Kitaaba hikkaa Kitaab Qulqulluu(Andimtaa)
5.     www. Ethiopianorthodox.org

6.     www. Eotcmk.org

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.