Monday, February 2, 2015

Sooma Nanawee


Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
                                                   Wiirtuu Jimmaa

Waa’ee sooma nanawee kaasuun dura waa’ee seenaa uummata nanawee fi garbicha Waaqayyoo kan ta’e waa’ee nama yoonaas jedhamu kitaaba qulqulluu irraa haa dubbifnu.
“Sagaleen Waaqayyoo akkas jedhu gara yoonaasitti dhufe. Ka’ii gara magaala guddittii gara nanawee deemi! Hammeenyummaan isaanii akka na bira gahe isaaniif labsi. Yoonaas garuu Waaqayyoof ajajamuu didee gara magaala tarseesi deemuu barbaade. Doonii gara magaalittii deemus argatee imala jalqabe. Kana booda garuu, Waaqayyo bubbee hamaa kaase. Imaltoonnis baay’ee dhiphatan. Isaan keessa nama hammeenya hojjete baruufis carraa buufatan. Carraan isaaniis yoonaasiin qaqqabe. Innis doonichi sababa isaatiif akka raafamte ibsee galaana keessatti akka isa darbataniif kadhate. Waaqayyo immoo yoonaasiif galaana keesssatti qurxummii qopheesseef. Yoonaasis garaa qurxummii keessa halkan sadii fi guyyaa sadii bule. Garaa qurxummii keessa xaa’ee Waaqayyootti kadhannaa dhiyeeffata ture. Kana booda qurxummichi daangaa galaanatti yoonaasiin tufe. Sagaleen Waaqayyoo lamaffaa gara yoonasiitti dhufuun akka deemee uummata nanawee barsiisu isatti hime. Mootichi biyya nanawees barumsicha erga dhagaheen booda uummata walitti qabe. Daa’immanii fi mangudoota osoo hin jedhiin, beelladoonni manaas osoo hin hafiin akka soomanii fi kadhatan ajaje. Uummanni hundis guyyaa sadii fi soomaa fi kadhannaa godhan. Waaqayyos  ummatichi badii isaanitti waan gaabbanii fi waan soomaniif badii irraa isaan hambise.”Yonaas 1:1
 seenaa kanarraa wanti barannu
i)Soomnii fi kadhannaan gidiraa fi rakkoo irraa akka nama oolchu 
ii)Waaqayyo bakka hundaa jiraachuu isaa fi eesumattuu wanta nuti hojjennu akka argu
iii) Dhiifamni Waaqayyoo warra sagalee isaa dhagahanii raawwataniif baay’achuu isaa
Sooma uummata Nanawee gadi fageenyan yeroo ilaallu:
Soomni Nanawee soomawwan torban manni kiristaanaa keenya labsitu keesssa tokko yeroo ta’u, soomni kun sooma guddichaaf  akka qophiitti kan gargaartu bilbila beeksiftuu sammuu keenyaati. Gaabbiin uummata Nanawee kun mana kiristaanaa keenya keessatti bakka guddaa kan qabu,  baay’ee kan  faarfatamee fi sirni galatoo kan adeemsifamuuf akkasumas seenaa yaadannoo guddaa qabudha. Gooftaan keenyas gaabbii isaanii kaasuudhaan yihuudotaa  gorseera. Gaafa guyyaa murtiis dhaloota kana irratti akka murteessan dubbateera. Kunis, uummanni kun seena gaabbii gammachiisaa Waaqayyo jaalatu qabaachuu isaanii ibsa. Barreeffama kana keessattis seenaa kana kitaabolee seenaa kanaan walqabatanii sirna galatoo irratti dubbatamaniin walqabsiifnee barachuuf yaalla.

Cubbuun Waaqayyo irraa fagaachuudha. Gaabbiin immoo Waaqayyotti dhiyaachuudha. Manni kiristaanaa keenya keessattuu baatii sooma guddaa keessa tokkoon tokkoon saba kiristaanaa irraa firii gaabbii fi laphee qulqulluu jaalala Waaqayyoon cabe barbaaddi. Du’aa ka’umsa gooftaas gaabbii malee dhugaa fi gammachuudhaan  kabajuun  hin danda’amu. Kanaafuu, gaabbii keenya wantoota gufachiisan seenaa uummata nanaweee waliin wal bira qabnee ilaalla.
1.     Qarshii jaalachuu
Qabeenyi madda cubbuuti jechuu baannus, akka wangeelli jedhutti yoo hin qabanne Waaqayyo kan nu dagachiisuu fi sababa cubbuu ittiin raawwannu ta’uu danda’a. Yeroo baay’ee qarshiin Waaqayyo irraa fagaachuudhaan nagaa fi gammachuu dhabne argachuuf waaq-harkee(xaa’otii) abdii gadhannu  ta’uu danda’a. Sababa kanaan qabeenyi kiyyoo gaabbii akka hin galle nu sakaalu ta’a.    Waaqayyo qabeenya illee yoo nuuf kenne kan rakkate akka gargaarru, tajaajila mana kiristaanaa akka ittiin ariifachiifnuu fi daa’imman keenya akka daandii mana kiristaanaa irratti guddifnuuf malee lubbuu jaalala Waaqayyoo dheebotte qabannee, fedha foonii qofa akka raawwannuuf ta’uu hin qabu. Badii uummata Nanaweetiif akka sababaatti kan ture, sooromummaa magaalittiiti. Badinsa Yoonaasiifis  qarshiin sababa ture. Yoonas. 1:3
Soomni guddaan fuuldura keenya jiru kunis yeroo baay’isnee itti kadhannu, soomnu, kan rakkatan itti gargaarru ta’uu qaba malee, yeroo itti sababa soomaatiif qarshii kuusnu ta’uu hin qabu.
2.     Cubbuu keenyaaf itti gaafatamaaa biraa barbaadu
Seenaa uummata Nanawee irraa kan barannu Yoonaas Waaqayyo jalaa kan baqate, fayyina uummata Nanawee mormuudhaan akka dogongoraatti fudhate malee dogongora ofii hin amanne. Sababa kanaafis yeroo dooniin raafamtu hirriba cimaa kessa  ture. Yoonaas.1:5. Akkuma kana namoonni baay’een cubbuu isaaniif  Waaqayyoon itti gaafatamaa taasisu. Kanneen biroo immoo namoota biraa itti gaafatamaa taasisu.
3.     Gorsa Waaqayyoo dhagahuu dhabuu
Waaqayyo  Yoonaas  karaa adda addaan akka gorse seenaa kana keessatti ni hubanna.  Bubbee hamaa kaasuudhaan akka galaanatti drabatamu godhe. Qurxummii guddaa qopheessee  lubbuu isaas oolche;  akka gaabbee deebi’u taasisus  inni garuu dhagahuu hin dandeenye. Afaan qurxummii keessaa bahee  lallabus dhiifama Waaqayyoo warra Nanaweef godhetti hin gammanne. Jalqabas sodaa  Waaqayyoof  malee baalleessaa  isaatti gaabbee miti kan gara namoota Nanaweetti kan deebi’e. Ammas garuu Waaqayyo karaa uumamtoota biroo  Yoonaasiin gorse(karaa bubbee, qurxummii, raammoo, aduu, …). Dhuma irratti garuu gaabbiif gaheera. Uummata doonicha keesssa jiranis haaluma kanaan gorse. Isaanis gaabbaniiru. Faar. 41:7-8, duuk. 14:22.
Akkuma seenaa uummata Nanawee irraa hubanutti jireenya keenya gaabbiin cimsannee daran Waaqatti yoo dhiyaanne sugni Waaqayyoos nuuf baay’ata. Akkuma abbaan keenya qulqulluu abune shinoodaa jedhan, “kiristaanni sooma guddicha irratti jireenyi afuuraa isaa hin jijjiiramne soomawwan birootiin ni jijjiirama jechuun baay’ee ulfaata.”
4.     Of jaalachuu
Seenaa kana keessatti sodaa Yoonaas kan ture,ummatni Nanawee raajaa sobaa naan jedhu jechuudhan  uummanni nanawee akka badan filate. Namoonni baay’een keenyas fedha Waaqayyo dhiisnee kabaja keenyaaf dhiphanna, keesumattuu dhaloonni amma jiru. Kun immoo, dheekkamsa Waaqayyoo nutti cimsa; suga Waaqayyoos nu dhabsiisa. Kanaafuu, laphee cabeen, kasoominaan fuula Waaqayyoo  dura dhaabbachuutu nu baasa.
Bu’aa uummanni nanawee gaabbii galuu irraa argatanii fi nuti kiristaanaonni immoo sugni nuti sooma irraa argannu wal bira qabnee yoo ilaallu:
1.     Abdii jireenya bara baraa
Nanaween murtiin barbadaa’uu erga itti murteeffameen booda magaala abdiin jireenya kennameefiidha. Yoonaas galaanatti darbame, qurxummiinis liqimfamee nama akka jiraatuuf abdiin kennameefidha. Namoonni doonicha keessa turanis danbaliin erga rukutamanii booda namoota arjummaa Waaqayyootin  abdiin jireenyaa kennameefidha.
Gaabbiinis, erga cubbuudhaan duunee booda meeshaa abdii jiraachuu nuuf  kennuudha. Namootni baay’een  jireenya bara baraa abdii godhachuun isaanitti ulfaata.kunis bu’aa gaabbiidhaan jiraachuu dhabuu isaaniiti. Kanaafuu, kiristaanonni jireenya bara baraa abdii  godhannu immoo jireenya keenya gaabbiin akka dursinu jabaannee kadhachuu qabna.room. 5:4-5; yih. 1:20
2.     Waaqayyo biratti kabajamuu
Gaabbiidhaan gara Waaqayyootti kan deebite Nanaween, Waaqayyo biratti kabaja guddaa argatte. Kanaafis Waaqayyo kakuu galeef, “namoonni Nanawee yeroo murtiitti dhaloota kana waliin ka’anii irratti ni murteessu.” Luq. 11:32. Kitaabni qulqulluus ‘magaala gudditti’ jedhee waameera.         Yoonaas. 1:2. Lubbuu gaabbii galtu tokkoof samii irratti gammachuu gaddaan akka ta’us  wangeelli nu barsiisa.

3.     Humna Waaqayyoo arguu
Uummata Nanaweetiif ol aantummaan Waaqayyoo sirriitti mul’ateeraaf. Guddummaan Waaqayyoo obsaan, jaalalaan, uumamatoota abboomuudhaan,bilisummaa ajaa’ibaa ilma namaaf kenneen ibseera.
Walumaa galatti seenaa uummata Nanawee irraa waan baay’ee baranna. Manni kiristaanaa keenyas seenaa gaabbii baay’eewwan jiran keessaa filtee kabaja adda ta’een kan yaadattuuf. Kanaafis tibba gaabbii guddaa sooma gooftaa keenyaa guddichaaf akka yaadannootti kan qopheessite. Nutis seenaa kan irraa barannee kan baranne immoo yeroo gaabbii keenya sooma guddaa fuuldura keenya jiru kana irratti hojii irra oolchuu qabna. Hunda kan danda’u Waaqayyoon keenya jabina bartoota isaaf kenneen gaabbiitti nu cimsee waammataa maqaa isaa dhaaltota mootummaa isaa akka nu taasisu heeyyama isaa nuuf haa ta’u. Ameen!!!

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.