Tuesday, September 10, 2013

Baga Bara Haaraan Isin Gahe!

Bara Haaraa 
Fulbaanni ji’a jalqabaati. Addaam haadha mana isaa dhagahee ajaja isaa kennameen alatti firii mukaa hin nyaatiin jedhamee nyaate waan argameef Waaqayyoon “Ati dubbii haadha manaa keetii waan dhageesseef, ija mukaa isa hin nyaatiin jedhee si abboomes waan nyaatteef , lafti sababii keetiif abaaramaa ni ta’a; atis bara jireenya kee hundumaatti itti dadhabdee isa irraa in nyaatta. Innis qoraattiidhaa fi baalaan waraantee sitti biqilcha, atis biqila lafaa ni nyaatta’’. (Uma 3:17-18). Haala kanaan dhalli namaa dhama’ee nyaachuun erga itti himamee sanaa kaasee hanga har’aatti lafa kana irratti dafqasaatiin nyaachaa jira. Birraan yookaan barri haaraan yeroo namni isa facaase sana gaheefi kan foon isaaf taatu sana itti argu dha. Nama keessatti abdii haaraa, gammachuu, rakkoo keessaa bahuuf kan itti yaadu dha. Nama taanees fedhii keenya dhuma hin qabne sana guutuufis kan itti karoorfannu dha. Manni barumsaa banamee kan tarkaanfii jireenya keenya irratti dabalamu dha. “Ati laficha ni ilaalta, waan hundumaa irraa hafaa in laattaaf, guddistees isa ni badhaafta; lagni ati kenniteef bishaan guutuu qaba, namoota midhaan ni argachiifta; akkas gootee qopheessiteetta. Bo’oo lafichaa bishaan ni obaafta, bungulluu isaas ni balleessita, tiifuudhaan isa in laaffifta biqilaa isaas ni barakachiifta. Waggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati deemtutti faanni kee cooma rooba; lafti qordiin coomee margi isaa in labbeessa’a, gaaronnis akka waan mudhii isaanitti, sagaleen gammachuu naannoo isaanitti in dhaga’ama. Hoolonni bakkee isaa uffisaniiru, dachaa keessattis midhaan lafa dhokseera, hundumti isaaniis sagalee gammachuu dhageessisanii in faarfatu” (Far 65:9-13) jedhee qulqulluu Daawit gooftaa isaa faarfaata, kanaaf egaa Waaqayyoon illee kan itti gammadanii faarfatani jechuudha.

Yeroon isaas barri darbee kan baraan bakka buufamu dha. Kanaaf manni kiristaanaa keenyas akkuma faarsaa qulqulluu DaawitWaggicha wanta gaarii si biraa dhufeen ni gonfita, gara ati deemtutti faanni kee cooma rooba” (Far 65:11) jedhe faarfate Waaqa keenya galateeffachuuf qulqulluu Yohaannisiin moggaaftee bara baraan yaadachaa turte gara fulduraattis yaadachaa jiraatti. Sababni isaas   kitaaba qulqulluu irratti akkas jedha “Dhuguman isiniin jedha nama ta’ee lafa irratti dhalate keessaa, Yohaannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa Waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu isa irra ni caala” (Mat 11:11).  Sababni inni biraa qulqulluu Yohaannis cuuphaan barumsa kakuu haaraa jireenya haaraa barumsa gaabbii kan barsiise dhala namaaf boqonnaa jireenyaa haaraa, walumaa galatti dhaldura deemee qajeelchaa kan ture isa dha. (Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu. Yoh 1:29) namaa gabrummaa bara dheeraa dhalli namaa adabamees kan itti irraan hin deebine waanjoo dabiloos jalaa akka bahu kan dura karaa gooftaa keenyaa haxaa’aa ture dha. Kanaaf jecha gooftaa keenyaa fudhachuun manni amantaa keenyaa isaaf kabaja kennitee kabajji ni yaadattis.

Haala Lakkoofsa Baraa

Abbaan keenya Addaam erga aabboommii Waaqa isaa cabsee aari’amee hanga bara dhaloota gooftaa keenyaatti kan jiru bara gadadoo (‘zemene fiddaa’) jedhama. Waadaa Waaqayyoon Addaamiif dhala dhala kee irraa dhaladhee sin fayyisa jedhe sana,  missiraachoo qulqulluu Gabri’eeliin giiftii keenyaa Dubroo Maariyaamii irraa dhalatee, reebamee, fannifamee, du’ee, guyyaa sadii booda du’a moo’ee ka’ee  nun ijoollee isaaf arjummaadhaan dhiifama godhee fayyina nuuf kenneetii qabee anga dhufaatii  gooftaa keenyaatti kan jiru immoo bara araaraa jedhama. Walumaa galatti baroonni kun lamaan immoo bakka tokkotti bara addunyaa jedhamuun beekama. Haala kanaan inni darbe 2005+5500 = 7505 yommuu ta’u, barri addunyaa dhufu immoo 7506 ta’a jechuu dha.

Bara Lakkaa’u kan Jalqabe Eenyu?

Lakkoofsa amma bataskaanni keenya itti fayyadamtu hojii Afuura Qulqulluutiin dursamuun herregani kan kaa’an Phaaphaasii Iskindiriyaa 12ffaa kan turan Qulqulluu Dimeexiroosi dha. Isaanis seera guyyaa, ayyaanaa fi laguu (soomaa) argachuuf hawwanii ajaja ergama Waaqaan torbii (subaa’ee) galanii hawwii isaaniis Waaqayyo kenneefii. Gabaabumatti hiramni guyyootaas Wiixataa akka jalqabu, laguun gooftaa keenyaas kan hiramee taa’e ka’umsa abbaa qulqulluu kananii dha
Addunyaa kana irratti haalli lakkoofsa baraa hedduutu jiru. Fakkeenyaaf kan Yihudootaa, kan Gibxootaa, kan Qeesaarii Yiwuuloos, kan seera Seera’iyaanee, kan Fileekawun faa maqaa dhahuun ni danda’ama. Akkasumas Oromoonis bara durii seera lakkoofsaa fi dhaha mataa isaa akka qabu ture kitaabonni seenaa fi abbootiin durii ni himu. Haala lakkoofsaa fi ka’umsa mataa isaanii ta’es kan qabani dha. Haala lakkoofsa baraa addunyaa irraa jiran keessaa tokko lakkoofsa baraa biyya keenyaati.

Haala Lakkoofsa Baraa Itoophiyaa

Akkuma lakkoofsota baay’ee, lakkoofsa aduu fi addeechaa ni fayyadamti. Guyyaan tokko kan jalqabu halkan sa’atii tokkoo hanga ganama sa’aatii 12ti. Jiini jalqabaa Fulbaana kan dhumaa immoo Qaam’ee dha. Dabalataan immoo guyyaan jalqabaa Dilbata dha. Tibbootni Birraa, Bonaa, Arfaasaa fi Ganna jedhamuun guyyoota 91 qooddatanii ni beekamu. Haalli lakkoofsa baraa kun immoo Abuushaahir ykn Galaana Yaadaa jedhama.

Egaa yaa maatiwwan Waaqayyoo barri baraan darba. Umrii keenya irrattis fedhii Waaqayyoo ta’ee arjummaa gooftaa keenyaan, kadhaa qulqulleetti haadha keenyaan, kadhaannaa qulqullootaan har’a geenyeerra. Osoo akka hammeenya keenyaa fi cubbuu keenya baduun nurra ture. Garuu Waaqni keenya Waaqa jaalalaa waan ta’eef har’aan nu gaheera. Har’a gahuun keenya hiika maalii qaba laata? Gaaffii hunda keenya ilaallatu dha. Fedhiin keenya hedduu irri caalaan isaa kan foon keenyaaf ta’u dha. Waaqayyo gooftana “Lafti kun ni dabarti garuu mootummaan koo hin darbu” kan jedhe osoo bu’uureffannee lubbuu keenyaafis karoora itti qabannee waan hafuuraa hojjechuu qabna. Keessumaa warri abbaa gaabbii hin qabne abbaa gaabbii qabaannee, gaabbii seenne foonii fi dhiiga gooftaa fudhachuuf nama waan hundaaf qophaaye ta’uu qabna. Akka kana goonuuf immoo Waaqayyo humna isaa nuuf ha kennu. Barri kun immoo kan gammachuu kan Waaqa keenya itti galateeffannu kan nagaa jaalalaa fi badhaadhinaa nuuf haa ta’u.

Kan jalqabsiisee nu xumursiiseef Waaqayyoof galanni haa ta’u Ameen!!!

Kitaabolee Wabii

1. Mezgebe Taarik Kutaa 1ffaa
2. BarsiisaH hiruuy ermiyaas bara 2002. Www.ermiasnebiyu.org
3. Kitaaba Qulqulluu Bara 1997

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.