Sunday, April 6, 2014

Torbee Torbaffaa: Niiqoodimoos

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen!
                                           Eng. Taaddelee Mekonninin
“Garaa koo keessa qortee halkanis dhuftee yoo na ilaalte, keessa koos garagalchitee yoo fonqolchite, hamaa yaaduu koo hin argitu; dubbii afaan kootii keessaas irra-daddarbaan hin argamu." 
                  Faarfannaa 16(17):3


  Maatiin Waaqayyoo Ijoolleen Haadha teenya Qulqulleettii Dubree Maariyaamii jaalatamtoonni Ergamtootaa, Wareegamtootaa fi Toltootaa Hundi Maqaa Waaqayyootiin iddoo jirtanitti akkam jirtu? Ameen Maqaan Waaqayyoo uumamtoota Isaa hunda biratti bara baraan kan eebbifamee fi kan qulqullaa’e nuuf haata’u!
  Yaa maatii Waaqayyoo, torbeewwaan darban keessa moggaasa torbeewwaan sooma guddaa hanga jahaffaatti ilaaluun keenya ni yaadatama. Torbeen kuni ammo Niqodimoos jedhama. Qulqulluu Yaaredis torbee kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera
“Namni Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyasuus ni adeeme, yaa barrsiisaa, barsiisuudhaaf Abbaa kee bira akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo du’aa ka’uutti ana kaasi”
  Niqoodimoos (Torban 7ffaa Sooma Guddichaa)
 Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufaa barachaa ture-barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa mukuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniniif (hin fudhatiniif) guyyaa guyyaa barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee (amanee) fi duuka bu’e mukuraaba isaanitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu dhabuuf jecha halkan barachaa ture.
    Niqoodimoos Gooftaadhaan,”Yaa Barsiisaa hoo, Waaqayyo yoo isa wajjiin ta’e malee mallattoolee ati raawwachaa jirtu kana kan raawwatu hin jiruutii Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taatee akka dhufte ni beekna” jechuudhaan ragaa ba’eef. Gooftaanis deebisee, ”Dhugaa dhugaan siin jedha namni lammata yoo dhalate malee Mootummaa Waaqayyoo arguu (dhaaluu) hin danda’u”  jedheen. Niqoodimoosis waan isaaf hin galiniif, “Namni erga dulloomeen booda akkamiin dhalachuu danda’a? Lammata gara gadaamessa haadha isaa seenee dhalachuu ni danda’aa?” jedheen. Gooftaa Iyyasuusis deebisee akkas jedheen,”Dhugaa dhugaan siin jedha, namni bishaanii fi Afuura Qulqulluu irraa yoo dhalate malee gara Mootummaa Waaqayyoo seenuu hin danda’u. Kan foonirraa dhalate foon kan Afuurarraa dhalates afuura ‘(jechuunis kan namarraa dhalate ilma namaati ilma Waaqayyoo ta’uuf Afuurarraa dhalachuu qaba jechuudha).’ Lammata dhalachuu qabdu waanan siin jedheef hin ajaa’ibsiifatin. Qilleensi gara barbaadetti bubbisa (qilleensa’a); sagalees ni dhageessisa; garuu garamii akka dhufe garamis akka deemu hin beektu; kan Afuura irraa dhalate hundi akkuma kana” jechuudhaan Waaqayyoorraa dhalachuun hangam akka iccitii cimaa ta’e hubachiise. Niqoodimoosis deebisee akkas jedheen, ”Kun akkamiin ta’uu danda’a?” Gooftaa Iyyasuusiis deebisee akkas jedheen,”Ati barsiisaa warra Israa’elii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan siin jedha waan beeknu ni dubbanna; kan argines ragaa ni baana; ragaa ba’iinsa keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne waa’ee isa samiidhaa yoon sitti hime akkamiin amantu? Samiirraa kan bu’een alatti gara samii kan ba’e eenyumtiiyyuu hin jiru; Innis samiirraa kan bu’e Ilma Namaa qofaadha” jedheen. Niqoodimoosis gaaffii isaa achumarratti dhaabe. [Wangeela Yohaannis 3:1-15]

Nuti kanarraa maal baranna?
1ffaa Yeroo boqonnaa keenyaa eessatti dabarsuu akka qabnu nu barsiisa.
  Niqoodimoos gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufee barachuun isaa gocha barbaachisuudha (deeggaramuudha). Sanyiisaa kanneen ta’an warra Yihuudotaa osoo Isa hin hordofin Niqoodimoos Gooftaa jaallachuun waan nama dinqisiisuudha.
  Niqoodimoos kan galgaleeffatu Gooftaa bira; sa’aa muraasa boqonnaaf qabu Uumaasaa biratti dabarsa. Kun immoo carraa guddaadha. Guyyaa guyyaa barsiisaa fi dadhabaa waan ooluuf galgala boqochuu qaba ture. Niqoodimoos garuu mana koottan galee boqadha hin jenne; sooressaa fi abbaa aangoo ture. Uummanni dhimmaaf karrasaa dura marmaaru turan. Haata’u malee isaan wajjiin hin halkaneessine.
 Egaa abbaa kanarraa barumsa guddaa barachuu qabna. Nuti har’a kan halkaneessinu eessaa? Eenyu waliin halkaneessina? Maal hojjachaatii? Niqoodimoos garuu kan halkaneessu Barsiisaa dhugaa bira. Niqoodimoos tolummaa fi sukaa baatee gara manasaa gala ture. Nuti hoo yommuu gara mana keenyatti gallu kabajamneeti moo? Ulfaanneeti moo salphanneeti laata?
   Namni si’anaa machaa’atii, dhiichisaatii, madaa’atii, dhiigatii, maraachatiidha kan gara mana isaatti deebi’u. kanneen mana jiraatanis hirriba argatuu laata? Ni du’aa laata? Jechuun dhiphachaa isa eegu. Kanneen du’anis jiru. Halkaneessuun akka Niqoodimoos Gooftaa wajjiin malee.

2ffaa Faayidaa Cuuphaati baranna.
v Cuuphaan Qulqulleettii Sillaasee irraa Ilmummaa ija fooniitiin hin  muldhanne argachuuf.
   Niqoodimoos Gooftaa wajjiin halkaneessuun Uumaa isaa bare. Gooftaa baruu qofti immoo gahaa miti. Beekuu seexannis ni beeka. Afuura Qulqulluurraa dhalachuu barbaachisa. Addaam baala hin nyaatiin jedhame battala nyaatetti Ilmummaan Waaqayyoo irraa mulqamee (fudhatamee) ture-Gooftaan dhufee lammata hanga nama nutaasisuutti ilmaan seexanaa taanee isaan dhiitamaa garbicha isaas taanee turre. Sanaan booda garuu galatni Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiif yaa ta’uutii dhiirri guyyaa afurtamatti dubarri guyyaa saddeettamatti gudeeda Afuura Qulqulluu fi gadaamessa Yoordaanosiitii dhalanneerra. Abbaa keenya kan Isaan jennuufis kanarraa kan ka’eeniidha. Isarraa erga dhalannee fi Ilmummaa Isaa erga arganneen booda garuu waanjoo cubbuu fi garbummaa seexanaatiin lammata akka hin qabamne kabajnee fi cimsinee qabachuu qabna. Addaam jalqaba Gannataa waan ari’amu hin seene ture; seexanni isa dogongorsiiseera. Nutis lammata waanjoo seexanaatiin qabamnee Ilmummaa Sillaasee akka hin haqne (hin dhabne) of yaa eeggannu.
    Ilmummaan baay’ee keenyaa akka Eesaawu ittoo missiraatiin nurraa mulqamaa (fudhatamaa) jira. Baay’een keenya har’a moofomneerra. Niqoodimoosis moofa’ee ture garuu Cuuphaa fi Gaabbiidhaan jireenya haarawa gonfateera. Jireenyi isaa inni moofa’e laliseefii jira. Nutis jireenya keenya isa moofa’e (xuraa’e) gaabbiin, Foonii fi Dhiiga Gooftaa keenya Iyyasuusiin yaa haaromsinu. Yoo kun ta’eedha Mootummaa Waaqayyoo kan dhaallu.

v Maqaa Kiristoosiitiin kiristaana Maqaa Ilmaan Ijoollee Waaqayyoo kan nu jechisiisus cuuphaadha. Cuuphaan tunis ishee takkittii Kiristoos tokkichi ittiin waaqeffatamu kan amantaa takkittii (mana amantaa takkaan) kan raawwatamu malee waldaalee amantoota garagaraa keessatti kan argamtu miti [Efeesoon 4:5].
v Kiristaana jedhamuuf guyyaa Jimaataa cinaacha mirgaa Gooftaa keenya fi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos irraa bishaan dhangala’e “Bishaan Jireenyaatiin” cuuphamuun ijoollee Waaqayyoo jedhamuutu nurraa eeggama. Bishaan kana eessaa argattu? Kan jedhu yoo jiraate, lubni bishaan saayiniitti (gabateetti) qicee (naqee) kitaaba kiristinnaa jedhamu irratti kadhata (dubbisa); sirna qulqulleessuus (qiddaasee) irratti raawwata. Dhumarratti Abbaan tokkichi Qulqulluudha, Ilmi tokkichi Qulqulluudha; Afuurri Qulqulluun tokkichi Qulqulluudha jechuun bishaanicha ni eebbisa. Battala sanatti bishaanichi gara bishaan guyyaa Jimaataa cinaacha Gooftaa Iyyesuus Kiristoos irraa dhangala’eetti geeddarama. Isaanis cuuphamnee gidiraarraa ni qulqulloofna; bittaa fi hidhaa seexanaarraayis ni bilisoomna.

  Waaqni abbootii keenyaa akka ajajaa fi jecha Isaatti deddeebinee dhumarrattis dhaaltuu mootummaa Isaa waamtuu maqaa Isaa akka nu taasisuuf arjummaan Isaa gargaarsi, kadhannaanii fi waadaan Toltootaa, Qulqullootaa fi kan haadha teenya Dubaroo Maariyaamii nu wajjiin haata’u bara baraan ameen!
Wabii:-
Ø Macaafa Qulqulluu Afaan Amaaraatiin Waldaa Kitaaba Qulqulluu Itiyoophiyaa, bara 2000 A.L.I.
Ø Utubaa amantaa maxxansaa 9ffaa barsiisaa Birhaanuu Goobanaa, bara 1997 A.L.I.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.