Monday, October 8, 2012

WN.011 Godaansa Dubaroo Maariyaamii fi Waqtii Habaaboo

 Godaansa Dubaroo Maariyaamii fi Kadhannaa Halkan Guutuu Waqtii Habaaboo.

“Dubartittiin immoo lafa onaatti ni baqatte, achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa 1260’f  waan ittiin jiraattu argattuuf qopheessef qabdi turte”  Mul’ata Yohaannis 12:6


Maqaa Abbaa, kan Ilmaa kan Hafuura  Qulqulluu Waaqa Tokkootiin. Ameen!
Seensa
Mana kiristaana Ortodoksiitti waqtiiwwan  haala fi taateewwan gara garaa wajjiin wal-qabatanii maqaa gara garatiin moggaafamu. Haaluma kanaan Waxabajjii 26 hanga  Fulbana 25’itti  waqtii gannaa kan jedhamu yoo ta’u, Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 kan jiru ammo jabana(waqtii) Habaaboo(Afaan Gi’iziin Tsige) jedhameet beekama. Waqtii habaaboo kan jedhameefis duumessii fi hurriin samii irraa mulqamee, roobni caamee keeelloon kan itti daraaru, habaaboon gara garaa  kan itti dhoohu, cululleen kan muldhattu, simbirri kan tuutaan yaatu waan itti ta’eef.
Habaaboon gara garaa tulluuuwwanii fi gammoojjiwwan keessatti illee lafa uwwisanii kan itti argaman waan ta’eef  jabana habaaboo jedhama. Yeroo kana qote  bulaan dhamaatii ganna itti dham’aa ba’e  bu’aa irraa eagachuuf waqtii innii abdiin guutamuudha. Yeroo kanatti bishaan  boraa’e kan itti taliilu, cinaan galaana hundi kan itti qulqulluu ta’anii muldhanatiidha. Waqtii laftis caalatti uffattee miidhagduudha.
Erga waa’ee waqtii kanaa hamma kana dubbane mee amma immoo akka  seera bataskaana keenyaatti kan yeroo hunda yaadatamuu fi si’aayinaan hordftoota amantaa biratti beekamu waa’ee sooma habaabaoo(tsiggee) fi waa’ee godaansa dubaroo Maariyaamii ni ilaalla.
GODAANSA DUBAROO MAARIYAAMII
Dhalachuun gooftaa Iyyasuus nama yaaddeese keessaa Herodsi isa tokko ture. Kunis kan ta’eef  Iyyasuus mootiin biyya Yihudaati oduu jedhu  waan dhagaheefi. Iyyasuus mootii biyya lafa kanaa se’eet aaree ajjeesuuf  ka’e. Gooftaan yemmuu dhalatuttu warri ba’a biiftuu  gara Heerodis dhaqanii  “Inni mootii Yihudotaa ta’ee dhalate eessa jira?  Nuyi urjii isaa ba’a biiftutti arginee isaaf sagaduu dhufneerraa”  ittin jedhanii gaafatan(Mat2:2).
Yeroo kana dhagahu egaa Heerodsi kan cinqamuu fi laboobu jalqabe. Boodas sobee jarreen ogeessota ba’a biiftutii dhufan  sanaan egaa dhaqaa waa’ee mucichaa hubadhaa qoraa, erga isin sagaddaniif anis dhaqeen sagada yoo deebitan anatti goraa jedheen. Haa ta’u malee inni dhuguma sagaduufii  barbaadeet osoo hin ta’in  Iyyasuus ajjesuu barbaadet ture. Haa ta’u malee isaan erga gooftaa Iyyasuusif sagadanii qoraxii isaanii bananii kennaa gara garaa kennaniifii booda osoo Herodisitti hin deebi’in gara biyya isaaniitti karaa biraan galaniiru. Sana booda egaa ergamaan Waaqayyoo halkn Yosefitti abjuun muldhatee Heerodis mucicha dhalate ajjesuu waan barbaaduuf gara biyya Gibxii(Misraatti) akka baqatu kan ta’e. wangeela irrati akkatti barraa’ee jira
“Ergamaan gooftaa tokko abjuudhaan Yoosefitti muldhatee ka’ii Mucaa fi haadha isaa fudhuutii biyya Gibxiitti baqadhu, Herodis Mucicha ajjeesuuf waan barbaaduuf  hamma ani sitti himutti achuma turi.”  ittiin jedhe. Yooseef yemmus ka’ee mucicha, haadha isaas fudhatee, halkaniin biyya Gibxiitti ni sokke. Hamma yeroo Herodis du’ettis achuma ture”(Wangeela Maatewos 2:13)
Egaa rakkooniifi gidiraan yeroo baqatan godaansa irratti isaan irra ga’aa ture asii eegala. Eeyye as as irratti kitaabota biro fi abbootni amntaa akka nutty himanitti akka armaan gadiitti ibsameera.
Yooseef halkan yemmuu ka’i baqachuuf taana jedhee  Dubaroo Maariyaamiitti himutti isheen Gooftaa Keenya harma Hoosisaa jirti ture. Yemmuu rifattee of duuba garagaltu harmi Mucaa afaanii bu’e annaan harma isheerras lafatti xaph jedhe. Bakki sun hanga hardhaatti adii ta’ee muldhata namootni gara Iyyaruusaaleem dhungachuuf deeman iddoo sana osoo hin dhungatin hin deebi’an(Hayyuu-hayyootaa  Izraa Haaddis).
Heerodis Mucicha ajjeesuuf kan barbaaduuf Mootumma kiyya narraa fudhata jedheet ture. Kanaanis yemmuu Iyyasuus Kiristoos ajjeesuuf  barbaadutti daa’imman  umuriin isaanii waggaa lamaa gadi ta’e hundi haadholii isaanii irraa fuudhamanii akka ajjeefaman ta’eera. Kunis tasa daa’imoota sana keessa Gooftaa Iyyasuus nan argadhee ajjeesa yaada jedhu qabateet ture, haa ta’u malee argachuu hin dandeenye.(Mat2:16) Yeroo kanaas ciqileen haadholii kan daa’imman  hammatu ni dhabame, imimmaan haadholiis gar malee lola’e. Gadda guddaanis ta’e. Kanaaf Heroodis, Herodis guddicha abaaramaa jedhama. Kanaanis jedha Wangeelli dubbiin rajicha Ermiyaasiin dubbatame, ni raawwatame, raajiinis akkas jedha ture:
Sagaleen Raamaatti dhagahame, sagalee boo’ichaa fi wawwaannnaa ture, Raaheel ijoollee isheetiif boosse, isaan waan hin jirreef  jajjabaachuu didde.” Mat 2:18
Kan gara biyya Gibxiitti  Maariyaamii wajjin baqatan baqatan, Solomee, Yoseef, Dubaroo Maariyaamii, Gooftaa Iyyasuus, Ilma Yooseef  kan Yoosaa jedhamuu fi harree tokkotu ture. Yoosaan kun dhimabee karaatti biraa hafee ture, booda Heerodis loltoota isaa gara namoota godaanaa jiran kanatti erguu isaa yemmuu oduu dhagahu  duuban daddafee Yooseef fa’a bira ga’e. Hoo’a aduutiin dhagni gooftaa Iyyasuus baay’ee dafqee waan tureef Solomeen  dhiqaa turte, Yoosaanis isaan bira ga’ee “isin tolfattanii teessanii jirtu,amma biyya Galiilaatti sababa Mucaa kanaatiin daa’ima ofii hammatte jirti?” jedheen .Dubbii kana yemmuu itti himu Dubaroo Maariyaamin garmalee rifattee bakka jirtu olkaatee mucaa ishee hammattee boosse.
Kanaaf Kitaaba Saqooqawa dingil jedhamu kan waa’ee rakkina imala isaanii irratti ga’e ibsu  kan barreessan , Aabba Arke Silluus akkas jedhan:
“Ilma Koo Kiristoos, Dhiigni kee yemmuu dhangala’u ilaaluu koo dura, du’a koo natty saffisiis jettee hammattee boossi jedhe.”
Yemmuus gooftaan Yoosaadhaan “Yoosaa  ilma Yosef  dhufatiin kee illee waan gaariif ture garuu  haadha koo waan rifachiiftef asumatti booqadhu, dhagaa kana boraafadhu “ jedheen. Yoosaanis duruma dhukkubsataa dhufe waan ta’eef achumatti booqate, kana booda egaa Gooftaa Iyyasuus dabalate namoota afurtu godaane jechaadha. Egaa dubbii nama  rifachiisu dubbachuun, suuta jedhaniit malee hin barbaachisu, kanas Yoosaa irraa hubanneerra.Wanti ajaa’ibsiisaan biraa immoo karaa irratti yeroo loltoonni Heerodis bira ga’an garuu harbuun takka banamtiee isaan dhoksiteetti.
Mul’ata Yohaannis boqonnaa 12:1 irratti akkas jedhame barraa’ee jira.
“Wanti guddaan dinqisiisan tokko waaqa keessati ni argame, dubartiin biiftuu uffatte ji’a miila jala kaa’attee, gongfoo urjoota kudha lamaa mataa ishee irraa qabdu tokko ni muldhatte. Isheen ulfa turte. Ciniinsuu da’uumsaatiinis dhiphatte, ni iyyite. Wanti dinqisiisan biraa tokko waaqa Keessatti ni argame, inni immoo bineensa akka jawwee guddaa diimaa biluu mataa torba, gaanfa kudhan, mataa isaa torban irrati wanta akka gonfoo torba qabu ture. eegeen isaa urjoota waaqa keessa jiran harka sadi keessaa harka tokko haxaa’e, lafatti gadi ni darbate,. Bineensi akka jawwee sunis yemmuu isheen deessu mucaa ishee liqimsuuf jedhee ishee da’uuf jettu sana dura ni dhaabate. Isheen ilma saba hunduma siiqqee sibilaatiin tiksuuf jedhu ni deesse, ilmi ishee garuu gara Waaqayyootti gara teessoo isaatti ol ni butame ,Dubartiittiin immoo lafa onaatti ni baqatte. Achitti iddoo Waaqayyo akka isheen guyyaa kuma tokkoof  dhibba  lamaaf  jahaatama f waan ittiin jiraattu, argattuuf qopheessee qabdi tute.”
Eyyee seexanni bineensa akka jawwee jedhameera. Heroodis irra bulee isaan godaansaa, rakkina isaanis baay’isaa ture .Dubartiin jedhamtes dubaroo Maariyaamiidha. Urjooliin 12 jedhamanis fakkeenya duuka bu’oota gooftaata 12 ti  jedhu abbootni. Godaansa irra kan turan waggaa sadiifii walakkaa dha.kanas guyyyaa 1260 jedhu irraa ni hubanna. Sanaaf kaa Aabbaa Arke Sillus
“miilli kee kan ji’a kaawwate, nafti kee kan kan urjii gonfate, sun gubiinsa aduutiin godaansa  irratti yoo hoo’a ashawaatiin gubatu, nama dhiisiisitii dhakaan kan boo’u ture jedhee jira”
Kadhannaa Halkan Guutuu Waqtii Habaaboo(Mahlete-Tsigge)
Aabbaa Tsiggee Birhaan jedhamu(Tsigge Dingilis jedhu), Jaarraa 14 keessaa jaalala dubaroo Maariyaamiif qaban irraa kan ka’e hafuuraan Kitaaba Maahlete Tsige jedhamu akka faarsaa Daawiit lakkoofsaan boqonna 150 godhanii  barreessan. Innis of Keessatti iccitii firiin akka habaaboo irraa argamu, dubaroo Maariyaamii habaaboodhaan, gooftaa Iyasuus immoo firiidhaan wal fakkeessee akka ciigooti bareese. Isa qofa osoo hin taanee waa’ee ergamootaa, qulqullootaa,fi waa’ee  Sillaasee hundaa Keessatti galchee  barreesseera. Habaaboon Moggaafamuun isaas kanaaf. Waqtii kanatti egaa torban torbaniin halkan guutuu sanbata guddaatti barii kadhaa fi galanni kun ni dhihaata, hordoftoonni amantaas araarsummaa isheetti amanan ,tajaajiltoota  waliin mana kiristaanaatti argamanii ni galateeffatu, wanta garaa isaanitti yaadan hundi akka guutuufis ni kadhatu. Namootni kuun immoo suga ayyaana kana irraa argachuuf tajaajiltoota hafuura halkan guutuu dhaabachaa bulan kanaaf waan nyaatamu fi dhugan ni geessu.
“Urgooftuu Roomaan, Habaaboo qanaanimoo kan taatee yaa Maariyaam yeroo godaansa keetti rakkoo sirra geesse osoon akka oboleettii keetii akka Solomee ta’ee irratti hirmmaadhee hawwii koot ture, kanaanis gammachuu dhuma hin qabnen argadha” jedhee jira.
Akkuma kanaa olitti kaafne, bineensa jawwee kan jedhame seexanni ergan loltoota Heroodis irra bulee isin argachuu baadhee jedheet bakkuma isaan deeman hundattu laphee namoota itti jabeesse. Namoonnis akka garaa hin laafneef isaan godhe. Wantoota ta’an kana keessaa kitaaba dinqii Maariyaam irratti seenaan armaan gadii barreeffamee jira:
Beelli itti hammaanan Giiftiin keenya Dubaroo Maariyaamin mana dubartii gargaartuun ishee Kootibaa jedhamtuu dhaqxe. Yeroo sanas mee Waaqaf jedhaa waan qabdanin beel-dheebuu nu baasa jetteen. Yeoo kana kotibaan olseentee giiftii ishee Ti’imaan jedhamtuun  akkas jette
“Hardha ammo dubartiin  bareedduun dhirsa kee sirraa fudhachuu dhufte,ilaali  jetteen. Yemmu Ti’iman Dubaroo Maariyaamiin agartu immoo “Ati amala kee gaarii gootee dhirsa kee waliin taa’uu diddee bifa kana fakkaatu qabattee ol gadi deemtaa? jettee gooftaa Iyyasuus harkaa fuutee lafatti darbite.
Yemmuu kana lakki ani biyya Yihudaatiin baqadhee dhufe malee dubartii akkasii miti jetteen. Yemmus gooftaan lafatti bakkuma darbametti taa’ee boo’a ture. Yemmuu Maariyaamiin lafaa  fuudhuuf  jettu, Yooseef immoo hin  fuudhiin hardha Waaqayyo dhuguma dinqii isaa haa agarsiisu  jedheen. Yeroo kana kootiibaafi Ti’imaan jaldeessa ta’anii sarootumti isaanii jaldeessi eessaa nu marse jedhanii ari’anii mana sanii baasaniiru.Mana sana keessas Dubaroo Maariyaamii fi Yooseef Solomee faanaa  baatii jahaaf taa’an.
Ti’iman bareedina Dubaroo Maariyaamitin dinqisiifamtee turte. Dubaroo Maariyaamiin akka habaaboo qoree Keessatti guddateetti. Yihudoonni hojiin isaanii  hundi akka qoree nama waraana.  kanaaf macaafa weedduu weedduu caalu irratti Solomon akks jedhee dubbate
“Hiriyeen koo durboota giduutti akka daraaraa qoraattii keessa jiruuti” (Wedu2:2) jedhe Solomoon.
Kun jecha ciigoo Dubaroo Maariyaamiif dubbatameedha. Yeroo mana Ti’imaanii ba’anis hattoonni argatanii uffata gooftaa jalaa fudhatan.Yeroo kana Dubaroo Maariyaamiin lafa gammoojjii  kana hunda dhufee ilma koo hattuu jalaa baasuu dadhabee  jettee hammattee boossi,ture. Kanaaf  Aabbaa Hirioyaqoos kitaaba Qulqulleessa’uu(Qidaasee) irratti Baatii godaansaa sanatti ilma kee fulduratti imimmaan harcaafte beeksisi, gadadoo fi beela, rakkina fi dheebuu, hunda nuuf beeksisi, nuufi kadhadhu jedhee kan barreesse.
Hattoonni lamaan kunis waan qaban hunda irraa fudhatan,uffata isaanis ni saaman. Haa ta’u malee isaan keessaa inni tokko garaan baay’ee waan na’eef ,Isa hatticha kaaniin  “Obboleessa koo kan hanga hardhaa saamne siif haa ta’u uffta jara kana garuu haa deebisnu” jedheeniira. Yeroo Gooftaa Iyyasuus harka haadhaa  irraa fuudhee hammatee gaggeesse. Yeroo guddatus hattichi sun maqaansaa xiixos dha. Guyyaa gooftaan fannifamu kan bitaa fi mirga isaatti waliin fanniifaman isaan turan. Hattuun(Shifta?)  sunis uffata gooftaa ittiin hammate sana yoo miiccu  urgooftuun waqeetii Warqii 300 baasu  akka argate abbootni amantaa nuttti himan. Maariyaam haati urgooftuu , urgooftuu gatii guddaa  baasu kana kan bittee  gooftaa dibde tokko asii dhufe seenan jedhu jira.
Isheen illee beela’uu hin qabdu ture. Daabboo harka ergamoota harkatti tolfame nyaattee guddatte.  Kanaaf  isheen sanyii namni hundu du’a irraa baraarameeniidha.  Akka Sadoomii fi Gamoraa taanee turre osoo Waaqayyo si nuu hambisuu baatee  akkuma jedhame.
“Waaqayyo gooftan maccaa hambaa yartuu ishee osoo nuuf hambisuu dhaabate akka sodoom ni taana ,gamoraas ni fakkaanna ture”  Isa 1:9
Ammas akkas jedha kadhjaan
Makara raajii kan sirratti raawwate(dhume)  akka waqtii habaaboos beela kan balleessite, Yaa Maariyaamii raajiin Eeldaa Iyyu’el sirratti raawwate jedha.
“Guyyaa sanatti tulloonni daadhii haaraa ni cobsu, Gaaronnis aanan ni baasu, laga yihudaa hunduma keessas bishaan ni yaa’a, bishaan mana qulqullummaa keessaa burqus dacha shiixim ni obaasa” jedhee kan raaje si irratti raawate bar jedha. Macaafa Iyyu’el(Yo’el) Raajichaa 3:18
Ammas akkas jedha kitaabichi
“Yaa maariyaam jaalalli kee dinqi hojjeta, xaarsuu   du’aat irraanfachiisa, kan hadhaawus akka mi’aawu godha” Abbaa Tsigge Dingil. Deebisees ammo  akkas jedha, 
“Yeroo tokko gara kee irrattitti(fuuldurarratti), yeroo tokko dugdatti daa’ima baachudhaan baay’ee dadhabde, Solomee malee eenyutu si jabeessa,Yoosef mangudichi sinqii kessan baata ture” jedha.
Dubaroo Maariyaamiin Gara Biyya Keenyaa Dhufuu Ishee
Yeroo sanatti Gibxoonni waqayyoolii tolfaman  Waaqeffachaa  waan turaniif gadda irratti gada itti ida’an turan. Sanumaan gara Itiyophiyaa  akka dhuftee barraa’eera. Iddoowwan qubatte keessaa: Dabredaamoo, Waaldibba, Aksum, Gibxayit Mariyaam, Hara Xaanaa  Qirqos, fi kan biros dhuftee turte.Mootichi yeroo sana tures akka gaarii keessumeessee ture. Kanaaf Itioyoophiyaan biyya kennaa Maariyaam jedhamuun beekamti.
Maaliif Gara Biyya Gibxiitti Baqatan?
Egaa biyyoota jiran keessaa Misraan maaliif godaansa isaaniif filatamte deebii jedhuuf gabaabumatti sababawwan arman gadii kana kaasuun ni danda’ama.
A.   Gibxiin biyya Waaqayyoolii tolfaman  baay’inaan jiran waan ta’eef isaan balleessuuf,
B.   Gadaamota Gibxii eebbisuuf: Gibxii keessa gadaamota gurguddoon qulqullooni beekamoon keessa jiraatan waan hanga darbiinsa lafaatti itti uumamaniif sana eebbisuuf.
C.   Raajii xumuruuf,  Waaqayyo dumessa ariifataan gara Gibxii ni dhufa dubin jedhus jira  waan jiruuf:
“Kunoo Waaqayyo duumessa ariifatadhan gara biyya Gibxii ni dhufa,Waaqayyooolii tolfamoon biyya Gibxii fuula isa dura ni rom’u” Isaayyas 19: 1
“kun Waan Waaqayyo gooftaan Afaan raajichaatiin“ Ani biyya Gibxii, ilma koo waame,jedhee dubbate haa raawatamuuf ta’e Mat 2:14.
Guduunfaa
Egaa gooftaan maalif godaane yoo jenne godaansa hordoftoota isaaf fakkeenya ta’uuf akka ta’e hubanna. Nami amantaa isaatiin godaansi irra ga’uu ni danda’a, biyya itti dhalate irraa Maqaa gooftaatiif jedhee  ni godaana, kanaaf akka jabaatuuf jedhee fakkeenya ta’uuf akka ta’e ni hubanna. Akkuma arman olitti gababsinee kaasnetti godaansi Dubaroo Maariyaamii irratti rakkoowwan ga’an hunda barreessanii fixuun nama dhiba. Kanaaf kitaabota waa’ee kana ibsan ilaaluun barbaachisaadha.Hanga kana akka barreessinuuf kan nuuf eeyyame Maqaan Gooftaakeenyaa Ilma Maariyaamii Iyyasuus Kiristoos  nuuf haa ulfaatu. Dubaroo Maariyaamiin kadahannaa isheetiin nu ijoolle ishee   nu haa gargaaru. Bakka nu hirdhisne Waaqayyo itti nuuf  haa guutu. Ameen.
Kitaabota Wabii
1. Kitaaba Dinqii Maariyaam
2. Kitaaba Mahileeta Tsiggee
3. Kitaaba Saqooqawa Dingil
4. Macaafa Qulqulluu
5. Barnoota hayyuu-hayyootaaa Iziraa Haaddis yeroo gara garaa kennan irraa baldhinaan kan fudhatameedha(Gondar)
Yaada keessaniif: Waldaanahimiyaa@gmail.com




1 comment:

  1. Baay'ee namatti tola, Jecha jireenyaa isin haa dhageessisu.

    ReplyDelete

Note: Only a member of this blog may post a comment.