Monday, October 15, 2012

WNA001.Qabsuura Qulqulluu Abboo(Abune Gebre-Menfes Qiddus)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkootiin!


Urjii kabajaa, ibsaa gadaamotaa”

Waaqayyo namoota tokko tokko gadaamessa haadha isaanii Keessa osoo jiranuu akka filatu raajii Ermiyaas keessatti himameera. Biyya keenya keessattis amantaa isaanii Keessatti hojii hin irraanfatamne kan hojjetan, iddoo guddaas kan  qaban, kan wangeela lallaban, kan kadhaadhaan dinqii gara garaa hojjetan tolootni fi qulqulloonni hedduun ni yaadatamu. Qulqulloota kana keessaa immoo kan dhaloonni isaanii biyya keenya keessa ta’anis kan biyya alaatii dhufanii kiristaanummaa babaldhisanii biyya keenyaaf tajaajila hafuuraa fi naamusa kiristaanummaa fi Iyyasuus kiristoos lallabanii namoota cuuphanii kan darban heddutu jiru. Isaan keessaa hardha dursaa tolootaa, kophummaan gadaamota keessatii qabsuura ajaa’ibaa dabarsuun biyya keenyaaf umurii isaa guutuu araara kadhachaa kan turan,kan dhalootaanis yeroo hunda aadatamu waa’ee Abune Gabre-Menfes Qiddus(Abboo) hanga tokko isiniif dhiheessina. Ummata Oromoo biratti immoo Abboo jedhamee waamamu. Waaqayyo waa’ee abbaa jaalatamaa kana akka barreessinuuf kan nuuf heeyyame maqaansaa haa ulfaatu!

Abbaa fi haati isaa Simi’oonii fi Aqleesiyaa jedhamu. Biyyi isaanis Gibxi(Misraa)dha. Isaanis erga wal fuudhanii booda ijoollee dhabanai waggaa 30 guutuu boo’ichaa fi gaddaan jiraata turan. Waaqayyos ilmoo akka kennuuf jabeessanii kadhatu ture.  Guyyaa tokko Aqleesiyaan gara bataskaanaa dhaqxee fakkii Sillaasee fuuldura dhaabatte, “Maaloo yaa Waaqayyo  ilma si gammachiisu, kan abboommii kee eeguu fi qulqullina jaalatu naaf kenni”  jettee kadhatte. Yeroo sanas fakkichaa irraa sagaleen “ilma maqaansaa guddate, qulqullini isaas akka ergamoota Mikaa’elaa fi Gabr’eelii kan ta’e, lubummaan isaas akka Melketseediq kan ta’e akka Yohaannis cuuphaa fi akka raajii Eeliyaas kan ta’e ni deessa” jedhee. Dur kakuu moofaa Keessatti akkuma Ribqaan waa’ee ijoollee ishee Waaqayyoon gaafachuu deemte, Aqileesiyaanis Waaqayyoon gaafachuu gara mana Waaqayyoo adeemte.(Seera Uumama 25:23)

Kana booda Aqleesiyaan muddee  29 ilma deesse. Maqaan daa’ima dhalatees  ergamaa Waaqayyoo Gabr’eeliin mogga’e, Garba Hafuura Qulqulluu(Gabre-Menfes Qiddus jedha Gi’iziin)  jedhamee mogga’e.  Wanti dinqii ta’e immoo guyyuma dhalatetti “Abbaaf galatni haa ta’u Ilmaaf galatni haa ta’u, Hafuura Qulqulluuf galatni haa ta’u”   jedhee yeroo sadi sagade, ammas dukkana keessaa gara ifaatti kan na fidde galatni si haa ga’u jedhe. Dubbiin Kunis akka kitaaba Henok irratti ibsaametti dhalachuu Noohin wal fakkaata. Nooh guyyuma dhalatetti Waaqayyoon akka galateeffate kitaaba Heenok irratti ibsameera.

Wanti ajaa’iban nama dinqu biraa ammo guyyaa dhalate irraa eegalee haati isaa hin hammanne, harmas hin hoosifne, yeroo kana dinqii ta’erra kan ka’e haati isaafii warri achi jiran hundi baay’ee dinqisifatan. Waggaa sadi erga guutee boodaas ergamaa Gabri’eeliin Waaqayyoon ajajame daa’imicha harka haadhaatii fuudhe gara gadaamiit(lafa ona) geesse. Hoogganaa gadaamichaanis waan daa’imni kun nyaatuu fi dhuguufis hin cinqamin inni sagalee Waqayyoo qofaan jiraata jedhee itti hime .
Ergamaa Gabri’eeliinis gara samiitti ol fudhatee iddoo baay’ee daawwachiise. kana booda gara gadaamitti deebisee, waan Waaqayyo waa’ee daa’ima kanaa itti hime hunda hoogganaa gadaamichaa Aabba Zemede Birhanitti hime. Aabba Zemede Birhanis faarfanaa Daawitii fi barnoota manni kiristaana barsiiftu hunda barsiisuun guddisan. kana boodaas Diyaaqonii ta’ee akka Isxifaanositti qulqullummaan Waaqayyoon tajaajila ture.

Boodas immoo askeema kaawwate ni monokkose, barsiisan isaas kennaan dhokate irratti muldhata waan ta’eef waa’ee nama kanaa baay’ee dinqama ture. Aangoo lubummaas fudhatee  soomaa fi kadhata baay’isa ture. Kana booda nama irraa adda ba’ee gadaamii keessa kophaa jiraate. Akka duuka bu’ootaa dinqii fi kennaan fayyisuu ni kennameef. kana booda nama seexanni irra bule seexana irraa baasaa kan dhibame fayyisaa, kadhaa isaatinis dhukkubsattoonni dhukkuba irraa ni fayyu ture. kana booda egramaa Gabr’eeliin gara samiitti ol fudhate, Gooftaa Iyyasuusis erga  eebbisee booda akkas jedheen “ kadhannaa keetiin lubbuun ati ibidda  keessaa baaftu baay’edha, namarraa adda ba’ii jiradhu, kadhata keetiin kan ijaan hin agarre  ni fayya, qaama miidhamaan  dhabatanii sirraa’anii  adeemu” jedheen. Waaqayyos  leencaa fi qeerransa waliin akka jiraatu  qeerransa jahatamaa fi leenca jahaatama ni kenneef.  “Kana hunda maalan nyaachisa?”  egaa jedhee gaafannaanis lafa ati dhaabatte arrabanii jiraatu ni quufus jedheen.

Ergamootnis waan kana yoo dhagahan baay’ee gammadan. Yemmuu iddoo dura jirutti deebi’us mataa irraa eegalee hanga lukaatti rifeensi ni biqileef. Dheerinni rifeensa  isaatis ciqilee tokkoof walakkaa ture. Abboon nafa isaatiinis  “jabaadhu Waaqayyo fuldura qulla kee dhaabatta cichi” jedhaan ture, halkanis guyyaas Waqayyoon kadhachuurra hin hafu ture. Foon isaa hanga goguutti gogaan  isaas akka lafeetti maxxanutti halkan-guyya ni sagada malee waa hin nyaatu ture. Ergamoonnis yeroo hunda ni jajjabeessu  ture.
Waaqayyo ergamaa Ermiyaasiin osoo gadaamessa  haadha kee keessa jirtu  si filadhee akkuma jedhe Abboonis akkasuma filatame. Kadhannaa isaatiinis  lubbuun namoota hedduu araara argatan. Gooftanis waadaa  ati na kadhatte siifan kenna, maqaa kee kan waamaniifii yaadannoo kee kan godhaniif nan araarama’ jedheen. Abboon dhalate hanga waadaa Waaqayyo irraa argatetti  waggoota 300 ta’ee ture. Waada sanaanis namoota baay’etu ibiddaa ba’e. Waaqayyo karaa fayyina kan nuuf baay’ise  haa ulfaatu.

Abboon Gara      Biyya Keenyaa Dhufuu Isaa

Ergas booda Abboon gara Itiyoophiyaa qerransoota fi leencota  isaa wajjiin gaarii qillensaa irra taa’e dhufe. Qulqulluu Gabreelinis gara iddoo Midra kebdiitti geesse(Kibbatti argamti iddoon tun). Sana boodas gara tulluu Cuqqaala fide hora tulluu cuqqaala cinaa dhaabbatee  biyya keenya kallattii afraniinuu eebbise. Abboonis hora sana keessa waggaa 100 ‘f dhaabatee  kadhate. Lafeen isaatis akka cabbii ta’ee muldhate. Foonsaas ni dhume, dhiigni isaas bishaanin wal make.

Seexannis kaabaa kibbaa dhufanii guyyuma guyyaan ni rakkisu  ture, ni waraanus ture, kana booda gooftaan gara isaa dhufe ba’i namoota Itiyoophiyaatiif ararameeraaf  jedheen. Yemmu waggaa torbaaf biyya Midre- kebditti dhabate kadhatus seexanni arraagessa fakkaatee ija isaa lamaanuu keessa fudhate, inni garuu kadhaa isaa addaan hin kunne ture, hamma kana kadhaadhan kan hawwatame ture. Sana booda garuu Mikaa’ela fi Gabri’eeliin dhufanii fuldura isaa dhabatanii ija irratti ‘if’  itti jedhan, kanaanis ijji isaa ni deebi’e. Yemmu gara tulluu Cuqqaalaatti  deebi’anis Sillasen akka Abrahaamitti muldhatanitti Abboottis  muka tokko jala dhaabatanii itti muldhataniiru.

Gooftanis ‘gara tulluu Cuqqaalaatti  deebi’iiti seexannan waggaa dhibba tokkof si qoraa turan sana dhabamsiisi, ergamoota koon siif kenna’ jedheen. Yeroo sana Abboon bakkakkaan fi ergamootaan seexanannan sana ni fixe, ni ari’e. Dinqii Abboon godhe keessaa yeroo Abuune Samu’eel fa’a isaan gaafachuu dhufanitti  leencota Abune Saamul fa’a leenconni Abboo jalaa  nyaannan leenca isaaniitiin “koottaa tufaa waan isiniif hin heeyyamamne gootan”  jedhani. Sana booda maqaa gooftaa Iyyasusin ka’aa jedhee  yemmuu ajaju leenconni nyaataman sun ni ka’an.
Biyya keenya dhufuuuttis ni gammade. Innis yeroo hunda fayyina uummata fayyaalessa kanaa Waaqayyoon jabeessee kadhata ture. Foonii fi dhiiga gooftaa Iyyasuusis gara Iyyaruusaleem deemee ni fudhata ture. Yemmuu achis dhaqu kadhaan isaa ‘Yaa Waaqayyo warra Itiyoophiyaa kan osoo si hin argin sitti amanan kanaaf naaf araarami’ kan jedhu  ture. Waadaan isaa kennames kan amaneef  hanga dhaloota 15 kan araara argamsiisudha.

Waaqayyos kan bataskaanaaf kennaa kennu, ixaana haa  ta’u, zayitas ta’u, guyya yaadanno kee kan dhiheesse cubbuu isaa irraan dhiqa. kan beela’an kan beela baasu, maqaa keetinis kan dhiifama godhu samii irratti si waliinan jiraachisa. Kan daares maqaa keetiin daara kan baase, kan gadde kan jajjabeesse, cubbuu isa duraa itti jalaa hin lakkaawu’  jedheen waadaa hedduu kanaaf  kan kana fakkaatu kenneef.  Waggaa 562 tti  Erga waadaa hedduu argatee booda, Bitootessa  5 haala nama ajaa’ibsiisuun booqate.Waggaa keessattis guyyaan kun biyya keenyatti haala guddaadhan kabajama.Keessumattuu ammoo Midre kebdiifi tulluu Cuqqaalaatti(Shawaa Bahaa).Onkoloolessa 5 haaluma wal fakkaatun ni kabajama.

Mee amma dinqii isaan hojjetan keessaa tokko ilaalla. Dubartii sagagaltuu  sanbata hin kabajne  hojii gaariis hin hojjenne takkatu ture. Ishettis Waaqayyo dheekkamee yoo ala baatu qaama saala isheetin bofni garaa seene. Kanaanis gar malee rakkattee kan sheen nyaattu nyaachaa, kan sheen dhugdu dhugaa, yoo sanas dhabe qaama ishee nyaachaa lafeetti baase, xaarii ishees itti cimse. Abbaan warraa ishees yoo bira ga’u (walqunnamtiin qaama saalaan) hiddee ajjeese.

Guyya tokkos namni tokko gara mana isheetti dhufe bofichi garaa ishee keessatti guddatee arge, naaf kadhadhu jetten. Innis Abboof  silatii godhi ni fayyita jedheen. Isheenis ‘waan qabu hunda Abboof  kenne jette. Guyya yaadannoo isaa kabajamutti, lubootaa waamtee ibsaa  ibsite, kadhatte. Bataskanafis ixaana hedduu kennite. Halkan sana Abboon gara isheetti dhufee ‘yaa bofa nana ba’iitii akkuma Waaqayyo si abboome  biyyee nyaadhu’ jedhe. Yeroo sana mallattoo fannootiin mallateessee yoo ba’i jedhee ajaju bofichi gadaamessa ishee keessaa ni ba’e. Dheerinni bofichaas ciqilee shan ture. Dinqii kanas namoonni arganii Waaqayyon galateeffatan Sana booda dubartiin sun heerumte ijoollee 7 deesse hanga dututtis yaadannoo isaa addan hin kunne ture
Nuti ijoolleen Ortodoksii warri araarsummaa isaati amannu hundaaf sugni fi araarsumman Abbaa keenyaa  hanga dhumaatti  nu faana haa ta’u. Kakaase kan nu jalqabsiise, nu jalqabsiises kan nu xumursiise maqaan ilma Maariyaam kan gooftaa gooftaa keenyaa  haa ulfaatu, bakka hirdhate inni itti nuuf  haa guutu.Ameen!

Wabii
Kitaaba  Qabsuura Abune Gebre Menfes Qiddus (Abboo). (1992). Afaan Amariffaa fi Gi’iziin kan qophaa’e, Finfinnee, Mana maxxansa Tasfaa Gebre Sillaasee.


No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.