Kadhaa kamisaa(Tsaloota Haamus):
Guyyaan kun Gooftaan gad of qaqqabummaa
dhaan kan duukabu’oota isaa miila itti dhiqee dha, kan duuka bu’oota isaa
waliin nyaatedhas fi bu’ura jireenya
kiristaanummaa kan ta’ee iccittin
qurbaana guyyaa itti hunda’ee(bu’uure) dha.
Guyyaan kun dabalatan duuka bu’oota isaatiin isin keessa tokko
dabarsee na kenna kan jedheen, Yoohannis gara isaatti dhiyaatee eenyutu si
kenna yemmuu jedhuutti , mallattoo kan itti argate, Geetasamanitti rakkinni
(tsiwwaa ykn xoofooon) kun narraa haa darbituu jedhee kadhachuu isaa; kunis kan
ibsuu yeroo qorumsaa, rakkinaa kadhaan akka barbaachisu kan itti barsisee dha.,
nuti yeroo hundaa eeyyama isaa raawwachaa akka jiraannuuf, nama ta’ee
muldhachuu isaa ragaa bahuuf, cubbuu
Addaam dhiifamuuf (fayyina )kan argatu
du’a kanaan wanta ta’eef dhiphinni Addaam ammaam cimaa akka ture gaafachuufi
, fuldura isaattis addaa fi akka dhiigaati kan coccobuu guyyaa itti bu’e,
dhumarrattis Yihuudan ilma nama dhungoo dhaan dabarsee akka kennuu kan itti
dubbatame, qulqullicha Pheexiroosiin gurri Maalkoos kan cite deebi’ee kan itti
fayyisee dha.
Duuka
bu’aa isaatiinis warreen seefii kaasan seefii dhaan baduu, bakka kaastetti
deebisi jedhee kan ajajee dha.Warreen qabuu dhufan jecha Isaa qofaan
lafarraattii kufani, eeyyama isaanitinis Ayihuudotaatti dabarsee guyyaa itti of
kenne dha.Yaadannoo kana hundaaf guyyaa Kamisaa qeesotni (luubotni) bishaan
gabatee dhaan qopheessani fakeenyaa Gooftaatin jalqaba luboota ,ummataa miila isaanii tartibaan ni dhiqu. Har’a garuu
kan firoota isaa miila dhiquu iyyuu hin jiru. Qulqullun pheexiroos yoon miila kee
dhiquu baadhe ana waliin tokkumma hin qabdu yemmuu jedhuunitti, miila koo qofa
osoo hin taanee, qaama koo hunda na
dhiqi jedheen, dhiqatees. Nutis cubbuu irraa bilisa (qulqulla’uu) akka taanuf,
amantaa dhaan dhiyaannee, boo’icha gaabbiitin dhiqachutuu nurra jiraata, Waaqayyoo
waliin tokkummaa akka qabannee dhaaltuu mootummaa isaa taanuf.
Kadhaa
kamisaaf ayyaana qexxaa jechuu irraan kan hafee, guyyaa iccitii guddaa jedhamee
beekama sababni isaas iccitii qurbaana
kadhaa waliin tokko taasisee kan itti ibsee waan ta’eef. Guyyaa kana jilbeeffannan
(sagadni), kadhaan, dubbisootni akkuma barametti ni raawwata, adda kan taasisuu
(seerri addaa) bulmataa (Taabota) huccuu gurraachi itti uwwifama, kadhaa ni
kadhatama. Manni amantaas ixaanan ni arfama. Daaqonotni
bishaan gandaa lamatti ni dhiyeessu. Tokko miilaaf yoo ta’u inni tokko immoo
harkaaf ni oola. kadhaa Akoteeta kan jedhamuu erga dubbifamee ykn kadhatamee
booda, kitaabni wangeelli dubbifamee, bishaanichis luubaan, /phaaphaasii dhaan eebbifame seerri dhiquu lubootan ni raawwata.
Seerris kan raawwatu, bishaan qofaan osoo hin taanee, baala ejersaa fi
wayinitinis ni raawwata. Iccitin isaas ejersi jabaa, cimaa akkuma ta’e,
kiristaannis rakkinna cimaa fudhaachuu akka qabuu ibsuu irraan kan hafee, nuti
kan ittin dhiqannu, nuti kiristaanonni gidiraa(dhiphina), dhiphina dhufu
fudhaachuuf qopha’oo dha jechuu keenya ibsuufi. Baalli waayini immoo dhiigaa
isaa waayniidhaan fakkassee ummataaf dhugaati jireenya akka ta’uuf kennuu
fi yaadannoo taasisuufi(Maatiwos 26:26) . Seerri kun Gooftaan keenya
Iyyasuus Kiristoos duuka bu’oota Isaaf kan raawwatee ummata barsiisuu dha. Yohaannis
13:14. Abbootni beektoota mana amantaas karaa bitaa fi mirgaa dhaabbachuu dhaan
“Duuka bu’oota isaa kabaje,luka isaanis dhiqe” jechuudhaan ni farfatu. Seerri Kun erga
raawwateee booda sirni galataa (qiddaasee) gaggeeffamee, ummataaf quluqulluun
foon isaa fi dhiigni ni kennama.
Sirna galateefannaa (Sirna Qiddasee)
gaafa kamisaa:-sEerri galataa kan gaggeeffamuu sagalee tasgaaba’ani dha. Kun kan ibsuu
Ayihuudotni Gooftaa iccitiidhaan qabsisuu fi kadhaan yeroo kakuu moofaa bu’aan
isaa jireenya lafarra qofaf ta’uu ibsuufi. Ummaatnis osoo eebba (buraakee) fi
nuzaazee hin fudhatin ni galu.
Guyyaa Jimaata ganama: - guyyaan
jimaata bilisummaa Addaam deebisuu dhaaf Gooftaan keenyaa Iyyasuus Kiristoos
gatii cubbuu guyyaa itti nuuf baatee, guyyaa gaddaa fi guyyaa faayyinaati.
Guyyaa kana wanti hunduu akka barametti ni
rawwatama. Nuuf dhisii Izlii dhaan ummata ni durfama
ummatnis ni hordofu, wangeelli arfaan ni dubbifamu. Walakkaa dhaanis “Dursoonni
lubootaa yoo bari’u irratti mari’atan” yeedaloodhaan jedhamuu harka fuudhinsa
ummata waliin ni taasifama. Dubbisni, sagadni (jilbeeffannan) ni fi digguwan
itti fufa.
Sa’atii 3 irraatti:-
fakkii fannoo, faannoo, wangeelli,dungoon balbala kutaa mana amantaa duratti ni
qophaa’a. Daaqononnis warra ‘ na ari’atan ari’i,warra na
dhiiban,dhiibi”jedhu luubotni fi uummatnis yeedaloodhaan jalaa qabu. Misbaakin jedhamee wangeelli
arfanu ni dubbifama. Walakka dhaanis digguwaan sa’ati sadii ni jedhama. Yemmuu
Abbootni luubotni nuuf faarfatan nutis jalaa qabnee akka armaan gadiitti
KIRIYAALAAYISOON jechaa sagadna(jilbeeffanna):. Innis si’a 41 dha kan jedhamu
kunis kan ibsu rakkina Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos si’a 41 muka
ejersatin reebamu isaatin fakkeeffama.








Sa’atii jaha:- Dursaan Izlii guyyaa sanaa dursaa luubotni
xinaa qabatani karbee aarsaa, daaqonotni ibsa ibsaa (shaamaa, dungoo) “ Fannoo
keetiif ni sagadna” kan jedhu ni weeddifama.
Ummatnis yeedaloo jalaa qaba ni sagadu. Daaqonin Misbaakii,” “Lukaa fi
harka koo na waraanan” erga jedhani booda, wangeelli arfanu ni dubbifamu.
Digowan ni weeddifamaa. Kana booda ummatni ni ta’u. Luubni sadii huccuu gurracha
uffachuu dhaan zeema nama gaddisisuu ni jedhu ‘amnisitiitii mukaariiyaa aantii
faasiliyaasu’; Gooftaa koo anaaf duute, bade ani siif haa du’u’ jechuun yeroo
sadi ni faarfatu
“Uummatnis
ka’ee jala qaba kanatti ansuu dhaan ‘Yaa Gooftaa koo mootummaa keetti na
yaadadhu’ jedhame ni weeddifama. Sirni
jilbeeffannas ni taasifama.
Sa’ati sagal:-
warrii kaan akkuma baraman ta’ee oo
‘du’a foonii dhandhame’ si’a sadii
luubotni weedduudhaan ni jedhu. Ergaa misbaakiin, wangeelli arfan dubbifamee
sagadamee booda barumsi wangeela uummataf ni kennama.
Sa’atii 11:-
Lubootni karaalee kallatti 4 dhaabatani 400 igzi’oota( yaa Gooftaa nuuf dhiisi)
ni gaggeessu, faaruu guyyichaa ilaallatus ni farfatama. ‘Ni galateeffanna’ jecha
bataskaana i nanna’uun dibbeedhaan, Xinaadhaan Waaqayyo ni galateeffama. ummatni
torbaan dhiphina keessa kan hojjata himatani gaabbii fudhatani, luubootnis
sagada sagadaa oolan irratti dabalatni kennameefi booda gara mana isaanitti ni gaggeefamu.
Fannoo
dhungachuun hin danda’amu. Kan danda’ee kamisaa
irraa kaasee, warri hin dandeeye immoo jimaata halkani kaasaani hangaa guyyaa
du’aa ka’umsaatti ni soomama kan jalqabamees guyyaa kamisaa irraa duuka bu’oota
fi Haadha keenya dubroo Maariyaami akka ta’an abbootni ni barsisuu.
Itti fufa...............................................
No comments:
Post a Comment
Note: Only a member of this blog may post a comment.