Monday, March 16, 2015

Torban Shanaffaa(Tulluu Ejersaa)


           Maqaa Abbaa  kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkon. Ameen.
Dn. Baqqalaa Badhadhaatiin
Suuraa Tulluu Ejersaa yeroo ammaa
"Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.Kunoo, ani duraan dursee isinitti himeera.” Wangeela Maatewos 24:23
Sooma Guddicha gooftaa keenyaa kana keessa kan jiran. torban tokkoo hanga torban afraffaa kanaan dura ilaaluun keena ni yaadatama. Torban shanaffaan Sooma guddichaa kuni ammo Tulluu Ejersaa(Debre Zeit) jedhama. Torban kun tulluu ejersaa kan jedhameefis, gooftaan keenya gara tulluu mukti ejersaa itti baay’atuutti ol bahee waan barsiisefi.Akkuma yeroo darbe ilaalletii moggaasniiwan kun kan kennamaniif Qulqulluu Yaareedin. Sanbatni kunis kan ittiin yaadatamu gooftaan keenya Iyyasuus Kiristos waa’ee dhufaatii Isaa, mallattoowwan yemmuu inni dhufu tahuuf jiran,keesumattuu shakkitoonni hedduun maqaa Isaatiin akka dhufan,’yaa gooftaa,yaa gooftaa’ jechuudhan akka namoota heddu dogongorsan, duuka bu’oota isaa kan baldhinaan itti barsiise dha. Gooftaa fi fayyisaan keenya bara lafa kanarra deddeebi’aa turetti, guyyaa guyyaa waldaatti barsiisaa oola, halkan halkan ammo gaara ejersaa kanarra bulaa akka ture wangeelli dhugaa baha.(Luq.21: 37)
Qulqulluu Yaared kitaaba Sooma Diguwaa irrattis torban kanaaf faarfannaa kanaa gadii qopheessee jira.
“Gooftan keenya tulluu ejersaa irra taa’ee osoo jiru, duuka bu’oota isaatiin homtu akka isin hin dogongorsine of eeggadhaa, qophaahas ta’aa, baay’een isaanii ‘ani kiristoos’ jechuudhaan maqaa koon ni dhufu, kan hanga dhumaatti cime inni ni fayya. Ilmi namaa yemmuu dhufutti humnoonnii samii fi dachee hundi ni socho’u, Yeroo sanatti kan lafa kana irratti cubbuu godhan ni boo’u’  jedheen.  Gooftaan keenya Abbaa isaa amalan wal fakkaatu biraa sagalee malakataan Ergamoota hedduu waliin surraa ibidummaa Isaa  guddaan samii irraa gara lafa kanaatti ni dhufa. Guyyaa kanattis du’a cubbuu irraa Abbaan nuuf  haa araaramu, Abbaa jireenyaa, gooftaa sanbatatis waan taheef.jedhee faarfateera”
Akkasumas Tulluu Ejersaa kanaan wal qabatee hojiilee bay’ee nannoo kanafii gaara kanaa irratii rawwachuun  Isaa wangeelli dhugaa baha. Nutis hardha Qulqulluu Yaareed torban kanaan maaliif gaara ejersa jedheen, nuhoo maal irraa baranna kan jedhu ni ilaalla. Gooftaan yemmuu barsiisu, waan yeroo inni dhufu tahuuf jiran mallattoo kaa’ee jira, Raajni Waaqayyoo Qulqulluu Daawitis waa’ee guyyaa kanaa yookaan waa’ee dhufaatii gooftaa kana kan kanaa gadii faarfateera.
“Waaqayyo keenya ni dhufa,callumas hin jedhu;ibiddi xaph godhu fuula isaa dura,bubbeen human qabeessis naannoo iaa jira.” Faarfannaa 49(50):3
Faarfannaan Daawit kun dhufaatii Isaa lamaanu kan ibsu dha. Daawit dhaloota Kiristos dura ture waan taheef dhalachuu gooftaa ija isaan hin agarre ture. Dhaloonnii tokkoffaan inni dubbateef Qulqulleettii dubaroo Maariyaamii  irraa foon fi lubbuu ishee qooddatee  foon uffatee nu fayyisuuf dhufuu isa yoo ta’uu, yemmuu kanas warri isatti osoo hin amanin turan, callisee hin ilallee ture, Wangeela lallabee fayyina isaanii laachaa gara ofiitti ni waama ture . Kan lammaffaa ammo  gooftaa fi  fayyisan keenyaa Iyyasus  kirisitos Ergamootaan  marfamee kabajaa fi ulifinan  murteedhaaf ni dhufaa jechuu isati. Ammas yoo dhufuu calli hin jedhuu Qulqqulotaan ‘isin warraa ebbifamitanii kan Abba kiyyaa kanii taatan gara koo kottaa mirgaa kiyyas dhaabadhaa  jedhan, akkasumas warra cubbuu hojjechaa turaniin ammo, ‘isin Yaa warra badaa hojjettan, warri abaaramtan matuma isin hin beeku asi deemaa’  jedhaan.
Fuulaa duraa isattii ibiddii ni boba’a jechun immoo  Qulqqullonni  kan  ittiin fayyan yoo ta’uu cubbamonii immoo kan  ittin adabamani.  Kanaf  Wangeelli guyyaa kanaa dubifamuu /lalabamuu/moo ,Wangeela Matewos 24:1 akkas jedha:

“Iyyasuus mana qulqullummaa keessaa ba'ee, utuu adeemaa jiruu, bartoonni isaa ijaarsa mana qulqullummaa isatti argisiisuudhaaf dhufan.  Inni garuu deebise, "Isaan kana hundumaa in argitu mitii?  Dhuguman isiniin jedha, iddoo kanatti dhagaan tokko illee wal irratti hin hafu in diigama malee" isaaniin jedhe. Akkuma Iyyasuus gaara ejersaa gubbaa taa'een, bartoonni gara isaa dhufanii kophaatti, "Nutti himi, kun yoom ta'a? Milikkinni dhufa keetii, kan dhuma barichaas maali? "jedhan. Iyyasuus immoo deebisee, "Homtinuu akka isin hin wallaalchifnetti akeekkadhaa.Baay'een, 'Ani Masiihii dha' jechaa maqaa kootiin in dhufu, namoota baay'ees in wallaalchisu.  Lolaa fi oduu lolaa dhaga'uuf jirtu, akka hin naanett! ilaalladhaa! Kan akkasii kun ta'uun irra jira; kun garuu amma illee dhuma isaa miti. Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa irratti ni ka'a beelli socho'i lafaas iddoo adda addaatti in ta'a.  Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuu ti.
   "Yommus rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin ni ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu.  Yeroo sanatti namoonni baay'een ni gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennu, walis in jibbu.  Raajonni sobduun baay'een in ka'u; namoota baay'ees in wallaalchisu. Seera malee jiraachuun waan baay'atuuf, jaalalli namoota baay'ee qabbanaa'aa in adeema.  Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu garuu in fayya. Saba hundumaatti akka dhugaa ba'uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaattiin lallabama; kana booddees dhumni in dhufa" jedhe
Iyyasuus itti fufee, "Egaa inni jibbisiisaan iddoo qullaa'aa xureessu sun, inni Daani'el raajichi waa'ee isaa dubbate, iddoo qulqullaa'aa dhaabatee arguuf jirtu, namni kana dubbisu haa hubatu. Yommus warri Yihudaa jiran gara gaarotaatti haa baqatan. Namni bantii mana isaa irra jiru, waan manicha keessa jiru fudhachuudhaaf gad hin bu'in. Lafa qotiisaa inni jirus wayyaa isaa fudhachuudhaaf hin galin! Garuu dubartoota ulfaa fi warra hoosisaniif guyyoonni sun attam sodaachisoo dha.  Baqachuun keessan yeroo gannaatti yookiis guyyaa Sanbataatti akka hin taaneef kadhadhaa! Yommus rakkinni guddaan ta'uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi'ees hin ta'u.  Guyyoonni sun utuu gabaabbachuudhaa baatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo'amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.
Egaa yeroo sanatti namni, 'Ilaa Masiihiin as jira' yookiis 'Achi jira' yoo isiniin jedhe hin amaninaa!  Masiihonni sobaatii fi raajonni sobaa ka'anii yoo danda'ame warra Waaqayyoof fo'aman iyyuu akka wallaalchisaniif milikkita gurguddaa fi dinqii baay'ee in argisiisu.Kunoo, ani duraan dursee isinitti himeera.”

Akkumaa wangeelaa irratti  barreeffameetti  duuka  bu’oonni  Iyyasuus mana qulqullummaa keessa ba’ee otoo adeemaa jiruu  mana Zarubabel  ijaarisisee ture isatti argisiisuudhaaf dhufan. Inni garuu deebisee, kana hundumaa in argitu mitii?  Dhuguman isiniin jedha iddoo kanatti dhagaan tokko  illee wal irratti hin hafu in digaama malee’’ isaaniin jedhe.   Kana ega isaanitti himee booda  Iyyasus kiristosi tulluu  ejersaa gubbaa taa’ee  osoo jiruu duukaa bu’onii isaa gara isaa dhufanii kophaatti  “Nutti himi , kun yoom ta’a?  Milikkinnii  dhufaa keeti kan dhuma barichaas maali ?’’ jedhanii gafatanii  .
Innis wanta ta’uuf jiru  haala armaan gaditiin tokko tokkkon itti  hime.
1. Homtuu akka isin hin dogogorisifnee eggadhaa, baay’een, Ani Masidha jechaa maqaa kotiin ni dhufu, namoota baay’ees ni dogongorsiisu. (Mat 24:4-5)
2. Waraana fi oduu waranaa ni dhageesuu akka hin naanee ilaalladha. kan  akkasin kunii ta’un diriqamaa kun garuu dhuma isaa miti(Mat 24:6).
3. Sabni saba irratti, mootummaanis mootummaa  irratti in ka’a.(Ma 24:7)
4. Beellis sochii lafaas iddoo adda addatti ni ta’a. Wanti kun hundinuu garuu jalqaba ciniinsuuti.(Mat  24:8)
5. Yommus rakkinatti dabarsanii  isin ni kennu; isin ni ajjeesu, anaaf jettanii saba hunduma  biratti kan jibbamtan ni  taatu.(Mat 24:9).
6. Yeroo sanatti namoonni  baay’een  ni gufatu, walii isaaniis dabarsanii wal kennuu , wal ni jibbu. raajonni sobduun baay’een in ka’u; namoota baay’ees in wallaalchisu.(Mat 24:10-11)
7. Seera malee jiraachuun waan baay’atuuf, jaalalli namoota baay’ee qabbanaa’aa ni adeema. Namni hamma dhumatti jabaatee dhaabatu garuu ni fayya.
8, Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti ni lallabama kana boodees dhumni ni dhufa’  jedhen(Ma 24:12-14)
Egaa hanga  amatti kan  ilalaa turee  gooftaa fi Fayyisan keenya Iyyasuus Kiristos duuka bu’otaa  Isaa /barattootaa /isaa wa’ee dhufaatii isaa bal’inan Tulluu Ejersaa kanaa irratii kan barisisee hubanneerra. Kanaf  barattotaa isatti dhumaa irratti akkumaa akekachisetii barsiisota sobatiin hin mofikaminaa, barisifitonii sobaas ‘Gooftan bakka kana jira bakka sana jiraa’ isinin jedhuu isin garuu isan hin dhagayinaa jedhe .Hanga dhumaatti kan  cimee ni fayyaa, osoo bitaa mirgaa hin mildhatin isa amanuun hangaa dhumatii kan cimee akka fayuu . Akka hin gufannef kadhanan cimaa jedhen. Yeroo ammaa kana akkuma ilaallu,d ubbiin wangeela kuni raawwatamaa jira. Raajonni sobduun maqaa gooftaatiin caasaa gara garaa uumuudhaan namoota dogongorsaa jiru, wallaachisaas jiru. Waanuma ilaalaa jirrudha, kanaaf akkuma wangeelli nuun jedhu of eegachuu qabna, amantaa keenya jalqaba turte sana hanga dhumaatti yoo eegne, qooddattuu mootummaa Waaqayyo ni taana. Yookan ammoo akkuma mana utubaa hin qabne, yookan akkuma muka bubbeen gamanaa fi gamasitti raasuu shakkitoonni bifa jijjiirratanii yoo dhufan fudhatamuu hin qabnu, wangeela kana qalbeeffachuu qabna.  Dhuma irratis kanaf isinis immoo qophaa’oo taa’aa jedhe. Erigaan kun barattoota Isaa yeroo sanaa turanif qofaa osoo hin ta’in namotaa gooftaa jaalatanii fi Isa duukaa bu’anii amananiif hundaa fi hanga dhufaatii gooftatti kan kenname dha
 Guduunfaa  
Gooftaa fi Fayyisaan keenyaa yeroo murtiidhafi gama biyya lafaa deebi’ee dhufutti dhaaltuu motumaa isaa akka taanufi ammaa qopha’uu qabna. Wanta hardha hin facaafne boru haamuu hin dandeenyu. Barnootaa kijibaa maqaa Kirisitosin bakka hundumatii kennamaa jiruu kanaa wa’ee amanta keenyaa sirrittii barachuun barsiisuu fi qophaahuu  qabna. Akkasumas Addunyaan kuni karaa adda addaatin qormaata nutti baay’isuun Waaqayyoo fi Mana Waaqayyoo irraa akka fagaannuu nu gooti, nutis yeroo hundumaa kadhannan cimuun qormataa dinaa jalaa ba’uu qabna. Kanaf egaa ajajaa Isa fi seeraa Isa cimsinee egun akkuma inni jedhetti dhufaatii gooftaa eeguun  ‘Isin eebifamtoonni  Abbaa kiyyaa koottaa garaa koo jedhamnee wamamufi fedha Waaqayyo nuuf haa tahu.  ‘Isinis qophaaa’oo ta’aa Ilmi namaa yeroo isin quba hin qabaatinitti ni dhufa’ jedha.(Mat 24:44) akkuma jedhu qophoofnee cubbuu keenyaaf gaabbii gallee,dhiiga fi foon gooftaa keenyaa fudhannee jireenya bara baraa akka argannu fedha Isaa nuuf haa tahu.Araarsumman haadha keenyaa Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamii,eegumsi ergamootas nu biraa hin dhabamin. Ameen.
Itti Fufa…………………………………………………………………..
Kitaabota Wabii
1. Macaafa Qulqulluu Afaan Oromoo(1997).Waldaa Macaafa Qulqulluu Itoophiyaa.Finfinnee
2.___________ (1984).  Qubee  Afaan Amariffatiin kan bara’ee.
3. Kitaaba Gitsawee Mana Oritodox Tawahidoo Itiyoophiyaa.Finfinnee
4. Kitaaba  Abuna Gabiri’el phaphasi
5. kuusaa jechotaa Macaafa Qulqulluu (1989). Waldaa  Macaafa Qulqullutiin  Afaan Amarifatin kan qophaahe.
6. Kitaaba Qulqulluu(2000). Afaan Amaariffaan kan Qophaahe.Finfinnee

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.