Monday, March 23, 2015

Torban Jahaffaa(Tajaajilaa Amanamaa)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!

                                                 Mootii Beenyaatiin 
“Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun natti tola, seerri kees garaa (laphee) koo keessa jira. Ani waldaa guddicha keessatti, waa’ee dhugaa argatanii furamu misrachoo himeera, yaa Waaqayyo, akkuma beektu, kunoo ani afaan koo kanaa labsuutti hin dhowwine.’’ ( Far 40:9-10)
Erga soomin guddichi Gooftaa keenyaa eegalee, torban torbaniin moggaasa torban sanaa isinitti himaa fi Faarfannaa Yaared waliin wal simsiisaa dhiheesuun keenya ni yaadatama. Kunoo Hardha torban jahaffaa irra geenyee jirra. Torban kun tajaajilaa amanamaa(Gebriheer) jedhama.  Guyyaa kanatti gooftaan duuka bu’oota yookaan tajaajiltoota isaaf kennaa tajaajilaa amanamaa (gebriheer jedhee) kan itti dhugaa bahuufidha. Kanaaf torban jahaffaan sooma guddichaa kun  Tajaajilaa Amanamaa(Gebreheer) jedhamuun mana amantaa keenyaatti beekama.
Qulqulluu Yaaredis Kitaaba ‘Tsooma Diguwaa’ jedhu irratti torban kanaaf faarfannaa kanaa gadi kana faarfate.
 “Waan gaarii gooftaasaaf hojjechuun tajaajilaa eebbifamaa fi amanamaan eenyu, Kan qabu hundarratti kan muudu dabalees Waaqayyo arjaaf xinnumallee amanamee gara gammachuu gooftaa kee kan jedhu,
Akka tajaajilaa gaarramii, akka tajaajiltoota kiristoos amanamaa ta’aa, gooftaan keessan hanga cidha deeme deebi’utti cimanii akkuma eegan.
Akka tajaajilaa arjaa abboomamaa, sa’aatii maratti yeroo hundummaatti, halkanii fi guyyaas laphee keessan qulqulluun kadhadhaa, dhugaan sanbata kabajaa, hiriyoota keessaniif gaarii oola, abbaan  keessanis isiniif yaada, lubbuu keessan cubburraa baasa’’
Guyyaa kanas Wangeelli dubbifamu kan Faarfannaa Qulqulluu Yaared faarfate kana waliin kan wal fakkaatudha.Innis Wangeela Maatewos Boqonnaa 25:14-30 kan jiru dha.
 “ Dubbiin akka nama biyya fagoo dhaquudhaaf ka’eeti; inni hojjetoota isaa waamee, horii calla qaba ture itti kennate. Akkuma humna isaanitti isa tokkotti meetii kuma shan, isa kaanitti immoo meetii kuma lama, isa kaanitti immoo meetii kuma tokko kennee, biyya fagoo adeeme. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, si’uma sana dhaqee ittiin bitee gurguree meetii kuma shan buufate. Inni meetii kuma lama buufate immoo, meetii kuma lama  buufate. Namichi meetii kuma tokko fudhate garuu, dhaqee boolla qotee awwaale. Gooftaan hojjetoota isaa  sana yeroo dheeraa booddee deebi’ee dhufee, horii isaa isaan irraa lakka’ate. Namichi inni meetii kuma shan fudhate, kan biraa meetii kuma shan fidee dhufee, ‘yaa gooftaa, meetii kuma shan anatti kennittee turte, ilaa ani immoo meetii kuma shan buufadheera’ jedhe. Gooftaan isaa immoo meetii ‘ bayeessa goote, hojjetaa gaarii fi amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti galii!’ jedheen. Namichi inni meetii kuma lama fudhate immoo dhufee ‘yaa gooftaa, meetii kuma lama anatti kennattee turte, ilaa ani immoo meetii kuma lama buufadheera’ jedhe. Gooftaan isaa immoo, amanamaa nana, ati waan xinnoo irratti amanamte, ani immoo waan guddaa irra sin dhaaba; gammachuu gooftaan kee itti jiraatutti gali!’ jedheen. Namichi inni meetii kuma tokko fudhates immoo dhufee, ‘yaa gooftaa, ati namaa gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsnii walitti qabattu, ta’uu kee ani beeka. Kanaafan si sodaadhee  dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti’ jedhe. Gooftaan isaa garuu deebisee, ‘hojjetaa hamaa dhaa fi dhibaa’aa nana, iddoo itti hin facaasinii akkan galfadhu,  hin bittimsinii akkan walitti qabadhu, beekteetta mitii? Ati meetii koo warra dhalatti fuudhan bira anaaf kaa’uutu si irra ture; ani immoo deebii kootti kan koo dhala isaa wajjin nan fudhadhan ture. Egaa meeticha kuma shan irraa fuudhatii, isa meetii kuma kudhan qabuuf kennaa! Nama amanamee waa qabaatu hundumaaf hamma isa irraa hafutti itti dabalamee ni kennamaaf; kana kan hin qabne garuu; innumti inni qabu iyyuu isa  duraa ni fudhatama. Hojjetaa isa waa’ee hin baafne kana dukkana isa alaatti darbadha! Achitti namoonni ni boo’u ilkaanis ni qaru” jedhee isaani jedhe gooftaan isaanii.
Dubbiin Wangeelaa kun hiika qaba. Hiikaan isaas, Abbaa qabeenyaa kan jedhame gooftaa Iyyasuusi. Meetii isaanii kenname kunis kennaa namootaaf  kennameen wal fakkeeffama. Kunis
1)  Inni tokkoffaa fi inni lamaffaan hojjetanii argachuu agarsiisu, gooftaa isaaniif amanamoo, waan isaan qunnamu sodaatanii hojii isaanii warra hin dhiisne dha. Inni lammaffaan akka isa tokkoffaa maaliif na hin kennamne hin jenne, yookaan natti xiqqaate hin jenne. Waanuma isaaf kenname amanee fudhateera. Lamaan isaaniyyuu adaraa isaanitti kenname bahuu isaanirra iyyuu bu’aa harka lama buusaniiru. Gatii isaanii kennames walqixa, “tajaajilaa amanamaa” maqaan kabajaa isaanii kennameerafis. Gabaabumatti warra amanamanii argamani dha. Kennaan isaanii kenname murtaawaadha. Kanaaf jara kana lamaan irraa wanti nu hubannu akka kennaa nuuf  kennametti Waaqayyo tajaajiluu akka qabnu dha. Bakka inni nu filatetti taanee argamudha. Kan kenname lakkaa’uu miti, isuma nu kenname hojjechuu qabna. Jarri kun lamaan hordoftoota Waaqayyoo jaalalaa fi amantiin mana amantaa yookaan mana Waaqayyootti tajaajilan bakka bu’u.
2)   Inni sadaffaan kan isaaf kenname,natti baay’ate yookan natti xinnaate jechuu dhabuu isaati. Namichi kun hojii hojjechuurra, yeroo hojii hojjetu rakkoo isa mudachuu danda’u yaadee, sodaatee nama abdii kutatedha. Akka hiriyoota isaa hojjetee badhaasa argachuu dhiisaati, kanuma itti kenname iyyuu amanee of bira hin keenye. Kanaaf homaa hin hojjenne. Kiisi isaallee amanuu dadhabee waan isaaf kenname awwaalee kaa’e, nama amanuu fi amanuu baachuu gidduutti  argamudha. Yommuu gooftaa isaa fulduratti dhiyaates waan gaarii hin dubbanne. “yaa gooftaa, ati namaa gara jabeessa iddoo itti hin facaasinii galfattu, iddoo itti hin bittimsnii walitti qabattu, ta’uu kee ani beeka. Kanaafan si sodaadhee  dhaqee meetii kee awwaale; horiin kee kunoo ti”
Har’as kennaa Waaqaa baatanii kan waan meeqa kan hasa’an xinnoo miti. Yoon barsiise shakkitootni na mormanii na moo’uu laata? 
Dhugaa beeku osoon lallabee nan hidhama, nan reebamaa laata? Cubbamootni  osoon dhugaa dubbadhee na ajjeesuu laata? Maaliif callisee taa’e mindaa koo hin nyaadhu? jedhanii tola kan jiraatan har’allee hin dhabaman. Inni hundumarra xinnoon kennameef isuma hojjetee deebisuullee hin dandeenye. Osoo hundumaarra guddaa fudhateera taa’ee hoo? Namichi inni lammaffaan isa isa tokkoffaa irratti, inni sadaffaan immoo isa lammaffaa irratti inaafuun isaanirra hin jiraatu. Namni hunduu Phaaphaasii, luba, faarfataa, barsiisaa ta’uu hin danda’u.  Gara addunyyaatti yaada kana yoo deebisnu uummatni biyya tokkoo hunduu mootii ta’uu hin danda’u. Kan ta’u nama  tokko qofadha. Warri isa jala jiran  hojii isa jala jiru hojjechuu dha. Kanaaf kennaa nuuf kenname sanaan tajaajiluu qabna.
Yaa maatiiwwan waaqayyoo, fakkeenya namoota sadan kanaan kenname kun mana amantaa keessatti namoota kennaa adda addaan kennameefidha. Phaaphaasii ta’uun tiksituu hoolota gooftaa ta’uun, barsiisaa wangeela ta’uun, faarfataa ta’ee faarsuudhaan, abbaa qabeenyaa ta’ee qabeenya isaan tajaajila mana Waaqayyoo deeggaruun fi kkf kan bakka bu’ani dha. Inni kaan adaraa isaaf kenname amanamummaan yoo bakkaan gahee bu’aa buusu, kaan immoo imaanaa Waaqaa nyaate kan  uumaa isaa gaddisiisus ni jira.

Yaa uummata kiristaanaa, Kennaan hunda keenyaaf kennamee jira. Garuu hangam kennatu kennaa nuuf kenname sana beeka laata?  Yoo qabaatte ittiin tajaajilaa jirta moo? Yookaan akka namicha sadaffa atis boolla qottee awwalteetta ta’a? gaaffileen kun nama hin ilaallanne hin qabu. Deebiin isaas deebisuun nurra jiraata hanga kiristaana taanee jireenya bara baraa abdiin eeggannutti. Kiristaana taane namni kennaa hin qabne tokkollee hin jiru, jiraachuus hin danda’u. Namni tokko barsiisuu, faarsuu, luuba ta’ee tajaajiluu, phaaphaasii ta’ee uummata  gooftaa isaa tiksuu ta’a. kennaan kana qofa miti, hunduu ogummaa qabuun, qabeenya qabuun, humna qabuun amantaa isaa deeggaruu qaba.

Hunduu bu’aan dhuma irratti yookaan gatiin isaanii kennamu walqixa. Tajaajilli hunduu gatii walqixa ta’e qabu, innis mootummaa Waaqayyoo dhaaluu. Phaaphaasiin phaaphaasii waan ta’eef hunda caalaa bu’aa addaa hin kennamuuf. Yookaan inni qabeenya isaan tajaajile gatii gad aanaa argata miti. Wanti nurraa eegamu sodaa Waaqayyoon laphee qulqulluun waaqayyoo tajaajiluudha. Bu’aan keenya tokko dha. Qotee bulaan yommuu sanyii baasee facasu sinbirri na jalaa nyaatti osoo hin biqiliin jedhee sanyii isaa baasuu hin dhiisu, nan argadha jedhee amantiin facaase haammate galfata. Yoo kana gochuu baate waan haammatus, nyaatus ni dhaba jechuudha. Nutillee akkasuma dha. Yoo amannee hojii Waaqayyoo hojjechuu baanne jireenyi bara baraa, mootummaa Waaqa keenyaa dhabuu ni dandeenya. Kanaaf bakka waaqni keenya nu barbaadetti fi kennaa nuuf kennameen gammachuun Waaqa keenya tajaajiluun nurraa eegama.
Waaqayyo inni waan hunda gochuu danda’u akka kenna nuuf kenneen isa tajaajillu nuu haa taasisu, waldaa keenyaas harka isaa nurra qabee nuuf haa eegu Ameen!
Galatni Waaqayyoof!
Kitaabotni Wabii ;
1)     Sira’ate Amlikoo Ze Ortodoks tewahodoo 1ffaa. B/sa Li’uul Qaale
 2) Waldaa kitaaba Qulqulluu Itoophiyaa (1997ALA) Macaafa Qulqulluu,kan Afaan    Oromoon barreeffame.
3)       EthioOrthodox@AOL.Com

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.