Monday, March 30, 2015

Torbee Torbaffaa Sooma Guddichaa: Niiqoodimoos

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Mootii Beenyaatiin(Wiirtuu Adaamaa)
“Garaa koo keessa qortee halkanis dhuftee yoo na ilaalte, keessa koos garagalchitee yoo fonqolchite, hamaa yaaduu koo hin argitu; dubbii afaan kootii keessaas irra-daddarbaan hin argamu." 
                  Faarfannaa 16(17):3
Maatiiwwaan Waaqayyo filatee Umrii gaabbii isiniif kennamee kan guyyaa har’aa geessan akkam jirtu? Akka fedhaa fi jaalala Waaqayyotti sooma keenyaa torbaan jaha xumurree isa torbaffaa qabachuuf jenna. Kanaaf faarfannaa Daawit Sanbata kana faarfatamuun dursine. Waldaan keenyaa barnoota sooma guddicha kana ilaallatan darsaa jira. Ammas kan torbaan kanas haala armaan gadiitti waliin ilaalla!
Akka barsiisa mana kiristaanaa keenyaatti torbaanonni laguu (sooma) guddicha gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos moggaaasa adda addaan yaadatama. Wangeelli guyyaa kana lallabamaniis bu’uurri isaanii moggaasa sanbattan soomaa kana irratti hundaa’a. kan torbee kana waliin ilaallummoo torban torbaffaa kan Niqoodimoos jedhu ta’a. Qulqulluu Yaaredis torbee kanaaf faarfannaa akkas jedhu qopheesseera
“Namni Niqoodimos jedhamu gara gooftaa Iyyasuus ni adeeme, yaa barrsiisaa, barsiisuudhaaf Abbaa kee bira akka dhufte sitti ni amanna jedhe, Ilmoo leencaa rafte, mugdes, yeroo du’aa ka’uutti ana kaasi”

Namootni lammii Isaraa’el Dhufaati gooftaa keenyaa kan fudhatan haala wal makan ture. Keessi isaanii shakkii adda addaan guutamees ture. Rakkachaa waan turaniif, nama isaaniif dhufee gidiraa warra Roomanotaa jalaa bilisa isaan baasu eegaa turan. Isaan kan eega turan inni gooftaa abbaan waan hundaa, kabajaa fi iddoo kabajaama fi filatamaa jedhaniti ture. Garuu inni Masara mootummaa dhiisee jaalala namaaf dalla horii keessatti dha. Ol ol jedhee miti gad of qabeeti ka namaaf fakkeenya ta’aa ture. Kanaaf  warri kaan waaqummaa isaa shakkaa turan. Kan amantiidhaanis isa fudhatanis turan. Niqoodimoos nama warra kanaa ture.
Niqoodimoos kan torbaan Sooma guddichaa manni Kiristaana keenya moggasteef eenyu laata?
1.     Niqoodimoos lammii Faarisootaati (yoh 3:1)
2.     Niqoodimoos hayyuu duree warra Yihuudotaa kan ture dha (Yoh 3:1)
3.     Niqoodimoos barsiisa wangeela ture(Yoh 3:!1-10)
4.     Niqoodimos foon gooftaa keenyaa kan kafane keessa tokko dha.

Kanaaf Niqoodimoos hayyuu amantiiti; nama baay’ee barate baay’ee beekesidha. Kanarraa kan ka’es hayyuu, beekaa, dursaa jedhamee waamameera. Namoota jabana sana turan keessaayiis nama beekkamtii fi beekumsa olaanaa qabu ture. Halkan gara Gooftaa Iyyasuus Kiristoos dhufaa barachaa ture-barataa halkanii ture jechuudha. Niqoodimoos guyyaa guyyaa barsiisaa mukuraabii ta’ee namoota baay’ee barsiisaa waan ooluu fi warri Yihuudotaa Niqoodimoos barsiisaa ture Gooftaa waan hin amaniniif (hin fudhatiniif) guyyaa guyyaa barachuu hin dandeenye. Akka seera warra Yihuudotaatti namni Gooftaa fudhatee (amanee) fi duuka bu’e mukuraaba isaanitii waan ari’amuuf isaan mufachiisuu dhabuuf jecha halkan barachaa ture.
 Mee barumsa guyyaa kanaaf sababa ta’eefi gaaffii Niqoodimoosii fi deebii gooftaa keenyaa haa ilaallu.
Niqoodimoos, dura waaqummaa gooftaa keenyaaf akkas jedhee ture kan dhugaa baheef, “yaa barsiisa hoo Waaqayyo yoo isa wajjin ta’e malee mallattoolee ati raawwattu kana raawwachaa jirtu kana kan raawwatu hin jiruuti Ati Waaqayyo biraa barsiisaa taate akka dhufte beekna” jedhe. Warri Yihuudotaa isa shakkanis inni haala kanaan amanamuummaa isaa gooftaasaaf dhugaa baheera.
Barumsi gooftaa guyyaa sana keessa mee kitaaba qulqulluu sababa godhannee haa ilaallu.
Gooftaanis “Dhugaa dhugaan siin jedha namani lammata yoo dhalate malee mootummaa Waaqayyo arguun (dhaaluu) hin danda’u” jedheen. Niqoodimoos immoo, “ Namni erga qancaree attamitti dhalachuu danda’a? Gadameessa haadha isaatti lammaffaa gale dhalachuu danda’a moo? jedhe gaafate. Gooftaanis, “dhuguma dhuguman sitti hima, eenyullee yoo bishaaniif Afuura Qulqulluurraa dhalachuu baate mootummaa Waaqayyotti galuu hin danda’u. Namni foon irraa dhalate foon, hafuuratti kan dhalate hafuura, olii dhalachuun isiniif in ta’a siin jechuu kootiif hin dinqifatiin. Qilleensi gara fedhetti qilleensa, qilleensa’uu isaa ni dhageessa, eessa akka dhufu, eessa akka dhaqu garuu hin beektu; egaa hafuuratti kan dhalate hundinuus akkuma kana” jedhee deebiseef.
Niqoodimoos Deebisee, “kun attamitti ta’uu danda’a? jedhee gaafate. Gooftaanis akkas jedhee deebiseef; “Ati barsiisa warra Israa’eelii taatee kana hin beektuu? Dhugaa dhugaan siin jedha waan beeknu ni dubanna; kan argines raga ni baana; raga ba’iinsa keenyas hin fudhattan. Waa’ee biyya lafaa yommuun sitti himu kan hin amanne waa’ee isa samii dhaa yoon sitti hime akkamiin amantuu? Samiirraa kan bu’een alatti gara samii ka bahe eenyumtiyyuu hin jiru; innis kan samiirraa kan bu’e Ilma namaa qofa dha” jedheen.
Ega icciiti guddaan asirraa barannu hangam qormaanni nu qunnamus ka deemu qabnu gara Waaqayyo jirutti dha. Dukkana addunyaa kana baqannnee gara fayyinni jiru deemunis nuuf ta’a. Baqannaan keenya gara mana Waaqayyoti malee gara warra shakkanii ta’uun irra hin jiraatu.
Niqoodimoos hammam beeka ta’us Waaqayyo biratti hir’inni isa mudateera. Namni akkasuma waan hundaa guutuu miti, hri’ina keenya guutuufis Waaqayyo akka nu barbaachisu Niqoodimoos irraa ni hubanna. Karaa biraan barbaachisummaan cuuphaa ifa bahuu isaaf kan sababa hir’ina isaati. Kan shakkitoonni ganamaaf galgala cuuphaa morman hammam gatiin isaa akka guddaa ta’e as irra hubanna. Karaa biraan ammo kan ta’uuf qabnu Waaqayyof malee Addunyaa kanaaf mit. Kan caalchifannuu mootummaa Waaqayyoti malee waan foon keenyaaf miti.
Walumaa galatti torbaan kana kana hubaachaa laguu keenya itti fufna, wanti beeku qabnu;
·        Hir’ina keenya beeku dha, kana guuttachuuf Waaqayyotti baqachuu qabna,
·        Amantiin deemu qabna. Shakkiin amantii keessatti barbaachisaa miti. Waaqayyo qabannaan hunduu karaa dha.
·        Dhugaa beeknuuf dhugaa bahuun amala kiristaanaati. Waaqaa fi amantii keenyatti leeyya’uu hin qabnu.
·        Hanga dhumaatti abdii qabachuu nu barbaachisa.
Waaqayyo akkuma torbii (subaa’ee) laguu kanaa jalqabsiise ifa du’aa ka’uu isaaf nu ha ga’u. ogummaa fi beekumsa isaan nu haa yaadatu. Hir’uu keenya iini beekati nuuf haa guutuu

Galatni Waaqayyof haa ta’u.

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.