Saturday, April 4, 2015

Hosaa'inaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen.

Mabree Maammeetiin

“Baatii ji’aatti, goobana ji’aatti, guyyaa ayyaana keenyaattis fiinoo afuufaa. Inni kun Israa’eliif seerrata, Waaqayyo isa kan Yaaqoob birattis, wanta qajeelaa ta’ee fudhatamee dha.” Faarfannaa 80(81):3




Torban darbe keessa waa’ee, ‘Niqoodimos’  ilaaluun keenya ni yaadatama. Akka moggaasa Qulqulluu Yaareditti ammo Sanbatni kun Hosaa’inaa jedhama. Hosaa’inaa jechuun fayyisaa, qoricha jechuu dha. Gooftaan gara Iyyaruusalemitti yoo galus faarfannaan  “Hoosaa’inaa Ilma Daawit maqaa Waaqayyoon kan dhufu kan eebbifamedha jedhu, Hoosaa’inaa Ilma Daawit iif,  Hoosaa’inaa Aariyaamitti jechuun faarfataa turan.Hayyuun amantaa Yaaredis faarfannaa kana gadii kana qopheessee faarfateera:
“Naannoo Ayyaana Faasikaatti duuka bu’oonni Waaqa dhugaa gara Tulluu Ejersaatti dhihaatan, tabba biyya Waaqayyootti Iyyaruusalemittis  manguddoonni fi ijoollen baay’een baala mexii qabatanii Hosaa’inaa Ariyaamitti jedhanii simatan. Buukarrii harree irra taa’es gammachuu guddaadhaan gara Iyyaruusalem seene.Warra kanaafis humnaa fi aangoo ni kennaaf.”
Egaa galateeffannaa ijoollee kana Faarsaa Daawit akkasitti duruma irraa raagee ture
“Warra si irratti ka’an deebisuudhaaf, diinaa fi isa ijaa baafatu gab gochuudhaafis, afaan mucoolii fi daa’imootaatiin irraa faarfannaa qopheeffateerta.” Far fannaa(8:2)

Gooftaan keenya duuka buutota isaa keessaa lama waamee gama fuula keessan dura jiru sana deemaa ilmoon harrees hidhamtee agartu hiikaatii natti fidaa yoo namni  isin gaafate Gooftaa keenyaaf ni barbaachifti jedhaanii jedhee ergeen, jarris akkuma inni jedhe godhan.
 “Borumtaas namoonni sonaan baay'atanii ayyaanichaaf ol ba'an, Iyyasuus Yerusaalem akka dhufu dhaga'an.  Damee muka meexxii harkatti qabatanii, isa simuudhaaf ba'an; sagalee guddaadhaanis, "Hosaa'inaa, mootiin Israa'el inni maqaa Waaqayyoo gooftaatiin dhufu galateeffamaa dha" jedhan.Iyyasuus yommus ilmoo harree tokko argatee irra taa'e; kunis macaafa keessatti caafameera; "Yaa ijoollee Xiyoon hin sodaatinaa, kunoo, mootiin keessan ilmoo harree irra taa'ee in dhufa" jedhame.  Bartoonni isaa si'a duraa kana hin hubanne; Iyyasuus ulfina isaatti erga ol fudhatamee booddee garuu, kun waa'ee isaatiif akka caafame, kanas akka isaaf godhan in yaadatan.(Wangeela Yohaannis 12:12)

Egaa ‘dubbiin dubbii keessa’ akkuma jedhamu ilmoon harree hiikamte dhufuun ishee kan hubachiisu dhukkubaa fi hojiiwwan seexanaatiin kan hidhamanii jiran akka fayyina argataniif maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin akka fayyan hubachiisuuf  kan raawwatamee dha. Itti fufuudhaanis harreen kan tuffatamtedha, kun immoo kan nu hubachiisu yeroo gad-jedhanii Afuura Qulqulluu dhugaa irratti hundaa’anii gara Waaqaatti amanan kan hubachiisudha. Guyyaa kanatti amantoonni ykn uummatni uffata (huccuu) isaanii baasanii karaarra afuudhaan Waaqa keenya qulqulluu Uumaa hundaa siin miti harreen ati irra teesse illee buufatni kottee (dhokeen lafaa) tuquu hin qabu jechuudhaan kan godhanidha.“Hoosaa’inaa Ilma Daawit Hoosaa’inaa Aariyaamitti” jechuudhaan faarfachuu jalqaban. Dubbii baay’isuuf osoo hin ta’iin dhugaa dubbachuuf nus abbootii keenya jalqabaa duukaa bu’uudhaan amantaa qulqulleetti taate Ortodooksii jabaachuudhaan maatii keenya hiika adda ta’een karaa isaanii kan jijjiiran haala ga’aa ta’een dhugaadhaan hubachuun karaa isaanii akka sirreeffatan gochuun wal jabeessuu qabna. Gara mata duree kootti yommuun deebi’u walumaa galatti hiikni jechootaa:

Hosaa'inaa:- Hoosaa’inaa jechuun amma fayyisi, nu uumama keetiif fayyina kee bara baraa nuuf  laadhu jechuudha. Kunis immoo faarfannaa Daawit irratti barreeffameera, “Gooftaa gooftotaa amma nu fayyisi.”  Jedhamee barreeffameera (Faarsaa 117(118) :25).
Aariyaam:- jechuun immoo bultoo Waaqa keenyaa kan ta’e samii ilaallata, egaa haaluma kanaan kan samii irra jiru samiirras kan jiraatu Gooftaa keenya ati nu fayyisi jechuudhaan faarfatan. Faarfannaa kana karaa lamaan ilaaluun ni danda’ama. Karaa inni tokkoffaan bittaa Roomaa keessaa nu baasi jechuu yeroo ta’u inni lammaffaan ijoo ta’e immoo du’a foonii fi lubbuu jalaa nu baasi jechuudha. Faarfannaa kana keessattis kan dabalamee Ilma Daawit kan jedhu ture, kuni Ilma Waaqaa ykn Masihii ta’uu isaa uummatni beekuu isaanii hubachiisa. Wangeela Maatiwoos 12:23, 20:23, 30, 22:41, 9:3.
Kunis egaa walumaa galatti Daawitiif kakuun Waaqni keenya galeef raawwachuu isaa ibsa. Mootummaan Israa’el mootummaa Waaqayyoo turte.Ajaja uumaa hundaa kan ta’e Gooftaan keenya Waaqayyo waan ta’eef Addaam irraa jalqabee hanga yeroo Saamu’eelitti uummata kan ajajus ta’ee kan dursu jecha kakuudhaan dhiiga sanyii keessa darbuun jiraatan bara baraa fi abbaan hundaa Waaqa ta’uu isaatiif ajaja ykn mootii hin qaban turan. Bara Saamu’eel garuu uummatni Israa’el akka jara Waaqatti hin amannee (Ahizaab) mootii barbaachuudhaan Saamu’eel mootii keenya ta’i jechuun gaafatani. Saamu’eelis gara Waaqayyoo yeroo gaafatu siin osoo hin ta’iin anaan tuffatani mootii qopheessiif jedheen; Saamu’eelis mootiin keenya Waaqayyo waan ta’eef isinitti haa hafuu jedhus uummatni jalaa qabuu hin dandeenye. Eegduu harree kan ta’e Saa’oliin mootii godheef  Waaqayyo akka mootii ta’u uummatni hin jaalanne kanaafuu eegduu harreetu mootii ta’eef.

Mootummaan Saa’olis ni hafe. Waaqayyoos  Saa’ol osoo jiruu akka fedhii isaatti uummata kana ajajuu danda’uuf mootummaa isaa kan ifa ba’u aangoon Daawitiif akka kennamu godhe. Mootummaan Daawitis mootummaa Waaqayyoo turte. Daawitidhaan sanyiikee irraa kan dhufu ilmoon kee aangoo kee irra ni taa’a jedhee yeroodhaaf Salamooniif ta’ullee dhumni isaa garuu Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos sanyii isaa irraa akka dhalatu kakuu galeefii ture.

Oduu gammachiisaa qulqulluu Gabri’eeliin akka harmee keenya Maariyaamiitti himetti Wangeela Luqaas 1:33 barreeffameera. Kanaafuu haala dhoksaadhaan daddarbaa kan ture mootummaan Waaqayyoo Ilma Waaqayyoo ykn Gooftaan dhalachuudhaan ifa ba’uu isaa ibsuudhaaf  abbootiin keenya mootummaa  Daawit jechuudhaan faarfatan. Haala kanaan Masihiin gara Iyyaruusaalem  yeroo galu kuni eenyu jechuudhaan uummatni gaafatan.kun Galiilaa Naazireet irraa kan dhufe Iyyasuus jedhani.  Kana boodas bakka mana amantaa isaa galuun mana amantaa isaa keessatti daldala adda addaa gaggeessaa kan turanii fi dhaabiiwwan daldalaa keessa darban ari’ee manni koo mana kadhannaati malee mana daldalaa miti jechuudhaan ifa baasee dubbate.
Bakka sana kan turan jaamota hunda fayyise, dhukkuboota adda addaatiin kan qabaman hunda illee ni fayyise, haa ta’u malee mana amantaa isaa keessatti badiiwwan adda addaa kan hojjetaa turan kan sammuun jaaman jara osoo hin fayyisiin darbe, ilaalcha jaraa dabaa ta’e sanas osoo hin sirreessiin darbe.

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos achuma osoo jiruu ijoollotni faarfannaa jalqban barattonnis jara wajjin Hoosaa’inaa jechuudhaan faarfatan. Warreen ajaja daldalaa sana kan turanis iji jaraa dhiiga uffatee lapheen jaraas hinaaffaadhaan guutame waan jarri jedhan dhaga’aa jirta mitii? Callisaa jechuun gaafatan, Gooftaan keenya Iyyasuusis yoo jarri callisan illee dhagaan afaan baasee ni faarfata jechuun deebise. Achumaanis faarfannaa Daawit irratti’ ijoollee harma hodhan irraa faarfannaa ofiif qopheessite’kan jedhu hin dubbisnee jechuun isaan gaafate (Faarsaa 8:12). Sammuu qabeessa warra jedhan lapheen jaraa daabiloosiin yeroo cufamu lapheen ijoollotaa garuu faarfannaa gadi yaasaa ture.

Egaa nuus akka ergamoota isaa laphee ajajamaa fi sammuu qulqulluu qabannee guutummaa guututti amannee waa’ee seenaa lafa kanaas dhiisnee isa duukaa yoo buune Waaqni keenya qulqulluun yeroo gaabbii nuuf kennuusaadhaan gara isaatti akka deebinu nuuf eeyyamuu isaa dagachuu hin qabnu. Waan tokko of  eeggadhu du’a gaabbii malee, waan tokkos gammadi sanyii Daawit ta’uu kee, qophaa’anii jiraachuun abshaalummaadha jedhan; gaabbii fi eegeen immoo booda dhufti jechuun hin oolu.
Ani garuu akkasan jedha mee guyyaa tokko keessa sa’a 24 tu jira. Yeroo kana keessa Waaqakee bara baraan kan jiraatu yeroo ati raftullee kan hin rafne yeroo ati deemtu kan si duukaa deemee si eegu nyaata kee fi uffannaakee kan siif qopheessu yeroo  kee ykn sa’a hangam kennitaaf? Akkas jedha dura ija kee keessa kan  jiru xurii osoo hin baasiin kan obboleessa keetti quba hin qabiin, dhuguma dura of gaafachuun gaariidha haalli amantaa fi jireenya koo akkami jechuun gara jaalala Waaqayyoo ibsa waan hedduudhaan kan qabamnee jiraaannu hedduudha, kanammoo of beekna haa ta’u garuu hunda hin dubbatani dugda hin dhungatani jedhu abbootiin keenya, afaaniin qofa osoo hin ta’iin hojiidhaanis jaalala Waaqa keenyaa agarsiisuu qabna jechuudhaan yaada koo asirrattan gabaabsa.

Galatni Waaqayyoof,Harmee Keenya Qulqulleettii Maariyaamifis Haa tahu. Ameen.

Kitaabota Wabii
Ø Kitaaba Tokkoffaa barsiisaa Li’ule Qaal Akaaluu haala Amantaa Ortodooksii
Ø Macaafa Qulqulluu

No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.