Monday, April 6, 2015

Tibba Dhukkubbii

 Fayyinni keenya Iyyasuus Du’uu Isaatiini! (Luq.12:49)     
          Dn.Dr. Tolawaaq Habtaamuutiin                               

                                    
“Inni waa’ee irra daddarbaa keenyaaf madaa’e,waa’ee balleessaa keenyaaf rukkutame/reebame dheekkamsi fayyina keenyaas isarra ture;madaa isaatiin nuti fayyine.” Isa.53:5




Tibba dhukkubbii Gooftaa jechuun maal jechuudha? 
v Guyyoota sooma guddaa keessaa torban isa dhumaa ykn guyyaa hosaa’inaatii kaasee hanga jala bultii du’aa ka’uumsa Gooftaatti guyyootni jiran Tibba Dhukkubbii Gooftaa  jedhamanii waamamu.
v Torbee kana keessatti Gooftaan keenya nama ta’uu isaatiin gidiraa fi rakkoo inni argetu yaadatama.
v Jechuunis Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos dhala namaa gidiraa fi garbummaa seexanaa jalaa baasuuf fedhaa fi hayyema isaatiin jaalatee gidiraawwan kana kan simate malee uumamni ykn dhalli namaa dirqamaan abboomee kan irratti raawwatan miti.
    Guyyoota Tibba Dhukkubbii Gooftaa 
Wiixata:  Guyyaa gooftaan keenya Bitaaniyaadhaa gara Iyyerusaaleemitti deemuu muka balasii/harbuu/ firii hin qabne takka argee itti abaaree fi mana qulqullumaa keessatti namoota daldalanitti ol-seenee mi’a isaan daldalaa jiran waliin gadi-isaan yaaseedha. Kanaafuu,guyyaan kun guyyaa abaaramuu balasii fiqulqullaa’uu mana qulqullummaa jedhamee yaadatama. Mat.21:12, Mar.11:17,
Kiibxata:  barsisotni fariisotaa aangoo inni ittiin raajiiwwan (dinqii) kana ittiin hojjatu guyyaa itti gaafatan waan ta’eef  guyyaa gaaffii jadhama.Mar.11:7,Mat.21:13,Luq.21:23. Akkasumas Gooftaan keenya mana qulqullummaa keessatti waan barumsa dheeraa barsiisaa tureef guyyaa barumsaa jedhama. Mat.25:46,Mar.12:12.
Roobii: hangafoonni luboota Yihuudotaa fi barreesitoonni Fariisootaa guyyaa Gooftaa qabuuf itti mari’atan waan ta’eef guyyaa murtii/marii yihuudotaa jedhamee beekama. Mat.26:1,Mar.14:9,Yoh.12:8.
Kamisa: Kadhannaa Gooftaan keenya bakka biqiltoota lalisoo keessatti kadhate yaadachuun kadhannaakamisaa/ kamisa magariisa jedhameera. Mat.26:36
Gooftaan keenya kasoominaan miila duuka-bu’ootaa gadi-jedhee dhiquun “isinis akkanumatti kanneen biroof raawwadhaa” jedhee waan ajajeef dhiqannaa kamisaa/ kamisa ajajaa jedhamti.
Gooftaan keenya icciitii qurbaanaa guyyaa itti hundeesse waan ta’eef  guyyaa icciiitii jedhama.Mat.26:26,Yoh.13:1-dhu,Luq.22:20 .
Guyyaa kana Gooftaan waa’ee qurbaana isaa kan kakuu haaraa matuma isaa akka dhiheessu waan dubbateef kamisa kakuu haaraa jedhamti.
Guyyaa kana waa’ee bilisummaa dhala namaa waan dubbateef  kamisa bilisummaa jedhamti.
Jimaata: Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Addaamii fi Ijoollee isaaf beenyaa(furaa) ta’ee Fannoo irratti waan fannifameef guyyaa Fannoo jedhama. Meeshaa adabbii yakkamtootaa kan ture Fannoo guyya itti Gooftaan dhiiga isaatiin qulqulleessee mallattoo jireenyaa, mallattoo araaraa fi ittiin seexana injifannu taasisee nuuf kennedha. Gooftaan aarsaa kakuu haaraa ta’ee of dhiyeessuun dhala namaa garbummaa seexanaa jalaa guyyaa itti bilisa baase waan ta’eef guyyaa bilisummaa jedhama. Yoh.15:15, Gal.5:1. Gooftaan guyyaa itti lubbuuwwaniif fayyinaa fi boqonnaa kenne waan ta’eef guyyaa qulqulluu jedhama.Mat. 27:48-53
Sanbata xinnaa: sanbattan biro irraa kan adda ishee taasisu waa’ee gidirfamuu Gooftaa keenyaaf jecha guyyaa itti soomnu waan ta’ee fi duuti Addaam diigamuun gara jireenya itti jijjiirame jedhamee waan himamuuf sanbata diigame/jijjiirame (ቅዳሜ ስዑር)jennaan.
                                  Sirnoota tibba dhukkubbii Gooftaa
Sirna/heerota: “yaa obboloota koo obboleessa akka duudhaa nurraa fudhatee osoo hin taane seeraan/sirnaan ala kan adeemu irraa akka adda baatan maqaa Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ajajna. Nuyiin fakkaachuun akkamitti akka isin irraa eegamu ni beektu; isin biratti nutis seeraan ala hin deemne waan ta’eef.” 2 Tes. 3:6-7.
Wantoota tibba dhukkubbii Gooftaa keessa raawwataman
1.     jilbeeffannaa  tibba kana keessa si’a 41 kiraalaayisoon (maaloo yaa Gooftaa nuuf dhiisi), si’a 12 “yaa abbaa keenyaa hoo……”  yeedaleeffamaa baay’isee ni jilbeeffatama. Akkasumas maqaawwan Gooftaa keenyaatiin/Iyyesuus Kiristoos, Amaanu’eel, Abnoodii, Masiyaas, Tisbuuxaa/ jechaa waamudhaan jilbeeffachaa ni yaadatama.
2.     Kadhannaa: tibba kana keessa sa’aatii 24 keessaa sa’aatiin dubbisaa fi kadhannaa 10tu jira. Isaan kunis guyyaa keessaa sa’aatii 1, 3, 6, 9 fi 11 yammuu ta’u halkan keessaa sa’aatii1, 3, 6,9 fi 11 dha. Sa’aatiiwwan kanneen keesssatti gidiraawwan gooftaa yaadachuuf faarsaa Daawitii fi raawwiin dhukkubbii (ግብረ ሕማማት) baay’inaan kadhatama.
3.     Sooma:  tibba kana keessa nyaatawwan hedduu irraa of qusanna. Warra danda’amuufis galgala keessaa hanga sa’aatii tokko akka sooman, nyaata akka qorsoo, daabboo, bishaanii fi ashaboodhaan akka nyaatamu kitaaba raawwii dhukkubbii Gooftaa irratti barraaheera.
4.     Wal hin dhungatamu: Gooftaa keenya fannisuuf Yihuudotni “yaa fannisnu, yaa ajjeesnu” waan jedhanii fi Yihuudaan Gooftaa dhungatee dabarsee waan laateef wal dhungachuun harka wal fuudhuu fi walitti maramanii nagaa wal gaafachuun dhorkaadha. Fannoos bara Kakuu Durii(Moofaa)  keessa mi’a adabbii yakkamtootaa fi mallattoo abaarsaa waan tureef Gooftaaan keenya kabajamaa dhiiga isaaatiin qulqulleessee mallattoo injifannoo hanga nuuf godhuutti tibba kana keessa hin dhungannu. (Gal.3:13, Mat. 10:38, 26:29)
5.     Hirmaachuu(አክፍሎት)፡ Dubroo Maariyaamii, Yaa’iqoobii fi Yohaannis du’aa ka’uu Gooftaa osoo hin argiin midhaanii fi bishaan afaaniin hin qabnu jedhanii hanga du’aa ka’uu Gooftaa turuu isaani yaadachuuf kan soomamudha.
6.     Shuummoo(ጉልባን): Baaqela, Qamadii fi Boqqolloo irra qophaa’uun guyyaa Kamisaa kan nyaatamu yoo ta’u kanis gadda tibbasanii ibsuuf yaadannoo raawwatamudha.
7.     Baala Ejersaan rurrukutamuu: kun tibba kana keessa Kiristaanonni cubbuu raawwatan lubootatti himachuun baala Ejersaatiin rurrukutamanii jilbeeffannaa kan ittiin fudhatanidha. Kunis fakkeenya rukutamuu/reebamuu Gooftaati. Baalli ejersaas fakkeenya nageenyaa, kennaa fi Yihuudaadhaan gaabbii gali jettee kan dubbattedha.
8.     Caffee/allaaddu: Gooftaan keenya du’aa ka’uu isaa akka nuuf ibse kan ittiin ibsinu yoo ta’u, fakkeenya gonfoo qoree Gooftaan kaawwatee jechuun mataa keenyatti hidhanna.
Walumaagalatti  torbee kana akka kakuu moofaatti ilaalama/yaadatama waan ta’eef siritti gadduudhaan waa’ee gidiraa gooftaa yaadachaa keessa keenyatti fayyina Gooftaadhaan argachuu keenya hubachaa kan ittiin xiinxalluudha.
JECHOOTA GOOFTAAN KEENYA FANNOORRATTI DUBBATE    TORBAN
1.     Waaqa koo Waaqa koo  maaliif na dhiiste?/Eelohee(2x) eelmas laamaa-sabaqatanii( Mat. 27:46)
Kana gooftaan ol kaasee dhageessisuun kan dubbate guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti ture. Inni Waaqa ta’ee osoo jiruu maaliif Waaqa koo Waaqa koo jedhee dubbate yoo jedhan baroota hedduudhaaf(5500) seera Waaqayyoorraa fagaatee gatamuudhaan kan jiraate foon Addaam uffatee nama ta’uu isaa ibsuudhaafi. Akkasumas bakka Addaam bu’ee kadhannaa/booyicha Addaam dhiyeessuudhaafi. Raajiiwwan isaaf dubbataman akka raawwate ibsuuf . Inni biraa immoo seexana (Ergamaa duu’aa) gara isaatti dhiyeessudhaafi ture kana kan inni dubbateef.
2.     Yaa Abbaa waan godhan hin beekaniitii ati dhiisiif(Luq. 23:34)
Fannisuu isaanii malee eenyuun akka fannisan hin beekan waan tureefi. Akkasumas gidiraa yemmuu nurratti raawwatan, diinota keenyaaf kadhachuu akka qabnu nu barsiisuufi. Dhukkubsattoota malee warri fayyaan qoricha isaan hin barbaachisu akkuma jedhe, ani cubbamootan waamuu dhufe malee qulqulloota miti ( Mat. 9:12) isa  jedhe hojiidhaan ifatti mul’isuuf. Inni garaa-laafessa ta’uusaa ibsuudhaaf jecha raajii( Isa.53:9) irratti kan dubbatame “akka saamtotaatti lakkaa’amee diraa’ota waliin gidirfame, garuu inni cubbuu namoota baay’ee baatee warra garaa jabaataniif kadhate”, kan jedhu raawwate jechuufi.
3.        Har’a ana waliin Gannata keessa ni teessa/taata (Luq. 23:35-43)
Iyyasuus Kiristoos isa fannifamee fi du’e, du’a moo’ee ka’e inni dhugumatti Waaqayyo jechuudhaan Waaqummaa isaatti amananii  warri laphee qulqulluudhaan kadhatan hundi motummaa isaa duraan dhabne/ganne sana deebinee lammaffaa akka argannuu fi itti gallu/dhaallu yemmuu ibsuudha. “Dhugaa dubbatanii bakka namatti dhiite bulu” akkuma jedhamu dhugaatti(Yoh. 14:6) amannee ragaa baanee akka isa gara mirgaatti fannifamee(Xiixoos) sana gooftaa waliin mootummaa isaatti hirmaachuu nuuf wayya waan ta’eef  adaraa yaa saba Waaqayyoo dhugaadhaaf raga bahaa(Yoh.3:11,14:6). Waa’ee Iyyassus Kiristoos eessumattuu ragaa bahaa(Yoh. 3:11).
4.     Yaa Abbaa  Lubbuu/Ruuhii/ koo harka keettan imaanaa sitti kennadha.(Luq. 23:46)
Jecha kana kan dubbateef foon dubbachuu isaa ibsuu fi lubbuuwwan gita bittaa garbummaa Seexanaa jala turan bilisa bahuun gara bakka bilisummaa taate mootummaa Waaqayyoo galan jechuudhaa fi malee inni matuma isaatiin ‘Waaqa Waaqoliiti’.Gal.5:1.Kuni kan ibsu nutis gara Waaqayyootti yemmuu deemnu Lubbuu koo harka keettiin laadha jechuu akka qabnudha.
5.     Kunoo mucaa kee, kunoo haadha kee(Yoh. 19:26-27)
Jecha kana kan dubbateef haadha isaa fi jaalatamaa isaa kan ta’e Yohaannis ilma Zebdiyoosidhaafi. Hanga Qaraaniyootti warra  hordofanii dhaabbataniif Iyyasuus fannoorra osoo jiruu dubbateef. Kuni ammo isaan lamaan gidduutti qofa hafa osoo hin taane har’as isheen nu’iif haadha keenya. Nutis isheedhaaf ijoollee isheeti. “osoo Waaqayyo sanyii nuuf hin hanbisne ta’ee akka Sodoomii taanee akka Gamooraa fakkaanna ture.” (Isa.1:9.) kan jedhames haadha keenya durboo Maariyaamiidhaani. Kun ammo kan ta’e Hafuurri Qulqulluu ishee golgee eeguudhaani. Kanaaf karaa Yohaannisiin nuuf kennamteetti waan ta’eef akkuma inni gara mana isaatti fudhatee gale sana nutis haadha keenya Maariyaamii gara mana keenyaatti fudhaachuu qabna. Jechuun araarsummaa isheetti amanuu qabna.
6.     Nan dheebodhe (Yoh. 19:28)
Kitaaba irratti nyaata kootti dhangaggaa’aa makan kan jedhame(Far.21:15,68:21) akka raawwatuuf ‘dheebodhe’ jedhe. Akkasumas Waaqayyo foon dheebotu, beela’u uffachuu isaa ibsuudhaafi. Ilma namaatirraa cubbuu akka hadhooftuu dhangaggaa’u balleesse/ haqee gatee yoo jedhu dhandhamee tufuun cubbuu keenya nurraa haquu isaa ibsa. Kuni kan ibsu Waaqni bishaan uume bishaan dhabee dheebote jechuu osoo hin taane ilma namaa irraa jaalala, tolummaa, gaarumma dhabe/dheebodhe yoo jedhuudha. Kanaaf Waaaqayyo keenya laphee qulqulluudhaan jaalachuu qabna.
7.     Ni raawwate (Yoh. 19:30)
Wanti kitaaba irratti barraa’e hundi raawwate yoo jedhuudha. Kana jechuun raajni Raajota qaaqqabuu isaa fi ijoolleen Addaam Gannata keessaa ari’amanii Si’oolii keessa jiraachaa kan turan erganaa ga’e/dhumateera jechuu isaati. Araddaa isaanii Gannata akka dhaalan hojiin fayyinaa rawwatame hojjetame yoo jedhudha. Fayyina keenya kan ittiin rageesse/mirkaneesse du’a isaatiin waan ta’eef dhumate jedhe. Kun hundumti isaa kan ta’eef nu fayyisuuf jecha gooftaan al- tokko fannoorratti aarsaa ta’uun of dhiyeessee bara baraaf cubbuu irraa bilisa nu baasuuf raawwii/tolummaa inni raawwateeni. Nutoo Waaqa hangana nu jaalate kana hangam abboomamneefii jirraa? Hangam jaalachaa jirraa? Hangam galateeffachaa jirraa? Dhuguamatti laphee qulqulluudhaan waaqeffachaa jirraayii? Deebiin isaa nu’ii fi isa gidduutti haa ta’u. “Waanuma maraafuu Abbaan hin rafuu” akkuma jedhamu bakkuma jirrutti kennaa nuuf laatameen cimnee tokkummaadhaan taanee laphee qulqulluudhaan uumaa Keenya yaa Waaqessinu haa galateeffannu.
                                       Faasikaa/Irra Darbaa/pass over
Faasikaan/Irra darbaan keenya Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi(1Qor.5:7). Kan irra darbe kun kakuu moofaa keeessatti ergamaa du’a baatee deemu ture.(Ba’u.12:3-16). Yeroo ammaa kana irra darbaan/faasikaan dhugaa ta’ee fi al-tokko du’a jalaa nu baase ilma Maariyaamii kan ta’e Gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoosi,innis nuuf qalameera waan ta’eef(1Qor.5:7,Yoh.19:28,Mat.26:26).Hoolaa qulqulluun dhugumatti cubbuu addunyaa haquun du’a jalaa nama baasu Iyyasuus Kiristoos qofa wanti biraa tasumaa nu fayyisuu hin danda’u(Yoh.1:29). Kanaaf bara kakuu moofaa keessatti hoolaa qaluun baroota hedduuf ayyaana kana kabajaa turan. Har’a garuu nuti kabajuu kan qabnu foon hoolaa isa dhugaa ta’e kan gooftaa keenya Iyyasuus Kiristoos nyaachuunii fi dhiiga isaa dhuguudhaan ta’uu qaba malee hoolaa ykn lukkuu ykn re’ee qaluun nyaachuun tasumaa nu hin fayyadu, nu hin fayyisu. Kanaaf isa nu fayyisu jireenya barabaraa nuuf kennutti yaa hoognu. Foon koo kan nyaate,dhiiga koos an dhuge jireenya barabaraa argata jedha waan ta’eef(Yoh.6:53). Kanaaf yaa obboloota koo hoolaa faasikaa (foonii fi dhiiga gooftaa) nyaachuuf of haa qopheesinu. Ayyana gaarii!!!
     Kennaan Abbaa jaalalli Ilmaa tokkummaan Afuura qulqulluu hunda keenya waliin haa ta’u! ameen!
Waaqayyo dhibee fi dhukkubbii tokko malee, dheebuu fi dadhabbii tokko malee akkuma har’aan nu gahe guyyaa du’aa ka’umsa isaatiif nagahaan nuun haa ga’u.  Ameen!!!
                                                 Waaqayyoof galanni haa ta’u!!!
MaddaKitaaba qulqulluu
Ragaa tolummaa/ስማዐ ጽድቅ/ bara 2002
Kitaaba dhukkubbii Gooftaa/ግብረ ሕማማት


  








No comments:

Post a Comment

Note: Only a member of this blog may post a comment.